0

Labsa Eegee Seera Waraanaa Ijibbaataa Itophiyaa fi faara faana jiru

Haala hatattamaa jechuun, haala mootummaan yeroo murtaaweef jeequmsa uumaa haa tahu kan nammi uume too’achuuf seeraa iyyannoo hin qabne itt baasuun, mirga noolaa fi bilisooma ummataa rarraasuu jechuu dha. Empayerri Itophiyaa utuu seericha hin baasinuu seera ofii cabsuun qabeenyaa fi lubbuu kumkumootaa mancaasaa jirate. Waggootiin 25 darban kanneen dhandhamannee fi qaabannoo keenya madeessaa jirani. Baroota kana keessa rasaasa Wayyaaneen kan hin akaawamin hin jiru. Walaa’ittaa, Sidaamaa, Ugadeen, Mazhangar, Benii Shangul, Afarii fi Konsoon kan qacceefixisi irra gahan keessaa dhahamuu dandahanii. Al tokko hogganni Wayyaanee yoo halluu ija jibbinellee tarkaanfii fudhachuu dandeenya jedhee ture. Ummati Oromoo ofirrummaa akkasii fi roorroon itt caalaa, humna ol tahaa dhufnaan mormii wal irraa hin citnett erga ka’ee waggaa guutee jira. Giidoon gaddhiifame baayyee guddaa tahuu irraan kan ka’e mootummaa Wayyaanee hundee raasee, qalbii addunyaa hawwatee, qaata lubbuu namaa fi qabeenya hamma hin qabne mancaasuutt kahe. Oromoon yoo xinnaate hacuuccaa halagaa akka raawwachisan mamii hin qabani. Diddaan boodana gara battala Amaaraa, Gojjamii fi Gondoritt baballate. Qabaan TPLF empayeritt irratt laafuun yeroo itt dhagahamu murnooti hedduun hobbaatii saa keessaa qooda argachuu fi akkasumas akka sochiin saba Oromoon itt baha saa hin murteessine dhaabuuf gad yaa’uutt kahan.Hangi tokko Wayyaanee waliin aangoo hirmachuu fedhu; hangi biraa dimshaashumatt Wayyaaanee bakka bu’uu fedhu; kaan saba ofii bilisoomsuu barbaadu. Hedduun saanii sona cehumsaa akka 1991 kan eeggatan yoo tahu keessatt qooda fudhachuufis of qopheessaa jiru. “Laga marqaa jennaan nadheen boojjitoo gurtee yaate” isa jedhamu fakkata. Kan qotates kan goofaree filatee ganda labaa bahes walqixxee maaddiitt dhihaataa jira. Mormii kana ukkaamsuuf jeequmsa ofumaa uume nan too’adha jedhee utuu hin jigin ijibbaataaf labsa hatattamaa isee xumuraa labsee jira. Labsi kun kan naannota morman hunda seera waraanaa jala oolchu. Mirgi Heeraan kennaman hundi rarraafamaniiru. Gara guddaa abbaltiin labsa kanaa Oromiyaan qabaa jalaa akka hin bane, Amaarri bakka Tigree bu’uu carraa akka hin arganne gochuu dha.

Wanti dhibaan, TPLF sana kan labse fuuloo Kawa Xoonaa, Mootii Walaa’ittaa isa dhumaa, kan waranaa kolonummaan 1884 ummati Walaa’ittaa walakkaan itt dhumee, innis itt booji’ame ture. Fuulichi boojuu lubbuu qabu kun, akkuma lolichi Xoonaaf is dhumaa tahe waan dhumaa farrisuuf kan as bahe fakkaataa. Ummatooti Kibbaa fi Oromiyaan kolomsiisi gantuu kan karaa bilisummaa irraa isaan maqsuu abbalu jiraatuyyuu, akkuma waliin kufan waliin ka’uu. Oromoon qabeenya uumaan dureeyyii, humna namaa guddaa, ummata qaroof hojjetaa, dandeettii ummatoota bira ofitt dabaluu qabaachuun kan hundi itt hinaafu; akkasumas afaan, aadaa fi seenaan adda tahuun saanii nyaaapha birdhachiisaa waan jiraateef maaf jibbamna jechuun hin dandahamu. Hammeenyi garaa keessatt kuusame kun kan dhiisuun hin fakkaatu. Sabboonaan Oromoo tokko walgahii Oromoo irratt afaan tokko baafannaan fagoodhaa gurra qeensanii dhagahuun hawwaa hamaa Oromiyaaf garaa qaban hunda urgufatan.

Hophiyaa tumsaa hiriira Amaaraa irratt mullate qaata akka ulee falfaltuutt kan hawwaa birmadummaa Oromoon qaban hunda keessaa baasee fi gaaffii Oromoo gachisiisett fudhatanii. Kan itt roorrifameef tumsuun hawaasaa gara laafessaaf gocha ulfina qabu. Garuu yeroo yaada hamaan walitt hidhamu lallibbata waan deemaa jiru qubaa hin qabne ni rifachiisaa. Hawaasota lamaan gidduu waliigalteen godhame waan hinturreef irbuun ganamuun wacabarameefis hin turre. Keessa bahaniiyyuu maaliif walgahi addaa godhattan, isin Itophiyaa miti jedhanii Walda Seerbeekotaa dinniinu uggani? Isaan keessa yaada bututaa akka saanii kan qaban akka jiran waldhaalanii miti garuu Oromummaa saaniif dangaa darbanii akka gabbarii saanii durii itt dheekkamuu barbaadani. Oromoo keessa kan daya Itophiyaa qaban lakkoofsa akka hin qabne hubachuu hin feene. Haala akkasii jalatt hammam garaa qulqulluun walitt dhufuun dandahama? “Humni tokkummaa” akkuma hundee dhabuu saanii ummatoota gidduutt wal qayyabannoo uumuu irra addaan babaasa saaniitu caala. Jibbi saanii hamaa akka hin geessifne halaalatt ittisuu wayya. Jarri kun erga qabsoo eegalanii bu’aa fi kisaaraa sanii utuu gamagamanii kan dhiisanii badanii. Qunnamtii ummata Amaaraaf kanneen biroo waliin godhamu qulqullina garaan fedha yoo qabaatan itt fufuu dandaha.

Ummatooti Habashaa jedhaman erga Gabra Diimaa cehanii anjaa namoota aadaa fi afaaniin isaanin adda tahan irratt argachuuf tokkummaan bobbahaa jiraatan malee tokkooma keessaa qabaatanii hin beekanii. Tokkummaan saanii kan walitt hirkisaati. Maqaa Itophiyaa jedhus maqaa Grikooti ummatoota Kusaa fi Afriikanota gurraalee biraaf kennan, butatanii “Habashaan” darabee utuu dhimma itt bahanii Hayila Sillaaseen 1941 ifatt labsef. Kun maqaa hatamee galmee ayyaanawaa fi noolee keessatt bakka Kuush buhe. Sun seenaa qaroma Kuusaa dabalachuun kan ofii gabbifatanii. Inni qaama isaanii alaatt maqaa waloo itttiin dhihatan kenneef malee of gidduutt Tigree, Amaara, jadhaama bobbahaa jiraatani. Carraa argannaan hariiroo gabra gamaa irratt wal saamuu yk wal moggeessuun ni mullata ture.Seenaa Moor baatee deemuu sanallee utuu hin qoratin qeesiin Penxee ayyaanlaallataan tokko akka iseen itt caasamte utuu hin beekin uumaa Itophiyaa keessa lixee yoo cabaqu dhagahamaa. Itophiyaan mana Waaqitt utuu hin tahin afaan Grikii keessatt uumamuu saallee hin beeku.

Amaarri danabsaa fi diliif dura bu’anii yoo deeman ummata heddu of jala yaasuun Itophiyummaa fi afaan, aadaa , amantee fi seenaa ofii dirqiin fudhachiisuu hedduu tattaafatan, garu guutummaatt hin milkoofnee. Innu 1991 TPLF mirgoota sabootaa fi sabaawotaa bilisa tahuu beeku saan fuggisiifame. Amaara fakkeessituun erga aangoo irraa kufaniif gutummaatt Amaara akka hin taane baruun rakkinni itt dhufe. Jarri sun ammalee naannaama maqaa “Itophiyaatt” gurmaawaa jiru. Golli Mallaa Amaaraa kan lafaa ka’uu dadhabe “humnooti tokkummaa” gara Amaaraatt duufanuu garlamummaa agarsiisu saaniifii. Mallaa Amaaraa kan ijaaran garri caalaan “humnoota tokkummaati”. “Bakki warwarraawaan Amaaraa fi “humnoota tokkumaa” gidduu jiru fi hariiroo ummatoota kaan waliin qaban dimimiseessaa jira. Fotoo hidhamtoota Oromo hiriira Amaaraa irratt agarsiisuun gocha eebbifamaa dha, gamanaas gochi walfakkaataan godhamee jira. Garuu “humna tokkummaa” kan ofiin jedhaniin faalame. Kanneen yaada addaa qaban irratt duuluun tuffii sabichaaf qaban agarsiisa. Bilisummaan of ifsachuu hariiroo demokratawaa keessatt waan bu’uuraatii.

Tigreen hedduu wal hin maknee garuu eenyummaa ofii utuu hin gatin Itophiyummaan duuba hiriire. Kanaaf yoo carraan dhufuuf hin rakkannee, afaan tokko fi aadaa tokkoon kooraa yaabbate. Nafxanyaa dullachii kooraa irraa bu’ee ija facaase; kanaaf eenyummaa ofiitt deebi’uun qortuu itt taate. Bacarraa saanii keessatt utuu qooda hin fudhatin Amaarri mudaa saanii hundaaf itt gaafatamaa godhame. Seenaa saanii keessatt Amaaraa fi Tigreeen akka si’anaa wal dhabanii kan beekan hin fakkaatu. Ammas yoo tahe empayerittii dhuunfachuu irratt waldhaban malee eenyumaa saanii walii wallaalanii miti. Gaaffii timjii fi haaloo garaa jirur iraa kan ka’e alaabaa asxaa kan durii irraa adda tahe balaaleffataa jiru. Asxicha malee halluu alaabichaa isuma duriiti. Mootota adda addaan asxaan jijjiiramaa ture, garuu tuqaa waldhabdee tahee hin beeku. Erga Minilikii, amma yeroo jalqabaaf Tigree fi Amaarri alaabaa tokko hin qabani; kan Amaraa fi “humnooti tokkummaa” garuu tokkuma fakkaataa.

Tigreen kakuu cabsee jira; garuu sanuma walirratt raawwachaa waan dhufaniif komeen maddisiisu kan bu’uuraa hin tahu. Dhibdeen qaban, baqaqaa isaanii fi kolonota halagaa tahan, akka Oromiyaa, gidduu jiruu utuu hin tahin walfincila keessaa bolola TPLF irraa kahe yeroof kan tahe. Ilaalcha Amaarraan timjiin saanii dhiibame, asxaa saanii abbaan leencaa fi qaxxamurroo geeddarame, irbuu Habashummaatu ganame. Oromoon biyya dhaban, eenyummaatu dorsifame, lubbuutu hamaa seene, tokkummaa saaniitu gaaffii jala oole. Kanaaf tumsi saba qaari’aa TPLF dadhabsiisuuf afarsamu tasaawaa tahe, gadi fageenyaa fi ballinaa saa irratt waliigalteen hin jirreef madda waldhabdee tahuu dandaha jira. Quurrammi Amaaraa dhimma Tigray fi Amaara gidduutii, kanaaf rakkina keessaa Itophiyaati. Qurrammi Oromoo kan Oromoo fi bulchaa empayera Itophiyaa halagaa tahe, si’ana TPLF gidduuti. Amaaraaf furmaatii, Takazeen daangaan isaan gidduutt akka fudhatamuu fi angoo mootummaa Itophiyaa keessatt qooda gahaa argachuu dha. Furmaati gaaffii Oromoo, akeeka bilisummaa fi demokraasii, kan mirga hiree sabuma ofii, ofiin murteeffachuu qabsoo hanga yoonaan argate hojiirra oolchuun kolonummaatt xumura gochuu dha. Amaaraa fi Oromoon, TPLF irraa mirgi saanii kabajamuu gaafata jiru; garuu deebiin argatan rasaasa. Haleellaa TPLF ofirraa ittisuuf bobbaa saanii yeroof akka itt qindeeffatan ilaaluu dandahu. Kun akeeka Oromoo fi Amaarri ummatoota abboolii biyyootaa fi walqixxee, hiree ofii irratt birmadummaan murteefachuu dandahu kan jedhu hin jijjiiru.

Waan gaaffii Oromoo bu’uraa ilaalutt kan deebii argatu gaafa mirgi hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu hojii irra olfate. Kan kana hin fudhanne miiltoo tahuufii hin dandahu. Sabi Oromo Gaanfa Afrikaa keessatt lakkofsaan guddicha. Akkaataa itt jiraatan itt himuuf eenyutu aboo qaba? Waanti tokkittiin isaan gaafatan akka yaroon qabamsi raawwatu. Akka abdatamutt Addunyaan qajeeltuu kanneen hanga yoonaa miidhamaniif kan kennu sirna addunyaa haaraa ijaaruuf yaa’a irra jira. Ergamsi saa akka tokko tokko furatan eenyummaa sabaa haquuf utuu hin tahin dhimma diinagdeef addunyaa walitt qoncoorsuu dha. Qubek, Skotland, Katalina fi Britain ilaala, tokkee ofii irraa baqataamoo walitt baqaa jiru? Hamma walitt hin tollett wal suufaa jiraachuun bu’aa hin qabu kan jedhani fakkaata. Empayerri Itophiyaa namatt ceceha akka turett hafuu ni dandaha? Yoo dargagggoon Oromoo, Oromiyaan kan Oromooti jedhan gaaffini saanii seerawaa tahu kan haalu jira? Yoo gaaffiin kun seera hin qabu jedhame ooffalcha ormaaf Oromoott haa dhiheessamu. Oromoon haasawuuf yaada nagaa qabu taanaan yabboo arrabsoo fi dorsisaa “humnoota tokkummaa” kan ofiin jedhanii irrtta utuu hin tahin, diriira marii ummatootaa irratt haa fidani. Jarri “humna tokkummaa” ofiin jedhan kun hawaasaa hambaa Nafxanyaa dullachaa qilleensa irra balali’ani, bakka seera fi dhalootaan tahanitt maxannuu kan hin barbaadne. Jarri kun horee lafoo kan labsa lafaa 1974 dura ummataan walmakanii jiraataniin addaa. Kan waca baayyisan isaan mooraa loltuu kan si’ana magaalaa taha keessaa bahanii. Isaan keessaa kan laagaa guddatan kanneen Badii nambuyyummaa biyya biraa qabani. Haasaa suduudaa, uummatoota waliin godhamu kan atooma uumee mamii jaarraa hedduuf isaan gidduu jiru xumura itt gochuu dandahu, “humna tokkummaa” qubsa hin qabne waliin ka godhamu mitii.

Haa tahu malee namooti burqsanii walitt himuu dhiisuun colleen tokko tokko haalli jiru akka hin hubatamne waliin dhahuu dandahu. Fakkeenyaaf Oromoo wayyabii Itophiyaa jedhamu hin fedhan.Oromiyaan kan Oromiyoo waan taateef kan qabachuu barbaade reeffa saanii irra tarkaanfatee darbuu yoo dandahe jedhanii amanu. Alaabaa Itophiyaa hin jaallatanii. Goototi Itophiyaa dhiiga Oromoo qabaatanu akka gootota ofiitt hin fudhatu. Seenaa Itophiyaa kan Oromoo akka tahett hin fudhatan. Injifannoolee dilii adda addaa irratt galmeeffatan haa tahu dabsatama saanii abba tokkootiin Oromoo tahan jabduu irratt haa tolchan malee Oromoon akka kan ofiitt hin fudhatan. Walfuudhuu fi wal irraa godhachuu akka tokkommaa malbulchaa uumutt hin fudhatan. Hariiroo biyyaa fi abba abbaa gargar baasanii ilaalu. Olloota saanii ulfinaa fi jaalalan ilaaluun aadaa saaniiti. Oromoon, fedha abba abbaan tokkummaa cimaan Afrikaanota gidduutt akka ijaaramu ni deggeru. Ummati tokko isa kaan fedha saa malee of jala oolcheen itt roorrisa yoo jedhe ni balaaleffatu. Hariiroon Oromoo waliin tolfamu hundi dhugaa tarreeffaman kana irraa ka’anii ilaalamu qabu. Hin malelfatinaa jaarraa tokkoo oliif hacuuccanii fi namummaa baastanii fedha Oromoo hankaaktaniittuu; waan irratt doofsistan yoo qabaattan ejjennoo jedhaman kana irratt hundaawaa. Olloota haa tahanii, isaan keessatt dhalatanii kan guddatan, qunnamtii sirna fi ulfinaa qabuu dhihaachuu malee akka “ciisanyicha” irratt baratan arraba darbaan fudhatama hin qabu.

Amma Amaarri duulicha irratt qooda hin fudhatin biyyatt hafe gobbuu ummataa keessaa of seca’ee eenyummaa fi tokkummaa saa mirkaneeffachuuf qabsaawaa jira. Haa tahu malee si’ana horeen dhaloota haaraa “humna tokkummaa” ofiin jedhu, Abbooti Duulaa warana kolonummaa irraa kahun Amaarummaatt of hedaa ture jira. Duulichi bakka gahett ummattoota boji’ee keessaa hedduu loltummaan madaqsee, kirstinnaaa kaasuun Amaaresse. Amma “humna tokkummaa” kan ofiin jedhanii Oromiyaan sadarkaa kolonummaatt akka itt fuftu barbaadan isaani. Magaaloti Oromiyaa kan Finfinnee dabalatan yoo gutumaatt too’achuu dadhaban akka laaqii Nafxanyaa Gabra Oromiyaa keessaatt taasisuu abbalu. Gaabbiin saanii murnoota tuffataa bahan irraa tahuu dha.Oromiyaa gidduu lafa seeranii baafachuu malee Oromoon walmakanii jiraachuu hin barbaadan. Sun abjuu tahe hafa malee bilisummaan Oromiyaa walakkaatt hafu hin jiraatu. Gurmuu guddifachuuf namoota lammii lama irraa dhalatan, akka waan halagaa tahini murna hin qabneett garuu Maarsii dhufanii Itophiyaatt ambaasaaddara tahaniitt kakaassa jiru. Yeroo halle walirraa dhalchuun kolonoota irratt akka mirga kennuufitt dhaadhessuu. Yoo sun mirga kenna tahe ummati addunyaa kan Oromoof hin soddoomne waan hin jirreef hundi mirga qabu jechuu dha.

Rakkina bu’uuraa irratt xiyyeeffachuu dhabuun furmaata waaraa hin argamsiisu. Akka sirna fudal utuu hin tahin Kapitalism yeroo fi giidoo bu’aa waatattaa irratt malee surraa dhimma hin baafneef irratt hin qisaasuu. Jarr miliqan kun akka Oromiyoott indoosuun, Itophiyaa akka tahuf Oromoo lolu irra bu’a qabeesssa tahuu saa beekuu qabu. Rakkinni naannoo sanaa sirna empayeraa fi gurguddoo sammuun kolonummaatt hordame. Furmaati, sana hundee buqqisanii lamuu akka hin latne gatuun kolonummaatt xumura gochuu dha. Ummata biraa mirga ilmoo namaa dhabsiisuu irra silaa kan bu’aa qabu qarooma ofii fulduratt dhiibuu akka tahe namoota Itophiyaa yaada gaarii qaban hedduutt sun ba’aa sammuu itt tahee jira. Sirna addunyaa haaraa jalatt kolonii qabaachuun fafaa. Boqonnaa itt haanutt darbuun, kana irratt yoo walii galan qofa. Habashaan biyya saanii, biyya Amaaraa fi Tigrayiin dabalatu walitt Itophiyaa jedhamun quufuu qabu. Abjuu Imperiyaal Itophiyaa yaadanmal monoksee Masir duriin yayyabame abjuuma qofa tahee hafa. Dulli sana dhugoomsuuf godhame dhumatt dhufee wan jiruuf of duuba deebi’ee gara qeyeett dhiicha eegaluu qaba.

Qabama Oromiyaan, Nafxanyaan samicha homisha, qabeenya uumaa, lafaa fi humna namaan of duroomsanu akka koloneeffatoo beekamoo fi akka Tigiree si’anaa biyya saaniif homaa hin darbanne; horeen saa wayyabi biyyichayyuu argee hin beeku. Bara 1974 itt baqachuu dadhabnaan dogoggora ofii baranuu gaabuuf yeroon qaata darbee. Banti duroomaa irraa bu’ee walqixummaan jiraachuun itt ulfaatus, bakki itt dhalate biyya saatii. Kanaaf dhukkuba sammuu yoo hin taane hundi biyya qaba. Akka Oromoott, Oromummaan itt dhalachuun, karaa haadhaas abbaas moggaasaanis argamuu dandaha. Filmaati kan abbaatii; Oromomiyaan isaaniif jettee qabaa jalatt hin haftu. Dubbiin saa garu rakkina makaa tahuun itt fide yk biyya dhabuu utuu hin tahin sabummaa fi abbaa biyyummaa Oromoo haaluu irraa madda. Kun sammuun holola jaarrota torbaa gad hin taaneen dhandhonamee irraa darbaa dhufee akka itt yaaduu. Wanti dhibaan colonummaan Amaaraa, yoo kan sammuquwii hin tahin, akka kolonummaa beekamoo yk akka kan Tigray ammaa saamicha raayyaan kolonummaa irraa “Biyyi haadha” bu’aa waatattaa hin hirmatin hafuu dha. Sun kan tahe hinnata dogoggoraa kan amma itt gaabban irraa tahu dandaha. Hariiroo empayeraa fi kolonootaa waan laalutt Xaaliyaanii Faransa fi British irraa sadarkaa teknolojii fi bifaa malee garaagarummaa hin qabani.

Makoo dha kan ofiin jedhan gurraachatu gurraacha irraa dhalate malee sanyii adda addaa irraa miti. Lammoota adii, keelloo fi diimaa hin taane irraa dhalatani. Kan qabattee akkasii afarsan ilmoo namaa sanyii gargar baaftuu, sammuun dhiphoo, ilaalcha ofirroo qabanii. Daa’immi tokko Xaaliyaanii yk Chaayinaa irraa dhalateef Oromiyaa isaaniif gad dhiisuu qabna? Itophiyaanoti maqii ofirraa isaan adda itt baasan, “Nitsu Itophiyaawii” kan jedhu fi isa kaaniif “minamintee” jedhamu qabu. Dargaggoon Oromo xurii saanii ofirraa dhiqanii Oromoo qulqulluu tahuuf kaanaan sun hin tahu akka xuroofanitt haftu malee jedhamaa jiru. Qulqullummaan Oromo kan dhiigaa utuu hin tahin kan ilaalchaatii. Dargaggoon akaakileen saanii Oromo hin tahin garuu Oromiyoo tahan qabsoo Oromoo keessatt qooda guddaa taphachuun wareegama guddaa baasan jiru. Oromoon lammii adda addaa irraa dhalatan gootota bilisummaa olhaanoo maqaan dhahamu keessatt argamu.Wayyabi gita cunqurfamaa waliin dhaabbachuu mannaa DNA lakkaawachuutt ka’ani. Isaan “andinat Haayil” tahanii, kan itt dabamaa jirate bilisummaaaf lolachuu saaniif “ganxay, battaany, kafaafay” jedhamani. Imaammataan akka saba Oromoo lammiilee hedduu irraa ijaarame hin jiru. Hiree ofii ofiin murteeffachuu beekuun daaya qabaachuu fi ofitt amanuu gaafata.

Itophiyaan hoodaa fi maccallaatoo uummatooti duuba dhokatamu malee ummata miti. Bara kolonummaa hacuuccaa irratt qooda isaa gumaachee jira. Barri kolonii bulchootaaf kunuunsa addaa kennu waliin yoo darbu, Itophiyaan biyya see koloneeffata dura turett deebi’uu dandeessi. Dhimmi saa Amaaraa fi Tigree laala. Akkuma doofaan saanii tokko tokko jedhan isin “ciisanyaa” dha malee biyya hin qabdan yoo jedhame nagaan hin barbaadamne jechuu dhaa, qabsoon itt fufa, abbaan dhugaa ni injifata. Ummatooti seenaa, aadaa, dudhaa fi afaan fi faajjii saanii kolonoomuun dhaban amma alaabaa saanii diddaa balaliisaa bakka saanii saboota addunyaa gidduutt argachuuf as bahaa jiru. Walqixxummaan ilaalamuu malee fedha saanii malee eenyuu isin kana, isin sana jechuunii hin dandahu.

Oromoon kolonoota kan turan waliin hariiroo akaakuu kamiiyyuu, sadarkaa fedhett walqixxummaa fi obbolummaan waliin jiraachuuf haala duree hin kaa’ani. Hacuucamuu fi gad ilaalamuutt muuxannoo walfakkaataa waan qabaniif deebisanii of ijaaruuf wanti isaan barbaachisan walfakkaataa. Horeen Nafxanyaa biyya fedhutt galee achiin bobba’uu qaba, afaan baduus hin qabu. Oromoon saba malee gosa miti. “Ethnik”jechuunis murna hawaasaa aadaa, afaanii fi muxannoo walfakkaataa adda addaa qaban jechuu dha malee gosa jechuu miti. Gosi hiroo hawaasaa warraa ol jiru. Kanaaf gosa ittiin jechuun jibbisiisaa dha. Oromiyaan biyya lammoota hedduuti. Yoo lammi tokkee taheyyuu qarooma guddaa akkasiif dhibee hin qabu, akka waan seerri cabeett afarsmun irra hin jiru ture. Ummati tokko waan fedha saa filata malee eenyuu fedha ofii kan biraa irratt fe’uu hin dandahu. Isaan eenyuu kan nama kumkuma afurtamaa ol qabanii kiyyoo galchuu yaalani?

Wayyaaneen shiftaa ummata Tigray keessaa maddee. Abbooliin saa haala Oromiyaan ofirraa faccisuu hin dandeenyett kan kuffifatanitt inni darbee badiisa isan jalqaban fiixaan baasaa jira. Irrat dabaluufis aggaammachuun saa ni argama. Amma haalli naannaas addunyaas jijjiiramee jiraa. Kanaaf mandhee ofiitt nagaan yoo dacha’uu baate akkuma humnaan dhufe humnaan dacha’uun hin ooltu. Biyyi Oromoo kan Oromootii, Tigreen seera maaliin isinin bulcha jedha? Kun kan tahe tuqaa seenaa, xinnoo jaarraa tokko duraa dhaqabeen meeshan abida tufu walmadaaluu dhabuunii. Kanaaf Oromomiyaa qabaa jala turuuf maalifaa hoodaa haa tahu kan seeraa hin jiru. Hanga yoonaa kanneen isa dura turanii fi TPLFis qawween dorsisaa, hidhaa fi ajjeechan sodachisaa moo’aa jiraatanii.

Amma roorroon hadooduu irraa dararama sodaachuun hafee, ummatooti golee hundaa bulchi kee nu gahe jechuun Wayyaanee irratt ka’anii jiru. Hammeenyaa fi leelloo waanjallaa dhaalman itt darbaa dhufe dhiisuu yaalu manna, shakala ofii seeran golguu murteeffate. Kufaatiin saa dhihaachuu fi kufnaan qottoo qajeeltuu akka bira hin hafne beekka. Kanaf kan waggoota digdami shanii akka waan irraanfatamu, ammaa kaasee yakka itt fufu seeraan golguuf Seera Waraanaa Hatattamaa labsee jira. Tarkaanfiin fudhachuuf adeemuu akaakuun kan duraa irraa adda hin tahu; lakkoofsi taatotaa fi cunqoominni, akkasumas deddeebiin gochaa dabaluu hin hafuu.

Akkuma dudhaa saanii beekamaa tarkaanfiin fafeessa, saamichaa, sakattaa, gudeedaa, ajjeecha fi hidhaan hila malee labsan, gaddhiisaa tahuuf deema. Mootota saanii Teedrosii kaasee hanga yoonatt jiran gara jabina ilmoo namaan agrsiifamuutt hin yaadamne ummata Oromoo irratt godhame jalaayyuu baraaramnee hardha geenyeerra. Inni kunis ni yaala malee Oromoo lafarraa fixuu hin dandahu. Oromoon hundee hammam muramu lataa kanneen kufan bakka buhee walabummaaf lolachuu itt fufu dandeessisu qaba. Maseensaa fi kolasi saa Oromoo hin naasisu. Oromiyaan guutummaatt qabaa jala erga ooltee jaarraa olii. Si’aayina warraaqsa TPLFiin naafessuu gahe tamsaasuuf labsi amma bahe kun, lola sammuquwii ijibaataati jedhamuu dandaha. Meeshaa halagaatt hirkachuun argamsiiseef hunda ummata fixuuf gad yaasullee, naasuu gahe irraa dandamachuu hin dandahu. Garruu, dhidhittata lubbuu isee dhumaan hedduu mancaasuu dandaha.

Sichi manooti cabsamuu, meeshoti qunnamtii fi barruu, warqee, callaa fi horii lubbuun jirtu fi waatattaan nafii guddaa akka saamamuuf deemu. Guraara, ajjeechaa, hidhaa fi gudeedammuun, fedha loltuu abba tokkee qofaan utuu hin tahin akka imaammata dhaabbataa mootummaa TPLFitt, deettii kanaan duraa argamee hin beekneen raawwatamuuf deemu. Akka basaasi kumootaan lakaawaman iyyaatii caba seera hatattamaa gumaa tokkittii gabaasuuf baasii guddaan qaxaraman qaata himamuutt ka’ee. Kodee irratt iyyaatii uumanii sobaan gaabasuun hedduuf kolomsiisaa dha; tahuu eegaluun saas himama jira. Mormitoot hanga yoonaa naamusa ofitt muraniin danga’amaa turan garuu haala hatattamaa kana keessa sun irraa eegamu hin qabu. Oromoon, aadaan namoota nagaa diinaaf hin baabsine fi lola irratt kan harkatt kufaniif eegumsa tolchun tumaa Gadaatii. Qabsaawoti haala kanaan labsa hatatamaa kan diinaan wal gitu yoo labsatan nama hin dhibuu. Eenyuu diinaa loogee, qananii kennuufii haa tahu dooyyaa saa tahee yoo argame nagaan waliin jiraachuun rakkisaa akka tahu beekee of eeggachuu qaba. Haalli saa ummatoota irra yk diina irra goruu malee yeroo qajeeltuun dabdu callisanii ilaaluun diinummaa tahuutt fudhatamuu dandaha. Lolichis itt bahi saas hunda tuqa.

Ummatooti sochii farra Wayyaanee kan eegalan ukkaamsaa fi roorroo saa baachuu sadarkaa hin dandahamne gahaniitu. Sadarkaan irra gahan kun jiraatanii mankaraaramuu irra ofirraa faccisaa du’uu kan filachiisu taheetu. Dhaaboti malbulchaa maqaa saaniitiin jiran maalifaa hin beekamneen daqabuufii hin dandeenye. Kanaaf ummatumatu waliigalaanii mormii naga qabeessa harka duwwaa qaxaamursanii agarsiisuun eegalanii. Garuu deebiin argatan rasaasaa itt roobsuu tahe. Maal akka taataniin arga jedhee ummata ayyaana waggaa ulfeeffatu heliikoptara, boombii fi qawween kan fixe irrayyuu sanaan baaragsiisee hurrisiisuun hangi tokko walirra ejjechuun akka dhuman taasisee. Addunyaatu hangammeessa dacha qabaaf malee Laurent Gbagbo presidantiin Maalii amma Dan Haag hidhaa jiru hamma qondaalota TPLF hin yakkine. TPLF qabsoon nagaa akka biyyattiitt hin hojjenne godhe. Kanaaf diddaan bifa jijjiirrachaa jira fakkaata.

Wayyaaneen halagaa akka Masrii fi Eertraatu karaa dhaabota malbulchaa harka keessaa qabu jettee raga malee wowwaachuutt kaate. Sochiin kun kan ummataa malee kan dhaabota kamiiyyuu miti. Dhaaboti dandeettii saa qabaatanii utuu hoggananii kan jibbu hin jiru. Of cimsanii akka qabsicha sirna itt godhan hundi kan eeggatuu. Isaan garuu ofiffumaa saan quufsuuf nyaapha waliin oliigad deemanii saroobbachuu kan barsiifata fakkaatu. Agaazii fi polisiin federaalaa TPLF, Oromiyaa irra yoo dhangala’an, Humni Addaa Somaalee Baha Oromiyaatt balaa yoo busan isaan keessaa kan birmateef hin jiru. Gargaarsi jedhame utuu dhugaa tahee kanneen had dheeffaman biyyoota Afrikaatii. Mootummaan Wayyaanee bajeta ittiin biyya bulchu kan meeshaa, leenjisaa fi bulcha waraana see dababalatu gara caaluu kan argatu mootummoota Afrikaa alaa irraa mitii? Humnota hidhachiisee ummata nagaa ittiin fixu eenyu faan akka leenjisanif dhossaa itt fakkaataa laata? Gargarsi alaa, akka jarri British tolchan, meeshota booji’aman, humnoota Oromoo isaan waliin Teedrosin kuffisan dhowwatanii shiftoota Habashaaf kennan sana, hardhas Nafxanyaa Tigree qofaaf kan eebbisamett fudhatanii laata? Oromiyaan akka biyya Itophiyaan humnaan qabamteett biyyoota empayeritt ala jiraniin hariiroo ummachuuf mirga qabdi. Daljeessi dhallaa ofiirra teessee kan biraatt qubaa qabuun, ilaa dhallaa saa jettii; Wayyaaneen dhallaa ofii irra teessee taa’aa dhallaa hin qabnett qubaa qabdii.

Utuu sammuu kana gaafatu qabaatee TPLF waa’ee halagaan dhimma empayerittii keessa galuu afan hin banu ture. Waggoota digdamii shan dura waan Dargiin ittiin jedhaa ture hunda mormitootaan jechuun kan irra jiru itt fakkaata. Dargiin waa’ee Wayyaanee kan jedhaa ture garri caalaan akka kan saa guutummaatt soba utuu hin tahin dhugaa ture. Oromoon soba hin jaallatanii, dhugaammoo hin dhossanii. Namooti saaniillee yoo soban ni tuffatu, ni tufus. Si’ana kanneen halagaa waliin walsuufuutt kahan akka raadattii harree waliin ooltee miira kan jijjiirratan jiraachuun hin haalamu. Isaan balfa Oromummaatii. Halagaan yoo sobe kan hooda saanii waliin hin deemne fi firummaa kan hin barbaadne tahuutu barama. Gargaarsi alaa hin argamne malee argamnaan eessaayyuu hin ciiga’amu.

Diddaan Oromoo Wayyaanee waan qabatu dhabsiisaa jira. Labsa hatattamaa jedhee kan inni baase waanuma kaleessa heera ofii baafateen alatt tolchaa bahe. Guyyoota dhumaa angoo irra turuu kana seera golgaa tolfatee qabeenya abba tokkootaa ittiin saamuu fi ummata caalaatt salphisuuf akeekkate. Egeree PDO saafillee hin yaadne, ummata saaniin walitt diree baduufii. Balleesaa ofiif faloo bahuu manna biyyoota alaatt xurii ofii hunda haqachuu barbaada. Akka barsiifata saa darbaniitt, hamaa tolchee, ergamuttuu diinaa waliinin qabe jechuun do’ii tokko tokko agarsiisuu dandaha. Akkuma beekamu ABOn miira guddicha tahuuf deema. ABOn akka loltoota bilisummaa qaraan unkaffamett kan of irratt hirkatuu fi walaba tahe.Kana kan diinota Oromo yaacessaa jiraatu; ABO birmadummaa Oromoof ifa tahe. Fakkeessituu utuu hin tahin isa dhugaa barbaaduu dha. ABOn halagaa jala figu yoo jira tahe mooji saatii. Ummati keenya haala naannaa ofii hubatee miiraanis, shakalanis of qopheessuu qaba. Qabsoon keenya irra haanuufi; kan hundaaf irra haana tahu jiraannaanis fudhachuuf qophaawee argamu qaba.

Oromoon beekota hedduu horanii jiru. Dammaqinni malbulchaa saanii ammalee kan ummataan wal hin gitu. Beekoti Dargaggoo tahan tokko tokko utuu hin argatin mirga saanii gaddhiisuuf qophee tahuu arguun nama yaaddessa. Ilaalchi Oromoo hanga yoonaa mo’atee bahe kan kaayyoo ganamaan tarreeffame. Haala dadhabinni jaarmaa jiru kana keessallee, maqaan ABO ummata biratt ujuu tahee kan hafeef kanaafii. Beekoti Oromoo akka ogeeyyiitt haa tahu akka hisataatt socho’aa jiran gabbisanii fulduratt oofuu malee akka gogoleessan hin eegamu. Akka malbulcheesoott utuu hin tahin akka dabballee ummataatt yoo tajaajilan hedduu gargaara. Tattaaffiin dhiheenya ilaalcha malbulchaa Oromoo adda addaa walitt fiduuf tahe jalqaba gaarii dha. Kan jalqabaa kana irraa walgahiin akka kan dhuunfaa tahu qabuu fi ambatt faca’uun hayyamamuu akka hin qabne barame. Ilaalchi barannoowalii alatt fudhatame akka dhuma gamtaatt ilaalamuu saa qofa utuu hin tahin, arrabi nama madeessuu “humna tokkummaa” waccuun itt dabalamuu saati. Kanaaf yaa’iin fulduratt tolfamu hamma ifsi waajjiraawaan kennamutt akka lallibbata Oromoo gidduutt hafu gochuu dha. “Nammi nan dhagahu jechuu irraa yoo dhagahe maal abbaasaa na godha jechuu wayya “ inn jedhamu irraanfatamee miti. Kan fedhe jaallatee dhiisee ifsi kennamu ilaalcha yaa’ichaa waloo kan hundaan tikfamu taha. Yaa’iin kamuu kan calaqqisuu qabuu hawwaa sabaa biyyaa dhufu malee Badii bilisummaan jiraatuu fi filmaata qabu irraa tahuu hin qabu. Ergamsi saanii keessaanlaalii, ejjennoo fi daaya Oromoon Oromiyaa fi olloota seef qaban kan agarsiisu yoo tahe dansaa. Kan hubatamuu qabu dhuma irratt kan hiree ofii murteeffatu ummata Oromoo malee TPLF, “humna tokkummaa” yk dhaabota Oromoo illee miti. Dabballooti kun diina keessaa haammatanii deemuu hin qabani yeroon sirreessuu dha.

Warraaqaa kallacha, haala jiru jijjiiruuf onnee gahaa qaban tahuutu dabbaloota irra jira. Qabsoo waggootaan lakkawamuun Oromoon Empayerri Itophiyaa tarree mirgootaa kanneen akka heera dhumaa, mootummaa TPLF/EPRDFiin bahe akka fudhatu dirqisiisee jira. Sanaa gaditt wanti irra deebi’amu hin jiru. Yeroon saa warraaqaa malee duubatt harkiftuun eegee raastu hobbaatii agarsiisuu kan itt dandeessu miti. Qabsoon Oromoo qabsoo sabaawaa dha. Durfannoon saa Oromoon akka walaboomaa fi qaamota sadafaa dura tokkummaan dhaabbatan dandeettii saanii olkaasanii qopheessuu dha. Dhiigi ilmaan Oromoo lola’e, malaan sabichi futrichoo hidhamee mooraa diinaatt akka darbatamuuf miti. Kanaaf Itophistooti Oromoo lugni annisaa hin qabne ifatt haa tahuu harka lafa jalaan warraaqsa Oromoo doomsuuf sadaa jiran, akka isaan hin dagne kan garaadha ummata saanii aaangessuuf sosso’aa jiran dammaqinaan ofirratt eeggachuu qabu.

Dhaaboti Oromoo hedduu tahanuu hundu karaa adda addaan akeeki saanii jireenya Oromoo isa darberra wayyaa fi adda akka hawwan himatu. Tokko tokko kaayyoo ganama qabsoon bilisummaa waggoota shantama dura yayyabe irraa mucucaatan taha. Ergamsi sun garuu ammayyuu hin raawwannee. Hangi tokko utuu gala hin gahin gara mooraa nyaaphaatt sigigaahaniif geengoon warraaqsaa duubatt hin deebi’uu. Yoo mucucaattuun geengoo warraaqsa Oromoo duubatt hin deebsne “humni tokkommaa” hangam kakataniif, sabaawummaa ol tahuus himatan itt hin tolu. Dhaaboti Oromoon isiniif jirra jedhanis, halaalaa utuu hin tahin jiraachuun saanii naannatt akka dhagahamu gochuu dha. Hogganni kan masagu malee kan masagamu tahuu hin qabu. Akka konki kun itt guutamu qabu kan Yaa’iin Oromoo qoricha itt soquu qabu.

Taatota darban yk ammaa, loogaan ambatt bahanii qeequu yk faarsuun karaa irraa maqsa, homihsaawaa hin tane kan qabsicha hubu tahuu dandaha; kanaaf yeroo jeequmsaa sabaawaa kana, ummati gareett akka hin hiramne eeggachuun dansaa. Kun shira ija baase qabsoo keenya irratt yaadame utuu hin saaxilin irra dabarra jechuu mitii, garuu bakka yeroo fi laallibata ilaallachuun barbaachisaa dha. Kan du’eef haa tahu, kan jiruuf afarsituu tahanii mataa walcabsuun qabsoo Oromoo qubaa tokko fuldurtt hin butu. Oromoon biyya jiran birmadummaa fi qajeeltuu hundaa fiduuf wal irratt du’aa jiru. Sochii hoomaa, kan ummata Oromoo malee murnni tokko addaatt himachuu dandahu miti. Ifaajjeen warraaqsa Oromoo fulduratt dhiibu hundi haala duree malee deggeramuu qaba.Dirree qabsoo saaqqatanii seenuuf kan tattaafatan hedduu akka tahan haaluun ofirrummaa fi bu’aa hin qabnee dha. Kanaaf ifaajjee dandeettii Oromoo hunda akki itt qindeefamu ilaalamuu qaba. Dogoggorri yoo mullatan keessatt sirreessuu dha. Iyyaatii faallaan kan gargaaru diina qofa.

Wayyaaneen lola waggaa dhibbaa ol ture haaromsee waraana qaceefixaa Oromoo irratt labsee jira. Horeen Nafxanyaa mirga Oromoon abbaa biyyumaaf qabu haaluun qabsoo ummati kumkumoota itt wareege karaa irraa dabsuuf wuxifataa jira. Gurmuu guddifachuuf ijoollee Oromoo halagaa irraa dhalatte akka safuu cabsitu kakaasuu yaaluunis ni muldhata. Alaabaa ittiin nu cabsan qabadhaa jechuu fi mootota saanii bilisummaa nu dhabsiisan, nu fafeessanii fi galtuu keenya isaaniif duute nutt farsuun akka fudhannu tuffiin nutt himaa jiru. Kana hunda beekaa akka saree harka bartee gurguddoon Oromoo isaan jala sussukanis hin dhibne. Horeen Nafxanyaa sammuu olhaantummaa irratt hordame wan qabaniif wal qixummaan mari’atanii qayyabanoo irra gahuun kan dandhamu hin fakkaatu. Goototi saanii bakka hundatt farsan Teedros Yohaannis, Minilik fi kanneen biroo diinnummaa Oromoo kan labsatani. Jarri kun gootota saanii malee Oromoof diina tahuun saanii takkaa sammutt dhufee hin beeku. Kun issan ammallee Oromiyaa irratt fedha ofii raawwachuu dandeenya jedhanii akka amanan agarsiisa. Garuu Oromoon ejjennoo akkasii gonka hin fudhatu. Yeroo hundaa waa’ee tokkummaa Itophiyaa hodeessu. Hanga Oromiyaa itt hin daballett Oromoon sanaaf isaaniin mormu hin jiru. Addunyaa kana keessa ijoollee Oromoo malee kan bakka Oromiyaa bu’ee dubbatu hin jiru. Wal argaaf haa tahu waliin haasawuuf Oromoon haala dureen jiraachuun hafee, mirga hiree sabummaa ofii ofiin murteefachuu kan hin fudhanne kamiinuu dubbachuuf fedha hin qabu. Oromummaan nama tokkoo kan ittiin madaalamus kanuma.

Amaarri biyya saa jiruu fi Oromoon haaloo walirraa hin qabani. Jireenya gadadoo walfakkaataa nafxanyaan irra buufate jala darbani. Duula koloneefannaa Oromoo irratt namooti dhaloota barasii isaan keessaa bahan hogganummaa fi lolummaan qooda fudhataniiru. Bu’aa sammuu quyii yoo hintaane bulcha abbaa hirree malee isaaniif waan buusaniif hin qabani. Lachanuu biyya jaaldhatan kan maatii, amantee, qabeenya fi aadaa ofii itt guddifatan kan du’aa saanii itt awwaallatan qabu. Jarri kun tokkummaa Afriikaa, nageenya Gaanfa Afrikaa fi fedha walii akka itt eegsifatan irratt mari’achuuf barbaadnaan carraa qabu. Akeeka hamaa hardha suduudaan itt dhufe irra haanu qabaannaan, bobbaa qindeeffachuus ni dandahu. Ummati kan barbaadu daangaan, nageenyi, eenyummaa fi fedha saatt akka itt hin roorifamne malee tokko kan biraa irratt olhantummaa gonfachuu miti. Olhantummaan hawwaa beekamaa kanneen sammuu ofhangesummaan hordameetii. Oromoon ofirraa faccisuuf malee ummata biraa birmadummaa dhabsiisuuf itt duuluu aadaas fedhas hin qabu. Anjaa inni naannaa sanatt qabu qabeenya uumaan dureessa tahu, humna namaan guddicha tahuu, nammisaa qaroo fi hojjetaa tahuu dabalata. Diina kan horaniifis kanneenuma dhahaman kana. Bulchooti empayera Itophiyaa diina tokko. Qabeenya saa dhuunfatee birmadummaa dhabsiisee ukkaamsee barabaraan bulchu barbaada. Murni “humna tokkummaa”ofiin jedhu ifaajjeen saa bulcha cunqursaa dur irraa finqilaatett deebi’ee akkuma sana tahuu fedha. Rakinni godinichaa furachuuf Oromoon nagaaf dursa kenna. Lolaaan kan itt dhufus utuu ofirraa hin faccisin hin dabarsu. Godinichatt nagaa buusuuf, Oromoo fi Amaarri biyya ofii jiru qooda guddaaa taphachuu dandahu. Kan sammuu fayyaa, lolli hagam mancaasaa akka tahe waan beekaniif nagaa leellisu malee “Walii haabaanutt” hin jarjaran. Mirga dhalootaa fi qajeeltuuf kan qabsaawu akka moo’u mamiin hin jiru. Kaayyoo saba ofiitt yoo cichan malee amanamummaa nambiyyaa irraa argachuun salphaa hin tahu.Kanaaf hedduun kanneen daddaaqan irraa gara hin beeknett kan baqatani. Qabsoo injifatu gaggeessuuf rakkinooti kun irra haanamuu qabu. Furmaati saa keessa deebi’anii of qoruun loltuun bilisummaa akka amantee walirraa argatan mana ofii akka keettoon diinaa ofuma gidduutt hi biqille soneeffachuu dha. Filmaati jiru of irratt hirkatanii, hanga injifannoott wareegama feesisu baasuu yk halagaa jala buluun gadadoon waggaa dhibbaa olii akka itt fufu fudhachuu dha. Dhiigi daa’immanii, haadholii, abboolii fi obbalaa keenyaa tola lolaatee hin haftu. Hanga bilisummaa magarsitutt qabsoon itt fufa! Oromiyaan ni bilisoomti! Qajeeltuun ilmaan namaa hundaaf!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Sadaasa 2016

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *