Waggoota shantamman tokko dura sochiin walabummaa dargaggoo yartuun eegalame kaayyoo sabaa diriirsee wareegama guddaa baasus, jija boonsaa galmeessee. Amma sochichii abbaa saa, ummata Oromoon dhuunfatamuun karaa itt galaa gahu gabaabsee jira. Akkasitt sochiin bilisummaa Oromo kan naannaa kurnan shanii konkolaachuu eegale amma arreeddii saa shaffisiisuun sirna empayeraa hundee raasuutt jira. Yaa’iin ummataa naamusa fakkeenya tahuun magaalota 200 ol kan Finfinnee dabalatu keessatt maashinii diinaa hamaa utuu hin sodaatin jannummaan Hagayya 6 hiriire, raga bilchinaa fi waaraa tahu sochii bilisummaa Oromoo agarsiisa. Hundii hophiyaa dhaadannoo “Oromiyaan kan Oromooti” jedhuu fi waraanni roorrisa Oromiyaa keessaa bahu kan gaafatu qabatee yaa’e. Iyyannoon Oromo galati warraaqxota hin badinii sirinyaan fudhatamuu eegalaa jira. Dhiichi gara walabummaatt tolfamu si’ayinaan ittuma fufa. Harka qaxamursuun mallattoo abaltii nagaa akka namatt hin dabarree fi hin baballanne addunyaaf mirkaneessani.
Qabsoon nagaa fi qabsoon hidhannoo mala qabsoo bakkallett beekamanii. Yero ammaa Oromoon isa jalqabaa filatan; Hedduun garaa qulqulluun yoo deggeran kanneen wakkatan jiru. Biyyi qabsoo nagaa qofaan hobbaatii argamsiise hin jiru. Indiyaa keessa qabsoon hidhannoo, (Quit India fi INA) kan Gaandiin gamatt turani; USA kan Martiin Luther King gamaas (Malkom X fi Panthers) turani. Garri tokko milkii isa kaaniif gumaachee jira. Oromiyaa gama sochii moormii nagaa WBOn kan jiru yoo tahu, yoo ajjeechaan kanneen hin hidhannee itt fufe qabsoon rukuttaa caalaan akka hin geenye iggitiin hin jiru. Motummaa Itophiyaa daa’imman Oromoo harka duwwaa yaada ofii nagaan ifsachuu mormanii bahan qalaa jira. Oromoo hundi aariin bahee yeroo itt mormitoota deggeruun yakka Wayyaanee kan itt saaxiluu fi balaaleffatu. Hundi yaada adda addaa qabaachuu dandaha garuu durfannoo qabu jabduu dabankufoota faaarsuun gootota hafan jajjabeesuu malee, mala qabsoo irratt nokkorroo gaggeessuu miti.
Diinni TPLF jedhame malee maqaa EPRDF garagalee kan laale hin jiru. Jarri miseensa TPLF hin taane. yeroo akka galtuu Tigrawayitt fudhataman maaliif qaaniin itt hin dhagahamu? Hanga yoomiitt ofii fi saba keessaa biqilan salphisu? Yoomallee hojii xureessu akka saba ofii fixuu faa TPLFif hojjetan kan ilaalaman akka isaan walqixxeett utuu hin tahin akka saree jala kaattuutt. Gaf tokko, kan tuffatan hundaan “Gahe egaa” jedhanii onnee leencaa ummata saanii keessa jiruun barooduu dandahu laataa? Yaa galtuu! Akka sirna sanii keessatt yeroon sitt hin dabarre gamgamaan yero hundaa si fana jira. Barbaannaan gamgamaa malees si ari’’uu. Dhihoo haa tahu eger salphinaa fi haqamuu jalaa hin baatu. Yoosoo, maliif ummata kee walin garbummaa fi dabaan lolaa hin duutu?
Kaka’ii tuutaa dhiheenyaa, mootummaa Oromiyaa isa jedhameen, siyi hin feenuu fi bulcha TPLF koloneessaan nurraa badii jechuuf kan tahe. Bakka Hallett alaabaa diddaa diina Oromoo hunda baaragsu balaliisaa turan. Yoo Waaq jedhe handhuura Oromiyaa Finfinnee irratt balali’uun saa fagoo hin tahu. Oromiyaan Finfinnee malee hin jiraattu; Finfinneen Oromiyaa malee haroo ciisaa ajooftuu dha. Jarri Oromiyaa irraa Finfinnee addatt baasuu fedhan kanneen ajaan sun itt hin dhagahamne. Sochiin diddaa duraa hariiroo Oromiyaa fi Itophiyaa gidduu labsa taliila tolche. Akka ofiinjiroo adda addaatt walcina nagaa fi atoomaan mirga walii kabajanii jiraachuu dandahu jedhe. Isaan keessaa kamuu isa biraan kiyya jechuuf mirga hin qabu. Humnooti gurguddoon TPLFin wal lolaa jiran ummatoota Oromoo fi Amaaraatii. Lachanuu ifsa qabsoo walii deggeruu kennuun TPLFiin dhiibbaa guddaa jala galchaa jiru. Sun, akka hariiroo kolonummaa darbe duubatt deebisuutt yoo fudhatamama tahe dogoggoraa. Hariiroo haaraan barbaachisaa yoo tahu, fedha ummatoota lamaanii bilisummaan ifsame irratt hundaaween tolfamuu dandaha.
Oromoon koloneeffatoo saanii waliin akka walqixeett ilaalamanii hin beekani. Duubaatti deebinee seenaa Abbaa duulaa guddicha Goobana Daaccee hirooyoota saa Amaara tahan akka Daargee, Waldagorgis, Tasammaa fi kanneen biraan walbira qabnee yoo laalle hedduu keessaa fakkenya tokko tahee argina. Haaluma walfakkaataatu hanga hardhaa itt fufee jira. Sun tahees hisatooti Oromoo bososoon tokko tokko, kan darbe irraa barachuu dadhabaa jiru. Fakkeenya, taliilaa irra joonjessaa; dudhamaa irra daddaaqaa; murataa irra mamaa fi didaa irra sarmaa tahanii dargaggoo karaa irraa ceesisuu yaalu. Kanaafi kan yabboo ambaa hunda irratt qayyabannoo qeeqaan kan hin mullanne. Laallibati garbummaa fi birmadummaa gidduu addummaa jiruuf ejjennoo taliila dhabuun gara hundaaf harka rukutu, olkahanii ishooyee jedhu.
Hanqinni mormii Oromoo fi kan Amaaraa gidduu hundeen saa seenaa keessaa ka’a. Bulchichi, Oromoo hidhannoo kan bulcha isa duraarraa hafan hunda hiikkachiise. Habashaan garuu hin hiikkanne. Seeroti Itophiyaa kanneen aadaa, afaan, bulcha qajeeltuu yk qabiyyee lafaa yk ulfina namaa Habashaa fi Oromiyaa ija tokkoon laalanii hin beekan. Namooti hanqina kanaaf “apple fi burtukaana” walbira qabuu yaalan jiru. Oromiyaan kolonii gara laafina malee bolqamuu qabduu, kanaafi hacuucuun barbaachisaa kan tahe. Amaarrii kallacha duula koloneeffataaf hoggansa kan dhiheessani. Walbira qabuun yoo feesise, hisatooti Oromo malbulchaan sirrii tahuuf, kan yaaluu qaban murna koloneeffataa keessaa Amaara, Tigrawayi waliin, Oromoo fi koloneeffamoo kan tahan wal bira qabuu dha. Kana malee ofii uumaa finnaa empayeraa qayabachuu hanqachuun ummata komachuutt geessaa. Akkuma Oromiyaa fi Amaarri biyyoota adda adda tahan akeeki qabsoo saaniis adda adda. Kan itt walfakkaatu roorroo madda tokkoo irra gahaa jiruu, yeroma tokkott mormii keessa jirachuu dha. Garaagarummaan jiru, Oromoon mo’ummaa fi walabummaa bara hedduu sarbameef qabsaawaa jiraa; Amaarri daraboo duriin timjiin itt darbamuu fi aangoo irraa moggeeffamuun wal lolaa jiru.
Wal dhabdeen Tigrawaayi fi Amaara gidduu waan dudhaati; tokko yoo moohamu olhaantummaa isa kaanii bareefii jalummaan qooda fudhata. Minilik dhagaa ulfaataa duddatt baatee Yohaannis VI dura jilbaan deemee araara gaafachuun kanaaf fakkeenya taha. Hammeenyii Habashaa irratt raawwatamu adda waan taheef walqixeett ilaalamuun hin eegamu. Seenaan qabsoo saanii, maqiin dudhaa safuu fi amantee fi hariiroo Habashaa wal keessaa, Habashaa adda tolcha. Ofaangessoo waan tahaniif waldhabdeen humnaan malee nagaan matumaa furamanii hin beekanii. Kanaaf TPLF dorsisa Amaara irraa dhufu gad qabuuf meeshaa kuusaa saa keessa jiru hundatt dhimma bahuu dandaha.
TPLF filmaata lamaan deema; tokko empayeritt hanga dandahutt bulchu yoo tahu inni kaan Republika Tigray Tigriny walaba ijaarrachuu dha. Isa duubaa kanaaf, Wolqayit fi biyyoota naannaa shee Gondor kiyya jedhu sutachuun waan bira hin darbamne. Gadoon fudal darbe waldhabdichas uumee taha. Referendum waldhabdee dhaabuuf akka furmaataatt dhihaachuu ni dandaha; garuu TPLF Walqaayitiin arfacha jaarraa tokkoo caalaa waan bulcheef Tigaaruu hedduu qubsiisuun Gondoree anjaa dhabsiise taha. Wolqaayitiin deebifachuun, wareegama gaafatun wal gitaa amannan furmaati tokkichi jiru karaan dudhaa jalqabame qofa.
Qabsoon Orommo sadarkkaa yaachisaa irra jira. Kanneen Oromiyaa irra fedha qaban hundi yoomuu caalaa saaduu, daguu fi warana banuun hankaaksuu yaalu. Gurguddoo Oromoo keessaa kanneen haalli hammam hamaa akka tahe hin hubatin, akka isaanitt tolu qofaatt waa halle ilaalaa jiru. Kanaaf yoo dargaggoo gowwoomsuu fi kiyyoo koloneeffataatt dhiibuu yaalan argamu. Jarri akkasii hamma nama maalalchiisutt akka commee yaa’aa jiru. OPDO waliin garagarummaan qaban gooftolii Habashaa keessaa filachuu irratt. Gara kamiinuu haa filatanii, hireen saanii caalaa hamaa yoo tahe malee, kan Goobanaa irra wayyaa hin tahu. Sochoota lamaan Oromo fi Amaaraa keessatt waca kan heddummeessan jara dhabduu fi ayyaan laallatuu Nafxanyaa fi gurguddoo Oromootii. Oromoon kan alaa itt dhufu ofirraa facisuu dandaha. Keessa beekettiitu diin godinaa fi gabra gamaa itt harkisuu bilisummaa fi guddina saaniitt gufuu tahaa jiraate.
Baqqala Garbaa fi jaallewwan saa, akkasumas Oromoon kumaan ajjeefamanii fi kumkkummi hidhaa fi mooraa baqataa keessatt gidiraa argaa jiran guraarammi irra gahaa jiru Oromoo futrichoo hidhanii koloneeffataa saaniitt gurgurachuuf miti. Birmadummaafii. Hiree saanii mirga sabootaa ofiin murteeffachuu bakkalleen beekameen murteeffachuu kan dandahan ummata Oromoo qofaa. Dhaabota Oromoo kan jedhamuu dandahan hundi, kan hojjechuu qaban gara gala sanaatti. Sun dhaabota Oromoo sabaawoo walaba tahan gaafata; yoomallee abbaan garee filachuuf mirga qabaate, kan jallewwan ganuu fi sabicha anjaaa dhabsiisuu tahu hin qabu. Hariiroon malbulchaa halaga waliinii kamuu, kan wakkalama sababaawaa ifaa hin qabne hariiroo abba tookee qofaa fi akkuma kan TPLF PDO jibbisiisaa tahe hafa.
Mirgi ilmaan namaa kamu akka itt hin roorrifamne akeeka muummicha dudhaa Oromootii. Amaarrii mormaa kan jiran miiddha eeessumoo saanii Tigrawayiin irra gaheefii. TPLFiin haa dabsamu malee seenaan maqii ittiin hojjetan qabu turani. Kanaaf roorroon isaan mormaa jiran barwalii sana keessatt ilaalamuu qaba. TPLF ganeeraanii. Oromoon mormii saanii kan mararfatu ilmaan namaa fi ollaas waan tahaniifii. Burjaajiin akka carraatt fudhatamee joonjee uumuun xiyyeeffannoo keenya dimimmiseessuu hin qabu. Oromiyaan walabummaaf sirna empayeraa Habashaan waliin uumaniin lolaa jirti. Qabeen lamaan hooggansa Habashaa fedha irratt wal dhabaniif kaayyoon bilisummaa Oromoo hin jijjiiramu. Qubqabsiisoti Habashaa “Oromoo Itophiyaanota” jedhaniif eenyummaa fi gaaffiin Oromoo, akkasumas qabsoon saanii hariirtii ulee falfalaan hin jijjiiramanii. Oromoo fi Amaarri karaa itt ummata saaniif nagaa fi araara buusan faluun, seenaa sobaan wal jeequrra wayyaa; qacefixaa kanaan dura arganii hin beeknetu isan qabe. Kanaaf, ammaaf karaa waliin dura dhaabbatan faluun, booda akkamitt olloota gaarii tahanii jiraachuu akka dandahan mari’achuu dhaa. Garuu dursee bilisummaa Oromoo haa tahu kan Amaaraa, dhoofsisaaf dhihaachuu akka hin qabne beekamu qaba.
Mormiin Oromoo, hawwaa fi fedhii ummata Oromoo waan calaqqisuuf alaabaa mogge lamaan diimtuu malee mallattoo biraa hin qabanne. Akka qeeqa Amaara tokkoott “foolii Itophiyaa, Itophiyaa jedhu hin qabu”. Urgooftuu xiraawaan qubqabsiisotaa fi galtuu Oromo fooliisaa jijjiirsisuu dandahinnaa? Kan fedhe yoo dhufee, Oromiyaan lamuu gadqabaa fudhachuu diddeettii. Gaaffii Oromoo dhaggeeffachuuf duuduun akkasii haala dhoowuu barbaadu godinicha keessa jiru ittuu hammeessuu taha. Tuuti Gondoree mirgoota, bilisummaa fi timjii itt cehameef malee empayera Nafxanyaa baddeef dhiiga ofii lolaasaa kan jiran hin fakkaatu. Hophiyaan qabatanii hiriiran gara laafinaa ummatichaa agarsiisa, garuu akka meesharkaa hololaatt dhimma itt bahamuun akeeka saa irra sigigaachisuu dandaha.
Mormiin Oromoo qaama qabsoo bilisummaatii. Kan qajeeltuu fi nagaaf dhaabbatan hundi “jara Itophiyaa” jechuun utuu hin tahin akka ilmaan namaatt Oromoo deggeruu dandahu. Oromoon maalii fi akkamitt qabsoo ofii akka gaggeeffatuuf gorsa ofirrootaa hin barbaadu waca saaniitiinis hin nawuu. Ummatooti birmadummaa ofiif qabsaawan, waa’ee diina waloo fi dhimma biraa irratt iyaatii wal jijjiiru dandahu. Garuu dhimma keessaa walii seenanii borcuu hin qabani. Oromiyoon aarii irra jiruu; walqayyabachuu dhabuu xiqqaan, walirraa cituu yeroo dheeraa uumuu dandaha. Kanaaf kanneen hariiroo wal hin quuqne barbaadan, Oromoon eenyummaa saatt mirga qabaachuu, akka isaan kan saanii beekaniifitt beekuufii qabu. Yoo rakkooleen empayera Itophiyaa qabatanii jiran nagaa fi jaalalaan xumuramuu baatan burjaajiin godinicha irra marsaa jiru kan too’atamu hin danddeenye tahun ni mala. Kan dubbiin ilaaltu hundaan qulqullummaa garaan yoo itt dhihatame qofa irraa dabarsuun dandahama. Ummatni hundi biyya ijaaruu fi miseessuun irra jiru qabaa. Kanneen sana demokraatummaan tolchantu tokkummaa Afriikaa yk Gaanfaaf dhiibuu dandahani.
Gurguddoon Oromoo, mooraa halagaa keessa jiran yoo ammayyuu Oromummaatt amanaan (dandahaminnaa?) eegalee bu’uuraa yk safuu Oromummaa irratt qayyabannoo waloo uummachuun, ni gargaara taha. Yoo sun tahe qofa kan yeroo qabsoo bilisummaa kana haadi kanneen biraa waliin addaan baaftu jiraattu. Eessayyuu haa jiraatanii seexaan walii ulfeessan Oromummaan irra kaahu hang tokko jiraachuu qaba. Dargaggoon du’aa fi fafataa jiran “Oromiyaan kan Oromooti” jedhanii iyyaa jiru malee Oromiyaan kan eenyuutuu hin jenne. Qaaqa guddachuu yk akka fedha halagaatt galuuf, roga dhabsiisuun dhugaan dhoffamuu hin qabu. Jalqaba, Gufuun nu fulduraa hagam tahanillee kutannoon irra haanna. Oromoon fedha ofii walaba taheen hiree saanii irratt akka murteeffatanii, jireenya gammachuu demokratawaan basha’aa jiraatan aangeffamuu qabu. Ergamsi sochii bilisummaa sanaa. Akeeki mormii dargaggoos sanuma. Hankeenyaa gubataa jiru bulluqa orma sochoosuu haa dhiifnu. Oromiyaa walabi haa jiraattuu!
Kan keenyaa gubataa jiru kan orma sochoosuu haa dhiifnu! Oromiyaa walabi haa jiraattu!
Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; bilisummaa, walqixxummaa fi balchummaan kan lubbuun jiraniif; nagaa fi araarri sabichaa fi Ayyaana abbooliif haa tahu!
Ibsaa Guutama
2016