Ergamtooti hammeenyaa qacceefixisa saba Oromoo irratt foo’aa jiran yaada addunyaa dogoggorsuuf, jabaatanii hojjechaa jiru. Jabinaa fi shaffisaan sana fashalsuu irratt hojjechuun sabboonota Oromoo irraa eegama. Seenaa roga dhabsiisuu fi qophiin Oromiyaa qacceefixiisaan haddheessanii kan mootummaan Itophiyaa Oromoo irratt raawwataa jiru dhossuu gaggeeffamaa jira. Maqaa qaccefixiisa hin jirre oolchinaan garagalcha saa Oromoo irratt raawwachuun karaa irra jira. Qophii qacceefixiisa guddaaf, jibba Oromoo facaasanii Oromoo fi lammiilee biraa gidduu dhifama uumuuf diinoti Oromoo qubqabsisota hunda irra tamsa’anii jiru. Hanga Oromoo fafeessanitt eenyutu du’aaf dantaa hin qabanii. Kaan kaan saanii walfakkina Oromiyaa fi Ruwaandaa gidduu qaccefixiisa dura jiru mirkaneessuuf yaala jiru. Dur, dur nammi tokko “ Dabiloosuu dhimma ofiif Mooricha/Kitaaba Waaqaa dhahata” jedhe ture. Jarri kunis maaljecha qacceefixiisaa OSAPGn kenname qarooma namoota itt dhaamanii tuffachuun dhimma fokkuuf dhahataa jiru.
Amma Oromiyaa keessatt qacceefixiisa aggamamee kan jiru Oromoo irratt qofa, mootummaa Itophiyaa fi jara afaan Amaaraa dubbatan “andinnat haayl” ofiin jedhaniin waan ta’eef himati saanii cookkoo dhugaa hin qabu. Hankaasi mootummaa Itophiyaa godaansa Irreecha Finfinnee bara kanaa irratt raawwate addunyaan ragaa tahaa jiru fakkeenya qacceefixiisa aadaa tokko. Hariiroo dhugaa Oromiyaa fi Itophiyaa gidduu himuu dhiisanii xxexxeba beekame “Itophiyaan kolonoomtee hin beektu” kan jedhu irra deddeebi’u. Itophiyaan Afrikaa qircachuu irratt miltoo waan turteef Afrikaanota olla see koloneeffatte malee ofii yaadaanmaliin hin kolonoomne. Akka koloneeffatoo nafxanyaa fi Oromo kan dubbee seenaa fi eenyummaa adda qaban utuu hin ta’in Hutu fi Tutsiin ummata aadaa fi afaan tokko qaban kolonii Jarman/Beeljig turanii.
Nafxanyaan qooqa Oromoon uuman utuu hin ta’in kan koloneeffatoon ittiin of waamani. Maqaa hardhayyuu tokko tokko qomee irratt barreeffatanii ittiin boonanii. Nafxanyaan akkuma raayyaa British empayeraa see hunda irraa madaqfaman, ummatoota qabaman hunda keessaa kan hawwatamanii. Haa ta’u malee, waan Galmistaana Ortodoksiin cuubamaniif Moslema fi amantoota dudhaa irraa adda of gochuuf Amaara ofiin jedhu. Oromoon amantoota hunda keessa waan jiraniif akkuma lammoota gidduu walitt bu’I hin turre amantee gidduus dhifammi Oromiyaa keessa hin jiru. Oromiyaan Moslemota lakkoofsa guddaa kanneen mootummaa amanteen makaa Itophiyaan jaarraa tokko caalaaf hacuucamaa turan qabdii. Lakkofsa kanaa addunyaa lixaa sodaachisuu barbaadu. Tibba kolonii dura laaqii Kiristinnaa keessa Moslemaa fi “aramaneen” marsamnee jirra jedhanii Kiristaanota gabra gama jiranitt iyyatu turan.
Ammammoo akka waan Moslimmi isaan keessa hin jirreen Oromoo irratt kaardii “Shororkeessatt” dhimma bahuu yaala jiru. Dhugaan saa sun itt qabataaf malee kan isaan reebaa jiran Oromummaa, aanggoo Oromiyaa irratt olhantummaa isaa dhorkate. Erga 9/11tii kurno lama ta’ee jira; hamma yoonaa Oromoon tokko shororkeessummaan sabgidduutt komatame jiraa laata? Amaarri qofti nafxanyaa fi Kiristinnaa erga hin taanee, wanti irratt aggaamamuf maannii? Murna kamiinuu balleessuuf abbaltii Oromoo agarsiisuu ni danda’uu? Golee Oromiyaa keessatt kan tahan hundi kan isaanumaan
dursee itt yaadame; Oromoon akii, dra’ina saaniin tasa qabamee ta’a. Oromo hedduun Kiristina Ortodoxii waan ta’aniif of balleessu jechuun waan kolfaatii. Galmistanni Orthodoksii Oromiyaa keessa jiran hundi gargaarsa murooota amantee Oromiyaa keessa jiraniin, Oromoo Ortodoksiin ijaaraman, kaasaan waan ofii gubaniif hin jiru. Komeen Oromiyaa keessa jiru hundi keettoo tuqiin kan raawwataman waan ta’eef qorqora wallabaf dhiifamuu qabu.
Federeeshina diiganii sirna kolonii nafxanyaa deebisanii dhaabu kan abjootan miseensoti gurguddoo Amaaraa tokko tokko jiru. Oromoof Federeshina yk walabummaa dha. Abbaltii isaan gadi qabuuf tolfamu qeensaa fi ilkaan utuu hin hafin ittiin lolu. Amma qorattooti alaa ilaalcha faallaa qaban qooqota “nafxanyaa”akka waan lammii tokko irratt xiyyeefamee fi “Qeerroo” lammi qulqulleessuuf murna ijaaramee qophaawe godhanii fudhatu. Ta’innaan dogoggraan akkasii wallaalina uumaa hawaasa Oromoo fi fakmishoo dura rimsameen gitchisiisuu yaaluu irraa maddaa. Qaccee fixiisa yaaduun hafee Oromoof kaasaa malee waan lubbuu qabu miidhuun Safuu dha. Seenaan kan raggaasifame, Oromoon “finxalessa” akka hin taane; kanaaf malee silaa fakkeenyaaf yeroo ijoolleen saanii Universitoota Godina Amaaraatt ajeefaman jaannaba lafatt gadi buusu turanii. Amaaraa kan ofiin jedhan hunda irratt gadoo hin bahatanii, hamtuu dhugaa isaan keessaa beeku. Kanneen Oromiyaa mo’an hundi quurrama tuullaan dhiisanii. Oromoo waan aangoon harka hin jirreef rukkuttaa deebiif himatamuu hin danda’anii. Cunqursaa fi qabaa humna Itophiyaa jalaa ba’uf qabsaawaa jiru. Kanaaf, hanga qalbii dabarsutti tuttuquu dhiisuutu gorfamaa.
Qorattooti kabaja qaban yeroo afaan diinota Oromoo irraa dheedhiima fudhachuun “finxalessummaa/mataa jabaachuu” Oromoo fudhanii qillisan itt qaana’uu qabu turanii. Ilaalcha yk ejjennoo kamirraa finxalessummaan itt murtaawee? Mootummaa Itophiyaa irraa moo, goloota abdatuu sirna nafxanyaa irraatii? Lachanuuf “finxalessa” ta’uu ni danda’uu, isaan irraa bilisoomuf qabsaawaa jiru; garuu namoota nagaa birmadummaa jaallataniif mitii. Kanneen mootummaa Itophiyaa akka mesharkaatt fudhataniif mirgi addaa lamuu hin jiraattu. Sun finxalessumaa dhaa?
Empayerri Itophiyaa dullachi hoggansa Amaara Shawaa jalatt ijaarame 1991 dhumatee, mootummaa cehumsaan bakka bu’oota saboota, sabaawotaa fi ummatootaan iddoo buufame. Murni Tigraay (ABUT), saba erga mootii moototaa Yohannis IV du’ee quxusummaatt gad bu’ee sirna haaraa keessatt qooda hogganummaa taphataa turee. Sirni nafxanyaa, 1974ti gad deebi’uutt ka’e 1991 akka obbaafatett fudhatamee ture. Garuu humnooti duuba deebistuu lubbuu itt hooruu yaaluutu mullataa. Kanneen yeros aangoo fi mirga tokko tokko dhabantu amma Oromiyaa tasgabbii dhowwataa fi qaccefixiisa amma adeemuu uuma jiru. Yaada saanii miciiramaa hundee hin qabneen kan deebisanii empayera bade argatan yoo Oromiyaa fi sona federeeshinaa balleessan qofa. Suun isaan duubaan dhiibaa, aangoo mootummaan dargaggoo Oromoo foo’anii ajjeesuu fi qoteebulaa hoomaan fixuun eegalee. Akka isaan eenyuufu hin hille, waa’ee Sidaamaa, Wala’ita, Konsoo, Qimaant fi Benishangul-Gumusiin dhahuun ni danda’ama. Oromiyaa keessatt qaceefixiisi kan mootummaan raawwatame qofaa.
Malbulcheesoitooti gita hongaatuu lammoota walitt buusuuf tuttuqu ta’aa, garuu Oromoo biratt hin milkaawanii. Oromoon Amaara haa ta’u ummatoota biraa waliin rakkoo hin qabu. Hariiroon hawaasomaa hunda waliin o’aa fi tolaa turee. Bolola angoo fi qabeenyaa malbulcheesitooti afaan Amaaraa dubbatan qofatu si’ana ummatoota gargar bankaasaa jira. Malbulchesitoota sanaan gaaffi
Oromoon hiree sabummaa ofii murteeffachuu fi bilisummaaf qaban gatii dhabsiisuuf dhagaan gara hin gargalfamne hin jiru. Kanaaf tattaaffiin yakka bakka sababi hin jirree soquu ufii tokko uumuutt isaan geessaa jira. Sanaafi iyyannoon ummatoota dhugaa miciiramee faallaan saa fakkaatee kan mullatuu. Malbulcheessitoota kan saanii ta’uu himatan caalaa hireen Oromoomitii Oromiyaa keessa dhaloota hedduun jiraatanii caalaa Oromooti hidhamaa dha. Oromoon eegumsa kan tolchaniif anjaa malbulchaaf utuu hin ta’in obboloota saanii Oromiyoo waan ta’aniifii. Isaaniifuu nama fagoo fidanii of irratt fe’uu irra waan Oromiyaa keessa argamu Oromoo waliin yoo hirmatan wayyaafii. Hamajaajoti Amaaraa fi Galmistaana Tawaahidoo Oromoo utuu hin ta’in hogganoota malbulchaa fi qeesumaa isaan duuba jiran tokko tokko. Oromoon Oromiyaa alaa waan fedhan hin qabanii, kanneen olhantummaan utuu hin ta’in, isaan waliin nagaa fi obbolummaan seerotaa fi fedha saani kabajanii jiraachuu fedhan gammachuun simatuu.
Afaan Oromoon “Qeerroo” jechuun dargaggoo jechuu dha. Qaama ijaarame utuu hin ta’in yeroo dirqammi biyya abbaa irraa hamaa ittisuuf waamuun kan owwaatanii. Qeerroo akka godinichaa hamaa ta’ett yoo fudhatu tahe, Oromoon nagaa addunyaaf hamaa dha jedhanii akka fudhachuutii. Faannoo amaaraan walitt ilaalamun dogoggora; Qeerroon qaama hawaasaa dargaggoo ta’an Oromoon qeerransoota sabaa jedhanii mararfatanii; abba tokkee quuqama qabachuun fincilan mitii. Dr. Abiy Oromoo Hawwaa fi ergamsa ofii qabu. Diinoti Oromoo isa golgaa godhachuun waajjira saa maqaa qabeessatt dhimma bahanii Oromoo irratt qaceefixiisa gaggeessun saanii nama gaddisiisaa. Dhuma irratt isaan utuu hin tahin kan itt gaafatamu isumaa. Kana keessatt lammiilee walitt diruu ilaalee qaallichooti Ortodoksii tokko tokko qooda furtuu yeroo taphatan muldhatu. Waggoota lamaan darban keessa yakkoota Oromiyaa fi Godina Amaaraa keessatt raawwatan haa tarreessinee kanneen afarsituu Galmistaanaa, humnoota mootummaa fi Oromoon kan raawwatan walitt haa ilaallu; yeros qofa eenyuun eenyu irraa eeguu akka qabnu kan beeknuu.
Oromiyaan dandeettii see hunda sossostee sadoo diinota see dura yoo hin dhabbanne jarri firrisanii addunyaa iyyaatii sobaa dhiheessuu danda’u. Xiyyeeffannoon battalaa fudhatamu malee gidiraan see hawaasa subgidduu iraa dhokatee hafa. Miciiramuunuu hamaa seef ooluu danda’u. Caalaa badan utuu hin dhufin qaceefixiisa irratt raawatamaa jiru ragaa waliin gad baasuun sabgidduu irraa qajeeltuu soquun qooda hayyoota seetii. Haa ta’u malee, mararfannaan qaama sadaffaa roorrisaa of irraa faccisuutt murnnoo fi dudhama ofii bakka hin bu’u. Qabsoon Oromoo birmadummaa fi hiree ofii ofiin muteeffachuu akka waan hin yaadamne ta’anitt diinaan roga dhabsiifamu. Lafaan kan marsamte waan taateef Oromiyaa addunyaa gabra gamaatti hammana hin beekamtuu. Karaa biraa, Itophiyaan carraa yeroo dheeraaf addunyaa alaa waliin qabdutt dhimma bahuun Oromiyaan ofiijiroo tahuu see dhossuu milkaawuun akka boroo ofiitt dhiheeffachuu dandeessee turte. Addunyaan dhugaa baruuf yeroo Dheeraa itt fudhatus kan duran beekan leellisuu ittuma fufanii. Kanaaf hojiin malbeekii (diplomaasii) Oromoo, qarooma durii kana badiisa irraa oolchuuf ammallee jabinaan hojjetamuu qaba. Kunis hayyootaan akka qaaba qaceefixiisa mootummaa Itophiyaa dura dhaabbachuutt fudhatamuu qaba.
Qabsoo walabummaa dheeraa duuba kan Itophiyaa fi kolonota see, kan Oromiyaa dabalatu gidduutt Chartarri tokko 1991 kan tolfame. Akeeka Chaartara kanan lafa kaa’ame irratt hundaaweetu heerri federaalaas kan tolfame. Heericha hojii irra oolchuu ganuun aangoo bulchaa turee (ABUT/ADWUI)
Oromoon dhiiga guddaa dhangalaasanii ADWUI keessatt jijjiiramaa Hoggansaa dirqisiisuutt geessee. ADWUIn waggaa laman hafuun akka mootummaa cehumsaatt fixuutu qayyabatamee. Angoott dhufee utuu hin turin MM haaraan akka waan bara Dheeraa turuu of gochuu jalqabe. Furaa heeraa faallessuun utuu waliigaltee kanneen dubbiin laaltu hundaa hin argatin yeroo waajjira turu dheeraffatee. Sana jechuun akkuma fakmishoo saa imperialaa humnaan bulchuu abbaltii qaba jechuu dha. Garuu tibba kana finnootaa fi golooti heera sirinyaan fudhatan jiru. Jeequmsa heeraa ifaa tahetu jiraachuuf deemaa.
Bulcha durii deebisee fiduuf abaltii ifaan mormitootaa fi ummatoota mirga heerri kenneen basha’u barbaadan hacuucuutt ka’ee. Fedha ofii hojii irra oolchuuf biyyoota sabootaa fi sabaawota kibbaa hedduun keessa “Komand Post” lolataa dhaabe. Keessaammo godinaan Oromiyaa hundi Komand Post” jala oolanii. Postota sanaan dargaggoon Oromoo hedduun gaafii tokko malee qalamanii reeffi saanii bineensi akka nyaatu dhiifame. Manooti hidhaa humnaa ol waan guutaniif waabarootaa fi manooti jireenyaa mana hidhaa taasifaman. Mirkanooti kun hanga yoonaa barruun hin qabamne yoo ta’an hayyootaan battala ariitiin irratt hojjechuun jalqabamee yakkamtooti Xaddacha Qajeeltuu Sabgidduutt dhiheeffamuu qabu.
Dhugaan akka olitt dhahame yoo tahu, waci guddaan waa’ee miidhama yartuu gaaga’ama keessa ta’een, isicha guddaa fi fokkisaa golguuf dhageessifamaa jira. Roorroon mirgoota ilmaan namaa irratt raawwatan kamuu utuu hin adabamin callifamee darbuu hin qabanu. Waci garri caalu kan tolfaman gurguddoo Amaaraa Badii, kanneeen sirna koloneeffataa nafxanyaa gunaawaa dhaabuuf federeeshina diiguu sadaniinii. Yeroo burjaajii kana, Oromoomitii Oromiyaa keessa jiraatan irra miiddhaan hin gahu hin jedhamu garuu gidiraa Oromoo dhossuu fi sirna federalaa busheessuuf hammaa baafamanii dhihaachuun irra hin jiruu. Finnoota federaawan keessatt waa’ee eegumsa mirga ilmaan namaa dubbachuu fi mirga hiree ofii murteeffachuu saboota, sabaawotaa fi ummatootaa haleeluun adda addaa. Ummatooti, ifaan kolonummaan haqamuu fi empayera diiganii hariiroo haaraa ijaaruu gaafataa jiru. Kana malee humni ummatoota kana waliin jiraachuu dirquu danda’u hin jiru. Namoota seenaa ofii hin beeknee fi Oromoon hidhata qarooma Kush waliin qabachuu akka farra sametikitt fudhataniif kun hin liqifamuufii. Qorattoota alaa akka Mr. Gregory N. Cervetto, qorumsaa saanii ta’innaa dogoggoraa, irra ka’a dogogoreen akka hin jalqabne gorsuun gamnummaa dha. Amanamoo ta’uu yoo fedhan qormaata dirree wallaba dhiibbaa Habashaa irraa fagoott gaggeessuu qabu. Oromiyaan haa jiraattu!
Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!
Ibsaa Guutama
Onkololessa 2020