0

Itopiyaa fi Eertra qabattee Tigray Tigriny keessaan

Maalifaan Oromiyaan akka koloniitt itt fufuu uumaan koloneeffataa, finnaa Absiniyaa, yoo qayyabatan malee namaa hin galu. Erga haala “Hirmannaa Afrikaa” jedhamee beekamuu as qabsoon aangoo finnicha keessaatt gaggeeffamu, Habashaa gidduutt dhifama uumuu qofa utuu hin tahin jireenya naga qabeessa olloota irratt karaa adda addaa dhiibbaa uumaa dhufe. Shaffiseen sana keessaa, sadoon sabgidduu duraan jalqabame, hardhallee gadadicha bokoksuun si’aayinaan itt fufee jira. Ergasii caasaa fi jiruu Habashaa irratt jijjiirrammi guddaan deemsifamee jira garuu kan kolonotaa irratt hagas mara miti. Amma hariiroo Eertraa fi Itophiyaa gidduu akka barwaliini Tigray Tigrinyitt, ija callisee laalaa keessaan arguu yaaluun ni gaha. Baddaan Eertra Kabasaa jedhamee beekamu keessa ummata akkuma finnaa Tigray ammaa keessa jirantu argama. Mootiin saanii lachanuu altokko moo’aa ture Yohannis IV, Nugusi bulcha saa Abisiiniyaa hafan irratt dirrisuu kan dandahe fi Oromiyaa akka koloneeffatu mootii Shawaa hayyame ture. Tigray Tigrinyi garri tokkoo fi Eertraan ammaa guutummatt kan Xaaliyaanii jalatt kufan Dilii Adwaa 1896 booda ture. 1956 Itophiyaatt dabarfamee kenname. Amma biyya walabaa. Walabummaan see salphaatt hin argamne, lubbbuu hedduu galaafate. Isaan keessa gootota, qaroo fi hiriyoota barreessaa kanaatt dhiyoo, jireenya bartaa ba’aa fi bu’a qabu waliin University Haayila Sillaaseett dhandhamatan turan. Namooti sanaan du’an, lammoota saa gara gamaan bobbaafanis ni dabalataa. Barreessaa kanaaf hiriyooti saa hanga jirutt qaabannoo saa keessaa kan hin badne; lammooti saa gaaga’amtootas hanga yoomuu hin irraanfatu. Ayyaanni saanii qabbanna haa jiraatu.

Si’ana Itophiyaa fi Eertra keessatt angoo irra kan jiran Tigray Tigriny. Afaan tokko dubbatu, aadaa fi seenanis waggoota kumootaaf walitt hidhamanii jiru. Biyyi saanii lafa walitt ejjee jiru ummatoota Amaaraa, Agawu, Oromo,Saahoo, Afar, Kunaamaa fi Beejjaa, garri caalaan ummatoota dame Kuusaa tahan. Gabaabaamatt biyya handhuura Habashaa jireenya malbulchaa, hawaasomaa fi diingdee hedduu walfakaataa qaban. Jalqabaaf kan malbulchaan gargar bahan yeroo Italiyaan gartokkoon saanii koloneeffattee. Kan gargar baaseen danuu seenaa yoo tahu, carraa walfakkaatan argamnaan ofiiffummaa fi ofirrummaan hogganoota saanii gargar isaan qabe jira. Muuxannoon kan mullatu akka dhoofsisa saanii keessa walqixxee argachuun hin jirre. Yero hunda tokko humnaan yk dagaan mohee hunda yk harka caaluu dhuufachuu qabaa. Kan isaan nakaru irratt hammeenyi saanii hammaa hin qabaatu.

Nugusi saanii YohaannisVI, ija Nugusa Agawu soddaa saa ture booji’e buruqsee, arraba Oromoo Walloo jibbaan ciree fi kanneen amananniin akka mootii Bahire Nagaash Walde Mikaa’el jedhamu faa ganee nama ajjesee. TPLF kutii saati . Dudhaa safuu fi aadaa malbulchaa demokraatummaa hin qabne akkasii irraa kan kahe jaallewwan hidhannoo lamaan giddu rakkoon ni mullata ture. Abbaa hirree hamaa finqilchan malee sirnicha irrat jijjirama bu’uuraa fiduun ummatoota hin bilisomsine; garuu isa bakka bu’anii samichatt bobba’an. Caalaattuu bulchi hamaan isaan keessaan dagaagina argate. Lachanuu iji saanii kilichoo gatii baasan, midhaan horii callaa fidaanii fi waatattaa dheedhii warshaa ni qabaanna jedhanii yaadaniif, kolonoota, keessaayyuu Oromiyaa keessatt argaman irratt xiyyeeffatan. Bara Mootummaa Cehumsaa humnooti waloo saanii, hawwaa saanii kana bakkaan gahachuuf WBO hirree caalanii gootota Oromoo qalanii kumoota mooraa cunqeessaatt galchan. Sangaa, kanneen qeeraatt oofan harka arraabu irra Oromoon wayyoo dhaa; kana yoomuu hin irraanfatan. Miirri nameenyaa of aangessumma, isaanuu akka injiffannoo kana waliin itt bashaane hankaakseen.

Ergasii akka hin yaadamnett, WBO irratt injifannoo waliin argatanii xinnoo hin turin lolaa mancaasaa kaasan agarree jira. Mancaan sun firaa saanii irra utuu hin tahin harki caalu madaqoo ummatoota biraa keessaa argaman, hedduun saanii kan Oromootahan irra gahe. Kanaaf hagana isaan hin quuqne. Baraa Nugusaa fi Dargii waraanni saanii kan qondaalota Amaaraan waalteffame tahee madaqoo yartuu qaba ture. Mootummaan si’anaa madaqoo amanan waan hin qabneef guutummaatt qondaalota Tigrawayiin walteffame. Durbii saanii Amaaras hin amanne, caalaattuu hamilee saanii cabsuuf itt duulanii. Bara Habashaa lachanuu, Amaarri bakka bu’ina hanga tokko kennuufuu, raayyaan kan angoo olhaanaa qabuu ture .

Raayyaan durii bulcha empayericha moo’uuf amanamaa; bulcha noolaan addatt kan ijaarame ture. Raayyaan Tigrinyaa Tigriny bulchichumaa, guutummaa riphee lolaa lammii tokkorraa ta’eeti. Seenaa keessatt, finqilchaan akka TPLF, humna loltuu isa injifatamee guutummaatt facaase hin turree; garuu raayyaa Habashaa tahee hafa. Dhaadannoon saanii cehumsaa “Kan dunes nuwi kan jirrus numaa nu hordofi” jedha ture. Tigray Tigrinyi qarqara Marab jiran lachanuu facaasuu irratt walii galani. Maqii sana jijjiiranii raayyaa durii akka jirutt facaasuun kan qondaaloti ol haanoon Tigrinya waaltaa itti tahan ijaarratan. Sonna cehumsaa gabaabdun jaarmoti garagara kanneen Amaaraa malee irratt hirmatan dhaabuuf walii galanii dhufani. Haatahu malee Itophiyaa keessatt angoon akka TPLFn dhunfatamu tahee, Eertran akka walabummaa labsattu dursanii lafa kaawwatanii turani. Hanga Tigray Tigrinyi aangoo qabatett jaarmaan Amaaraa kamu mataa akka ol hin qabannee taasifamuunis duran kan murtaawe. Bulchooti haaraan, imaammata empayerittiin Tigraay Tigrinyiif waan barbaachisu akka dhiheesitutt mijjeessu baafatani. .

Amaaraa fi Tigrinyaan yoomallee bakka madda saanii Yaman ture jedhamuuf Habashaa jedhaman, erga Gabra Diimaa cehanii hidhata malbulchaa waloo haa qabaatan malee qabiyyee lafaa addaa fi afaan addaa dhahatu. Akka angafaatt Amaarii hoogganuun dagaaginaa fi ummatoota olloota saanii irratt injifannoolee guddaa argamsiiseefi jraa. Kan ummatoota Kuusaa kibbatt dhiibee fageessee qabiyyee saanii Shawaan gahef Amaaraa. Kan ilaalcha addunyaa saanii hooda Saabaa haaromsuun hundee itt godhe Amaara. Akka Tigrinyaa utuu hin tahin Amaarri ummata biraa madaqfachuun waan baballateef, kaan ummati Amaara jedhamu hin jiru hamma jechu jalqabu irra gahanii jiru. Dhugumattuu dadhabina lammummaa golgalchuuf kan isaan qarooma durii, Itophiyaatt rarraa’aniif kanaafii. Dadhabbii sana kan Tigirinyaan gad tumuun lammii Amaaraatt gad isaan buusee, maqaa Itophiyaa jala of dhossuu raawwachiise. Madaqoof malee lakkofsi saanii kan Tigray Tigriny hedduu waan caaluu hin fakkaatu. Amma madaqoo fi ayyaan laallatoota “humna tokkummaa” (HT) (seeda Amaara jechuu) ofiin jedhantu morma bilisummaa Oromoo ol kaasanii wacu; Abbaa duulota Ejjuu, Gonfoo Habashaa waggootaaf sirna qajeeltuu kan ture irraa adda tahe diriirsuun tajaajilaa turan halagaa jedhamanii salphinaan ari’ama Teedrosiin irra gahe ni yaadatu. Yoo kolonummaan hafe Habashaan nurraanis haala walfakaa geesisiinnaa jedhanii sodaatu.

Tigrinyaan Amaara waan inni jaarraa darbe kuufate, kolonoota jabinaan argatee, seenaa bara kuma sadiyii empahera Itophiyaatt baballisee turee fi ulaa garbaa dhabsiise. Nammi hundi eenyummaa sabummaa saa akka galmeessu dirquun, madaqoon salphaatt Amaarummaan fudhatamuun Itophiyaa ofiin jedhu amma hundee itt of sutu dhabee. Hoolaan badde warratt galte jechuu dha. Yoomallee ammayyuu kan bara Nafxanyaa yaadan jiraatanuu, madaqoo garri caalu eenyummaa ofii badde argachuutt hedduu gammadani. Akkasitt Amaarrii sammuquyii fi lakkoofsaan hamma humnaatt ciramee gad taahe. Qabsaawoti Amaaraa akaaku lama; kanneen qacee Nafxanyaa durii irraa hafan fi Amaara biyya ofii jiru. Qaccceeen Nafxanyaa durii magaalaalee badiyyaa keessa jiraatan Kiristinnaa Ortodoks tahu saaniif Amaaraa ofiin haa jedhan malee, bakka akaakileen saanii madaqfaman haa tahu dhugaatt Amaara tahu ofii hin beekanii. Biyyi warri dhahatan yoo jiraate illee kan dhaqanii qoratan hagas miti. Dhugaan biyya itt dhalatanii guddatanii fi keessa jiraatan qofa beeku. Basaasa yoo hin taane abbaa biyyaa waliin mirgoota wal qixee qabu.

Yoomallee warri abbaa biyyaa yeroo adda addaa jaalalaa fi danda’uufii itt agarsiisan hambaan Nafxanyaa tokko tokko yoo Itophiyaa wanti jedhamu gad itt gonfame malee qananiin itt hin dhagahamu. . Karaa biraammoo kanneen laalaan cunqursaa warra biyyaa irratt gahu itt dhagamee isaan waliin dhabbatanii fi muxannoo ofii malee jette jetteen soda uumuu kan barbaadanitt hin amanne jiru. Kaan saanii sammuu sanyeessaa fi waan abbooliin saanii abbaa biyyaatt balleessan jechu dhagahan irraa ka’uun haaloo nutt bahatuu laata jedhanii sodaatu. Kanneen akkasii yeroo keessa hin jiraatin darbe yaaduun isa ammaatt itt baruun ni rakkisa taha. Jara kana keessaatu kan HT miseensa alaakan madaqfatan. Araara Amaarri Oromoo waliin gochuu yaadu kamiifuu jarri akkasii Oromoos Amaaras tahu waan mamaniif farra. Oromoo jechuun ummata jechuu dha; Oromiyaan faanfana fi jibba hin beektu, kan midhame jedhe sobee iyyuu qaanii uffata.Hamaan tokko tokko bakka bakkatt mudachuu ni dandaha taha garuu maqaa dansa keessumsiitota arjaa balleessuuf sababa hin tahu. Wanti akkasii safuu dha; farra dudhaa Oromoo, ilmoo namaatt roorrisuu dhowwuutii. Abbaa fedhe tahanuu Oromiyaan ummata bilisummaa saaniif qabswan haada utuu itt hin hidhin ni deggertii .

Habashaan biyya ofii dhufan Oromoon kan wal argan waabaroota olhaanoo fi kooleejiitt. Hedduun saanii kan argan bulgichaa itt himamaa baheen irra waan adda taheef ija ofii amanuu hin dandeenye. Ciigoo sanyii ijoollummaa kan sirreessuuf amma carraa argataniif malee, suduudaan walitt bu’a kolonii irratt qooda hin fudhanne. Sana jechuun sammuu dhiqaan daa’imummaa qaabannoo saanii irratt godaannisa dhiisuu hin dandahu jechuu miti. Dagaaginni Itophiyaa sammuquwi holola monoksee, dabtarootaa fi argaa dhageettii ayyanlaalotaan uummatan salphaatt hin deemu. Kan dubbiin laaltu gara egeree ifaa fi naga qabeessaatt karaa isaan baasu falachuu qabu. Waan qabsoon cunqurfamootaa empayericha irraan gahe fuggisiisuun kan hin dandahamneef madaa jiru soogidda itt dibuu manna mirkanii jiru fudhatanii dhinsuu yaaluu wayyaa.

Kanaaf gamnummaan saanii aannan dhangala’e irra ijaajjanii boohuu oli jedhamee abdatama. Kan kolonii dhabanii beekan Itophiyaa qofa mitii; hundu lafquwa, sammu quwa fi akkasumas diingadeen haala jiruun wal qixeessanii jiraatan. Ofitt hirkachuu qofatu walabaa fi boonaa nama tolcha. Waan egeree dhufuu dandahaniif qoncooruun empayeraa see fi dhiheenya Tokkummaa Awuropaa keessaa bahuun Britaanian akka faroott tajaajilu dandaha. Barri Nafxanyaa dur darbe. Boer Afrikaa kibbaa, rakkina Holand akka hin taane hunda horeen Nafxanyaas rakkina Habashaa yk Amaaraa tahu hin qabani; rakkina kolonootaati. Itt fufuun Oromiyaa irratt gooftomu abbalu yoo hin taane, bilisummaa ofiif lolachuu qabu malee b‘uura dhokataa qabaniif horeen Nafxanyaa keenya itt roorrifame jedhanii afarsuun hin baasuu. Mirga ilmoo namaa tuqamu hundaaf iyyuus ni gaafata. Kanneeen achitt hafuu hin barbaadne yoo jiraatan fudhatanii galuu dha.

Tigray Tigriny yoo xinnaate erbaala irratt akka ummatooti koloneeffaman koloneeffataa irraa seenaa fi eenyummaa adda qaban beekaniiru. Kun dura gurguddoo Amaaraan kan qeeqame yoo tahu boodas gurguddoon Tigrinyaa tokko tokkos akkasuma qeeqanii turan. Hariiroo seenaa fi dhiigaa qabaatanuu, gurguddoon Eertra mirga hiree sabaa ofii ofiin murteeffachuuf lolatanii argatanii jiru. Yeroo isaanumti sun Oromiyaa f yoo tahu s eenaa roga dhabsiisuu dha jedhanii kan innaa addooyee turan empayerri Itophiyaa waggaa dhibba tokko qofa jedhanii irratt walii galan, amma TPLF itt komatan dhagahuun nama malalchiisa. yero tokko walitt tufa yeroo aan walirraa arrabaa jara jiraatu. Seenaa duubatt deebisee si’ach kan kolonoota of jala galchuu dandahu hin jiraatu. Arjummaa murnoota Habashaa kam irraayyuu utuu hin tahin dafqaa fi dhiiga saaniin argatani. Itt baha qabsoo jaarraa tokkoo fudhateeti. Nugusaa fi Dargiin isaaf finqilchamanii. Gurguddoon Amaaraa empayera dhabuu utuu guriri’anii, Abisiiniyaawu dhabaa jiru. Gurguddoon Tigray Tigriny amma fuula sobaa namatt agarsiisanuu, olantummaa caalaaf tokko tahuuf deemuu. Jechi saanii “Kan qooxiin dabaladha jettee kan uka see gattee” jedhu Amaara irra gahaa jira.

Amaarri of irratt hirkachuuf humna riphaa barbaachisuun qabu. Qabeenya, lakkoofsa ummataa fi muuxannoon sana gochuu dandeessisus jira. Kanaaf godinaa sana keessatt ummati Amaaraa kan irra darbamu miti. Oromiyaa waliin sararaa daangaa dheeraa qabu. Amaarri kallacha duula Habashaa Oromiyaa koloneeffatee fi diina dhihoo kan yoo of jijjiire fira tarsimoo tahuu dandahu. Lachanuu, akka walqixxeett waliin dhaabbannaaan godinaa sanaaf birmadummaa, nagaa, tasgabbii fi badhaadhina mirkaneessuuf carraa wayyaa ni qabaatu. Lachanuufuu durfannoon jalqabaa hariiroo Itophiyaa keessatt waliin qabaatan utuu hin tahin miiltummaa akka biyyoota ollaa walabaatt tahu qaba. Amaarri jaarmota hundee hin qabne dhiibbaa Nafxanyaa qaban irraa of eeguu barbaachisa. Miltoon Habashaa waggoota hedduu, garri Tigray itt hafee ture, amma deemaa jira. Empayerittiin isaan too’achuu erga dhiiftee waggootii digdami Shanii ol tahee jira. TPLF kan battala ofii ijaaraa jiru akka takkaa argamee hin beeknett. Jalcaasan gocha hundaaf diriireera. Dhaaboti hawaasomaa fi diinagdee ijaaramaniiru. Sadarkaa walabummaa yk Tigray Tigriny Eertraa keesaatt makamuu dandahan irra gahaniiru. Holola haa tahu, iyyannoon seenaa dhahachuun HTn tolfamu isaan dhaabu hin dandahu. Amaarri nama biraa waliin utuu nagaa buusuu hin yaalin, ofii saanii waliin nagaa argachuu qabu. Joonjee eegduu Itophiyummaa tahu ofbarjalatt silla’e of ittii baasuun salphaa hin tahu.

Oromoon biyyi saanii akka ofii andaara qabuutt malee akka andaara biyya Itophiyaatt hin laalanii. Waan hariiroo angoo Habashaa waliinii ilaalutt, qabamnee bilisummaa dhabneef malee Oromoon sirna saanii keessatt moggeffamne jedhanii komee hin qabani . Sirna saanii of aangessaa tahe keessatt qooda fudhachuu dhowwamne utuu hin tahin bilisummaa dhabuu mormu. Sanaa alatt ilaaluun akka itt Oromoon itt of ilaalu wallaaluu fi wareegama jaalbiyyooti Oromoo biyya ofii qabaa jala bilisoomsuuf baasanii fi baasaa jiran dagachuu dha. Yeroo hiriyoota Habashaan haammatamuuf Oromoon Ogummaa qabnaa jedhan daaya ummati ballaan qabuu yaada fallessu ambatt bahanii legellegan dhagahuu caalaa kan nama jibbisiisu hin jiru. Murni Habashaa kamu akka ollaa walqixxeett malee si’achi sabootaa fi sabaawota godinichaa irratt hirree saanii hin agarsiifne gochuuf Oromoon muratee jira. Dhaabota Itophistoota irraa yaadoti mirgoota Oromoo fi demokraasii ilaalan karaa irraa mucuceessaa tahan buufamaa jiru. Garuu hanga Oromiyaan qabaa jala jirtuu fi yaada ofii bilisummaan ifsachuu hin dandeenyett sabboonaan yaada kanaan sochoofamu hin jiraatu

Mooraa Habashaa keessa koromi lamaan Tigray Tigriny qofti kan jiran fakkaata. Lola saanii mala hin qabnee mooricha dhuufachuuf sabootaa fi sabaawota isaan jala jiran hunda akka okaa dilgoott babbaasuu. Oromoof lolooti akkasii bu’aa ayyaamquwaa haa tahu waatattaa hin argamsiisuufii. Enyuu haa moo’uu Oromoon dhabduu tahu. Lolli timijii isaan si’ana akka sababaatt fudhataa jiran hundi lafa Tigray Tigriny keessatt argamu. Seeraan sabgiddummaa qabaatanuu, mirkaniin garuu dhimma ganda Tigray Tigrinyii. Amma jiruun biyya ofii bilisoomsuu sabootaa fi sabaawota Gaanfa Afrikaa hunda eeggataa jira. Karoorri Gaanfa irratt olhantummaa diriirfachuu murnaoota Tigray Tigirinyi ittifamuu qaba. Qabatteen daangaa rakkina ofii saanii waan taheef sabi kamuu dargaggoo of fedha jara biraaf wareega galchuu hin qabu. Loli saanii hanga kormi tokko mooricha dhuufatutt itt fufa. Sun dhimma saanii malee kan kolonootaa miti. Tokko tokkoon ummatoota empayerittii keessa jiran humna hacuuccaa Tokkummaa Afrikaaf hamaa tahe akka hin deggerre abbaawummaa qaba.

Tigray Tigriny kan gargar cabe yeroo hidhati saanii Amaarri, biyyoota kibbatt argaman, akka Oromiyaa koloneeffate. Hogganni saanii Minilik yeroo koloneeffataa biraa waliin Yaatuu Marab sitt hin cehuu walii gale, tarii kolonooti haaraa qabate akka jalaa hin gaaga’amne hedeetu. Minilik keettoo naannaa dhihoott argamu Hirmannaa Afriikaa ture. Gurguddoon Tigray Nugusa saanii haaraa kana mormuuf humna waan hin qabneef obbalaa fi biyya ofii gar tokko, kan Yoohaannisii fi Aluulaan waggoota yartuu dura Masirii fi Xaaliyaa waliin dilii irra turaniif callisanii gad dhiisani. Hogganooti Tigray Tigriny walabummaa Oromiyaan mormanuu, kolonooti Minilik sun karaa bilisummaa qabatanii jiru. Tigirinyaan baka Amaaraa bu’anii qabiyyee saanii kolonoota irratt gooftolii fi biyya Habashaa fi Gaanfa irratt aangoo olhaanaa tahu barbaadu. Kun karaa dandahame hundaan hankaakfamuu qaba. Bulchi saanii raawwatee Gaanfa Afrikaa yeroon itt sirna haaraa jalatt soneessan gaheera.

Ollaa dhihoo Oromoo waliin nagaa buusuu manna jarrri Amaaraa kallacha qabsoo saanii ABO maqaa balleessaan duukaa bu’uu filatani. Qabsaawota mufattu karaa badan, hin amanamne hawwachuun waan firummaa Oromoo argatan itt fakkaata. Kaayyoon ABOn ifse garaa fi sammuu namoota Oromoo bilisummaan yaadanii keessa jiru. Sana irraa dheessuun abootii bu’uursanii tokko tokkoollee haquu hin dandeenye. Sun kan agarsiisu hoggansi Oromo motorii halagaan sosso’u jiraatee dhiisee sochiin walabummaa Oromoo dhaabbachiisuun akka hin dandahamne. Kanaaf dhimmama jiruuf deebii kennuun hundaaf anjaa qaba. Murnoota keessaa kamuu kan fedha Oromoo kabaju nagaa fi bilisummaaf dhibantaa fi miiltoo tahu dandaha. Oromoon isaan keessaa leelloo addaa kamiifuu hin qabani. Hundu waliin jaarraa tokkoo oliif umata Oromoo gidiraa agarsiisaa jiraatan. Amma hamma tokkoon saanii Oromoo lolaa jirutt, isaan wal lolanii dhiisanii homaa jechuu mitii. Ummatichi Birmaduu fi walaba tahu fedha.

Sirni addunyaa waliigalaa sababa warraaqsa technoljiin jijjiiramaa jiru, malli dullachii fi yeroon itt darbe akka itt fufuuf obsa hin qabu. Kolonoti dammaqanii mirga ofii gaafacha jiru. Hariiroon Habashaa keessaa fi kolonota waliinii babbaqaqaa jira. Jaarraan lamaan darban Tigrinyaa caalaa Amaraa irratt jijjiirama bu’uuraa guddaa uumaniiruu. Kanaaf Tigray Tigriny nageenya ofiif deebi’ee ijaaramuu haalatu dirqisiisa. Wal dhabdeen hanga hogganooti TPLF fi EPLF naannaa jiranitt. Lolli si’anaa, qabsoo angoof hoggansi godhan irratt dabalmee caalaan saa hambaa boojuu kan jalqaba hirmatan irraa haafee jedhameetu. Walballeessuuf abbaltii hin qabani. Akka saba bucuu Itophiyummaa caalaa fedha murnaa leellisaniitt, gargaarsa aanga’oota gurguddoo argachuuf carraa wayyaa qabu. Kun roga seenaa Britishooti mootota Oromoo Walloo, Mastawat fi Warqit kanneen Teedrosiin dabsataniif irra Kaasa Mircaa Tigray Tigriny leellisuun, hidhannoon jabeessanii deeman irraa baramuu dandaha.

Fakkeessaan tokko hamajaajii godhatanii kaaniin firomuun daa’ima ildiimuu irraa addatt hin laalamu. Addunyaa keessa hammeenyi wal haa caaluu malee biyyi mirga ilmoo namaatt hin roorrisne hin jiru. Mootummaan Tigray Tigriny tokko isa kaan caalaa tuqaa roorroo lakkaawamu hin qabu; garuu murtii ija tokkoon hunda ilaaluu dhabuu anga’oota gurguddaatu wal caalchisa. Tokko irra kan biraa kan leellifamu akka inni waan jedhan fudhatuuf malee roorroo jedhamaniin wal hin laalu. Yeroo TPLFitt dhufu fixasanyii tolfamullee beekaa irra ilaalu. Naannaan Tigray Tigriny naanna fedha baaqulaaf akka tarsmaawaatt ilaalamu. Hardha humna dhabuu fi jarris akka saba fedha qabuutt waan Oromiyaa hin laalleef nurraa fagaatee mullata taha. Sun tahus jijjiirammi daangaa, malbulchaa fi unkaa amantee Baha Gidduu, keessaayyuu naannaa Gabra Diimaa fedha Oromoo irratt dhiibbaa gochuun hin ooluu. Amaarri surraa Imperiyaal badeef gadooduu dhiisee ummata kaan bira bu’uun ittisa godinaa irratt qooda yoo fudhate yeros qofa kan taphi qajeelaa fi malbulcha haaraan Gaanfa Afrikaa keessatt shaffisaan eegalu.

Yeroo waan Habashaa dubbannu dursinee waa’ee micciramaa, hammeenyaa, gara laafina dhabina fi bolola hogganoota saaniitt qubaa hin qabin hin dabarru. Garuu ummati saanii ballaan sana caalaa guddaa dha. Godinicha keessatt, namoota nagaa, damboobaa, gara laafessa fi arjaa fi Waaqa sodaatummaan kan beekaman keessaa tokko. Kana barreessaan kun biyya saanii keessa deemee arguu saa ragaa bahuu dandaha. Surrii dhiqaa hogganootaan kan ka’e ummatoota koloneeffaman ciigahuu dandahu. Haa tahu malee karisoota sanaan akkuma ummatoota kolonii cunqurfamoo waan tahaniif wayyeessaa bu’uuraa fedhu. Gaaffiin deebii dhabe bofooti akkasii akkamitt hanqaaquu gugee keessaa akka bahanii. Dantaa murnootaaf jedhanii qootee buloota nagaa suukii malee yeroo hin qaabatamnee kaasanii wareega baasaa jiraatani. Sana irrammoo hogganooti sun namoota jireenya gadadoo jaarrotaaf isaan irraan gahaan akka faarsanii fi itt boonan sammuu dhiqanii jiru. Boonni duwwaan sun waldhalina fi iyyaatii dhabuu irraa kan ka’e ummatoota kolonii irratt akka ilaalcha olhantummaa guddifatan tolchee jira. Garuu ummati saba hacuucaa yeroo maqaa saaniitin yakki tolfamu callisanii ilaaluun qulqulluu isaan hin godhu.

Addunyaa si’ana keessatt, kan danda’e of oolchun seeraan bulmaata caala akkaata bulchaa tahee mullachuu eegalee. Ilmaan namaa kan abbatokkee barbaachisu calaa guurrachuun akka hin jiranne bololatt lugama godhuu yaalaa jiraatani. Kanaafi qaroomooti jireenyi sansakkaa akka argatuuf sereen bulmaata kan gad jabeessan. Qaroommi seeran bulmaataaf bakka guddaa kenne qarooma Oromoo caaluu hin turre. Garuu yeroo kannen seera hirreett amananiin walitt dhufan sun anja dhabeesa isaan tolchee. Qooqi” seera” jedhu isaan biratt bakka addaa waan qabaataa tureef seera halagaa akka kan ofiitt ulfeessan. Garuu yeroo akka safuu hin qabne baran ciiga’uu eegalani. Sun dudhaa Habashaa hanga yoonaa gangalachaa as gahe tahu kennati TPLF fakkeenyaa taha. Demokrasiin mootummaa ummataa, ummataan ummataaf gaggeeffamu jedhama. TPLF waan itt hin beeknne kana hojiirran oolcha jedhee, mootummaa ofii, ofiin, ofiif tahe kennate lafa tahee. Akkuma tahett Oromoon bolola fi hammeenya koloneeffataa jaarraa olii irraa baraaramee yoonaa gahee jira. Amma didhaan baayyataa dhufuun hanga Republic Oromiyaa walaba dhaabbatutt jabaatee ofirraa facisuu malee sabi Oromoo filmaata biraa hin qabu.

Qabsoon nagaa ji’a jahan darban tahe hamma yaadame firii hin agarsiifne. Battala demokraatawoo yartuu keessaa Oromoo sagalee hin qabnee fi kan sagalee tahuu yaalaan jiru. Garuu kannen badiisa jiru oolchuu dandahan bu’aa ofiif jedhani abbaa hirrotaaf dandeettii ittiin nama miidhan guddisuu malee gadadoo ummataaf dantaa hin agarsiifne. Ji’oota darban keessa nammi dhibba shanii ol du’an jedhamnaan TPLF akka waan nama tokkollee ajjeesuun sirrii tahee, lakkoofsi kun hammaa baafamee dhihaate jedhe. Yakka tahuun hafee ajeechaa akka waan oguma bulchaa taheett ambatt lallabate. Akka Nafxanyaa durii utuu hin tahin jarri kun dandeetti saba ofii guddisanii kan kolonootaa balleessaa jiru. Amaarri lafti hanga Hara Viktooriyaatt jiru keenyaa, qaama biyya haadhooti, yaadaanmal jedhu qabaata turan. Kanaaf want bolqan hundi wiirtu biyya Amaaraatt hin kuufamne. Tigray Tigriny koloneeffatoo duriin tokkoo, qabeenya biraa qofa utuu hin tahin warshootaa fi dhaabota adda addaa buqqisanii, waan sosso’an biyyoo Oromiyaa dabalanii akkuma koloneeffataan Eertraa godhe isanis biyyaa baasanii. Amma jalcaasa maala fakkatu fi buufata garbaa kanneen yoo waltahan dandeettii ofitt hirkachuu kennuufii dandahan qabu. Hundi baasii Oromiyaan kan tolfame yoo tahu, Industrii karoorfataniifis waatattaa dheedhii fi gabaa Oromiyaas yaada keessaa qabu. “Kosii gowwaa keessaa gamni wanjoo murata” jedhama mitiiree?.

Oromoon, kanneen Masaraa diinaa keessatt qananiin qubanne se’an dabalate eenyummaan saanii dorsifamaa jiraachuu beekuu qabu. Wanta ummatooti cunqurfamoon raasan madaaluu yaaluun awaala ofii qotachuu taha. Oromiyaa warraaqxuu qofa kan akka isaan hin cubuluqne gochuu dandeessu. Olhantummaan murna koloneeffataa kamuu abba tokkeett isaan jijjiiree akka fedha saatt naannesuuf caalaatt carraaqa. Yoo sun tahe mirga abba tokkee fi “nammi tokko irba tokko” kan jedhamu afarsamuu eegalee mirgi ummatootaa gara waldaa walgargaarsaatt gadi buufama. Ilmoon Oromoo dhugaan moo’ummaa saba saa gita lammaffaa nambiyyuummaa Itophiyaatii jedhee gad hin dhiisuu. Erga eenyummaa sabaawaa (murna) saanii balleessee duuba, maqa balleessi fi arrabsoo huban ittiin dhahamaa turan akkuma dur beekame gagdgaloo isaan fakkeessuun nama gadi godhanii dhihessan deebi’uuf jiru. Hanga yoonaa jechooti sun of amantee fi murteeffannaa caalaa saanii irratt dhiibaa qabaataa jiru. Yoo falachuu baate sabichi saba dheesitootaa fi dagduu taha. Kanaa achi kan fudhatama argatu heera Tigray Tigriny caalaa kan kennu qofaa, sunis walabummaa dha.

Oromoon qaata bulcha waanbadee Tigray Tigriny jalatt fixiqaccee irratt gaggeefamuu eegale; sun yakka qaama addunyaan sookka’ame kan yakkamooti bakka biraa hedduun gochi saanii kana gad tahe gaaddisa sabgidduutt qajeeltuutt dhihaatanii jiru. Garuu kanneen kan Oromo, Sidaamaa, Mazhangir, Gambeela kkf sababa ambatt hin labsamneen irra ilaalamee jira, garuu Oromoon sun qaama sadoo Oromiyaa kolonoomuutt geessee tahu ciicata. Kanaaf dargaggoon jecha Oromoo waa’ee bofattiin dheeratee irraa murra jennaan “Abbaatu Of mara” jettee yaadachuu qabu. Isaani tarkaanfii eegalaa of oolchuu kan fudhatan; gargaarsi dhufuu dandahu kaasaa ilmoo namaaf murannoo fi dudhama isaan qaban irratt hundaawaa.

Waraana Eertraa fi mootumaa Habashaa Amaaraan gaggeeffamu gidduutt dargaggoo Oromoo kumooti lola isaan hin laalleef gorra’amuun hin irraanfatamu. Dantaa eenyuuyyuu waan hin taaneef awwalcha sirnaa hin arganne. Ammas Tigray Tigriny jalatt seenaa wal fakkaataatu deemaa jira. Lafee haaraatu Buree hanga Aqordaatitt, dullacha duraa Ambaalagee hanga Qaarooraa jirutt dabalamanii faca’anii jiru. Somaliyaattis kanumatu tahaa jira.Halagaa isaan hin tuqnnett dirqiin bobbaafanii baktii saanii allaatiin gammoojiillee balfitee jirti. Firooti du’anii fi jiraataniin utuu ulfinaan itt hin himamin “hirmii” ijoollee saanii nyaachaa jiru. Si’achi jaalbiyyooti Oromoo ulfina ofii eeggatan gar lachanittuu qooda fudhachuu hin qaban, biyya du’aniif kan ofii tahe Oromiyaa qabu. Tigray Tigriny barbadnaan kan ofiif wal haa ajjeesanii. Dargaggoon Oromoo kolomsiisaa fi dirqisiisa madaqsaa hunda ofirraa facisuu qabu. Raqakaasaa halagaan utuu hin tahin reeff saanii waraabessaa fi allaattii Oromiyaatiin yoo nyaatame eebba taha. Jaalbiyyooti Oromoo wayyabi akkuma qabsaawaa Ameerikaa lola bilisummaa, Henry Patrick bara 1775, “Give me liberty, or give me death!” (Bilisummaa naa kenni yk du’a naa kenni) jedhe jechaa jiru Oromoott yoo ofii gaafatan malee, eenyuu waan barbaadan itt himuu hin dandahu. Karaa bilisummaa irraa garagaluun hin jiru. Garri tokkoon waanbadee Tigray Tigriny hagam gidiraa hin himamne nurraan gahuu saa argaa, tokkomnaan waan isaan nurraan gahuu dandahan se’achuun nama hin dhibu.Isaan joobira beela’oo maal nuun jedhuu hin beekne. Badiisaa fi roorroo dura jiru, du’a sodaachuun barsiifata Oromoo miti. Karoorri kolonummaa dheeressuuf Tigray Tigriny laf jala wal tahuun Gaanfa irratt Amaara bakka bu’uu qofa utuu hin tahin mancaasuun yaalaa jiranis hardha yoo hin taane bor hin hanqatu. Jala dhaabbachuuf qophaawuun hundaa ol barbaachisaa dha. Oromoon olloota saa irraa fedha adda addaa waan qabuuf tolaa haa tahu hamaa saanii caqasuu qaba.

Oromiyaa walabi haa jiraattu! Kabaja mirga ilmoo namaa hundaaf! Injifannoo cunqurfamootaaf! Qajeeltuun ni moo’attii!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan lubbuun jiraniif; nagaa fi araarri Ayyaana abbooliif haa tahu!

Ibsaa Guutama
Adoolessa, 2016

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *