Gidduu kana namooti Ameerikaa haadholiif yoo kennaa bitan, kardii erganii fi dubarti karaa dabarte hundaan “Happy Mothers’ Day” jedhan muldhatu. Guyyaa haadholiin kennaa saanii banuu fi akka itt tolett ayyaaneffachuuf dharraan eegatani. Guyyichi Eebla 11 oola. Jala bultiin saa garuu erga o’uutti kahee bubbulee jira. Sun maal nu qaabachiisa laata?
Dur ji’i Eebla ji’a dubartiin Oromo Ateetee haadholii saanii itt bulfatan yk facafatan ture. Erga biyyi sanii halagaan qabamuun burjaajoftee wanti halle gargar bahaa dhufe. Amantee halagaatu weerareen. Haa tahu malee halagan isaan qabate ji’a Ateetee akka kan ofiitti “Ginboot Lidata” jedhe dhibaafachuu fi Ateetees Maariyaamiin bakka buusuuf yaalutt kahe. Sun sirni saa Wadaja abboolii Oromoo, Ateetee fi tolcha harkaatt amanuun kan walmakate fakkaata. Shakalli saaniis amantee dudhaan ala waqtokkummaa kan bahe. Ateeteen Ayyaana aadaa kan Waaqa tokkichaaf hooqubaa itt galchan.
Oromoon sana biyyatt dhiisanii badiin biyya halagaa jiraatan waanti Ateetee isaan yaadachisu mataan bahee eege. Innis “Mothers’ Day” jedhani ji’uma kana kan ulfeefatani. Nama qorateef ji’i Eeblaa, addunyaan Oromoo, Oromoon durii addunyaa irratt dhiibba qabu agarsiisuu dandaha.
Ateeteen ayyana dubartiiti. Malattoon see callee dha. Calleen dubartii tokkoo nitii ilma angafaatti darbaa dhufe. Dhabduun kan itt dabarsitu hin qabdu. Kanaaf dubartii ilma deessu shan ililchamaaf. Callee haadhaa kan dabarsutu dhalate jechuu dha. Kanaaf dubartiin akka ilmoo godhatu Waaqaa kadhatti. Ilmoon dhiiraa qeyee warra dhalootaa dhalootatt dabarsuuf haa filatamu malee, ilmoo kamuu dhabduu dhabarraa oolchuun itt gammadama.
Ateeteen Ayyaana hormaati. Kan kadhatamu taadhomaa fi fayyaa dha. yoo Ateeteen geessu haadha ofiitu itt yaadatama. Ijoollee hundi waan haadhi itt facaafatu fiduuf, firris ollaanis. Dhangaa guddaatu qophaawa. Bulbulaa fi bordeetu (buqurii) dhugama. Qeeyeen warra Ateetee facaafatuu o’ee oola. Ateeteen tibba tokkoo keessa malee guyyaa murteeffame hin qabu. Garuu Facaasaa fi Arbiin kan leellifamu fakkaata.
Barreessan kun bara fi naannaa ayyaanni Ateetee itt lafe keessatt guddate. Ateetee jedhanii namooti magaalaa kan facaafatan garri caalan jara halagaa dhugeeffannoo Kiristinaa hordofani. Isaan Ateetee ayyanni irraan bu’u qabu. Isaan ni fagu, qalbii dhabanii qilleensaan haasawu. Ateeteen dubartii Oromoo sana hin qabu. Dubartiin walitt yaatee ni dalagdi. Ayyaanni irra hin bu’u. Weedduu galata Ateetiyyoo fi faarsaa deessuutu weeddifama. Dhabduunis akka argatu maganama. Ateeteen mararfannoon “Ateetiyyoo fi Ayyolee” jedhamaa oolti. Guyyaa kolfaa fi gammachuuti.
Biyya keessa jirru keessatti yeroo isaan “Ayyaana Haadhaa” ulfeessuun haadha saaniif kennaa fi dhaamsa gammachuu dhaamaniif nutis Ateetee haadholii Oromoo, facaafannaa saanii fi Callee saanii haa yaadannu.
Waa’ee Ateetee irratt barreessaan kun qormaata tolche hin qabu. Beekumsi saas daangahamaa dha. Kanaaf beekoti guyyaan Ateetee akkamitti akka ulfeeffamu, iseen facaafattu maal akka gootuu fi jettu, maatii fi abbaan warra akkasumas ollaan akkamitt akka simatu osoo nu barsiisanii of baruuf nu gargaara. Dhalooti ittaanu kan ittiin boonuu filmaata ofii qabaata. Kan dubartii Ateetee, kan dhiiraa Wadaaja akka jedhamu dhageenya. Hunda osoo wal barsiifnee waan ittiin boonnutt dabalanna. Osoo qabnuu dhabduu akka hin taane nu gargaara. Marraaga saa bu’uuraa baruun waan akka ormaatt dhabne tokkoo tokkoo nutt agarsiisa taha.
Ji’i atteetee dubaroo Oromoo hundaaf kan fayyaa, nagaa fi gammachuu, akkasumas Ayyaana haadholii darbaniif kan araaraa haa tahu. Haadholii darban ulfinaan yaadachuu fi kanneen egeree keenya mirkaneessan jajjabeessuuf Ateetee saanii yaadachuun itt haa fufu. Oromtittii ammayyaa irra gara sanatt hedduutu eegama.
Ateeteen haadholii milkiin haa baatu!
Ibsaa Guutama
Eebla 2008