Oromoon surraa, of ifsachuu, ofbulchuu barbaadu.
Oromoon sagaleen saanii akka dhagahamu barbaadu.
Oromoon moo’ummaa barbaadu.
Olloota isaanii mo’ummaa ofii shakalachaa
bilisummaan jiraatan waliin nagaan jiraachuu barbaadu (furan kiyya)
Holcomb (7/14/12)
Qabsaawoti Oromoo yeroo jalqabaaf ijaaramanii gadi bahan kan kaasan gaaffii ummati Oromoo erga qabamee kaasee guungumaa ture. Ummati Oromoo maal barbaadee gungume yoo jedhame ofiin bulummaa yk walabummaa fi birmadummaa sarbame deebisee gonfachuu dha deebii jedhu argata. Sararan ol haanan haasaa Bonnie Holcomb WQO irratt gotee keessatt gaaffii Oromoon maal barbaada jedhu kaastee tuqaalee tarreessite keessaa fudhatame. ABOn Oromoon maal akka barbaadu himutt erga ka’e walakaa jaarraa ta’uuf deema. Oromoon saba guddaa, qaroo, hala kamittuu madaquun isa hin dhibne, homishaa, sammuun taadhii ta’e, jagna maaliinu hafaa hin qabne ture. Diinoti saa danuu seenaan erga qabatanii, akka makiinaa hoomiishaa, geejjibaa, ijaarsaa, quunnamtii fi ajjeechaatt tola yk gatii bushaan dhimma itt bahaa jiru. Haala jiru tursuuf akka inni deeebi’ee of hin barre qaccee Oromummaa keessatt hafte haquuu fi hamilee saa burkuteessuuf waan danda’an hunda tolchaa jiru. Kan isaan xiyyeeffatan hameessa saanii Oromoo balleessuu utu hin ta’in Oromummaa doomsuu irratt. Sana, yaa’a keessa utuu fixasanyii hin raawwatin tolchuun hin danda’amne. Oromoon hunda hubataniiru; eenyummaa saanii golgame deebisanii hanga gonfatanitt sabummaan itt fufanii jiraachuu akka hin dandeenye barataniiru. Kanaaf qabsoo walabummaa eegalan. Dandeettii saanii riphaa sochoosuu dandeenyaan kan jala dhaabbatu hin jiru.
Qabsoon Oromoo yeros firoomsatt tokkummaa qaba ture. Gaaffii ka’e deebisuuf itt sissiqameera ta’a malee kan gaafatame harrallee deebii hin arganne. Isa dura bu’uurri dhokatee ture gadi bahee jaallewwan tamsaasee. Heeraa fi seeratu cabee, kaayyootu dagatame. Sanaan hundi wal ciiga’uu fi wal mamuutt ka’e. Golee tokko yeroo xexxebi tokko darbatamu hunduu wal duukaa huursutt ka’a. Akeeki saa maal jedhee hin gaafatu. “Dhagaa walitt darbachuu, walhankaaka dhaloota dullachaa fi haaraa gidduu” yoo jedhani wal harkaa fuudhanii afarsan malee maaliif akka wacamaa jiru hin gaafatani. Turee, hangi tokko waan it akeekame baruu hin oolle. Amma qubqabsiisii ambaa irraa akka dhageenyutt kan walfakkaatan walitt fuula deeffataa jiru. Wal amanteen badde suuta dhiinaa kan jirtu fakkaati.
Kaan addunyaan jijjirame jedhu. Addunyaan eenyuuf jijjiirame, tokko garboomsee kaan gooftomsuuf moo itt bahi saa maalii hin jedhani. “Gaaffiin Oromoo dulloomee jijjiiraa” yoo jedhan harka rukutu; ammallee saafila yoo jedhames harka rukutuu fi kan dhufe hunda duukaa qeeqa malee girrisuun Oromo ala Badiif barsiifata ta’aa jira. Qeeqaan yaada kan laalutu dhibe. Akkuma Wayyaaneen ABO dhangaa dhahaa jiru qaanii malee hin jiru jedhaa bahe hardha Oromon tokko tokko, Oromoon hooggansa malee hafe, ABOn burkataaweera jedha jiru. ABOn hardhas baroodaa jiraa, dhaaboti Oromoo walabi biras jiru, hoggansa kennuu kan danda’anis kumootatu jiru. Sana barbaaduuf galtuu Itiyoophiyaa ta’uu hin barbaachisu. Kun hundu qaama duula dhaabota Oromummaa hidhatanii bobba’an busheesuuti. Kan ABO gad dhiisan kanneen gaabbiin kan tufan arraaban yk diiguuf luuxanii galanii milkii dhaban ta’uutu mullata. Kan naamusaan gaggeeffamanis jiru ta’aa. Gaabbuun mirgaa, garuu waan hardhaa haatahu kaleessa dhugaa baasuun nam guddummaa dha. “Ani duunan sardoon hin margin” jette harrettiin isa jedhamu akka hin taane. Yoomu dhuuga dabsuun iriguun nama hin ga’u.
Kaasan rakkinoota Oromoo, malbulchaa, diinagdee fi hawaasomaa, keessattuu rakkina diingdee fi malbulchaa irraa maddaa. Oromoon garri caaluu qotee fi tikfatee bulaa dha. Halagaan qabate caasaa malbulcha saa diigee, nama saa hedduu ajjeesee hedduu gurgurate; lafa saa irra fudhachuun mootummaa fi ashkaroota ofii badhaase. Sochii saa fi kan beellada saa daanga’ee. Qabiyyee akaakileen saa tursaniif irratt gabbaarii ta’ee humna fi qabeenya saa halagaan tola dhimma itt bahuu eegale. Qeyee fi maatii isaa irratt abbummaa dhabe. Roorroon irratt raawwatamu hammaa baanaan daarii hanga daariitt guungumu eegale. Sun utuu hamaa caalaa hin fidin murni halagaa tokko fala lafti kan ummataati jedhu fudhate gadi bahe. Sanaan finnaa haa tahu abbaan lafaa akka lafti harkaa bahe himamee. Labsa lafaa fi lallaba hojiitt furaa sabbonoti Oromoo harka keessaa qabu turani. Cunqurfamaan gammachuun dhiichise. Jiraadhu “Darguu” jedhe. Utu inni dhiichisa jiru labsi foyyeffamee “lafti kan finnaati” jedhame. Ummatichii gammachuu dhiichisa tibba tokkoof malee harka duwwaa hafe.
Qabsaawoti Oromo sana yeroon hubachuun ABO ijaaruu duraan eegalan itt fufanii jabeessanii. Yeroo gabaabdu keessatt yaada geeddarachuun Dargii fulduraafis akeekkachiisa ta’ee. Dargiin girrigirrii duraa keessa qotee bulaan akka bilisummaan itt dhagahamu tolchee ture. Isa dhiisanii abbaa lafaa irratt akka xiyyeeffatan kakaase. Sana irratt utuu dhagaa guurani inni yaabbii tolfate. Gibira caalaa irra buusee. Ijoollee saa akka fedhett duulatt guuruutt ka’e. Tolaa fakkaatee hamaa mootota isaan dura turan caalaa irraan gahe. Dura dhichisiisaa boda dhiituun Dargii duubas ittuma fufee. Oromoof aadaan saas, dudhaan saas, mirgi saas, afaan saas homti saayyuu hin deebineef. Sirni empayera garuu raafamee ture.
Kanaaf barbaachisummaan qabsoo Oromoo caalaatt hubatamaa fi ho’aa dhufe. Diinoti saas akkuma dudhaa saanii qabsoo aangoo keessaa walirratt oofaa turani. Kanaaf jara mootummaa saaniitt fincilan sana ABOn fakkeessaa saaniin dagamee akka firaatt ilaaluun ija irraa fudhachuu hin oolle. TPLF fi EPLF Dargii waliin miira sabummaa hirmatan qabu. Mirga Oromoon walabummaaf qabu beekuuf yaada hin qabani garuu akka OLF Dargii finqilchuu gargaaru ni fedhu. Oromiyaa too’achuun akka anjaa diinaggee fi tarsiimo qabu lachanittuu ni muldhata. Qabi saanii eegalaa akka Dargii hamaa tahuu baatuyyuu hobbaatii inni Oromiyaaf qabu tokkummaa, kolonummaa jalaaa hin baane. Eertraan ammayyuu walabummaa Oromiyaa hin deggertu. Tarsimoof garuu murnoota sochii bilisummaaf gaaddisa kenniti.
Kana irratt TPLF fi EPLF firoota Habashaa dudhaan walitt fufamuuf rakoon hin mudannee. Gaaffiin saanii caasaa finnicha kan tuqu akka hin taane beeku. Akeeki ABO kolonii qabamuu saa firooti sun gargaaran walabomsuu waan ta’eef, amansifachuun akka jara kaanii hin salphatu. Farajooti Teedros, Yohannis, Minilik, Tafarii fi Dargiin duula humna Oromoo cabsuuf tolfame hunda irratt gargaaraniiru. Boodanas ABOtt dudda galfatanii TPLF kan gargaaran isaani. Muuxannoo irra, bu’aa argannaan wal ganuu irraa akka hin deebine waan beekaniif fedhi saanii isaan biratt akka eegamu mamiin saanii yartuu dha. Oromoon saba guddaa waan ta’eef akka fedhan dhommoqsuu danda’uu ofii ciicachu hin oolani. Kanaaf hariiroo uumuuf Oromoon jara kaan caalaa karaa fagoo itt deemuutu irraa eegama.
Bara 1991TPLF ABO waliin hidhati uummate hin turin cite. Isaa as waan diinagdee ilaalutt hariiroon ummati lafaa fi qabeenya lafaa gadii fi ol jiru irratt qabu isa durii caalaa hammaataa dhufe. Akkuma mootota isa duraa Habashaa gaaraa gadi guuree fedhaa Oromoo malee Oromiyaa keessa qubachiisutt ka’e. Lafa magaala fi biyyaa, dureeyyii garba gamaa fi kanneen empayerittii keessaa horii qabanitt gatii cabsee gurguruu eegale. Kan bitan ummati buqqa’uu, lafti haddhaan faalamu, fayyaan nama, beelladaa fi biqiltu dorsifamuuf kanneen dantaa hin qabnee. Mootummichis uumaa fi qabeenya manca’uuf garaan hin raafamu. Ammas Oromoo fi maddi binagdee saa gargar fagaataa deeman. “Ciisanyummaa” illee dhabee dudhaa ofii malee kadhattuu karaa irra ta’aa jira.
Gara malbulchaan erga qabamanii hamma hardhaatt Oromoo galtuu qabatanii roorroo biyyarraan gahaa bahani. Bulcha keessatt kan isaan qooda fudhachiisan kanneen bakka saanii bu’anii dhiiga saba saanii boorrachuuf fedhaa qabani. Hardhas maqaa sirnichaa haa jijjiran malee sana irra adda hin taane, qabeen saa sanuma. TPLF, EPRDF jechuun gola inni gooftaa itt ta’e dhaabee, boojuu fi galtuu maqaa ummatootaa itt baasuun goloota sadii ofii alatt uumeen ijaare. Sanaan bifa empayerummaa bulcha saa dimimiseesuu yaalaa jira. Akka farda gaarii Habashaamitii of dura buusee akka farda, luugamaa fi qaccee qabatee gulufaa jira. Qarooma kolonootaatt arraba baasuun kun hanga yoomitt irra ilaalama? Egaa TPLF imaammata diinagdeen kan isa dura turaniin hagas adda miti.
TPLF, akeeki saa mootummaa olhantummaa gola tokkoon kan masakamu ta’uu himate. Maqaaf garuu mormitooti yoo harcaatuu argamte funaanattaa akka jifaaraatt tajaajilu hayyame. Akka waa’ee angoo hin abjoonne dursee murteeffameef jechuu dha. Ilaalchi addunyaa EPRDF Abiyootaawii Demokrasii kan ilaalchi tokko olhaanaa itt ta’e jedhame. Ilaalcha sana kan qabu isa qofaa. Imaammata diinagee kolonotaa fi malbulchaan qabu irratt kanneen isa duraa irraa inni addummaa bu’uuraa hin qabu.
TPLF karaa hawaasomaa jijjiirama muddama afuura baafachiisuuf tolchee jira. Gaaffiin afaanii isa muummicha hin ta’in malee kan Oromoon qabsaawuuf keessaa tokko ture. Kan Dargiin gowwoomsaaf aggaamee irra darbe inni akka ittiin hojjetamuu fi baratamu ABOn irratt walii gale. Daangaa Oromiyaa ABOn bara hedduuf yaayyoo saa beeksisaa ture hunda hin tahin malee hanga tokko fudhatee jira. Sanaan mallattoo empayeraa saanii keessaa tokko, fakmishoon “Xaqilyaayi Gizatii” haqamuun Amaara wacabbarsiisee. Heera Habashaa keessatt yeroo duraaf sabootii fi sabummooti jiraachuu fi mirga qabaachuu saanii galcheera. Sun injifannoo qabsoon galmeeffame ta’uyyuu waliigalteen saa argamuun kanneen isa duraa irra caalaa abshaala ta’uu saa agarsiisa. Garuu empayerummaa Itiophiyaa jijjiiruuf fedhaa dhabuun saa tokkummaa angafoota saa waliin qabu mirkaneessaa.
Mirkanii olitt ka’an akki Oromoon itt ilaalan tokkummaa ilaalchaa uumuufi danda’a. Waan Oromoon jala darbeef hundi furaa wal hin fakkaanne kennu yoo ta’e tokkoomuun kan ilaalchaan tokko ta’anitt hafa. ABOn haala hawaasa Oromoo keessa jiruuf seenaa naannaa erga xiinxalee duuba barbaachisummaa Republika Oromiyaa demokratoftu dhaabuuf qabsaawuu malee ilaalchi komunistoota Itiyoophiyaa akka hin baafne amanee sagantaa malbulchaa baafate. Biyyi tokko eenyummaa saatiin ulfaatee gammadee jiraachuuf walaba tahuu qaba. Yaada kanaa alatt kan empayera Itiyoophiyaa demokratessinee hanga danda’amett mirga sabummaa Oromoo achi keessaan kabachiisna kan jedhan jiru. Fedhaa Oromoo qofa osoo hin ta’in kan koloneeffataafis yaaduu qabna jedhuu. Kun hariiroo dudhaan ABOn qabaataa tureen adda. Oromoon eenyummaa ofii qaba moo hin qabu? Oromiyaan empayera waliin firommi see maali? Abbaatu of gaafachuu qaba. Kamuu haa filatu safuu fi taajjaba haa baratu.
Si’ana komee “diina dhiisanii dhagaa walitt darbatu kkf” afarsamaa jira; garu dhugaa miti. Adda addummaa yaadaa fi wal balaaleffachuutt yeroo dabarsuun tolaa hin qabu. Yoo ifsoota sobaan tuttuqamaniyyuu, kan hedduun si’ana of qabaa jiran sanaaf fakkaata. Qabsoo keessatt jeeqammi cinaan dhufu waan eegamu. Dhagaa furuursa arrabaa walitt daddarbuun isaan keessaa tokko. Kan sana tolchan qabsaawota dhugaa osoo hin ta’in, kashalabbootaa fi keettoo diinaa kan ta’ani. Walitt qabani hunda jala dhaabbachuun malee komen wanti sirraawu hin jiru. Dhuma irratt sararaan dhugaa qabu injifatee bahuun waan hin olle. Badaa caaluu irra maquuf, daaya akkamiiyyuu egeree Oromiyaaf qabaatan, halagaa fuulduratt ildiima saaf sarma, sodaa fi rom’ma, ulfina sabicha gad cabsu agarsiisuun fafaa. Akka sabaa fi abba tokkeett, saba haa ta’uu abba tokkee kam irraayyuu sadarkaa walqixummaa gadii fudhachuun salphina. Kan dhalootan ulfina hin beekne maqaa Oromo dhahachuu hin qabu. Meeshaan diina akka itt ilaalamutt ilaalamuu irra hin hafu. Garuu nammi tokko hanga fedhaa sabicha irra hamaa hin buufnett, filannoo saaf dhagaa itt guuruun cubbuu dha. Hangam walitt aaran, sararaan arrabaanillee yoo irra darbame safuu ta’u jiraachuu qabaa. “Safuu fi ilaa fi ilaameen” utubaa golee ijarsa Oromummaati. Faaruu lolaa “Citaa mana keetii hin ijjeerin kabi; hamaa nama keetii hin ajjeesin qabi” jedhu keessa deebi’anii ilaaluu dha. Obsaa fi kan qabanitt cichuun, dhuma injifannoon guute sabichaa ta’utt baasuu danda’aa.
Qabsoon Oromoo humna barsiifataan dhiibamaa as gahe malee ilaalchi addunyaa olhantummaan keessaa bahee moo’uun masaku hin ture. Oromummaanis bargootu arrabarra gangalataa bahe malee bilchaatee hin liqimfamne. Duubbee kolonummaan jalaa caccabsetu hundee dhorgate. Kanaaf yeroo diigduun keessaa fi alaan ittisa malee itt timte hundi qoroo xixiqqoo ofii tolchee siroo waliin jechuutt ka’ee. Kana keessaa of baasuuf ilaalcha wal fakkaatan walitt gumeessuun barbaachisaa dha. Sana sababfatanii mirga ilmoo nama ukkamsuu yaaluu fi arraba darbuun naamusa dhabuu fi faara ofirrummaa kan agarsiiftu taati. Kan akkasii egeree saba saafis, ilmoo namaafis hin tolu. Cabaaluqa otontora saanii dhaggeeffachuun yero minya sabichaa gubuudha. Duubessitooti gochii fi xeebi saani waan irraan ga’uu utuu hin beekin lafa namaaf qotan keessaa billaa ittiin qalaman baasu. Hojiin saanii hundi xiqqummaa saanii agarsiisa.
Maaliifuu jara akkasii hamma hin jirrett fudhatani, tokkummaa qabsaawotaa caalaa tokkummaa qabsoo Oromoo akeeki saa gar tokkott luuca’e argamsiisuuf tattaafachuun sardaa dha. Qabsaawoti Oromoo jaarmota saanii utuu walitt hin makin feccoo tokko tokko qulqulleeffachuuf yeroo barbaadu ta’a. Qoodi ofiffummaa abbaan qabu dubbii kana keessatt dagatamuu hin qabu. Gaaffiin waliinjiro ofii tima haaraa kanaaf hiriirsuu; ijaarsa haaraatt ilaalcha malbulchaa waggaa hedduuf hordofaa bahan amanuu fi madaa bulte dhinsuu herrega keessa galchuun barbaachisaa tahuu danda’a. Waci “baqaa” dhiheenya ture kan jarri walitt baqne jedhan liphsuu ijaa keessatt coollibanii harca’an nama hin jajjabeessuu. Hanga sun hundi mamii malee qulqullaawutt qabsoo saanii qindeeffatanii kallattii tokkott luuccesuu danda’u. Kan qophawan walitt yoo makaman kan hin qophofneef obsuu dha. Ababbara si’ana jiruuf ariifachiisuun hin barbaachisu. Hobbaatiin tokkummichaa kan dogoggorri kanaan duraa akka lammattaa hin deebine tolchu ta’uu qaba. Barbaachisaa yoo ta’e yeroof sagantaa carraaqsaa gadjalla baafachuu danda’u.
Waan dhageenyee fi argine hunda qabsoo Oromoott akeekuuf qananiin saa hin jiru. Jechooti “wal hankaaka dhaloota gidduu, ilaalcha yeroon itt darbe fi kkf” hedduu darbatamu. Warraaqaa ta’uun ganna dhalootaan hin danga’amu. Ilaalcha addunyaa ofii abbaatu murteessa. Jaarsaa fi ijoolleen kaayyoo tokkott amanu taanan jarri jaallewwani. Abdiin saanis hawwi saanis tokko. Dadhabbiin qaamaa, leelloon baasa haaraa, hanqinni nafii midhagsina, teknolojii haara shaffisaan qayyabachuu dadhabuun bara dhalootaan dhufu jiru walii hubatamee qindeeffachuun irra haanuu dandahu. Wal hankaaki dhalootaa hamaan kan muldhachuu danda’u kanneen ilaalcha tokko hin qabne fi sammuu hin bilisomne gidduutti. Kun dullacha otontore hin dabalatu. Orommoon gadamoojjii kan malbulcha ala tolchu sanaafi. ABOnis sana keessa deebi’ee ilaaluu qaba.Yaa’a guddina dhalootaa kan qayyabachuu danda’u kan sammuun bilisoome qofaa. Warraaqaan tokko ummata saa angessuuf malee ofiif bolola angoo hin qabu.
Qabsaawoti maniin saanii tokko ture sagantaa achiin isaan gahu waliin baafatanii turani. Heeraa fi seera, dambilee ittiin bulanis waliin tumataniiru. Hamma waliin jiranitt sanaan gaggeeffamu jedhamee abdatame. Jaalala ofiin sirna naamusaa tokko jala seenan jechuu dha. Qananii saanii jireenya bashaa fi gammachu hundaaf tolu boriif wareeguu irbu seenani. Heeraaf seerri hardha baafatan bor yoo rakkina qabaate akka itt fooyyeffatanis waliin tumani. Sirna dhaabatti seenuu haa tahu keessaa of baasuus qabu. Murtiin walii galteen yk wayyabaan kennama. Ija seeraan miseensis hooggansis wal hin caaluu. Qabsaawoti hardha wal gaarreffata jiran hagamtu seera sanaan bulee? Hagamtu of akka seeraatt ilaale? Hundi of haa gaafatu. Kan amma olhantummaa seeraan hin bulle Oromiyaan walabomte akkamitt amantiin? Ammaaf abbaan of gaafatee ofiif deebi haa kennu. Isa borii, borii fi seenaatu beeka.
“Korma mo’u gorinnoott beeku” jedhama. waan haaraa ijaarra yoo jedhani, eenyu faan, maaliin maaliif, kan duroo mal godhan? gaafii jedhutu dhihata. Sanaan egree saa hedanii kormaa abdachiisuu ta’uuf hin tanee baruu dandahu. Waan jalqaban bilcheessuu, kan dabe qajeelchuu, kan quucare taadhomsuu dhabuun amantee namaaf hin horu. Akeeka itt amanu bakkaan gahuuf kan kakatee ayyaan laallataa soqalate yk oftuultuu yoo hin taane qabsoo itt bobba’e tuttuqaan kamuu irraa hin deebisu. Ummati keenya nama qubbeekoo kaasee hanga barumsa olhaanaatt barate dhibba keesaa shan yoo qabaate. Bara Abbaa Gadaa ka’ee beekumsa dhalootee fi barumsa dudhaan of gaggeessaa dhufee. Beekoti Hawaasaaf qoricha. Dalootaan qaroo kan ta’e isaan qindeessee akka dandeettii fi oguma saaniitt dalagaaf bobbaasuu danda’a. Fedha qabaannaan akki itt wal utuban hin dhibu. Kanaaf beekoti nutt dhufuu didan jechuun sababa talisaa yk of tuffataati. Beekoti hogganan malee jechuun eegeen saree hanga wuxxisutt haa eegnu jechuu dha. Sareen yoo eegee wixxisu qarcaasaa fi tisiisa irra dhowwaa, firas harkisaafi. Eegeen wuxxifamuun garuu waan hoodaa ta’a. Beekotis hanga ummati itt dhufuutt utuu hin eegin itt dhaqanii qabsoo saaf gumaachuudha; biyyattiin isaaniifis biyyaa. Kan barbaachisu kan qabanitt dhimma bahuu danda’u, of kennuu, gamnoomaa dhalootaa fi onnee dha. Kana irratt of bari malbulchaa bilchaataan injfannoo shaffisiisa. Waa’ee beekotaa ofumaa jenne malee, hogganooti dhaabota Oromo amma jiran sadarkaa sabaatt, muuxannoo qabsoo yoo dhiisnellee, kan barbaachisu caalaa baratoo dha.
Waliigalatt gara fedheen bobba’an qabsoo Oromoo tokkomsuutu bu’aa qaba. Ofirrummaa, of tuulummaa fi ofittummaa duubatti dhiisanii fuula tokkoon diinatt bobba’uun kan hawwamu. Yaadi faffaca’aan qabsicha kallatii dhabsiisa. Kan walabummaa Oromiyaaf dhabbatan gar tokkott, kan Itiyoophiyaa demokratessuu fedhan gar kaanitt utuu gumaawuu danda’an filmaata ummataaf haa ta’uu shaffisa qabsoof ni tola. Afanfajjii fi burjaajii jirus ni taliilessaa. Ayyaanni gaggaarii utu dhimma itt hin bahamin darbanii jiru; ammas kan dhufe akka hin dabare arreeduu dha. Ayyaan laallatummaan abba tokkoota tuuta keessaa bahanii bu’aa ofiif cece’an irraa fokkisa malee sadarkaa dhaabaatt tolaa dhufe hubatanii akka hin dabarre qulatanii naalchuun gamnummaa dha. Kessa ofii abbaatu beeka, “Dabdaabbee saa abbaa beeka” jedhama. Garuu maal naan jedhuu yoo hin hedne nammi akka ati of ilaaltutt osoo hin ta’in akka buphaa ajeessaatt si ilaala. Golee adda addaa keessa kaa’uun si madaalchisa.
Ittisa cimaa hin sossoone uumuuf qabsaawoti hundi Oromummaa fi akeeka saa qayyabachuu qabu; isaanis demokrasii, birmadummaa, walqixxummaa, qajeeltuu, seeraan bulmaata, fi jaalala dhugaa ilmoo namaatii. Sun ifsamuu kan danda’u, jaarmaa qilleensi itt hin seenne ijaaranii tokkummaa qabsoo Oromo ittiin mirkaneesssuuni. Isaan, humna namaa, waatattaa, dandeettii fi ogummaa walfaana hiriirsuun ni danda’ama. Namooti kaasaa ummata saaniif kutannoo fi dudhama qabanis kanneen hin murteeffannee fi farra ijaarama qabsoo Oromoo ta’aniin hin takaalamani. Waanf bu’aa hin qabaatin kan nama biraatt dhagaa darbatu maraatuf keettoo diinaa qofaa. Hamaa uddeellatee kan deemu waan dhaqabu hundaaf of malee eenyuunuu komachuu hin danda’u. Sadarkaa guddinaa ummati see irra jiru utuu hin hubatin rimsama hedduu guddaa tahe Oromiyaa irratt fe’uu yaaluun kan dhimma baasu hin ta’u. “Sadaqaan hamma humnaati” jedhama, waan qabnuu ol kan nu gaafatu hin jiru, gamnoomaa fi onnees kan nuu ol ittiin dhalate hin jiru. Meeshaa quunnamtii, barumsaa, fayyaa fi kkf hundu dhimma itt ba’a. Nutis akkasuma. Rimsammi malbulchaa fi diingadee garuu nuuf ni taha moo hin ta’u jedhamee dura alanfatamuu barbaachisa. Eenyuu giddiin qoonqoott gad nama hudumuu hin qabu. Wal hankaaka dhaloota giddu kan hammaatu kan kaayyoo saba ofiirratt ilaalcha tokko hin qabne fi sammuu hin bilisomne qaban gidduutt malee jaallewwan bara dhalootan adda tahan gidduu miti. Dhaaba keessatt yaadi akkasii utuu jiraate miseensi namuusaan gamaggame kan bade sirreeffata. Miseensoti saganta tokko, heera tokkoo fi maqii naamusaa tokko qabu. Wal jaallatanis jibbanis sabaawoti timjii yoo irra darbame safuu ta’u waliin taraaruu qabu. Hundaafuu qabsoon tokkoome, waliin yaadanii akka guddina ofiitt hundatt furmaata gochuuf gargaara. Sabicha aangessuuf filmaati jiru sanuma. Sagalee yeelalaan iyya dabarsaa jira, sabichi utuu hundee dimshaashatt hin buqqa’in, Oromiyaan gutummaatt gurguramtee utuu hin dhumin, dafaa na dhaqabaa jedha. Birmachuuf qabsoon Oromo Oromummaa irratt hundaawe bor, iftaan utuu hin jedhin hardha tokkomuu qaba. Murni hundi xurii darbe irra faloo bahanii dhaaba jabaa qulqulluun as bahuu qabu.
Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!
Ibsaa Guutama
Onkololessa 2012
Ibsaa Guutama miseensa dhaloota saganta ABO isa jalqabaa baasan keessaa tokkoo.