0

Dhugaa Amaarummaa fi Itophiyaa

Empayerri Itophiyaa sirna nafxanyaa Amaaraan hogganamu irratt bu’uurfame. Itophiyaan maqaa biyyi mootii baddaa Habashaa of itt moggaasee, 1931 ifa gochuun “Abisiiniyaa” ofirraa gate.. Kana dhaadhessuu irratt imperiyalistooti qooda qabu. Akka biyya gurraachaatt kanneen Grikooti “Itophiyaa” ittiin jedhan keessa jiraachuu danda’u. Afaan Grikiin “aithopia” jehuun akka Negro”, “Shanqillaa” jechuuti. Maqaa kanatt of moggaasuun, seenaa jara sanaa keessaayyuu kan Nubiyaa (Kush) hunda kiyya jechuu ta’ee. Halagummaan maqichaa kan barate malee qotee bulaan Amaarinya dubbatu dhahuu dadhabuu irraa hubatamuu danda’a. Waa’een Itophiyaan koloneeffamtee hin beektuu, bara si’anaa yoo dubbatamu keessa deddeebi’a, iyyaatii sobaa irratt hundaawe. Biyya mooti gonfo kan turte Itophiyaan isaan “Laaqii Kirstinnaa” jedhaniin harra kophaa dhaabbatte hin jirtuu. Hirannaa Afrikaa jaarraa 19faa keessa gargaarsa imperiyalistoota Awuropaan qooda fudhattee, hardha iseenuu koloneeffattuu dha. Kanaaf empayera Itophiyaa hardhaatiin hin koloneeffamne jechuun soba bulett kan biraa dabaluu dha. Barri jijjiiramee jira, dhugaa godinaa kana jiru haa ilaallu.

Barichi bara hundu iyyaatiitt saaqaa qabu. Sadoo fi sobaan wayyaba goleett galchanii itt roorrisuun hafaa jira. Jijjiirama bubbisaa jiru kan dhaabu hin jiru. Ilmoon namaa fi naannaan uumaa irraa hin hafu. Fakkeenyaaf, waggoota 50 dura Goreen waggaa guutuu rooba argata jennee barasiifnee; hardha gabaasi robaaduu kan biraa hodeessa. Empayera Itophiyaa bososee burkutaawaa jiru hafee, demokraasiin ammayyaa jedhamanuu jijjiiramicha waliin deemuu dadhabuun raafamaa jiru. Dhugaa jiru utuma hin jaallatin liqimsnee, hanqina jiru guutuun fulduratt tarkaanfachuu malee falli hin jiru. Harra, yaaliin shakala soba utuu afaanii hin bahin saaxilama. Gamna gowwoomsuun jibba barbaacha jedhamaa. Kan wayyu, bara hedduun wallalaa ture kan soban, hunda keessa deebi’anii mirkanii jiruun walitt ilaaluu dhaa. Ummatooti gaafa dheekkaman hobbaatii saa agarree jiraa. Kan ilmaan namaatt hamaa hojjetan, Nugusa, Dargii fi ABUT, dhaha ummataa jala dhaabbachuu hin dandeenyee. Ammas funaansi walitt yaatee wacceef seenaan bakka dhugaa utuu hin ga’in hin dhaabbatu.

