0

Oromummaa fi Dhaabota Bilisummaa

Waa’een Oromummaa, humna tochoosaa sochii bilisummaa ta’ee, beekotaa fi barreessootaan hedduun jedhameera. Oromummaan mullisa mararfannaa jaalbiyyuummaa  bilisummaa, nagaa fi walabummaa Oromiyaati. Innis jaalala biyyaa, ummataa, seenaa waloo surra qabeessa, aadaa, dudhaa, hoodaa, afaanii fi akaakilee tokkicha, qabaachuu irratt hundaawa. Sunis akkaataa Oromoon firomsaan hawaasa ilmoo nama walii galaa keessatt of ilaalani. Maddi saa hacuuccaa wiirtuu tokkoo itt dhufee fi didhaa akka murna addaa tokkott irra kaa’ame.  Oromummaan ilaalcha addunyaa bilisummaati; ilmaan nama hunda akka walqixee, tokkoo kan biraa ol hin taanett fudhata. Kaasaan hundee sochichaa biyya, birmadummaa, boona sabummaa fi ulfina namuummaa humna halagaan dhabsiifamuu dha. Hacuuccaan walittii hin citne ummaticha erga sadarkaa nammummaa keessaa baasee gita gadi galoo godhee boda waliigalatt hirriba itt buusee ture. Hawaasi waanti halle guutuu tahe kan qabu hunda saamamee deegaa tahe. Sana fuggisiisuuf jarmoti ka’an haleellaa fuula hedduu walirraa hin citnetu irra gahaa bahe.

Garuu mormiin qabamuu abba tokkootaa fi murnootaan tolfamu guyyaa jalqabaa ka’ee dhaabbatee hin beeku, hanga bilisummattis kan isa dhaabu hin jiru. Sun suuta dammaqiisa Oromummaa kan mootora warraqsa Oromoo duuba dhufuuf jiruu tahee gargaaree ture. Jiraachuu Adda Bilisummaa Oromoof sababa kan tahe bulcha kolonii jalaa Oromiyaan bilisummaa dimshaashaa akka argattuf, Oromummaa gara sanatt qajeelchuun barbaachisaa tahu dha . Yaa’a qabsoo keessatt gufuu xixiqqoon bakka bakkatt mudattee turte ammas mudataa jirti, ta’us qabsoo qajeeltuuf gaggeeffamu ijaajjisuun hin dandahamu.  

Oromoon balaa hedduu mootummoota wal duraa duuba dhufaniin irra gahe, kanneen akka dhumiisa  Maqadallaa, Walloo Kaabaa, Aannolee, Raayyaa, Gujii  fi Watar kkf dandahe jiraate. Sanneenii fi yakkooti walduraa duuba tolfaman akkasumas Oromoo bulchaan addati qoqooduun guddina Oromummaa dhorguu hin dandeenye. Jireenyi qaanii waliin hirmatani fi   qacceen dudhaa Gadaa dhaalmaan dhuftee fi afaan waloo badii meeqa jalaa oole taasisa tokkummaa ta’eefi.  

 Daba Oromoo irraan gahama ture gurguddoota koloneeffataa keessaa kan bahee morme hin turre.Garuu yeroo Oromoon fincilee ka’u hedduun gaaga’amticha komachuu fi arrabsuu jalqaban. Doomsuu yaalaniis ni dadhabani. Qaanii malee Oromoon qabsoo aangoo keessa saanii irratt akka gargaaru eega turani. Si’ana Oromoon ulfina ofif qabu harka itt hin hiixatuu. Abjuun Oromummaa kaayyoo saa, manii jireenya birmadummaa, bacarraa, nagaa fi gammachuu mirkaneeffachuu dha. Qoodii jaarmota malbulchaa giidoo Oromummaa gara manii kanaatt dhiibuu dha. Laafinni jaarmaa, luuxaanii galli fi hankaaksi abjuu ummata hin dhaabu.

Dhaabi kallachi balleessaa ofiin gara hamaatti dhiibamee. Garuu ammayyuu si’aawaa saatu jira. Fardaa mana farsoo yk daadhii jalatt hidhamee hattuu addagee kara deemtuun hiikkattee mac jettu miti. Ummati dammaqina malbulchaa qabu abbaa fardaa sobaatiin hin gowwoomuu. Kanaaf sabboonoti ta’iisa akkasii afarsuu hin qabani. Kaayyoo fiixaan baasuuf wareegan yeroo fedhe haa fudhatuu fulduratt oofuun gara dandeettii saanii ijaaruutt arreeduu dha.                                                                                             

Mooraa hoogga’ootaa keessa kan jiran kosii seenaatt darbamuun akka caalaa hin cubuluqne, kan mooraa sabboonotaatii miliqe nu fayyisa jedhanii yaadu.  Kanaaf sagalee dibbee fi fiinoo daangaa hin qabne dhageesisaa jiru. ABOn hariiroo qajeeltuu, wal kabajaa, qayyabannoo waloo fi walqixummaa irratt hundaaween jaarmota ollaan harka walqabatee egeree wayyaaf hojjechuu akka dandahu erga ifsee qaataa. Of sirreessanii dhihachuu malee fedhi akkasii kan ciiga’amuu hin ture. Hanga yoonaa goloota sabhedduu jedhaman keessaa sirna empayeraa yaaduu kan dhiise waan hin jirreef ejjennoo Oromoon addatt qabu kan bareef hin jiru. Eenyuu akka Oromoo haa tahu akka Habashaa kkf finnaa empayeraa jajjabeesuf dhufa taanaan gaaffii Oromoon walabummaaf qabu tokkumma. Jaarmoti bilisummaa goloota sabahedduu jedhamanii kan haala jiru akkuma sanatt tiksuu fedhaniif tumsan, sammuun sirrii hin fakkatu. Oromoon “Maal habaasuuf dhama raasu jedha”. Gaffii salphaa fakkatu kana irra hedduun baramu dandaha. 

ABOf Oromoon abbaa fi haadhaan yk tokkoon saaniitin kan Oromoo tahe. Karaa biraammo Oromiyoon kan Oromiyaa keessatt dhalate yk itt guddifamee fi mirgaa fi itt gaafatama inni fidu kan fudhate dabalata. Kanaaf Oromiyoo hundi duubbeen lammii saanii osoo hin laalamin akka ittisa irratt qooda fudhatan yk deggeran eegamu. Oromoon gara laafessa, nama akka saa hafee uumaa hundaaf dudhaa mirga eeguu qaba. Hanga yoonaa moototi walitt haansanii dhufan hundi hamaa irraan gahaniiru. Barnooti irra argamu waan jiruuf sana akka irraanfatan hin eegamani. Utuu yeroon laalaa ture gadi qabu baateyyuu sana akka sababaatti fudhatee haaloo bahachuun miira saa miti. Sanammoo kan Oromummaa sirritt hin huubanne Oromoott hin himu. Haatahu malee nagaan gargar deemuu fi ollaa wal hubatu tahuu eeguun waanuma uumaatii.

Labsi dhiheenya qodaalota waranaa dhiheenya ABO qorachuuf Itiyoophiyaa gananiin bahe malalchiisaa hin taane. Akka Abbaa Odaa caalaa halluu sadan Itiyoophiyaaf amanamoo tahan mullisani. Kan isaan jedhan hundi calaqqee suduudaa muxannoo darbee, kan hawwa Oromoon walabummaa fi bilisummaaf qabu faallessu. Kan kutanii baqatan keessaa ejjennoo akkasii fudhachuuf isaan kanneen jalqabaa miti kan dhumaas hin tahani. Akka abba tokkeett haa tahu akka murnaatt mirga sana kan isaan dhowwatu hin jiru.

Garuu harkifachuu fi haala dursee hin muldhanneef yk ayyaan laallatummaa irraa kan kahe daddaaqni tuutaa jirachuu dandaha. Ta’us gumaan tokko sochii sabaa irratt cittuu dhiibbaa faallaa fiduu dandeessu jaaree, murtii gaddeebistuu dabarsiisuun akkaa fi qajeelaa hin tahu. “Bakka maleekaan qaxxisuu sodaatan, daallichi keessa burraaqa” jedhama. Cittooti ilaalcha tokkoo qabna jedhan hundii laabba’oo, rakkina seeraan furuuf obsa hin qabnee, waliigalatt ambatti guriri’uu malee yeroon itt qaama waaltaa kuffisuun dhagahaman yartuu dha.   

Sun akka fedhe haa tahu, Itiyoophiyummaan mirgi malbulchaa qabattee Oromoo ilaalu irratt qaban bakka gaaffii Oromoon bilisummaaf qabu jalqabutt akka dhaabbatu beekuutu irra jira. Qondaaloti guddaaf eegaman kun karaa faallaa Oromummaatt gessu ammas filachuun nama gaddisiisa. Oromoof nokkorroon hariiroo Oromiyaa fi Itiyoophiyaa gidduu jiru kan dur xumuramee waan taheef isaan ejjennoo geeddarachuun mooraa halagaa keessatt diina Oromoo gobbisa yoo tahe malee annisaan dabalaniif hinjiru. Jarri akka mooraa sabbummaa gad dhiisan beeku, yoo booqee maqaa karra irra ture tahe malee mooricha hin fudhanne. Garuu godaannisi hankaaksitummaa yk garlamummaa hanga du’aa boodaattillee isaan biraa hin hafu.  

Kaasaan hundee sochii, bilisummaa biyya, birmadummaa, boona sabummaa fi ulfina namummaa halagaan dhabsiifamuu dha. Hawaasi waan halle guutuu qaban hunda samamanii deegaa tahan. Sana fuggisiisuuf jarmoti ka’an haleellaa fuula hedduu walirraa hin citnetu irra gahaa jira. ABO fi dhaaboti kaayyosabichaatt cichan walcalaluun yeroo yartuu itt fudhata taha. Garuu jarmaan jiraatee dhiisee geengoon isaan kurnan afur dura konkolaachisan Oromummaan oo’ifamuun sadarkaa dhaabuun hin dandahamne gahee jira. Abba tokkoota, murnoota yk jaarmotaan ganamuun xinnoo gufachiisina malee hanga maniin karoorfame, kaayyoon sabaa, fiixaan bahutt hin qabbanaawuu. Sonaawuun jaarmotaa naamusaa fi shaffisa manii ittiin gahan tolcha. Golgaan soqolameera. Filmaati jiru ifaa dha; garee kee filadhuu, deebi’ii tuuta’ii kanneen ilaalcha fakii waliin gara manii akeekkateett joga’i. Hin daddaaqin arreedi! Kun yeroo ayyaan qabeessa tahuu dandahaa dhimma itt bahu yaali. Qabsoon walabummaa hanga gaaffiin Oromoo deebii argatutt itt fufaa. Qabsoon bilisummaa ogummaan  ijaaramee fi afurri Oromummaa, tokkummaa fi eenyummaa sabichaa dogoggorsitoota guyyaa duuba dhufan irraa ni baraara.

Oromiyaa walabi haa jiraattu!!

Humni koloneeffataa fi kittilayyoon haa gombbifaman!!  

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama
Amajjii 2012
Ibsaa Guutama miseensa dhaloota saganta ABO isa jalqabaa baasan kees

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *