0

Dhimmoota Godinichaa Irratt

“Golfaa 19 irraa of eeguun hunda eeguu dha!”

“Kaasaan waloo jirachuun dinota dura tokkummaan ijaajjuuf barbaachisaa dha.”

Godinaan naannaa wayiif danga’amee. Akka martii walkeessaa wiirtuu tokkoott se’atamuu dandahu. Tokko tokkoon, Oromiyaa, kolonoota Itophiyaa kibbaa, empayera Itophiyaa, Gaanfa Afrikaa, Afrikaa akka godinoota, godina keessaatt fudhatamuu dandahu. Akka walitti aana saaniin walitt hirkannaan saaniis wal caalaa. Haa tahu malee jeequmsi isa tokko keessaa hangi miidhama wal haacaalu malee hundatt dhagahama. Godinooti gabatee yaa’a laggeen Abayyaa keessa jiranii sadarkaan wal haa caalan malee sababa Laga Abbayyaa fi doloolloo saatiif wal irratt hirkatoo dha. Masirii fi Sudaaniin bishaan dhorgachuun empayerri Itophiyaa nagaa argachuu hin dandahu. Oromiyaa fi Itophiyaan bishaan saaniitt dhimma bahuu jarris ni mormu taanaan bishaani tasgabbiin lola’ee akka dhaqabu eguu hin qabanii. Hundi saanii waan uumaan kenniteef qajeeltuun qooddachuu qabu. Bara oo’ina baaquleessaa kana hariiroo saanii walqayyabannoo fi naga qabeessatu sadarkaan bishaanii akka hin hirdhanne eegee jiraachisuu dandaha. Hundi ba’aa saa hirmaachuu qabu. Hundi akka godinaa Afriikaa tokkooti yaaduu eegallan waa’ee nageenya laga saanii waloo, akka itt qajeeltuun qoodatanii fi qabaa fi lolaan saa tasggabaawaa tahu heduu dandahu. Abbayya kennaa hunda keenya uumaarraa nuu dhufe tahuu haa fudhannu.

Godinoota empaayericha keessaa, godinaa ballaa kan Nile gara olhaanu dabalatu caalaa qabeenya qooddatan qabu. Jeeqammi golee empayeritt keessa tokko keessatt tahu sabootaa, sabaawota fi ummatoota keessa jiran hunda hubaa. Kanaaf hundi fedha waliin hamaa irraa ittisisuu qabu. Kun kan bulbulamuu dandahu yoo tokko jara kaan irratt anjaa malbulchaa, diinagdee fi hawaasomaa argachuu yaale qofaa. Hundi godinaa ofii mata mataan tiksanii fi akka Afrikaanotaatt godinaa olhaanaa bu’aa waloof eegumsa godhaniif qabu. Masir, Sudaanii fi empayerri Itophiyaa rakkina Afriikaa, Afriikaa keessatt hambisuuf dirqama qabu. Achumaanis sabi dullacha Afriikaa, murtiin Abbayya irratt tolfamu fedha saa tuqu Oromoon akka jiru irraanfachuu hin qabanii. Irra ilaaluun arba daree keessa jiru arguu dhabuu taha.

Bishaanni kennaa uumaa hundi keenya qooddannu. Doloolloon Abbayyaa gari caalan kibba empayera Itophiyaa keessaayyuu Oromiyaa (60%) keessaa maddu. Kanaaf Oromoon yoo caalaa tahuu baate Itophiyaa fi kanneen doloolloon saanii itt yaa’uu biraa gadi hin dhimamaniifii. Garuu hariiroon seenawaa haddhaawaan gidduu saanii jiru ammayyuu ifaan hin furamin jira. Lafti, qabeenyii fi mirgi malbulchaa saanii bakkatt hin deebifamneefii. Qoodi malbulcha, diinagdee fi hawaasomaan sirna federaalaa keessatt qabaachuu malan sirriitt hin maaljechisiifamne. Hardhallee federeshinichii garagarummaa sirna Nafxanyaa Itophiyaa Dullatii waliin qabu agarsiisaa hin jiru. Angoo fi qajeelfammi jara Afaan Amaaraa dubbatan biraa, Finfinneedhaa gadi lola’aa. Bittooti finnaa Oromiyaa miseensota jaarmota malbulchaa Itophiyaatii.

Oromoon mirgoota saanii malbulchaa fi diingadee ni dhabsiifamanii. Duulota Itophiyaan baroota darbaan goote hunda keessatt abba tokkeen Oromoo dirqiin madaqfamu turanii. Oromoon akka ummataatt murti tolfamu keessatt qooda fudhatanii hin beekanii. Yeroo waa’ee duulota sanaa himan akka waan yeroo diinni alaa itt dhufu waliin dhaadatee ka’u qaaquu. Sun Itophiyaaf yoo tahe malee, Oromiyaaf soba guddaa dha. Oromoo fi kolonooti lafa, mana, qabeenya fi ilaalcha lolaniif empayera Itophiyaa keessaa hin qabanii. Abba tokkeen boojuu fi kan humnaan madaqfamanii fi booddanammoo kan qaxaraman gara caalu humnaan qooda fudhataniiruu. Waliin dhaabbachuuf hariiroon madaala hin qabne si’anaa jijjiiramuu qaba. Ummatooti cunqurfamoon mirgoota saanii kolonummaan dhabsiise haga tokko deebifatanii jiru. Qacceen sirna koloummaa Nafxanyaa Itophiyaa Dullatii hangi tokko waan hafteef qabsoon bilisummaa godhamu ammayyuu hin xumuramnee. Tokkeessoo kanneen fedha qabanii, akeeka walqixxummaa fi birmadummaa irratt

hundaaween dhaabu, Oromoon dhiheessan diriira irra taa’ee jira. Garuu jarri surraa baroota darban dhagahuu qofaan yaadan sanaaf dhihaachuu hin feenee. Bowwaan walitt dufeenya gidduu jiru baldhataama deemaa jira.

Ammaa Hidhaa Gudichi Abbayyaa (GRD) irratt ijaaramaa waan mirkanii dha. Garuu Oromoo akka ummata fedha caalaa irraa qabuutt ijaarsa saaf hin mari’achiifamne. Utuu waldhabdeen epayera keessaa hin furamin dubbiin saa waan sabgidduu tahee jira. Waan GRDn dhufu keessatt, qooda fudhataatt lakkaawamuuf mirgi ofbulchuuf heera keessatt lafa kaawame kabajamuufii qaba. Sun iddoosota kennata qajeeltuu fi walabaan filataman gaafataa. Iddoosota akkasiiti kan mootummaa federaalaa, dubbii godinaa kana fakkaatanii fi waa’ee hidhichaa hordofuu dandahu kan uumanii. Hanga yoonaa hidhoota hedduutu laggeen Oromiyaa irratt ijaaramanuu Oromoon bu’aa hagas jedhamu keessaa hin argannee. GRDnis karuma sana akka adeemu hin hayyamanii. Kanneen godinicha keessa jiran hundi akka gumaacha saaniiti bu’aa argachuu qabu. Kanaafi kan nuti garaa garummaa agarsiisuuf, waldhabdeen keessaa fedha waloo akka hidhichaa haa tahu, kanneen biraa waliin hamaa irraa ittisuuf dafee furamuu qaba kan jennuu. Fedhi bulchootaa fi sabboonummaan Ityoophiyummaa kanneen Afaan Amaaraan dhaadatanii qofti sabootaa fi sabaawota hobbaatii saa keessaa bu’aa hin agarre kakaasuu hin dandahu. Wareegammi jaalbiyyummaa kamuu bu’aa lafarraa ummata ofiif malee ofii jireenya bara baraa ittiin badhaafamuuf mitii. Kanaaf godinaa fi fedha saanii irraa tokkummaan diina akka ittisan yoo fedhame sirni ofangessaa dullachi, tokkeessoo walqixxootaa fi bilisaaf bakka gaddhiisuu qaba. Loltuu dirqisiifamteen diina dura dhaabbachuu dura waldhabdeen keessaa furmaata argachuu qabaa. Yoo tokko waan du’uuf qabaatu kakaasuunuu barbaachisaa hin ta’uu.

Gurguddoon sabootaa fi sabaawotaa hanga yoonaa empayerri sirnaa Nafxanyaa fuudaaliin ijaarame akka federaalaan bakka bu’u deggeruu. Gurguddoo abdattuun sirna Nafxanyaa Afaan Amaaraa dubbatu qofatu sanatt dallananii jiru. Bulcha sirna Itophiyaa dullacha, mootummaa gunaawaa cimaa gidduu kan isaan keessatt qooda guddaa taphatan deebisuu barbaaduu. Sanatu walii tumsaa fi walqayyabanoo godinoota gidduu duubatt harkisaa jira. Irrabuusoti arrabsoo akka “zaranyaa”, addaan baastuu, federeeshina gosaa kkf. Federalistootatt darbatamuu. Tokko tokko jecha sanyii xureessaa fa’itt dhimma bahu. Jarri kun dabsatamanii toora galfaman malee godinicha tokkoomsuun silaa dandahamu, gaaffii jala galaa. Roorroon jaarraa oliif itt raawwatame utuu jiruu, hedduun waggaa shantamman darban ofiinbulummaaf qabsaawaa turan aagii tufaniifii guraarsota saanii waliin tokkummaa uumanii jiraachuuf fedha agarsiisaa jiru. Garuu kan ammayyuu hin gaabbine sana didu hedduutu jiraa.

Oromoon jijjiirama jedhame kana fiduuf hedduu itt wareeganii. Sun silaa hidhata biyya bulchu keessaa tarkaanfatoo dha kan jedhamanii, “Garee Lammaa”tt kan beekaman akka yeroof aangoo cehumsaatt dhufan gargaare. Ergamsi saanii, bakka bu’oota ummataa kennata walabaa fi qajeeltuun filamanitt angoo dabarsuu akka mijjeesan ture. Isaanumti mootummaa dhaabbataa empayerichaatt akka of jijjiiran mijjeesuuf hin turree. Kanneen bittaa hacuucaa warraaqsa ummataa kaasee, jijjiiramicha fide keessatt miltolee turan deebisanii of aangessuuf gola haaraa bakka turanitt isaan deebisu ijaarrataa jiru. Akka jecha Oromoo tokkoott, “Niitiin baate maaliif deebite jennaan, kan hafe funaannachuu jedhan” jedhamaa. Hedduun saanii deebi’aa kan jiran, yakka darbe dhoffachuu fi kan hafe golgoleessuufii. Akkaataa itt dhufaa jiraniif demokraata yk naga qabeessa tahuu hin dandahanii. Qaata iyyaatii ukkaamsuu, walgahii dhowwuu, ijaarama dhowwuu, sochiitt gufuu tahuu, seeraa alatt ajjeesuu, qabu fi hidhuu eeqalanii. Sanan carraa argannee jedhanii, abdattuun sirna Nafxanyaa keessa gugachuun sirna federaalaa balleessuuf qophaawanii jiru.

Qilleensi malbulchaa si’anaa akka agarsiisutt empayerichi salphaatt deemaa hin jiru. Taatoti malbulchaa jijjiiramaa fidu jedhamee abdatames ilaalcha xaliila hin qaban, joonja’anii jiru, daddaaqoo, dudhamaa fi kutannoo hin qabnee tahanii jiru. Kaan saanii sammuu garbummaa daawitii goftolin saanii kennaniif qofaan waa ilaaluu dandahanii. Gara biraanimmoo ummatoota ofbara malbulchaa guddaa irra gahan, gaaffota taliila qabaan, hiree ofii harkatt galfachuuf hogganoota jaalbiyyaa tahan kaasaa saaniif dudhama qaban kan eeggatantu jira. Qabsich amma hidhata dabaanbuloota harcaatuu EPRDF fi abdatuu sirna

kolonummaa Nafxanyaa gidduu fi ummatoota walqixummaa, dimookraasii, birmadummaa fi jireenya nagaa tasgabbaawaa hawwan gidduutt tahaa jira. Gareen ummataa dabsachuun tokkeessoo walqixootaan bakka hin buufamu taanaan empayerichi gara qaama saa hundatt caccaba. Miltoo waliin tokkeessoo ummatan hin argatan taanaan Oromoon gara Oromiyaa Ofiinbultuu, demkaatoftuu Republika Ummataa waggoota shantamaaf qabswaniifitt deemu. Afrikaanoti gargarummaa saanii secca’achuuf carraa akka qabaatani dhiifamnaan, furmaata hundaaf tahuu fudhatanii gadbahuu dandahu.

Kan kanaa olii haala addunyaan amma keessa jirtu herrega keessa kan galche mitii, garuu kandarbeef qaabannoo akka tahuufii. Si’ana addunyaan Golfaa 19 (COVID 19) jedhamuun falammtee jirtii. Dhuma irratt eenyutu akkamitt irraa hafee maal gochuu dandaha kan jedhu beekuun rakkisaa dha. Hariiroo malbulcha, diinagdee fi hawaasoma ilmaan namaa irratt maal akka fiduu dandahu qaata agarsiisuutt ka’ee. Warraa fi maatiin walitt dacha’uun dhiphini fidaa jiru salphaa mitii. Wal nuffuun, bakki itt dhiphachuun, hidhamuun itt dhagahamuu sammuu irratt wanta fidu se’achuun salphaa hin tahu. Gamni akka barumsa irraa argatu beekamaa yoo tahu, daallichi akkuma utuu homaa hin qayyabatin darbuu danda’aa. Aangoo, qabeenya fi beekumsi ilmaan namaa balaa uumaan fide kana hambisuu hin dandeenyee. Wareegama hedduu baasee dhuma irratt furmaata ni argataaf jennee abdannaa. Garuu hariiroon ture akka jirutt hin hafuu. Kanaaf duuba waan dhaqabuu dandahuuf qophaawuunis gamnummaa dha. Afrikakaa keessaa garri tokko tokko meeshaan qunnamtii dhibuu yk hogganoti irraa kutuun iyyaatiin hanqatee jabaatt rukutamu dandahuu. Innichi boodaa kun fixaqacceett hedama. Sunis balaa golfichaan bu’u hammeessuu dandahaa.

Addunyaanis ummati keenyas golfaa hedduuf muxxanoo qaba. Hedduu saanii keessatt du’aa ofiillee kan awwalu dhibuutu himama. Golfaa haaraa si’anaan, walitt daddabarsuu sodaan awwaala, du’a ga’ii fi kan dhukuffate gaafachuu irraa nammuu qaata baqachuutt ka’e. Sodaan duunee eegurra uumaa saa hubannee tasgabbiin of eeguuf haa qophoofnuu. Kanaaf yeroo yeroon jijjiiramaa jiratu baruuf ogeeyyii fayyaa hordofuun gorsa saanii hojii irra oolchuu fi qaroo ofittis dhimma bahuu yaaluu dha. Kan beekamuu qabu akki itt yaadnu, jiraannu fi itt waa tolchinu golfaa kana booda jaallannus jibbinus jijjiiramuu akka dandahu. Kanaaf kan balleessine hunda utuu yeroon nutt hin darbinii fi fudhannee gad hin bu’in haa sirreesinuu. Yeroo kun darbu kan hubame hedduu akka hin taanee haa hawwinuuKanneen dhabnu hangamuu yoo tahan, kan irraa hafan addunyaa fi ifaa haa ta’anii. Golfaa 19 diina eenyuunuu bara dhalootaan, saalaan, sanyiin, sabummaa fi amanteen hin faanfanne irraa of eeguun wal eeguudhasii. Dina biraas akka sanatt waliin ittisuuf kaasaan waloo jirachuun barbaachisaa dha. Kanaaf feha waliin eeggatan qabaannaan, tokkeessoo fedha hundaan uumamee, hunda faanfana malee walqixxeett tajaajiluuf hundawe qofatu, diina dura dhaabbachuuf waliin isaan kaasuu dandaha. Golfaan 19 wal ciiga’uu barsiifanne caalaa wal qabaachuu keenya akka hubannu nu tolchee darba taha. Oromiyaan haa jiraattu!

Golfaa 19 irraa of eeguun hunda eeguu dha!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Bitootessa 2020

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *