0

“Walharkaqaba Afrikaa Haaraa” yk Sansakkaa Adduyaa Haaraa” Keessatt nuti eessa jirra?

Seenaan of haa maruu yk haa walaluu nuti amma gaadiduu jaarraa 19faa lixaa jirra. Bara sana” sirna “Walharkatqaba Afriikaa” jedhamuu sabooti Awuropaa fi Habashaan Afriikaa qircatan. Ergasii addunyaan jeeqama diinagdee fi malbulchaa hedduu jala baate jirti. Gareett wal hirtee al lama warana walitt baafteett. Yoo ilmoon namaa dimshaashatt baduu akka danda’u sodaatan malee sadaffaanis hin oolu. Lolli inni duraa biyyoota Awurpaa hedduu butuche.

 Dubbiin saa qabsoo biyyoota kaptalismii giddu anjaa wayyaaf  gaggeeffam fakkaata. Dhumma saa keessaa garuu mooraa komunistii Ruusiyaan hoogganamuu fi sooshalism sabaawaatu (fashistii) bahe. Tokko bitaa tokko mirga moggaa jechuu dha. Lachuu ilaalcha kapitalistitt kan galan hin turre. Karisummaan fashistii lola addunyaa isa lammaffaati geese.

 Lola lammaffaa keessaa bilisoomuu kolonootaa fi mooraa lama kan kapitaalistii gabaa walabatt amanuu fi kan sooshalistii gabaa karoorfamett amanutu bahe. Oromiyaan garuu kolonummaatt hafte. Sun waggaa torbaatamf lola qabanaawaatti geese. Addunyaan ilaalchaan Kaapitalismii fi Socialismiitt hiramte. Kapitlism lola kan injifannoon yoo xumuru hogganooti saa “Sansakkaa Addunyaa Haaraa”tu diriirfamaa irbuu seenan. Innis Amerikaan akka hoogganamu Jorji Bush Angafi hubachiise. Xexxebi “sansakkaa addunyaa haaraa” jedhu erga dhimma itt bahamu jalqabe fagoo sanaan dura ture. Heddun sana jedhan addunyaa, bilisummaa, walqixummaa, qajeeltuu fi nagaan hin qoqobamin keessatt dagaagu jechuu saanii ture.

 Oromiyaan akkuma biyyoota sanaan empayera jalaa walaba ta’anii carraa hiree ofii ofiin murteeffachuu akka argatu mamii hin qabdu turte. Garuu kan dubbatameef kan ta’e tokko hin ture. Afriikaan ala hundaa hongaatuu yoo taatu ammas joonjessa Kolonummaa Dulachaa kan Kolonummaa Haaraan muuxataa jiru jalaa caffatee bahuu hin dandeenye..

Dhumi jaarraa 19faa  yeroo ummati Awuropaa dachaan guddatee fi teknolojiin hedduu mise. Magaloti gurguddoonis yero itt baayyatan ture. Gurgurtaan garbaas seera ala godhame. Sanaan akkaataan jireenyaas hedduu jijjiiramaa dhufe. Jijjiirammichi hoomisha industrii hedduu gaafachuutt ka’e.  Dorgommeen industroota gidduu hoomisha fedha naannaa ol gochuuti ka’e.  Waatattaan naannaati argamus dorgommee duruunfatanii itt namman sanaaf hanquu ta’aa dhufe.  Nammis lafa ballaa gaafachuutt ka’e. Haalli dhalate kun karaa itt afuura baafatu argachuu baannan kan biyyoota Awuropaa jequmsa keessa galchuu ta’uu danda’a.

 Misiyoonotaa, keettotaa fi saaroobdoti dursanii Afrikaatt ergaman haalli waldiyyaa sana keessa jiru gabaaf tolaa akka ta’e jara Awuroopaaf iyya’an. Jarri sun Afrikaanota waan xixinnoo gowwoomsanii araddaa irra qubatan mallateessifataa turani. Olloota fi hogganoota keessaas walitt naquun hariiroo dudhaa booressaa turani. Waan sun dursee ta’eef hedduun walgidduutt araaraa buusuu irra, karaa isa gabra cehee dhufu firomfatan soquutt ka’an. Meeshaan lolaa ammayyaan (qawween akaakuu addaa kan akka” machine gaan” jedhamu) jaarraa sana keessa hojjetame. Kan isa dura maskettoo suuta dhukaatu turte. Motorri danfaan socho’u fi qorichi busaa, kiniiniin baras argame. Haalli walii galaa Awuropaan gabaa fi waatattaa dheedhii argachuuf akka duulu mijjeesseef.

Aangoo ofiitt amanti argachuun nagaa fi malaa qofaan utuu hin ta’in mootummooti Awuropaa Afrikaa humanan qoodatanii humnaan qabachuuf walgahii Barliin (1884-85) irratt walii ta’ani. Sun seenaa keessatt “Walharkatqaba Afrikaa” jedhamee beekama. Bakkoota tokko tokkoon saanii duraan qabatanis walii beekan. Qawwee maskeettoo duraan bahan kan bitachuu danda’an mootota Afrikaa yartuu turani. Kanneen haaraa bahan Afriikaanotatt akka hin gurguramne dhowwame. Habashaan garuu karaa dhibantoota saanii koloneeffatoo bitachuu fi kennaan argachuu danda’anii turani. Anjaa inni Habashaaf kennee Dilii Adwaa fi duula Oromiyaa fi biyyoota olla see qabachuuf godhame irratuu muldhateera.  Mootorri danfaa, doonii bishaan akka Kongoo faa irra salphaatt balalii’uun rakkina geejjibaa salphise. Kanaan akka karoorfatanitt qabachuutt yoo ka’an mootiin Shawaa biyyoota kibba saatt akka bobba’u meeshaa fi ogeeyyii lolaa dabalanii fe’aniif. Biyyi walharkatqabichaan hin tuqamin biraan kan qaata garboota Ameriikaa dhufaniin qabame, Layibeeriyaa qofa ture.  

Fedhi yeros addunyaa keessa ture ammas mullataa jira. Teknolojiin akka internet faa, kan geejjibaa fi quunnamtii shaffisiisan yoomu caalaa addunya walitt gunnuuffachiisaa jiru. Dilormaan biyyootaa guddataa waan dhufeef nyaachisanii bulchuuf qabeenya jirtu wal saamuuf dorgomuun o’aa jira. Korporeeshinooti saanii kara karaan lafa qabachuuf yoo wal dorgoman agarra. Hardha kan wal gaarreffachaa Afrikaa keessa labaa jiran Awuropa qofa utuu hin ta’in Azhiyaas ni dablata. Yoo karaa sana irra tattaafatan malee diingdeen saanii jeeqamlixaa jiru keessaa kan bahu itt hin fakkaatu.  Afrikaan waatattaa dheedhii, humna namaa rakasa fi lafa qonnaa ballaa dureeyyiin addunyaa dharra’aniif hardhas qabdi. Dooyyaaleen saanii kara karaan lafa dhiphisaa jiru. Moototi Afrikaa ammayooti isaan duroomsa taanaan ummataaf haa tahu ulfina ofiif dhimma hin qabani.

Abbaaan hirrootaa qaani hin qabneen lafa Oromoo kan caalaa baaseefitt gurgurachuuf dharraa qabu. Kanaaf erga samicha lafaa korporeeshinota danga darbootii kaasee ummati caalaatt hiyyoomaa, caalaatt buqa’aa jira. Jarjartii samtoti kun homisha guddaa fi bu’a olhaanaa argachuu irraa kan ka’e haddhaa naannaaf hamaa ta’ett dhimma bahuun ballinaan gaggeefamaa jira. Akka hobbaatii kanaatt kan gabaafame dolollii fi laggeen binoo fi nammi dhuganii fi nyaata ittiin tolfatan faalamuu dha. Kana irratt waa’een Hara Qooqaa hedduu jedhameeraa. Keessaayyuu wayyabummaan Oromoon akka hin mullannett gocha shiraan xaxameen caasaa addaa itt baasaa jiru. Lafa saanii karoora magaalaa fi indoon qabatanii erga isaan buqqisanii duuba lammi biraa qubachiisuu. Bulchooti horii dheebotoon kun Oromoo wayyabummaa dhabsiisuuf haawaasa Oromo haaraatt caasaa jiru. Isaan buqisuun murnoota lammi biraa magaalotaaf karoora baafna jechuu fi indoo harkisuun yoo qubachiisan argamu.  

Duuloti si’anaa akka durii ifatt doonii lolaa fi loltuu leenjifamte fudhatanii hin dhufnee. Keettolee biyya keessaa hidhachiisani hiyyeessa biyyaa mirga ofii gaafatu dorsisisaa, hiraarsaa, hiisisaa fi ajjeesisaa jiru. Fedhi ofii eegamnaan akeeka keenya bu’uura kan jedhan, mirgi ilmoo namaa kabajamuun, duubatt dhiibama. Caalaattuu yoomallee garaan saani beeke, kanneen mirga saaniif lolatan “gooltuutt” ramadamanii bakka dhaqan hundatt moggeeffamuu. Haa tahu malee roorroon kan itt hadhaawe dabaa fi hamaatt akka hin fincille gochuu  hin dandeenye. Si’ana sochiin ummataa golee hundaa bokokaa fi dhoowaa jira.

Mudde 18, 2010 ganda biyya Tunisiyaa tokko keessatt ibidda dardarri Mohamed Bouazizi jedhamu ofitt qabsise irraa qaanqeen ka’ee biyya Arabaa hedduu waliin gahe. Kaka’isi sanaan dhufes “Arab Spring” (Birraa Arabaa) moggaafame. Sochii ummataa duraan addunyaa keessatt tahaniin walitt akeekuun moggaafame kan jedhan jiru.  Birraan yeroo want halle lelisee daraaree bareede mullatu waan ta’eef sochii kana keessaa waan gaariin bahuuf deemaan yaadameetu kan jedhanis jiru. Waan halleefuu gaaffiin ka’e biyyoota Arabaan danga’amuuf hin deemu, dhukkuba daddarbu ta’eera. Naannaan Baha Gidduu ammayyuu gabii hin arganne. Sochii kanaan mootummooti Tunisiyaa, Libiyaa, Masir, Yaman, Ukrayina yoo jijjiraman waan gaariin keessaa hin bahin jira. Arabooti  jeeqamaa fi diigamaa keessaa utuu hin bahin kan itt dabalaman jiru. Warraaqsi Yukrayinaa kan ida’aman keessaa tokko.

Sochii ummataa kan kaasu hiyyummi dangaa dhabuu, mirga ilmoo namaatti cobuu, faalama, aangoon kachachaluu fa’ii. Waliigalatt roorroon yoo hammaa bahu jireenya irra du’anii baduu filachiisa. Bakka hallett kanatu mullataa. Ummati roorroo sarmuu didee yeroo ka’u salphaatt gadi hin qabamu. Kanaaf sochiin saa injifannoon bahu qaba. Yeroo hedduu waraqsi ummataa kun collootaa mararfatoo ummataa fakkaatanii of dhiheessaniin butama. Yukrayinaa irra sun gahu hin hafne.  Utuu akka ka’ett nagaan xumuramee Krimiyaan cituuf sababi hin argamu ta’a.

Yukraayina fi Rusiyaan hundeen saanii tokko ta’ullee sabummaan adda addaatti wal ilaalu. Ummati Yukrayinaa keessa jiran hedduu dha. Kan lammi Yukrayina ta’an 78%, Ruusiyaan 17%, Belarus 6%, Krimiyaa fi Tatar 5% akka ta’an himama. Lakkoofsi saanii sanaa gadi kan ta’anis hedduun jiru. Lammi Ruusiyaa kan ta’an baha fi kibba Yukrayina gara Rusiyaatt haanani jiraatu. Yukrayinaan miseensa Tokkummaa Soviyet waan turteef diinagdeen see Ruusiyaa waliin hidhata qaba. Garuu erga walabummaa argatanii gara Awuropaa ilaalutt ka’ani. Hanga yoonaa kan harka keessa qabataan ummata Yukrayinaan gutummaatt irratt walii hin galamneef fakkaata. Ruusiyaanis NATOn akka hanga ollaatt jala seenu hin fedhu.  Qoccolloon uumamuu dandahu gara hundaan sodaatamuu hin oolle.

Ummati Yukrayina yeroo hedduu roorroon itt baayyachuu, hojii dhabisaa fi abdii kutannaan kan ka’e mootummatt hiriira nagaa bahee buqqisaa ture. Si’anas sochii “Euromadian” jedhamu jalqabee ture. Ka’ka’ichi aanga’oota Lixaa irraa degerssa ifatt argate. Hiriirichi nagaan ta’uun hafee meeshaan waljala dhaabbatame. Isaanis Presidantiin biyyatii ari’amee Ruusiyaatt kute. Mootummaa yeroo ofiin jedhe kan bakka saa bu’e Lixi harka ballisee simate. Sabboonummaan Yukrayinnummaa olka’aa dhufuun ummata lammiin Ruusiyaa ta’e hedduu rifachiisee. Haasaan dabbalooti Yukrayinaa haaraan tolchanis lammii Ruusiyaa akka moggeessu naasisu kan dagatan fakkaata.

 Parlamaan Ruusiyaas mootummaan saanii akka laamii Ruusiyaa Yukraayinaa keessa jiraataniif eegumsa godhu seera tumani. Itt haansee ummati Krimiyaa mootummaa haaraa hin fudhannu jedhanii walabummaa saanii labsanii Ruusiyaati dabalamuu gaafatanii. Ruusiyaan mamii malee gaffii saanii fudhate. Krimiyaan jaarraa 18th kaatee hanga 1954tt  bulchisee Yukrayinaatt naanna’utt Ruusiyaa jala turte. Anga’ooti Lixaa murtee Krimiyaa fi Ruusiyaa kana seermalee jedhanii balaaleffatanii tarkaanfii Ruusiyaa ittiin adaban fudhataa jiru. Garuu hanga yoonaa qawween lolla hin jenne. Amma aanga’ooti lamaan Ruusiyaa fi Lixi waliin nokkoruu eegalaniiru. Haalli saa addunyaan gara lola qabanaawaa moo, o’aatti deemti gaaffii jedhu kaasaa jira? Lachu umumatoota Yukrayinaaf kan tolu miti. Dirree lolaa anga’oo lamaa ta’uun jira.  

Erga dhuma “Lola qabanaawaa” as addunyaa  Amerikaatu hoggana ture. Amma Ruusiyaan bakka kufee ka’e fedhi koo yoo tuqamu callisee hin laalu, mootummaa Yukrayinaa yeroof dhaabbates hin beeku jedhe. Yoo sun ta’e  “Addunyaan Banti Tokkee” tahun ni hafa jechuu dha. Ammayyuu biyyooti shan waldaa BRICS jedhamu dhaabbatanii jiru. Banti hedduun itti haanu maal fakkatinaa, nammuu heduuti ka’eera. Ummati Yukraayinaa kan Ruusiyummaa qabanis mootummicha hin fudhannu jedhanii didaa jiru. Goloti mirgaa, akka faaashistii faa Ruusiyaanota, Yihudotaa fi komunistoota ni haleella jedhanii dhaadatu. Sanaan hireen Yukraayinaa fanxa lixee jira. Qaama saa irraa Krimiyaan qaata cittee. Ruusiyaan hogganummaaf sadarkaa baaqulaatt kan dorgomu taanaan hariiroo gamtaa Lixa waliin jalqabe irraa garagalee gara Asia, Amerikaa kibbbaa fi Afrikaa ilaala ta’a. Tokko fedha kaanii tuqe malee waliigalteen bu’aa hirmachuun barsiifata addunyaa miti. “Sansakkaa Haaraa Addunyaa” Jorji Bush Angafi herrege bifa jijjiirrata taha.

           Wal sukkuma aanga’ootaa kana keessaa waliigalatt Afrikaaanoti, keessaattuu Oromoon eessa of kaa’anii ilaalu? Sana yoo murteeffatan gara itt deemanis waliin qayyabachuu danda’u. Akka nammi biraa mirga ummata keenya ulfeessu gaafachuu dura ummati keenyaa biyya ofii irratt mirga abbaa biyyumaa qabachuu amanuu qabna. Mirga qaba yoo jedhame, mirga sana ulfeessuu fi ulffeessisuuf kutatoo ta’uu gochaan mirkaneessuutu gaafatama.

 Olantummaan bulcha seeraa fudhatamuu fi sirna demokratawe guddifachuun akeeka muummicha ta’uu qaba. Oromiyaan jaarraa tokoo oliif qabaa diinaa jala jirti. Qabaa kana jalaa bahuuf dhiibbaa fi dorsisa qaama sadaffaa malee mirga hiree ofii ofiin  murteeffachuu mirkaneeffachuun waan irra hin darbamne. Jijjiirama sun fiduun bu’aa fi fedhi tuqamu hedduun jiraachuu danda’a. Kanaaf seerri addunyaa nu deggeraa qofaan utuu hin ta’in, ifaajjee fi dafqi ilmaansee akka barbaachisu.hubatamuu qaba. Qabsoon kutannoo fi dudhamaan gaggeeffamu tumsaa hin dhabu. Sana malee aanga’ootatt iyyachuu qofaan mararfannoo argadhaa yaaduun, gooftaan ergamee kan nama saame naaf deebisisa jedhanii gooftichatt iyyachuu ta’a. Iyyannoon akkasi ergamsichi milkaawuu fi akka kan saame keessaa hin hambifanne gabaasuu qofa ta’ee hafa. Kanneen biyya bulchan garri caalu fedhaa fi miira walfakkaataa qabu. Waa’e demookrasii fi mirgi ilmoo nama irratt wanti qaaqanii fi hojii irra kan oolchan adda addaa.

Demokrasii jechuun sirna mootummaa ummati fedha saatiin diriirsuu fi olantummaa irratt qabu jechuu dha. Sanaaf fakmishoon tokko hin jiru. Jarri Lixaallee caasaan ittiin wal gaggeessan kan walii irras kan Grikii durii irraas adda. Sun akka nuu tolett marii, tokko tokkoon ummata keenyaan gad dhaabbanna. Fakmishoon Gadaa Oromoo duriis keessa deebi’amee ilaalamuun anja qabaa. Ummati eenyummaa tokko dhahatu bilisummaan waliin dhaabbachu yoo danda’e qofa ummatoota naannaa waliin hariiroo walgituf dhoofsisuu danda’a. Sana malee ajajamaa malee fedhaa jedhamuun hin danda’amu. Tokkoon bulaa malee ofiin bulaa yk walaba hin jedhamu.

Waa’een nagaa fi fedha ummatoota addunyaa ilaalu dhoofsisa walqixummaan tahuun murteefama. Akkasitt yoo deemame kan kee kootiin hafee, dugda naa hooqii anis keen siif hooqaa jechuun akka ta’a. Garuu nammi kan waa it gurguratu hattuu yk saamtuu tahu yoo ciicatellee waanuma gabatt argate bitata. Saamtuu saa irra haane kan bituuf homisha saa argamsiisuun giroo abbaa waantichi kiyya jedhuuti. Fedhi bittuu kan dhiheessuu dandahe irraa tajaajila argachuu dha. Sun akka sana yoo ta’u akeeki carraa walqixee qabaachuu ilmoo namaa dagatamuu hin qabu. Hiree saa abbaatu murteeffata malee nammi namaaf hin murteessu jechuu dha. Rakkinni Afrikaa tokko, hogganoota ofitt amananii fi ummati itt amanu dhabuu dha.

 Hundi dureeyyii addunyaatt hudduu gatatanii ummata ofii waliin saamuu fi hiraarsuu malee madaalli hariiroo addunyaa keessaa eegsisufii kan kutatan miti. Kanaaf ummatooti Afrikaa fulduratt dhufanii mirga ofii, hariiroo walii fi addunyaa gidduu sirreeffachuu qabu. Tokkomichi tokkummaa ummatootaa ta’uu qaba. Tokkummaaan Afrikaa amma jiru Afrikummaa caalaa sabgidaawaa fi kan fedha adddaa tajaajilu ta’ee mullata.

Oromoon lakkobsaan ummata guddaa dha. Ummata seenaa qaroomaa boonsaa qabu. Oromiyaan lafa jalaa fi irraa madda qabeenyaa hin tuqamin qabdii.  Ummati shee naannaa keessa jiru homishaawummaan kan isa caalu hin jiru. Kan gurguratuu fi bitatuuf gabaa guddaa dha. Kan indo dhagalaasuu fedhuuf Oromiyaan carraa guddaa laattii. Ummati shee kan nagaa fi qajeeltuu jaallatu, safuu eeggatuu dha. Aadaa Gadaa (demokratawaa) fi seeraan bulmaataa qaba. Barnootaa fi hobbaati teknolojiitt dhimma bahuuf kan sammuun saa bana ta’e.

 Jannummaa fi gamnummaa dhabuu saa lugnaa fi daallicha qofaatu komata. Oromoon aadaa fi dudhaa dubbii gidduutti harkisu qabu. Kanaaf sirna dhiibba silaa karisummaa erga faca’anii fi kolonaawanii ilaalchotaa fi amantoota keessaan itt dhufuu danda’an caalaa cimaa qaba.  Sanaan “gooltu” jedhanii Oromoo komachuu aggaamuun tooftaa sobdootaa fi sadootati. Ummati Afrikaa hammana gahu kan konyee hin guutneen ukkaamamee jiraachuun qaanessaa ta’a. Hamma ofii agarsiisuun tuffii dillisee qabaa hin guutnee walirraa hin citne, dadhabaa fi sodaattuu jedhamuu irraa nama oolcha.

Oromoon haala addunyaa amma mullatu keessatt hiroo gahaa argachuuf tattaafachuu qabaa. Hanga yoonaa ba’aa fi bu’ii guddaa jalatt afaan ofii fi eenyummaa sabummaa saanii hammaa tokko hamaa irraa baraaranii hardhaan gahaniiru. Kan bade deebifatanii kan egereefi bu’uura buusuun jarjarsaa dha. Sochiin blisummaa Oromo waan bacancare haa fakkaatu malee karaa adda addaa misooma agarsissaa jira. Dhaaboti jabina dabalan bibbiqilaa jiru. ABOnis dandamachuuf ifaaja’aama jira. Humna abdachiisaa ta’uuf ida’ii tolaatu sabboonota irraa eegamaa. Dhaaba kaayyoon ummataa egereef itt fufiinsa qabaachisu hoggansa sochii bilisummaa biyyati gad dhaabuu akka ta’u  mirkaneessisuu dha.  Abba tokkooti namootaa, ni dadhabu, ni du’u, ni ganuu, ni baqatusi.

Dhaabi fedha ummataa dhalootaa dhalootatt haa dabarsuuf itt yaadamee, mari’atamee, bu’uurfamee wayyabi hanga ergamsa saa raawwatutt gula jiraatu.  Dhaabi malbulchaa daboo farsoo mitii, sansankaan akka qilleensi hin gallett ijaaramee iyyaatiin naannaa fi haalaa fiixee quba saa irra jiru, kan hogganootaa fi miseensoti saa abbaawummaa fi itt gaafatama qaban, kan naamusa cimaan gaggeefamu ta’u malee hafuu saa wayya. Dhaabi malbulchaa gaarrenii fi sulula biyya ofii keessatt baroodu dandahuu qaba. Kana dhugoomsuuf hundu beekumsa, ogummaa fi humna saa qusachuu hin qabu. Fedhi ummataa akka dhaabi saa isa gidduutt argamu. Dhaabi ummataa baqataa ta’ee hafnaan ni halagooma. Baqataan sin hoggana jechuun hafeee yaaduunuu safuu tahu qaba. Faranjooti, “Fedhoota dhaabbatoo malee michoommi dhaabbatoon. malbulcha keessa hin jiran” jedhu. Qabsaawoti Oromo kana attamitt ilaaluu? Fedhi ummata Oromoo dhaabbataan walabummaa, biyya ofii irratt mo’aa ta’uu dha. Fedha halagaa guutuuf kana irraa maquun tuffatamaa fi salphisaa dha. Michooma malee walabummaan hin dhoof sifamu.

 Ulaagaan firoomaa fedha walii walii kabajuu, walqixummaa fi kabajaan wal ilaaluu dha. Kan hardha diina jennuuun bor sana guutnaan fira tahun shaakala beekamaa malbulchaatii. Dantaa ofiif warregamuun jalqaba seenaa kaasee gocha boonsaa ta’uun beekamaa dha. Oromoon akka isa dura Walharkatqaba Afrikaa Haaraanis akka hin gaagamne waan danda’an hunda gochuu qabu. Sansakkaan addunyaa jijjiiramu humni dhaabuu danda’u hin jiru. Abbaan fedhe haa hoogganu Oromoon dammaqanii waa keessaa buufachu of dandeessisuuf qophee ta’uu dha. Kellaatt ittisuun yoo hin danda’amnellee taatoti saa akka mirga ofii seerawaa namaa baran gochuun barbaachisaa dha.  Qabsoon sadarkaa saboota moo’ummaa qabanii keessaa bakka keenya argachu itt fufaa.   

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!  

Ibsaa Guutama

Ebla, 2014

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *