0

Tuqaalee Seenaa Oromo

Cuunfaa –

Oromoon dame ummata Kushitik jedhamanii beekamanii. Kush qaroomaa dullacha addunyaa keessaa tokko. Baqqaana Afrikaa gara bahaa Mediraniyaanii kahanii kibbaatt hanga daarii Baantuu fi Nilotikootaa yeroo hin beekamnee kaasee jiraataa jiru. Tikfattee waan turaniif Kaabaa Kibbatt godaanani. Kaabatt deebi’uu irratt lafti saanii fi firooti saanii halagaan waan qabamaniif duula guddaa jaarraa 16faa   fiixee dagaaginaa irra gahe bobbaasanii. Lola empayera Habashaa fi  Adaal waliin tolchaniin  biyya saanii walaboomsanii turani.  Jaarraa 19faa keessa Mootiin Habashaa aangoo imperialistoota Awuroopaan gargaaramee koloneeffachuu dandahe. Qabsoo saaniin empayera jarjarsanii mirga sabummaa saanii hiree ofii ofiin murteeffachuu akka fudhatu godhanii jiru. Sanaan federeeshinni dhaabbatuyyuu hardhallee bilisummaan heeraan beekame guutummaatt hojii irra hin oolee. Kanaaf dhaaboti malbulchaa Oromoo tokkummaa sabichaa jabeessuuf haa tahu bilisummaa Oromiyaa mirkaneessuuf tokkumaa saanii jabeeffachuu qabu. Kan federeeshina bulchan seerawummaa haaraa ummatoota irraa argachuu malee kan Masaraan Minilik kennuufiin bulchuu hin qabani. Waggoota dhibbaaf kan mullataa jiru sana. Nagaatu fedhama taanaan federeeshinaan hariiroon kanaa dura koloneeffataa fi koloneeffamaa gidduu jiru cite haaraan ummatoota empayeritt du’aa jirtu gidduutt tolfamuun dirqii taha. Koloneeffataan si’ana qaamaan hin mullatin malee sammuu qaccee saanii keessatt dhandhnamtee jirti. Hololli, seenaa bilisa tahe, gootota fi mallatoolee waliin qabna jedhu dhaabbachuu qaba. Seenaa saanii borcuun, fedha saanii ifatt himame malee eenyummaa diina saanii kennuufiin ummata garaagarummaa diina saanii waliin qaban himachuuf guddaa baasan hamma tuffachuutt fudhatama. Kan darbe walitt nu naqe malee homaa nuuf hin buufne. Seenaan qabnu kan garboomfataa fi garboomaa, goototi qabnu diina walii kan tahan fi mallattoleen nu irratt fe’aman kan garboofataan qabatee ittiin nu cabsee. Haala jiruun subboonaan Oromoo fedhaan “bandiraa” Itophiyaa qabatu hin jiru. EPPn unkeffamun, hanga goolota hedduu keessaa tokko tahee hafett rakkoo hin qabu. Gola demkraatawaa yoo tahe kan ittaanu fudhata: mirgi sabootaa hiree ofii ofiin murteeffachuu mamii tokko malee hundaan irra deebi’amee mirkanaawuu qaba. Sanatt haanee, tokkeessoo haaraaf dhoofsisi fedhaa fi walqixxummaa sabootaa fi sabaawotaa irratt hundaawe gaggeefamuu barbaachisa. Sana duuba empayerri raawwachuu fi tokkeessoo haaraan walqixxoota wal amanan gidduutt jalqabuutu labsamee jireeny haaraan jalqaba. Yoo sun hankaake, Oromoo fi kanneen biraa hundi walabummaa saanii labsachuun qajeelaa dha. Durfannoo tartiiban keenyee ciigoo fi waliin dhaha malee haa dhiheesinu. Itt fufnee waliin jiraachuuf boqonnaan wal sobaa raawwatee tokkeessoo haaraa dhaabbachuun wal amanteen haa dhichinu.  


Godaansaa

Akki abdattuun sirna Nafxanyaa “Andinnat Haayil “ jetttee of moggaafte itt Oromoo ilaaltu ammayuu jaarraa 19th keessa jira. Oromoon akka of itt ilaalan gabaabsinee itt haa himnu. Eenyummaa Oromoo fi eenyuu waliin akka jiraachuu qaban Oromoo alaa humni ithat tt himuuf mirga qabu hin jiru. Biyya saani Oromiyaa si’achi kan kukkutee tokkumaa Oromoo diiguu dandahus akka hin jiraanne dhaloota Qubee irratt abdiin qabnu daangaa hin qabu. Ilaalcha keenya ganamaan kan qota itt baase afoola. Durdurii galgala galgala abida bira teenyee angafoota keenya fi walirraa hodeeffannu. Isaanis angafoota saanii irraa dhagahaa dhufanii. Barreessuu fi dubbisuu erga barree iyyaatiin barruulee adda adaa irraa argannee isa ganama sana nuuf gabbisan. Akka sanatt, Oromoon qaccee Kush keessaa tokko yeroo hin yaadatamnee kaasee baqqaana Afrikaa kana, Mediterraniyan hanga Qixxeessoott (Equator) daarii Baantuu fi Naayilotikiitt jiraataa turan. Angafummaa horeen Kush naannaa kanatt qaban keessaayyuu kan Oromoo haaluuf gita bittuu Amaaraan wanti hin tolfamin hin turre. Karaa daftarootaan, bishaanii bahan, Hindii fi Madgaskar fa’ii dhufan kan jedhutu facaafame. Kan “Seexana” irraa dhalatan jedhanis turanii. Maqaa Oromoon ittiin of hin waane “Gaallaa” moggaasuun of irraanfachiisuu yaalanii jiru. Durdurii Daftarootaa kana soba buusisuuf, tokko kan biraa, bira qabanii ilaaluu malee fagoo dhaquu hin feesisuu.  Hundee hin qabu.

Nammii akka Bates illee Oromoon ummata naannaa kana hunda duraa tahuu hubachuun akkas jedha: “Gaallan (Oromoon) sanyii durii, durii somaa abbaa biyyootaa kan tarii ummatootii naannaa hundi Afrikaa gara bahaa jiran irratt sutaman tahuu hin hafanii.” (Bates 1979 Gadaa Melba keessatt). Qarooma Abbayya ol haanuu fi gad haanu keessaas qooda qabaataa akka turan heduun ni dandahama. Gadaan itt fufa qarooma Ijipt bade akka tahe kan dubbatan jiru. Sirni hawaasomaa fi malbulchaa saanii Gadaan hunda hamataa fi seenaa ilmaan namaa keessatt hanga yoonaa kan beekamaniin addaa. Oromoon wanti tokko tokko hawaasaaf waloo akka tahe manguddoon dubbatu (Ashannaafii Waddeessoo). Oromoon tikfattee waan tahaniif horii hordofanii bishaanii fi dheeda barbaacha godaanaa turan Yero gareen tokko godaanu kanneen dubatt dhiisan qonnaa jiraataa turan. Jarri kun halagaa caalaa ijaaramanii hedduminaa fi humnaa isaan caalaniin qabamanii turan.  tikfateen caalaatt yeroo gar kibbaatt deeman olloti saanii kaabaa qabiyyee baballataa faana saanii duukaa bu’anii gad siqu turan.

Grikooti jara Abbayyaa gad haanuu fi gurraacha tahan hundaan Itophiyaa jedhu. Ummati maqaa sanaan of waamu garuu hin turre. Maqaa masoo bifa saanii gurrachatt “jara fuula gubataa” jechuun qoosu. Kushotii jara sana keessaa tokko fi sana jedhamuuf warra duraatii. Argaa Dhageettiin Girikoota, Itopiyaa jechuun iyyaatii waa’ee Kush hedduu barreessanii turanii. Ummati  jalqabaaf, gorsa faranjiin Itophiyaa ofiin jedhe Habashoota. Sana gochuun seenaa Kuushiif himame hunda keenya jedhani. Waggootiin 3000 himatanis sana irraa dhufaa. Isaaniif taanaan seenaa kamiinuu roga dhabsiisuu haa tahuu hatuu irraa hin deebi’anii. 

Gadaan itt fufa qarooma Abbayyaa durii  badee tahuu meeshota dhahaa fi muudaa irra akka mullatu beekoti ni himu.  Sirni saanii hawaasomaa fi malbulchaa, Gadaan sirna qarooma guddaa keessatt yayyabame tahuun kan hubatee caqaseef ni beeksisaa. Oromoon wanti tokko tokko qabeenya qixxeeti jedhanii amanu. Isaan keessaa, Gadaa, Odaa (Gaaddisa jilaa), Malkaa, Karaa fi Gabaan qixxe jedhu manguddoon (Ashannaafii Waddeessoo). Demokrasii ammayyaan walbira qabaa ilaalaa. Oromoon eraga tikfattee tahanii dheedaa fi obaa barbaaduun horii saanii offatanii godaanuun jireenya saanii ture. Yeroo garri tokko godaanu kan duubatt hafee akka qubataatt qonnaan jiraataa ture. Jarri kun, halagaa ijaarame, humnaa fi baayyinaan isaan caalu irra dhagala’ee qabateenii ture. Kanneen godaanan hanguma gara kibbaatt deemaniin ollooti saanii kaabaa fana saanii duukaa bu’uun caalatt qabiyyee ofii ballifataa deemaa turan. Gimbii Zimbaabwee Oromootu ijaare kan jedhu yoo fudhanne achi gahanii bakka dhufanitt deebi’an jechuu dha.

Deebii

Tarii jaarraa 12faa jalqabee Oromoon bakka irraa kahanitt deebi’anii firoota saanii bilisa baasuuf karaa jalqaban. Sirna Gadaa keessatt, hawaasi hiriyaa, hiriyaan qoodama. Hiriyaan tokko, waggaa sadeet saddeetiin bakka murna hiriyaa isa dura jiru bu’aa deema.  Gadaan Lubaa, dhuma wal jalaa siqaa kanatt waggaa saddeetiif mootummaa dhaabuuf filatama. Gogeessi (partii?) Lubaa wal jalaa taraa sabicha bulchan, shantu jira. Gadaan tokko waggaa afurtama duuba aangoott deebi’aa. Tokko tokkoon gogeessa Gadaa, bu’aa caalaa argamsiisuu fi sabicha wayyaatt hamaa irraa tissuuf kan isaan duraa irra wayyaa tahee argamuu yaala. Tibba seena qabeessa jaarraa 15faakeessa isa dhaqabetti jiruun diina cabsanii qabiyyee saanii duriitt deebi’uu kanitt kenname. Duula yaa’a guddaan Madda Walabuu jalqabee jaarraa 16faa keessa dagaagina irra gahetu sossofame. Biyya qabame gara caalu gaddhiisisanii frota saaniin “Oromduri” jedhaniin walaboomsan. Afoolli akka dubbatutt Odaa Nabee wiirtuun malbulchaa dur durii yeros walaboome. Yeroo sana battala muummicha saanii Odaa Nabee fi seera tumuu keessatt bakkoota hoodaa, akka Dhaga Sadee fi Handoodee Tumaa, Qaallitii si’anaa biyya Galaanitt dhihoo jiran akka tahan kan murteessan.  Battalli ajajaan wiirtuu duula bilisa baasaa jaarraa 16faa Odaa Nabee akka tahe himama. Dursee kanaaf raajiin ture. Dulli kan dhaabbate daarii Beejjaa, Agawu fi Tigrayitt.

Sochii bilisummaa

Waraana sanaan empayera lama, Itophiyaa fi Adaal dabsatan. Kun durumaan hidhata utuu hin qaban taheen hin dandahamuu, ilmaan namaa commee halkan tokkoon biqilee lafa guutu mitii. Jaarraa 19faa keessa ollooti saanii kaabaa sirna Nafxanyaa jedhamu kan meeshaa ammayyaa abidda tufu fi gorsa ogeeyyii Awuropaan gabbate ijaaratan. Awuropaan kan sana tolche Afrikaa keessatt ta’iisa “Hirmacha Afriikaa” jedhamuuf miiltoo ummachuufii. Sirni Nafxanyaa fixiisa qaccee geessisuun dilormaa biyyoota qabamanii walakkaan gad cabsuu saa daawwattooti barasii Awuropaa dhufan galmeessanii jiru. Jaarraa 21faa keessa nammi gocha akkasiitt gammadu fi ittiin dhaadatu jiraachuun kan agarsiisu maraatummaa namota sanaa qofaa. “Yaandinat Haayil” kan ofiin jedhan guutummaatt akka muka dubbii, wayitt hin galle tahuu saanii of saxilanii. Kan ofii haalan caalaayyuu namoota sammuun utuu hin tahin garaachaan yaadan qaxaranii seenaa sobaa homaa isaanii hin baafne facaasaa jiru. Jarri kun Ogeeyyii fayyaa sammuun gargaaramuu qabu. Weerartuun ummata hidhuu, ajjeesuu fi butuu kkf. fi sabootaa fi sabaawota qabaa saanii jala jiru saamuu fi barbadeessuun hirree siibilaan moo’aa turan. Hamilata (project) hin dhumne qabatanii ofii qabeenya suduudaan utuu hin hoomishin, hoomishaawummaa ummata koloneeffatanii cuunfaa turan.  Sun jaarraa tokoo oliif golee adda addaa Oromiyaa keessatt kaka’a uumataa ukkaamsaa jiraate. Sun tasa harkaa baatee, deebfachuuf ifaajjeen isaan tolchan waan kolfaa isaan godhaa jira.

Oromoon 1960 jalqabanii faffacaan haa tahu malee akeeka malbulchaa fi hawaasomaa sirriitt ibsame qabatanii kahan. Amaarri tarkaanfatoo ofiin jedhan roorroo Oromoo irratt raawwatama jiru mormuun isaanii hin tumsine. Kan soshaalist ofiin jedhanis gaaffiin sabummaa qabsoo gitaa booda deebii argata ittiin jedhanii. Sun baasaa barichaa tahus kutattuun Oromoo sanaan utuu hin dagamin sochii bilisummaa itt oofani. Dhuma irratt, ABOn dhaabi deggeraa tokkummaa Afrikaa tahe, walabummaa Oromiyaaf sagantaa qabatama fudhatee, hamilata (projekt) nafxanyaatt xumura gochuuf kakatee as bahe. Sana hankaaksuuf sochoota mormituu hedduutu kahe, garuu dhiicha bilisa baasotaa dhaabuu hin dandeenye. 1991 keessa mootummaa Amaaraa isa dhumaa finqilchuun riphee lolaan aangoo qabate. Sanaan biyyi Oromoo sirni Nafxanyaa bakka hedduutt kukkute ture baka tokkott deebi’ee maqaa Oromiyaa fudhate. Qabsaawoti sabootaa fi sabaawota keessaa walitt dhufan yeroo cehumsaaf Chartara itt bulaan labsan.  Kanaafi kan Nafxanyootii ayyaana dhabina fi Oromoo irratt tahitaa dhabuu saaniif ABO kan jibban.

Jijjiirama

ABO sirna Nafxanyaaf diina tahe, akka diina ummataatt dhiheessuun Amaara of gula yaasuu fedhu. Qananii lafaa fi dafqa saanii keessa argatan malee, mirga dhabuu fi gidiraan Oromoo dhimma saanii miti. ABOn rakkina guddaa keessatt jijia hedduu galmeesse. Isaan keessaa walabummaan Oromoo mirga tahu, Oromummaan ilaalcha Oromoo tokomsu tahu fi sabootaa fi sabaawota fedhaan, walqixummaa, fedha walii, walii kabajuu irratt hundaawee fi mirga hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu hanga walabummaa fi kan walabummaa dabalatu fudhatan waliin tokkummaa uumuun akka dandahamu taliilessuu dha. Yero mogoleen ABO bu’ett humni dargagoo maqaa Qeerroo fi Qeerrantiin lolichatt darbanii qabsoo nagaan 2014 kaasanii itt fufan. Gumaachii OMN qabsoo dargaggoof tolche seenaa qabsoo diddaa Oromoo keessatt irra darbamuu hin dandahu. Masakaan Waliigalaa, Juwar Mohamad erga 2013 Aljazeeraa irratt “an dura Oromoo dha” jedhe kaasee diina qaraa abdatuu sirna nafxayaa tahee jira. Si’ana abaarsa abdattuu Nafxanyaa keessatt maqooti lama ABO fi Juwar irra deddeebi’amaa jiru. Akka halagaa alaa Itophiyaa diiguf itt duulaa jiruu malee akka mormituu Itophiyaa kessaa biqileett ilaalaanii hin jiranii. Hammam jara kana jibbanuu Oromoon gara abdattuu sirna nafxayaa akka hin dhaabbanne of qusachuun dansa. Mormii nagaa waggoota shanii fi wareegama guddaa booda dargaggoon gola empayera Itophiyaa bulchaa jiru keessatt jijjiiramma dirqisiisanii. Garuu qabeenya Oromiyaa keessaa saamame hin deebisiifne, kan dhumaniif gumaa hinn baasifne.  

Sochii dargaggoo Oromoon jijjiirammi hangi tokko argamee jira. Sirnni tokko innaa qabsoon fenqilchamu kan isa bakka buhu isarra wayyaa tahuu qofti gahaa miti. Gaaffiin isa kuffisuuti geessa hundi deebi’ee, haalli wayyaan uumamuutu irraa eegama. Jijjiirammi dhufe wareegama baafameen walbira qabanii yoo ilaalan wal madaalaa jedhanii of gaafachuu dha. Bilisummaa dhabuun qabsoo gaggeeffameef murna kaasaa tahe, hogganoota saa fi seenaa saa utuu araarri ifaan hin buhin farfachuun ummatoota isaan miidhanitt qoosuu waan tahuuf firooti cunqurfamootaa of eeggachuu qabu. Ummati Oromoo gaaffii eenyummaa fi birmadummaa deebisuu diduu saaniitiif waggoota shantamman darban keessa mootota sadii ofirraa konkolaachisee jira. Ni deebsna jedhanii dhufanii utuu hin turin isuma sana akkeessutt kahu.  Faanni sirna Nafxanyaa dimshaashumatt hin haqamu taanaan kun irra deddeebi’amaama deema. Sun akkasitt hafnaan abbaan fede angoo haaqabatuu Masaraa Minlik seennaan ekeraa saatiin liqinfama.

Miillana, dhiibbaan dargaggoo jajjabaachuun, namooti Oromoo fi Amaaraa ADWUI keessa jiran tokko tokko sadanii murna Tigraway isaan boce finqilchan. Booda waan kolfaa “Oromaara” jedhamu uummachuu yaadanuu ummatatt hin minyoofnee. Hedduun utuu Amaarri mirga Oromo hiree ofii offin murteeffachuu fi abbaa biyyummaa Oromiyaa irratt qaban hin fudhatin akkamitt Amaara waliin tokkoomu jedhanii? Amma golli Oromoo Dr. Abiy Ahmad Aliin hogganamu ABUT irraa aangoo fudhatee bantii irra jira. Yeroo seeraan ADWUI dha hafu qofa akka hogganu irbuu seene jira.  Haa tahu malee,  innis matoota Masaraa Nafxanyaa fagoo fi dhihoos faarsuutt kahee jira. Ejjennoon akkasii kolonootaan waan leellifamu miti; yeroo ammaa kahuun saas ilaalcha tokkoof baabsaa isa godha. Ummatoota kolonii turaniif, Itophiyummaan waan dhoofsisaan fedhan fudhatanii, fedhan dhiisanii. Ummati, gaaffii walabummaa dhaabee, empayera diignee tokkeessoo fedhaa fi walqixummaa irratt hundawe haa ijaarranu jedhu waa’ee barabarummaa Itophiyaa dubbachuun  yaadi inni dhiheessaa jiru gatiin hin laatamneef jechuu dha. Kun yoo sirreeffame malee isaan duraa caalaa gatii guddaa baasisuu dandaha.

Kan hojjetamaa jiru seenaan maaliin ana haa yaadatuu malee, gaaffii konkolaataa dhufeefeef furmaata argamsiisuuf of kennuu hin fakkaatu. Sanaaf, dhumisi haadholii, daa’imman fi manguddoon Oromoo xiyyeeffannoon hin laatamneefii. Ummati ADWUI irratt fincileetu jijjiiramaa kana fide. ADWUIn ABUT qofa miti. Arfan amma hogganaa jiran hunda ilaalaa. Ummattooti nagaaf jedhanii yeroo hafte, waggaa lamaaf innumti akka ceesisu fudhatanii. Mootummaa cehumsaa irraa kan eegamu, olhaantummaa seeraa eegsisee, fedha kamiifuu utuu hin baabsin nagaa fi tasgabbiin karaa demookrasiitt geessu ciruu ture.  Mootummaa kun ummataan dhugaan filamee taahitaa hin qabanne. Akkuma kanneen isaa duraa seerawummaan saa kan Masaraa Miniliki, dhaalmaa kolonummaa. Seerawa tahuuf kennate dhufu yeroon mijjeessuu qaba. Qabsoo naga qabeessatt kan hin makamne miseensoti Waranaa Bilisummaa Oromo (WBO) jiru. Walitt bu’ii saanii fi humnoota Federalaa fi Finnaa, ummata Oromiyaa nagaan jiraattu, keessaammoo badiisa caalaa ulfaata kan tahe Wallagaa fi Gujii irratt dhaqabsiisaa jira. Yoo akka dudhaa Oromoott araara buusuuf hin tattaafatamu tahe, qabsoon nagaa jechuun furaa dhaba. Badhaasi Nobel Dr. Abiy “Nagaa buusuu” saaf  argate jenne,  gammachuun mijuu keenya ol kaafne maqaa qofa akka hin taane eeggachuu dha. 

Amma torban jalqabaa fulbanaa 2019 dhaaboti Oromoo ODP dabalatee caasaa gaaddisa jedhan tokko irratt waliigaluutu gabaafame.  Kun ODP, ADWUI akka bakka bu’uuf dhaaba Itophiyaa haaraa dhaabuuf oliigad jedhaa jiru waliin akkamitt akka hojjetu ilaalamuuf adeemaa. Jara kaan kophaatt dhiisee deema moo martii saatt qabatee akka waliin deman dirqisiisuu yk sossobachuu yaala? Gola jedhame ijaaruutt yoo milkaawe, yoom hojii jalqaba. ADWUInoo sana waliin ni raawwataa? Kun konkaa (vacuum) seeraa hin uumuu? Oromiyaanoo maal taha? Maqaatu jijjiirame malee ODPn OPDO waan taheef akka sanatt itt fufuun hin rakkifne. Gola maqaa Itophiyaan garuu Oromiyaa bulchuun kan Nugusaa fi Dargiitt heera ala deebi’uu taha. Golooti Oromo hafan Kaayyoo waloo qabumoo akkamitt fedha Oromoo fi jijoota hanga yoonaa argaman eeguu? As irratt seenaa EPRDF kaasuun ni gargaara taha.

ABUT akka riphe lolaatt hirree jabeeffataa yoo dhufu boojuu EPRP fi Dargii irraa buufate dhaaba malbulchaa jalee tahuufii dandahanitt ijaaruu eegale. Dhuma irratt yeroo Dargii injifachuu jala gahu jara sana saboota Amaaraa, Oromoo fi saboota Kibbaa akka bakka buhanitt dhaabota ilkaan hin qabne, dhibee sammu Stockholms syndrome jedhamuun raata’an caasee, ANDM, OPDO fi SEPDM jedhe moggase. Jara kana walitt qabee hogganummaa saatiin hidhata ADWUI jedhamu ijaaree ittiin mootummaa qabate. Fulduratt ADWUI akka gola malbulchaa ititaatt jijjiiramu karooras lafa kaa’ee ture. Waggoota soddoma duuba dubbiin akka inni yaadett hin deemnne. Jarri ilkaan baasanii dhibee saanii hanga tokko injifatanii gad bahan. ABUTn galagalchanii hogganummaa ADWUI qabatan. ABUT fakkeessaaf isaan uume malee na finqilchu jedhee hin yaadne kanaaf gamtaa dhowwataanii jira. Amma jarri EPRDF bakka buusuuf EPP (Gola Durooma Itophiyaa) gola jedhamu dhaabota akkuma saanii bifa ABUTn ijaaramanii turan waliin uumuuf qophee irra jiru. Sun heerri yoo hin fooyya’in, ABUT fedhu malee seeraan bakka ADWUI buhu hin dandahu.

EPPn uumamnaan ADWUIn ni raawwata. Eenyutu mootummaa ceesisuuf adeemaa? EPPn dhaaba sabummaa irratt utuu hin tahin makoo luba baasa Amaaraa, dhaaba Itophiyaa tahe dhalata. Amaarri waa’ee Itophiyaa irratt hariiroo dur jiru irraa jijjiiru hin barbaadu. Dhaaboti sabaheddu ofiin jedhan hawwa saanii waan guutuuf EPPn liqinfamuu hin jibbani. EPPn qawwees, callaas waan qabuuf yeroof dhaabota Oromoo fi sabootaa hacuucuu yk balleessuu ni yaala taha. Akeeki saa Itopiyaa durii deebisee dagaagsuu waan taheef kolonoota habashoomsee utuu hin raawwatin hin dhaabbatu. Kanaaf biyyi sabootaa fi federeeshinni amma jiru hamaan itt aggaamama jira jechuu dha. Hundeen heera amma jiru sabootaa fi sabaawota. TPLF/EPRDF kan sana fudhateef dhaabota bilisummaaf lolatan cabsuun akka hin dandahamnee shakalaan waan beekuufii. Jarri EPP Itopiyummaa kanneen afarsanii; gola saaniis sanaaf akka tolutt ijaaraa jiru. Itophiyaan sii’achii fedha sabootaa fi sabaawota marii saanii irratt hundaaween akka haaraatt ijaaramtu malee akka finciltuun EPRDF feetutt miti. Kanaaf sabboonoti bilisummaa fi walqixxummaaf ijaajjan harka wal qabatanii hamaa dhufaa jiru jala dhaabbachuu qabu.

Waan tahuu malu

Gara sirna gola tokko uumuu tarkaanfin fudhatamaa waan jiru fakkaatu. Sirni gola tokko fedha federeeshinaa calaqisuu hin dandahu; uumaan saa gara abbaa hirrummaatt isa geessa. Jaatanoonni EPP dabballoota qaraa dhaaba namummaa garlamee (shizofreenik) qabu TPLF/EPRDF turan. Ambatt kan mullatu akka waan gola hedduu leellisuu yoo tahu hojii irratt garuu jibba gola ittiin dorgomuu agarsiisa. Kanaafi, kan inni kennate waliin dhahuun irba 100% argadhe jedhe. Bara moo’umaa saa hunda, caaffee fi qaamma hojii raawwachiistuu too’achuuf carraa argatetu finnoota federeeshinaa dhiifama malee saamsise. Muuxannoon jara EPP bulchaf qaban amantee Wayyaanee irraa kan argatani. Kanaaf adda tahu jedhanii yaaduun ni rakkisa. Hogganooti TPLF kan eenyuu isaan caalaa dhalootaan Itophiyaa dha jechuu hin dandeenye, sabootaa fi sabaawoti Itophiyaa irraa eenyummaa adda akka qaban fudhatee ture. Karaa biraammoo, hogganoti ODP si’ana kan sabaan Oromoo tahan garuu tokkummaan Itophiyaa kan hin tuqamne barabaree akka tahe lallabu. Dhaaboti Oromoo dhugaa kana waliin hojjechuu dirqamaa jiru. Amma kanneen eenyummaa saaniif nafii kennan harka walqabatanii tokkummaan mirgootaa fi birmadummaa saaniif lolachuu qabu. Qabsoo saanii qajeeltuuf, walqixxummaa fi bilismmaaf tolchan akka qindeessuuf jaarmaa Icaat 70mootaan walfakkaatu ummachuu dandahu. Karaa lammoota saanii Goobanoota haaraa tahanii akka hin biqille qormaata irraa fageessan falu qabu. Dargaggoo Oromoo fi kanneen cunqurfamoota biraaf lafa jala ijaaramuu eegaluun ammaa. Diinoti keenya hundi waan isaan kanaan dura nurratt raawwatan dhiifama gooneef malee akka hin irraanfanne beekuu qabu. Ollooti keenya bifa geeddaratanii gocha walfakkaataan akka nutt deebi’an hayyamuu  hin qabnu. Kan tahuu qabu hundi fedha ummata keenya bilisaan ragaasifamu qaba.

Empayerri Itophiyaa koloneeffataa fi koloneeffamaa, cunqursaa fi cunqurfamaa of keessatt qabdee gara jaarraa tokkoof walakaa jiraate. Empayerittiin bosostee lafa dhahuuf kaatu Oromoomatu harka irra qaba. Jarri Amaaraa Oromoon yoo isaan tahe malee aangoo malbulchaa itt dabarsuu hin barbaadani. Bara Iyyaasuu Quseetu empayera saanii isaanii oolche. Bara Haayila Sillaasee Oromoof malee facaatee turtee. Bara ADWUIs qabsoon Qeerroo akka hin fullaane “Garee Lammaatu” lubbuu itt bitaa jira. Sun hundi tahee jara isaan oolchan galateeffatanii hin beekanii. Caalaattu eenyuu eenyuttuu hin roorrifne jedhanii haaluu. Waangooneef hin gaabbinu ammas itti deebi’uun mirga keenya kan jedhan fakkaatu.  Sirna malbulchaa jaarraa tokkoof walakkaa waliin keessa turan irratt wal hin amanaan taanaan waliin itt fufanii deemuun rakkisaa taha. Dhaaboti Oromoo ilaalcha gurguddoo Habashaa kana irratt ejjennoo ifaa fi hin daddaaqne fudhachuu qabu. Akkasumas hariiroo Oromiyaa fi Itophiyaa gidduu, seenaan jiruu fi egerreettis qabaachuu dandahan ejjennoo saanii ummataaf beeksisuu qabu.

Sirni darbe sirna Nafxanyaa ture. Sirnni kun tokummaa biyyaa eegee bilisummaa akka jiraattu tolche malee waan balleesse hin qabu kan jedhan jiru. Dhuguma sirni sun yeroo Oromiyaa fi kolonoota biraa caccabsuu fi garboofatu tokkummaa fi bilisummaa Itophiyaa eegee ture. Sabootaa fi sabaawoti amma walqixxummaan federeeshinatt ijaaramanii jiru. Tola kan kennamee utuu hin tahin dhiigaa fi dafqa saaniin bitatanii. Kanaaf miseensoti federeeshinaa si’anaa, heera isa uumeen buluuf irbuu seenuu qabu. Hamma sun hin jijjiiramnett mirgooti fi dirqamni achi keessatt tarree galan akka hojiirra oolan waliin qabsaawuu qabu. Empayerri Itophiyaa dur seenaa tahe. Ummati hundi mirgi hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuun heeraan mirkaneefameefii jira. Haa tahu malee, abdattuun sirna Nafxanyaa dubbii qabu.  Walqixxummaan fedha walii kabajanii itt fufanii waliin jiraachuuf mamii hundi taliila tahuu barbaachisa. Irran deebi’uuf, mirgi sabootaa hiree ofii ofiin murteeffachuu mamii tokko malee hundaan irra  deebi’amee mirkanaawuu qaba. Sanatt haanee tokkeessoo haaraa Fedhaa fi walqixxummaa sabootaa fi sabaawotaa irratt hundaawe gaggeeamuu barbaachisa. Sana duuba empaerri raawwachuu fi jireenyi haaraan jalqabuutu labsama. Yoo sn hankaake, Oromoo fi kanneen biraa hundi walabummaa saanii labsachuun qajeelaa dha.

Haala empayera duubaa keessa seenuuf deemna taha. Kun beekamee, akkamitt eenyummaa addatt qaban walii fudhanne, kan harkaa qaban kunuunfataa, akka itt waliin jiraachuu itt fufuu dandahan mari’achuuf fedha agarsiisuu qabani. Oromoof, mirgi saboota hiree ofii ofiin murteeffachu beekamtii qabsoon argatan waan taheef dhoofsisaaf dhihaachuu hin qabu. EPRDF dhaabota sabaawaa tahan macalaqsee gola EPP jedhamu dhaabuuf jedhamaa. Yoo sun tahe akkuma jaarmota sabaa isa fakkaatan walitt cafallaqe biyyoota sabaa fi sabaawotaas walitt dafaquu dandaha. Kun kolonummaatt deebi’uu jechu dha. Kanaaf dhaaboti sabaa fi sabaawota utuu lauu hin badin of cimsuu fi wal cimsuuf harka wal qabachuutu irra jira. “Kan haalaan hin beeknee itt himanuu hin beektu” jedhamaa.

Hunduu, boqonnaa darbe cufanii haaraa banuuf wal qayyabannoo gaafata. Seenaa fi gootota mata mataan qaban naannaa ofiif qusatanii hariiroo waliin qaban qofa irratt yoo xiyyeefatan nagaa fi araarri bu’uu dandaha. Marii heera Federeeshina amma jiru gad dhaabe keessa fromsaan waan hin jirreef Oromoon keenya jechuun itt ulfata. Garuu hanga carraan ida’ata ofii gumaachuuf carraan argamutt nagaa fi tasgabbii godinichaaf jechuun fudhatanii irra darbanii jiru. Murni sirna darbe deggeruu, akka heerichi itt caasamee fi akeeka saa, mirga sabaa fi sabaawottaa beekuu hin jaallanne. Akka itti empayerittiin kun sirna haaraatt ceehu qabdu nu qofatu beeka jedhu. Maaliif nuti kan afaan Amaaraa dubbannu qofti kana jenna; yoo jarri kaan didanoo maal gochuu dandeenyaa jedhanii of hin gaafatanii? Sammuun sirna fudo-kolonialiin unkeffame yoo hin haaromfamne, hojii ala tahuun jaarraa 21faa itt tahuu hin dandahu. Hololaan ummatoota gargar fageessanii, yoo seenaan hin fugisiifamne nagaan akka hin argamne kan yaalan isaan keessa haala kana kan calaqisan jiru. Waa’ee waggoota dhibba shan dura dubbachuutt kanaan hibboo harkifatee dhufu qaba. Isa kaasuutt  kanaan bakka itt dhaabbannu hin qabnu; wagaa 3000 jedhamu fi qooda tokko tokoon keenya keessaa qabnutu ka’uuf deema. Seenaa namoota surrii lukkuu qaxaranii wacabbarsiisuu mitii. Hunduu hundee irra ka’u gadi fagoo qaba. Kanaaf hundu haala keessa jirru irratt xiyyeeffachuun furmaata hundaa tahu waliin soquu qaba.

Seenaan kan isaan dhagahuu barbaadan yoo tahe maaltu dhufaa? Sichi meeshaan fedha ummataa gadi qabuun akka hin dandahamne argaa jiruu. Nagaa buusan, wal gidduutt qayyabannoo uumuun abjuu hin dhugoomne irratt yeroo balleessuu irraa wayyaa dha. Namooti ummatoota biraa keessaa bahan waliin jiraatan hedduutu jiru. Naannaa dhufan caalaa itt tollaan achi jiru. Hamma heera Oromiyaa kabajanitt obbolaa saanii Afrikaanotaa, kan itt bu’u hin jiru. Oromoon dudhaan kan isaan jala jiran hafee mirgi ilmaan namaa tuqamnaan isa fagoofuu ni birmatuu. Kanaaf isaanii qabatee eenyuu dhimma Oromiyaa keessa qubaa kaa’uu hin dandahu. Kanaaf federeeshina isaan harka jiru akka dhihaatett fudhatanii gara egeree waloott waliin dhiichu jalqabuu qofatu isaan baasa. Dhaaboti Oromoo holola alaa itt buufamun mamii uumamu ifa gochuuf halagummaan kan itt dhagahamu Oromiyaa keessa jiran waliin hojjechuu qabu. Kan Oromiyaa irraa bu’aa argatu hundi akkuma mirga qabu dirqamas qaba. Dirqammi sun Oromiyaaf amanamuuf hamaa alaa itt dhufu irraa ittisuu fa’ii.

Hamma yoonaa ummatooti gar lachuu waan fedhan suduudaan gaafatamanii hin beekanii. Si’ana eenyutu fedha ofiif wacaa fi eenyutu garaa saatii ummataa dubbataa baruun rakkisaa dha. Haala jiru irrati kennata duuba qabatichi ummataf suduudaan dhihatee fedha saanii gaafachuun barbaachisaa dha. Nagaafis araaraafis murteessummaa ummata fudhachuun diqii taha. Amma Oromoonis, ummatooti biraas biyya ofii seeraan qabatanii federeeshina keessa jiru. Qoodi bulchoota sadarkaa hunda sana mirga saanii kabachiisuu dha. Oromiyaa haa jiraattu!

(Caalaa baruuf hojoota seenaa ilaalan, Makuria Bulchaa; Wajjira aadaa fi turism Oromiyaa; Isheetu Irranaa; Taabor Waamii; Dirribii Damissee; Gadaa Melba, Mohamad Hassan, Asmerom Leggesse  Yilmaa Dheeressaa, barreessitoota seenaa Habashaa dubbisaa)

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Onkoloolessa 2019

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *