0

Gara Empayera waan haaraatt jijjiiruu

Hammam jabaa fi kan hin dabsatamne haa fakkaatan malee mootummooti abbaa hirree yeroon yoo gahu akka waan miilla suphee irra ijaajjanii yoo burkutaawan mullatuu. Bulchi tokkott haanee dhufu kan ummataan yaa’a kennataa bilisaa fi qajeelaan yoo hin muudamin tasa kufuun aka jiru beekuu dhabuun kan isa duraa akka caalutt of fudhata. Iji hamaan karaa irra hin ceesisin malee, jalqabi Dr. Abiy abdachiisaa dha. Waan EPRDF keessatt uumameen kaka’a hawaasomaa fi malbulchaa keessa jirra. Kan EPRDFin uume akka tasaa ariitii fi salphinaan mucucaachuun waan hin yaadamne ture. Haa tahu malee eenyuyyuu hiddi inni waggootii soddomaaf yaafate akkuma kufaatii saa dafee buqqifama jedhanii yaaduun gowwummaa taha. Habashooti, Amaaraa fi Tigreen seenaa keessatt tolan aangoo walitt dabarsanii hin beekanii. Kanaaf kan angoo irra ture callisee hin deemu qabeenya saamichaan yeroo aangoo irra ture kuufatett dhimma baha malee fedhaan harka hin laatu; xiiqii ija hin qabneen beekamu. Amma taatoo walabi, Qeerroon Oromoo yabboo malbulchaatt olbahee jireenya empayeraa doorsisaa jira. Mootummaa fi gola angoo irra jirru irrattis caalaa ulfaachuun jijjiirama hanga took ADWUI keessaan fidee jira. Harka caalu Itophiyaa dhuunfachuuf qabsoon jiru murna Habashaa masaanuu lamaan gidduutt. Kanaaf Oromoon sochii lachaniiyyuu dammaqinaan caqasuu qabu. Tokko isa biraa daguuf hoomaa tuttuquun bakka bakkatt mullachuu dandaha. Kanaaf Oromoon eenyuufuu ulee utuu hin tahin, qobsoo saa cimfatee dinaa fi kochoncholli saa kellaa akka hin dabarre ittisuun abbaa biyyummaa ofii mirkaneessuu qabu. Sanyii, sabummaa yk dhugeeffannoo utuu hin jedhin, hoomaan sammuu ofii utuu hin tahin kan halaalaa to’atuun raafamaa. Girrisi dillisee fi hankaaksituuf tola jedhama. Yeroo akkasiiti, kan diinni maqaa isa mudaa hin qabnee faaluu kan yaalu.

Kanaaf miilla fudhannu hunda keessatt haalli keessa jirru akka sanatt hubatamee of eeggannoo barbaachisu taasifamu qaba. Keessaayyuu, iji gogocoro hallee Oromiyaa irra waan taheef akka deebi’anii hin kufne gamnoomaa fi jabinni barbaachisoo dha. Waliigalatt, godnaan keenya warraaqsa loowaa 1974 eegalen, Empayerri Itophiyaa bara abbaa hirrootaa irraa gara seeraan bulmaataa walabummaa fi bilisummaa demookraatwaatt cehuuf aggaamaa jirtii. Wal harkisoon cunqurfamaa fi cunqursaa gidduu alii yaa’aa, alii dacha’aa itt fufaama jira. Qabsichi humnoota naannaa qofatt hin dangahamuu; fedhooti baaqulaas keessa jiraachuu dandahu. Tahus cunqursaa fi kan tumsaniif dilii hogga’aa taha; garuu utuu haxaawamee hin bahin dura balleessaa guddaan mudachuu mala. Haleellaan finnoota ollaan Oromiyaa irratt kallattii halleen gaggeeffamuun lubbuu fi qabeenya Oromoo irratt baadiisa guddaa uumaa fakkeenyaaf dhahamuu dandaha. Sadarkaa qacceefixisaatt karaa halleen ajjeechaan Oromoo irratt gaggeeffamaa jiru yoo callifamee irra darbu ta’iisi xixqoon Oromiyaa keessaa maaliif hammaa baafamee himama? Waa’ee saa kaasuun Oromoo tokko tokkoon akka waan ADWUI Oromoon hogganamu didhameett malee akka yaadachiisaatt hin fudhatamu. Callisanii ilaaluun Oromoo dhugaaf laalaan saa hedduu guddaa dha.

ADWUIn si’ana lammiin Oromoo kan tahaniin gaggeeffamaa waan jiruuf garagarummaa fiiraa fi diina gidduu hedduuf dimimmiseessaa jira. Oromiyaan qabaa Itophiyaa jala jirti. Kanaaf mootummaan Itophiyaa qaamota sadaffaa irraa eeguuf dirqama seeraa fi hooda qaba ture. Garuu ji’oota shanan darban keessatt dhimmama hin agarsiifnee. Kun akkaataa guddina dilormaa Oromoo itt toohatan tahinnaa? Oromoon keessaayyuu Kaaba, Bahaa fi Kibbatt fedha diinagdee yk malbulchaa yk laamaanuu jedhamee akka dararaman godhamaa jiruu laata? Sadich hagam ballata laata? Kan hubatee ilaaleef haala hatattamaaf ilaalchi wal qixxee sabaawota gidduu akka hin jirre ni muldhata. Sun akka fedhe tahee, humnoota demokrasii fi bilisummaa jedhaman irraas daddaaqinaa fi jonjee guddaan mullachuuf adeema. Dambaliin warraaqsaa dharraa bilisummaan kaafame garuu eenyuu dhaabuu hin dandahu. Akeeki qabsoo Oromoo empayera Itophiyaa diigee jigaa saa jala saboota bilisa tahan kaasuu ture. Garuu kan nama dhibu sochi bilisummaa Oromootu empayericha kufaatii irraa baraare. Hobbaatiin saa naannaa qofaaf utuu hin tahin bilisummaa guutummaa Afriikaaf fidee dhufuu dandaha ture. Daangaa fi hariiroo koloneeffatoo dhihoo fi fagoon uumaman diiguuf carraanis jira. Akka qarooma durdurii Afrikaatt, Oromoon gara sanatt gumaacha guddaa gochuu dandahu. Carraan timjii fi hariiroo koloneeffataa dhihoo fi fagoon uumaman diiguu dandahuunis ture. Akka qarooma afrikaa durduriitt Oromoon gara sanatt heddu gumaachuu dandaha ture. Tokkummaan Afrikaa tokkummaa sabootaa fi sabaawota malee tokkummaa leellistuu kolonummaa tahuu hin qabu. Tokkummaan akkasii sabootaa fi sabaawotan Gaanfa Afrikaan eegaluu dandaha. Haa tahu malee dura of tahuun barbaachisaa dha. Qulqullummaa garaa fi fedhi jiraannaan dhaaboti Oromoo Tokkumaa Afriikaa shaffisiisuu dandahu.

Duraan dursee ABO caccabe, qiraacii homaa hin baafne illee haa taatu, walitt fayyuu qaba. Sagantaa kaayyoo tokko labsuun, maqaa tokko qabatanii adda addaan bobba’uun dadhabina hoggansaatii; ummata joonjjessuudhasii. ABOn dhineef dhaaboti maqaa Oromon bobba’anis ilaalcha adda addaa qabaatanu, akka Oromoott waanti tokko isaan tolchu hin dhibuu. Kanaaf mari’atanii ilaa fi ilaameen waan sabichaan akka safuutt ilaalamanii fi qabattoota irraa ka’oota waloon irratt walii galan qabaachuu dandahu. Sirni gadaa yoomuu sirna dhimmai baasuu. Sirni tokkko bakka toko dhaabbatee hin hafu, jijjiirammi ni jiraataa. Eegalooti yeroo darbee dhimma baasan hardha yeroon itt darbuu dandaha. Kun seera uumaatii. Kanaaf kan irratt xiyyeeffatamuu qaban akeekota bu’uuraa yoomu hin citne akka beelaa fi dheebuu bahachuu, bilisummaan jiraachuu faa. Feccoott yoo gad buune, qooda fudhannaa hawaasa waliigalaa; kabaja mirgoota ilmaan namaa fi uumaa naannoo; mirgoota ummatootaa; mirgoota of ifsuu, fi wal ijaaruu; bilisummaa amantee; finnaa fi dhugeeffannoo gargar ilaalamuu; bara angoo irra turamu dangahame fi olhaantummaa seeraa faa tahu.

Ollaan ofii ulfina ofiiti. Yeroo balaan bu’u kan dursanii dhaqaban isaani. Kanaaf ollaan wal jibbee hafuu hin dandahu. Kanaan dura ollaan gara kaabaa ture, Habashaa yk Itophiyaa ofii jedhu faranjiin gargaaramee hariiroo ollummaa balleesse. Bilisummaa fi walabummaa dhabsiise. Garbummaan gurguratee. Lafaa fi qabeenya saanii mulqee gadgaloo taasise. Hoogganootaa fi jajjaboo saanii dhibamsiisee, aadaa fi afaan saanii ukkaamse. Qabeenya Oromoo saamuuf malee nageenya, misoomaa fi tasgabbii naannaaf dantaa hin qabaanee. Sanatu qabsoo Oromoo finiinse. Ummata haatahu qabsaawoti Oromoo daaya (vision) isaan irra ballaa qabu. Tokkummaa waaraan ummatoota Afrikaa kan argamu yoo empayerri Itophiyaa daannoo kolonummaa tahe diigame qofa. Utu “Zaranaa” hin jedhamin dhugaan akkasii isaan biratt ka’uu hin dandahu.” Zaranyaan” kan faranjiin “racist” jedhu tahuu saati. Ummati Oromoo daangaa cehee nama hin garboofanne. Eenyummaa saaniif eenyuttuu jibba hin agarsiifnee. Sanyii saaniif kan itt roorrisan yk tuffatan hin qabanii. Nuti hundarra olhaanoo dha yk isin hin qaroomneedha hin jenne. “Zaranyaa” jara Oromoon jedhan, kanneen kan kanaa olitt kaahaman Oromoo irratt raawwatan moo “zaranyaan” Oromoo dha? Jaalalli bilisummaa fi walabummaa “Zaranyaa” nama jechisiisaa? Hogga’oon tokko took ABOn fi kanneen bilisummaa fi walabummaa jaallatan akka diina Itophiyaatt fudhatu. Seenaan jara akkasii garuu akka isaan jaallewwan saanii fi ‘biyya haadha sanaani” maqa hallett ganan agarsiisa.

Oromoon olloota saanii waliin nagaa, obbolummaa fi walqixxummaan jiraachuun aadaa saaniitii. Ummatoota adda addaa malee jalee saanii akka hin taane hanga hunduu baranitt nagaan hin jiraatu. Maqaan Itophiyaa jedhu akka isaanii Oromoo hin macheessuu. Jarri akka qooqa falfalaa godinicha irratt gooftaa isaan taasisuutt fudhatu. Maqichas haa tahu, akkaataan waliin jiraatan dhoofsisaaf dhihaatu qaba. Qabatteen Oromoon suduudaan irratt walii hin galle hundi si’achi fudhatama hin qabani. Akka Itophiyaatt cunqurfamaa fi cunqursaa taane jaarraa tokkoof walakkaa caalaa jiranne. Ammaa kaasee akka Habashaa yk Amaaraa fi Tigreett waan ollummaa keenyaa waliin dubbachuu ni dandeenya. Sirni Nafxanyaa akka wal jibbinuu fi wal tuffannu nu kakaase. Hardhas sammuu tokko tokoo keessaa bahu dadhabee cehumsa nagaatt guufuu tahaa jira. Akkuma kanaan duraa nama Oromoo tokko tokkoon Oromoo deebisanii rukutuuf dhimma itt bahu yaalu taha. Garuu tokkommaa fi sabboonummaan Oromoo sana irra qaari’ee jira. Waan ummata dammaqeen irra gahuu dandahu, kan halagaa looguu yaadan hunduu beeku.

Oromoon gara malbulchaan qarooma guddaa of duubaa qabu. Of ijaaruuf sanatt dhimma bahuun nameenyaa baddee deebifachuu ni gargaara: gad fageenyaan quwachuu barbaachisa. Oromoon federeeshin yk confedeeshaan kanneen fedha walii kabajan waliin jiraachuu dandahu. Diinni federeeshina amma jiru “Federeeshina lammii fi afaanii” jedhanii haddheessuun, biyya Oromoo akka barbaadanitt kukkutuu abbalaa jiru. Silaayuu lammiin sany, afaan, seenaa fi aadaa tokko qabu akka biyya addaa hin qabaanne maaltu dhowwaa? Yaayyoo Oromiyaa kan ABOn maxxanfate akka waan daangaan darbameett iyyu.Waa’ee tokkummaa dhugaa dubbanna taanaan namota akka fedha saaniitt hiruu qabnaa. Walloon fi Raayyaan biyya Oromooti. Daarii isaan Habashaa waliin qaban ummati tabba irra jiraatu sun beeka. Sun fedha ummatichaan waan murtaawuu dandahuuf wal hin lolchiisuu. Alaabaa Oromoon qabatanii injifannoolee hanga yoonaa galmeefatanii fi gatii guddaa itt baasan arguun dhiiga saanii danfisisa. Oromoon yeroo isaan alaabaa diinni qabatee sanyii saanii ittiin duguge qabatanii itt foolatan homaa hin jenne. Oromoon alaabaa saanii akka alaabaa diinaa ittiin injifatamanii fi salphatanitt fudhatu.

Fixasanyii 1886 keessa Asulee /Annolee kessatt tahe akka waan asoosama dhihoo nama Habashaa tokkoon barreefamee keessaa maddeett dhiheesuun qaabata dhumiisa gahe caalaa sammuu lammi huba. Wal madeessaa akkamitt wal amanuun uumama. Qaama kan booji’ee kukkutuun Minilikiin hin jalqabamne. Isa dura Teedrosii fi Yaahaannis sanaa gad hin tolchine. Aadaa Habashaa tahee ture jechuu dha. Waan himamaa jiru haaluu dura ummata midhammi irra gahe irraa dhaqanii qorachuu dha. Siidaan namicha harma mureef yoo dhaabbatu an muramaniif hin dhaabbatin jechuun tuffii hammamiitii? Kanneen miidhama sirni Nafxanyaa Oromoo irraan gahef sidaan Annoleeeeeee yaadachiisaa hamaa darbee taheefii sun akka hin deebine malgochuu wayyaa kan marihachiisu tahuu qabaa. Sanatu olla waliin nagaa fi araara buusa. Anja hunda keenyaa kan qabuu fi kan jiru akka jirutt fudhannee, Dr. Abiy “Seeraan Bulmaata” akka diriirsu haa humneessinuunii. Nagaa fi kabaja mirgoota ilmaan namaa diriirsuun nageenyaaf jabina saatt raarraa’a.

Hiree ofii ofiin murteeffachuun mirga sabootaa hin tuqamne. Kan sana irra darbanii nutu isinii beeka jedhan kan yaacii keessa jiraatani. Halagaan bultii ijaarratanii, seera kabajaa Oromiyaa keessa jiratan Oromoon akka Oromiyootaatt ilaaluunii. Jireenya malbulchaa Oromiyaa keessaatt akka abba tokkoott mirga Oromoon walqixxee qabatu. Hawaasa ijaarratanii aadaa fi afaan keenya guddifanna yoo jedhan wanti hin hayyamamneef hin jiratu. Isaaniin qabatee harki alaa akka itt seenu garuu hin hayyamamu. Biyya toko keessa abbaan biyyaa lama hin jiraatu. Oromoon Finfinnee irratt abbootii biyyaati, moo’ummaa qabu. Wayyabi jiraataa magaalichaa lammii kam keessaa tahu ni dandaha; sana jechuun biyya Oromoo dhufanii jiraatan malee biyya ofii buqqisanii achi hin dhaabne. Finfinneen magaalaa mummittii fi hadhuura Oromiyaa waan taateef akka magaalaa guddoo tokkott mirgi eegamuuf magaalota addunyaa keessaa kamiinuu gad hin tahu. Jarri amma Oromummaa Finfinneen morman, fuddhaallee yoo jedhaman Oromiyaan utuu hin hayyamin eessaan itt seenu? Kosii saanii eessatt gatu? Nyaataa fi bishaan saanii eessaa argatu? Oromiyaan Finfinnee malee jiraachuu ni dandeessi, Finfinneen garu Oromiyaa malee hin dandeessuu. Abbaan waraanotaa Minilik kan Finfinneeti moora ijaarratan, Gullallee, Galaan, Eekkaa kkf ajjeesanii fi buqqisaniitu. Sanaaf itt gaafatammi akka jirus beekamuu qaba.

Fooliin jijjiiramaa qilleensa keessa jira. Buusaa seenaa keenyaa kana keessatt jijjiirammi hanquun fudhatama hin qabu. Haalli keenya Itophiyaa waliin darbe fokkuu ture. Egeree godinaa fi waldiyaa keenyaaf daaya gutummaati haaraa tahe feena. Kanneen durdurii ofiif yaada qaban Oromiyaan walitt akeekanii utuu hin tahin biyya ofii keessatt ittiin basha’uu dandahu. Oromoon warraaqsa kaasaniin mootummaa sadii fonqolaachisanii jiru. Sii’achi gamnaa fi jabaan mootummoota sana caalu hin dhufu. Haatahu malee abdattuun sirna Nafxanyaa fi galtuun yoomuu hankaaksu yaaluu irraa hin deebi’anii. Akka durii “Sirba giddii kan mangistii” kan jedhamu hin jiraatu. Fedha ummata Oromo alatt sii’achi want irratt tolfamuu dandahu hin jiru. Hariiroon ummatoota gidduu jiru ifaa tahuu qaba. Ummatoota akka beellada fe’anii dhimma itt baahan empayera waliin ijaarre jechuun haasaa gowwoomsaa irra hin dabarree fi qaroo tahu ummatoota kolonii gaaffiif dhiheessuu dha. Jagnooti Oromoo warana irratt jabduu hojjetaniif sabichi faarsame hin beeku. Tuffiin “maqaa arrabsoo” ammayyuu guutummaatt irraa hin haqamne.

Erga ilmaan namaa golee baaqulaa ada addaa keessaa wal qunnamuu dabdahanii, walkeessa deemanii wal irraa bituu fi gurguruu, waliin jiraachuun beekamaa dha. Tokko bakka gahett abbaa biyyummaa isa simatee beekuu qofatu barbaachisa. Haalli naannaa keenya jiru keessummatu mana galee mannis atis kooti jedhee humnaan qabatee gad dhiisuu dide. Kun sirraawuu dhabuuti nama wal lolchiisaa jira. Barri darbaa akka deeemuun kan jara duraa dhaalan abotii irraa akka bu’aa dhufeef malee akka abbooliin saani sana itt argatan baruu hin barbaanne. Kanneen qabaa jala jiraniifis halagaa tajaajiluuf akka hin dhalannee fi halagichi qabeenyaa fi dafquma saaniitiin akka irratt goobaa jiru seenaa abboolii fi haadholiin dabarbeef irraa baratanii jiru. Kanaaf mirga ofii hanga deebifatanitt hacuucaaf hin sarmani. Kanaaf halagaan Oromiyaa irraa harka saa kaasuun dirqii dha. Abbaa biyyummaa kan kolonummaan kufanii fudhatee, fuldura walqixxummaan waliin jiraachuuf fedha qaba taanaan, bakka jalqaba turett deebi’uun barbaachisaa hin tahu taha. Gaaffiin araara buusuu gara saan dhufuu qaba malee mirga ofiif roorrisaa hin kadhatani.

Didhaan Dr. Abiy fi murna saa irra jiru hedduu guddaa dha. Kanneen bu’aa irbuusaa dhugoomsuun argamu amanan ilaalcha saa Itophiyyummaa utuu hin hedin, akka irbuchi dhugoomuuf deggersa qusanaa hin qabne hiriirsuufii qabu. Hangasitt Buusaa haaraan keessa jirruu gaaffii bilisummaa fi walabummaa keenya kaasuuf gahaa hin tahanii. Itophiyaanoti Oromiyaa akka biyya Waaqayyoo gadi buuseefitt yk akka isaan jedhan “qiny gizaatiitt” saaniitt fufhatu. Yeroo dhaadannoo lolaa saani irraa dhagahamu kan isaan jijjiiramaa deemaa jiru deggeran akka Dr. Abiy Wayyaanee karaa irra maqsee isaan bakka bu’aniif malee seeraan bulmaata inni argamsiisuuf miti. Oromoon sana akka tuffiitt fudhachuun, yoo jijjiiraman malee dhoofsisaaf bakka irraa kahan waloo akka hin qabnett ilaalu dandahu. Qalbii jijjirirati jiraannaan, carraa argamu hundaan waldhabdee nagaan fixachuun aada saaniitii. Waa’een gamtaa Oromoo fi Amaaraa, gidduu darbe hedduun hodeeffamaa ture. Garuu qulqullomi garaa sirriitt hin calaqisiifamne. Gungummii anjaa malbulchaa yeroof tahan turee. Kanaaf malee gamtaan dhugaa jara lamaan gidduu nagaa godinichaaf iggitii tahuu dandaha ture. Qacceen yaadi Nafxanyumaa dubatt maxxantee haftee fi walmamuun hariiroo durii irra hafte gamtichi fiixaan bahuuf irra haanamuu qabu. Mootummaan Itophiyaa Dr. Abiyiin hogganamu qabsoo hidhannoo utuu hin feesisin, qabsoo nagaaf dirree mijjeessina jedhee jira. Nagaan Kaayyoo ofiif qabsaawuun dandahamnaan lolaan malee hin tahu kan jedhu maraatuu qofa. Kan nagaa jaallatu hundi hanga hogganni kun waan jedhe dhugoomsuuf tattaafatett deggersaa fi eegumsa kennuufiin barbaachisaa dha. Hundu yaadota wal dhabsiisan fudhatee nagaan fala barbaaduuf naannaa diriiraatt wal haa gahu. Boqonnaan haardha irra geenye kan Kaayyoo ganamaa irraa nu ceesisu miti. Ayyaanlaalloti hoomaa harka rukuchiifachuuf karaa hin taanett masakuu yaalu taha. Garuu fedha Oromoo malee kan tahu hin jiru. Qeerroo fi Qeerrantiin Oromoo hurrisa duubatt harkiftuun baaraganii Kaayyoo saba saan gad hin dhiisanii. Oromiyaa haa jiraattu!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Hagayya 2018

Leave a Reply

Your email address will not be published.