0

Farda Troy

Afaan Inglishiitt “Trojan Horse” jedhun. Bara dur durii osoo Yasuus hin dhalatiin waggoota kumoota hedduu ol Girikootii waaqa (Ayyaana) hedduu qabu turan. Waaqi inni guddaan Ziyus jedhama. Waaqaa  dubartootaa keessaa Ateenaan beekamtuu tokkoo turte. Ateetee irra fudhatan kan jedhan jiru. Mootiin nama, Pelus jedhamu dubartii waaqittii taate, Teetis jedhamtu irraa gurbaa Akiiles jedhamu godhatee ture. Bara sana waaqis nama, nammis waaqaa irra ilmoo godhachuu dandaha jedhamee amanama. Ilmi haadhii waaqaa taate Akiilees guddatee goota gootota hunda caalu tahee. Gooti Griikii kun durdurii kanaa gadii keessaa qooda qaba.

Bar tokkoo nammi Troy, Paris jedhamu mana mootii Grikii Menelos jedhamu keessummummaa dhaqee. Mootichi isa manatt dhiisee du’a gahii qara deeme. Achuman Paris nitii saa Helen jedhamtu jalaa butee qabeenya guddaa waliin Troyitt gale. Achitt Heleniin fudhe. Isaa as Helen Troy jedhamtee beekamti. Sun mootichaa aarse waraanni labsame. Qixa Troy jirtuu fi akka itt duulan qorachuun yeroo guddaa itt fixe. Gidduuti mootii Telephus jedhamu lola biraa irratt akka hamaatt madaawe. Kan madeesse Akiiles ture. Waabeekaan biyya sanaa Akiilees qofti akka isa fayyisuu dandahu dhaqqabeef. Kanaa jedhee Telephus Akiilees barbaacha Grikii dhaqe. 

Akkiilees, yoo inni karaa Troy waraana Grikiitt agarsiise qofa akka fayyisu itt hime. Kanaan walii galanii Akiiles fayyiseen. Innis jara Grikii karaa Troy itt agarsiise. Magaalaan Troyi gimbii jigsuun hin dandahamneen marfamte turte. Kanaaf Grikooti nama hedduu itt wareeganuu qabachuu hin dandeenye. Yeros Akiileen Goota Troy Hektor jedhamu kan ajjeese. Ta’us gimbbii Troy seenuu hin dandeenye. Marsaniima taa’an. Kanaaf mala biraa yaaduutt kahan. Kana keessaa waaqoti saaniis harka qabu turan.

Malli argame muka irra farda guddaa garaa keessatt loltuu baachuu dandahu ijaaruu dha. Loltuu hanga tokko fardicha keessa galchanii itt cufan. Waan abdii kutatan fakkeessunis doonii saanii keessa lixanii miliqan.  Fardicha biratt keettoo Sinon jedhamu dhiisanii turan. Deemuu saanii arganii jarri Troy bahanii fardicha daawwachuutt kahan. Gidduutt keettichi kan dhokate fakkatee gad itt bahe. Aariidhaan na gatanii deeman jedhee Grikoota abare.

Jarri Troy fardichi maal akka tahe irraa qoratan. Fardichi waan nagaa, kennaa Ateenaaf tolfame tahuu ifse. Osoo injifatanii Wareega galchuf turan jedheen. Tokko tokkoo fardicha hin jaallanne. Hamaa qabachuu waan dandahuuf Gimbii seenuun irra hin jiru jedhanii mormanii turan. Akeekkachiisa saanii wayyabi hin fudhanne. Magaalaatt ol galchanna jedhanii murteessan.

Fardi guddaa waan tureef karra seenuu hin dandahu. Kanaaf gimbii cabsanii erga ballisan harkisanii ol galchan. Injifannoo saaniif jila guddaa tolchan. Nyaatanii dhuganii machaawoo saanii hirribi fudhatee deeme. Sana booda Sinoon fardicha bane loltooti keessaa gad yaa’uun eegduu naannaa turte fixan. Jarri duratt kan deeman fakkaatanii milqanii eegaa turan mallatoon dabarraaniif deebi’anii kara farda galchuuf baherra ol timan.

Troyitt dhiira tokkoo illee hin hambisne. Dubartii fi ijoolleen booji’amte Girikiiti garbummaaf fudhatanii galan. Garbummaan bifaa fi amantee gargar hin baasu. Kan moohame hundi ni garbooma. Hamma Afrikaa qabatanitt garbooti Awuropha adoota fi jara waaqota waloo garboomfataa waliin qaban qofa turan. Akiileen xiyyaa Parisiin morgaa waranamee kute. Akka jedhamutt Teetis yero Akiileen cuqaa ture akka inni jabaa tahu miilla qabdee laga Styx keessa mataan gad cuubdee turte jedhama. Hammi cuubame yoo waranan illee hin madaawu ture jedhu.

Kanaaf eenyuu Akiiles mo’uu hin dandahu . Icitii saa nammi beeku hin turre. Qaama saa keessaa dadhabaan bakka yoo haadhii bishaan cuubdu harka seen golgame ture. Sunis morgaa koomeetti saati. Ergasii “morgaa Akiilees” jechuun tuqaa dadhabaa jechuu taheera.  Dinni tuqaa dadhabduu namatt qubaa dhahee nama miidha jechuu dha. Bakka dadhabaa ofii yoo keessa beekettiin saaxilte malee nammi alaa beekuu hin dandahu.

Durduriin kun waanti hedduun isa ifatt mullatu tahuu dhiisuun akka malu barsiisa. Ummati Troy, siidaa fardaa diina of keessaatt golgeen dagamanii, biyya saanii wareegama meeqaan eegan, dhabani. Mootummaan saanii badee biyyi saanii halagaan dhuunfatame. Nammi saanii kan dhuma irra hafe ni garboome.

Osoo keessa jara Grikii qoratanii beeku tahee jabinaa fi dadhabina saanii ni baru turani. Morgaa laafaa sarbaa gadii Akkiiles akka qabu osoo beekee gooti akka Hektor lubbuu saa hin dhabu ture. Iyyaatiin humna tahuu dagatan yk qophee ittiin funaanan dhaban. Fardi Troy akkuma keettoon Grikii itt hime meeshaa ognaa waaqaaf galuu jedhanii fudhatan. Grikooti sana achi buusanii deemuu jarri Troy akka injifannott malee gowwomsaa taha jedhanii hin ciicanne. Morma namoota ciicatanii gadi fageessanii hin hedne.

Dallaa oguma meeqaan ijaarame jigsanii farda keessi saa balaa ofitt galchan. Akkiiles xiyyi akka tasaa futtaate morgaa dhooftee galafatte. Sun burjaajii keessa akka tasa hubatame. Waliin gaabbuufillee carraa hin arganne. Ergasii kan fakkeessituu irra of hin eegne akka beekaa of ajjeesett fudhatama. Troy baddus biyyooti addunyaa isee duuba dhufan iyyaatiin humna akka tahe irra barataniiru. Akkasumas wanti hedduun isa fuullett mullatu irraa adda tahuu akka dandahu mirkaneeffatanii jiru. Fakkeessituu luuxxee galtu irra kan of eeguu hindandeenye dhummi saa hin bareedu. Hamajaajii hundi bakka dadhaabaa nakkarii saa qorate salphati laashessuu akka dandahuuf qabeenya guddaa itt dhangalaasa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *