0

Walgahii Hague Onko 2008 Itt fufaa yaalii harka kennachiisaa

Qabsoon Oromoo yeroon dheerataa deemuun kan kahe hadhaawaa tahaa jira. Duulaagalooti tokkoo tokkoo oso hin wacin ol deebi’aniiru. Kaan kaan ABO karaa ganama lakkisiisanii raawwachiisuuf kallattii addaarra buusuuf carraaqaa jiru. Maalifaan ABOn akka uumamu godhe daba gadadoo jaarraa tokkoo oliif itt fe’amee ture. Kaasaan sun gidiraa lammiitt rogaa haaraa dabalaa jira malee ammayyuu hin buqqaane. Kana irra ilaaluun, kanneenuma isa uuman keessaa, qabsoo Oromooti carraaqi bishaan dabaluu qabsaawota addaan baasuu yoo hin taane hanga yoonaa obbaati biraa hin argamsiifne. ABO bifa Itiyophesitumma kennisiisuuf jaarsummaa, walgahoota fi leenjisa hedduutu biyyoota halagaati gaggeeffaman. Ifaajeen sun xurree qabsoo jijjirsisuuf ammallee tooftaa gegeddara ittuma fufaa jira. Milkaawuuf garuu tooftoti sun fedhaa ormichaan wal hin arganne. Akkasumas humna biyya qabate irra amanamuumma argachuu hin dandeenye.  ABO dadhabsiisuun yeroof dandahameera garuu bilisummaa dura raawwachiisuun waan hin yaadamne taha jira.  

Yaa’icha keessa jaallewwan lakkistuun dhaddhaqii keessaa hinbahamne keessa of galchanii jiru. Amma tooftaa haaraa karoorfataniiru, tooftaa hawasoma malbulchoo, jaarsummaan Oromoo waldhabe furuu. Jaarsi nagaa buusuu fi kan wallole araarsuuf qooda guddaa qaba.

Jarri kaayyoo lakkisan waldhabdee yaadaa qaban furuuf “Shanee Jarsaa” ijaarra jedhu. Yoo annisaan qabsoo keessatt hafe hin jirre lakkisuu walabummaa qabu. Garuu jarri kun jara taraa miti. Ammayyuu qooda ABO keessaa qabaataa turan ilaaluun hedduun akka hoogganoota lammichaa keessaa hanga tokkoo tahanitt fudhatu.

Orma waan argadhaa jedhee eeggatuu jedhanii, ifaan yaada ABOn ittiin deemaa ture akka lagatan labsanii sochicha keessaa of qulquleessuu qabu. Jireenyaa saanii hafte keessatt keessaan laalummaan akkasii amanamummaa fi mararfannoo argamsiisuufii dandaha. Miseensa hooggansaa waan hin taaneef dhabaa kamuu hin iddoosnu jechuun gahaa miti. Warraganoo tahuun wareegama caalaa baasuun gara saaniin gootummaa taha ture. Garuu yaalii malbulchaa hanqina ogummaa qabu yaaluuf kaasaa ijoollummaa saanii itt fixan irraa dheessuun ummata Oromoo qofa huba. Yaa’iin Hague tuuta hidhaatt guursisaa, jaallewwan ajjeesisaa yoo jiru kana, miseensi walgahichaa keessummessa diina saaniin basha’aa jirachuutu hamatama. 

Akka booddana baramett garagarummaan ilaalchaa dhaabicha keessa yeroo dheeraaf ture. Guruu uggee kan ittiin gad bahe hin jiru. ABOn jalqabumaa walitt qaba namoota duubbee adda addaa fi ilaalchaanis adda tahuu dandahanii ture. Garagarummaa sana hundaa qabaataa, dhaaba sagantaa malbulchaa hundaan fudhatame fedha walabaan bu’uurfatan. Sun sagantaa Oromiyaa qabama halagaa jalaa bilisoomsu. Hawwaa fi kaayyoo lammichaa calaqqisa ture. Bulee dhaabichi qaqaawwuuti kahe.  Qaawwaa keessaan yaadaa fi shaakalli hahaaraan luuxuutt kahan. Miseensoti tokkoo tokko sanganticha keessa deebi’uun fedhi saanii akka sirrii fakkaatu gochuuf angota saatiif furaa adda addaa kennuuti kahan. Sanaan ofin bulummaa caalaa “referendum gad jabeesuu eegalan. Kanneen biraaf referendumiin akkaataa murtee lammichaa itt gaafatan. ABOf referendum waan Oromoon moo’ummaa saa ittiin fo’atu, ofiin bulummaa “Eeyyee yk Lakkii?” jedhu.

Lafara harkifamaa fi shira baayyee booda hedduuf yeroon keessa deebi’anii ilaaluu argame. Innis koloneeffataa waliin hidhata tolfatanii hojjechuuf yeroo mijjeeffame. Goftolii koloneeffatoon dhaabicha sirna koloniin walfudhachiisuu hin barbaadne. ABOn hidhaticha keessaa ni tufame. Waa susuphanii ABO jireenya malbulcha Itiyoophiyaati deebisuuf carraaqqiin hawaasa sabgidduun tolfamee ture.

Gara caalu carraaqichi maal jedhamnaaf ture. Caalaan saanii bulcha bucootaa leellisu turani. Akka abbooliin Oromoo jedhaniti dubbiinsaa ABOf sangaa ofii bade fana dhaha, isa hatee qalateen barbaaduu ture.

Yeroo sana hunda ABOn itt galli saa bilisummaa Oromiyaa tahuu labsuu dhaabee hin beeku. Garuu hoogganooti tokkoo tokkoo lafa jala sanaa akka gamsiisaatt fudhatanii bu’aa harcaatuun yoo argame diina waliin dhoofsisuu barbaadu turan. Sun walitt bu’a golgaa duubaa uumaa ture. Bulee waldhabdee ifaatt guddatee qabsaawoti bakka lama, Itiyophessoo fi sabboonotatt hiraman. Diina waloon qabsaawuun ni dhaabbate. Waliin qabuun bakka bu’e. Murni moo’atee bahe garuu hin jiru. Diina lammii malee kan bu’aa argates hin turre. Ifaajjee guddaan Itiyoophesoti mootummaa Itiyoophiyaa waliin araaramuuf tolchan firii hin godhatin hafe. 

Erga jeeqamsichaati Oromoo ala jiru gidduutti atommi ni bade. Hoogansa darbe akka namoota lubbuu saanii biyya ofiitii kennuf hiriiranii hiriyaan filaman osoo hin tahin kan gandaan walguuran jedhamee holalamuuti kahe. Hoggansi haaran tokkoo tokkoo haddheessa jibba irratt hundaawe sanatt caalaa dhimma bahuu yaale malee dubbicha rogaa tahuun irra jirurra buusuu hin feene. . Sun waan Oromoo akka lammiitt salphisuuf tilmaamame fakkaata. Oromoo badii irra jiru yeroof walitt haabu’u malee ummata Oromoo biyyaa, isicha, cunqursaan diinaa, deegi, dhibee fi beelli waxala jiru gargar baasuu hin dandahu. Hireen saa dhiigaa fi lubbuun walitt baqaa waan taheef eenyuu gargar fuudhuu hin dandahu.

Diinni ijoo dadhabduu lammichaa kan quwate fakkaata. Kana mooraa sabboonotaa keessa facaasee daallewwan itt baha saa ilaaluu hin dandeenyeen fudhatamee jira. Eenymmaan miseensa murna tokkoo akka tasaa haa tahuu abbalamee walitt dhufee, dhaaba caccabsuuf maaliif kaasaa taha? Qabsaawoti lammii waan haafa akkasii irra kan qaari’an tahuu hin qaban turanii? Yoo sadarkaan wal oo’isuu gargar tahe malee Oromoo hundi akkuma ilmaan nama hundaa dubbee akaakilummaa qaba. Garagarummaa kana hubatanii hordoftoota saanii gara tolaatt madaqsuun qooda ‘malbulcheesitootaa’ mitii? Moo wacabbara kana hunda duuba waan biraatu jira?

Dudhaa Gadaatt akka boonan himatu, Gadaan gosa hin qabne hin turre. Waan raaganitt ni amanu yoo tahe maaliif waldhabdee furachuuf dhimma itt hin baane? Gosaa fi godinaan ambatt bahanii wal arrabsuu haa tahuu qeeqa diigaa gochuun dubatt hafummaa dha.

Abbaan sun yoo carraa argate ummata isaan addaa maal akka gochuuf jiru agarsiisa. Garagarummaan ummata bilchina qabu qabattee irratt hundaawaa. guddinni kan argamu kan argamu yoo yaada adda addaa walitt rigani. Garaa garummaan sanyii fi gosaan afarsamu garuu ni quummansaa ni facaasas. Kanaaf yoo guddatanii bilchaatan malee haasaa hamaa fi tolaa gargar baafachuun nama dhiba.  

Malbulcheessitooti maqii dudhaan lammiiwwan saanii irratt, biyya aadaan saa adda tahe keessatt dhimma akka hin bahamne gochuuf abbaawummaa qabu. Sana malee tokkummaan lammichaa gaagaa jala jira. Namooti nagaan dudhaan xaxamanii nagaa dhabina, salphinni fi murna keessaa ari’amuun  itt dhagahamee waan seexaa saanii quuqu hojjechuu dirqisiifamuu hin qabani. Sun wareegama saba ofiin halgaaf bu’a buusuu taha.  Kaayyoo keessa deebi’uun bukoo hooggansa si’anaa tokkoo tokkoo saaxilaa jira. Qabsoon Oromoo akka waan qabsoo murna walkeessaatt dhiheessani. Murnooti qabsicha walitt garagalchuun waanti buufatan hin jiru. Garuu yoo waliin diina irratt duulan biyya, bilisummaa, qabeenya fi boona irra buufatan qabu. Kanaafi kan kanneen isaan dura darban wareegama isa dhumaa kan baasan.  

Dogoggorri darban jeeqama fi wal qayyabannoo dhabina si’anaatt geessan. Kan tahe tahee Shanee Gumii caalaa caccabaa dhufe. Toftotii hanga yoonaa dhimma itt bahaman eessaanuu hin geenye. Kanaaf waabeekoon Shanee, fala baasuu biraa ilaaluuti kahan. Garaa saanii keessatt qaxxamurri fudhatan hundi kan gala barbaadamutt geessu se’anii taha. Kan daawwatuu fi xinxalun garuu harka diinaa of buusuutt fudhatame. Daawwii kanaa fi xiinxala kana keessaa, furmaataa fi arrabsoon madduu malan as bahuu dandahu. Amma tooftichi walgahii Haguett isaan geese. Hague dura yaaliin Shanee biyyaan gahuu hedduutu yaalame. Garuu yeroo hundaa gufuu hin yaadaminii fi harkifata gargar baha Shanee fidetu mudataa bahe. Yeroo sana kan murni gubaa “jarsaa” qabu, eebba Wayyaanee kan qabu fakkaatu, Shanee fudhatee galuuf karaa mijjeesuu FAT kan dhufe. Garuu Shaneen akka tokkeetti achi hin turree.

Kan nama dhibu jaaroleen kun namoota akkaataa biyyatiin itt deemaa jirtu hubachuu dandahan turan. Kanneen guyyuu hamaa ummata Oromoo fi dhaabota Oromoo koleneeffataaf jilbbeeffatan irra gahu muuxatan turan. Jaarsi Oromo jilbeenfataniifuu amba keessatt salphifamuun akka hin oolleef arganiiru. Maaliif “ujuu Oromoo” salphina caalaaf afeeruu? Isaan jaarsa dhugaamoo goobanoota laata?

Manguddoon Oromo irra kan eegamu Oromoo salphinaan harka kennisiisuu osoo hin tahin ulfana Oromoof diina dura dhaabbachuu ture.  Gara saaniin garaa qulqullumaa fi dhimmamuun sana tolchine jedhu taha. Garuu bara dhalootaa, barumsa qaban fi muuxannoo saanii irra yoo ilaalamu ayyaan laallatummaan qooda hin qabu jechuun rakoo dha. Sun akka jirutt tahee murni kun mareef duubatt deebi’e. Boodaa haasaa malbucha irra hawaasoma malbulchoott geeddaruun Shanee fi miltoleett haada qabatanii ooluu dandahu jedhan darbatan.

Hagueti manguddooti jedhaman murna Qinijitii fi Wayyaanee ararse keessaa hanga tokko fi miseensota ABO ijaaruuti qooda guddaa qaban sadii dabalatanii akka dhihatan hedama. Itiyophiyaa demokratessina jechuun duubatt dhiibamee manguddoo ijaarree akka araarsan namoota walbadan barbadna jechuu tahe. Ollaan dheedaa fi obaa irratt walitt bu’uun kan jiru. Sanaf furmaatti dudhaa jira, ogeessa alaa hin barbaadani. Kan isaan barbaadan kan halgaan gadi ilaalamuu fi saamamuu irraa bilisa isaan baasani.  Harka halagaa garagarummaa xinnoo gidduu saanii jiru afarsee walitt naqu kan irraa dachaasuu dandahu dhabani. Kan eeggatan kan diina nakkaru malee kan ashkaree karaa qabsoo saanii kurnootaa irraa isaan maqsuu miti.

Hanga bulcha halagaa jala jiruti Oromoon waan ofii barbaadu osoo hin tahin waan abbaan hirree barbaade giddii saati hojjeta. Jarri Hague kan jedhan Oromoon hiree saa akka ofiin murteeffatu gargaarraa osoo hin tahin gabbaarii nagaa akka tahu halagaaf damboobsinaa dha. Oromoon, qabsoo saan tokkummaa saa fi kaayyoo bilisummaa irratt bareechee wal hubatee jira. Gara sanaan walhubanoo saa sadarkaa haaraatt ol kaafna jechuun ofirrummaa fi sadarka ofbariisa saa wallaaluu dha.

Hamma yoonaa Oromoon garaagarummaa qabuun wal dhabee hin beeku. Halagaa biyya saa jiru miidhuuf seenaas angoo saas hin qabu. Tuttuqa halagaan yoo hin tane Oromoon hojii koo jedhee halagaa isa keessa jiruti duulee hin beeku. Oromoon akka lammiti waa’ee bulchaa saa caasachuu kan dubbatu gaafa walaboome. Hammasitt Gadaan hangam Oromiyaa bilisomuu deemtuuf akka dhimma baasu quwachuun qooda sabbonota beekooti. Akka amma jiruti sirna koloneeffataan bulu malee kan barbaadu guddifachuuf mirga hin qabu. Kanaaf tooftaa inni kunis akkuma kanneeneen kanaan duraa fafa qaba.

Yoo mootummaan akka dhiheessan kanatt hojjechuuf walabummaa hanganaa ni kennaaf tahe maaliif kanneen yaada walaba qaban hidhaatt guuramu? Maalii fi golota isa waliin hojjetaniif qooda fudhannaa fi kennata walabaa fi qajeelaa hin hayyamneef? Manguddoon Hague waan addaa maal qabu laata?

‘Malbulcheessitooti’ maaliif muuxannoo irra hin baratan laata? Karaa nagaa akka hin feene wayyaaneen ammas ammas agarsiisee jira. Kan harkatt kufe hunda haddheessa sobaan hidhuuf qophee dha. Barreessaan kun yoo kora nagaaf ABOn ergame jajjabeessa hawaasaa lamgidduu malee miti. Hidhaa irra garuu hin oolchineen. Taatota Hague duuba abbaan fedhe haa jiraatuu Wayyaanee biraa fudhatama hin qabu. Jaaroleen kun akka deebi’anii itt yaaduun daandii duriitt deebi’anii qabsoo fi ulfina ummata saanii baraaran Waaqaa haa kadhannu. Nammi altokko ni du’a; salphinaan du’uun garuu du’a dacha akka Goobanaa Daaccee fi Vidkun Kuwisling Norway bara baraan lubbuun ofii nagaan ciisuu dhabuu taha. 

Kan mootummaa Itiyoophiyaa waliin hojjechuu barbaadu osoo ABO hin tuqin deemuuf walabummaa qaba. Kaayyoo bilisummaa dagaagsuuf kumkumooti waan kakatanii fi carraan akeeka biraa kennuufii hin jiru. Yoo Oromoon fedha bilisoomuu hin dhaabne diinaaf lakkistoota ABO haammachuun bu’aa hin qabuu.  ABOn hin hiramu. Maqichatt dhimma bahuuf yoo hirame tahe tokkomsanii, yoo cabe tahe dhinsanii ittiin deemuu malee filmaati biraa hin jiru.  Walgahiin Hague toftota kaayyoo dabsuuf kanaan dura yaalamaniin adda miti. Kanaaf ni fashala. Qabsoon Oromoo ittuma fufaa.

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan lubbuun jiraniif; nagaa fi araarri Ayyaana abbooliif haa tahu!

Ibsaa Guutama
Sadaasa 2008
Ibsaa Guutama miseensa dhaloota saganta ABO isa jalqabaa baasan keessaa tokkoo.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *