0

Dheessinus jalaa hin bane

Akka saba tokkoott ummati Oromo hamaa koloneeffataan irraan gahu didee ofirraa faccisuu erga eegalee turreera. Ijaaramaa, diddaa saa cimsee akka deemeen hammeenyii diinaas dacha dachaan dabaluun itt fufe. Gadi qabii malbulchaa fi saamichi ummata irra gahu dargaggoo aara galfii dhabsiise. Hidhaa, guraarrii fi ajjeechaan hammaa bahaa deeme. Kanaan kanneen biyya taahuu hin dandeenye, fala barbaaddachuu eegalan. Biyya biyyatt rakkina ummataa kana irraa buufachuuf lafjala karaa agarsiisuu fi geejjiba qopheessuu irratt hedduutu ijaarame. Firooti qaccee ofii hambisuuf kan qabu walitt funaananii ijoolleef galaasuu jalqaban. Akkasitt kan gaafatan baasanii daangaa empayerittii kan cehan hedduu dhaa. Roorrisaa biyya saanii jalaa bahuu malee bakka dhaqanii maltu akka isaan eegu utuu hin beekin duruunfatani joga’an. Jalqaba gahuuf kan akeekkatan biyyoota akka Afrikaa Kibbaa araa Kenya; biyyoota Arbabiyaa karaa Jibuutii fi Somaaliyaa; Awuropaa, karaa Sudaanii fi biyyoota Afrikaa Kaabaa gahuu ture. Bakka akeekkatan yartuutu gahe, kaan karaatt dhuman.

Karaa Kenyaa kan bahan Finnooti Tokkoman (UN) achii fuudhee biyyoota Lixaaa keessa nu qubachiisaa abdataniitu. Kenyaatt baqataan baayyachuu fi kaasaa gargaraatiin qubsi yeroo hedduu lafarra waan harkifataa dhufeef bira darbanii Afrikaa Kibbaatt kan qajeelan hedduu dha. Achi gahuum kan bineensii fi bishan nyaate, kan itt roorrifame, kan hidhaman kkf hedduu tahuun yeroo yeroon ni dhagahama. Karaan Sudaaniis akkasuma waan taheef hedduun Libyaa fi Masiriin gahuuf sanumatu irra gahe. Kan Masir darbanii Israa’eel dhaquu yaalanis hedduun lafaa dheebochaa keessatt qalamanii dhagni saanii keessaa akka gara bakka buufamuutt gurguramaa jiraate. Kan bara Gadaafii Libyaa dhaqan faanfannii fi tufatamuun abba tokkootaan irra haa gahu malee bakka akeekkatan hamma gahanitt hojjetanii jiraatu turan jedhama. Kan Somaaliyaa dhaqan Wayyaaneen duukaa buutee kan ajjeefte ajjeeftee kaan biyaatt galfatee gidiraa agarsiisaa jirti. Keessaayyuu kan Puntilandiin darbuu barbaadan bulchaan biyyasii qabee Wayyaaneett kannuu irra darbee yeroo isaan murnoota biyyaa baqataa jibbaniin ibdi irratt boba’u callisee ilaale.

Wayyaanee jalaas Puntiland jalas dhossinee isin dabarsina jedhanii doonii caccabduutt fe’uun horii baayyee irraa nyaachuun Yamanitt qarsisuu kan yaalan keessaa hedduutu karaatt cubuluqee essa buuteen saanii bade. Akka Oromoott itt jiraatu jiraachuu manna qurxummiin nu nyaachuu wayya jechuun imala akkasii ammallee hin dhaabne. Balaanis kan duraanii caalaa gaha jira. Dooniin Libyaa Awuropaatt geessus Balaa walfakkaataan itt deddeebi’aa jira.

Dhiheenya kana Afrikaa Kibbaa fi Libyaa hoduu suukessaatu dhagahamaa jira. Afrikaa Kibbaatt kan tahe jibba ummata Afrikaa achitt godaananii jiraataniiti. Mana jireenyaa fi daldalaa hedduutu samamee gubate, akkasumas lubbuu baqataa hedduutu bahe. Hojii dhabiisi biyya sanaa 24% ol akka cehe himama. Hojii silaaf nuuf tahu godaantoti hatan jedhu jedhama. Inni kaleessa namootii saanii godaananii biyyoota Afrikaa irra faca’anii jiraatan dur irraanfatame. Diinagdeen mana humnaa Afrikaati biyyi jedhamu kun rakkinni nambiyyoota saa hangana aarsurra gahuun hamaa Afrikaa guutumaa fi addunyaatt dhufaa jirutt quba qabaa kan jiru fakkaata. Godaantoti Oromoo fi ummatoota empayera Itophiyaa abidda keessaa utaalanii horocoo danfaa keessatt lafa dhawan jechuu dha.

Namichi saanii jabaan ajjeefamuu fi sirni inni dhaabe diigamuun yoo jara jigseef bu’aa kenne tahe malee Libyaan ergasii biyya hin taane. Namichi gosa fedha adda addaa qaban dirqiin of jala galchee bulchaa ture. Inni baduun hundi diigamee da’oo ofii qabatee walitt dhukaasuutt ka’e. Amma garuu haalli sana irra cehee biyya murnooti amantee akka ISIS fi Alqayidaa imaammata saanii hojii irra oolchuuf tattaafatan tahaa jira. Waan badu malee wanti tole mullataa hin jiru. Kan isaan gidduu kana hammeenyaan Kiristinaa Itophiyaa dhufan gorra’an jedhamu sababi saa fi eenyu akka duuba jiru kan namaa galu hin fakkaatu. Bu’aa malee nammi waan akkasii hin godhu. Hiyyeeyyi biyyi saanii jirachisuu dadhabnaan baqa irra jiran ajjeesuun kan biyyatt hafan, haadholii, abboolii, obbolaa fi fira hunda gube. Ummatoota addunyaa nagaa jaallatan hedduu aarsee. Lammiin Oromoo Kiristaanas Muslimasii. Kanaaf kanneen gorra’amanii fi kanneen qeera’amuuf darabee eeggatanii waliin gadduu. Oromoon hedduu waan taheef hamaa gahu hunda keessaa dhibee hin beeku.

Yamanittis lammiin Oromoo hedduutu lafa itt baqatanii fi karaa bahan dhabanii goleett dhiibamaa jiru. Arabi Araba irratt, gosoti Yaman wal irratt illee gara jabeenyi agarsiisan, yeroo halagaa irra gahu maal akka fakkachuu dandahu heduun nama hin dhibu. Ammaaf maal goonu booriifoo? Shaffisaan mari’achuun amma. Ummata Yaman yeroo koloneeffataa jalaa baqatanii kaasee hanga bilisomanitt ummati Oromoo firummaa fi jaalala addaatiin keessumsiise. Irraa fuudhee itt eerumsiiseera. Sun yaadannoo eengaddaa tahee hafe. Amantee saanii kan hirmannu hedduu dhaa garu sun ilaalcha addaa nuuf hin uumne. Dargaggoon Oromoo itt baqatan rakkina daangaa hin qabne keessatt argamu. Sawudii fi Jibuutii waliinis hariiroon jiru walfakkaataa ture. Garuu bara Dargiillee mootummaa Waaqa ganett Oromoo hedduu dabarsanii kennaniiruu. Kun fedhi biyyi tokko qabu dhugeeffannoo fi soddummaa caalaa cimaa akka tahe irraa barachuun ni dandahama. Oromoon Waaqeffataa, Musliima haatahu Kiristinnaa wal malee homaa hin qabu. Waliin biyya, seenaa aadaa fi dudhaa qaba. Wal caalaa kan birmatuuf hin jiru.

Kanaa olitt waan dhaqaban gabaabaatt tuttuquutu yaalame. Yeroo lammiin keenya akka malee alaa manaa balaan itt bu’u kan hafne maalgochuu dandeenya jedhanii mari’atanii murtiin qaata as bahuutu irra ture. Oromoo dhaabota malbulchaa, diinagdee fi hawaasomaa lafarra bubbulan hedduu qabu. Garuu xaxaa adda addaa keessaa caffatanii bahuun walii tumsuu hin dandeenye. Maal wayya kan jedhu irratt hundi akka itt tolett murna murnaan marihachuu qaba. Keessaayyuu dhaabota malbulchaa irraa hedduutu eegama ture. Fedha ummata Oromoo eeguuf humna inni qabu qindeessanii bobbaasuu fi kan rakkateef birmachuun silaa isaantu caalaa abdatama. Garuu isaanuu kan birmatamuuf tahanii mullatu. Hamma isaan muusoo keessa bahanitt eeguu hin barbaachisu.

Keessattu lammiin Oromoo ala jiran birmannaa fi gargaarsaaf yoo of ijaaran, kan amma gahaa jiruu, balaa dhufuu fi biyyoota alaatt itt fufina Oromummaaf qoricha tahuu dandahu. Ibida dhaamsuuf bishaanii barbaachuu fi baala cabsuuf olii gadi fiiguu irra eelaa qotatanii eeguun ni caala. Kan jaarmaa qabu lafa irraanis, qolloo irraanis bakka akeekkate gahuu dandaha. Wan halleefuu gaga’ama barbaachisu fudhachuuf kan kutatetu wayitt baha. Gaaga’ama sodaataa nagaa fi bilisummaan hin argamu.

Hundeen rakkina lammii biyyaa dheessan irra gaha jiru sirna koloneeffataa abbaa hirreeti. Sirni kun buqawu malee ajjeechaa, badiisaa, beelaa fi shororkaan ummata Oromoo irraa hafuu hin dandahu. Nammi biyya hin qabne bakka itt iyyatuu fi kan garaa laafuuf hin qabu. Du’a saatiif hanga du’a tisiisaa illee kan garaan nahuuf hin jiru. Kanaaf jilbeenfiin gorra’amaa; mana keessa gubamaa; doonii irraa darbatame soora qurxummii taha; doonii cabaatt fe’amee gara baasett si haabaasu jedhamee du’att oofama jira. Kana keessaa bahuuf kaasaan kanaan gahe hundee buqqa’uu qaba. Sun shaffisaan of ijaaruu gaafata. Hardha namoota baqa irra jirantu gidiraa argaa jira. Bor kanneen gidiraa sana jalaa kan bahan itt fakaatee of gaddhiisanii jiraatantu itt darbaa. Addunyaan jeeqamaa jirti; garamitt akka duuftuu hin beekamu.

Garuu gaaga’amaaf kan toora duraa irra tahan kanneen dhihoo qubatatanii. Lammii amma rakkataa jiruu fala barbaachuun bor kan ofi irraa gahuu dandahufis qophaawuu taha. Kanaaf Badii hundi yeroon itt dammaqun ammaa. Ofittummaa fi dhiphummaa amantee fi gosaan kan ija duruunfatan ija banatanii of haa qorranii. Waliin baraaramu yk waliin baduu keessaa yeroo filmaati itt dhihatu fagoo hin tahu. Kan qabnu akka qalbii horatan jajjabeessaa, caalaatt of haa ijaarru. Immimmaan lolaafnu lammii keenya gidiraa keessa jiruuf homaa hin baasu. Tarkaanfii jalqabaa gara furmaata argamsiisuutt goonutu abdachisaa. Kanaaf jaarmaan hawaasa, jarmoti mootummaamitooti Oromoo addunyaa keessa jiran dirree bobahanitt walqindeessuu eegaluun amma.

Yeroon kun yeroo Oromummaan bahee hunda walitt guduunfu tahuu qabaa. Lammii Oromoo biyya keessaa fi biyya halagaatt gidiraan irra gahaa jiruuf immaamati yeroo gabaabaa bahee dhaqabaman malee dhumuuf adeemuu. Kun furmaata dhumaa tahuu hin dandahu. Sirni badiisa saaniif kaasaa tahe buqqawuutu irra jira. Kana malee dargaggoo hedduutu biyyaa bahee gidiraa walfakkaataa keessa seena. Kan biyyaa dheessuu dandahu kan qama jabaa fi murannoo qabu homishaawaa tahee. Jara ajjeefamaa fi miidhama irraa hafan daa’imaa fi maguddoo abbaan fe’e itt roorrisu, homishaafis giidoo hin qabne. Gaddi jaraa ajjeefamanii fi miidhamanii irra gahe kan Oromoo hundaati. Haatahu malee haadha, abbaa fi fira aantii irraa kan gahe balaa hunda caaluu. Ofii jabaachaa isaanis jajjabeessuun Oromoo hunda irraa eegama. Dhiigi dabaan kufoota sana tolaa dhagala’ee hin hafuu; kaasaan saa eegalaa kan hundee buqqa’u fagoo hin tahu.

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan lubbuun jiraniif; nagaa fi araarri Ayyaana abbooliif haa tahu!

Ibsaa Guutama
Ebla 2015

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *