0

Yaadannoo Ayyaana Gootota Oromoo

Haasaan dhihate kun yaadannoo guyyaa a ABOn Meniyapolisii fi Silver Spring MD qophaye irratt dhihachuuf ture. Haalli utu hin mijjayin hafuun qaaman argamuu hin dandeenye. Sagalichi kan itt gimijjaawu baraaruuf barruunis dhahannoo “ Yaadannoo Ayyaana Gootota Oromoo” jedhu jalatt a jiraa caqasaa.

                                                                                                                                    Sagalef astuqa

Waggaa waggaan Guyyaa Goototaa kan ayyaanfannu  eenyummaa keenya waliin yaadachuufi. Kaleessa maal turre, hardha maalirra jirra bor garamitt adeemna kan jedhu mata matanis waliinis yaadachuu fi yaaduu dhaafi. Seenaa keenya kaleessaati kan qabsoof nu kakaasee hardhas nu biraa hin hafne. Guraaramaa fi tuffatammi Oromoon jala darban namooti hardha waggaa shantamaa ol ta’an ragaa bahuu danda’u.

Haala hamaa sana jalaa bahuuf Oromoon erga qabamamanii aara galfatanii hin beekani. Golee goleett aariin fincilanii kan ka’an hundi ni ukkaanfamani. Bara baraan utuma falatanii jaatamoota keessatt diddaa bifa addaa agarsiisutt ka’an. Bara sana namooti empayericha kutaa kutaan, konyaa konyaan waldaa wal gargaarsaa dhaabbatu turanii. Isaan keessaa kan  Oromoon, Oromoof ijaarame Waldaa Walgargaarsaa Maccaa fi Tuulamaa (MT) ture.

Oromoon golee biyya Oromoo hunda keessaa dhufanii fi kan waldoota biraa keessa turan hundi MTtt dacha’an. Walgargarsa abba tokkootaa caalaa guddina fi barumsa Oromoo irratt xiyyeeffachuu eegalan. MT maqaa saa jijjiiruun barbaachisaa utuu hin ta’in hanga hardhatt waldaa Oromoo, mallatoo tokkummaa Oromiyaa ta’ee jiraate.

Bu’ursitooti MT garri caalan manguddoo turan. Garuu dargaggoo barumsa irra turan, keessaayyuu ijoollee universitii, hawwatanii mirga guutuun akka qooda fudhatan godhani. Akkasiin of haaromsuu yaalanii. Jagnooti MT dudhaa mootiin Habashaa ulfinni saa hin salphifamu, aaboon saa hin uggamu jedhamu, gaaffi jala oolchutt ka’an.  Sanaan Oromoon mirga dhalootaa akka gaafatan kakaasanii. Durfamnaan akka rukutaman beeku. Ta’us akka sanatt jiraachuu mannaa du’anii baduu wayya jedhanii ummata doofummaa fi hiyyuma keessaa baasuuf kutatani. Hin oolee hedduun aarsaa ta’an.

Dargaggoo Oromoo, muuxannoon MT keessatt argatan, sochiin Barattoota Itiyoophiyaa fi haala yeros addunyaa keessa ture irra hubatan ABO ijaaruuf hedduu isaan gargaare. Sochoota erga Oromiyaan qabamtee hanga ijaarama ABOtt jiraniin wareegama hedduutu baafame. Kan MT fi ABOn baafaman kan dhihoo waan ta’aniif namooti yaadatan hardha lubbuun jiru. Sabboonoti sochoota darban hunda keessatt wareegaman gootota keenya. Ayyaana saanii wagga waggaan yaadanna. Kan dabarsanii of kennan  akka kan hafne fi ittaansinee dhufnu boonaan jiraannuuufi.

Kan Goottota hin qabne joonjee karaan jalaaa badde ta’a. Sodachisaa fi dorsisi halagaa qaama saa dhuunfateera. Hamaa ofirraa faccisuu hin uggu. Hundaaf sarma, diduu ni sodaata.  Mirga gaafachuun hafee qabachuu saayyuu irraanfateera. Goototatu dammaqsee masakuun karaa itt agarsiisa. Waanti hin danda’amne akka hin jirres barsiisu. Dura bu’anii fixeensa buusuun masaku malee duuba taa’anii abiddati dhiibuu hin yaalanii. Gootota kan qabu ni jabaata, roorroof tole hin jedhu. Eenyuu akka isa hin caalle goototi hojiin itt agarsiisaniiru. Gadgalummaa hin fudhatu. Dhaloota itt haanutt seenaa fi jannummaa sana dabarsa.

Oromoon Gootota hedduu qaba. Isaantu malkaa ceesisee kaara haamtuu keessa dabarsuun injifannoolee hedduun gahe. Sabi tokko yeroo rakkatus ballatuus gootota darban yaadata, kan amma jiran waammata, kan bor lolaniif guddifata. Kanaaf Ayyaana murteessee kabajaafi. Yeroo Ayyaana gootota kabaju sabichi haala keessa darbee, keessa jirus, waan egereef isa eeggatus waliin yaaduuf carraa argata. Isa darbeef Ayyaana dabaankufoota saa araarfaataa, isa ammaaf fala falata. Isa egereef waan isa baasu karoorfata. Dudhama kaayyoo bilisummaaf qabu akka itt fufu deebisee irbuu seena. Goototi barsiifataa fi tasawummaan hin oofamamani. Itt yaadanii fooyyessaa, hala hubataa tarkaanfatu.

Goototi ofittummaa hin qabanii. Jaallawwan saaniitiin isintu nuu caala jedhu malee fedhaa keenyatu dursa hin jedhani. Danta dhaaba waloo malee kan murnaa hin afarsani. Murneefammis, dhalaandhalaa ooluunis  miira saanii miti. Goototi tufanii hin arraaban. Kakuu jaallewwan waliin seenan hamma du’aatt fudhatanii deemu. Kanaaf gooti hala kam jalattuu amanamummaa, gamnumma, jannummaa, arjummmaa fi daaya qabeessa ta’uu agarsiisuun kan irra eegamu. Goototi safuu saba saanii kan hin cabsinee.

Kanaaf dargaggoott kan an dhaamu: isin sabboonoo warraaqaa Oromiyaa malee jalee murnootaa akka hin taane. Isin si’achi ABO taatu malee QC, Shanee yk qoshee qomboree kamuu ta’uu hin qabdanii. Haala darbutt hin rarra’inaa. Gara fedhaa murna tokkoott hin duufinaa. Akka fulduratt isin furgaasan hoggansa waloo irratt dhiibbaa tolchaa.

Miseensota sochii bilisummaa gidduutt nuu fi isaan wanti jedhu itt fufuun dubatt harkiftummaa dha. Haala keessa jirtanii fi seena qabsoo saboota addunyaa hordofuun of qara. Utuu yaada hin darbatin mirkanii dura sirriitt hubadha. Akka kanneen maqa ilaaluu qofaan kan hin jedhamne jedhame jedhanii hin ta’ina. Sun isinii fi kaayyoo isin dhaabbanne jettaniiif xiqqeessa. Qabsaawaa dhugaa irra obsaa fi danda’ummaatu eegama. Waan Oromoo gidduutt safuun masakama. Barri kan keessanii. Isintu tolchaa isintu balleessaa.

Kanneen bilisummaa saba keessaniif du’an maqaa fi ganda hin qabanii. Maqaa fi gandi saanii dirree qabsooti. Goototaa, hundaaf jedhanii du’anii bakka hallett kufanii. Fakkeenyumaaf gootota akka Gammachiis Dhaabaa fi Milkeessaa Gada, kan Booranaa fi Horroo Gudurutt kufan hin irraanfatina. Kan akka isaanii hedduu dha. Qabsoo Oromoof  fakmishoo/moodela keessan ta’uu danda’u.

Qabsoon bilisummaa Oromiyaa, Oromiyaa keessatt gaggeeffamu qaba. Namoota biyyaa bahun qeyee dhaban, muka saa baala saa, nama saa fi laga saa yaaduun qalbiin raafamu irra hedduu hin eegna. Qooda isaan kennuu dandahan quwadha. Nammi tokko bakka hale ta’uu hin danda’u. Bakka inni caalaa homishaawaa itt tahu gargar baafachuu dha. Qabsoon keessan akka milkiin bahuuf bakka goototi itt kufanitt of gad dhaabuun dirqii dhaa.

Kaayyoo qayyabachuu keessan bareecha dura mirkaneeffadha. Akka miseensa ummata birmaduutti jiraachuuf qabsaawu filattuu? Moo, sirna akka abba tokkeett mirga tokko tokko isinii eegsisina jedhamuuf of kennuu barbaaddu? Akeeki ABO hanga yoonaa Oromiyaan biyya Oromoo fi Oromiyoo hundi  bilisummaa fi walqixxummaan, gammachuu fi moo’ummaan keessa jiraatan argamsiisuu dha. Sanaa alatt akka saba of danda’eett ulfinaan jiraachuuf filmaati biraa jiraa laataa? Hunda isintu madaala.

Oromiyaa walabaaf haa ta’u akka Itiyoophiyoott walqixxummaan jiraachuuf tattaafachuun qabsoo haddhooftuu barbaada. ABOn kallacha qabsoo Oromoo haa tahu malee dhaaboti bilisummaa Oromiyaaf qabsaawan biraas jiru. Kan Oromummaa irratt amantee hin qabnee Itiyoophiyummaa yoo filate hamaa fi tolaa qabu kan murteeffatu  ummatoota dubbiin laaltu malee abba tokkoota miti.  

Dhalooti haaraan sana taliilleffachuun  wareegama itt adeemaniif maljecha kennaa. Sabboonaa Oromoo ta’anii Oromummaan qabsaawaa  du’uu yk Oromoo ta’anii nambiyyummaa (citizen) Itiyoophiyaa ta’anii hafuuf du’uu jechuu dha.  Hanga isaan jala jirrutt abba tokkeen Oromoo nambiyyaa Itiyoophiyaati. Abba tokkeen manyaa cehee biyya halagaa jiraatu kellaa dabrii (passport) saanii qabateetu. Nambiyyummaa hin dhowwatamne jechuu dha. Rakkoon jiru akka sabaatt haalamuu, saamamuu fi gadi ilaalamuu dha. Sanatu gootota bobbaasee hanga lubbuu saanii dabarsaniin gahe. Kanaaf sabichi goototaf ulfina ol haanaa kennaa. 

  Guyyaan Ayyaana hallee waan murtaawuuf qaba. Ebla 15, 1980 waan addaatu tahe. Miseensota hoggansaa bilisummaa Oromoo hedduutu haala ofirraa faccisuu hin dandeenye jalatt bakka tokkott ajeefamanii boolla tokkott awwaalamani. Seenaa Oromoon himatu keessatt yeroo hoggansi Oromiyaa tokkome akkasitt wareegamu isa jalqabaati. Gosa, godinaa fi amanteen utuu gargar hin bahin Oromummaan dhaadataa darban. Guyyaan kun Ayyaana yaadannoo gootota Oromoo hundaa akka tahu kanaaf murtaawe. Sana irra ka’uun, Oromoo akka ummataatt ulfinaan jiraachisuuf duris ammas egeriis kan gootummaan kufan hundatu itt yaadatama jennee kan amma jirru abdanna.

Ayyaanna kana waliin kabajuun tokkummaa keenya jabeeffachuu fi yaada keenya toora tokko irra galfachuu nu gargaara. Golaan, amanteen, gandaan haata’u sababa fedheen nu qooduu kan abbalanitt karaa cufaa.  Gumaacha gootota keenyaan, tokkoomuu keenya itt agarsiifna. Oromummaa keenyatt kan boonnuuf ayyaana kanneen Oromiyaa jiraachisuuf qabsoo ittisaa tolfaman irratt kufan caalaa wanti kabajnu hin jiratuu.

Halagaan biyya keenya dhuunfateera. Qabeenya keenya saameeraa. Naannaa keenya barbadeessaa jira. Humna keenya facaaseera. Kan walitt nu guduunfee jiru qaabannoo seenaa keenyaa, saba keenyaa fi gootota keenyaati. Sana balleessuuf halkanii fi guyyaa tattaafata. Amma caalatt kan xiyyeeffataa jiru qaabannoo gootota keenyaatt. Maaf waan waliin mararfattan qabaattu jedhu. Diddaan roorroos, fedhii walabummaas qaabannoo yk duubatt deebi’anii yaadachuu sana keessaa madditi. Gootota haddheessuu, seenaa saanitt xurii dibuu, gandummaa itt haqachuu kan yaalan jiru. Gowwoonni diinni afura itt baafate yoo karaan itt hin cufamne warratt fudhatanii galuu. Callisuun Oromoon akka  seenaa dhuunfaa yaadatan hin qabanne hawwi diinaa jiru milkeessuufii ta’a.

Yeroo laafinni nutti dhagahamu, yeroo dooniin nuun citu kan itt garagallee abdii argannu Ayyaanaa fi qaabannoo gootota keenyaati. Yeroo hundaa “maal dhaamanii jaallewwan qabsoo irratt kufan” faaruu jedhuun booreen bahachuu qabnu akka jiru of onnachiifna. Waan goototi dhaammatan bakkaan gahuun didhaa dhalootaa dhalootatt darbu hin oollee. Bara kamuu kan waliin finiinsee nu kakaasu tahuu qaba.

Qabsoon bu’aa bu’ii qabdii. Kufuu fi ka’uu, furga’uu fi dacha’uun keessa jirti. Qabsoon Oromoo lafee fi dhiiga goototaatiin waan ijaaramteef ni qallati malee hin cittuu. Qabsoon kun kan sabichaati. Dhalooti walduraa duuba dhufu akka saba of danda’ee buluutt jiraachuuf murteeffachuu qaba.  Itt fufiinsa qabsoon ittisaa fi injifannoolee yeroo yeroon argamaniitt iggitii gochuun sana irratt hundaawaa.

 Qabsoo kana keessatt dhaabotii fi hogganooti meeshaa ummataati. Haaromfamuu, jijjiiramuu, kosiitt darbamuu ni danda’uu. Fedhi ummati birmadummaaf qabu garuu barabaraan waan jiraatu. Kanaaf meesha harkaa qabnu itt yaadnee yoo barbaachise sansakkaan bakka buufachuu malee jeequmsa homaa hin baafne uumanii hunda of dhabsiisuun nafii hin qabu. Kan lubbuu fi bilisummaa namatt caaluu hin jiru. Lubbuun nama jaallatanii yeroo bahu yk kan jaallatan diina harkatt yoo kufu nama gubaa, gubuus qaba.  Qabsoon taphaa mitii. Lubbuu fi bilisummaa, warra, jaala fi ollaa tuqutu itt bahaa. Hundi saanii gaddi itt haa hammatu malee kaayyoo isaan kufaniif akka kan ofiiti fudhataniiru. Sana yoo gaabbine qalbii meeqa deebinee tuqnaa? Qabsoon gomboo cheesii miti. Deddeebisanii ittiin taphachuun hin dandahamu. Sanaaf garaan raafamuu dhibuu fi akka salphaatt fudhachuunis safuu dha.

Hamajaajiin Oromoo irratt akka diriirfatett hafuuf guyyuu si’aawee hojjeta. Biyya ofiif jalcaasa barbaachisu hunda qabeenya Oromiyaan ijaaruun duubbee tolfataa jira. Oromiyaa kurraaziitt dhiisee humana elektrikaa isee keessaa madduun ganda saa waliin gaheera. Qeeyettis alattis hogganoota bakka walii bu’uu danda’an ballinaan addatt leejifata jira. Keettoon saa qaawwaa argatte hundaan seentee jaarmota Oromoo malbulchaa, hawaasomaa fi diinagdee jeeqaa jirti. Garuu sabboonoti kaayyoo saanitt cichanii kerkeraa, boqotaa, bayyaannataa fi jabaataa dhiichuu (march) irra hin dhaabbanne. Caalaa jabaatanii diina jala dhaabbachuuf laafina ofii afarsuu utuu hin tahin shira diinaa diiguutt bobba’uu ture. Silaa kan baasu “Badus tolus biyya tiyya fi jaarmaa koo walaba” jechuu dha.

Sochiin bilisummaa Oromoo sochii ilmaan saanii dhiibbaa eenyuu irraayyuu walaba ta’aniin ijaarame. Kallacha qabsoo sanaa ABO kan firri mararfatu dhaaba walabaa ta’uu saaf. Kan Oromiyaa irratt ol haantummaa qabaachuu karoorfates walabummaa saaf ABO jibbaa. Oromoon akka sabaatti ulfaatee jiraachuuf walabummaan dhaabaa isa hogganuu itt fufuu qaba.  ABOn qabeenya Oromooti. Akkaataa taatoti itt dalagan mudaa yoo qabate addatt waan ilaalamu. Sun kaayyoo ABOn dhaabbateef gaaffii jala kan galchu miti. Kan hojii dhaabaa gaggeessan namootaa, darbuus yaada jijjiirachuus ni dandahu.  Fedhi ummati Oromoo walabummaa fi bilisummaaf qabu garuu barabaree dha.

Goototi Oromoo dubaroo fi korommii ta’an lubbuun hin jirre ayyaanni saanii nutt haa araaramu, ekeraan saani qabbana haa boqottu; sabboonoti qabsoo bilisummaa fi walabummaa biyya saaniitt bobba’an milkiin haa bahani. Oromiyaa walabii barabaraan haa jiraattu.

Ibsaa Guutama
Maryland, Eebla 2013

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *