0

Godaansa Fedha Sabaawaa

Ummati Afrikaa cunqurfamee fi itt roorrifame fi michuulee fi mararfatooti sagaleen saanii akka dhagahamutt baaqulaa ol kaasanii Presidant Obaamaan akka abbaa hirree fi mirga ilmoo namatt roorrisaa seerawaa gochuu irraa of qoqopbatu iyyaa jiru. Kun daawwii tasaa utuu hin tahin imaltu dursee karoorfame. Bulchoota godinaa keessaa nama nyaataakan tahee qanansiisa malbeekii kennuuf karaa haxaawuuf jechuun, daawwii Ittaantu Barreessituu Murnaasa Finnaatt dabalamee ambasadara michuu riphee lolaa bara hedduu muudamteett . Bulchooti Itophiyaa kanneen demokratoti Klinton “dhaloota demokratotaa haaraa” jedheen keessaa tokko turan. Hedduun amma karaa irraa maqaniiru. Jarri kunis daddaaqaa jiru. Daawwiin Presidant kun utuu isaan kan biraatt hin utaalin karaa irra isaan buusa taha. Godaansich godaansa demokraasii miti, kan “FEDHA SABAAWAATI”.

Demokraasiin fakmishoo ilmaan namaa hundi bira gahuuf hawwani. Hanga yoonaa abbala malee hojii irra ooluu saa hin agarree.Kun akeeka namoota akka Abraham Loncolniin dansatt “Mootummaa ummataa ummataaf …” jedhamee furameera. Garuu gara caaluu shaakala utuu hin tahin akeeka tahee hafe. Kanaaf malee akka jedhamutt demokraasiin hangammeessa bulcha malbulchaa kan qabeen saa yoo xinnaate “ walqixxummaa, birmadummaa, qondaalota qajeeltoon kennatamanii fi bilisummaa haasaa fi of ifsuu” of keessaa qabu. Kanneen keessaa tokko hirdhannaan demokraasiin hin jiru. Akka bar tokko Ittaanaa Barreessaan Finnaa jedhett Amerikaan “DEMOKRAASIIN HIN JIRU, GAMTAAN HIN JIRU” kan jedhutt amana. Itophiyaatt qabee yartuu dhahaman keessaa hundatu hanqata. Garuu gamtaan arfacha jaarraaf hanqatee hin beeku. Waggoota tokko fi sadii tursuun hama hin tahu; yeroo dheeraa akkasiif biyyi addunyaa keessaa dagaagaan kun irbuu seene hin guutin hafuun malalchiisaa dha. Utuu moo’ummaan ummatootaa ulfeeffame dhimma keessa waliif humna fagoott iyyachuun barbaachisaa hin turre. Dhibdeen saanii godinaa keessatt furamuu dandaha ture. Garuu sun hawwa tahee hafus jara dhimmicha keessa seenan irraa qajeeltuu eeggachuun waan guddaa miti.

Sun kan fedhe haa tahu, gara itt roorrifamootaan demokraatoti addunyaa nuu birmatu taha jedhaanii eeggachuu qaata dhaabbachuutu irra ture. Garuu kan nama dhibu mormiin, gamtaan akka dhaabbatu karaa qubqabsiisii hawaasomaa fi dhiicha hiriiraan, barruulee kkf itt fufee jira. Hundi dhama’uu qofa; anga’oon addunyaa “fedha sabaawaan” jaamaniiru. Kanaaf hiyyeeyyii fi cunqurfamoon Afriikaa akka mirga ofiif lolatan of qofaatt dhiifamani.”Baraarama kan caalaa of dandahuu” dhugaan addunyaan Afriikaa irratt shaakalamaa jira. Afriikaanoti hanga yoonaa ofumaan as gahaniiruu; callisanii dhumuu irra jannumaan lafa, fedha fi ulfina saanii irraa faccisaa itt fufuu qabu. Anga’ooti addunyaa kan godhan hunda beekaa godhu, akka waan sirrii hojjetaa jiran of amansiisaniiru. Kumooti beela’uun, hidhaa keessatt samuun, biyyaa ari’amuu fi kumooti du’uu fi baduun firummaa kanneen qacefixa raawwatanii dhiisisuuf nafii hin guutani.

Obaaman ABUT-ADWUE biyya, biyyoota addunyaa hunda keessaa deegduu taatett rakoo qaluuf deema. Sun mirga saati. Jecha mararfannaan keessa deddeebi’amu waa’ee mirga ilmaan namaa fi bulcha demokratawaa jedhamu haa irraanfannu. Mummichi manaa isa baase dhimma diinagdee fi nageenyatii. Ammas waa’ee deettii guddina diinagdee dhaabota horoon afarsamus haa irraanfannu. Akka guddinni hin jirre ija qullaan ni argama. Kumkumooti beela’oo fi deegoo dha. Daawwiin kun kutaa diinagdee dambii jalaa hin bahin hafan kan baasisuu yaalu.Ummatoota Empayera Itophiyaaf kun qaata dambii jalaa bahee, garuu hidhata daldala ABUTin dhuunfatame. Korporashinooti addunyaasi qooda guddaa ofii barbaadu.

Waan nageenya ilaalutt gooltuu duukaa bu’ee adamsuuf ABUT “gartuu furtuu US”. Somaliyaa keessatt madaqfamtuun Empayera Itophiyaa heeduun duruu dhumanii gabasa malee hafanii. ABUT utu lafquwiin isa hin danga’in US kaffallaan ergamuuf qophee dha. Daawwich akka hariiroon kun itt fufu jajjabeessa taha. Waan gooltummaa ilaalutt ABUT akka fedhett homishee, kumoota ajjesee fi shoroorkeessee kanneen lakkofsa hin qabne hidha. Dhuguma shoroorkaa ABUTiin mormuun ummatooti ka’aniiru, caalaa ka’aas jiru. Kaka’a “gaaffii mirgaa, walqixummaa, birmadummaa fi nagaaf” godhamu, kaasaa saa fi itt baha saa Ameriika caalaan beeka kan jedhu hin jirre. Gooltummaan waan maljechi saa hin himamneef dilormaan empayeritt hundi gooltuu jedhamee unkuramaa jira. Utuu sana hin maljechisini kan amma hariiroo jabeessuuf walti qabaaman mari’atamuuf deemu. Ummatooti empayeritt keessattuu Oromoo fi jornaalistoota shororkeessuun itt fufufuuf deema jechuu dha.

Aanga’aa guddaan hafee uumaa bucureenuu fedha ofii eeggachuufn hin daangahamu. Garuu ilmoo namaaf safuun madaalaa jiraachuu qaba ture. Ammaaf dhimmi keenya sana miti. Barnoota seenaati. Bulchoota duriif isa ammaa jalattis yeroo waa tokko jiraatu deegaan magaalota keessaa marfamanii tumamaa bakka hin beekamnett geeffamu. Achitt dallaa nammi walitt gooji’e keessa nyaataa fi bishaan gahaa malee, haala qulqulinni hin eegamne jala jiraatu. Heedduun dhumanii hin gabaafaman. Amma mootiin biyya hunda caalaa jabaan dhufaa jira. Dhufaatiin akkasii kanaan dura argamee waan hin beekneef tarkaanfiin fudhatamus mamii malee kan argamee hin beekne taha. Kan isa si’anaa adda tolchuu ummati kumootaan samicha lafaa fi imaammata Finfinnee Orommiteessuu fi ballisuuf lafa saanii irraa kumootaan buqqifamuu dha. Alabul kumootaan lakkaawaman Finfinnee keessaa garri caaluu buqqifamoota sana. Hiree Mooraa Shoolaa bara Nugusaa caalaa hamatutu isaan eeggata jechuu dha. Yeroo sana haadhootaa fi ilmaanii fi Manguddoo yartuutu akka tasaa barattoota Universiitiin argamanii golfaa irraa hafanii. It dabalee jara kana marsanii qabuu fi qaruutee angoo saanii ol kaasuuf Amerikaa dhufuun saanii hin hafnett of agarsiisuuf tarkaanfii caalaa hamaa tahe fudhachuun akka hin hafne hedama.

Hedduun kan komatan, daawwichi badiisa abbaa hirree gamsiisa Ganfa Afriikaan hojjetamaa jiruun hamma ishoo jechuuti jedhaniitu. Afrikaan jara abbaa hirrootaa kan ummataan kennataman fakaatanii dhihatanii utuu hin bulfamtu taatee daawwichiyyuu hin godhamu ture. Jara akkasii qofa kan saamicha qabeenyaa fi maayi baasii waldayyichaa irratt bara Hirmannaa Afriikaa Haaraa kana miltummaan tajaajiluu kan dandahan. Presidantiin daawwatee dhiisee bulchi saa qaata seerawwoo kan hin taane, seerawoo tahuu kan beekeefi. “Ifaajjee demokratawuu fi kennata qajeelaa fi bilisa hojii irra oolchuuf deemanis” dabbaloota qaraatiin ji’oota dura farsamaniiru. Kun dhugaa dhaa? Kan isaan komachuu qaban mirga ofii irraa faccifachuuf qophee tahuu dhabuu saanii tahuu qaba ture. Demokraasiin nafii barbaachisaa halle hammataa qaba yoo jedhame fi hangammeessa lakkuu hin qabu yoo tahe Presidantiin imala angafooti saa lagatan utuu hin goonee dansa ture. Misi fayyaa qabeessi ilmoo namaa fi malbulchaa, bulee fedha inni duukaa jiru caalaatti yeroo dheeraaf tajaajilu dandaha ture.

Prsesidantichi addaggoota utuu hin tahin bulchoota seerawoo waliinin dubadhe jedhee baanaan gadadoon ummatoota Gaanfaa dacha tahuuf deema; addagooti jajjabina argatanii hammeenya saanii kan dur caalaa cimsanii itt fufu. Presidantichi milla mikii qabuun gara biyya abbaa saa gahee Waayit Hawusitt akka deebi’u hawwinaaf. Akka biyya Habashaatt ummati saa Luwoon waan inni bulcha Amerikaa keessatt qooda fudhateef Amerkaaniitt fudhatamuuf deemu; akkuma Oromoon Tafariif jedhamee ilaalaman jechuu dha. Imalli kun hamilee Wayyaanee dhiitessa. Hoogganooti see, hooggana addunyaa humna guddaa kanatt marsanii yeroo dhumaaf footoo kahuuf yoo ilkaan afan ilaaluuf deemna. Ummati empayeraa bariin dammaqee guyyaa gadadoo kan duraa caalutt gad baha. Karaa Nagaa! Oromiyaa haa jiraattu! Qabsoon itt fufa!

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama
Adoolessa 2015

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *