0

Akeldama Wayaaneee

Oromiyaan erga qabamte dhiigi keessatt hin bu’in guyyaan tokkoo darbee hin beeku. Kan kanaaf kaasaa ta’an mootummoota Itiyoophiyaa.kan dhiiga nama facaafatan malee bulchuu hin dandeenye. Oromoon ummata guddaa dacha kanneen isa qabatanii taha garuu danuu seenaatiin isaan jalatt kufe. Qabenyi saa lafaa olii fi lafa keessaas hamma hin qabu. Giti bittuu jara qabate kun sana dhuunfaatt to’achu barbaada. Abbalti sirnaa hundu walqixee qooda itt fudhatu hafe ummati keessaa bahanillee kara itt darbaa argatu ijaaruu hin qabani. Sanaaf mataan Oromoo qella’amaa dhufe. Sanaaf mormitu hundi osoo sabummaa gargar hin basin gad ciipha’amuutu irra ture. Jara bineensa fondololota kan dheebuu baasuuf empayerittiin akka jirtutt eegamuu qabdi. Miira akkasiiti kan bulcha demokratawaa akka dhaaban isaan hin dandeessifne.

Akeeki “irba tokkoo nama tokkoo” jedhu salphatt nu dhibamsiisa jedhani sodatu. Ango dhabu jechuun qabeenya Oromoo akka malee saamaa bahan dhabuu jechuu dha. Empayeritt to’achuu itt fufuuf dhiiga Oromoo caalaa barbaachisa. Sanatu Oromiyaa Akeldama tolcha.  Namichi balleesse jedhame sun “…lafati jige, garaani tarsa’e, marumaani ch’ufti keesaa buani.” jedhama ((Ujii 1:18). That makes Oromiyaa Akeldama.  Kanneen Oromiyaa Obruu Dhiigaa godhan hunda sanatu eeggata. Si’ana akka darbett gadi ukkaamsanii nama jiraachisuunis rakkisaa tahaa dhufeera. Kanaa fi maal yoo godhan akka wayyu wallaalanii ija facaaasaa jiru. Kan akka saree maraatuu hundaa ciniinuutt utaalchisus sanuma. Dhumi dhufaa jirti!

Malli isaan argatan karaa halleen itt fakkeessuu dha. Demokrasiif heera baasanii labsan. Addunyaan duru isaanitt dhimma bahu”ishoo!” jedhee harka rukuteef. Ethiophiyaan biyya gola hedduuti jedhee, kan heera koo fudhattan galmeeffamaa waame. Ayyaanlaallatooti Wayyaanee gula yaa’uuf mamii garaa yoo qabaatan illee irratt wal caccabsan. Gaafa guyyaan qormaataa geessee tahitaaf dorgomuu dhihaatan maaf qoostu jedheen. Mormuu kan aggaaman deggertuu saanii ficisiisanii ofiis faca’an. Waggaa shan booda kennate biraa dhufe. Kanneen akka mormituu seerawoott waliin turu filatan irba tokkollee ni dhowwachiise. Yoo isaan mataa itt hooqqatan, ga’oof malee biyyatiin biyya gola tokkootii isiniif hin galuu jedhee itt qasa’e. Sababa saanii Mallasaa abbaa hirrichi “Demokrata akaakuu haaraa” jedhamee farfame. Isaan akka daallicha gadoodaatt fudhataman. Gungummiin saaniis “Seera Gooltu” Awaaj 652/01 argamsiiseef.

Dhaabota gooltuu jedhees kan addunyaan beekanuu osoo hin hafin tarree naqe. Goloota mormituu seerawon garuu gooltuu hin jenne. Haa tahu malee yoo gooltuu waan fe’eef quunnamtan seerichi isinittis ni jiga jedheen. Akkasitt ummatoota empayeraa hunda gooltummaan ifatt dorsisuutt ka’e.  Yakka gooltuu nama jechisiisan tarreessuun isa hindhibne. Gocha namatt raawwataa jiru hunda hiriirsee ana malee nammi sana gochuu yaaltan beekkadha jedhe. Loltuu fi polisiin kan dhuunfaa saa, firoota aantii saan masagaman.  Kanaaf dheekkamsi saa shaffisaa, adabisaa jiilchaa tahuu dandaha. Ummatooti empayeritt goolii ala irra kan Wayyaaneen sodaatu.

ABOn dhaaba ofitt hirkaataa dhimma Oromiyaaf jaarame. Kan Oromiyaatt roorrisu hundi diina saa akka tahe ifatt beeksisee jira. Oromoon garaa dha akka ABO jaallatuuf mararfatu agarsiisaa jira. ABO enyuunuu akka inni hin geeddarre Wayyaaneen beeka. Galtuu funaanee ijaareefis garaa fudhachuu dide. Kanaaf diinni Wayyaanee Oromo hunda tahe. Fakkeessuuf ABOn gooltuu dha haa jedhu malee isaaf Oromiyoo hundi gooltuu dha.  Sun hardha kan jalqabe osoo hin tahin erga uumamee kan yayyabatee jiru. Fixiisi Watar, Hawaasii fi Oromiyaa guutummaa keessati taheef taha jiru; ajjeechaan dabballoota ABO irratt tahe roga sana agarsiisa.

Hunda caalaa yeroo nama qaluu fi kan qileett ofii darbate baasu ABOtt maquu yaaluun saa cubbuu falaoo hin qabne.  ABOn ragaa dhaabee nama qalee, vidiyoo saa ilaala jechuun qarooma ummata addunyaa tuffachuu dha. Ijoolleen Oromoo hedduutu ukkaanfamee bitteen saanii dhibe. Isaan haa tahu kan biraa, qalee uggee gabaatt gad baaseera. Sun hundu gaafa dhugaa akka gadi bahu waan beekuuf baragaa jira, Sanaanis innaa dabartu hunda keessati balleessaa caalaa tolchaa jira. Kan inni barbaadu akkuma abboolii saa durii Oromoo lafarraa haaxawuu yaalu yk gadgaloo godhanii jiraachisuu dha. Finfinnee keessatt maqaa ABOtiin boombii dhodhoosaa bahuu saa hunduu beeka. Waan hunduu beeku kana Wikileaks illee saaxlee jira. Kan goolii ofii uumeen dhuman hagama garaa firaa akka raasan yoo ilaalu kan barbaade ittiin rukutuuf milkaawuu saatiif dhiichisa. Gaddi namoota sanaa fi bakki kan du’e itt hanqise dantaa saa miti. Kan biraa dabalee qaluuf billaa qarata.

Yero dubbii Oromoo barbaadu hunda waa’ee Baddannoo fi Arba Guugguu fayila saa keessaa gad harkisa. Sun murna hin baabsine yk sodaa Wayyaanee hin qabneen qoratamee dhugaan saa akka beekamu ABOn gaafatee ture. Reeffa nama ulfina dhabsiisee yero yeroon aduutt afuu irra maaf sana tolchee dubbiin saa hin xumuramu? Deebiin saa salphaa dha. Hin Quufnee Baddannooti reefa nama darbee kan baase isuma. Maqaa dhahaman keessaa yeroma sana dubartiin lubbuun jirtu tokkoo naannaa dhuunfaa ABO keessa akka jiirtu himamaa ture. Jarri hafanis maqaa qabu. Yoomi, akkamitt akka manaa dhibaman hin wallaalamu. Abbaa fedhe haa tahuu roorroon ilmoo nama irraan gahame hundi osoo hin adabsiisin darbuu hin qabu.  Dargiin kufee ABOn naannaa Dadar yoo qabatu jiraattoti naannicha kan isaan bulchu akka filatan tolche. Sana keessa namootii Oromo mitiin jaalala qabanii fi dandeett saaniitiin akka kennataman himamee ture. Wayyaaneen ABOma sana kan miira inni hin qabne itt dhoobuu barbaadu.

Waanti Arba Guugguti tahe sukanneessaa ture. Ilmoon Oromoo dhugaa, gocha dabeessaa sana gochuuf aadaanis seerri abbaa Gadaas hin hayyamuuf. Safuu dha. Dillii keessatt bineensa tahuun ni danda’ama garuu boojuu fi kaneen hin hidhannett miti. Naannaan sun bulcha Wayyaanee jala ture. Sun yoo nammi Oromoo dha jedhamuu maqaa itt dhame tahe galtuu mootora Wayyaaneen sosso’u qofa. Maaliifuu Wayyaaneen itt gafatama jalaaa hin bahu.  Namoota hin hidhatinii fi dubaroo fi daa’imman  cafaccafuun dudhaa gita bulchituu Habashaa hundaati. Sanaafi dhumiisii ilmaan Oromoo jaarrraa 19ffaa keessa bakkoota akka Maqadallaa, Aannolee, Asuulee, Caboo, Calanqoo fi biyya Oromoo qixa adda addaatt tahan ragaa galmeen jiru. Oromoo lubbuun jiru, arraba irra ciraniiru, harka isaa ciranii mormatt diruun mandara keessa deemsisaniiru, harma dhala misaa dhiiraa ciranii mukatt fannisaniiru. Shaakala fokkuu akkasiitu Arba Guugguu fi Baddannooti geese.

Egaa Wayyaaneen seera baafatee dhiisee Oromiyaa biyya dhiigi akka galaanaa keessa lola’u gochuun hin oolle. Dhiheenya, sana garagalchuun kanneen gooltuu jedhee ramadeef kennaa jira. Biyyattii “Akeldama” (Matayo 27:3-6 ) gochuuf qophwan jedha. Kan akkas jedhame lafa suphe dhooftu, horii Yeson itt gurgurameen bitame. Akeldaman afaan saaniitiin Oobruu Dhiigaa jechuu dha. Sun horii Yesott daba ooluuf baheen waan bitameef akka sana jedhame. Wayyaaneen Shiree kaasee hanga Gambeelaatt dhiiga roobsaa dhufeef ammas itt jiru nu irraanfachiisuuf gocha ofii jara maqaa tarreessett qabataa jira. Badiisa jedhee hammi inni dhiheeffachuu yaale yoo taheera ta’ellee kan inni godhe kukumkuma keessaa tokkoo hin tahu. Utuu jirma ija kee keessa jiru hin baafatin huuba ija namaatt qubaa hin qabin jedhu beekoti. Wanti Wayyaaneen  Oromoo irratt tolchaa jiru dhiiga lolaasuu qofa miti. Ajjeechaa, hidhaa, guraara, ukkamsaa fi biyyaa baasuun Oromoo fixaa jira. Sadoo qaamoota empayerittii alaa waliin tolchaa jiruun egeree ititaa ummata dhabsiisuuf ta’aa.   

Lafa Oromo dureeyyii addunyaatt gurguratee Tigrayiin ittiin misoomsaa fi daannoo duubbee kan tahuuf ijaarrata jira. Bara abbaa biyyummaa deeffate lafti saa akka dhimma hin baafnett hojjetamaa, summiin achi keessaa bahu laga fi bishaan lafa jalaaa faalaa, hojjetootaa fayyaa hormaataa fi qaama biraa dhabsiisaa jira jedhama.

Wayyaaneen ummataafin dhaabbadhe jedhee meeqa wacabbare. Teessoo tahita erga mijjeeffate garuu ummata irra garagalee bu’aaf dureeyyii gabra gamaatt gurgurate. Gantuun kana caalus hin jiru. Empayerittiinis empayera dhiigaa taateett. ABO, Ginbot 7, ONLF osoo hin tahin gooltuun isaa., kan isaaniin qabatee ummata goolaa jiru. Isatu Akeldama uumaa jira.

Gochi Wayyaanee hanga yoonaa itt jiru isaafis, ummata Tigrayiifis, Afrikaafis hin tolu. Ummati empayerittii ummata Afrikaati. Ballinnii fi dhiphinni saanii walitt hidhataa dha. Kan karaarraa maqeen deebi’i jedhanii gorsuun akka. Waanti yeroo tokkoo ayyaana argadhe jedhanii jireenyi taatota qofti ilaalamee tolchame  yeroo biraa egeree ofii fi ollaa mancaasuu dandaha. Kanaaf utuu hin laalin utalcha hamaaf qophaawuu dhiisuun Wayyaaneef kan yeroon itt dabe miti. Addunyaan sagantaa TV saa kan namoota guraaraman agarsiisu namicha ekeraa soora dhabe fakkaatuun dhihate argee jira. Hedduun saanii yeroo iyyaafataman sana laalaa qabachuu saanii mullata TV sanarra ragaa kan tahu hin jiru. Mullisichi maaliif ture? Gooltuu ummate sana sookkaasisuuf  yoo tahe kufeera. Mormituu seerawoott hogganni Wayyaanee hagam hamaa akka tahe caalaatt agarsiisee jira. Bilisummaa dubbachuu, of ifsuu fi wal waldeessuu nakkara ture. Gara fokkuusaa addunyaatt agarsiisuu barbaade taanaan milkaaweera. Waan halleefuu ollaan tokkoo kaanneen biraa irratt anjaa fudhachuu yaaluun of balleessuu yoo hin taane bu’aa inni fidu kan hundee qabu hin tahu. Hundu wal kabajuun akka ollaa dansaatt araara buusee nagaan jiraachuun bu’aa ofii qofa duukaa bu’uun walitt bu’a dhuma hin qabne caalaa anjaa qaba.

Wayyaaneen maqaa ummata Tigraayiin mataa namarra bahee kan taahe bu’ee ollaa hundaan walqixummaa, bilisummaa fi nagaan jiraachuu qaba. Kanaaf ilmoo nama lafarraa duguuguuf deemsa jalqabe kana akka dhaabu gorfamuun barbaachisaa dha. Kan sodaatee duukaa yaa’u hundi dhugaa itt fakkaatee yoo tahe seenaa kanneen isa duraa ilaaluu qofti ni gahan ture. Kan abaarsa barabaraa malee yaadisaa isa duubatt hafe hin jiru. Oromoon ummata guddaa, jannaa fi gamna yeroon itt bade ture.

Amma garuu hanga biyyi saa walaboomtee ummati saa bilsummaan jiraatutt sadarkaa duubatt hin deebine gaheera. Angafooti Wayyaanee Oromoo gooluuf seera addaa hin barbaadne. Garuu dhiiga saa akka bishaanii lolaasaa bahani. Kan seerri addaa itt bahemmoo isee hafte keessaa cuunfuuf koobaa saa qopheeffateera.

Hatahu malee kan darbe caalaa waan caalaa ittiin dorsisu hin qabu. Akelmeedaa inni jedhus cororsaa badduu baasaa kana. Kan doo’iin “puppetota” Afrikaa kun raawwatu yoomi laata?

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama
Mudde 2011
Ibsaa Guutama miseensa dhaloota saganta ABO isa jalqabaa baasan keessaa tokkoo.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *