0

Gadadoo Oromiyaa fi Karaa Keessaa Bahaa

Oromoon Itophiyaa kan qayyabatan akka ollaattii. Yeroo hin yaadatamnee kaasanii wal cinaa jiraatanii. Bara lachanuu meeshaa dudhaatt dhima bahan, dannaba haatahu saamicha biraa duuba tokko lafa isa kaanii qabatee jiraachuu hin danda’u ture. Garuu erga Itophiyaan anga’oota imperialist Awuropaan Hirmaata Afrikaaf akka gareett foo’amtee booda madaalli humnaa ni jeeqame. Itophiyaan yerosi biya mootii abbaa gonfoo baddaa kaabbaa jirtu, Godina Amaaraa fi Tigray ammaa fi gara Eertra hanga tokko dabalataa ture. Guddinaan namooti keessa turan, Tigraaway, Beejjaa, Wayixoo, Qimaant Agawu fi Amaaraa fa’i. Mootummaa sana kan takka suduudaan hin koloneeffamin malee Oromiyaa fi saboota sabaawotaa fi ummatoota iseen koloneeffatte hin dabalatu. Itophiyaan hunda saanii garee imperiyalistoota Awuropaatt taatee koloneeffattee. Oromiyaan takkaa kolonummaa Habashaaf fedhaan sarmiteee hin beektuu. Oromoyaan diina ofirraa ittisuuf, sochii bilisummaa Oromoo hundaa haammatu ABO mirkaneessuun fincila faffacaatuu jaarraa tokkoo olii fudhate. Fincilli darbee darbee dhowa ture hin qindomin, ABOn bifa argachuu eegalee. Erga ABOn dhalatee jija guddaatu galmeefame. Yoo xinnaate heddooti rifaatuu kolonummaa jalaa bahanii jiru. Oromiyaan biinxa’amtee turte hangi tokoo maqaa tokkoon walitt deebitee jirtii. Amma ummata waan fedhe itt baasee bilisummaa deebisee gonfachuuf qabsawutu jira. Haa ta’u malee ammas gurguddoon Oromoo, moora Oromoo keessa jirra jedhaayyuu, Itophiyaa irraa siqanii waa’ee Oromiyaa ilaaluu yaacii itt fidu hedduu dhaa. Durfannoon saanii Itophiyaa irraa gad ijaaruu malee Oromiyaa irraa ka’anii republika wallaba yk tokkeessoo walqixxootaa ijaaruu miti.

Namooti biyyoota lamaanii walfakkachas gargarummaas qabu. Lachanuu gurraacha; misensa warra afaanii “Afro-asiatic”jedhamuuti; godinaa Afrikaa tokko keessa jiraattu. Karaa garagarummaatiin, seenaa addaa, jireenya diinagdee, aadaa, dudhaa, afaan, biyyaa fi sirna malbulchaa addaa addaa qabu. Itophiyaan ofangeessaa, mootummaa gonfoo malee kan biraa hin beekne. Oromoon demokraatawaa sirna Gadaan bulan goloti saanii waggaa saddeet sadeetiin wal jijjirani. Waa’ee Itophiyaa irratt walqayyabachuun kan hanqatu mirkanoota kana wallaaluu yk irra ilaaluu keessaa maddaa. Itophistooti alaa, Itophiyaan takkaa hin kolomne yeroo jedhanii gargarummaa kana irra ilaaluun. Akkuma Britaniyaa, Fransee fi Xaaliyaa koloneeffatu akka turte irra darbuu. Argaa dhageettiin Habashaas hi baabsinee miti yk onnee gargarummaa biyyoota lamaani himuu dandeessisu hin qabani. Tokko tokko kan dhimmaman bu’aa dhuunfaa amma argatan malee bilisummaa fi kabaji sabaa booda turee dhufu dantaa hinkennuufii. Akkasumas koloneeffataa fi koloneeffamuu irratt haalichi dhiibbaa quwasammuu saanii irratt uume ifsuuf fedha hin qaban. Diliin Adwaa takkaa akka walitt bu’a koloneeffatoo lama gidduutt ta’e tokko adiin kaan gurraachan hogganamu tahuun dhiheeffamee hin beeku. Hedduun kanneen lolaa fi ba’aa meeshaa waranaa baachuuf waraanichatt oofamanii du’a lolli koloni irraan gahei illee awwaallachuuf yeroo hin argannee. Kan walitt bu’an lachanuu loltoota biyoota koloneeffatan keessaa hiriirfatanii turan. Erga harkaa fi harma Oromoo irratt raawwatee duuba Minilik barsiifata qaama ciruu kana harkaa fi luka booji’amtoota gurraachaa ciruun shakale.

Gurguddoo Oromoo gidduu garagarummaa gubbaatt dhahatame irratt hagas mara adda addummaan hin jirujechuun ni danda’ama. Garagarummaan kan dhufu yeroo waa’een kolonummaa irraa qulqullaawuu fi kan qabatee, Itophiyaan walitt makamanii jiraachuun ka’uu. Surrii dhiqaa gadigalummaa fudhachiisuuf waggoota dhibbaa oliif irratt hojjetame shaffisaan fuuree baduun salphaa hin ta’uu. Tokko tokko kanneen waggoota sana hunda gadiqabaanii bahan didhuuf ofi irratt aantee hin qabanii. Ilmoon Oromo tokkonaannaa qeyeett haa tahu waabariitt kan ilaalaa guddate yeroo kan Amaarinyaa dubbatan eegduu qawwee qabataniin marfamee ofiis hidhatee deemuu, yeroo hundi gurguddoo fi abboliin saanii dabalatee qoomma’aniif ture. Sana dhaabi quwasammuu ijoolleen garlachanuu ilaalaa keessatt guddattee. Nafxanyaa didhuu manna ijooleen Oromoo tokko tokko jaarmota nafxanyaa soshalittumaan madaqan waliin qabsoo gitaa jabeessuutt kutuun Itophiyaa tahanii hafuuf sababa argatan. Maqaa warraaqsaan nafxanyaatt galanii lammoota saanii sabboonota “sammuu dhiphoo” jedhanii reebuu irratt qooda fudhatan. Such spineless individuals have not regained Oromo personality lost to colonialism Jarri dugugguuruu hin qabne kun namummaa Oromoo kolonummaan dhabsiise deebisanii hin argannee. Haala qaanessaa ummati saanii keessa jiru akka uumaan dursee murtaawett fudhatu. Shakalli akkasii hardhallee Oromo tokko kan biran walitt buusuun danqaraa qabsoo Oromo tahaa jira. Sana faallessuun sabboonoti sammuu bilisa qaban michoota nafxanyaa sanaan “Goobanoota Diimaa” jedhu turan (diimaan mallatto kumunistii ture). Gaabanii Daaccee gantuu Oromoo kan koloneeffama Oromiyaa keessatt gahaa guddaa taphatee. Wanti soshalistooti Oromo yeros hin qayyabatan akka tarkaanfatoo Habashaati kan jedhaman sun jaallummaa sanii fi “Ploratarian Internationalism” isaan walin hiriiruuf sababa tahe irratt of qusannaa qabachu saaniiti. Labsi Bakkalcha Oromo Lak. I irratt jaarmoti malbulchaa jiran hundi jaarmota nafxanaati jedhee labse kan jedhame caalaa arreedee dhugoome. Soshalistooti Oromoo sun jaarmaa nafxanyaa Dargii fi kittillayyoo saatiin qalaman. Isaan keessa beekoti hedduun alaa akka warraqsichatt makaman afeeramanii kan galan turani. Garuu hin turree ni ganaman. Kanneen baraaraman dogoggora ofii hanga tokko baratanii qabsoo saba saaniitt dabalamanii jiru. Kan dur gamana dhaabbatan keessaa gamatt yero cehan kan mullatanis jiru.

Sirni nafxanyaa sirna kolonummaa weerartuu qawwee baattuun irratt fe’ame kan qabaman bilisummaa, handhuuraa, lafaa fi qabeenya saanii dhabsiise. Abbootii biyyaa halkan tokkoof garba fi “ciisanya” taasise. Sirni kun gita bittuu Amaaraan uumamee, abbaa duulota Habashaan hogganama ture. Jaleen qoteebulaa Habashaa fi saboota sabaawotaa fi ummatoota harkatt kufan keessaa madaqfaman, kirsinnaa kaafamuun Amaarummaatt of hedan, bulanii carraa qondaalummatt ol kaafamu argatan turan. Egaa, nafxanyaan ijaarsa sirna malbulchaa, diinagdee, fi hawaasomaa lolataawe olhantummaa saba tokko , Habashaa dhugoomsuuf uumamee. Kun wiirtuu aadaa Oromo Finfinnii biyya Tuulamaa keessaa buufame ture.

Goobanni qomoo Tuulamaa Abbichuu dhaa dhufa. Oromoo duubatt harkistuun holola nafxanyaan jonjofte Goobana komachuun akka gosa Tuulamaa gooticha komachuu tahett hamachuu barbaaddi. Gosa Tuulamaa ture jaarraa hedduf, hanga meeshaa ammayyaan Awuropaa dhaqabu fi jagnoti Oromo akka Goobanaa madaqfamuu dandahamuun gargarummaa uumeett, Oromoo isaan duubatt argaman irraa jawwisoota Habashaa ittisaa kan turanii. Tuulammi kufuun ittisa glaanaa cabsee Oromoo hafan cubuluqsiise. Duubatt harkiftooti sun beekaa haa ta’uu utuu hin beekin gosa Oromoo tokko kan biraatt diruuf ergama diinaa fudhatanii. Gosoota Oromoo keessa gantoota hedduutu ture, garuu akka Goobana jireenya hundaa kantuqe, dhiibba tolchuu kan danda’e, qaroon lolataa hin turre. Jalqaba Tuulama gane. Oromoon isatt of akeekuu fedhu hundi galmee Oromiyaa keessatt akka goobanaa gantuutt gadi bu’aa. Goobanni haala hin beekamneen gaggeeffame yoo ta’u goobanooti isa duubaas akkasuma ta’anii Waa’ee nafxanyaa fi Goobana hangas erga jennee haala si’anaatt haa deebinu. ABO badii irra ture kan addaan caccabuu fi ganamuun guute as irratt kaasuun hin barbaachifne. Kanneen seexaa qaban gaaftokko of qeeqaanii waan halle ni ifsu ta’aa. Baras waan tahan keessaa hedduu baron kaka’iisa Qeerroo fi Qeerrantii dhaloota Qubee biyyatt ta’ee. Qabsoo hidhata malee, 2014-2018 ta’een, jijjiiramaa ADWUI keessatt dirqisiisanii turani. Miseensota OPDO tokko tokko, Garee Lammaa jedhamamaniin dagamanii yeroo male utuu mooraan ADWUI hin tuqamni qabsoo saani dhaabani. Hoggansa Ormo kessa konkaan akka jiru beekamaa ture. Sanatu goobanoota faloo baanee jedhan, amanamummaan ummatichaa akka tajaajilan kakataniin guutame. Dhaaboti Oromoo kan biraa hogganuuf dhihaatan waan hin jirreef shaffisaan aagiin tufameefii akka ADWUI barbadeessan fudhataman. Garuu isaan dira’ina tokko tokko tolchanii sirna demokraasii dhaaba saaniin Abbaa barchumummaa ADWUI qabatan. Humna ofii yeroo biraaf ol kaa’achuu utuu hin barbaannee yeroo sana humnni ABUT akka badii caalaa hin uumne kan dhaabuu danda’u hin ture.

Lammaa Magarsaa kan ummati amane, tahitaa Hoggansa OPDO miseensa garee saa Abiy Ahmaditt dabarsee kenne. Gaaffiin jiru Lammaa Magarsaa, namicha Oromummaaf dantaa hin qabnee, Oromoo caalaa kan Oromiyaa cabsanitt boonu ta’uu saa beekaa filatee laata? Inni PDO Amaaraa walin sadee aangoo ADWUI butachuuf carrichatt dhimma bahe. Angootti dhufuun saa jaallewwan saa EPRDF kessa jiran kanneen waliin Oromiyaa fi empayritt guutummaatt kurnan sadiif dhiigsaniif amanama hin taasifneenii. Michuu saa Lammaa Magarsaa kan ummata Oromo irraa jaalala argateellee kan moggesse fakkaata. Abiy kan aangootti dhufe waregama guddaa dargaggoo fi qabnya Oromoonii. Garuu, kan yeros hin beekamnee akka OPDON dhooftuu qabsoo aangoo bara hedduu nafxanyaa afaan Amaaraa dubbatanii fi Tigaaruu gidduu ta’uutt jiraachuu seetii. Kun duuba farra heera fedraalaa ta’uuf walii tumsa irratt bekame. Sirni nafxanyaa kosiitt gatamee ture namoota Oromoo sammuu garbichaa qabaniin gargaaramuun carraa debi’ee marmaramuu argataa jira.

Abiy erga aaboo qabatee fedha Oromoof dhimmama agarsiisee hin beeku. Golli malbulchaa kamuu fedhaa fi ilaalcha murna ofii agarsiisuutu irraa eegama. Kanaafi, namooti erga kan uumeen gatanii gola nafxanyaa Bilxiginnaatt galaniiyyuu, OPDOn maqaa qofaan Oromoodha kan jedhanii. ABUT yeroo taahitaatt dhufe jalqaba kan mirkaneeffate hadhaadhiyuu biyyasaa waranaan mancaatef akka bajeti addaa qabameefii, yooma isaanis lola koloneffatoon hedduun hubamanii jiraatanuu qabeenyi Oromoo gara Tigraayitt akka dhagala’uu taasiseee ture. Abiyyi waan Oromoon dhabaniif kan godhe hin turree, caalaattuu ajjeeechaa Oromoo fi mancaasa Oromiyaa dabaluu itt fufee. Keeessa baheeyyuu jija qabsoo waggoota shantamaan argaman fuggisiisuu doorsisaa jira. Ilaalchi inni sabboonummaa Oromoo irratt qabu kanneen isa dura dargaggoo Oromoo sabboonummaa dhiphoon reebaa turaniin tokko. “Natsa Irmijaa” (tarkaanfii gaddhiisaa) jara “Goolii Diimaa” gaggssaa turaniin walfakkaatu hayyamee jira. Kanaan kan ka’e, loltuun, polisii fi dabballooti namoota nagaa hin hidhatin mana saaniitii yk mana hidhaa baasanii seeramalee akka fedhanitt ajjsaanii goodaatt darbataa jiru.

Abdattuun sirna nafxanyaa waggoota shantama duuba Abiyyiin hoggana abjuu saanii dhugoomsuuf argatan. Guufuun qaban Oromoo fi kanneen bilisummaa ofii lolatanii fi Wayyaanee Tigray qofaa. Tigraayiif hanga qophii ta’anitt, kolonoota dadhabsiisuuf jabeessanii irratt hojjetaa turanii. Waraanni Tigray waliinii itti fufa lolota Tedrosii fi mootota Tigray, Minilikii II fi Yohannis IV gidduu turanii ta’aa. Tigray si’a caalu gad haanaa turee. Tigray ammayyaan sadarkaa sana yeroo dhumaaf xumura itt gochuu kan murteeffate fakkaataa. Qabsoo kurnan lamaan Tigray bilisa baatee.

Tigray irra darbee Itophiyaa fi kanneen kolonii see turan hunda qabachuun empayera dhuunfate ABO fi kanneen bira waliin ta’uun mootummaa cehumsaa dhaabe. Yeroo sana kan inni waggoota sodoma dura caasaa empayericha akka akeekaatt jalaa jijjiiruu irratt walii galuun olhantummaa Amaaraa raawwachiisuu fudhate. Gara abdattuu sirna nafxanyaa fi Bilxiginnaan kurnan sadiyiif ABUTn tuffatamaa jiraatanii. Wajjirbulchii imperial ta’e, kan Minilik ijaare diigame sirna federaalaan bakka buufamuu saaf ABUTiin komatu malee gaaffii jiruuf deebii kennuu saa dhagahuu hin barbaadanii. Sana hundaaf haaloo waan irraa qabaniif waranni Tagray irratt folfamaa jiru kan gadoo bahachuu fakkaata. Isaayyaasiif haaloo bahannaa harka hogganoota Tigrayitt injifatamuu fi qabeenya Oromiyaatt saaqaa argate itt duuchuu ABUT taha. Hamma yoonaa Tigray xiqishuun “habboo” (annisaa) guutuun humna dagaagaa Bilxiginnaa, milishiyaa Amaaraa fi Isaayaas Eertrichaa jala jannummaa dhaabbatee jirtii. Somaliiyaa loltuu erguun, UAE meeshaan tumsuunis himamaa jira. Tagaaruun weerartuu lola ummataan lolaa jiru. Magaaloti kufuu danda’u garuu ummati hanga injfannoo yk badutt lolachuu ittuma fufaa. Warana ummataa jechuun sanaa. Abiyyii fi Isaayyaas diloota ni moo’atu ta’aa, garuu waraanni sichi jalqabaa. Kanaaf kan dubbiin ilaaltu hundi fala soquu qaba.

Kan waraana deemaa jiru moo’ate boojuu funaannata. Baroota darban yeroo ABUT fi Shaabiyyaan moo’atanii Finfinnee qabatan Oromiyaan madda boojuu guddicha turtee. Kan sosso’uu fi waatattaa dheedhiin, jirma fi biyyoo dabalatan konkolaatota fe’iisaa dhibbootaan lakkaawaniin Maqalee fi Asmaraatt guuramaa turan. Yoo

jabinaan itt qophaawuu baatan yoo xinnaate humnoota Isaayaasii fi nafxanyootaa amayyuu akeektii dhaa. Gurguddoo Amaaraa keessa kan bar tokko miseensa Parlamaa ture tokko, yeroo Oromoo qubqabsiis hawaasomaa irratt cooraa tuffiin tuqu injifatama Tigray duuba qubattuu Madigaskaariif anuu nangaha jedhe. Dubbiin Madagaskaar kun irra deebi’ama jecha dubartiin miseensa Komishina nagaa Abiy jette tokkootii. Ifsi joonjoftuu akkasii kun keessa saanii garagalchee akka isaan ummata Afrikaa durii durii, kan qaama qarooma Kush surra qabeessichaa Afrikaa, alaa madduu saaniif ragaa qabatamaan hin jirre kana itt ilaaluu fedhan, kan addunyaatt mullisuu. Yeroo akkasii kophee goobanootaa keessa ta’ee haasaa xiqqeessaa fi salphisaa kana akka isaan itt ilaalan baruun hawwaa.

Ummata saanii dabi irratt raawwataa jiru utuu arganii garaan saanii akkamitt kan ifaan itt roorrisaa jiru waliin dhaabbate? Bilxiginnaan duula Tigraay kana irraa hafee ni deebi’a yoo tahe Oromoon “ eelee kalaankalaa irraa Abiddatt” kan faranjiin jedhu san itt tahuuf qophaawanii eeguu qabu. Yoo moo’ellee Tigray akka bara 1991 hammachuu hin danda’u. Ammayyuu boojuu akka PDOtaa “robot”gochuu danda’u qaba garuu sanaaf qorichi farraa qaata argame.

Utuu seera Ariitii hin labsin Abiy Oromiyaa fi ummatoota Kibbatt argaman irra “Komand Post” dhaabee gidiraa agarsiisaa jiraa. Gidiraa sana akka addunyaan qubaa hin qabaanne Interneetii fi sararaa quunnamtii kutuun dhossee jira. Akkuma “Goolii Diimaa” Dargii, ajjeechaa gaddhiisaa gaaffii malee hayyamuun, ummata guraaraa, rifachiisota biraa irratt dabalee guyyuu hanga innaa kanaatt raawwachaa jira. Nafxanyaan Abiyn hogganamu kolonoota irratt deebisanii olhantummaa saanii mirkaneeffachuu fi lafaa fi qabeenya saanii saamuu barbaadu. Duulli Tigray kan isaan Abiy duukaa hiriiran garri caalu humnaan lafa saammachuufii. Walqayitii fi Raayyaan seeraan amma Tigray jala jira. Amaarri hadhuuraa kooti jechuun deebifachuuf seeraanis humnaanis yaala ture. Amma duula Bilxiginnaa keessa gugatee deebifachuuf wareegamaa jira. Dubbiin eenyummaa yoo ka’e Raayyaa fi Walloon kan referedumii fi deemuu qabani. Gaaffiin jiru kan seeraa malee kan humnaa ta’uu hin qabu. Ofiin jiraachuu yk abbaa waliin jiraachuu fedhan filachuun mirga jiraattotaatii.

Jeequmsi, abbummaa Matakkal deebfanna jechuun Benishangul Gumus irra gahaa jirus fakkeenya bolola nafxanyaa haaraan lafa namoota biraaf qabaniitii. Akkuma iddoo biraa lammoota gidduutt dhisama uumanii abbootii biyyaa rifachiisuu barbaadu. Yoo Bilxiginnaan waraana Tigray moo’ate akka fulduratt Beenishagul Gumus yaayyoo (kaartaa) irra haqamu beekkachuu dha. Kolonoota Itophiyaa durii keessaa daba duraan irra gaheef kan qubattoota irratt haaloo bahachuu agarsiisan hin jiranii. Garuu abdattuun sirna nafxanyaa keessa seenuuf kaasaa argachuu fi mararfannoo addunyaa galmeeffachuuf sana akka godhan tuttuquu. Adaamaa, Shashamannee, Dodolaa fi Gedi’ott hamma yartuuf milkaawanii turanii. Jarri kun, jarumaa Wayyaanee kan isaan dogoggoraan jatanaa “federalism gosaa” jedhaniin raawwachisa taanaa ummati Tigraay haa dhumu jaruma jechaa jiranii. Miira ilmoo namaa hin qabanii. Yoo lammii saanii, bara hedduu, akkuma saanii Kiristinnaa Tawahidoo tahaniif gaarii hin taane, halaga akka Oromoof gaarii ta’uun gowwummaa dha. Horeen nafxanyoota koloneeffatoo Oromiyaa keessa jiru. Oromiyaa walabi seera Oromoon akka Oromiyootti mirgi ilmaan namaa kabajameefii jiraachuu danda’u. Yoo sana hin barbaadne bakka fedhan deemuu malee sababa saaniin Amaarri deebi’ee akka isaan jeequ hin hayyamanii. Mirga Oromiyaa keessa jiraachuu isaantu qaba malee mootummaa Amaaraa mitii. Akkuma jiraataa hundaa amanamummaa Oromiyaaf akka kakatan eegamu.

Rakkinni Oromiya, Benishangul Gumusii yk kolonoota biraa irraa hin madduu; horee abboota lafaa laficha irra jiraatanii hin beeknee halaalaa warra abbaa biyyaa irraa homisha safarataa turanii irra yoo maddu, isantu amma harka nama biraatiin abidda hammaaruu fedhaa jiru. Yoo dhimma finnoota biraa keessa galuun dhaabsifamuu baate lolli noolaa (civil war) jalqabuun waan oolu mitii. Hubammi, kanneen isaan balleesuuf abbalan caalaa keettoo tuttuqaatt hammaachuu danda’aa. Oromummaan qaccee sanyii (DNA) lakkaawuu utuu hin ta’in yaadaaa, ilaalchaa. Innis, jaalala nagaa, walqixummaa fi qajeeltuuti. Kanaaf Oromiyoo hundi sanyii, amantee fi bifan gargar hin bahin Oromiyaa weerartuu irraa ittisuuf wanti waliin hin dhaabbanneef hin jiru. Oromo jechuun ilmaan orma yk namaa jechuu dha. Oromoo ta’aa!

Akka jiraattota Afrikaa baqqaana kanaatt, kan caalaa nu yaaddessuu qabu ajeechaa faffaca’aa Oromiyaa, Benishangulii fi bakkoota biraatt ta’aa jiran mitii. Iyya “ Balleessaa!” jedhu imimmaan sobaa Itophiyaanotaa irratt hundaawee. Hanga yoonaa ajjeechaan sanyii tokko qofaa irratt raawwate bakki itt ta’e hin jiru. Yoo gaaga’amtoota keessa jette jetteen Amaarri jira jedhamu dhagahame kan ajjeefaman hundi keenya jedhamee abdattuu sirna nafxanyaa addunyaa keessa jirtu hundaa fi dhaabota biyya keessaan, sagalee waan ta’een wal hin gitneetu wacamaa. Yoo gaa’gamtooti Amaaramitii qofa tahan hundi ni callisuu. Gocha akkasii keessatt hundi, Presidantiin Federala, Patriyarkii fi miseensoti parlamaa yoo wacan hubatamee jira. “Sararaa Diimaan” darbamu, hidhannoof waamuu fi ragaa tokko malee imimmaan lolaasaa ABO fi ABUT abaarutu turee. Sun sadoo nafxanyaa madaala hin kaafnnee. Namooti nagaan Amaara hin taane mootummaa fi kan mootummaa hin taaneen ajjeefamuun waan hin malalchiifne ta’eetuu kan yeroo isaan du’an callisan? Maaliif akkuma Galmistaanaa fi Qeesi Ortodoksiif godhan yeroo Masjiidi gubatee fi imaamni ajjeefamu hin caraanin? Utuu Oromiyaan qaama Itophiyaa tahuun sammuu saanii keessa jira tahe, sun waan utuu itt hin yaadin tolchan turee. Yeroo Oromoo shororkeessamanii fi Oromiyaan tasgabbii dhabsiifamtu, Oromoon mootummich Oromoo dha jedhan garam dhaabbataa jiru?

Qabattee bilbiltuun Oromoon qaban kan kaleessa ta’e utuu hin ta’in, gidiraa Bilxiginnaan tumsa humnoota duubatt harkifuu duriin irraan ga’aa jiru. Nammi sammuu nagaa qabu akkamitt abbaa hirree mataa abdattu sirna nafxanyaa fashistii tahe waliin tahee ummata ofii waraana? Oromoon qeyee namaa hin dhaqnee, qeyee saanii keessatt ajjeefamaa jiru. Oromoon maaliif shororkeeffamu? Cunqursooti waan kan saanii hin taane Oromiyaa keessaa argachuuf mitii? Kanneen bara hirmaata Afriikaa koloneeffaman kolonoota Itophiyaa malee hundi bilisa bahanii jiru. Sun itt fufuu hin danda’uu. Akka Oromoon lamuu weerartuuf hin jilbeenfanne beekuu. Hamma dhaabsifamanitt hammam saanii ajjeesuu danda’u? Minilik bara saa walakkaa saanii ajjeesee too’ate. Ammas sanatu yaadama laata? Sana booda waliin jiraatuu laata moo sanaaf dantaa hin qaban? Mirgi hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu mirga bakkalleen beekame. Sun heera federeeshina Itophiyaanuu fudhatamee jira. Maaliif cabsama? Maaf eeyeelakki (referendum) hin gaggeessan? Wanti Oromoo irratt raawatamaa jiru kun namaa hin galuu. Abiy haa ta’uu abbaan fedhee mirga ilmaan namaa fi ummataa Oromoo tuquuf mirga hin qabu. Waan hubannu irraa Oromoon bulcha halagaaf sarmu sichi hin jiru. Kanaaf, waraana hunda gaaga’utu bilisummaa fi walabummaaf deemsifamuuf taa’aa. Soba balleessaa ofii qajeeltuu fakkeessuuf xaxan yoo hin dhabne yoomu nagaan hin bu’uu. “Shanee” kan jettanin ABO jechuu yoo ta’ee Bilxiginnaa yk OPDO caalaa seerawummaa qaba. Qabattee kana irratt kan nyaapha waliin dhaabbatu hundi balleessaa ta’uuf itt gaafatamuu. Yeroon saa yoo dhufu du’a boodallee yoo tahe itt gaafatama jalaa bahuun hin danda’amu.

Mararfannoo Itophiyaanota sadarkaa argatu ta’uu dhiisuun ni malaa, garu yoo xinnaate duuti Oromoo gumaa hoduullee hin ta’uuyii? Qubqabsiitoti gaafa Buraayyuu, Gedi’o, Shashamannee, Gullisoo, Dibaaxee gurra nutt duuchaa turan amma eessa jiru? Oromiyaan biyya saanii dudhaa utuu hin ta’in kolonii humnaan gad qabamtee. Kanaaf Oromoon akka Itophiyaanota dhugaa gara laafinaan ilaalamuu hin eeggatanii. Garuu koloneeffataan Chartera Saboota Tokkomanii mallatteesseef yoo Oromoon ilmoo namaa miti jedhe malee dirqama Labsa Mirga Ilmaan Namaa Bakkallee kabajuu qaba. Cunqursaa jalaa afuura fudhachuu of dandeessisuuf walabummaa biyya saanii labsuun qooda Oromootii. Gurguddoon Nafxanyaa kana ni qayyabatu; kanaaf hankaasuuf tattaafatu.

Eegumsa godinaa Amaaraa jalatt Gumusoota Jaawiitt qacceefixi irra gahe ni yaadatamu. Gumus irraa, akka Matakal keessatt harka maratanii hunda saaniif hanga dhufanitt taa’uutu eegamaa lata? Namooti Abbayyaa Gumus taraa tokkoof, kanneen isaan ajjeesan “Namoota diimilee dha”. Jara diddiimoo sana kan fedha saanii malee mootummaan gargaaramanii lafa saanii qabatan. Oromoo fi Agawu jara kana waliin Mattakaliin qooddatanii waggaa dhibbootaaf jiraataa turan, garuu diimoo waan ta’aniif dhalooti Gumus haaraan weerartuu Amaaraa gargar baasuu waan hin dandeenyeef ija mamiin ilaalaanii. Rakkinni isaan qaban diimaaa fi gurraacha gidduu dha. Amaarrii hardhallee abaltii Matakkal deeffachuuf qaban labsaa jiru. Sun aarii Gumus abbaa biyyaa, caalaa finiinsaa. Ajjeechaan imaltota Oromoo akka saanatti gahuutu yaadama. Oromoon ajjeechaa firoota saaniif aaruu hin hafnee, garuu aariin akka kaasaa hundee rakinicha hin qoranneefi furmaata dhumaa itt hin goonerraa dhowwuu hin qabu. Jarri gammoojii kun ulfinaa fi bilisummaan akka jiraatanii fi diimotaa fi magaalota baddaa gadi bu’anii irraa rakkina utuu hin argatin akka jiraatan addunyaan gargaaruunii qaba. Aadaan Gadaa Oromo ilmaan namaa hunda sanyii fi bifan utuu gargar hin baasi kabaja. 1991 booda Benishangulii fi gumus akka finnaa tokkoott walitt godhamanii miseensa Federeshinaa ta’anii jiru. Sana ollooti koloneeffatoon Kaabbaa kan mormanii. Garboomfachuu bara kolonummaa baran itt fufuu fedhu.

Kan Benishangul duuba gochii walfakaataa yakkaa Shebellitt 11/15/20 murna dargaggoo Oromoo biraa irratt loltuu Bilxiginnaan gahuutu himamee. Shabele kan bu’uurfamte gooticha Anfilloo beekamaa Karkarsaa Guuteenii. Nammi sammuu tasgabbaa’aa, wanti kun garamitt deemaa akka jiru yaadu jiraayii? Yoo seerri caalaa caccabee ejaa fi ejaan eegalewoo laata? Eenyutu caalaa miidhamuuf deema. Oromoon ummata dhugaatt Waaqa sodaatan, seera kabajan, nagaa jaallatoo, qabanaawoo dhaa. Garuu tuffii fi arrabsoo fii ajjeechaa o’aa jiruun gimii yoomuu hin dhaamne tahuu danda’uu. Hundi nagaa godinichaaf jedhee of haa eeggatu.

Akka Abiy Ahmad fi kittillayyoon saa, abaltii taliila tahe ummata saanii hubuuf qaban utuu beekanii kanneen bu’aa ciicannoo keennuufii itt fufan jiru. Kaan kaan holola dogoggorsaa nafxanyoota haaraan kan ragaa malee Abiy Oromoof looga jedhanii komachuun fakkeessanii dhiheessaniin gowwoomanii, kan lammii marsameef birmachuu itt fakkaatus jiru. Kaan, kaanimmoo akka Oromoon hin baabsinee ta’an yk gara saatt hawwachuuf baasii guddaan dhagala’uuf jiru. Erga aangoott dhufee ajjeechaa dargaggoo Oromoo fi qabeenya Oromiyaa saamuu malee bu’aan malbulchaa yk waatattaa inni Oromoof argamsiise hin jiru. Kanaaf keetoolii kamuu Abiy Oromoof dhaabbata jedhanii amansiisuu hin danda’anii. Caalaattuu akka inni miira saanii hubuuf hojjetu beeku. Jaalala bu’uursitoota fi dhaaltota sirna nafxanyaa, kan Oromoo fixanii lakkoofsa saani walakaatt gadi buusanii qabu ifatt agarsiisee jira. Kun mimmixa madaa hin qoorrett firfirsuu dha. Yakka isaanumti hojjetaniif Oromoo balaaleffachuu irratt, Galmistana Ortodoksii Finfinnee teesso godhate yaada nafxanyaa haaraa hogganu bira ijaajjee. Oromoon ummata saanii kanneen miidhan waliin ijaajjan, duubatt harkiftuu qofa utuu hin ta’in tuqama sammuus qabu.

Murni Habashaa waan humnaan argate qofa utuu hin ta’in waan Oromoon itt tole hunda dirqisiifamumalee gad hin dhiisuu. Fakkaatiin sammuu keessaa waa’ee Oromiyaa qaban, too’achuu danda’uun malee dafqa ofii itt dhagalaasanii ittiin jiraachuu danda’uu miti. Yeroo jalqabaaf innaa TPLF/EPRDF ABO waliin taa’ee sagantaa cehumsaa kan hiree ofii ofiin murteeffachuutt geessuu danda’u dhoofsisuu irratt waliigale, hedduu finiinsee. Kaneen kolonii turan, bara haaraa garbummaa waggoota dhibbaa olii raawwachiisutu dhufeett fudhatanii. Federaalummaa irratt waliigalteen koloneeffataa dullachaaf koloneeffamoo gidduutt ta’ee dhiiga silaa dhangala’uun hin oolle hambisuun waan hin yaadamne ture. Garuu kan nama dhibu, hogganooti ABUT hanga gad of dhaabanitt adda ta’uu haa fakeessan malee yeroo bitachuuf ture. Heera tumaniif utuu dhimma hin qabaatin hirree cimaan empaayericha bulchuutt ka’anii. Haa ta’u malee sirna gunaawaa kolonii itt fufuun godinicha keessatt akka nagaa fi tasgabbiin hin argamne beeku turanii. Heerichi saboota, sabaawotaa fi ummatoota bu’aa qabaaf jedhameef erbaala (waraqata) irratt haa hafu malee TPLF/EPRDF tajaajiluuf qophee ture. Sirna mootii abbaa gonfoo Itophiyaa keessatt Tigray maaddhaa Amaaraa ture. Angoo walitt dabarsuun walitt duulanii, kan humna kuufatetu gonfoo waloo sana buta ture. Gonfichi walitt fufaa isaan gidduu tokkicha turee. Erga inni kufee hundu ummata ofii humneessuuf kara kaaraa duulee. Kan isaan amma godhaa jiran gocha dudhaa jaarroleef shakalaa turaniif bifa haaraa ta’uu saatii. Garu jibbaa fi gadoon waan guutameef hobbaatiin saa addaa fi dudhaa malbulcha Habashaaf barbadeessaa ta’uu danda’a.

Kanneen lolli tumsa Bilxiganaa fi Tigray gidduu Oromoo hin ilaalu jedhan jiru. Kun kaasaan waaranichaa muummicha, Oromiyaa deebisanii qabachuuf karaa haxaawuu akka tahe qayyabachuu dhabuu irraa dhufa. Fardi murna Kaabaa injifate, okaaf Kibba irratt lafa dhahuun duruu beekamaa dha. Oromoon, gara anjaa isaanii qabutt baasuf, tokko irra goranii isa kaan rukutuunillee akkaa. Si’a tokkoof mee, haaloo lachan irraa qabnu nokkorroo homishaawaa hin taane fiduu waan danda’uuf dhiifnee waa’ee waranichaa qofa haa yaadnu. Bilxiginnaa fi Amaarri Tigraway jibbaa nuun jedhu. Hunda saanii waan jaallanuufis tigraayiin caalaa waan jibinuufis hin qabnu. Bilisummaan Oromoo lachan saaniifuu anjaa hin qabu, caalaattuu tumsa Bilxiginnaafii. Oromoon yoo xinnaate Tigrawaay waliin ejjennoo waloo hanga tokko qabu; lachanuu murna tokko waliin waraana irra jiru; lachanuu sirni malbulchaa gunaawaan deebi’ee ijaaramuun mormuu. Oromoon biyya ofii irratt mo’oo fi bilisa tahuu murteeffatanii jiru, Tigrays kanuma labsatanii jiru. Hundaafuu hariiroon egeree jiraachuu ni danda’a? Eeyyee, garuu fedha irratt kan hundaawe ta’a. Garuu want tokko beekamuu qabaa, mirgi Oromoon walabummaaf qaban hin dhoofsifamu; want fe’dhe yoo dhufe daddaaquun hin jiru. Achi irratt kan Oromoo fi federalistooti, Abiy fi Bilixiginnaan kan imaammata Itophiyaa dullatii irratt fe’uu barbaadaniin addaan bahanii.

Hidda handhuuraa empayera koloneeffataan walitt jiru, dursee cituu fi kolonummaa dimshaashummaan haquun kanneen bilisummaa jaallataniif durfannoo ta’uu qaba. Jijjiirammi hawaasomaa fi malbulchaa yk obbolummaan, caasaa dullachi jigu malee hin danda’amu. Kan tarkaanfi fudhatamu murteessuu akka ollaan se’u utuu hin ta’in haala abbaan keessa jiru. Akki itt nammi Oromoo tokko tokko yaadan, dubbii Malcom X waa’ee “Garbicha Manaa” fi “Garbicha Diidaa” jedhe nama yaadachisaa. Empayera kufaa jiru utubuun dirqama Oromoo mitii. Yoo inni keessatt dhoowuun irratt jigellee, jigaa saa ofirraa urgufanii mataa olqabatanii milla fudhachu qabu. Oromoon olloota waliin kufan qofaaf akka waliin ka’an harka saanii diriirsuufif dirqama kan qabanii. Gaaffiin biraa bu’aa Oromoof argamsiisuun madalamaa.

Amma dhimmoota caalaa saba Oromo dhibanitt deebi’uu qabnaa. Oromummaa hundee tokkummaa saanii jabeessuuf yeroon ammaa. Ittaansee yoo jiraatan dhaabota dhimma baasan jajjabeessuu fi diddaa fi sana booddeef kan ta’an haaraa ijaaruu dhaa. Kan duubbee saanii Gadaatt, akeeka demokraasii achi keessa jiruutt garagalan yeroon ammaa. Hoodotaf malee akeekot malbulchaa hundi kan yeroo ammaa waliin deemanii. Demokraasii Grikii kan demokraasii Lixaa irratt hundaawe caalaa hunda hammataa fi dhommoqoo dha. Yaadaanmaliin (theory) qabatteewwan qayyabachuun barbaachisaa dhaa, garuu isanumti qofa ga’oo mitii. Shaakalamuu qabu. Sanaaf jaarmaa qaawwaa hin qabne barbaachisaa. Hawaasi Oromoo dudhaan warraa ka’ee ol ijaaramee. Hidda qomoo, gosa, lamooyyee, fi sabaa hordofaa. Dur ogummaan waan qabamaniif, aangoon dura dhaabbachuu danda’u hin turree. Si’ana hiroon kun naannaa toko tokkoof dhima hin baasan ta’aa.

Kanaaf, Oromoon caasaa dudhaa fi akka inni itt hojjetu keessa deebi’anii ilaaluu qabu. Hiroo lafqui Gandaa kaasee ol jiran qofa fudhachuu danda’uu ta’aa. Yooma sirna federaalaa shallagneyyuu, bulchi Oromoon fedhaan hin ramadin, sadarkaa kamituu waan jiraatuuf hin qabu. Hamma kennati gaggeefamutt Shanee ummataatu sadarkaa hundatt humna fudhata. Golooti Oromoo jiran bulcha gargaaruu irratt gamtaa wal agarsiisuu danda’u, garuu hanga “Kennata Idilee” aangoof hin dorgomanii. Kana keessatt qooda gurguddaa kan taphatan sochii Qeerroo fi Qeerrantii fi Waraana Bilisummaa Oromoon walitt qindaawanii utuu ta’ee dansa. Hooggansi dudhaa hin faalamne hariiroo qaama sadaffaa waliin ta’u irratt aaboo “matumaa” (veto) waliin qooda gorsitummaa kennamuufii danda’aa.

Oromoon Oromiyaa ala jiraatan dhimma Oromiyaa keessaa gahee guddaa qabaatu. Barbaachisaa taanaan Caffee Oromiyaa badii irratt uumuu ni danda’uu. Kanaaf akki isaan itt ijaaramanii biyya saanii waliin hidhati uummatanii fi iftoomina saanii baruun fedha ummatichaa guddaa dha. Keessaayyuu, bara qabsoo diddaa, waatattaa fi gochaa fi yaada deggersaa burqisiisuutt qoodi saanii guddaa ta’aa. Kanaafis akka waldooti gargaarsaa fi hadhaadhiyyuu haaraan uumaman jajjabeessuu yk kan jiran amanamoo akka tahan gargaaruu danda’uu. Qabsoo fi misoomaaf mirkanbeekii (science) fi teeknolojiitt dhimma bahuun Afrikaa keessatt hedduu barbaachisa. Tajaajila sana keennuuf isaantu saaqaa itt qabaa. Tokkummaan Oromo baaquleessaa (global) walgargaaruu fi Oromummaan dhalootota itt haananii dhufaniif akka turu taasisuu jajjeebeeffamuu qaba. Sun baraarama sanyii Oromoofis iggitii ta’uu danda’aa. Kan isaan saba saanii fi Afrikaa dhimma baasuu danda’an tokkummaa saanii yoo cimfatanii fi ijaaraman qofaa.

Waamichi xumura garbummaaf dargaggoon amma waaman yaada olitt kaafne hojiiti jijjiiruuf tolaa dha. Qaammi si’ana aangoo irra jiru empayerittii akkuma abbaa hirroota isa dura turanii dhuunfachuu yk baduuf kan murteeffate fakkaataa. Qayyabannoon tibba cehumsaa kan hundi gamtoomufii qaba jedhamu sun amma hin jiru. Mootummaa cehumsaa tahuun hafee turoo qoolloo bu’e of taasisee jiraa. Kanaaf yaadi walabummaa hafee mirgootuma heeraa amma jirun beekamaniifuu kan dhoofsisu hin fakkaatu. Hamma PFDJ Isaayyaas EPP Abiy waliin kooraa irra jirutt sun hin ta’uu. Kanaaf Oromoon qabsoo bifa hundaaf qophaawuun akkaa. Tigray miseensa federeeshinaatii. Biyya saanii keessatt moo’ummaa heran beekame qabu. Kanaaf, waan finnaa saanii ilaalutt murti isaan qooda irratt hin fudhatin isaan irratt aangoo hin qabu. Yoo miseensa federeeshinaa ta’uu hin barbadnellee hiree ofii ofiin murteeffachuuf mirga saanii hin tuqamnee. Diinummaan hedduun keenya ABUT waliin qabnu, akeekota demokraasii hanga yoonaa hedduu itt wareegne akka irra ilaallu nu taasisuu hin qabu. Kan Tigray irra gahe waan bor nuuf qophaawaa jiruu dhaa, tuffachuu hin dandeenyu. Mootummaan Itophiyaa kun kan nuti qabsoofneef miti; caalaattuu kanneen badoo waliin qabsoone keessaa isa caalaa badaa dha. Utuu dargaggoo Oromoo qaroo foo’ee ajjeesee hin fixin dhaphu jedhamu qaba. Kanaaf, waamicha dargaggoo Oromoo xumura garbbumaaf tolfameef haa tumsinuu.

Kanneen Masaraa Minilik keessaa empayeritt gaggeessanii fi saboota, sabaawotaa fi ummatoti addunyaa adda addaa keessa jiraattu. Jarri Masaraa, imperiyaal Itophiyaa dullatii gunooftuu keessa jiraatu. Jarri kaan sana jijjiirree, sirna empayeraa bututaa dur gatnee bira dabarre jedhanii amanuu.Ejjennoon lachanii walitt araaramuu hin danda’uu. Tokko Itophiyaa olaantummaa saba tokko fi afaan toko qabdu malee itt hin mullatu. Jarri kaan mirga sabummaa hanga walabummaa kan walabummaa dabalatutt amanuu. Kanneen, jara biraa hacuucaa jiraatan, jaamaa, bilisummaaf kan lolatan eenyu itt gala saanii irraa hankaaksuu akka hin dandeenye qubaa hin qabne. Kanaaf utuu of hin miidhin abdattu sirna kolonummaa nafxanyaa lola suuftuu dhaabuun barbaachisaa dha. Oromoon lola Tigray irraa waan baratan hedduu qabu. Humnoti Tigrayitt duulan bu’aa waatattaa fi lafa malee ummataaf dantaa hin qabanii. Murni akkasii bombii qabeenya dhiisee nama fixu utuu qabaatan itt gaddhiisuu irraa hin deebi’anii. Jara akkasii waliin dhimmi walitt fidu yoo jiraate, kana herrega keessa galchuuun barbaachisaa dha.

Qeerroon Oromoo qabsoo cunqursaatt xumura gochuuf itt jiru utuu walirraa hin kutin tooftaa jijjiiraa itt fufuun gaarii dha. Bilxiginnaa jalatt seeraan bulmaati hin jiru. Kanaaf, Oromoon guyyuu gaaffii malee kan ajjeefaman. Bilxiginnaa soba malee dhugaan waan afaanii hin baaneef mirri kun addunyaatt ragaa waliin saaxilamuu qaba. Sobi abbaa hirree waan haaraa mitii, Mangistuu Haayilamaaram tisiisallee ajjeese hin beeku jedhee waan addunyaan beeku haala ture. Qabsoon Oromoo seeraan bulmaataa, walabummaa fi moo’ummaafii. Nammi Oromoo yoo waliin dhaabbatee moora diinaa lagate, bokkaa haa ta’uu aduu nammi isaan injifachuu danda’u hin jiratuu. Si’ana, godinooti fi gosooti Oromoo yoomu caalaa tokkummaa fi atooma qabu. Kan rakkoo itt uuman abba tokkoota sammuun tuqaa qabu fi kanneen dubbeen saanii mamsiisaa ta’ee, godinootaa fi gosoota hunda keessatt argamanii. Maqaa sabichaatt dhimma bahuu fi fedha saaniin bakka bu’a jechuun miidhaanii jiru. Jaarmaa sabaa akeeka qabu qofatu isaan dhaabuu danda’aa.

Tokko tokko hooda sabichaa irraa maqanii Safuu cabsuu saaniif qaanii fi ulfina waan jedhamu hin beekanii. Yeroo kun sadarkaa gaaga’ama malee irra darbamuun hin danda’amne gahu, furmaati dudhaa Oromoon qaban, gorsa, moggeessa, kanneeniin hin sirraawan taanaan karaa irraa maqsuu dha. Sun hardhaaf dhimma baasa taanaan keessa deebi’anii ilaaluu dha. ABO fi WBO maqaa xureessuun ONAG Shanee jedhaniin, dhaabota walaba dafqaa fi dhiiga jalbiyyootaan homishamanii. Gaaffii adda addaa irraa qabachuu ni dandeenya. Sun dhimma keessaa Oromooti malee diina Oromoo irra goranii haleeluun yakkaa. Halagaan kan isaan jibbuuf Oromoo waan ta’anii fi durfannoon saanii fedha Oromoo waan ta’eefii. Hundu, isaan jibbuun of jibbuu fi ayyaanlallatummaa akka ta’e beekuu qabu. Kan amma aangoo irra jiru nama Oromiyaati malee mootummichi kan Itophiyaa yk yoo xinnaate kan irratt walii galle mitii, Oromo of jalatt hambisee saamaa jiraachuu itt fufuuf kan kutatee dha.

Habashaamitii hundi Amaarri haantii saanii “Laaqii Kiristinnaaf” jibba qaban caalaa, isaanii akka ol kaa’anii jiran dagachuu hin qabanii. Oromoon diina bira dhaabbatanii saba ofii dogoggorsuu yaalaan abaaramoo nyaphan jechuu dha. Sochiin bulcha halaga jalaa Oromiyaa bilisoomsuuf tolfamaa jiru ajjeechicha caalaa furgaasisuu danda’a ta’a; garuu waan fedhe haa baasisuu, bara baraan boo’aa jiraachuu irra, harka walqabatanii al tokko ka’uun dura dhaabbatanii xumura itt gochuu wayya. Utuu Oromoon, diinni qabeeenya fi galtuu Oromo Oromiyaa irratt akka hin hiriirfanne dhowwachuu danda’anii, diinich dadhabaa dha. Mee Oromo hundatt haa iyyannuu, sochii bilisummaa sabaa yoo hin deggerre maqaa xureessaa fi ajjeechaa irratt qooda fudhachu of haa qoqqobanii. Beekaa itt duulanii Oromoo ajjeesuun yakka faloon hin qabne. Jaarmaan haa tahu abba tokkeen, dorgommee malbulchaaf jedhanii, Oromo ajjesan fi ajjeesisan Oromummaa keessaa tufamuu qabu. Oromiyaan haa jiraattu.

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Muddee 2020

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *