Dilii Dhumaa ABUT fi EPRP (Yohaannis fi Minilik) Gidduu

Wal gaarreffataa fi walitt bu’a dudhaa Amaaraa fi Tigrawayi, hariiroo dhaabota EPRP fi ABUT caalaa kan ifsu waan hin jirreef akka fakeenyaatt dhihaatanii. Biyyi Mootii Habashaa, biyya xinnoo Kirstinnaa taate, baddaa Tigrayii fi Agawu keessatt argamtu, Waaqeffatootaa fi Moslimotaan kan marfamte turte. Bultiin see Tigray fi godinaa Amaaraa si’anaa gara tokko dabalataa. Isee arguun, angawota Awropaa fedha addaa itt bulchee addunyaatt “Laaqii Kiristinnaa garba Waaqeffataa fi Muslemootaa keessaa” jedhanii barsiisanii. Ergasii waldhabdee see keessaa fi alaatt qooda fudhachuu eegalanii. Taatoti lama gargaarsa halagaaf dorgoman seenaa Itophiyaa ammayyaa keessatt Tigrayii fi Amaaraa. Kun bara Yohaannis IV (1871-1889) gara dhumaatt morkii morma kuchisiisu ta’ee ture. Qabsoon Itophiyaa moo’uuf lamaan gidduutt gaggeeffamaa ture. Akka si’ana garuu, sadarkaa tokko isa kaan ummatummaan guutummaatt balleessuu ga’ee hin beeku. Bara qircannaa Afriikaa (1881-19114) Imperiyaalistooti Awropaa akka iseen olloota see dhaabbataatt qabattu gargaaranii. Barasi kan Oromiyaan qabamte. Afrikaa keessaa, qircata Afrikaa irratt qooda kan fudhatte Itophiyaa qofa turte. Garagarummaan see fi koloneeffatoo bira, kolonoota see waliin naannaa lafquwii tokko keessa ta’uu; battala mootummaa see, bulcha duubbee utuu hin dhiisin biyya qabatett sossoosuu; koloneeffamoo waliin hallu bifan tokko ta’uu; qarooma teeknolojiin yoo gad hin taane, wayyaa ta’uu dhabuu; waan saamichaan argame hojii misoomaa warshaa irra oolchuu manna nyaachuu fi bankii alaa keessa tullachuu; waatattaa dheedhii hojii irra oolchuu dadhabuun alatt erguu; hoomisha warshaaf halagaa irratt hirkachuu. Kisaaraa malee bu’aa harcaatuun irraa argame kolonoota biraaf himamu dhibuu.

Erga beekamtee kaastee Habashaan gargaarsa alaa malee sossootee hin beektuu. Hogganoot see yeroo hundaa fedha imperiyaalistoota yerosii tajaajiluuf qophee turanii. Jarri garuu kan glamee irra jiru ta’us hin amananii. Haa ta’u malee, yero si’anaa, eegalooti godinaa Habashaa jala jiruuf fedha aanga’oota alaa kakaasan hamma hin jirreedhaa. Kan caalaa amansiiso, homishaawoo fi tattaafatoo ta’an isaan bakka bu’uu danda’an jiruu. Itophiyaanis “Laaqii Kiristinnaa” xiqishuu gaara irra qubatte sana mitii, garuu finnaa sabhedduu fi amantee hedduutii. Ta’us, hardhas addunyaa akkuma duriitt gowwoosuu kan barbaadan gurguddoon Habashaa hedduutu jira. Haalli addunyaa guddina teknolojiin jijjiiramee hundaaf iyyaatiitt saaqaa kennee jira. Hamma yoonaa, kanneen akka iseen humna koloneeffataa taatu uuman eenyummaa see dhugaa dhossaa jiraatanii. Aakka iseenii fi Liberiyaan qofti Afrikaa keessaa biyyoota koloneeffamanii hin beekneett gad jabeessu turanii. Garuu dhugaan jiru lachannu gurraalee koloneeffatoo akka ta’anii.

Biyyi mootii Habashaa kan maqaa Itophiyaa jedhutt of moggaasee, waa’ee Itophyaa durii kan barreeffame hunda kiyya jedhe. Biyyi sun biyya dilormaa afaan Tigree fi Amaaraa dubatan kan haammatu ture. Argaa dhageettiin Grikii gurraacha itt dhufan hundaan Itophiyaa jedhu turanii. Seenaa isaan bareessan qarooma Kush Abbayya/Mormor gara olii irratt kan xiyyeeffate ture.

Bara sana biyyi Itophiyaa ofiin jedhu hin turree. Itophiyaan si’anaa seenaa qarooma Kush isaan Itophiyaa jedhaniin sobaan kiyya jedhe. Sobi urgooftuu isaan hojii saanii hundatt naqanii. Afaan Tigree kan dubbatan namoota lammii tokkoo Tigaaru yoo ta’an, kan afaan Amaaraa dubbatan lammoota hedduu, kaan sanii kan walitt baqanii turanii. Afaan Amaaraa afaanota naannaa jiran irraa akka afaan iccitii gita bittuutt, keessaamoo kan lolee Masaraa eegduutt cabaqa Semetik qabatee misomuutu himama.

Duuba, afaan Amaaraa ummatoota afaan ofii qaban akka Agawu, Oromo, Beeggaa, Gaafat, Wayixoo etc. irratt humnaan fe’ame. Tigaaruun afaan saanii gosa Gi’iiziin itt fufanii. Akkasitt aangoo mootummaa too’achuuf Amaarinyaa kan dubataniin dorgomoo ta’anii. Kanneen Amaarinyaa dubatan Amaara jedhamanii beekamuutt ka’anii. Amaarii gita waraanaa kan qabiyyeen saa akka baballatuun guddachuutt ka’e, akka professor Mesfin Waldamaaram sirriitt ifse, lammi addaa kan hin qabne. Agawuu fi dameeleen saa erga Amaarinyaan humnaan itt fe’amee, biyya ofii alatt Amaara yk Gondoree ofiin jechuutt ka’anii. Koloneeffatamuu finnoota kibbaa jaarraa 19faa kaaseeAmaarri lakkoofsi saa dabaluun sirna nafxanyaatt guddatee. Kanneen itt galan hundi Galmistana Koptiin cuubamanii Amaarinyaa dubbachuun Amaara ta’uun dirqii ta’ee. Kirstinnaa, Amaaraa fi nafxanyaan kolonoota durii biratt garaagarummaa hin qaban. Asiif achii walitt funaanamanis lakkoofsaan Oromoo bira ga’uu hin dandeenyee. Ajeesanii isaan fixuus ni dadhabanii. Tokko tokkoon nafxanyaa yoo barbaachisaa ta’e lammi itt dheessu qaba. Yoo sun ta’e Amaarri akka waliinjiroo tokkott ni dhumataaf jechuu dhaa. Horee nafxanyaa kanneen qaceee dhalootaa dhahachuu hin dandeenye kophaatu itt hafaa. Federeeshina “lammii” ciiga’uun murna kanaa asii irraa ka’aa.

Amaarri biyya mootii Habashaatt, murna hundaa olii kan ta’e, erga Yekuno Amlak kan durduriin qaccee Solomoon irraan argame jedhu mootii Agawu/Zaaguwee finqilchee boodaa. Sana duuba moototi hamoon gara laafina hin qabne akka Amda Tsiyoon, Zarayaqob, Minilik fi Haayila Sillaaseen hogganamaa ture. Qaccee Solomoon dhachuun saanii kan Waaq eebbise of godhanii. ummata ofii irraa addaa ta’anii sodaatamuuf malee Mooti Israa’eliin kan walitt hidhu hin jiru. Ijoollee abshaalaa qoteebulaa naannaatii. Yaadi sun amantee waliin akka isaanii dhufee fi booda keettolee imperiyalistootaan gabbifame himama. Kan iImperiyaalistoota Awuropaa jaarraa 19faa waliin hidhata ummatee, hidhannoo fi ogeeyyii isaan irraa argateen biyyoota mootii fi republikoota kibba saatt argaman koloneeffatee Minilik ture. Balaa malee qarooma hamma kan saanii ga’u fiddee itt hin dhufnee. Isaan, ijaarsa, qonnaa, horii horsiisa, hojii tumaa kililchoo, wayyaa dhawuu, gogaa duuga, muka sofa, hojii gaafaaf ilkaatt kkf. ogumaa wayyu qabu turanii. Moototi Amaaraa yoomallee kolonootaaf caalaa barbadeessaa turanuu ummatoota kaabatt argamaniifis gara laafina hin qaban turanii. Biyya mootii dullatii keessa diddaa hedduun kan turan yoo ta’u, jaarraa 19faa keessa kan yaadatamuu qaban lamatu ture. Teedros Qimmaantichaa fi Yohaannis Tigirtichaa. Lamaanuu angoo qaccee Solomoon jedhamu irraa hanga Minilik deebifatutt butanii turanii. Tedros maqaa Amaaraan yoo bulchu, Yohaannis Tigrummaan itt fufee. Itophiyaan saba taatee waan hin beekneef, isee moo’uun mata mataan malee sabummaan hin turree. Kanaaf ijaan du’a Yoohaannis hin bahin hafee, mataan saa gumaa musiyem Kaartumm ta’ee.

Kufaatii Nugusaa isa dhumaa duuba humnooti angoo Habashaa bakkatt deebisuuf ijaaraman, humnoota bilisummaa fi walabummaaf bobba’an caalaa cimoo turanii. Isaanis Dargii aangoo finnaa qabatee fi dhaabota nafxanyaa dabalatuu. Dhuma irratt qabsoon onnee Itophiyaa dullatii fi empayera fromsaatt dhihoo ijaarratanii too’achuu,Tigaaruu fi Amaara gidduutt hafee. ABUT akka jaarmaa sabaawaatt jalqabe carraan dhufnaan yaada jijjiirrate. Sochiin soshaalism yk bitaatt cillaanfatanii 60moota addunyaa keessatt beekamaa ture. Dargaggoon Itophiyaa qaama sochii addunyaa barasii turanii. Sirna nafxanyaa Amaaraa keessaa olhaanaan bitaa EPRP, Tigrayii keessaa ABUT ture. EDUn dulloota bakka bu’a. Me’ison nafxanyaan yoo itt baayetuyyuu walmakaa fi soshalismiif dudhama kan qabu fakkaata ture. Hundi maxxannee Oromo akkuma Minilik Goobana qabu, qabu turanii. As irratt, EPRP fi ABUT bakka bu’oo ilaalcha Amaaraa fi Tigaaruu ammayyaatt fudhatamanii.

Humnooti Itophiyaamitiin jireenya empayeritiif farra ta’an, kanneen kolonummaa haquuf maqaa adda bilisummaa sabootaan, sosso’anii turanii. Isaan keessa kan dilormaa guddaa fi biyya dureettii empayera keessaa bakka bu’u Adda Bilisummaa Oromo (ABO) ture. Inni kaan kanneen kolonoota Kibbaa irraa adda ta’an jaarmota Eertraa, Jabhaa fi Shaabiyaa turani. Sanneen goloota Itophiyaaf qoomaa ta’uuf deemu. Addoti bilisummaa kan qabsaawan Itophiyaa qabachuuf utuu hin ta’in biyya ofii bilisoomsuf ture. Itophiyaa waliin hariiroo koloneeffataa fi koloneeffamaa, cunqursaa fi cunqurfamaa malee firummaa hin qaban. Biyyi koloneeffataa kan saanii mitii; abbooliin saanii, seenaan saanii, goototi saanii, mallatooleen saanii, Afaanii fi aadaan saanii kan koloneeffamanii mitii.Yeroo qondaaloti empayeraa sanneen hunda dhahan baddaa Habashaa qofa sammuu keessaa qabu malee, kanneen akka Oromoo Minilik fa’iin abboolii keenya akka hin jenne beeku. Kolonel Abiy kakaa heera federeeshinaa kabajee kabajchiisuuf gale cabsee jaalala sabgidduu dhabe qeyee argachuuf, Tigray, Qimaant, Agawu kkf akka ummatoota adda addaatt eenyumaa qaban haalee hundi keessan tokko jedheen. Yaadanmal Itophiyaa tokko ummata tokko jedhu, kanneen isa duraa burkutaawuutt geese, harka rukkuttaa laallibata Amaaraa sammuu fudaal qabu argachuun isa hin baraaruu. Isa utuu hin ta’in, dhaddhaqii lixe keessaa kan isa baasu wan biraa utuu falatee isaa wayya ture.

Golooti Itophiyaa, Itophiyaa kolonii seen waliitt malee ilaaluu hin danda’anii. Kan dhalootaan eebbifamanii kennamaniif itt fakkaatu. Hagam beekoo haa ta’anii, hagam tarkaanfatoo haa fakkaatanii, ummatooti isaaniin adda ta’an sun bilisummaaf mirga kan qaban itt hin fakkaatu. Sooshalism afarsaa turan baasaa baraa ta’eef malee itt amananii hin turre. Kanaaf jalqabaa kaasanii adda bilisummaa sabaa, keessaayyuu ABOn ni mormu, ni jibbu turanii. Sana ta’ees guddis badii isaan gula yaa’u hin dhabne. Itophiyaanota gidduus atoommi hin turee. Isaan keessaa ABUT fi EPRP gidduu dhibeen jiru itt fufa waldhabdee ummatoota saanii gidduu turaniitii. Jalqaba ABUT biyya ofiitt of danga’uun EPRP Tigray keessaa dhiitee ari’ee.

Hanga EPRP garri tokko cabee, ABUTti dheessuun Sochi Demokratawaa Itophiyaa (EDM) kan amma PP Amaaraatt guddate ijaarratutt, EPRPn Godinaa Amaaraa ammaa jedhamu keessa ture. Waraana dargii waliin gaggeessutt faarri tolaa yoo dhufeu, ABUT, ABO dura dhaabbachuu fi Amaarris akka Oromiyaatt hin ceene OPDO boojuu keessaa dhannoonee itt ida’ee. OPDOn amma Bilxiginnaa Oromiyaatt guddatee. Sammuu dhalchisanii darban malee boojuun si’ana hin jiranii. ABUT akkaasaa Yohannis ta’uun, sabooti ofiinbula keessaa qabaatanii akka gabbaraniin tolche. EPRPn akkaasaa Minilik ta’uun empayeritt gidduu dha bulcha jabaa akka sibiilaan gaggeessuu karoorfate.

Nagaaf tasgabii argachuuf mirga hireee sabummaa ofii ofiin murteeffachuu beekuun dirqii ta’uyyuu fudhachuuf dudhaan dhaalmaan dhufe sun gargaareeraanii. Sanaan federeeshina finnoota sabaatu uumamee. Oromiyaan finnoota beekamtiin kennameef keessaa tokko turte. Hedduun kolonootaa mirgi sun utuu hin beekaminiif walitt cafaqamanii “Finnaa Saboota Kibbaa” jedhamanii. Kan beekamtii argatanis erbaala irraa lafatt hin buunee. Finnaa Oromiyaa heeraan beekame sana kan abdattuun sirna nafxanyaa diigdee akka haaraatt ijaaruu barbaaddu. Akka tokkummaa Oromoo hubutt lamuu Oromiyaa kukkutuun matumaa hin jiraatuu. Oromiyaan lamuu humna kamiinuu tola hin kolonoomtuu. Finnaan Oromiyaa bu’uura moo’ummaa (Abbaa biyyummaa) Oromootii. Dhimmi saa hagas mara angoon eenyu harka jiraa utuu hin ta’in, tokkummaan see eegamuu mirkaneessuu dha. Hundeen Kaayyoo saba Oromoo biyya takkittii, saba tokkicha, hiree tokkichaa.

Lola 1991dura Amaara waliin turett ABUT fi Eertran waliin turanii. ABUT dhiibbaa saa ballifachuuf jaarmota maxxannee saboota adda addaa irraa ijaaree adda ADWUI jedhamu irraa qindeesse. Sana booda bobbaan lolaas, bulchaas maqaa ADWUIn gaggeeffamuutt ka’ee. ABUT hidhata keessaa akka walqixxee tokkoott of dhiheesse. ADWUIn, EPRP gammoojjii Gondor keessatt hafte ni balleessee. Sanaaf Amaarri haaloo qabatee yeroo itt bahatuu eeggataa ture. Maqaa ADWUIn Dargii fonqolchee yeroo murnoota biraa waliin mootummaa cehumsaa dhaabu miseensa itt hin ta’in malee Shaabiyyaa fi ABUT walitt riqachuun biyya qabatan saamaa turanii. Isaayyaas to’anaa halaalan empayeritt akka fedhutt kan masakuu danda’u itt fakkaatee ture. ABUTdharraa sana karaatt hankaasuun Eertraan akka biyya addatt daanga’amtu godhe. EDM, akka bulchaa Godina Amaaraatt ADWUItt makamee. ABUT empayera itophiyaa miseensota ADWUI kan OPDO dabalatu keessaan kurnan sadiif bulche. Isaayyaas ABUTiin buqqisuuf Baadmeen sababfatee lola banee. Tibba sana Itophiyaan abbaa duulummaa TPLFn Eertra akka hin taanett adabe. Isaayyaas sanaa fi qabeenya Itophiyaa irraa hankakfamuu saatiif haaloo kuufatee yeroo eeggataa ture. Amma TPLF diina haaloo bahachuuf eeggatu, Isaayyaasii fi Amaara horate.

Murnoota hedduuf yakki maaljecha kan argatuu yoo isaan irratt raawwatame qofaa. Yeroo isaan nama irratt raawwatan garuu sansakkaa fi seera kabachiisuu ta’aa. ADWUIn, ABUT jalatt hunda caalaa Oromoott roorrisus, dirree qabsoo naga qabeessatt aarsaa guddaan injfatanii harka laachisanii. Adwuin waggoota lamaan haftee dura taa’ummaa OPDON gara kennata demkraatawaan akka ga’uu jedhame ture. Garuu imaanaa cabsee ABUTn moggeessuu fi

ADWUI gola Itophiyaa/Amaaraa qullaa kan sirna kolonummaa nafxanyaa debisee dhaabu godhe. Oromoon olhantummaa seeraatt waan amananiif kan itt yakkan hunda ABUT dabalatee yoo yeron ga’u qajeeltuutt dhiheessuuf qophii dha. Amaarrii fi Isaayyaas yeroon eeggatan dhufnaaniif, Koloneel Abiy Ahmad Alii, hoggana OPDO akka maleen durfamuun Tigaaruu barbadeessaa jiru. Abiy, Itophiyaa surraa see durii, kan sammuu saa keessatt holola Amaaraan uumame malee lafatt mullatee hin beeknett deebisee mataa itt ta’uuf abjootaa jira.

Tigaaruun diina saaniitt gonka akka harka hin laatne kakaachuun daaya fi murannoon ittisa cimaan waraan ummataa gaggeesaa jiru. Fixiqacee Tigaaruu irratt deemaa jiru rifachiisaa ta’uun, anga’oo’ti addunyaa birmataa jiru. Ta’iisi gurra ammayyaati raajii ta’e, biyya ofii moo’ummaa qabutt humnoot alaa akka weeraran afeeruu dha. Itophiyaa dullatiif sun bara dheeraaf shakalamaa ture. Portuguese, British, Kuubaa, Russiyaa, Oromoo kkf. waldhabdee keessaa adda addaatt qooda fudhataa turanii. Afeeramus dhiisus, Isaayyaas Itophiyaa akka gulummaa Eertra boroo dureettii bolqamuu dandeessuutt irra haanee qabachuuf murteeffatee jira. Itophiyaan gargaarsa alaa malee takkaa lola injifattee hin beektu. Isaayyaas isa dhumaa ta’uu hin hafu. Isaayyaas ba’uun waan hin ollee garuu lachanuufuu barbadeessaa ta’a. Baanaan empayerri Minlik burkutaawuu fi nagaa fi nageenyi Eertra dorsisa jala seenuuf deemaa. Tigray moo’ummaa Eertra kan Yoohannis jalatt qaama see turte kabajuuf dirqama hin qabdu. Empayerri Itophiyaa akka danga’amaatt qaata bakkaa dhibe. Uggama heera federeeshinan gargar ba’ee. Amma kan jiran saboota bilisummaa ofiif lolatan qofaa. Biyyi mootii Itophiyaa dullattiin illee walitt suphuuf hin jirtuu. Nageenya godinichaa fi kolonummaa duuba deebisanii ijaaruu Gaanfa Afrikaaf jedhamee, gidduu seenuun qaamaa sabgidduu kan hafuu hin dandeenye. Alii ali hidhaa seera addunyaa of keessa galchanii bahanii ilaalan malee, Sansakkaa Haaraa Addunyaa uumuun hin danda’amu. Uumamuun saa waan hin olleef maaf dursinee itt yaadnee hin goonu.

Waraanni ammayyaan EPRP fi ABUT yk Amaaraa fi Tigaaruu gidduutt gaggeeffamu, biyya mootii Itophiyaa dullatii fi fromsaan empayera saanii haaraa ta’e addan bahatt geessuuf adeema, Sabooti bilisaa fi wallaba ta’an dhalachuun waan hin oolee. Tokkeessoo fedha qabeessoo fi walqixxoota bilisa ta’anii ni ummatu ta’aa. Oromiyaan walabummaa haa leellistu malee dirqama olloota see kibbaa qabdu hin dagachuu hin qabduu. Ummatoota bilisaa ta’anii miilla saaniin akka ijaajjan gargaaruu qabaachuu see ni qayyabattii. Lola Amaaraa fi Tigaaruu gidduutt boba’aa jiru keessatt Oromoon mirga ilmaan namaa itt roorrifamaa jiruu fi madaala humna naanaa heduun Tigaaruu irra goruun akkaa. Asitt kan dubbataa jirru waa’ee ummatichaa malee waa’ee gola saanii mitii. Waan yakka ABUT yeroo miseensa ADWUI ture Oromoo irratt raawwateef miseensota ADWUI Bilxiginnaatt jijjiiraman caalaa itt gaafatama hin qabu. Yero awwaarri gad galu, kanneen abbaawummaa qaban hundi awwaala saanii keessaallee yoo ta’e qajeeltuutt ni dhihaatu.

Godinaan Afrikaa kun jijjiirama barbaadee jiraa. Bututaa kana walitt suphuu yaaluu irra, utuu dhiigi caalaan itt hin dhangala’in diigamee akka haaraatt ijaaramuu wayya. Ummati bilisummaa, walqixxummaa fi qajeeltuu dharra’aa ture argachuuf kutatee ka’ee jira. Empayera Itophiyaa keessa ummatoota saddeettamaa oltu jiraata jedhamaa. Xinnaa guddaa utuu hin jedhin, hunduu

walabummaa saanii koloneefatamuu dura qabanitt deebi’uun, akka fedhanitt ijaaramuu qabu. Kun kan dhugoomuu danda’u horeen nafxanyaa Amaaraa yaacii saanii lafti hundu keenya qofa jechuun Gaanfa Afrikaa gooluu irraa yoo dhaabbatan qofa. Nagaa fi tasgabbiin naannaa kanaa jeeqamuun fedha ummatoota Afrikaa fi Addunyaa hunda tuqaa. Kanaaf deeebisee ijaarama godinichaa gargaaruu malee gufuu itt ta’uun eenyu irraayyuu hin eegamu. Kolonota kan turan biraafis fakkeenya akka ta’anitt caasamuun anjaa qaba.

Amaaraa fi Tigreen sirna abbaa gonfoo tokko jala turanii. Haa ta’u malee jalqabaa kaasee walii galteen sirna tasgabaawe dhaabbachuu hin dandeenye. Kun kan ta’e Amaarummaan humnaan uumamuu saa irraa ta’uu hin ooluu. Waliigalteen utuu hin ta’in kan humna qabutu mootii itt haanu ta’a. Biyyoota walaba kibba saaniitt argaman qabatanii empayera ummachuu danda’anii turan. Sun carraa harcaatuu funaannachuu waan keneefiif firomsatt yeroof wal duukaa luuca’uu danda’anii turanii. Wal ciiga’uun saanii, ilaalcha jireenya dachee qofa utuu hin ta’in, ayyaanawaattis Galmistaan tokko qabna jedhanuu ni mullataa. Dur yeroo mataan Galmistaanaa Masrii dhufullee kan moo’atetu fidchisiifatee humnaan hunda fudhachisaa. Ammas barcuma Patriyarkii qabachuuf isaan gidduu wal riguun dhaabbatee hin beeku. Namicha “Qulqulluu” jedhamee muudamelle qaalloti eenyumaa saatiin tumsuuf yk moggeessuun.

Kanaaf, hogganoota amantootaa irraa kan eegumuu fi kan isaan ta’an adda addaa. Soba fi daga jireenya dachee kan hordofan caalaa uka keessa kaa’atanii buufaa deemuu. Lafa ummataa fudhachuuf Taabotatu qoolloo harca’e faa jedhu. Beekaa gowwooman malee Taaboti harka namaan soofamuu kan wallaale hin jiru. Ummati kun gaafa itt garagale goleen keessa dhokatan dhibuu danda’aa. Diddaan kolonootaa, bu’aa tasgabbii empayerri uumamuun argame jala hanqisuun, walitt garagalanii jiru. Biyyi abbaa gonfoo ture burkutaawuu eegalee, gonka lamuu kan walitt fayyu hin fakkaatu. Kanaaf naannichi akka haaraati nagaan akki itt caasamu falamuu qaba. Gurguddoo Kaabaaf sobi qaama jireenyaa ta’eefii jira. Ummata akka Oromo kan dhiibbaa safuu jala jiruuf isaaniin wal amanun rakkisaa dha. Jecha Oromoo, “Gamna gowwoomsuun jibba baraaacha” jedhu qayyabachuun isaaniif dansa.

Heera federeeshiniin mudaa durii sirreessuun yaalamee ture. Garuu Itophiyaanoti akka heerichaatt kennata/filmaata waliin saganteeffachu hin dandeenye. Luugammi aadaa gaddhiisuu didee. Ofbulchuu Tigrayitt waan hin amanneef Amaarri kennata isaan gaggeefatan hin fudhanne, Kaasaa muummichi duula Tigrayiin caccabsaa jiruu, abboomamuu diduu sana malee, humni ittisa kaabbaa uggamuun itt qabata. Qoodi Isaayyaas Tigaaruu fi ABUTitt haaloo bahachuu barbaaduunis salphaatt hin laalamu. Isaayyaaskome jiru hunda waliin, qabsoott cichee bilisummaan ga’uun saa kan farfamu ture. Garuu haala lolaa keessaa bahuu dadhabee Eertraa caccabsaa jira. Abiy kana gargar utuu hin baafatin isa duukaa bu’uun saa, isas empayera hogganus barbadeessaa jira. Dhaaboti Oromoo kennaticha keessatt qooda fudhachuuf fedha guutuu qabu turanii. Garuu kennati kan Itophiyaan hogganoota see itt filattu malee halagaaf carraa walqixxee kennuuf mitii. Kanaaf, itt malanii moggeessanii. Halagaan wayyaba fudhatee dhufee angoo Itophiyanota irra seeraan butaatu sodaatame. Silaas koloneeffataa fi koloneeffamaa gidduu lolli ture ifaan utuu hin xumuramin walitt makamuun lolichi dhaabachuuf iggitii hin

ta’uu. Federeeshinni akka kan dhabeefis sanaafi; waliigaltee gutuun hin turre. Itophiyaa akka jirutt tursuun murteessaa mitii. Murteessaan gaaffii ummatoota cunqurfamoo godinichaa deebisuu dha. Burjaajiin akka hin dhalanne Heerri amma jiru irraa ka’a ta’uu ni danda’a ta’aa. Garuu giddu seenni qaama sadafaa barbachisaa dha. Addunyaan isee durii mitii, sansakka haaraan hunda walqixxeett ilaalu bocamuu bararbaachisaa ta’eera.

EPRP, ABUT, Yohaannis fi Minilik akka fakkeenyaa sirna Kaaba empayerichaa, jeequmsaan dhalatee burjaajjiin raawwachuutt jiruutt fudhatamanii. Itophiyaan maqaa alaa fidamee irraan itt gonfame malee maqaa dhalootaa mitii, maqaa gurrachi Afriikaa ofii baafatus mitii. Empayerri Itophiyaa hobbaatii waraana kolonummaa ummatoota bilisa irratt mootummaa habashaan, imperiyaalistoota Hirmannaa Afrikaa irratt qooda fudhataniin deggeramee gaggeeffame. Gara caalu yayyaba imperiyaalistoota sanaa ture. Ummatooti qabaman akka gadgaloott ilaalamanii waan jireenyaaf barbaachisu hunda dhowwatamanii. Qabsoo kolonoota sanaan jaarraa toko jaalaa fixeen jiji hangi tokko galmeeffamee jira. Hariiroon abbaa lafaa fi gabbaarii addaan cte; eenyummaan ummatooti addatt qaban ni beekameefii; mirgi hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu ni fudhatameef; dangaan finnaa saanii ni sararameef. Sabooti, sabaawoti fi ummatooti empayera jala turan walqixmmaan saanii beekamee heera federeshinaan itt tolfame. Beekamtiin hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu,yeroo barbaadamu seeraa fi nagaan gargar deemuun waan danda’amuuf qabsoo walabummaa qabanneesse. Gartokkee murna duula kolonummaa gaggeessanii qofatu federeeshummaan olhantummaa kolonoota irratt qaban waan dhabsiiseef ittiin morme. OPDO Garee Lammaa jedhamuun hogganamu kaasaa Oromo ganee morna olhantummaa barbaadu waliin dhaabbate. OPDOn ammas jijjiiramuu didun gufatee diina tajaajiluu itt fufee. Amma heerri cabee federeeshin burjaaja’ee jiraa. Finnaan miseensa itt ta’e Tigray, humnoota Abiyyi Itophiyaa fi Isaayyaas Eertraan hogganamaniin barbadeeffama jira. Kun finnoota I hafan hudi baraarama ofiif akka lolatan godha. Ajjeechaan seermalee bakka hallee, kan Goolii Diimaa Dargiin wal fakkaatu guyyuu Oromiyaa keessatt gaggeeffamaa jira.

Xaddachootii fi dhaboti qajeeltuu hundi hojjetaa hin jiranii. Sirna qajeeltuu amantee dhabsiisuuf kan xaddachi gaddhiise Polisiin deebisee qaba. Dargaggoon sababa malee qalamaa jiru. Hogganooti Oromoo seera malee jibba qofaan mana hidhaatt guuramaa jiru. Jawaar Mahamad fi miltoleen saa ofumaa xaddachatt marmarsifamaa ooluu. Daba fi abbaa hirummaa dura dhaabbatan malee yakka raawwatan hin qabanii. Ummatooti Kaabaa kanneeen akka Agawu, Qimaant, Oromoo kkf. kanneen mootummaa afan Amaaraa dubbataman hacuucamanii roorroo hin Mullane jala iran fedha ofii akka ifsatan gargaaramuu qabu. Sun taanaan godinichi nagaa fi tasgabbii argata. Sii’achi utuu nagaa addunyaa hin jeeqin fedhasaa kan beraa irratt fe’uu danda’u hin jiraattu. Boqonnaan seenaa Habashaa tumsa Kolonel Abiy waammateen barbadaawuu Tigrayiin xumurama. Boqonnaan itt haanu kan biyyoota walabaa fi ummatoota bilisaa ta’aa. Hamma yoonaa akeeka heerichaa duuba jiru dura murna Amaara jedhamu malee kan dhaabbate hin jiru. Kana booda Amaarri ofiif malee nummatoota biraaf dubbachuun waan hin yaadamne. . Abjuun Abiy haala duriitt deebi’uun hafee kan amma jiruyyuu gatii dhabee wayyaatt jijjiiramuu barbaadee jira. EPRP fi ABUT akka goloota Itophiyaatt ergama saanii raawwatanii jiru. Lolli

keessa Itophiyaas gargar cabaan raawwata. Kan itt haanu lola abdattuu sirna nafxanyaa bakka qubattu dhabdee fi biyyoota kolonii turan gidduu ta’aa. Humni cunqursaa fi dabaa akka injifatamu mamiin hin jiru. Kanaaf durfannoon empayera bosose akki itt bakka buusan fedha naannaa fi sagalee ummatootaaf kennamuu qaba. Barri kan saboota, sabaawotaa fi ummatoota walabaatii. Kanaaf gooliin oftultummaa irraan dhufu ni raawwata jechu dha. Irbun LAII kolonummaa raawwachiisuufi dhuma Waraana Qabanaawaa ummatoota empayeroota ofaangessoo jalaa bilisoomsuu ni ganame. Keessa deebi’ee ilaalamuu qaba. Jireenya dheeraa ummatoota bilisaaf! Oromiyaa haa jiraattu!