Finnaaan empayera Itophiyaa Nafxanyaa jalqabaan, arjooma “Hirmanna Afrikaan” jarra 19faa koloneeffama biyyoota kibbaa Itophiyaan bu’uurfame. Moototi harka waljijjiiran hundi jijjiiramaa guddaa akka waan tolchanii dhadataa turan. Haa tahu malee yoo irrakeessaa haxaawuu hin taane jijjiiramaa bu’uuraa kan fide hin turre. Mootummaa Habashaa bucuree, koora gaaraa irra turte qofaf bu’urfami saa jijjiiramaa guddaa fiddee ture. Wallaansoon amma jiru, kanneen baras koloneeffamanii mirga hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuun hariioo kolonummaa raawwachiisuu akeekkatanii fi kanneen sana ukkaamsuu fedhan gidduu dha. Qabsoo qindaawaa waggoota shantamaa ol taasifameen akka lamuu hin dandamannett kolonota kan turan empayericha bu’uuraa sochoosanii jiru. Amma garuu yeroo ummatooti dammaqanii mirga saanii harkatt galfachuu gahan kana, keessaaf alaa gufuun itt heddummaataa jira. Hogganooti cunqurfamootaa lallaafanuu, ummati bilisummaaf dudhama qabuu fi duubatt harkiftuuf akka hin jilbeenfanne murachuu saa agarsiisaa jira.
Jijjirama dirqisiifameen Itophiyaaf hogganooti bakka dur hin beekamnee argamanuu, akkaata itt hojjetan jijjiiru hin dandeenye. Kanaaf shakalli tokko tokkoon saanii caasichuma eegalaan masakama. Innimmoo nafii fuudalii Habashaa wiirteffataa, koloneeffataa, duubatt harkiftuu fi hacuucaa afaan Amaaraa dubbatu. Kun hubannoo bara Abbaa Gonfoo, Dargii, ABUT/ADWUI, SDUKE /ADWUI. OPDO/ADWUI argame.Hundi saanii gaaffii Oromo deebisuu waan hanqataniif tasgabii fi dhuma nagaa hin argannee. Malbulcheessitooti tarkaanfatoo dullachi hawaasa keessa jiraachuun dargaggoo fi kanneen anga’oo tahaniif tolaan hin laalamu ta’a. Dargaggoon of bulchuuf yoo ariifatan, aanga’oon soda kan dhossan dullootii saaxiluun, dhaloota haaraa nutt dammaqsuu qabu. Manguddoon ergamsa saanii bahachuun dirqama dhaloota warraaqaatii. Kan darbee fi kan ammaa walitt hidhun doggogorri akka irra hin debi’amne gorsuu
Gaaffiin Oromoo gaaffii sabummaati jechuun ni dandahama. Gaaffiin erga qabamanii jiraatuyyuu kan bifa qindaaween dhihachuutt kahe naannaa kurnan shanii, bu’uurfamu ABO ka’eetuu. Mirgoota malbulchaa, diinagddee fi hawaasomaa kan dhaban akka sabaattii. Akka sabaatt tufatamuun ni salphatatanii, ni deegan, ni miidhaman ni doofamsanii. Gaaffiin saanii deebii dhabnaan, gadigaloo ta’anii jiraachuu dadhabuun qabsoott bobbahanii. Gaaffoti kun deebii mamii hin qabne argatan malee qabsoon saanii dhaawataa tahu akka dandahu ganama murteeffatanii. Sirni Haaraan Addunyaa bilisummaa sabootaa fudhatee erga seenee, kurnoota lakkoofsisuyyuu Itophiyaan ammayyuu jaarrrrraa 19faa keessa jirtii. Qabamuun miidhammi hammaa bahan Oromo irra gahuyyuu, sanaan walbaruu saanii anjaatt jijjiiran godinaa Africa kana fakkeenya nagaa fi guddinaa gochuu ni dandahu turanii. Garuu sadarkaan guddina keenyaa waan halle xiiqiin ilaaluu malee, baldhifnee ilaaluun hunda keenya utuu hin hubin fedha keenya walii eegnee olla walirratt hirkatoo tahuun wanti hin dandahamneef hin jiru.
Erga qabsoo jalqabanii Oromoon yaada furamataa utuu hin laatin yeroon hafan hin jiru. Garuu kan silaa deebii kennanii fi gorsitooti saanii, Itophiyaa Dullatii keessa dhaabbatanii furmaata gar tokko qofaa darbatu. Isaan achuma haa jiraatan malee, haalli empayera Itophiyaa Dullattii qabsoo cunqurfamootaan jijjiiramee jira. Barsiifata qofatu cichee hafuu barbaada. Oromoon akkuma dafqaa fi dhiigaan fidan jija
saanii dhiigaan eeggachuuf qophee tahuu saaniii gahaatt agarsiisanii jiru. Akki Itophistooti Itophiyaa itti ilaalanii fi akki sabboonoti Oromoo itt ilaalan tokko maaf hin taaneen lola kaasuu hin qabu. Ummata aadaa, dudhaa, afaanii fi seenaan jara irraa adda tahuun saanii irraanfatamuu hin qabu. Garaagarummaa jiru walii baranii, diriira irratt dhihaatee walitt araaraama yoo tahe qulqullina garan ilaaluu dha.
Oromoon Oromiyaan keenya jedhu. Keessan mit kan jedhutu sibila itt kaasa, afaan itt darba malee, isaan dangaa darbani firummaa malee waan barbaadan hin qabanii. Dhugaa lafa jiru waliin ilaaluu dadhabnaan, irraa ka’a adda addaa qabannee waliin haasa’uyyuu hin dandeenyuu. Kan wal nu lolchiisu sirna, sirna isaanii loogee nu hacuucee. Nagaa fi jaalalaan waliin jiraachuuf sirni Empayera Nafxanyaan bu’uurfame diigamee, haaraan sabaa fi sabaawoti fedha saanii bilisaan irratt waliigalaniin bakka buufamuu qaba . Ofirrummaa fi ofittummaan hin jiru taanaan kana waan walii hin fudhatamneef hin jiru. Amma erga sirna sanatti cuqurfamoota deebisuun hin dandahamne, maal habaasuuf dhama raasuu jedhamaa.
Murnooti ummatootaan hin filamne yk karaa qajeeltuu fi bilisaan hin filamne, ummataaf abbaawummaan itt hin dhagahamu. Barcummi tahitaa Itophiyaa harka fi danaa jijjirrate tahuyyuu ilaalchi isaan ummatoota koloneeffamaniif qaban hin jijjiiramne. Hundu qabeenya saanii saamuu, quurrama saanii ukkaamsuu fi akka itt hoggansa dhabsiisuuf sababa barbaaduu. Fakkeenyaaf ajjeechaa, keessaayyuuu kan barattoota Oromo biyya Amaaraa fi hoomaan ajeejaa fi hidhaa Oromiyaa keessaa angoo irra kan jiran kan ooffalchan yk irra ilaalan kanaafii. Jijjiirrammi fedhe haa tolfamuu waajjirbulchiin sirna nafxanyaan bu’uurfame diigamu malee kan aangoo irra bahan hundi akka kanneen isaan dura ofirrummaa agarsiisuun hin hafu.
Erga Abbaan gonfoo kufee, Mootummooti afur harka waljijjiirun imaammata addaa erbala irratt baasanii jiru. Garuu hariiroo bulchaa fi bulfamaa gidduu jijjiiruu kan hankaakeef, caasaan sirna fuudal caalaa jabaa fi malbulcheesitoota abba tokkeef kolomsiisaa waan taheefi. Kanaaf, jijjiiramaa irbuu seenanfi irra ilaaluu filatu. Akkasitt, hariiroon ummatoota koloneeffamanii fi finnaa gidduu bulchaa hunda jalatt hin jijjiiramin kan hafe. Hundi kennata “demokraawa” gaggeessina jedhanii fakkeessanu, fedha ajaja gidduu dabarsuu fi jibba kennata qajeelaa fi bilisaa waan qabaniif shira itt hojjetu. Shirri kennataa galmeessuu dura jalqabee “irba” (sagalee kenname) lakkaawuu booda dhabbata. Kun uumaa miira finnaa gunaawaatii. Kennat federeshin haarawee sirna Itophiyaa dullatiin gaggeeffamuu hin qabu. Kan amma karoorfame sirna gunaawaa demokratawaa hin taane irratt waan hundaaweef qajeelaa fi bilisa tahuu hin dandahu. Kanaaf dura mirgaa fi dirqama federeshina harawee irratt waliigalame kennatichi qama inni uumuun gaggeeffamuu qaba. Yeros qofa kan hundi carraa walqixxee buufachuuf, haa tahu honga’uuf qabatu.
Kanaaf kan yaada qajeelaa qabaatanii aangott olbahan hunda dura sirna dullacha diiganii jijjiiramaa hojiirra oolchuu qabu malee sirnni sun akka barsiifatett malee akka isaan fedhanitt hin hojjechiisu. Oromoof kanneen hamaa waggoota dhibboota darban muuxataniif barooti sun “jaannaba” waan tahaniif kan irraa baratan haa tahu kan oolfatan hin jiraattu. Sana jechuun kan sirna malbulchaa darbe jaallatan hunda miti jechuu dha. Kanaaf, sirna ammaa fi egeree isa irratt ijaarra jechuun hedduuf muuxannoo cunqursaa, garboomfataa fi qaccefixii dandamachiisuu jechuu ta’a. Kanaaf, jalqaba basalgaa haaraatu barbaadama.
Ummati mirga ofiif dabaan loluun jija guddaa galmeeffatanii jiru. Heerri Itophiyaa ABUT/ADWUI jalatt waliifudhannaa ummatooti koloneeffamanii turan argatan keessaa tokko. Sababa sanaan gaaga’ooti durii gaaga’amaa fakkaatanii ilaalcha ambaa addunyaa afanfajjeessuuf iyyuutt kahanii. Yoomallee suduudaan angoo irra hin jiraanne, waan Itophiyaa Dullatii ilaalu hunda irratt kaan seexaa yakkaa irraa kan kahe, kaanimmoo kan darbe yaaduun waca isaan uumaniin eenyummaan saanii hubatamuu dandaha. Tokko tokko sirna hacuuccaa fi qaceefixaa nafxanyaatt akka boonan ifatt himatu. Kun diinni dhugaa akka fuulleett hin mullanne haala jiru dimimmiseessaa. Garuu hanga murni tokko caasaa empayera Nafxanyaa hin jijjiiramin irra jirutt, inni itt gaafatamaa saa taha
Empayerri Itophiyaa sirna Nafxanyaa koloneeffataa irratt, fedha murna Amaara Shawaan hogganamu tajaajiluuf bu’uurfamee. Qabsoo ummatoota koloneeffamanii xiiqiin guutame booda, hariiroon sun jijjiiramaa jira. Federeeshina demakraatawaa dha jedhamee caasaa uumame duubayyuu, caasaan empayerichaa itt cicheema jira. Mataa irra, ammayyuu murnoota fi namoota eenyuunuu bakka hin buune garuu fedha empayerich uumameef tajaajilantu jira. Injifannoon ummataa dhugoomuuf sirnni empayera nafxanyaan ijaarame diigamee tokkeessoo demokraatawaa ummataan bakka buufamuu gaafata. Kana malee, ummatooti sirna humnaan jala seensifaman, mirga saanii dhalootaa hiree sabummaa ofii, ofiin murteeffachuutt dhimma bahuun murti ofii mata mataan fudhatanii jalaa bahu dirqamu.
Bilisummaa demokraataweef danqaraa kan tahan kanneen sirna Nafxanyaa qaata burkutaawe yaadanii. Yoo tartiibi ittiin tolfame dogoggora taheyyuu sirni federalaa Wayyaanee fi ogeeyyii heeraa alaan yayyabame jira. Wayyaaneen dhala Tigrawayi kan sirnicha empayera uumuu keessaa harka qabaniitii. Kanaaf jibbaa fi tuffii ummatoota kolonii qabaachuu irraa qulqulloomuu hin dandahu. Mootummaan federaalaa kora finnoota miseensa itt tahan hunda haammatu sagalee walqixxee qabaniin midhaagsamuu qaba. Unkeffami isaa sagalee guutuu irratt kan hundaawe malee ajaja bucuu yk wayyabaa tahuu hin qabu. Kanaaf sirni federaalaa amma jiru keessa deebi’amee ilaalamuun eeyeelakki (referendum) ummatootaaf dhihaachuutu eegama. Wanti hawwamu hundi kan dhugoomu jaarmaa cimaan, sochii diinaa alaa fi manaa dursee beekuun ofirraa faccisuu dandahu yoo jiraate qofa. Oromoof sirna halagaatu diina saaniitii. Sirni kamuu kophaa itt dhufee hin beekuu. Amma garuu, qooda eegaloota alaa irra ilaaluu dhiisanii, damboobfachuu yaaluu qabu.
Federeeshinni akkasitt uumamee, mo’ummaa ummatootaa qeenxee fi walitt qabaan ni beeka. Yaa’icha keessa, hiroon aangoo finnootaa fi mootummaa federaalaa gidduu waan lafa kaa’amuuf, qabatteen sabaa fi sabaawota akkasumas abbaa fedhoota wal lolchiisu hin jiraattu. Waan mirgoota ilmaan nama ilaalutt ida’ati gahaan akka “Labsa Mirgoota Ilmaan Namaa Bakkahallee” fi heera amma jiru irra kan jiranuu dabalamuu dandahu. Toko tokkoon finnoota federawanii daangaa ofii keessatt moo’ummaa qabu. Achitt mirga ummataa fi abba tokee kabachiisuun gahee saaniitii. Jeekkarri waa’ee amantee, lafa kootii fi mallattoo imperiyaal, deebii achii argachuu dandahu. Eegumsa firootaa finnaa biraa keessa jiranii, Masjiidota, Galmistanota yk bilisummaa hooqubaa galchuu, ofiitt fudhachuun murnootaa si’achi barbaachisaa hin tahu. Karaa fedheen, ummatooti abbootii mirga saani tahanii, tokkeessoo demokraatawaa walqixootaa fi bilisaa, empayera kolonummaa bakka buusuu yk sun yoo fashale republikoota ofiinbuloo mataa mataan ni ijaarratuu.
Qabattoota malbulchaatt furmaata gochuutu ummatoota misooma diingdeef kakaasuu dandaha. Ummataaf, hariiroon lafa, qabeenya fi firii dafqa saanii waliin qaban mirkanaawuufii qaba. Olaantummaan seeraas iggitii gaafataa. Kun kan dhugoomuu dandahu, yoo akka olitt ka’ett hariiroon malbulchaa waliigaltee sabootaa fi sabaawotan qadaadame. Kanas tahee sanaa, jijjiirammi fedhe haa abbalamuu, wajjirbulchi sirna nafxanyaan bu’uurfame diigamu malee kan aabootti bahan hundi kittaa xaxaa saa keessa seenuun miirri saanii akkuma kanneen isaan dura turanii taha. Sirni Nafxanyaa, hundi kan saa akka tahu waan fedhuuf, isa malee kan biraa akka ofi irratt hirkatu hin fedhu. Sirnichi kan madaqse hundaa waliin araadi qaba. Koloneeffatoon Lixaa, Kolonummaa Haaraan koloonta saanii duriitt deebi’anii qabachuu yaaluun sana, dhugaa bakkahalle fakkeessaa. Kanaaf, matajaboon horee Nafxanyaa jijjiiramatt tahu kan dadhabanii. Sirni empayera dhommoquu kan dadhabe akka miira sana calaqisuuf waan tolfameefii. Saboota, sabaawota fi ummatoota erga qabamanii takkaa sirna Empayerri Itophiyaa hacuucaa sana ofirraa lolachuu dhaabanii hin beekanii. Isaan addaanjiroo hooda, seenaa, aadaa, dudhaa fi afaan ofii qabanii. Dirqiitt kan Itophiyaa keessan jechuun ofirrummaa dha. Si’achi Sirni Nafxanyaa Sirna Addunyaa Haaraa waliin waan hin deemneef hin hojjetuu. Kanaaf falli jiru, tokkeessoo haaraa federaawaa, walqixummaa, fedha bilisa fi birmadummaa irratt hundaawe uumuu dha. Oromiyaan haa jiraattu!
Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!
Ibsaa Guutama
Guraandhala 2020