Amma empayerittiin mootummaa abbaa hirree jala jirtii. Kan ofii xinnaannaan abbaa hirree olla daboo kadhatee, mootummaa saa seeraan dhaabbate fi ummata Tigree fi qabeenya saa barbadeessaa jira. Manneeti gubuu fi gudeeddaan waan guyyuu ta’uutu himama. Tigreen Oromoo dhumaa jirutt dabalame jechuu dha. Miseensoti hundi federalummaan sobamaa akka jiran haalli dhalate kun dhugaa baase. Federal hafee Itophiyaayyuu gaffii keessa galche. Qabatteen kun akka hin kaane hamtuun ABUT durii fulduratt fiduun laguu tolfamaa jira. Garuu hamaan tokko hamtuu biran hin sirreeffamu. Kana kanneen balleessaa saa hunda irratt miiltoo turan irraa dhaga’uun roga dhabsiisa qajeeltuutii. Isaaf hamtuu hundi kan darbee; utuu miltoliin sun itt fufanii hamtuu caalaa hin hojjenne ta’ee sirrii dha jedhamaa ture. Yakka guddaaf tumaan daanga’u hin jiru; bada tokkoof hunda adabuunis yakka sanaa gadii mitii. Yeroon murtoon logii hin qabne kennuu danda’amu abba tokkooti yakkan qajeeltuutt dhihaachuun akka. Amma kanneen qajeeltuuf ijaajjan hundi, Tigaaruu waliin morma ajjeechaa daangaa hin qabneef owwaachuu qabu. Bilxiginnaa utubuun wan tokko; duula fixiisaqaccee saa beekaa callisuu haa ta’u deggeruun yakka

hila hin qabne. Humni kukuma dhibba keessaa loltuu baafatu kan kuma kudhanii gadii moo’e jedhee dibbee rukutuun akka Oromoott safuu dha. Gita gita moo’etu dhaadataa.

Sochiin nafxanyaa waan hin sobne hin qabu. Sobi saa waa’ee amantee, alaabaa, Nugusa isaa dabalata. Haasaa fi hojii saa keessa dhugaadha kan jedhamu hin jiru. Soba dhaalmaan dhufe kana daangaan itt tolfamu malee, godinaan Afrikaa kun nagaa hin argattuu. Furmaati hanga olhaantummaan seeraa fudhatamutt qabsaawu dha. Isaayyas Olloota saa yoo ilaalu hoggana biyya bucuu tahun waan isa xinneessu itt fakaatef xiyyeeffanno argachuuf hunda jeequu karoorfate. Tarkaanfiin dura Tigroota inni tufatuun adabamuun fashale. Amma yeroo argatee daangaa cehe ijaa bahachuutt jira. Amaarri aarii Tigreett irraa qabuu jedhee nama gumaa knana, daangaa cehee hawwachuun waan nama dhibu. Bilxiginnaan sana haalaa jirtii. Sirni soba irratt ijaarame sobu malee hin jiraatu. Sobi sirna Itophiyaa, Itophiyaa waliin ijaaramee. Sirnichi diigamuu malee nagaa fi tasgabbiin hin jiraatu. Keessaayyuu rimsammi Itophiyaa jedhuu fi Amaarummaa gadi fageenyaan ilaalamuu barbaachisa. Sana akka hin taanett qayyabachuutu naannichaa unkuraa jira.

Amaarrii fi Itohiyaan se’ataan malee biyya addatt waan hin qabneef saboota miti, dhortu sabootaatii. Kanaaf miseensota federeeshina sabdaneessaa ta’uu hin danda’anii. Irrabuusa Itophiyaa jedhan fudhataniyyuu, sanatu federeeshinicha diiguuf isaan kakaasaa jira.1991 booda godinaan saboota biraa maqaa Amaaraan moggaafamee jira. Garuu sun rakkina hundee sabummaa dhabuuf furmaata waan hin taaneef, murnichi itt hin quufnee. Jara kaan buqqisee miseensota murna ofii bakka buusuuf yaala jira. Godinaan Amaaraa si’anaa, kan Agawu fi dameewwan saa, Beeggaa, Oromo, Wayixoo, Argobba kkf. Filmaati murnichaaf jiru, mata mataan jara keessaa maddanitt deebi’uu yk olhaantummaa saa empayera uume irratt mirkaneeffachuuf lolachutu dha. Jarri kaan sana qayyabachuun hadhaadhiyuu mijjeessuu yk lola qophaawaafii jiruuf sonaawuun kolonummaa guutummaatt haquuf murteeffachuu dha.

Si’achi, olhantumaa eenyuufuu kan sarmu hin jiru. Karaa biraammoo, Amaarummaa fi Itophiyummaa kan himatan, uumaan olhaantummaa qabaatanii hunda too’atan malee jiraachuu hin danda’anii. Kan kolonoota Itophiyaa dhumateeraafii; lamuu bulcha Amaaraa fi halagaa kamuu jalatt hin deebi’anii. Kan lachanuu gidduu margan, Agawuu fi dameewwan saa fi Tigreen, mirga hiree sabummaa ofii mirkaneeffachuuf sochii irra jiru. Kanaaf burjaajii keessa jirru qayyabachuun, qoricha barbaaduuf seenaa darbe keessa deebiin gamaagamamuun barbaachisaa dha. Amma, Amaarinyaan madda Agawuu fi dameewwan saa caalaa itt hanu hin qabu. Mootummaan Zaaguwee loltoota caalaan saanii dubbatoo Giiz kan turan bulfata ture jedhamaa. Jarri sun kanneen afaan Agawu dubbatan waliin Masaraa keessatt afaan maqoon ittiin wal quunnaman akkuma Oromoon Afaan simbiraa ummatan, ummatanii turanii. Duuba loltooti sun mootummaa Zaaguwee finqilchanii waan Agawutt ejju hunda, afaanii fi aadaa dabalatee, kan murna haaraatt hin galle hunda ukkaamsanii. Sun ta’ees jaarrota booddee afanii fi eenyummaan jara sanaa ukkaamsaa sana huda jalaa ooluu danda’ee jira.

Murni Masaricha keessaa bahee baballataa cimaa yoo deemu kan tolan haa ta’u humnaan madaqfate hunda cuphee lillana itt hidhuun Amaara taatan jedheenii. Jara sana biyya ummatoota biraa akka dhuunfatu iggitii kan ta’aniif malee biyya addatt dhahatu hin qabu. Ammayyuu galtooti garboomsaa ofii gula yaa’an jiru. Kan Amaarri saba cunqursaa fi cunqurfaman hin jiru jedhu dhugaa saatii, uumaa ofii

sirriitt huachuu irraa dhufaa; kan jiru saba cunqurasa utuu hin ta’in, murna cunqursaa, Amaaraa fi saboota cunqurfamoo dha. Tigree Gi’iiz dubbatu qofatu akka nakkariitt hafee. Afaan Tigree fi Amaarinyaan dame afanii Seemetik jedhamutt raadamuu, Arabaa madduu saanii agarsiisuufii. Asaffaa Habuttuu “Tigray Tigriny” lubbuun saa gaddisa haa ciiftuu, afaanicha malee nut Kushitikii dha jedhaa ture. Lamaanu yoomallee Tigaaruun yeroo hedduu jalee ta’an, empayera Itophiyaa waliin ijaaranii. Haa ta’u malee Tigaaruun duris ammas saba ititoo dhaa. Sanaafi kan mancaasa Amaaraaf akeektii ta’anii. Eenyummaan saanii akkuma Agawu fi kanneen bira ciipha’amee, haaraa Amaara jedhaniin bakka buufamuu qaba. Rakkinni saanii kan maddu gara caalu lafa fi qabeenya orma biraa hirmachuu irratt. Sanatt dabalee Tigaaruun farra nafxanyaa Amaaraa kan ta’e federeeshina sabdaneessaa deggeruu.

Murni Masaraa baate kun namoota akka Yekunoo Amlak, Amda Tsiyoon, Zarayaqob, Minilikii fi Haayila Sillaaseen hogganamee soba saa firfirsaa sirna Nafxanyaatt guddate. Masaka ilaalcha addunyaa kan kennuuf Galmistaana Ortodoksi Masriin hogganamu ture. Dhalootumaan murni kun humna malbulchaa dhunfatu malee jiraachuu hin danda’uu. Itophiyaa olhaantummaa see duritt deebisna jechuun bara soba saanii Masaraa alaatt baasuu ka’an sana jechuu dha. Akka waan Itophiyaan yeroo amma caalaa dagagina agartee beektuu ammas nu sobuu yaaluu. Bara wallaalinaa, shiftummaa, saamichaa fi sobaa sanaan gubba “Kooraa” irra turte (Kaffitaa) jedhaa jiru. Hoodaa fi mirkanii addaan baasnu malee eessayyuu hin geenyu. Murni kun kan kirrii itt hidhe dabalatu malee bucuu lafa hin qabnee dha. Kanaaf lakkawamuu dilormaatiin morma. Murni Amaarinyaa dubbatu kun, jireenya kan jalqabe ummatoota keessaa madde akka hamaatt hacuucuunii. Seenaa, aadaa fi afaan saanii afaan haaraan bakka buusee kan saanii duubatt dhiibe. Amma murni qileensa keessa marsaa jiru kun gadi bu’ee saboota, sabaawotaa fi ummatoota isaan ilaalu waliin mari’achuu qaba. Jara kaan, gantuu fi galtuun wan isaan hin galchinett utuu hin jeeqine dansa. Itophiyaaf biyyi saa “Zawudii” (gonfoo) dhaa. Amma hin jiru. Amaara jechuun, Amaarinyaa kan dubbatu, Ortodoksii kan ta’e, sirna nafxanyaa kan hogganu jechuu dha. Kanneen keessaa tokko hanqannaan hamma hin jirre ta’aa. Sirni koloneeffataa nafxanyaa si’achi kan yaadamu mitii. Barri kan saboota cunqurfamaniitii.

Sirni nafxanyaa isa hacuucamaa turee fi isa ittiin hacuuceefis ititaa jaba akka sibiilaa fakkaataa ture; yeroo duubbeen saa qorqoramu hoffaama agartan kana. Oromoon qabsoo bilisummaa gaggeessaniin kana hunda saaxiluu danda’anii jiru. Sirnichi afaan kaa’aafi uleen kan hin dammaqne fi cunnuura of duuka yaasaa jiraatuyyuu hardha eenyummaa roorrisaatu ifa bahe jira. Qabsoon hiree ofii of harka galfachuu cunqurfamootaas, ofbara malbulchaa argameen kutannoo fi dudhama caalaan daddaaqina malee itt fufaa jira. Ammayyuu kanneen roorrisaa jalaa qabaa gula yaa’an, kan qaroon saanii hamma hin jirree, dabballoota Bilxiginnaa duukaa “Shanee” “Junta” jedhaa, qooqota maaljecha hin qabne, jaarmota jaalbiyyaa rogaa dhabsiisan alaakaa deeman jiru .

Sadoon kanneen Amaarinyaa hin dubbane gad qabu jabaa dha. Matakkal biyya Gumus, Shinaashaa Oromo fi Agawu. Gumus gurraachaa. Bifaan walitt naqee jara magaalaa fi gurraacha wallolchiise. Ittaansee Gumus qubattuu Amaaraa qalee nyaachuun fixaa jira jedhee lafa irraa haxaawee murna isaa qubachiisuuf duula guddaa itt kaasee jira. Gumus nama nyaataan soba guddaa dha. Hamba nafxanyaa durii achi jiraattu qabateetu sana godhaa jira. Kun “diima” hunda Gumusiif diina godhee. Booda garuu Gumusiin fixee kan hafanitt darbuun karoora saa akka ta’e hubachuun ni danda’ama. Kan nama dhibu sadoo kana keessa Bilxiginnaa fi Isaayyaas jiraachuu dha. Kun bolola aangoo fi qabeenyaa ija jaamse

malee, Gumusis kan birmataniif alaa waammachuu waan danda’uuf ifaajjee bu’aa hin qabne ta’uu beekuun nama hin dhibu. Simmbirri “Kuukuu” jedhamtu mandhee hin qabduu, kan biraa keessatt buphaa buuftee dhala saanii jeeqxii.

Rakkinni jiru murni Amaaraa suduudaan yk lafjala miseensota murnoota cunqurfamoo bu’aa ofiif walitt naquudhaa. Harra Oromoon seeraa ala ajjeefamaa, hidhamaa fi ukkaamfamanii butamaa jiru. Oromoo, Oromoo irratt kaasuun fixiiqaccee ballaatu gaggeeffamaa jira. Milishiyaa Oromoo, Poolisii Oromoo fi humna addaa Oromootu qotee bulaa Oromoo hin hidhatin sochii bilisummaa Oromoo gargaartan jedhuun mancaafamaa jiru. Galtuun Oromoo isaan waliin bilisummaa Oromo akka jibbu gochuu kan milkaawan fakkaata. Akeeki saanii utuu of hin hubin, lakkoofsa Oromo hamma danda’amu gad cabsuu dha. WBOn kan ajjeessuu dhufe malee Oromoo ajjeesuf manaa hin ba’uutt beekama. Ergamaan diinaa garuu Oromoo of fulduratt arge hunda ajjeesaa. Angoon lafjalaa Amaaraa fi Eertra dhaabota Oromoo jala dhokatanii akka qooda fudhachaa jirantu himamaa. Balaan kun hundi ummata sanii irra utuu bu’aa jiru mootummaa Oromo/ilma Abbaa Gadaatu aangoo irra jiraa jala hin xiixinaa jechuun, gurguddoon Oromo ummata dogoggrsuuf bobba’an silaa of qusatanii gaarii ture. Akka miseensa Saboota Tokkoomaniitt (UN) Itophiyaan seera waldhabdee akka itt qabanii kabajuun dirqama.

Abiy fi kanneen biraa Oromoo ta’uu utuu hin ta’in, kan ilaalamuu qabu eenyuun tajaajiluutt akka jiranii; emayera Itophiyaa dullatii hamma yoonaa diigamuun irra ture. Kun walwaraana hunda gaga’utt utuu hin guddatin dhaabbachuu qaba. Sirna amma jiru jalatt, waa’ee kennata waliigalaa dubbachuun sobi kolonumaa nafxanyaa akka ittifufu hayyamuu dha. Kanneen birmadummaa, qajeeltuu, fi mirgoota ilmaan namaa fi sabootaa kabajamuuf dhaabbatan hanga ummatooti hiree saanii murteeffachuuf bilisa ta’anitt qooda fudhachuu hin qabanii. Mootummaan kun mootummaa halagaa diina Orommtii. Qondaalota maqaan Oromoo ta’an of fuldura qabanii hiriirsuun nu gowwoomsuu hin qabu. Maqaa Oromoo sabota, sabaawotaa fi ummatoota biratt jibisiisuuf sun tolfamaa jira. Qondaalota akka saanii bulcha darbe keessatt agarre hundi erga dhimma itt bahanii duuba kosiitt gatanii. Kan isaan kanaas fagoo hin ta’uu. Amaaramitiif Itophiyaa, kan uumaan demokraatawaa fi federala ta’uu hin dandeenye ta’uf ulaagaa guutuun rakkisaa dha. Kanneen maqicha Itophiyaatt gaggabdaniif maaliif akka kan nammi biraa murteessuuf dafqa xuruursitu, bilisummaa ofiif lolattanii injifannoo duuba ofii murteessuu utuu dandeessanii? Gara fedheen yaaltanuu wareegama barbaada, silaa ta’ee maaliif kaasaa saba ofiif suduudaan hin duutanii? Qondaaloti waraanaa maqaa Oromoo qabdan Oromoo ta’aa.

Oromoon humna dhuunfaa tokittii, WBO, qaama ABO ta’e qaba. Innis ajaja waalta’ee fi Hoggansaa malbulchaa tokkoome akka qabaatutu eegama. Qayyabannoo kanaan gargaaruun akka sabaatt leeyuuf iggitii taha. Kan qabnu utuu hin busheessin hanqina qabu itt guutuun jajjabeefanne fulduratt dhiichina. ABOn burjaaja’ee harka diinaatt kufee jira. Kanaaf bilisa baafachuun qooda dargaggoo sabboonootii. Horeen nafxanyaa biyyi itt dhalatan hafee addunyaa keessaa biyya fedhan jiraachuu danda’u. Tuttuqa abdattuu sirna darbeen jireenya ofiitt hammeessuu hin qabani. Falli, of kaleessaa sobaan uumame, utuu hin ta’in, dhugaan nagaa fi gammachuu hardhan argannee bor nu abdachiisuuf hojjechuu dha. Oromiyaan kan saaniitisii, qabsoo isee Oromiyoof, isaanis dabalatuu bilisoomsuutt waan hin makamneef hin qabanii. WBOn hamaa irraa ittisa malee, hamaa namatt fidaan sodaachisa hamajaajiitii. Murni Amaaraa bakka madde hanga beekutt bakka qubatu hin qabu. Kanaafi kan isaan qubattoota nagaan jiraatan akka jiraachisoota saaniitt kaka’an kan tuttuqani. Hanga hundi eenyummaa saa huubatutt

qabsoon walabummaa itt fufuun dirqii ta’a. sabooti sabaawotii fi ummatooti hardha bilisummaaf iyyaa jiran, mucucaatanii tasa garboofataa jalatt kufan malee, garbummaan dhalootaan dhufu hin jiru.

Rakkinni harra godinaa Gaanfa Afrikaa kana keessa jiru Amaaraa fi Itophiyaa maqoota hundee hin qabne irraa maddaa. Qaammi waliin dubbatanii furatan hin jiru. Lamaanu hordoftota gosa ofii dhoksanii isaaniin waamaman hedduu qabu. Saboota fi sabaawota walaba turan koloneeffachuun sirna nafxanyaa irra kan driirsan maqaoota kanaanii. Afrikaa keessaa kan koloneeffaman hundi bilisa yoo bahan empayera Itophiyaa Amaaraan uumamee qofatu hafee. Amaarri baka gahu malee bakka itt dacha’u hin qabu. Kanaaf hedduun qabsoo walabummaa gaggeeffachuun mootummaa saa buqqisanii. Utuu adda hin faca’ini federeeshina sabdaneessaa haa yaallu jedhamee injifannoo ummatootaa 1991 duuba waliigalame.

Caasaan federeeshinaa uumaa Amaaraa fi Itophiyaa waliin waan hin deemneef akka hin milkoofne shira irratt xaxanii hankaaksuutt jiru. Silaas, caasaan empayeraa utuun hin diigamin isa haaraa irratt ijaaruun sirrii hin turre. Empayerri sirna nafxanyaan ijaarame diigamnaan Amaaraa fi Itophiyaaf badiisa waan ta’eef oolfachuuf kan danda’an hunda itt baasu. Ummatooti kana beekanii falachuu qabu. Oromoon qabsoo hidhannoo fi malbulchaa jabeeffachuun dirqii dha. Qabsoon hidhannoo kan barbaachisu diinni Oromoo aadaa ilaa fi Ilaamee fi waldhabdee nagaan fixachuu waan hin qabneef qofa malee Oromoon nagaa jaallata. Yoo bilisoman qofa hariiroo saboota biraa waliin qabaachuu malan dhoofsisuu danda’uu. Sanan dura maqaa Amaaraa fi Itophiyaa waliin gamtaan tolfamu deebisanii garbummatt of gurguruu dha. Hariiroo tolfamu ummatoota biyya ofii qaban qofan waliin yoo ta’e malee hin milkaawu. Sirni nafxanyaa hamma yoonaa kanneen gurraachummaa keenyaaf akka mataa gadi qabannee deemnu godhan waliin ijaajjaaa ture; sichi garuu hin jiru. Kanneen Afrikummaa saaniitt boonan waliin harka walqabannee keessa keenya qulqulleessuun waldaya keenya, Afriikaa ni birmadoomsina. Oromiyaan haa jiraattu!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Amajjii 2021

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *