0

Mirga Ormaa, mirga abbaa, demokrasii fi hiree ofii ofiin murteeffacha akka ilaalcha Oromoott

Korri Idlee …kana labsa, …
1. Ormoota hacuuccaa, gadi qaba fi bolqama halagaa jala galchuun hamma mirga bu’uuraa ilmoo nama haaluun faallaa Chartara Saboota Tokkomanii (ST) tahee nagaa fi gamtaa addunyaa gabbisuutt gufuu taha.  

2. Ormooti hundi mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu qabu; eebba mirga sanaatiin sadarkaa malbulchaa saanii walabummaan murteessuu fi walabummaan misa diinagdee, hawaasomaa fi aadaa hordofu dandahu (Murti ST  1514 (XV) 
Korri Idilee, … qabsoon ormoota kolonummaa fi hacuuccaa halagaa jala jiraatanii mirga hiree ofii ofiin murteeffachuun beekameef mirga sana karaa dandahan hundaan deeffachuuf waan argatan hundatt dhimma bahuu akka dandahan mirkaneessa; (Murti ST 2649 fi )

Korri Idilee, … Gumeessawaan beekamuun mirga ormoota hundaa, hiree ofii ofiin murteeffachuu kanneen hacuuccaa kolonummaa, faranjii fi halagaa jala jiran dabalatee mirgoota akkasiif haala bu’uuraa iggitii amansiisaafi eegumsaa mirgoota ilmoo nama jabeessaa fi dhaadhessaa akka tahe mirkaneessa; (UN Resolution 43/105 Mudde 8, 1988)

Ormooti hundi mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu qabu; eebba mirga sanaatiin sadarkaa malbulchaa saanii walabummaan murteessuu fi walabummaan misa diinagdee, hawaasomaa fi aadaa hordofu dandahu (14 Mudde 1960; Angoo 1.1, The International Covenant on Civil and Political Rights, 1966 )

Buusaan kanaa olii Chartera ST angoo 1.2 kan akka itt haanu dubbifamu irratt hundaawan: Dhimmi Finnoota Tokkoomanii …ulfeessa akeeka mirga walqixxoomaa fi hiree ofii ofiin murteeffachuu irratt bu’uurfamuun saboota gidduutti  hariiroo michoomaa misoomsuu fi tarkaanfii akkaa kan nagaa gumeessawa jabeessu fudhachuu dha

Irraan laala 
Mirga Ormootaa, mirga abbaa, bulcha demokrasawaa fi mirga hiree ofii ofiin murteeffachuun xexxeboota Habashooti taphaaf malee itt bahi saanii gonka itt hin tolle. Yeroo amma rimsamooti kun keessa deebi’amanii danaa itt baasuun, maaljecheessiisun, gabaa Habashaa fi hawaasa addunyaatt gurgurachuuf warshaa gurguddoo Habashaa keessatt dhandhoonamaa jiru. Jalqabumaa himamuu kan qabu, Oromoon “mirga murnaa” kan isaan jedhan gaafataa akka hinjirre, garuu ofiin bulummaa ormaa akka tahe. Kun empayera jiga irra oolchuuf tarsiimoo qabanitt karaa geessu haxaawuuf tooftaa haaraa dumbulfataa jirani.  

Akka abba tokkeett Oromoon lommoxoo fi surra qabeessoo dha. Qaroo fi hojii irratt harka o’oo dha. Kan isaan arraba sanyeesstuu senanii fi kan itt roorrifamu, dhaaba qaamaaf osoo hin tahin madda sabummaa saaniifii. Namoota saa gidduutt ajjechaan heddummaannaan mootichi labsa “nama hin ajjeesinaa Gaallaallee (Oromoollee) yoo tahe” jedhee labse. Namooti saa Oromoo nama jedhanii fudhachu ciicataaf “Gaallaa illee yoo tahe” xexxeba jedhu labsa saatt dabale jechuu dha. Kun ilaalcha bu’uuraa koloneeffataa tahee utuu jiruu qabattee bu’uuraa mirgoota hiree murteeffannoo achi gatanii amma Oromoon akka dhiheessa saaniitt, mirgaa fi demokraasii dagachiisaa, akka fudhatu fedhu.

Yeroo koloneeffamanii eegalanii, Oromoon waa’ee miiddhaa saanii kanneen barbaachisan hundaf iyya dabarsaa bahani. Bara 1974 qabiyyee lafaa waan ilaalu irratt jeeqammi guddaan hawaasa Oromoo keessatt dhalatee ture. Diddaa dingataawaa tahan golee golee muldhachuun sirna kolonummaa baaragsan. Seena warraaqsa ture. Yero sana kan murni loltuu fira  hacuucamootaa fakkaatee empayera baraaruuf dhufe. Si’a warraaqsichaa qabbaneessuuf looltuun sun sirna abbaa gonfoo isinii finqilche jedhe; mirga tokkoo tokkoos sabaa fi sabummaa empayera keessaa jiraniif beekuutt kahe. Empayerichi waan  miiddhaa gahaa qaata argateef yoo taabota afurtamii arfaniif wareeganillee kan darbee deebisuun harma jige.

Dur Oromoo namummaa baasanii salphisuuf hedduutu koloneeffataan tolfame. Kumkumooti ni carabaman, kumooti garbummaatt gurguramanii kan hafan looltuu fi waajjirbulchii koloneeffataaf daakuu daaksifaman, horii fe’iisaaf okaa hamsifaman, karaa fi dallaa ijaarsifaman, mooraa saanii qarree gaararra jiruuf bishaan dakaa ol guuruu dirqisiifaman. Hedduunis akka horii fe’iisaatt duula saanii walirraa hin citneef ba’aan itt fe’ame. Hoogganooti saanii lafarraa haxawaman, kan lubbuun hafan yoo jiraatanis hidhaa gaara Habashaatt akka lamuu biyya saaniitt hin deebinett hidhaman. Afaan, aadaa fi dudhaan saanii ni hacuucaman. Qacce dhabsiis waliigalaa kan lubbuu, aadaa fi dudhaa barbadeesse ture. Sochiin Oromoo jaarraa tokkoof quummanee diddaa dingataawaa fi faffaca’aa suuqa suuqaatt dangahamee kan hafe kanaafi. Tuffii fi ofirrummaan dhaloota Habashaa si’anaa seenaa rorroo sana keessaa madde.   

Oromoon waabarachuu irratt shaffisoo dha. Mootichi addunyaa shaffisaan misaa ture keessatt qondaalota saa jujuu qofaan sirna bulcha kolonii gaggeessuu hin dandeenye. Kanaafi kan isaan kolonota keessa nama yartuuf balbala waabarii saanii banuu kan eegalan. Sun Oromoof foddaa gad itt ilaalu saaqeef. Barumsa waaggota yartuu booda hang tokkoo sirnicha keessatt madaqfaman. Isaan keessaa hedduun lolataa  fi bulcha noolaa keessatt sadarkaa olhaanaatt guddatanii turan. Hedduun saanii yoo Habashooman, baayyee yartuun namoota saaniitt maxxananii hafan. Isaaniif kan sirni kolonii qaqaawwutt ka’ee guyyuu guyyuun iyyaatiin qubaa gooftolii kolonii gidduun osoo hin fedhamin gadgaloof coccobuu eegale. Sun dammaqina Oromoo fi uumama sochii hawaasomaa fi malbulchaatt geese.

Kallachi qabsoo Oromoo Addi Bilisummaa Oromoo (ABOn) sochoota sana keessaa dhalatee sagantaa saa malbulchaa 1974 keessa labse. Isa keessatt akka kaayyoo ormichaa, didhaa sabicha manii injjifannoott geessu masaku, akka sararaa dhumaan gahu kakate. Sanaafis Oromoon kumootaan dhiiga saanii lolaasan. Kanaafi kan qabsicha hanga injifannoott dhaabbuun kan hin dadahamne.

Ergasii erbala meeqatu dhihaate, maree gaggeeffame, iyyaafanno tahe, ejjennootu labsame, duula malbeekii fi diliitu bu’e. Hatahu malee Habashootaa fi kanneen Oromoo irra akka digaluutt jiraatan barbaachisummaan waan itt himamuu galaafii hin jiru. Oromiyaan Itiyoophiyaa miti, kolonii Itiyoophiyaati. Raayyaa hanga Mooyyaalee, Begii hanga Jaarsoott biyya tokkoo kan koloneeffataan fafaawe. Suuqi tokkoo tokkoo kan namoota abbaa biyyaa tahanii daangaa ofii qaban Oromiyaa keessa jiru. Akkuma biyya addunyaa kamiiyyuu hojjetanii jiraachuuf Oromiyaa alaa kan dhufan jiru. Kana  malees hambaan warana koloneeffataa durii fi kan bara si’anaa biyya irra buufatee jiruus ni argama.

Ollooti Oromiyaa yeroo Oromoon walitt ilaalaman lakkofsa dilormaa yartuu qabu. Baayyeen saanii kaasaa Oromoo kan saaniin tokkoo akka tahe garaa dhaa itt dhagahama. Karaa biraammoo gurgurdoo saanii yaroon akkuma kanneen Oromiyaa keessaas koloneeffataa kalchanii bilisummaa Oromoo fi kan saba saaniin morman jiru. Kanneen cunqursaa kalchan keessaa Oromootu heddummata. Cunqurfamoota keessaas Oromoon wayyaba. Oromiyaa walabi diinni waloo kun kalchituu akka hin arganne tolchuu dandaha. Kanaa fi furamaa fi walabummaan hundaaf taha. Oromiyaa bilisomsuu jechuun dilormaa fi lafa godinichaa wayyabaa bilisomsuu jechuu dha. Kanaaf ofiin bulummaa Oromoo bilisummaa fi tasgabii godina walii galaaf iggitii taha kan jedhamu.

Mootummaa dhufee darbu waliin hammeenyi bulchoota Habashaa itt caalaa deema. Yoo gaaga’amooti waliin dhaabbachuu baatan hacuuccaa fi ajjeechaan shaffisaa guddaa fi haxxummaan kanaan duraa caaluun dhaloota koloneeffataa haaraan itt fufuu dandaha. Namooti kibbaa, Oromoo dabalatee sadarkaa jireenya nambiyyaa lammaffaatt gad buhanii jiraataa bahani. Yartuun dantaa orma saanii bulchitootatt gurguruun bu’aa argataa jiru. Galtooti kun ammayyuu koloneeffataa waliin sadanii waan harcaatu funaannachuuf haalli akka turett akka itt fufu barbaadu. Oromiyaan biyya dhugeeffannoo hedduuti. Oromoon akka sabaatt haa bultu dubbiin jedha malee dubbiin hin dhisuu. Garuu Habashaa fi galtooti garee “lola aadootaa” gaggeeffamaa jiru keessatt Humnoota Lixa naasisuun Oromoon akka garee Addunyaa Islaamaatt ramaduu barbaadu. Ofumaa dhama’u malee qabsoo seerawaa saanii irra sun isaan hin deebisu.

Waaqeffataa, Musleman fi Kiristanni harka wal qabatanii gara bilisummaatt ni joga’uu.  Oromoon jireenya goolamaa jiraata. Goolii irratt kan duuluu dantaa eenyuyyuu fiixa baasuuf osoo hin tahin ofii jedheetu. Kanaaf Oromoon balleessaa ofii golguuf osoo hin tahin, akka sabaatt badiirraa ooluuf lolattuu farra goolii hundaaf tumsaa uumaatii.

Waa’ee Oromiyaa waan hamaa hamaa jechuun orma ballaas sodaachisuu barbaadu. Oromiyaa fi finnooti kibbaa, kolonoma dura bara hedduu kaasanii walirratt hirkataa dhufani. Ammas yoo tahe Oromiyaa bilisi kibbaaf bilisummaa qofa fida. Akka waliin kufan waliin ka’uuf tattaafachuu qabu; Homtuu hariiroo sirinyaa kana jeequu hin qabu. Muki sodaachisaa tokkoo gargaarsa angoti guddoon koloneeffataa kennani. Garuu qabsichi cunqursaa fi cunqurfamaa naannaa gidduu waan taheef rogaasaan Angoti Gurguddoon mirgoota Ormaa fi mirga ilmoo nama fi walabummaa abba abbaa dura dhaabbataniif hin jiru. Qabsichi Oromiyaa bilisoomsanii nagaan bulcha seeraa  fi nafii demokraasii jala jiraachuu dha. Nammi tokkoo hanga laalaan itt dhagahametti fi bilisa tahuuf kutannoo qabutt, dagaagaa hagamii keessaa maddullee, bulchaa goolii jala sababii hin dhaabbanneef hin jiru.

Oromoon namooma ni jaallatu. Olloota saaniitiin akka gara laafotaatt beekamu. Ilmaan halagaa rakkina jala jiruullee sanyii fi dhugeeffannoo osoo hin laalin akka guddisan beekamaa dha. Kanaaf nageenyi kanneen maqaa gaariin Oromiyaa keessa jiratanii mamsiisaa tahuu hin dandahu. Oromiyaan qabeenya riphaa olloota gaariif hojii kennisiisu qabdi. Oromoon akka koloneeffataa kan takkaa bulcha diktaatoraa ala hin beeknee, osoo hin tahin bara walaba ture sirna demokraataawaaf walqixxoomaa beekamaa qaba ture. Ammallee sun haala Oromoo amma irratt ni muldhata. Oromiyaa keessa kan jiraatan hundi sirna kolonummaa du’aa jiruuf gadooduu dhiisanii Oromoo waliin Oromiyaa walabaa fi demokraatoftuuf yoo qabsaawan wayya. Koloneeffataan yeellaasifamee tuqaan wal dhabdee maal akka tahe gad bu’ee baruu qaba. Yeros qofa, kan hunduu waliin akka ollaa gaarii ormi saanii bara baraan wal cinaa jiraachuuf deemuutt, rakkina fula dura saanii jiru tokkummaan furuu kan dandahan.  

Ilaalcha Oromoo
Oromiyaan kolonummaa bahuu fi empayerri diigamuun kan yeroon itt darbe tahuu Oromoon ni amana. Empayerri hundi akkasumatt waan baqaniif kan Itiyoophiyaa adda hin tahu. Sadoon kamuu geengoo seenaa konkolaachuutt kahee dhaabu hin dandahu. Oromoon yoo ilaa fi ilaamee halagaa waliin gaggeesse kana salphaatt akka fiixaan baafatu irratt tahuu qaba. Mareen biraa Itiyoophyaanota gidduutt gaggeeffamu keessatt qooda fudhachuun hafee Oromoon mataa nagaa qabu akka hoduutt illee dhagahuu hin fedhu. Mareen saanii naannaa qabeenya Oromiyaa fi humna namaa rakasa itt bolqan irratt malee akka itt nagaa Oromoo waliin busan miti.

Ejjennoo saanii raggaasuuf waa’ee uumaa finnaa empayera Itiyoophiyaa soba hoomishanii orma saanii garraamichaa fi hawaasa addunyaa sooruu yaalu. Galtuu akka Impayera Fransaa keessatt “évolué” jedhama turanii galmeeffachuun jaarmaan keenya sabhedduu dha jechuu yaalu. Kun qaama gowwoomsaa saba saanii fi addunyaa qopheessaniiti malee dhugaan saa hundu Itiyoophiyaa qulqulluu (“nitsuhi Ityoophyaawii”) fi habashaawota. 
Ormi baldhaan Habashaa waggoota hedduuf soba kanneen isa bulchaniin guutamaa dhufe. Dhugaa waan isaan itt himanii gaafatanii hin beekan, akkuma dhugeeffannoott hordofaa bahan. Kanaaf waa’een madda saanii, gocha saanii, ergama saanii, dhugeeffannoo saanii, seenaa saanii kkf gaafii kaasanii hin beekan. Ammallee bara teknoolojii iyyaatii kana akka empayerri Itiyoophiyaa baraabaree tahe amansiisuuf yaalaa jiru. Gaaffiin tokkoo tokkoo “qinyi gizatii” saanii irra walaba tahuu dhiheessan hamaa maltuu Wayyaaneen ijaarsa baraabaree kana diiguuf tolfamaa jiru jedhu. Soba ofii hoomishan dhugeeffachuutt waan ka’aniif waan isaan balleesuu dandahu duubaan jiru arguu hin dandeenye.

Xurree yaada saanii dullacha kana hordofuun gurguddoon Habashaa, qaata waa’ee gaaffii Oromoo kumkumooti itt dhuman achi dhiibanii waa’ee mirga murnaa fi abba tokkee dubbachuutt kahani. Murni akka beeknutt waan akka tuuta dhugeeffannoo, saalaa, hiriyaa, mandiisota, fedhaa addaa, kkf. Duubatt harkifattuun kun saba tokkoo akka waan murna sirna saanii keessaa tokkootti ilaaluu barbaaddi. Sabi akka Oromoo murna sana hunda akka of keessaa qabu ilaaluu hin barbaadani. Of akka halle dhuunfataatt waan fudhataniif ofiinjiroo biraa, kan isaan dhahatan kan dhahatu, jiraachuun barbaachisaa tahee itt hin muldhatu. Mirgi kamuu mirkaneeffamuuf dura Tigreen aboo irra maqsamuu qaba jedhu. Tigree fi Amaara gidduutti dorgommeen angoof tolfamu akka dorgommee sirna tokkoo jalatt gola malbulchaa lama gidduutt tolfamuuti. Sabgidduuf jedhanii akka hunda haammataatt mulchuu barbaadu, dhugaan saa garuu Gaanfa keessa kan nama ciigahu akka saanii hin jiru. Oromoon akka orma tokkoott hidhata saanii tahee hin beeku, gaafa sun tahe kan dhumatuuf isaanitt fakkaata.

Geedarammii mootummaa gaaffii Oromoo hin deebisu. Dhaaba Oromootii gaaffii kan deebisu mootummaa taahitaa empayerittii irra jiru.  Barcuma angoo Habashaaf Oromoon hin dorgomu, ofiin bulummaa irra gaafata malee. Kan hubatee ilaaleef, miseensoti gita kufee haajjisa tahan kun, dhaloota bara iyyaatii osoo hin tahin abbooliin Nafxanyaa Minilik kan deebi’anii dhalatan fakkaata. Oromoof Amaarris Tigreenis angoo haa qabatanii empayerri gilgila tahee hanga hafett garagarummaa hin qabanuufi. 

Rakkoolee gurguddaa empayeritt hubachuutt, mootummaan amma angoo irra jiru kan darban hunda caalaa beekaa dha. Hariiroo kolonotaa fi finnaa empayerichaa gidduu jiru beekee jira. Qayyabanno sana irratt of bu’urseetu kan seerota hoomishuun ofiin bulummaa kolonootaa hin oolleef ragaa hin taane walitt qabu irra mesharkaa hacuuccaa hunda Oromiyaa shaffisaan saamu gargaaran tolfate. Sana qofa osoo hin tahin, dhaaltuun gita kufee akka isaan wilitt hin taane hubatee, bolqa irratt qooda hin fudhachiifne. Kanaaf hanga guyyaa hunduu biyya Habashaatt waliin dacha’uuf dirqisiifamanitt kophaa fiiguu filate. Garuu akka gooticha saa Yohaannis IV daangaa biyya toohatu irra qaari’ee ollaatt lola banaa jira, inni si’anaa Somaliyaa dhaa. Carraan gooticha saa yoo irra gahe ammas akkuma yerosi Amaarri tahita deeffachuuf ayyaana argataa laata?

Umaa seenaa fi mirkaniin ittiin jiraatee mootummaan amma jiru kan itt jiru caalaa waan addaa tolchuu hin dandahu. Gaaffii demokraatawaaf furmaata kennuun dandeettii saa ala. Haa tahu malee hanqina saa kana hubachuun, yeroof ilaacha hamaa biyya keessaa fi sabgidduu gara dabarsuu jedhee tooftaa yayyabate jira. Sana waan tolcheef Oromoo akka hin beekamnett hidhuu, butuu, fi mankaraasuu irra hin dhaabbanne. Miseensoti gita kufee fi kalchituun saanii, seena duriif qaabannoo mararaa qabu. Kana irraan kan ka’e mirga Oromoon hiree ofii ofiin murteeffachuuf qabu beekuufii hin fedhani. Angoon 39, Wayyaaneen dubbii qabaneessuuf heera saatt galchellee akka rifachiisuun hin dhoksani. Isa keessatt badii malee eebba hin argan. Waanti orma dagachiisuuf tolfaman hunda haquu fedhu. Bulchi fakmishoo mootii moototaa irratt hundaawe humnaan deebi’ee dhaabbachuu qaba jedhu. Hanga orma kaan ofitt bulchuu dandeenyett angoon seeraa ofiin bulummaa dubbatu jiraachuun barbaachisaa akka hin taane orma saaniitt himu.

Adeemsa qabsoo Oromoo keessatt qabatteeleen mirga Ormaa, mirga abba abbaa, demokrasii fi hiree ofii ofiin murteeffachuu warraaqxota Oromoo gidduutti kahanii furmaati itt tolfamee jira. Sanneen yaa’a sochii bilisummaa Oromoo keessatt eegaloota gurguddaa mare Oromoo turani.  Sagantaan malbulchaa ABO kan tolfame erga hunduu hariiroo isaan gidduu jiru hubatee booda. Osoo lubbuu saanii sabaaf wareeguu hin bahin qabsaawoti sadarkaa hundaa qabatteelee kana irratt qayyabannoo waloo uummatanii turanii. Mareen walfakaataan moora Habashaa keessattis gaggeeffamaa turani; isaan garuu olhantummaa deebisanii dhaabuu malee furmaati biraa itt hin mullanne. Bakka Oromo of dhaabanii dubbii xinxaluu irra, ilaacha qajeelaa karaa irra maqsan darbachuun, rimsama mirga abba tokkee fi mirga ormaa irra jiru waliin dhahanii amba waliigalaa dogoggorsuu yaalu. Kan as irratt soba buusisaa jirru sana.

Oromoon saboota ta’iisa “Walharkatt qaba Afrikaa” jedhamuun gaagahaman keessaa akka tokkootti of ilaala. Isaan dura sirna malbulchaa koloneeffataa irra adda tahe qaba ture. Sirna democraasii kan akeeka Gadaan gabbifame ture. Akka orma addaanjiroo fi akka kolonii Habashaatt gaaffiin isaan bilisummaaf dhiheeffatan seerawaa dha. Qaammi addunyaa akka kolonooti hundi bilisaawan labseera. Daangaan Habashaa fi Oromiyaa addaan jiru. Kan empayericha ijaare, Minilik illee “ Mootii mootota Itiyoophiyaa fi Biyyoota Gaallaa” ofiin jedha ture. Isaan gara duubaa kana, kan nu gaddhiisaa jedhaa jiran. Yoo seerri sabgidduu, bilisummaa Oromiyaa golguuf gahaa tahuu baatullee bowwaa jiru guutuun warraaqxota Oromoo irra eegama.

Habashaan bifa gogaa fi dhiheenya biyya saatiin qabatee koloneeffamoon orma tokkoo of fakkeessee fudhatamuuf yaalaa jira. Deggertooti saas gaaffii Oromiyaa ofiin bulummaaf qabdu akka hin dhaggeeffanne gurra qabataa jiru. Hanga hamaa koloneeffataa irratt hin uumnett akka jirutt itt fufuu saa filatu. Hawaasi Oromoo naga jaallataa fi walqixxoomaan jiraataa dha. Haleellaa qixawaatt dhimma bahuuf dantaa dhabuun saa, akka waan fedhee garbummaa fudhateett jalaa fudhatame.  Garuu Oromoon gonkumaa fedhaan bulcha Habashaa jala galee hin beeku.

Koloneeffatoon murna bucuu keessaa kan bahanii fi angoo dhabuu akka dhuma jireenyatt kan fudhatani. Namoota kolonii saanii kan akka qabeenyaatt ilaalan hafee kan saaniiyyuu seenaa saanii keessatt gonka akka walqixxeett fudhatanii hin beekanii. Haa tahu malee ormi saanii hanga tokkoo yeroo kolonummaa irra bu’aa argatu jarri kaan waan halle dhabani. Jireenya waatattaa qottuu Habashaa fi kanneen biro walbira qabanii ilaaluun waliqixxee dha jechuun, hololli oftuulummaa saanii, olhaantummaa ayyaamquwii isa jalqabaatii argamsiise irraanfachuu dha. Hiyyummii biyya Haadha saanii keessa jiru bilisummaa Oromiyaa rarraasuuf sababa tahuu hin qabu. Oromiyaan kan hoomishte caalaa baste jirti. Abbooti waraanaa jalqabaa kan saammatan biyaa alaa tuuluu fi qananii alaatt bashannanuu mannaa osoo biyya saanii misoomsanii ni dandahu turani. Akka amma TPLF kurnoo lama keessatt Tigrayiin misoomsaa jiru ilaaluun hinaafuun gatii hin qabu, Tigree tuffatan caalaa yeroo qabu turani.

Carraan rakkina Oromoo itt salphisuu dandahan hedduu irra ilaaluun darbamani. Jalqabaaf rakkina malbulchaa waggaa hedduu tasgabii godinaa dorsisaa bahe furuuf Oromoon bara 1991 humnoota Habashaa waliin furmaata akka barbaaduu dhibbaan irratt tolfame. Chartarri Cehumsaa empayericha koloneffatummaa irra baasee orma koloneeffatameef bilisummaa saanii deebisee dhaabuuf akka dhooftuutt gargaaruu dandaha ture. Isaan wal amanteen uumamee sabootii fi sabummaa hedduun, carraa feedhiin ofiin bulumaa fi tokkummaa malbulchaa akka tokkoo gidduu filachuu dandahu turani.

Garuu abbaa hirrooti Habashaa angoo empayeritt gaddhiisuuf fedha akka hin qabnee fi Oromiyaa ofitt akka hin dhiisne yeroo shakala cehumsaa 1991/92 agarsiisanii jiru. Sun akka hariiroo isaan waliin tolfamu keessaa yoomiyyuu furmaati demokraatawaa tahe bahuu hin dandeenye barnoota hin irraanfatamne dhiisee darbe. Kanneen seenaa irra waa hin baranne qofa kan Habashaan fedhaan ni demokraatawa jedhanii eeggatan. Akka sabaatti amantee demokraasii irraa qabatanii hin beekani. Tigraawwayiif kun carraa angoo irra turuu isa dhumaati. Dimookraasiif bucuu tahanii hafuu. Yoo karaa biraa barbaadatu tahe malee biyya Habashaattis maaddhaa dha. Sanaaf Oromiyaan gidiraa arguu kan qabdu.

Furmaati tokkichi Oromoon qabu waan argate hundaan qabsoo saa finiisuu dha. Qabsoon akka sii kan hin barbaachifne gochuuf mootummaan amma heera saa keessatt “mirga sabaawaa hiree ofii ofiin murteeffachuu” fudhatee jira. Garuu sun qooqa konkaa dha. Bilisaa baana jedhanii yaadu jedhamanii namooti kurkurfamaa fi ajjeefamaa jiru. Kan cafatanii bahan hafee goolooti Itiyoophessitooti illee kophaatt hin dhiifamne. Haala ukkaamsaa akkasii jalatt nagaan ofiin bulummaaf qabsaawuun waan hin fakkaanne. Shororkaan kanneen angoo irra jiran maddisiisan, gaaga’amtooti akka fincilanii, mala isaan dhimma itti bahaniin ofirraa faccisan dirqisiisaa jira.   

Karaa biraa Amaarri waacaan yaadannoo bara mooti mototaaf qabu hiree ofii ofiin murteeffachuu akka yaalii maltuu qolqullummaa Itiyoophiyaa gadi qabuuf dhufeett fudhatu. Habashaa malee empayera sana keessatt sabi biraa jiraachuu hin fudhatani. Kan hafan hunduu murna gosaati. Sona amma jiruun fedaralismii gosaa, godinaa gosa irratt hundaawe jedhu. Qabee Itiyoophiyaa keessatt “gosa” jechuun maal jechuu akka tahe beekuun saanii mamisiisaa dha. Gosi qooqa Oromoo Habashaan waan wal gitu hin qabneefi. Jarri kun kanneen mallatoo imperial kan ajjeechaa Oromoo irratt qabatama turanii fi namoota dhumiisa sana hoogganan afarsanii. Mallattoota haa tahanii hoogganooti sun kanneen haala badaa sana isaan qayyabachiisan waan taheef Oromoon yaadachuu hin fedhani. Mallattoota akkasii fi hoogganoota sana faarsuun waraana deebisanii labsuu fi bowwaa isaan gidduu jiru ballisuu yaaluutt fudhatama.

Oromoof heerri Itiyoophiyaa seera koloneeffataa keessaa tokkoo. Akka sabaatt tolchuu saa irratt hin afeeramne. Dhaaboti Oromoo seerawoon akka ABOllee, akka dhiibbaa irratt hin qabaanne dursanii darbatamanii. Kanaaf gaaffiin Oromoo isa irratt osoo hin tahin mirga saanii dhalootaa fi seera sabgidduu irratt hundeeffama. Gaaffii fottoquus miti. Fedhaan gara finnaa Habashaa tahanii hin beekani. Humnaan qabamanii, kan seera Habashaa ulfeessanis jaallatanii osoo hin tahin waan afaan qawwee duuba jiruufi. Kanaaf wanti Oromoon gaafatan ofiin bulummaan saanii akka deebi’uufii. Yoo seerri ilmoo nama amma jiru daba jiru qajeelchuuf dandeettii hin qabu tahe, seerri uumaa bakka buhe qajeelcha malee, dabaan akka dabett haa hafu hin jedhamu. Yeroo sana kan cunqurfamooti waan dandahan hundaan akka bilisa of baasan offalchaman. 

Garaa garummaan mootummaa amma jiruu fi gita kufee, inni ormi adda addaa empayera keessa jiraachuu saaniif, Itiyoophiyaan akka amma jirtutt seenaa jaarraa tokkoo akka qabdu huubachuu saati. Karaa biraammoo jarri kaan Itiyoophiyaan akka amma jirtutt waggoota kuma sadii lakkoofsifteett jedhu. Garuu Itiyoophiyaan hafee finnaan Habashaa Aksumitt waaltahe kumaalee tokkoo jiraachuunuu hin beekamu. Asoosammi saanii kun kanneen karaa saaanii dantaa godinichaa keessa seenuu barbaadaniif sababa taheefi. 

Kan gola hariiroo waliin qabachuu barbaadduun dubbachuu dandeessu Oromiyaa bilisa qofaa. Sana malee quunnamtii kamuu ormichaaf kolonaawaa fi dabaa dha. Waan Oromoof dansa jedhu halagaan nama biraatt himuun arrabsoo fi ofirrummaa taha. Mirga waan itt tolu filachuu kan qabu Oromoo qofaa.

Ilaalcha koloneessitu dulloomaa 
Gubbaatt yoo waa’ee ilaalcha Oromoo dubbannu kan saaniis tokkoo tokkoo kaafnee jira. Isaaniif Oromoon orma xaqilaayii gizaatii Gonfoon daangawe adda addaa keessa jiraatan. Finnaan Oromiyaa jedhamu hin jiru. Dilormaan saanii biyya biyya irra faca’ee dangaa waloo murtaawe hin qaban. Isaan irra eegumsa kan barbaadan gidduu saanii sabi bucuun jiru. Xaqlaayi gizaatii hundi godinaa bulchaa  finnaa Habashaati. Baroota darbaan walqixxummaan hin fudhataman turani. Roorroon mirga ilmoo nama xaqlaayi kibba fi xaqilaayii Gaallaa irra gahaa turan.

Isaaniif kan barbaachisu akka roorroon sun itt hin fufne. Mirgi afaanii fi aadaa saanii misoomfachuu seeraan eegamuufii dandaha. Garu afaan Amaaraa akka afaan sabaawaatt fudhachuu qabu. Hamma Tigreen tahitaa irra jirtutti mirga ilmoo namaatt roorrisuu fi biyyattii gosaan hiruun hin dhaabbatu. Kanaaf mootummaan Tigree jalqaba buqqa’ee humnoota tokkummaan (Amaara) bakka bu’uu qaba. Isa booda eegumsii mirgootaa itt fufa. Addaan Oromootti roorrifameera inni jedhamu hammaa baasameetu.

Oromoon akkuma Itiyoophiyaanota gaaga’amoota hundaa  bulcha abbaa hirree jala turan jedhu. Amaara Tigree fi gosi biraas kan Mallasaan gaaga’amanii hidhaa turan jiru jedhu. Naamoota isaan dhahan keessatt kanneen dabaanbulummaa fi seera malee mootummaa finqilchuu yaaluun haddheeffaman faatu argamu. Akka isaanumtuu jedhanitt eenyummaa sabummaa saanii fi ejjennoo faallaa finnaa Itiyoophiyaa irratt qabaniif kan hidhaman Oromoo qofa. Garuu akka garaa garummaan bu’uuraa hin hubatamne, irra dibanii darbuu barbaadu. Nammi Itiyoophiyaa hundi bakka barbaade jiraachuuf hojjeechuu mirga qaba jedhu.   Sana jechuun ormi biraa biyya of dandahe qabu empayeritii keessa hin jiru jechuu dha.

Abbooliin keenya biyya kana wareegama guddaa, lafee itt cabanii, dhiiga saanii dhagalaasanii nuu tursani. Kanaaf nuti ijoolleen saanii akka turett eegnee dhaloota dhufutt dabarsuuf galfatatu nurra jira jedhanii munaaqu. Kan darbeef want gaabbamuu fi aagiin itt tufsiifamu hin jiru. Lafa kana argamsiisuuf sochii tolfameen  gaaga’ammi kan itt dhagahame yoo jiraatan waan barbaachisu argatan jechuu dha.  Ergamichi ergama qaromsaa kan manii saa rukute ture. Silaa kan tahuu malee, yaada jijjiirrannee eegumsa mirga ilmoo nama isaaniifis diriirsuu keenyaaf galata turee. Aadaa Kiristinaa Habashaa hanga hin hubnett afaanii fi aadaa gosa saanii misoonfachuu ni dandahu. Isaan tokkoomanii aboo keenya didhchiisuun akka safuutt ilaalamuu qaba.

Nammi tokkoo irba tokkoo akeeka jedhu irratt hundaawuun tokkoo tokkoon saanii walqixxummaan akka jiraatan, mirga kennachuu fi kennatamuus akka qabaatan balbala keenya banaafii jirra. Mirgi abba tokkummaa fi walabummaan noolaa mikkillee moo’ummaa Habashaa keessatt ni eegamaaf. Mallatoon tokkummaa fi jannummaa Itiyoophyaa durfannoon kennamuufii qaba. Dhaalmaa keenya nu qaabachiisuuf qodaa, uffannaa, midalgaji, faayi, kkf hundi halloota Habashaa magariisa, keelloo fi diimaa ofirraa qabaachuun barbaachisaa dha.  

Akkasitt hallooti sun akka waan kaleessa argamanii waan halle irratti bobooxa’amanii agarra. Collootaa fi madda galii yoo tahan, daallichaaf qaabannoo gadoodchaa tahanii jiru. Akkasitt kan isaan yaadan. Akka orma Gaanfaa hunda irratt mootii tahanii uumaan foo’amati. Waan yartuu kakkabeebsuu qofaan osoo kan darbeefi dhiifama hin gaafatin hundi amanee kan waliin jiraachuu itt fufu itt fakkaata. Ujootii saanii Teedroosii hanga ammaatt dhiiga Oromoo akka lagaa lolaasaa dhufani. Jarri kun isaaniif ulfoo dhaa. Ejjennoon saanii kun kan misee tuffii orma kolonii qaban, ofirrummaa, bolola fi doofummaa irratii. Waan yeroo irra hangam akka cehan qaaqa saanii nama locu irra hubachuun gahaa taha. Bara baaquleessaa kana abjuu bara darbee keessa jiraachuun kan itt tole fakkaatu.  Empayerooti Rusiyaa fi Yugoslaviyaa ija saanii duratt yoo burkutaawan kan saanii waliin walitt firomsanii ilaaluuf dandeetii dhabani.

Xumura
Korri Idilee ST namoota harki caalan haalli jiru akka hin jijjiiramne fedhaniin guutame. Kanneen fageessanii ilaalanii fi demokraatawan gufuu meeqara qaarsisanii wuxineen seeraa dhiheessu. Innis yoo xumuramu akeektii saa hin rukutu. Dimimmisaawaa taha. Kanaaf wanti achiin darbu hundi gutummaatt fedha nagaa fi walabummaa deebisuu dandaha jedhamee hin eegamu. Haa tahu malee buusaan seeraa gubbaatti moggaasa jalatt tarreeffaman suukii keessa seera tumootaa abbaltii mishan qophaawe tahuun hin haalamu. Dhanquu sanaan yoo laalamu,  gaaffii Oromoof deebiin furmaata tahu kan argamu seeraa fafa sabgidduu irra qofa osoo hin tahin kutanoon Oromoos itt dabalamuu qabaa.

Koloneeffatoon addunyaa moo’uuf fedha dulloomaa qaban irratt dhoofsisuu hin barbaadani. Abbaltii dagaa murna tokkoon, abba tokkeen fi murnooti akka sona cehumsaa keessatt qooda fudhatan afeeraman malee, sochii Habashaa deebisanii dhaabuu keessaa murni Oromoott yaada fudhatee dhihatee beeku hin turre. Isaan keessaa aadaa fi dhaaba Oromoo barbadaawee fi fixakaakuu akaakoon saani orma kolonaawoo irratt raawwataniif kan gaabbiin itt dhagahamee dhiifama gaafate hin jiru. Nama Afrikaa tokkoof osoo gumaa yk faloon hin bahin fira nama lammii saa ajjese waliin nyaachuun abaarsa cimaa dhaa. Ammallee kan Oromoo sugugguraa jiru sana tahuu hin hafu. Isaan sana beeku, garuu koloneeffamoof tuffii waan qabaniif yakka saanii darbeef faloo bahuu dhimma hin godhanne. Hoogganoota, arfanii fi harma muran; garbummaatt gurguranii fi gocha namuummaa baasaa fi salphisoo tahan Oromoo irratt raawwatan, farsuu fi akka ujuutti ilaaluun, suduudaan yakkoota sana kan godhaniin gargarbahee hin laalamu. Arraba miiddhaa irratt ida’uuf dhalooti si’anaa badii akaakilee saanii irratt tolfamaniif “ishoo” jedhu jedhanii Oromoo eegu. Akkasumas  dhalooti nama ajjeesstuu si’anaa, garaa laafina Oromootti agarsiisaniif  akka dinqisiifataman barbaadu.  EEyyee, amma dhoofsiftuu shaffisee fi garaa ciifsituu taatett dhimma bahu, isaanis kan durii caalaa heddumminaan Oromoo numa mankaraarsu, ni ajjeesuu, akkasumas ni salphisu.

Dur orma ballaa dukana keessatt ittisanii dorsisaa fi shororkaan fedha saanii irratt fe’aa bahan. Amma bara iyyaatiiti. Fakmishoon bulcha walfakaataa itt fufuu hin dandahu. Isaaniif ammayyummaan wal gituun yeroo itt fudhata. Itt bahi sanaa hamaa guddaa fiduu dandaha. Oromoo mirga hiree sabaawaa ofii ofiin murteeffachuu mirkaneeffachuu gaditt kan quubsu hin jiru. Sana kan mirga ormaa ittiin jennu. Mirgi abbatookkee fi walabummaan noolaa, orma abbaan sun miseensa itt taheen eegamaaf. Koloneeffataa takkaa yaada shakala demookraasii fi seeraan bulmaataa qabaatee hin beekne mit kan akka itt mana saa bulfatu Oromoott himu.

Akka orma nagaa jaallatuutt Oromoon manii saanii gahuuf karaa nagaa filatu. Garuu hamajaajiin saanii buubaa waan taheef goleett dhiibaa jiraa. Goloota biraan waliin gamtaan gara qayyabannoo walootti geessuu yoo hin jiraanne lola cimaa buusuu malee filmaata biraa hin qabani. Oromoon gola mirgummaan ofiinjiroo tahuu saanii bareef kamiinuu waliin dubbachuuf qophii dha. Dhaloota weerartuu amma jiran irra balleessaa abbooliin saanii irratt raawwatan hundaaf dhiifama akka gaafatanis ni eega. Sanaan boqonnaan gadadoo xumuramee akka olloota dansaatt jalqabi haaraan ni eegala. Kana malee dhiigi sun hunduu qoosaan hin dhangalaane. Kaayyoo fiixaan baasuuf kakatameetu.

Filmaati Oromoon qabu akka sabaatt jiraachuu yk abba tokkeen galtuu Habashaa tahanii haa hafan jedhamaa jira. Yoo ollooti gamtaa qabaatan waanti boji’amu Oromiyaa caaluutu addunyaa baaqulaawe kana keessa jiraa. Yaada hamaan dhisama naannaa uumuun badiisa waloo fiduu dandaha. Oromiyaan yoo bilisoomte dhugaatti addunyaa keessaa fakmishoo demookraasii fi biyya seeraan bulmaataa,  isee caalu hin jiratu.  Mirgi ilmoo nama fi walabummaan noolaa, bara Gadaa irra misee as baha. Yoo sun hanqate qabsoon bilisummaa Oromoo injifannoo as bakka itt dhaabbatu hin qabaatu. Wareegama guddaa fi waggaa hedduu fudhachuu dandaha, akka fedhe yoo tahe, lamuu jireenya salphinaa fi roorroo ormaaf jilbeenfachuun hin jiratu.

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan lubbuun jiraniif; nagaa fi araarri Ayyaana abbooliif haa tahu!

Ibsaa Guutama
Onkololessa 2007
Ibsaa Guutama miseensa dhaloota saganta ABO isa jalqabaa baasan keessaa tokkoo

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *