0

Moggaasa fi Ilaalcha Akkaa

Waabarii ijoollumaatt moggaasi maqaa dhuunfaa nama, bakka yk wayiiti jennee baranne. Miira, akaakuu yk haala uumama addaa ifsuuf nama yk wayiif kennama.  Abbaan taha jedhee duuba kan dhufu hundi kan biro caalaa ragaa dhuunfachiisuu dandahu dhiheeffachuu qaba.  Abbaa isa dhugaa tahuu raggaasisuuf barrunqabilee fi/yk kan yeroo dhalatu ijaan arge dhugaa baasuuf ni waamama. Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) maqaa  moggaasaa waggaa afurtama dura kanneen bu’ursan kennaniif. Guddina saatiif kaayyoo, tarsimoo fi tooftaa inni hordofu lafa kaa’anii jiru. Gochi saa egeree hundi, heera, sagantaa fi dambileen masakama. Eenyummaa ABO kan ciicataniif maxansaa buleen bu’uurfamaa fi ragaan namaa lubbuun jiranii mirkaneessu dandaha.

Yeroo gargar bahiinsi ilaalchaa yk dhugeeffannoo tahu murnooti yaada wiirtuu gad hin dhiisani. Wal nokkorri, eenytu caalaa kan durii gad hin dhiifne kan jedhu irratti. Hunduu moor tokkoo dhahatu, fura yoo hin taane qooqqtaa fi qindoon moorichaa hin geedaramu. Yoo geeddarame maqaa addaa fudhatu moor addaa baafatu. Barruunqabileen ABO waloon kan dhumaa bara 1998 yeroo ABOn tokkicha ture foyyeffaman. Gargar ba’isii sana duuba tahe murna lama (QC fi Shanee) maqama sana fi kaayyoo tokkoo himatu taha kan jedhaman uume. Osoo mirkanummaa gar tokkott hin deebisin Shaneen akka ilaalcha murna saa tolutt waa itt dabaluu fi qooqota tokkoo tokkoo mimiciiruun heera foyyefadhe jedhe. Inni kaan ammalee seerotaa fi sagantaa malbulchaa 1998tt dhimma baha.

Hamma yoonaa kaasaan gargar bahaa xiyyeeffannoo gahaa hin arganne. Itt hansee Shaneen bakka lamatt banka’uun (2008) garrii haaraan gabaabaatt Jijjiirama jedhame waamamuutt ka’ee.  Jijjiirammi, amma sagantaa ABO irratt tartiiba hin baramneen geedarama bu’uuraa xaliila tolchuun (2012) as bahe. Jaarma haaraa kan kaayyoo dhaabaa darbe keessaa hundee hin qabnetu dhalate. Gabaa Itiyoophiyaatt timuufis maqaa ABOtt dhimma baha. Fooyyessi Shaneen godhe empayera demookratessuuf karaa kan banu yoo akeeku kaayyoo eegalaa irraas hedduu fagaachuu kan mame fakkaata. Akka ABOmman fedhutt ooffalch’ormaa (Referndum) irra uggee qaari’uu hin dandeenye. Yoomii fi ango kamitt gargar bahinsi itt haanu akka dhufu se’a hundaati. Tokkummaa kaayyoo tissuuf mana ofii dammaqanii afaalla’uun dirqama warraaqxotaati.  

Geedarammi Jijjiiramaan tolfame miira ABO hedduu waan gatef caalaatt dhaabota Oromoo mormitoota seerawoo EPRDF (OPC & OFDM) fakkaata. Erga isaan Madrak keessatt baqanii OPDOn hunda caalaa unkaan Oromoo fakkaatee mullata. Didduu fi mormituun kaayyoo addaa qabu. ABOn adda bilisummaa malee adda sarmitu miti, mormituun sarmituu dha. ABO kan adda tolchu maqaa qofa miti garuu sagantaa jalqaba malbulchaa, diinagdee, hawasomaaan manii qabsichaa, kaayyoo saba akeeku inni lafa kaa’e; seenaa jaalbiyyoota kumkuma kaayyichaaf aarsaa tahan qabachuu fi manguddoo hanga daa’imaatt kumkummi mararfatan jiraachuu dha. Eegalee tuqaman kana keessaa tokkoo yoo hanqate ABO ofiin jechuun soba. Madaala kana kan hin guutne maqaa biraa baafachuu malee ABO ofiin jechuun ofumaa dhama’uu taha.  “Damma utuma minyaawu maragu” jedha Oromoon”. Kanaaf qilleensaa badaaf ol kaa’uchuu wayyaa. Jaalbiyyooti qalaman yeroo darban qaabannoo saanii keessaa ofiinbulummaa Oromiyaa fi ABO qabaata akka turan yaadadha.

Jijjiirammi dhaaba Itiyoophiyaa tahuuf murteeffatee dhoofsisaa jiru. ABOn dhaaba qabaa fi kurkursaa Itiyoophiyaa jalaa bahuuf qabsaawu. Dhaaba diinni balleessuu yk too’achuuf gaggabu. Sanas tahee kana eenyuu yaada jijjiirrachuuf mirga qaba. Hariiroo Oromiyaa fi Ityoophiyaa gidduu jiru irratt maal jedhuu kukumootaa achi gatanii ejjennoo xalliila fudhachuuf jabina agarsiisaniif  qabsaawoti Jijjiirama keessa jiran dinqisiifamu qabu. ABOn ala, moggaasa walitt tahu baafachuun jabina walfakkaatu gaafata.  Amma kan empayera demokratessina jedhan danqama ilaalchaa ABO keessa hanga yoonaa ture raawachiisanii of gurmeessuun, jaarmiyaa ilaalcha saaniin walgitu dhabbachuu dandahu. Sunimmoo ABO addatt dhiisuu gaafata. Dillisi dibbee qaata mooraa Itiyoophistotaa keessatt eegale eenyuunu malachiisuu yk ifachiisuu hin qabu, “Hamajaajiin bulgaatii gudee namaa gammada” jedhamaa. ABOn akka xurree qabsoo saa kan eeegalaa hin dhifnee fi gonka dhiisuuf hin jirres beeku. Garuu aggamsi saanii dandeettii didaa dambobsuu saaniif badhaasa coomaa fi sararaa qabsoo saaniif jajama saba saanii irra argachuu dha. Yoo kan sobaayyuu tahe, faacha dudhaan ajjeesaa gaafatun dhichisuun saanii hin hafu.   ABO inni dhugaallee yoo harka kennate lolaa kosii keessa gad dhidhima malee ummati Oromoo mirga sabi hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachu qabu dhugoonfachun walabummaa osoo hin gonfatin garaan saa hin fayyu.

Egaa, qabsaawoti akeeka taliila Itiyoophiyaa demokratessuuf qaban tuuta keessaa of baasanii fulduratt dhufuun qabsoo sabichaaf hulluuqa guddaa dha. Garagarummaa hin labsamin qabatanii waldukaa yaa’uun yeroo dheeraaf dhaabicha lashessaa jiratee. Yoo kanneen amantee walfakii qaban qaqaana’uu dhiisanii isaanitt makaman sochiin jijjiiramaa kun hamaa baayyee baraara. Filmaati jiru kan hafan empayera  demokratessuuf sararaa Jijiiramaa haaraa irra bu’uu yk kanneen ityoophiyaa irraa walaba tahuuf qabsaawaniin harka walqabatanii hiriiruu dha. Ilaalcha jaaldhatan filachuu irratt eenyuu akka ofii tuqamett fudhatee garaan walitt hammaachuu hin qabu.

Rakkoon tumsa filchuu irratt dhufina taha. Tumsi obbolessa kan suduudaan obboleessatt  diru yoo tahe obboleessi sun kodee osoo hin tahin qaama diinaa taha. Dhaaba yoo xiqqaate mirga heera Wayyaanee 39 irra jiru hin fudhanne fi fedha saas humnaan gad dhaabuu murteeffatett yoo galan obbolummaan achumatt raawwatti. Akka seenaa saba fi warra fulduratt kan kolfa hin taane eeggachuun barbaachisaa dha.  

Bilisummaan qaamaa fi sammuun hacuuccaa, garbummaa, sodaa fi wallalina irra gad lakkifamuu dha. Ummati bulcha kolonii jala jiru; lafti ummataa diinaan jalaaa qabatame; abba tokkeen fi murnooti birdhuu fi raatessaa diinaa keessa seenan, hundi bilisoomuu qabu. Oromiyaan biyya qabaa jala jiru waan taheef bilisummaa gara hundaa, kan qaamaa fi sammuu dabalatu fedha. Kanaaf murnootaa fi abba tokkoota Oromoo  tuffiin ilaalamaniyyuu yero hunda barartii fi hambaa jilbeenfachiisu maal akka tahe qorachuun warraaqxota Oromoo irraa eegama.  Of bilisoomsuuf abboolii saanii caalaa carraa qabaatanillee hedduun raatessaa halagaa jala bahu hin dandeenye. Dhaabota koloneeffataaf kan kakuu seenaniif rakoo tahu ni dandaha. Garuu kan baratanii fi muxxannoo sana jala hin dabarreef kan jechuun dandahamu dhabiisa ofbara Oromummaa, ilaalcha hedduu sammuu koloneefammaa irra bilisa baaseeti. Jara kana duubbee saanii dukkanaa keessaa bilisomu kan qaban.

Kan bilisomuun irra jiru kanneen qabaman qofa miti, horee nafxanyaa dubbee saanii kolofeeffataa fudal ture yaadanis ni fesisa. Hedduun waa’ee “biyya akaakileen keenya lafee saanii caccabsanii dhiiga saanii dhagalaasuun nuu tursan akkam gad dhiifna” jedhanii yoo dhaadatan yk gadoodan dhagahaman jiru. Kanneen qabaman dhugumaa osoo ittisa dandahan hunda, kan walakkaan dilormaa saanii irratt dhume hin bobbaasin diinaaf hin jilbeenfanne. Ilaalchi seena harcaatuu Nafxanyaa durii wareegama abboolii saanii yartuu kan koloni taadhii jaarraa tokkoo ol badhaase, humna nama ergatanii fi loluuf argamsiise qofa afarsu. Bara meeshaa halle mancaasaan, hariiroon alaa fi iyyaatiin dhuunfaa saanii ture rorroo fi barbadeessa hammaa baha geessisan herrega keessa hin galchani.  

Kolonooti harka duwwaa, ulee, eeboo fi daaya fi xiyya qofaan kanneen meeshaa arganii hin beekne fagoo ibidda tufu jala dhaabbatan. Harcaatuun kun yakki biraa hafee ijoollee, dubaroo, manguddoo fi beelladi meeqa ibidda sanaan jiraatt mana saanii keessatt akka gubatan se’achuu hin fedhan. Seenaa jara ajjeessuu dhaqanii du’anii afarsu. Kanneen yeroo sanatt deebi’anii jiraachuu abjootan mirkanii jiru akka hubatan gargaaramuu qabu. Amma kanneen qabaman ol ka’anii haaloo osoo hin tahin qajeeltuu gaafataa jiru. Kan dhimma baasu yeroo amma malee, isicha qaabata dur darbe fidee waldhabdee dhuma hin qabnett nama harkisu miti. Nageenyaa fi qabbana eegereef gorsi beekaa boqonnaa moofaa cufanii haaraa banuuf biyyaa fi bilisummaa saanii irraa qoqqobamaa kan jedhu. “Akka durii fi harka xuriitt hin hafan” jedha Oromoon.

Waggoota digdaman darbaniif Qabsoon Bilisummaa Oromoo haleellaa hamajaajota keessaa fi alaa jala ture. Alaan abbaltiin ABO “Salaamaawii Oneg”iin bakka buusuuf 1992 godhame fi murnoota Oromoo gargar babaabftuu uumuuf tolfame ni fashale. Haa tahu malee burjaajiin keessa keessa keessa luuxxee galtootaan danfifaama ture. Ergammi saanii sanyii wal mamii sabboonota gidduu facaasuu, tokkummaa sabichaa dhiisanii amanamummaa murna jalee jajjabeessuu, fi daayaa bilisummaa fi walabummaa sabichi qabutt bishaan naquu dha. Haleellichi jabina jaarmaa irratt dhiibbaa qaba garuu hawwi bilisummaa fi walabummaa yoomuu caalaa ni wajiije malee hin qabanoofne. Kub wacabbarrii kamuu dargaggoo Oromoo dhiicha gara Republika Oromiyaa Walaba ijaaruuf godhan irra dhaabuunii akka hin dandahamne mullisa.

Kanaaf utuu tarkaanfii qabsoo ummata saa hubu hin fudhatin daaya saba guddaa kanaa herrega keessa galchanii itt baha saa madaaluun itt gaafatama sabbonota hundaati. Sochiin bilisummaa ni tirata taha malee dhaabuun hin dandahamu. Dhalooti qabsaawota amma jiranii jaarmaan dadhaboo ta’aa, garuu qabsicha itt cichanii tursuuf hin hanqatani. Haleellaan QBO irratt tolfamaa jiru kan xiyyeeffate fedha walabummaa irratt qofa osoo hin tahin tokkummaa sabichaas ni dabalata. Kanaaf taatoti beekuu kan qaban, balleessaan murtii saanii hardhaa fiduu malu, gaabbuu qofaan yeroon hin dhinsamne dhufuu akka dandahu.

Nammi keessa ofiitii laalaan saba Oromoo itt dhagahamu wal harkisoon itt fufee yeroo fi giidoo sabichaa akka qisaasu hin hayyamu. ABOn dhaaba wareega guddaa baasee ujuu sabichaa tahee jiru. Ammayuu kumkumooti kaayyoo ganamatt cichanii fi hanga lubbuun jiranitt aarsaa barbaachisu baasuuf qophee tahan jiru. Sana shira keessaa tahee dorsisi koloneeffataa doomsuu hin dandahu. Jaarmiyaan qaban bar tokkoo laafe jechuun barri itt jabaatu hin dhufu jechuu miti. Obsa dhabuun yoo hardha hin taane du’een argama jechuun wallaalina. Yoo kanneen Oromoo dha ofiin jedhan humna kana jala dhaabbachuu filatan walfixa obbolaa hin dhaabbannett akka geesu mamiin hin jiru. Waan bara durii Goobanni Daaccee humna Oromoo ummata ofiitt garagalche irraanfachuu hin qabnu. Tuqaan qaanyii dabsatamu fi ulfina namoomaa dhabuun yeros tahe hanga hardha godaannisa guddaa ayyaamii sabichaa irratt dhiisee darbe. Murni fedhe karaa ofii barbaade haa filatu, garuu suukii jibbaa fi salphinaa obbolaa gidduutt kakasu irraa of qusachuu dha. ABOn misensota saa gochee irra adda. Wal mamaa fi qoccolloo miseensota ol tahuu qaba. Inni waliinjiroo gargar hin biinxa’amne, kan miseensoti dhiisanii bahu yk itt galmaawuu dandahani.  Qabeenya sabaa, kan yoo miseensi hundi dhiisee deemellee maqaa saa waan inni hin bu’ursaminiif olchuu irra akka jirutt ol kahamuun irra jiru. Goototi sabaa hundi kan darban qaabannoo ABO fi kaayyoo inni ooofu waliini. Qaabannoti sun ulfina argachuu qabu. Wabarii kam irraayyuu haa tahanii nama ofii gidduutt nagaa fi qayyabannoo dhaabbataa argamsiisuuf hunduu sana akka jirutt dhiisuun dirqama Oromummaan gaafatu.    

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama
Amajjii 2012
Ibsaa Guutama miseensa dhaloota saganta ABO isa jalqabaa baasan keessaa tokkoo.

Leave a Reply

Your email address will not be published.