0

Siiqee/Siinqee

     Abbaa Hoduu, jette Jiituun. Manguddoo heddutu ulee siiqee jedhamu manaa qabu. Dhimmi ulee kanaa maanni? Abbaan Hoduu fakkaatii siiqee beekuu gadi baasee itti hodeessuuti ka’e.

Siiqee dubaroo Boranaa, Arsii fi kan biraa fi kan Waaqittii Masir, Isis

Fakkaattiin gara bitaa fakkaatii Siiqee dubaroo Booranaati jedhe. Fiixeen saa saala dubartii caalaa kan dhiiraatt gaalcha. Inni itt haanu kan dubarti Arsii dhuma jaarraa 19ffaati    .    (“The Oromo” Qannoo laali) Kan itt haanu akka dubartummaa calaqisutt goodame. Arfaffaan walbira qabanii ilaaluun akka toluuf siidaa Isis masir duriiti. Durbi Oromoo yoo seeraan eerumtu haadhi deesse Siiqee  (Siinqee) fi filaa kennitiif ture. Siiqeen mallatoo mirga dubartummaati. Yeroo jila irratt qooda fudhachuu dhaqxu Siiqee see qabattee baati. Yeroo waa kadhattu, yoo hoo qubaa galchitu, yeroo nama araarsitu, yeroo birmattu hunda Siiqeen harkaa hin dhibu. Siiqee qabattee waan gaafateef deebii kennuun dirqii seeraa fi aadaa Oromooti. Kun kooti jettee dubartiin fiixee Siiqee seen tuqnnaan waan sun gulummaa see tahuu agarsiisa. Nammi biraa aangoo irratt hin qabu.

Horii qalmaaf dhihaate haati warra siiqeen hariirti. Mataa kaastee hanga randaatt siiqee see irra butte eebbisti jechuu dha.  Siiqqeen ulee ulfoo dha. Nammi hundi ni kabaja. Siiqeen nama haatahu horii hin rukutan. Dhaabata hin godhatan. Yoo dubartii Siiqee qabattu namatt dhuftu karaa irra goruuf. Yoo farda irra jiraatan bu’anii Siiqee na ooffalchi jedhanii darbu.

Siiqeen dubartii mirga kenna jennee jirra. Yoo itt dabame, yoo seerri cabe dubartiin ollaa Siiqee qabatanii yaa’uun akka sirreessamu gaafatu. Mirgi siiqee Seeraan beekamaa dha. Kanaaf warri seera tissue dafanii faluu qabu. Kan itt dabame fi seerri Waaqaa fi nama cabe sirraawuu, kan jalaa fudhatame bakka buufamuu qaba. Kan balleesses ni adabama. 

Sirni Siiqee sirna Gadaa waliin deema ture. Erga Gadaan cabee qabatanii jila deemuu irra darbee waan seeraan eegamu tahuun hafee jira. Seeraan bulummaatu rarra’e, mirga ilmoo namaatu haqame. Oromiyaa gara caalu keessatt immoo Siiqeen kan irranfatame fakkaata. Kanaaf deebisanii jiraachisuun fedhaa fi kutannoo dubaroo Oromo gaafata. Jilumaafuu osoo dubartii hundi akka qabattu godhamee mirga ittiin gaafachuun itt haanee dhufuu dandaha. Kanaaf kan beektan kan hin beekne ittiin gamteessaa jechuu malee maal jenna.

Intala eerumtuu akkuma Siiqeen kennamuuf gurbaa fuudhufis Horooroon (Orooroo) ni kennama ture. Dhiirri olhantummaa waan qabuuf hoodumaaf malee horooroon mirga dabaluuf kan qabu hin fakkaatu. Akka mallatoo aaboott, dhiiraaf Bokkuu, Kallacha fi Alangaan (Lichoon) jira. Garuu kan hin qondaalomne jila adda addaa irratt yeroo iseen Siiqee qabatu inni orooroo qofa qabata ture. Akkuma Siiqee Orooronis ulee ulfina malee kan ittiin sa’a tissan yk hamaa ofirraa itt fachisan miti. Lachanuu mi’a hawaasomaati. Kan gahe hundi waan qabatu malee akka Bokkuu fi Lichoo martii xinnoott hin dangahamu.

Siiqeen meeshaa dubarti erga tahee danaan saa dubartummaa (dhalfa) agarsiisuu qaba kan jedhan jiru. Mallatoo dhiirri qabatu akka kallacha fi Bokkuu seeruu dhiiraatt gaalcha. Siiqqeen ol jirus fiixeen qara. Kanaaf dubartummaa mamii malee hin calaqisu. Siiqeen amantee calaqqisuu qaba. Amantee dubartiin dhiira waliin mirga walqixee qabdi jedhu. Adda malee gadii akka hin taane kan mirkaneessu. Mukichi mallatoo amantee kanaa malee ofii amanticha hin tahu.

Egaa Siiqeen mallatoo mirgaa fi ulfina dubartiiti. Ulfinaa fi mirga badde deeffachuun dirqama uumaati. Akkuma bofi “… abbaatu of mara” jette dubartiins falachuu qabdi. Tokkummaan dubarti tokkummaa biyyaati. Siiqeen mallatoo tokkummaa dubartiiti. Tokkummaan humna jedhama. Dubartii hundi Siiqee qabatee walii haa birmattu. Hamma yoonaa nammi dubartiin malee wal hin horree. Jabinni see jabina horee mirkaneessa.

Attis deemi haadhi kee akka gaafa cida keetiif siiqee sii qopheessitu gaafadhu, jedhe abbaan hoduu Jiituun.

Abbaa Hoduu

Abbaa Hoduu! Mee hoduu kee natti hodeesi! 
Waa’ee sa’a kooti isa muchi saa lafa taraaru gaafi saa waaqaa taaraaru sitti himeen ture. Hardhammoo waan hammaa hin baaneen sii himaa dhaggeeffadhu.

Haadha Dallee

Oromoon durii jedhe abbaan hoduu, barruun osoo hin tahin dubbii afaniin  seenaa sabasaa daa’ima barsiifata. Gara caaluu halkan yeroo ibddati marsanii qaammatan hamma nyaati gahutt beekaan wan tokkoo tokkoo itt hima. Abbaan hoduu hardha Haadha Dalleen qabatee seena Nabee hima.

Haadha  Dallee hirribaa gadi qabaa jiru, sagalee dhageesse. Qilleensatu bubbisaa Dallee? Namatu na dubbisaa Dallee, jete? Sagalichi ittuma fufe. Sa’atu dallaa diigaa Dalleee? Fardatu garbuu lixee dallee? Barat darbuu didee jettee Dallee? Jette. Dallee mana hin jiru ture.  Harme maal taate anatu sidubbisaa jedhee raaseen Disiis, gurbaan ollaa. Akka dammaquu taatee, yaa Ayyaana Odaa Nabee, sumatu abjuu nati ta’ee gurbtii nana jetteen; silaa Odaan Nabee yoo gadditus, yoo waa dinqunis, yoo gammaddus, yoo waa harkaa bu’es afaan see keessaa hin bu’uu.

“Harmee!”, jedhe gurbaan ollaa, Dissiis, yeroo hundaa Odaa Nabee, yaa Ayyaana Odaa Nabee jetta Nabeen kun maal keeti jedheen. Maal maal jettee olkaatee harmasee golxa afuuffee afuurabaafate fakkaatu rarraasaa. olgaa sireerra teessee. Warri kee iseema kana illee sitti hin himnee, jette dinqisiifattee? Gurbaa kan Odaa Nabee hin beekne warra sanyii ol dhihoo qofa ture. Waa’een Nabee osoo sitt hin himamin yoona gahanii? Kun maan jiraadhee kana dhagahe na jechisiisa jetteen. Ati maal gootee galtuu sanatu siballeessee jette itt haansuun. Abbaa saa isa xaaficha (barreessicha) jechuu seeti.

Dur dur jettee gurbaatt himuu eegalte. Janna biyya tokkoo lola irratt madaawee jiru niitiin deessi. Madaan saa hamaa waan tureef fayyuu hin dandeenyee. Faarri waan itt hin tolleef bakka ciisee wallaanamutt ilma koo fidaa nan laalaa jedhe. Deessuun yeroo malee ulumaa baatee mana madoo lixuun waan hoodaati sitt haa hafu jedhaniin. Innis akka haati fiddee dhuftu cimsee gaafateen. Yoo diddan foqoqeen ibidda ollaatt kaa’a jedheen. Muka ichima of harkaa hin dhabu ture. Akka inni kan jedherraa hin deebine beeku. Kanaaf niitiin laguu hunda cabsitee dhalattuu akka fiddee dhuftu tolchan.

Kun naabee! (anaa bee) jedhe. Danaan kee kootii onnee koo sif haa kennu. Darbattee hin dhabin. Kan lammii guddisee mullisu tahi. Dhalooti dhufu hundii kan si yaadatu tahi jedhee itt tuttufee eebbise. Haadhaanis ulumaa cabsii bahi. Yoo feete eerumi yoo feete qabeenya koo hunda too’adhuu ilma kee guddisi jedhe. Iseettis tuttufee eebisee ulumaatt deebi’i jedhe. Aadaa cabe hundaaf Waaqaa fi lammiin siif haa dhiisu jedhe.

Hanga iseen gadi baatee ija duraa badduti caqasaa ture. Intala loomaa, kan mudhiin soonsaa, dhihoo dahe hin fakkaanne ture. Soora ulumaatt argateen fullisee duru durii qabee dhadhaa fakkaate ture. Jannichi imimmaan itt dhufnaan yoo ol deeffatu ni muldhata ture. Osoo ati jiraachuu baattee qacceen koo badde jedhe garaa saatt.

Jaarsolii achi jiraniin yoo guddatu dhaamsa kana itt himaa jedhe. Abbaan koos akaakayyuun koos ilmoo takka caalaa hin godhanne. “Kan an si godhadhe ergan qancareeti. Ati godhachuu baattullee maqaan keenya si irratt akka hin hafne waan bara baraan yaadatamu dhiisii darbi naa jedhaani”. Seena hafe isinuu beektu itt himaa jedhee ija cufate. Aara haagalfatu jedhanii suuta biraa deeman. Borumtii cireesi dhufee dammaqsuu yoo yaalu inni goggogeera. Lammiin hoduu kanatti hedduu rifate. Fardaa fi lafaan yaa’ee gaggeessaa isa dhumaa argamee hin beekamne godheef. Meeshaan lolaa fi mirgi saa hundi duukaa bahee ambatt mullate. Goota gaafa xiiqii dhabani. Lafoonis abbaan fardaas waraana mirmirsanii dhaadatan.  “Eesaan dhaqxa?” jedhanii du’a sodaachisuu yaalan. Inni waan hin hafne garaama jabaatanii biyyoo itt deebisanii galani.

Nabeen kunuunsa lammiitiin guddate. Haammachiisaa yoo gahu warra ayyaanaati geessan. Qaalichis qoratee abbaan “kun naabee” jechuu haa dhagahuu, ayyaanni itt haamullisuu maqaa saa Nabee jedhe moggaase. Yeroo namummaa gahu akkuma dargaggoo biyyichaa yaa’a leejjisaa hedduu jala darbee qondaalome. Yeroo gabaabaa keessatt jabduu gurguddaa raawwate. Beekumsaa fi jabina saa ilaaltee hiriyaan hoggana godhate. Bara abbaa duulaa ture tokkoo diina daangaa irra fageessuun mala eegumsaa adda addaa itt tolche. Weedduun lolaa “Ari’ee balleessee, warraan gahu laataa? jedhu baras bahe jedhama.Haa tahu malee Nabeen nuti kan namaa hin barbaadnu asumati dhaabbadhaa jedhe waraana saatiin. Leenjisi ijoollee isa beekamu caalaa akka fooyya’ee itt fufu tolche. Dargaggoon biyya sanaa kan farda garmaamsuu, waraana darbachuu, bishaan daakuu, gaaduu hin dandeenye hin turre.  Hojiin harkaa akka wayyaa dhahu, sibila tumuu, gogaa duuguu fi lafa qotuun baras baballate jedhama.

Yeroon saa gahee bar saddeetiif abbaa Gadaa yoo tahes bulchi qajeeltuu biyyasii muda hin qabnee tahe. Seeraan bulummaa hunda caalaa gad jabeesse. Seera daddaaqa malee hojiirra oolchuun walqixxummaa nambiyyaa mirkaneesse. Balleessaan eenyuunuu walqixee akka adabsiisuu dandahu labse. Nagaa fi araaraan osoo hin yaalamin hirreen keessan fira tahee halagaatt hin dabin jedhe. Kan humnaan namatti dhufe ofirraa faccisanii lamuu akka hin deebine iggitiin itti haa godhamu jedhee tume. 

Bara gadamojjummaa saa keessa waan raajiitu irra gahe. Ganama tokkoo yoo kahu gola saa keessaan odaa biqiluuf ol quuqu arge. Muki dagalatt yoo hin taane ona keessatt malee hin biqilu. Mana daawwataan itt heddumaatu akka kan Nabee keessatt odaan ni marga jedhee kan yaadu hin turre. Dubbiin saa isa dhibnaan raaga biyya bira dhaqee gaafate. Dhiisi baalaa shan haa baasuu. Isa booda orma waamiiti waan tahe itt himi. Odichi maal tahuu akka barbaaddus dhaammadhu. Jireenyi kee sichi dhumatt dhihaatee jira jedheen. Nabeen hanga sanatt ilmoo hin qabu. Dubartii hedduutu jalaa du’e. Iseen amma jirtus dulloomteett. Akkuma abbaan saa jedhe ilmoo malee du’uu saati.

Akkuma raagichi jedhe odaan hanga baala baasutt eegee. Raajiin biraammoo naannaa mana saa akka tarkaanfii kudhanii ol odicha irra fagaatanii odooti diidatt biqilani. Odoota sana biras garbii tokkoo tokkotu ture. Odaanis garbiiin biraas naannaa hin turre.  Nabeen raajii kana ifa baasuuf dhangaa guddaa qopheessee biyya waame. Erga nyaachisee obaasee booda hooda odaan mana saa keessaa biqiluu dubbate. Tokkoo tokkoonis akka ilaalanii galma afeerraatt deebi’an itt hime. Hunduu ilaalanii raajeffachuun bakka saaniitt deebi’ani. Isa booda, firoota koo jedhe, ani sichi lubbuun baayyee akka hin turre raagi keenya natt himeera. Barri kiyyas fagaatee jira.

Akkuma beektan ilmoo hin qabu. Anas abbaan dhalatuutt narraa du’ee lammitu naguddise. Kan ana dura turanis ilmoo tokkoo tokkoo malee hin godhanne. Ana irratt qaceen keenya raawwachuu saati jechuu dha. Kanaaf Odaa kana akka ilmoo kooti kanneen alati biqilan akka obbolaa saatti ilaalaa guddifadha, maqaa kootiinis naa waamaa jedhe gaafate.

Nammi hedduun tokkoo tokkoon ol kahanii sanyii Nabee akaakayyuu hedduu kaasee biyya saaniif maal akka godhan tarreesani. Inni tokkoo ka’ee, “Na ooffalchaa!” jedhe. Hunduu sagalee tokkoon “ooffali” jedhanii huursan. Hardha Nabee fi sanyii saa jajuun homaa hin baasu. Dhaamsa saati kan lafaa fi garaa lammiitt hafuu dandahu. Kan barbaachisu maqaa gootota kanaa oolfachuu dha jedhe. Kanaaf, jedhe, Abbaan Gadaa kallachaan hunda keenya akka waan Nabeen gaafate hojii irra olchinu nu haa kakachiisu jedhe. Hundi kana irratt walii galee, Abbaa Gadaa fulduratt kallachatt qubaa qabee walfaana kakate. Ergasii Odaan sun maqaa Nabeen waamamee hafe. Kuunnoo Dukamii fi Tulluu Gujii gidduu jiraa dhaqii ilaali jette.

Bara dhibba torba dura Oromoon hima raagaan bakka dur irra godaanett deebi’uu murteeffate. Battala saa Madda Walaabuu kahee ol deebi’uti yoo eegale Odaa Nabee qubate. Oromoon duraan achi turan gurmuu guddifachuu saanii gammadanii seeraan ofitt dabalan. Sana duuba mootummaa Oromoo cimaa fi amansiisaa tahe. Firoota kanaan dura kara karaa faca’an barbaaduuf dulli kallatii hundati bobbaafame.

Bulee bulee duulli sun wiirtuu irra fagaachaa deeme.  Sun tahus Odaa Nabee hin irraanfachiifne. Garuu too’annaan gidduu hanga waliigalati cituti haphataa deeme. Sana duuba Tuulama qofatu akka muummee tokkummaa bulcha Gadaatt dhimma itt baha. Isa caalaamoo guyyuu nammi fagoo itt yaa’ee kaan ni muuda, kaan wareega galcha, kaan achi jalatt wal araarsa, kaan Waaqa saa kadhata, kara deemaan qabbana saa jalatt aara itt galfata, horiin jala ciisti, jette haadhi Dallee.

Ilmoo koo waan ani sitt hime kana atis hiriyootaa fi ijoollee keetti dabarsi. Waggaa saddeet saddeetiin yoo danddeessan itt godaanaa seenaa keessan wal yaadachiisaa. Hanga alaabaan Oromiyaa bilisii deebitee dhaabbatutt maqaa  Nabee hin irraanfatinaa. Isa duuba, yaadannoo barabaraa lammiinuu irra deebi’ee ni tumaafi. Seena boonsaa darbee fi lafee akaakilee keessanii yaadadha. Sanyiin sanyii keessanii gammachuu fi qananiin akka jiratu bilisummaa gonfachuuf carraaqaa. Kan tokkoon bulu nama fakkaata malee nama miti horii dha. Alaabaan keessan kan qabsoo haa tahu kan seenaa lafa hin kaa’inaa. Tokkumaa, aangoo fi surraa Odaa Nabeett qabaataa turtan isin malee kan isinii deebisu hin jiru. Yaadannoo siif haa tahu jettee kuula wayyaasee moofaa adii, diimaa fi gurraachaan goodame tarsaaftee, kun halloota Odaa Nabee irra balali’aa turanii ol kaa’adhu jette gurbaa kenniteef.

Gurbaan gaafa guddatu hammam gorsa see akka yaadate waanti an qoradhe hin jiru, jedhe Abbaan Hoduu.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *