0

Ulfeeffannaa Ayyaana Waggaa Gootota Oromo (Yaadachiisuumaaf)

Akka Oromoott Ayyaana yoo jennu furaa heddduu qabaachuu dandaha. As irratt guyyoota ji’i itt hiramuu fi guyyoota ulfeeffataman jechuuf dhimmi itt baana. Ummati yaadannoo fi simannaa adda addaaf ayyaanota ulfeeffatu qaba. Oromoon utuu ayyaana torbanitt naanna’uu fi ji’a guyyaa soddomaa hin guddifatin ji’oota ayyaanota bu’uuraa ji’a ji’aan naanna’an 28 qaba ture. Hundi maqaa ofii qabu. Isaan waloon qabaata ture waan gad dhiiseef si’ana kutaa kutaatt ayyaan torbaniif maqaa adda addaa qaba. Isaan keessaa filamanii yaadannoo adda addaaf kan kaa’aman jiru. Kanneen yoom yoom akka oolan, bara ayyaanhimaan barruun hin jirre beekota “Ayyaantuu” jedhamantu beeksisa ture. Kanaaf “Ayyaana waggaa Ayyaantuutu arga” jedhamaa nutti darbee. Biyyii fi qabeenyi uumaa Oromoon qaban kan olloota saanii hunda hinaafsisu. Kanaaf ija fi duula hamaa ofirraa faccisaa, takka kufaa takka kuffisaa jiraate. Isaan keessaa qabsooti jaarraa kudha shanaffaa fi kudha jahaffaa, akkasumas kanneen jaarraa kudha sagalaffaa fi digdamaffaa keessaa hin irraanfatamanii. Jaarraa kudha sagalaffaa keessa halagaan qabamuun kufaatiin irra gahe kan hunda caalaa miidheen. Tokkummaan ka’anii of ijaaranii gadi bahuuf hanga 1960mootaatt turan. Sana duuba dargaggoon Oromoo kaayyoo Oromummaa gonfatanii sagantaa sana calaqisu qabachuun sosso’uu eegalan.

Sanaan dura maqaan isaan ittiin of hin beekne kennamee fi akka biyyaa fi lammiitt kan halagaa akka himatan, afaan saanii akka hin dubbanne fi ittiin daa’imman saanii hin barsiifanne, seenaa fi aadaa saanii akka irraanfatan dhiibbaa guddaan qawween irratt tolfamee ture. Sochii jalqabaniin garuu sana hunda diduun sadarkaa hardha ummatich gaheett ol kaasan. Hardha afaan qabaachuu, aadaa qabaachuu, biyya fi waliigalatt seenaa addaa qabaachuu saanii kan beekaa wallaaluu fedhu yoo jiraate malee hundi beeku. Sadarkaan kun salphaatt hin gahamnee. Hardha Oromoon mataa olqabatee eenyummaa fi hawwa saa beeksisuu eegaluun, abbootii fi haadholiin Oromoo erga Oromiyaan bilisummaa dhabdee kaasee wallaansoo kopha kophaatt tolchanii fi jaatamootaa kaasan tokkummaan ka’uun wareegama guddaa baasaniin argame. Kaan lubbuu itt dhaban, kaan qaamatu hirdhate, kaan ni hidhaman, kan waamicha uumaan keessaa galan. Wareegama kana kan baasanii fi kan baasaa jiran keessaa yartuutu maqaan beekamu. Kan eessa buutee saanii firaa fi jaallewwan hin beekne lakaawamanii hin dhuman. Ba’aa seenaa fi booree dhaloota duuba dhufu irra kaa’anii darban.

Jarri akkasii goota jedhamu. Goota jechuun jagnoota miiddhaa fi dorsisaaf hin sarmine, onneen guutuu kan yoomiyyuu ummata ofii dura bu’anii of dabarsanii isa oolchuuf qophee tahuu saanii daddaaqina malee hojiin agarsiisan. Goototi roorroo akkamiiyyuu, kan biyya haatahu kan humnaa hin qaabne irran ofirrootan dhaqabsiisamuu garaan saan dandahee dhaabbatee hin ilaalu. Oromiyaan namoota akkasii hedduu horteett, horas jirti. Jabduun saanii guyyuu argamaa jira. Fakkeenyaaf sochiin mormii barattootaa Waabaroota Ol haanoo fi Universiitota Oromiyaa waa’ee lafti Oromiyaa naannaa Finfinnee saamamuu ilaalchisee empayeritt 2014 keessa raase qamaa kanaati. Diina taankii fi meeshaa lolaa gurduddaa hidhate mirga saba ofiif jecha harka duwwaa dura dhaabbachuun rukkutaa dabeessaan kan kufan, madaawanii fi hidhaan guraaraman gootota Oromiyaa kan jedhamani keessatt argamu.

Ummati tokko kanneen akkasiif ulfina guddaa kenna. Ayyaana murteessee waggaa waggaan isaan yaadata. Walgahee haa tahu warraa fi maatii keessatt waa’ee saanii dubbata. Gocha ulfina saaniif tahu qopheessee ittiin isaan kaasaa, jabduu saanii farsuu fi ittiin dhaadachuun kan isaan jalqaban bakkaan gahuuf kakata. Ayyaanni akkasii ji’a guutuu kan fudhatu fi guyyaa beekamatt xumuramu tahuu dandaha. Sunis Ebla 15 hanga yoonaa waliin yaadatamaa dhufe jechuu dha. Guyyaan kun kana hoogganooti dhaaba malbulchaa Oromoo isa jalqabaa (ABO)heddumminaan itt dhuman. Goototi isaan duraa fi isaan duuba dhufan hundi akka itt yaadataman murtaawe.

Ulfinni guyyaa murtaawe kanaa, waan isaan qaabachisu qofatt osoo dangahame misha taha. Buusaa faan gaafa sana hin gaafatamu jechuu dha. Wanti naannatt tolfamuu dandahu qaama dubbiin laaltuun murtaawuu dandaha. Qodaan wayii dhaabbatee nammu yaadannoo saaniif waan tolfamu akka gargaaru fedhaan itt darbachuuf carraan kennamuun dansa. Qophii barbaachisu akka baasii galma itt walgahanii, barruu faarsa saanii maxansuu fi raabsuu kkf sun gargaaruu dandaha. Achi irratt argamuuf garuu hoorii qabaachuun ulaagaa akka hin taane eeggachuu dha. Waldaaleen hawaasaa qophee akkasiif qaama of dandahe dhaabanii abbaawummaa yoo itt kennan wagga waggaan eenyutu qopheessaa gaaffiin jedhu hin ka’u. Gara kanatt ifaajjee Oromo qindeessuuf koreen gidduu kana (Camsaa 2, 2015), sabboonota dhimmamaniin dhaabbate akka tarkaanfii eebbifamaatt hedamuu dandaha.

Gaafas waa’ee gootummaa fi jannumaa ummata Oromootu himamee ittiin dhaadatama. Dorgommee barruulee, walaloo fi oginaa adda addaa waggaa dhalootaa irratt hundaawe dursee qophaawuun, kan xumuraa gaafas dhihatee qophichaaf surraa kenna. Guyyaan saa guyyaa yaadannoo fi boonaa taha. Hundi gammadee eenyummaa saa waliin yaadataa oola jechuu dha. Keessaayyuu, Badiin roorroon biyya saanii keessa nagaan jiraachuun aadaa ofii akka hin dagaagfanne, ijoollee horanii itt hin guddifanne isaan tolche, hamma hin buqqaanett gootota sanaaf of kennan hin irraanfatani. Kan wareegaman, hidhamanii fi lubbuun jiran hunda waliin yaadatanii galati saanii akka hin badne gochuutu irraa eegama. Gaafa biyyi saanii bilisoomtee ofiin bultu, yaadannoo barabaraan ittiin yaadataman dhaabuufi. Hammasitt jabduun saanii akka hin irraanfatamne Ayyaana Waggaa saanii ol kaasan kabajnuun itt hin baayyatu.

Egaa guyyaan akkasii silaas qaama tokkoon gaaf tokko irraa ka’ee murteeffama. Sun kan murtaawe Ebla 15, 1980 dhumiisa jaallan hogganootaa fi bu’irsitoota sochii bilisummaa keessatt qooda olhaanaa taphatan akka irraa kahaa tahee, gootota Oromo hunda akka itt yaadataman qabsaawota hafaniin jila walgaheen 1983 murtaawe. Haa tahu malee guyyichi kan qaama murteessee utuu hin tahin kan saba Oromoo tahee erga kabajamuu eegalee kurnan afraffaa keessa jira. Garuu Oromiyaa alatt qaama adda addaan qophwaa wan tureef dabba hin argatin jira. Ayyaanni ulfaatan akkasi fedha abbaa yeroo argateen utuu hin tahin akka dhimma waloott ilaalamee qaama tokkon akka qophaawu irratt waltahuun barbaachisaa dha. Waggaan kun darbeera kan dhufuuf sabboonoti irratt waliigalanii akka dhihaatan abdatama.

As irratt Ayyaana gootota haa kaafnu malee kanneen biraa akka jiran irraanfachuu miti. Fakkeenyaaf Ayyaanni Waraanaa (WBO) fi Guyyaa Dubaroo hin irraanfatamani. Waraanni bakka jirutt guyyaa itt ijaarame, jabduu galmeessee, haala keessa jiruuf karoora egeree, hiriiraa fi qophii adda addan Ayyaana Waggaa saa ulfeeffachuu dandaha. Ummati deggersaa barbaachisu kennuun dhaamsa baga geessee ergaaf. Ayyaanni dubaroo addunyaa Bitootessa 8 ulfeeffama. Dubaroon Oromoo qaama dubaroo cunqurfamoo addunyaa waan tahaniif gaafas ulfeeffachuun surraa caalaa kennaaf. Haa tahu malee guyyichi guyyaa kan walgahu wayyabi dhiiraa utuu hin tahin dubaroon itt dhagahamee golee keessaa kan itt yaa’ani gumaachaa fi miidhama saanii itt yaadatan, daaya saanii itt labsatan tahuu qaba. Sanneen hunda waggaa waggaan yaadachuun akka. Ayyaanoti as irratt hin kahin Ayyaana Goototaa, Ayyaana Waranaa fi Ayyaana Dubaroo keessatt gumaawuu dandahu. Amma Ayyaana Goototaa kaaneef ulfeessuuf si’ach xiyyeeffannoo addaa haa kenninu. Isaantu eenyummaa badde nuuf argamsiise; biyya ofiin bultu dhaabbbachuuf isantu abdii keenya. Isaan arjoota, ofirra nu jaallatani kan qaban dhiisanii aarsaa tahan. Ulfina bara bara haa argatan! Ayyaani Gootota Oromoo Haa jiraatu!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu

Ibsaa Guutama
Caamsaa 2015

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *