0

Democrasii Gadaan Deebi’anii Jiraachuu

Walbarsiisa

Oromoon bilisummaa fi mirga noolaa eegsisuuf yero qaroommi biraa qabsaawaafii turan heera Gadaa qaba ture. Seenaan Oromoo malbulcha Gadaa, aadaa fi afaanii, itt fufuun abdii kutachiisutt kan ka’e, qabamuu duuba yeroo daa’imman ofii wabarii halagatt erguu eegale. Ijoolleen gara jireenyaa hundaan rimsama halagaa keessa cuubamtee deebite; garuu kan see demokratummaan caalaa misaa waan tureef aadaan isaan taatee kan baate yartuu dha. Gadaan rorroo halagaa jalaa dandamachuu fi ummatichis waan ofitt cichuun miraa saa wan taheef gutummaatt gubatee hin badne; giimiin saa yeroo eeggatee boba’uuf daara jala of ruuqee jiraate. Hatahu malee kanneen ashkarumaa galanii karaa ummata ofii dhiisuun, maqaa gooftolii saniin kakataa fi dhaadtaa hafuu filatan hardhallee jiru. Akeeki barruu kanaa dargaggoon nameenyaa Oromoo bade, Oromummaa, deebistee gonfachuuf ibidda qabsiiftu gargaaruuf giimii kana dibaa jalaa baasuu dha. Sirna demokraasii durdurii haa tahu malee, Gadaan kan yeroon itt darbes, yaadchichaas miti. Sirna tibba tibbaan of haaromsuu dandahu keessaan jaaramaa qabaa. Hawaasii gogeessota malbulchaa shan darabeen baallii wal harka fudhanitt hirama. Ilmi Gadaa abbaa saatt ramadama; Gadaa abbaa keessa dhalate yoo tahe baallii fuudhuuf ganna 32-40 itt fudhata. Sadarkaan Dabballee (ijoollee hanga ganna sadeetii jiran) kan ilmaan Luba aangoo irra jiraniitii. Ilmaan Gadaa darbanii murna murnaan waggaa sadeet saddeetitt leenjii fi barumsa sadarkaa olhaanutt isaan gargaaru fudhataa turu.

Kanneen sadarkaa gad haanu irra jiran ol darbuu waan qabaniif kan olhananis jalaa siquu qabu. Kanaaf sadarkaa tokko irra waggaa saddeet caalaa guyyaa tokko dabarsuun hin dandahamu. As irratt waa’ee hiriyaa gara hawaasomaa jiru utuu hin kaasin ogeeyyii sun ilaaluun akka qorqoramu dhiifnee, dhaloota hiriyaa gara hoggansa malbulchaatt guddatu duukaa buuna. Salphaatt fudhachuuf Gadaan bulcha hiriyaati haa jennu. Murni hiriyaa tokko sadarkaa Lubaatt deebi’ee filamuun utuu hin jiraatin waggaa saddeetii qofa angoo irra tura. Kan aangoo irra ture waggoota saddeettan seeraan murteeffaman irra guyyaa tokko dabarsuuf carraa hin qabu. Murni haaraan aangoott dhufu seerota turan barbaachisaa taanaan geeddaruu ni dandaha. Seeraan bulmaati kan hundi fudhate waan taheef eenyuu seeraa olitt of ilaaluu hin dandahu. Seerri Abbaa Gadaa haa tahu nama homaa hin qabne irratt walqixxee jiga.

Sirnich hanga dhiibbaan alaa diigutt hojjetaa ture. Heera, mirga hundaa kabachiisuu fi kennataa fi seeran bulmaata irratt hundaawe waan taheef demokraatawaa ture. Hawaasi Oromoo olhantummaa dhiiraan gaggeeffama. Akka aadaa fi seeraatt dubaroon erga eerumanii kaasee Siiqee qabataniif ulfinan ilaalamanu, murti Gadaa irratt qooda hin fudhatani. Gadaan seera fokkuu tahan wayyeessaa waan dhufeef utuu hin gufanne walqixxummaa dubartiis yaa’a keessa beekuun hin oolu ture. Oromoon akka yeroo itt dhahu sirna addaa qaba ture. Tokko tokkoon ayyaanaa maqaa ji’a keessa jiraniif qabaachuun kanneen marsaa guyyaa torba qaban irraa garagara turani. Sun ilaalcha addunyaa Oromoo hunda irraa adda tolcha. Haalli hawaasaa fi naannaa uumaa hundi seerota demokratummaan tumamaniin gaggeeffamu turani. Oromoon waaqtokkee Angoo Olhaanaa tahe, Waaq jedhamutt buluu turani. Dhugeeffannoon Oromoo Waaqtokkoollee akka Yuudummaa kanneen Kiristinnaa fi Islaammi duuba dhufan keessaa tokko. Hundaaf angafa jechuu dha.

Jireenyi dhugeeffannoo Oromoo, Qaalluu guddicha Abbaa Muudaa jedhamuun masakama ture. Oromoo jajjaboon yeroo yeroon itt godanu turanii. Qaalluu xixinnoonis turani. Dhugeeffannoon Oromoo Waaqeffannaa yoo jedhamu, kan itt bulan Waaqeffataa jedhama. Dhugeeffannoo Oromoott lubbuun du’a duuba bakka hin beekamne hin dhaqxu lafumatti haftii. Waaq baraar waan taheef du’a duubas adabi hin jiru jedhu. Wanti Qaalluun hojjetaa ture hardhas akkuma durii barbaachisaa dha. Qaalluun akka qooda saa itt fufu yk “Komishina Kennataa” muudamuun akka bakka bu’uu gochuun ni dandahama. Jireenyi malbulchaa Oromoo Kora kennatame Caffee yk Gumii jedhamuu fi Salgee Lubaan hogganama. Qaalluun gochoota hawaasomaa keessaa qooda guddaa qabatuu, malbulcha keessa kennata qondaalota Gadaa too’achuu fi yoo baallii fuudhan eebsuuf malee hin seenu. Sun sirna malbulchaa Oromoo amantalaa tolcha.

Hundeen hawaasoma, malbulchaa haa tahu dhugeeffannoo Oromoo, biyya keessaa kan biqile malee akkaasa qarooma biraa miti. Demokraasiin Girikii durii, kan demokraasii Lixaa ammayyaatt guddate, gita hawaasomaa irratt hundaawe. Grikoota biroo fi dubartoota kan kan hin dabalanne turre, kan gooftolii qofa ture. Magaala tokkoo keessatt demokraasii suduudaa shaakalamu ture. Demokraasiin Gadaa biyya guutuu irratt waan hundaaweef, kanneen irratt argamuu fedhan hundaaf banaa haa tahu malee, demokraasii bakka bu’ootaa ture. Akka kan Grikootaa utuu hin tahin hedduu walxaxaa dha. Oromiyaatt demokraasiin suduudaa caalatt Ollaatt shaakalama. As irratt dhalooti ammaa waan itt dheessu qabaachuu saa akka barutt salphifamee dhihaatee. Kanaaf hariiroo uummatan hundaaf dhimma baasuufii dandaha.

Oromoon murna afaanii Kushitik jedhamuu, kan qaroomii Nubiyaa durii keessatt argamu, Grikooti “Itophiyaa” jedhadhiin keessa jiru. Oromiyaa keessa mallatoolee fi meeshaan aadaa kan kanneen Faraa’oo Masir duriin walfakkaatan jiru; kanaaf qarooma sana keessaa walitt fufoon dhiban, aadaa Oromoo keessaa argamu dandahu. Qormaati dhugaa yoo gaggeeffame, qaroommi Oromoo waggoota kuma afur ol tahu dandaha. Hundeen gad fageenya qabachuu saatu hanga yoonaa qaabannoo Oromoo keessaa akka hin badne fi duula kolonii diigaa irraa isa oolche.

Eegaleen bu’uura demokraasii Gadaa, sakataa walirraa hin citne nagaa fi araara Waqaa fi Laafa waliin gocha, qajeeltuu fi walqixxummaa olitt laalcha, hawaasaa keessatt sadarkaa hundatt qooda fudhannaa, mirga namoota dadhaboo eeguu, mirga ilmaan namaa fi naannaa uumaa ulfeessuu, hiriyaan biyya bulchuu, yeroo aangoo irra turamu murtaawaa tahu, bilisummaa amantee, waan halle irratt walii galanii murtessuu, safuu, laguu fi seeraan bulmaata tiksuu dha. Gochootii fi wanti lubbuu qabaate socho’u hundi seera qaba. Safuun, gochootaa fi miira dhorkamoo, cabuu hin qabne maqii hoodaa bakkahalletii. Laguun nyaata, dhugaatii fi shakala tokko tokko irraa of qusachuu dha.

Caasaa fi jiruu

Dhalooti gocheen biyya bulchuuf waggaa saddeetiif abbaawummaa fudhatu Gadaa jedhama. Dhaabota saa guguddoon Caffee, Lubaa fi Abbaa Bokkuutii. Caffeen yaa’a waliigalaa ummataati. Lubi hogganoota dhalootichaati. Abbaan Bokkuu Luba angafa mallattoo aangoo Bukkuu jehamu qabatu. Abbaa Bokkuu yk Abbaa Gadaa jedhamuun beekama. Luba keessaa hojii raawwachiistuu sagal yk Salgee (bakka tokko tokkoo 6) akka kora bulchaa olhaanaatt foo’amu. Isaan keessaa tokko Hayyuu Fiixee yk Abbaa Gadaati. Lama biraan akka ittaanotaatt filaman isa waliin Sadan Gadaa jedhamu. Sadan saanii galfata olhaanaa Salgee kan jabeessanii fi hojiirra olchani.

Jiruun adda addaa akka abbaa s’aa, Abbaa Duulaa, Abbaa Seeraa faa Luboota hafaniin hogganamu. Lubi hundi gahee jiruun adda haa tahan malee walqixxee tahuutt fudhatamu. Hojiin finnaa hundi hojii raawwachiisa ol haanaa hanga gandaatt koraan hojjetama. Miseensoti koraa walqixxee waan tahanii fi dura taahan saanii walqixoota keessaa tokko waan taheefis carraan abbootiin hirree keessaa biqiluu hin jiraatu. Shakala demokraasii keessaa kana, kan sirna Oromo of angeessaa fi sirna mootii Habashaa irraa adda tolchu. Dhaabi Qaalluu akka mataa dhugeeffannoo qofatt utuu hin tahin akka to’ataa kennata Gadaattis dhimma baasaa ture.Haa tahu malee si’ana hawaasaa amantee hedduu keessatt qooda saa kana akki itt guutuun dandahamu ilaalamu fedha.

Caffeen qaama tumaa ol haanaa dha. Miseensoti saa kutaa hawaasaa keessaa bakka bakkaa kennatamuun bahu. Lamooyee fi gosooti waliinjiroo barbaachisoo miseensummaa saatt gumaachani. Hawaasoti Oromoo kutaa xixinnoo biyyichaa, Gandaa yk Ollaa kaasanii ofiin buluun basha’aa jiraatanii. Tokko tokkoon kutoota sanaa, kanneen dhimmoota ollaa fi godinaa akkasumas hariiroo sabaa ilaalan, kora ofii qabu turan. Kanaaf sirni gadaa guutummaatt kan waaltahe hin turre. Waggaa saddeet duuba Gadaa haaraan ballii erga fuudhe seerota turan ilaalee akka jiranitt oolfachuu, wayyeessuu yk dimshaashumatt jijjiiree akka seera sabaatt labsuu dandaha. Lubi dhaabbataatt walakkaa Gadaa yk waggaa afuraffaatt Kora taahee hojii irra oolmaa seerotaa, hojii Kora Lubaa gamaaggamuu fi barbaachisaa taanaan seera haaraa tumuuf walgaha. Akeekkachiisuu, buqqisuu, yk luboota balleessan adabuu dandaha., yeroo qabatteen wajjira saa madaalu ka’u malee, dhimma hundaaf abbaa barcumaa tahee kan Cafficha gaggeessu Abbaa Gadaa aangoo irra jiru.Kan wajjira saa ilaaluuf garuu walitt bu’i fedhaa akka hin jiraanneef Abbootii Gadaa darban keessaa tokko bakka bu’a.

Salgeen hojii raawwachiisuuf abbaawaadha. Qondaalota hojii finnaa adda addaaf akka Abbaa Duulaa, Abbaa Sa’aa, Abbaa Seeraa, Abbaa Biyyaa, Abbaa Alangaa, kkf muuda. Lola labsuu fi nagaa buusuu dandaha. Namoota waggaan dhaloota lolaaf gahe irraa loltoota foo’ee ajajaa fi leenjiif dhaloota waraanaa isatt hansee aangoo qabatu, Raabaa fi Doorii jalatt ramada. Murti hundi koraan darba. Kanneen beekamee angoon kennamee irratt malee abba tokkeen kamu kophaa hin murteessuu. Abbaan Gadaa hayyuu duraa Salgee fi sabaa, akkasumas Mootii Waraanaa Olhaanaa dha.

Yubi, Luba baallii dabarsanii aangoo irraa bu’an. Miseensota hawaasa kabajamoo, qooda Luba gorsuu, seera ilaaluu fi Caffee tahuu qaban. Gochooti akkasii angoo hojii lubaa qeequu kennaaf. Raabaa dorii waliin qodaa qeeqaa fi madaala aangoo qabaachuu dandahu. Barreessaan kun waa’ee lamooyyee lamaa, Hobo fi Coora muxannoo qaba. Innii fi akaakoon saa Coora waan tahaniif akka gareett wal ilaaluu. Abbaa fi haadha saa Hobo. Abbaa fi haadhi bakka akaakoon jiranitt itt bu’uu hin dandahan. Akaakoo waliin waan wal salfatanis hin qabanii. Kun hariiroo Yubaa fi Raabaa Doorii keessattis tahuu ni dandaha. Isaan akaakoo walii tahu. Lubi akka hin gamsiifne, gareen danquu dandahu.

Barnoota irraa argamu

Qaroommi Oromoo akkaasaa utuu hin tahin qarooma of dandahe addaa, Oromoon addunyaaf gumaache. Walfakina isaan waliin qabuun qaama qarooma Masrii fi Nubiyaa (Marowee fi Naphaata) tahuun ni mala. Walfakeenyi Bokkuu, Caaccuu, Kalacha fi dhahi yeroo, firummaa qaroomman sana waliin qabu agarsiisa. Kanaaf hundee offiitt deebi’uun nameenyaa Oromoo adda tahe misoomfachuu fi dhaalmaa ofii du’aa kaasee namummaaf maa’ii baasuu gargaaruu dandaha. Utuu ofii qabanii qarooma nameenyaa ofiin wal hin gitnett cichuun joonja’aa hafuu fida.

Miseensoti hawaasaa hundi coraan utuu hin tahin, itt yaadanii gochootaa bara dhaloota saaniif ta’an keessatt qooda fudhata turan. Miseensoti ganna dhalootaa yk murna hiriyaa waggoota saddeet saddeetiin walirraa siiqutt ramadaman. As irratt kan nut barbaannu misa yaa’aa malbulchaa malee kan hawaasomaa mitii. Kanaaf hooda buusaa dhaloota tokkoo kan biraatt cehuu fi qooda hawaasomaa daa’immi tokko jala dabartu ilaaluuf hin deemnu. Dhimma keenyaaf, barumsii fi leenjiin hoggansaa hiriyaaf tolfamu dhuma waggootii saddeetan jireenyyaa jalqaba irra ka’a. Tokko tokkoon waggoota saddeettanii hanga daa’immi sadarkaa Lubaa geessutt mirgaa fi dirqammi itt kennamu jira. Demokraasiin Gadaa sadarkaa hundatt shaakalama. Miseensoti murna hiriyaa hundi walqixxee dha. Sadarkaa hojii murna keessaaf jedhame miseensi tokko kaan caalaa walqixxee akka tahett hin laalamu.

Nammi tokko jireenya saa keessatt altokko duwwaa angoo sadarkaa tokkoo irra jiraataa. Sadarkaa Gadaa tokkoof kan keessa turamu waggootii saddeet qofa. Hiriyaan hoggana muuduu; kaasaa gahan jiraannaan utuu yeroon saa hin gahin buusuus ni dandahu. Hanga hogganooti hojii saanii sirriitt raawatanitt hiriyooti kabajan laaluu fi gamtaa agarsiisuuf dirqama qabu. Hogganootis kan isaan hordofan ulfinaa fi walqixxummaan ilaaluun dirqama saaniiti. Utuu dhiibbaa alaa jala hin seenin akka Oromon aangoo itt ilaalu sana ture. Bakki isaan, deebi’ee dhalachuu nameenyaa fi qarooma Oromoof fala soquu qaban seenaa dubbee saanii keessatii. Aadaa hoggana ofangeessaa waaqeffatuu diduu qabu. Oromoon hogganoota saanii ni jaallatu ni kabajus malee hin sodaatan, hin waaqeffatanis.

Gadaan Oromo hundi walitt qaba kutaa hawaasaa, akka lamooyyee, gosa fi godinaati. Jarri sun hoodaa fi shakala ofii dhimma itt bahan akka qaban sabi guutummaan beekaa. Jabinni sabichaa rimsama tokkummaa halagaa irraa fudhatame utuu hin tahin, mala ofiin itt of ijaaree. Namooti garagarummaa, gandummaa fi gosummaa akka sabummaa irratt mudaa uumaniitt qubaa yoo itt qaban, ilaaluun nama gaddisiisa. Garagarummi jedhaman qaama Oromummaa kan ofirraa dhiqanii baasuun hin dandahamne. Oromoo hundi, saneen akka isaan tokkummaa saanii jabeessan malee akka waan addaan isaan baasaniitt ilaaluu hin qabanii. Oromoo dhugaaf gandummaa yk gosti Oromummaan wal hin fallessan; qaama waliiti. Garuu want hale yoo keessa bahu hifachiisuun beekamuu qaba. Yeroo gosaan walitt gamnu halagoomu calaqisuu keenya hubachuu dha. Namummaa keenya, meeshaa ulfoo keenyaan deebifnee haleeluun isaanuma tahuu keenya of irratt baruun dansa. Kan faranjii “ethnic” jedhu “lammii” kan jennuun wal gita taha. Gosti isa “tribe/clan” jedhani. Habashaan erga Afriikaa dhufanii qooqa “gosaa”n walgitu hin qabanii, keenyuma akka hin taanett qayyabatanii.

Seenaa Oromoo keessatt yeroo ummatichi gosaan yk biyyaan (Godinaan) wal haddheesse himamee hin beeku. Kolonummaan Oromoo hidhamtoota hawaasomsa malbulchaa halagaa godhee jira. Hamaatt ilaalamuutt kahuu saaf, namooti tokko tokko godinaa yk gosa kami baate yoo jedhaman kan xiqeessuun itt fakkaata. Utaalanii Oromiyaa dha jedhu. Sun ifaa dha; garuu kan gaafatame bakkaa fi gosa keessatt dhalatanii. Ummati keenya ijoollee yk nama hin beekne yoo argan sana gaafatu turanii. Hundi keenya biyya keenya Oromiyaa jaallachuun hiroo gadii hundaa olitt ol kaasnee, amantee ofii qabnun addatt ilaaluu qabna. Dhaabaan saanii hordamu kan qabu ijaarsa Oromummaa keessatti. Dhugaa kana qayyabachuu dhabuun, sabaawummaa dhabdan jedhamnan kan garaa keessaa itt dhagahamu dhossanii namaa biraatt bu’aa kan oolan jiru. Guddinni hawaasomaa Oromoo walfakii miti. Tokko tokko keessatt walitt dhiheenyi gosaa fi warraa kan biraa irra o’aa dha. Qoccolloo homishaawaa hin taaneen wal hiraarsuu irra, waan taaneen wal fudhachuuf sun qayyabatamuu qaba. Moo’ummaan sabichaa shakalamuu hundee ka’a; hamma isaan gahu hambifatanii kaan bu’aa waloof sadarkaa ol haanuuf dabarsanii. Demookraasiin Gadaa, achii, ganda eegalaa.

Oromiyaa keessatt hojii garri caaluu kan hojjetamanii fi murtiileen kan tolfaman akka qarooma biraa caasaa waajjirbulchiin itt heddumaateen utuu hin tahin shanootaani. Sadarkaa hundattuu bakka nammi tokko qofti itt of agarsiisuu hin jiru. Kanaaf nam tokkeen akka kanneen hundaa barbaachisaa waan taheef gochoota hunda irratt argamuu qaba. Murtiin waliigaltee guutuun fudhatama; hamma fedhe haa fudhatuu, qurrammi deebii utuu hin argatin murtiin darbu hin jiraatu. Oromoon muruu fi sardamuu irra “Haa bultu dubbiin” jechuun beekama. Sun adda isaan tolcha.

Xumuruuf, roga sirna malbulcha Gadaa keessatt bahanii mullachuun aadaa malbulcha, hawaasoma fi sammuquwii saatt danaa kan tolchan, seeraan bulmaata; mootummaa kennataan dhaabbatu; qooda fudhannaa nambiyyootaa hundaa; kabaja mirga ilmoo namaa; bilisummaa haasaa fi of ifsuu; mirga waaqeffachuu fi bulcha ambaa amantalaatu argama. Qaroommi Oromoo qaama qarooma Kuush guddichaa waan tahee fi qaroomota biraan walqixa kan biqile, addunyaa naannichaaf kan eegalaati. Qaammi mootummaa lamaan Caffee/Gumii fi Salgee Lubaati. Caffeen seera tumaa fi Abbaa Seeraa Guddichaa. Qaalluun hawaasoma keessatt qooda guddaa yoo qabaatu, malbulcha keessatt qoodi inni qabu kennata qondaalota Gadaa too’achuu fi aangoott dhufa saanii eebbisuu dha. Si’ana Qaallota amantee adda addaa qabantu jira. Bara kana qoodi Qaalluu durii “Komishina Kennataa” ummati kennatuf ramaduu yk foyyeffami tokko tokko itt tolfamee Qaalluumatt dhiisamuu dandaha. Bulchi ambaa Gadaa amantalaa dha. Oromiyaan biyya dhiirri olhantummaa qabu. Kanaaf bara ammayyaa kana waa’ee mirga dubartii kan tolfamuu qabu hedduu dha. Angoo dubartii gaddhiisuun dandeettii hawaasaa dachaan ol kaasuu taha. Dirree itt hiriiran hundatt dubartiin dandeetii dhiiraa gad hin taanee qabaachuu hojiin ragaasisanii jiru. Kanaaf mirga walqixxummaa saanii beekuun gaaffii jala galuu hin qabuu. Oromoon seeran bulmaata leellisuun beekamu. Nambiyyaan Oromoo hundi seera duratt walqixxee dha; kanaaf yeroo kamiyuu seera kabajuu fi hamaa irraa faccisuuf dirqama qaba. Nammi seeraa ol tahe hin jiru. Sirna Gada gumaacha Afriikaa addunyaan waan hedduu irraa baratu. Barbaaachisaa akka tahuu saa tattaaffiin sanaaf tolfamu Oromoo qofatt kan dhiisamu mitii. Gara Oromoon garuu, deebi’anii imala Gadaa hanga yoonaa karaatt hafe shaffisiisuun haaroma feesisu tolchaniifii ittiin jiraachuun kootama qabsoo saanii tahuu qaba. Akeeka Gadaa hin dullomne, dhaabotaa fi namummaa Oromoo dhugaaf miciree tahan irra deebi’uuf; seeraan bulmaata kabajuu; daa’imman jaallachuu; hoggansa kennataan tolfamu; yero taahittaa murteeffamaa; kabaja mirgoota ilmaan namaa, abba abbaa fi naannaa; qajeeltuu fi walqixxummaa hundaa olitt ilaaluu; bilisummaa amantee; eegumsa mirga namoota dadhaboo; sirnicha keessatt garagarummaa saalaa fi amantee malee qooda fudhannaa nabiyyootaa; haala of agarsiisi nam tokkee keessa hin jirre; ollaa fi namooma jaallachuu fi safuu eeguu fi walii galan murteeffama waan halle. Ammayyoome deebi’ee dhalachuun Demokraasii Gadaa fagoo hin tahu! Oromiyaan ni bilisoomti!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan lubbuun jiraniif; nagaa fi araarri Ayyaana abbooliif haa tahu!

Ibsaa Guutama
Mudde 2016

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *