0

ABOn diina ofitti damaqsaa jira

Yero ABOn waa falachuu jalqabu farri sochii saa akka alaa itti aggaamamu muxannoon hubatameera. Gocha Oromoo hobbaatii tolaa fidu hunda hankaaksuuf faallaan sochii hammi dandahamu hundi gad dhiifama. Dheheenya waa’een murnooti ABO dhaaba saanii dhinsuu fi jabeesuuf waliti dhufuu hedduu dubbatamaa ture. Osoo hin turin WBOn kibbaa ficiluun himame. Gaaffiin saanii akka ABOn tokkomuu yoo tahu, isaan dhaaba tokkichaaf malee akka hin sarmine labsan. Yeroo dubbiin akka isaan yaadaniti deemuu didu ficiltuu keessaa hangi tokkoo gananii loltuu Tigrayiti harka kennachuun himame. Abba tokkooti kootammi kana keessaa qooda qaban kan seenuun  saanii qabsoo kanati homaa hin dabalani bahuun saanii dhagahame. Diinichaaf garuu beddee hololaa tahani. ABUT Oromoo hundi, kanneen mooraa Itophesoo keessa jiran dabalatee, keessi saanii ABO  tahu ciicata. Kanaafi Oromoo nagaan kumaan hidhaa kan jiranuuf. Kumooti ajjeefamanii, kumooti dirqii biyya baharra kan jiran. Lakkoofsi hin beekamnes biyya keessati buqa’aa jiru.

Miseensoti OPDO Oromoo tahan illee gimgamaa walirra hin cinne itt tolfamaa fi yoo amanamummaan saanii mamsiisaa tahe darbatamaa jiratu. Jecha gantooti giddeesa diinaaf kennan irra, jarri kun dhugaa kana akka hin beekneef annisaan qabsoo walabummaa Oromoo akka hin galleef agarra. Dhimmi qabsoo bilisummaa Oromoo ayyaanaa fi fedha yk kaayyoo ummatichaa malee milkaa’uu fi gufachuu abba tokkootaa, hoggana haa tahanii hordoftoota saanii kan laaluu miti. Abba tokkooti ni dhufuu ni deemu garuu jiruun sabicha bilisoomsuu kutannoo jannoota abboolii Gadaa irra bu’aa dhufanii gaafata. Abeeba qaroo ol dhihoof kana qayyabachuun jabaadha. Surriin osoo hin ta’in garachaan yaadu; kanaaf isa guutuu malee ulfina eegatan hin qabani. Kanneen nafii halagaan hamma mormaati liqimfamanii fi mala xinxala sirnaa saaniin ogoman, akka ummataati walaba dhabuun maal akka tahee  herrega keessa waan hin galchineef hubachuun isaan dhiba. Rakkoo hundaaf muka dhahaa baaquleessaa saanii fudhatanii gadi bahu.

Sochii bilisummaa keessa yeroo hundaa yaa’uu fi dacha’uun waan jiru. Yeroo haalli bilichaatu fuldurati deema, yoo hintolle riphaa yk duubati deebi’a adeema. ABOn waggoolii yartuu darban keessa rakkina qaba ture. Tibba saa kan nama hedduu qore ture. Afanfaajiin biyya fudhate. Tokkoo tokkoo sochii hamaa se’an keessa  oolchuuf koloneeffataa waliin haala duree fudhatanii nagaa buusuullee barbaadanii turan. Kanneen biraammoo uumaama qabsooti malee waanti yaaddessu hin jiru jechuun ejjennoo saanii bu’uuraati cichan.

Sun qabsichi madaallii eegee akka turu tolchuun yeroon saa yoo gahu hundi hariiroo midhaafatanii sochicha waliin dhinsuu fedha agarsiisuuti ka’an. Agarsiisa fedha akkasii ture kan ganaa fi holola farra walabummaa jarjarsiise. Tokkummaan yoo bu’urfame keettoon diinaa bakka itt laboobaa see diriirfatu hin argatu. Kanaaf dhaabicha akka itt caalaati diigan yaaluuti irra ture. Yeroof jara daafana wayiti hin gallee sana qofa argatan.

Kana sammuuti qabachuun, tattaafattuun Oromo hundi wal cinaa bu’uun sochicha luuxxee galtuu fi duubati harkiftuu irra faloo akka baasan ni abdatama. Haala kana hamaa irra oolchuu kan dandahan warraaqxota kaasicha fuldurati dhiibuuf kutatanii fi kaayyoo kumooti itt wareegamaniif dudhama qaban qofa. Qaama alaa dhufeen faalamuun dhiiga fokkuu qabaachuun uumaa addanjiroodhuunfaa fi ambaati.. Waanti si’ana WBO keessati tahe akka waan kanaan dura hin mullannee fi kophaa ta’eeti ilaalamuu hin qabu. Qaama sadoo ballaa walxaxaa kan yeroo dheeraaf harkifataa  jiruu tahuun ni mala. Dammaqanii eeguu kanneen qooda fudhatan hunda barbaada.

Yeroo sirni tokkoo fafatu bakki hin tuqamin hin jiratu. Falli tokkoo sirnicha guutummaati gamagamanii eegalee hin barbaachifne hunda gad darbuu dha. Yeroon saa kan hankaaksituun itt gaddhiifamtu tahuun ni mala. Mallattoo adda addaa ofii kennu; garuu maqaa kaayyoo sabaan kakataa gad bahu. Jarreen kun kan jibba afarsan, dubati harkiftootaa fi keetoo diinaa dabalachuun ni mala. Eenyummaan saanii baramee wanti tahan saaxilamuu qaba. 

Dhaaboti hedduun yoo waanti faalame jiraate qulqulleessuuf yeroo yeroom miseensota saanii ni gamaggamu. Badhaasaa fi adabi isa irrati hundaawa. Bulcha daldalaa fi ambaa keessati gochi akkasii gamaggama hojii jedhama. Dhaaba, fooyyessi sirnaa irra darbe caala kan sun feesisuun hin jiru. Hoodi faloo akkasii itt fufiinsa qabsichaaf waan irra hin darbamne. Kun daboo mitii; dhaaba malbulchaa kan ergama murtaawaa qabu. Hirmati, mirgaa fi dirqammi miseensotaa, mararfatootaa fi deggertootaa walii maqfamee baruumuun barbaachisa dha. Gantootii seenotaa fi amantoota hundaa keessati abaarsaa. Gocha saaniif dhuma gammachiisaa arguuf lubbuu dheeratanii hin beekanii. Firrisanii sochii saanii hankaaksuuf uumaan saani dursee beekamee eenyu akka tahan adda baafachuun akkaa. Walti dhufuu yaaluun, ABOn diina ofiti dammaqsaa jira. Kanaaf utuu hin marfamin sararaa ittisa saa jabeeffachuun irra eegama.


Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; bilisummaa, walqixxummaa fi balchummaan kan lubbuun jiraniif; nagaa fi araarri sabichaa fi Ayyaana abbooliif haa tahu!

Ibsaa Guutama
Mudde 2010
Ibsaa Guutama miseensa dhaloota saganta ABO isa jalqabaa baasan keessaa tokkoo

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *