0

Guyyaattii Bala’amtuu Sana, Onkololessa 18, 1986

Oromiyaa dhaa Birraa ture.Wanti halle Maa’ikalaawii, Jarmaa QorqoraaWaaltaa, kaaba Finfinneett argamutt tahe. Innaa ganama tokko, hidhamtooti mana fira baallamaan ilaalan duuba taa’anii caama qaqaammatu.Manichi gara kibbaatii qaawaa akka foddaa, karaa firri nyaata hidhamtootaa polisiitt kennan qaba. Jaal IsheetuunUlatuu, kan amma lubbuun hin jire, nyaata, uffataa fi waatattaa biraa kan hidhamaaf dhufu Polisii harka akka fuudhu dhaabbataatt ramadamee ture. Hidhamtooti nyaata Isheetuu harka fuudhanii diinqa hidhaatt daddeebisan Mooraa Gubbaa shaffisaan lixanii yoo bahaan ni mullatu turan. Jaal Beekaan (Gazaahiny Kaasaahun) kanneen deddeebisan keessaa tokko ture.Barreessaa kanatt al tokko dhufee akka hidhamtooti hedduun Karcheellee dhufan itt hime.Nammi hundi hiikkaaf taha jedhee yaade.

Hidhamtooti Karcheellee waajjira bulcha hidhamtootaa tokko tokkoon lixanii erbaala wayii fudhanii qummaada yoo gad bahan argaman jedhama. J/Beekaan ammas dhufee Mooraa Dakaatii hidhamtooti jaallawwan keenya, Abbaa Dhibbaa Yiggazuu Waaqee kan Akaadamii Lolata Hararii bahe, Kabbada ( Waleensuu)kan naannaa Adaamaa Ministeraa Qonnaaf hojjetaa turefi hidhamtooti biraas akka keessa jiran itt hime. Ittaansee barreessaan kun Jaal Muheen waamamee yeroo deemu faggoott arge. Jaal Muheen miseensa Hoggansa olhaanaa ABO ture. Hin turree Gazaahiny kan Dura taahaa Ittaanaa tokkoffaa Konfedereeshina hojjettoota Itophiyaa tures waamame. Amma dubbiin dhibduu taate.Kanneen aduu qaammataa turan akka rifachuu tahanii hoduun yoo jiraateef dhagahuu gara dallaa saaniitt ol deebi’an. Yeroo hanga tokko duuba mi’a saanii gad kennaa jedhame. Amma wanti hin tolle tokko akka deemaa jiru mamsiise. Hundu nirifatan.

  

Kan Onkoloolessa 18, 1986 dhagahamuuf deemuu fi tahes,hidhamtoota Oromoo malbulchaafhidhaa keessatt muuxannoo hedduu badaa ture.Jallewwan gubbaatt dhahaman hundi ni qalaman. Isan irratt dabalamanii hidhamtooti malbulchaa EPRP, EPLF, TPLF fi Johova Witnesitt himaman karchellee dhufankan waggoota 6-9 qabaa jala turan qalmaaf dhihatan. Hidhamtoota Maa’ikalaawii sabboonota Oromo 18 keessaa afur,Mooraa Gubbaa Muhee Abdoo Abbaa Duulaa, Gazaheny Kasaahun JaarraafiMooraa Dakaa, Kabbadaa Damissee,Abbaa Dhibbaa Yiggazuu Waaqee itt dabalaman. Hidhamtooti Oromoo garri caalaan Mudde 1979 keessa qabaman.Hunda dhageettiin gaaddisaa hin kennamneef, guraara kutaa dararaa keessatt irra gahe malee kanaan himatamtanis jedhamanii hin beekan. Hundi dallaa sana keessatt hudhamanii ajjeefamuun Kotobeett awwaalamuutu guungumamaa ture. Kotobeett awwaalamuun erga Dargiin finqilaatee”Argentine Anthropology Team (EAAF)” jedhamuun mirkaneeffame.Yeros lakkoofsi gaaga’amtootaa meeqa akka ture sirriitt hin beekamu, 90 gad miti jedhama ture. Garuu erga lafeen saanii argamee soddoma jedhame.

Walirra bu’ee haa tahuu karoorfamee gaafa sana jalqabaaf qodaan TV dhufee hidhamtooti mooraa lachanuu akka walgahanii holola Dargii ilaalan godhame. Ajajaan Maa’ikalaawii Koloneel Argawu Isheete jedhamu qeeraa deebi’ee haasaa waan godhee dhufe hin ilaalle haasawe.Manooti hidhaa bakka adabaa utuu hin tahin bakka sirreessaa tahu jedhe. Akka maalummaa akeeka dhaaba saa sobuu, Argaawuun kan dirqisiise hin turre. Abbaan fedhe haa ajajuu hidhamtooti lakkoofsi saanii hin beekamne eegumsa isaa jalatt akka qeera’aman hundi achi turan beeku.Yoomallee, manii kanneen hafan waliin akeekkatan Republik Demkratofte Oromiyaa dhaabuun hardhaaf bakka hin gahin,falammiin saa sadarkaa kanaan dura hin argamin gahee jira. Dhalooti Qubee mukukkula tahan kaayyoo isaan kufaniif qabatanii ka’anii jiru.Utuu jiraatanii garagarummaa guddaa fiduu dandahu ture; garuu diinni haa badduu, sabichi jagnummaa fi kutannoo isaan qaban, si’ana waakkii tahe dhabee, rooraatuu fi ayyaan laallatuun qabaa malee burraaqaa jirtii.

Akkasitt murni Oromo gootota gita hin qabne afur dhabe; ifatt ragaan irratt dhihates, gaaddisa irratt dhaggeeffanoon kennameefis hin beeku.Jaallewwan saanii kudha arfan hafan, keessaan du’aa dhumiisa eeguu malee, wanti jedhanis, gochuu dandahan hin turre.Kanneen du’an, jallewwanii fi leelloo murnichaa turan.Warraaqsi saanii hagam akka utaalee fi karaa irraa maqa ganaa tahe jaallewwan saaniis arguuf hin jirane.Kanneen gaafas baraaraman yoomii fi akkamitt darabeen saanii akka dhufu hin beekne;Dargiin isaan dursee kutuu, quuqaa gara ittuma hafe.Kudhan Fulbana 2, 1989 Dargiin, kan hafan 1991 fakkeessituun hambaan Dargii utuu hin kufin gaddhiifaman.

Barreessaan kunakka waan lubbuu fi foon saa walitt hin jirreett itt dhagahame. Inni jiraa du’aa malee homaa hin turre.Sagaleen mormuu haa tahu walgahicha irraa ka’ee deemuu hin dandeenye.Raatessaa Ajajichaa jala ture.Lallabichi erga dhumee maandhee saatt deebi’ee gaabii saa jala lixee akka daa’imaa harquutt ka’e. Sodaattummaa moo dhalootee of oolchuuti, kan amba keessatt iyyee burququu isa dhowwe, ammalee deebii hin qabu? Yoo ABO keessatt qooda fudhachuun yakka tahe, inni kanneen ajjeefaman yoo caale malee isaanii gad hin turre. Yeroo manguddoon baraaraman maaf dargaggoon kun du’an? Kun hibboo hanga yoonaa galchuu hin dandeenye.

Tarkaanfiin seeraa alatt fudhatamu maalifaa kan hin qabneef kana ni taha jechuun dhibu waan taheef, gaaffii sammuu keessa deddeebi’uuf deebii hin qabu.Garuu guyyooti darbanii mirkanii seenaa tokko tokko yoo walitt fufu, dargaggoo fi giidoo kan qaban roorrisaan ajjeefamuun,ummaticha abdii hoggansa guddifachuu dhabsiisuuf, tooftaa bulchoota Habashaa akka tahe hubate. Dilormaan Oromoo guddaa tahuu, taadhummaan haadholii Oromoo fi dandeettiin halagaa ofitt qabuu Oromoo, yeroo hin yaadamnee ka’ee kan isaan yaaddessaa dhufe. Karaa dandahan hundaan, seera ala ajjeesu, haddhaa sooruu, sangoomsuu, maseensuu, dhukkuba akka Farmullis Farra Misa Rincicaa (AIDS), Koleeraa fi kan fakkaatan fi waan jireenyaa barbaachisan akka nyaataa, wayyaa fi qoricha kan fakkaatandhowwachun ajjeesanii,lakkofsa saanii gad cabsuuf tattaafatu. Akka du’aniif,beekaa mataa fi onneedaa’immaniitt akeekkatanii dhukaasuun Agaazii qaama kanaati. Falli akkasii kan ofii maddisiisan qofa utuu hin tahin fashistootaa fi kanneen fala saanii leellisan irraa akkaafataniitu. Garuu gochi hundi abbaatt deebi’uu dandaha; gaafa sun tahe isanumaaf moojii.Hojii yakkaa fi akka moototi saanii itt raawwatan, fakeenyaaf kanneen isaan duraa dhiifnee seenaa Yohannis VI, Minilik II, Haayila Sillaasee I, Darguu fi Mallasaa qofa ilaaluun ni gaha.

Kanneen waan darbe irraa barachuu dadhaban hardhallee jiru.Halagan lafaa fi qabeenya uumaa Oromiyaa malee nageenya ummata Oromoof dhimma hin qabanii.Jalqaba Oromoon lafa hin qabu gabbaarii tahuuf dhalate jedhu turani.Yoo sun fakkaachuu didu walirraa horuun firummaa ummanneerra jedhani.Oromoonaddunyaa hunda irraa horeeraakan saanii adda hin tahu. Itt hansanii Oromoo fira irraa qoollifatan, akka deebi’anii qabachuu gargaaraniif sossobachuutt ka’ani.Oromooti akkasii ofittoota, beekamuu ofii gamatt homaa arguu hin dandeenyee.Xiiqii hiriyaa sabboona ofiin qabataniif diina sabaa seenaa tufee harka hiixataafii jiru. Jarri akkasii gooftaa malee jiraachuun itt hin tolu.Dargaggoon Oromoo garuu, yoo ofirraa hadhan qofa lubbuun baraaramanii akka nagaa fi tasgabbiin jiraatan hubatanii jiru.Namoota Oromoo tahan hafee kanneen Oromiyaa keessa jiraatan hundi diinaalaa dhufu Oromoo bira dhabbatanii ofirraa faccisuu qabu.Seenaa, aadaa fi dudhaa ummata ofii halagaa jala galchuuf haa tahu, qaccee halagaa qabaachuu sababfatanii abbaa hirree waliin ummata nagaa fixuuf of qopheessuu lugnummaa malee homaa jedhamuu hin dandahu.

Si’aana yaadanmalli olbahaa jiru,makoon finnaa empayeraa tokkee keessatt qofa bakka argatu kan jedhu. Oromoon biyya qaba, innis Oromiyaa dha. Yoo abbaa fi haadha keessaa tokko illee Oromoo tahan irraa dhalatan ofii hin feenu jedhanii biyya biraa filatan malee isaan kan Oromiyaatii. Ummatooti hundi akka itt qaccee dhahatan qabu, makoo Oromoo kanadda tolchu hin jiru. Filmaati sadaffaan waan hin jirreef gara abbaa yk gara haadha goruu yk hunda beekaa (kosomopolitan) tahanii ciigoo irraa qulqullaawu dha. Oromoon jara dur ba’aa itt fe’anii oofan utuu hin tahin walabummaa fi ulfina badde deeffachuuf kan bobba’anii. Miseensa cunqurfamootaa tahun du’a hedduu, salphinoota fi gidiraa waan qabuuf nama sodaachisa taha. Garuu walabummaan gatii malee hin dhuftuu.Amma erga Oromoon ejjennoo fudhachuutt kahani dubbiin jijjiiramaa jirti. Habashaan mallattoota kolonii fi Itphiyummaan itt siquu fedhu, hariiroon biraa geedaramuyyuu ammallee samuun saanii kan koloneeffataatii. Gaaffii Oromoo qayyabachuuf fagootu isaan hafaa, kanaaf waa’ee makoo oofuutt kahanii.Hidhamuu fi ajjeechaa Onkoloolessa 18 obbolaa keenya goototaa, kanneen walabummaa Oromiyaaf loluuf waa’ee lammummaa gaaffii keessa hin galchine irraa hedduu baranne.Waajjibulchiin Habashaa hamma tisiisillee nu keessaa du’eett hin fudhanne.

Koloneelichiifi murni saa, ajaja abba tokkoota dhabamsiisu hojii irra oolchuunkan nagaan hafan itt fakkaatee ture. Waggoota kudha shanii ol sana godhaa as gahan. Booda irratt, gochi saanii akka dhuma saanii qofa shaffisiise argan.Hamajaajii ofiif karaa tolaa qopheessaa bahan.Nakkariin caalaa hamaa haaloo kuusatefi tooftaa beekaatahe angoo saanii burkuteesse sirna hacuuccaa saanii akka raajiitt qare. Haa tahu malee kan isaan nama biraa irratt tolchaa turan irraan hin geenye. Xaddachadhugaa haa tahuu sobaa dhihaatanii akka of irraa ittisan carraa kenneef malee akka isaanii hin taane.Akeeki saanii tokkuma; lolli saanii angoof malee roorroo hambisuuf miti.Hanga kolonota of jalatt galchanitt daba Dargiin dhaqabsiiseef dantaa hin qabanne.Bulchooti haaraan kunisaan irra wayyaa utuu hin tahin, gooftoliin saanii haaraan yoo xinnaate kan seeran bulan akka fakeessan dhiibbaa irratt gochuutu adda isaan tolche. Sanaaf malee isaan sanumaa, aadaa sabummaa namaa hiluu hin qabanii.Sun tahees,ukkaamsuu, seera malee ajjeesuu, hidhuu, guraaruu, fi sanyii hin barbaadamne seca’uu, walabummaa fi akka fedha ofii tahuu Oromoo ciipha’uu fi lammii qulqulleessa jabaatanii itt fufuu hin dhaabne. Sun qabsoo dabaankufooti walabummaa Biyya Abbaaf qabsiisanitt boba’aa ida’e.

Koloneelichii fi hedduun qananii fi wallaansa dhabuun hidhaa keessatt du’an.Kan isaan bakka bu’e, dhooftuu roorroo Dargii caalaatt qaree, karaa Dargiin baaseef irra sosso’aa jira. Seenaan cunqursituu Habashaa akka agarsiisutt yeroon cunqursaan bakka cunqurfamaa bu’ee, hammeenyanama irraan gahe qofa utuu hin tahin gadadoohunda innaan itt muuxatu ni dhufa. Kan burquqa sana jalaa bahe hin turre. Ajjeechicha jaallan sanii booda jireenyi hidhamaa akkuma turett, kandhufe haa dhufu jedhamaa itt fufe.Hiikkan,kan du’a irraa oolanii hedduuf dhumiisa booda, waggota sadii ture yoo dhufu, kaaniif waggoota shan fudhate.

Barreessaa kanaaf hundu obbolaa quxusuu fi jaallewwan.Republika Oromiyaa Demokraatoftu dhaabuuf daaya walfakkaataa waliin unkeffatan. Hundi kanwalii kakatan,Kaayyoo saba saanii irraa akka hin mittiqne ture. Jireenya hidhaa, kan guraarama qaamaa fi sammuu dabalatu keessa waliin turan. Gaga’amtoota guraaraa keessumsiisaa baroota sana hunda waliin dabarsan. Gadadoon hidhamtoota malbulchaa Oromoo dallaa sibilaa duuba himamee hin dhumu.Hundi hambaa loltuu Dargii “Zilzil” jedhamu waliin nyaatanii jiru. Hamboti sun silaa kan akka kosiitt gataman, golxa alanfatamuu didnaan afaanii tufaman faa jara hidhameef bareellaa cirrachattdeebisanii hojiirra olchuuf ergamuu turan. Waliin fokkuu keessa dansa jiru qooddataniiru. Barreessan kun waa’ee saanii yoo qaabatu imimmaan, birdhuu fi laalaa dullachi qaama guraaramee deebi’ee kulkulfachuutt ka’a. Kanaaf qaabannoo saanii nageenya sammuu ofiif irraanfachuu barbaada.Garuu of sobuu yoo hin taane akkamitt dandahamaa?Erga addaan deemanii amma waggaa soddomaa; jaallewwan baraaraman akka danuu/tasaa lubbuun jiru. Ummata bilisa qofa kan danuun du’u. Caalaan saanii kakuu saanii Kaayyoo sabaa eeguuf faajjii saanii ol kaasanii balaliisaa jiru. Jaallewwan qabbana ciisaa! Jalala, jannummaa fi jaalbiyyummaa nu barsiiftaniittuu.Dhiiga keessaniinis jaalbiyyooti kumkummooti daraaraa jiru.

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan lubbuun jiraniif; nagaa fi araarri Ayyaana abbooliif haa tahu!

Ibsaa Guutama
Onkoloolessa, 2016

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *