0

Qabsoo Oromoo

Moggaasii kana jalatt waa’ee qabsoo Oromootu dhihata. Qabatteen taatota malbulchaan beekaa gara dabarfamanis yeroo yeroon caqasamanii akka nammi hubachuu dandahutt dhihatu. Asi irratt qabattee qofaatu dubbatama malee waa’een nameenyaa fi murnoota hin ka’u. Bitaa mirgaa yaadi kennamu nu gargaara. Oromoon ilaalcha addaa qaban gargarummaa saanii ilaa fi ilaameen fixatanii marii qaroomaa ormoota Gaanficha keessa jiraniif karaa haxaawuu qabu. Namarratt hirkachuu irraa kan baraaru sana qofa.

Kaayyoo Sochii Bilisummaa
Qabsoon Oromoo Oromiyaan Itiyoophiyaan waggaa dhibbootaa oliif seermalee qabamtee hacuucamaa jiraachuu seen morma.  Kan iseen bulcha kolonumaa Habashaa jalatt kufte ta’iisa “wal harkatt qaba Africa” jedhame beekamu dhuma jaarraa 19fatt ture. Imperiyalistoota waliin “wal harkatt qaba” jedhame sana keessatt biyyi gurraachaa qooda fudhatte Itiyoophiyaa qofa. Isaanis Habashooti biyya hedduu ofitt dablanii empayera tolfatani. Mootiin saaniis mooggaasii “Mootii mootota Itiyoophiyaa fi biyyoota Gaallaa” jedhuun of waamu eegale. Oromoon empayerittii fi Gaanfa Afrikaa keessatt kophaa saa orma wayyaba tahu. Afaan Oromoo murna afaanii Kushitic jedhamu keessatt ramadama. Oromiyaan qabeenya nama fi waatattaan dureettii dha. Mootummaan see durii yaa’a kennataan dhaabbata ture. Marii irratt kan alatt hambifamu hin turre. Mirga badde sana deebisee Demokratic Republic Oromiyaa dhaabuuf ABOn dhalate.

Odaa Nabee Caffee see kan wiirtu isa dhumaati. Achii ture, jaarraa 16ffaa keessa jiyaa hundatt raayyota Abbaa Duulotaan gaggeeffaman kan  bobbaste.  Garuu abbaan Duulotaa sun akka yeroon dheerataa deemeen fakkaattii Caffee dhaabbatanii hariiroo wiirtuu qaban kutanii turani. Jaarra 19ffaa keessa ture kan Abbaan Duulotaa cimoon gosoota ollaa tokkoomsuuf sochii jalqaban. Ofittummaa murna xixiqqaa caccabsanii tokkummaa dur badde deebisuu tarkaanfiin jalqabame milkaawaa ture. Fakeenyaaf Jootee Tulluu Begii, Leeqaa Qellem fi mootummaa Anfilloo, Jimmaa Horroo, Sayyoo etc. bulcha Gidaamii jala galchuu dandahe ture.

Morodaa Bakaree, biyyoota Laga Gibeerra lixatt jiran akka Leeqaa fi Sibuu bulcha saa naanna Guute ture jala galche. Shanan Gibee, Jimmaa, Gumaa, Limmuu, Gommaa fi Geeraan hidhata waloo tolfataa turani.  Buunnoo fi beyyooti Gabbaa gama jiran yaa’a tokkoomuu irra turani. Hundaa olitt Shanan Gibee, Iluubbaabor ammaa, Naqamtee fi Gidaamii dabalatanii waldhaqiisa duula halagaa jala waliin dhaabbatan qabu turani. Macca kaabaa fi Tuulammis hidhata uummatanii diina nakkaraa turani. Gosooti Bareentumaas akka waliigaltee adda addaa qabaataa turan ni himama. Komunitee Mosleman 1919 keessaa fi Western Oromo Konfederashin 1936tt ijaaramuun bara kolonummaa keessas itt fufiinsa ifaajjee deebi’anii tokkoomuu dabarsaan dhufuu agarsiisa.  

Akkanatt yeroo Habashaan gandootatt (bara doonnichootaa) hiramtee turte Oromiyaanis biyya abbaa Duulotaatt ciramtee jiraatte. Lachanuu biyyoota saanii tokkomsuu carraaqaa turani. Habashoti dursanii xumuratan. Kanaaf dursanii yeroo Oromoon dadhabina jalaa hin bahinitt qabachuu dandahan. Osoo tokkoomsi see hin raawwatin Oromiyaan akka sanatt koloneeffatamte. Kufaatii seetiin seenaan godinichaa ni jijjiirame. Ergasii kan qabaman bulcha hamaa waraanaa jala seenan. De Salviac altokko akka barreessett  “Oromoon qoomma’uu fi uggumuu hin beekuu; ormi bilisi kun eenyufuu hin gugguufuu”. Garuu waan weerarri Habashaa irraan gahu dandahu jiratee hin agarre. Oromich bilisi sun ammayyuu karaa itt jalaa bahu barbaaddataa jira.

Kolonummaa waliin garbummaa, buqqaa fi gadigaloomatu dhufe. Koloneeffamaan waggooti itt haanan hunda hiraarsa qaamaa fi sammuu wal irra hin citne jala galfame. Hedduun sana baachuu hin dandeenye. Diinni isaanirra cimaa tahuu yoo beekan illee ulfina akka qaban agarsiisanii darbuu filatan. Akkanatt waraanaan qabamuu sanaan mormuun fincila hidhannoo fi sochii noolaa faffaca’aa hedduutu gaggeeffamaa bahe. Garuu koloneeffataan salphatt gad qabu dandahee ture. ABOn finciloota hidhannoo fi sochchoota noolaa sana keessaa dhalate. Yeroo jalqabaaf sochiin bilisummaa Oromoo  hunda haammatu qabsoo Oromoo qindeessuuf sagantaa tokkoon as bahe. Bilisummaa fi ofiinbulummaa dhabuun orma al tokkoo bilisaa fi ofiin bula ture sana sadarkaa nambiyyummaa jaleett gad buuse. Sana, adda bilisummaa kana ijaaruuf kan kaasaa tahe. Kaasaan sagantaa irratt tarreeffate sun ammallee jira. Oromoonis ammallee ajaja halagaatiin bula.  Gaaffiin saa bilisummaa kanaaf hin dhaabbanne.

Garuu qabatteen sagantaa irratt ifaa turan mamii malee dabballoota olhaanoo dhaabichaan gaaffii kahaniif deebiin hin kennamne. Itt galli qabsoo Oromoo ABOn hoogganamu kan laallibbata mamii jala galche sanaf ture. Oromiyaan daangaa beekamaa qabdi. Wayyabi nama see Oromoo dha. Namooti biraa, kan warri saanii nafxanyummaan dhufanii fi kanneen ofuma saaniitiin hojjetanii jiraachuuf dhufanis lakkofsaan xinnoott hin lakkaawamne jiru. Isaan keessa kan achitt dhalatanii guddatanii fi kan dheheenya dhufantu argama. Hanga akka jara dhaloota biyya tahaniiti dirqama saanii bahachuuf fedha qabanitt hunduu Oromiyoo dha. Sun jechuun qananii qofa osoo hin tahin wareegama saaniis hirmachuu jechuu dha. Filmaati kan saaniiti; Cunqurfamoota waliin dhalatanii guddatan wojjin dhaabbachuu yk cunqqursaa akka bahaa dafqa saanii bolquu malee dhimma baaseefii hin beekne waliin dhaabbachuu dha. Gaaffiin saa gaaffii qajeeltuu deggeruu yk daba finiinsuuti.

Oromoon maal barbaada?
Gaaffiin Oromoon mal barbaada jedhu kan deddeebi’ee firaanis hamajaajiinis gafatamu. Sun dhaamsa walmakaa gaaffolii akkas ka’aniif abba tokkeen yk murna isaan argan deebiin kennaniif, ifaa tahuu dhabina irra madda. Wal irratt hin barin malee, miseensota hooggansaa ABO keessaa saganticha irraa rakoo qaban turan jechuu dha. Garuu akka michoota saanii biro jalqabuma irratt onnee ittiin gad dhiisanii deeman hin qabaanne. Kan qabsoo Oromoo hanga sararaa dhumaatt geessuuf ofirratt amantee waan hin qabneef dubbii fulduratt baasuu manna haguuganii darbuu kan filatanis turani. Asi irratt hanga dandeenyu kaasaa saba guddaa kanaa sirriitt akka qayyabamu ifa baasuu yaalla.

Malbulchesitooti hophee (kaardii) lamatt, tokkoo orma saanii bilisummaa dharra’aa jiruuf, kaan hirphoo haala jiru irra dantaa qabaniif, akka dhimma itt hin bane dalga itt galacha taha. ABO fi hawaasa Oromoo keessa jaarmaan saanii akka hophee tokkoo qofa qabu kan amanaan hedduu dha, innis hophee bilisummaa fi ofiin bulummaati. Abba tokkeen ejjennoo akkasii qaban ABO keessa hanga jiranitt murni biraa xurree jijjirsisuuf kophaatt mirga dhoofsisaa qabaatu kan dandahu hin jiraatu. Kanaaf ifaajjeen osoo uumaa qabsichaa hin hubatin cittuu tokkoo waliin dhoofsisuuf yk akka dhoofsisu gargaaruuf tolfamu fashaluun saa waan hin oolle.

 Uuman qabsoo Oromoo maal akka tahe labsi jalqabaa kan kenname 1974 sagantaa ABOn bahee fi 1976 foyyahee kan dhihateen ture. Haa tahu malee sana duras waggaa hedduuf sochichi ni ture. Saganticha irratt biyyi Oromoo, Oromiyaan jaarraa tokkoo oliif kolonii Itiyoophiyaa akka turte ifsamee ture. Dargii fi golooti isaa tumsan biro hundi goloota Nafxanyaa waan tahaniif Oromoo hin iddoosan jedhees ture. Jechooti warraaqsaa tumsi cunqurfamoota barasii dhimma itt bahamanii yero ammaan walitt hin galles turani. Hatahu malee maniin qabsichaa bilisummaa fi republika ofiin bultu demokratoftuu Oromiyaa dhaabuuf akka tahe ifaa ture. Abballi saa humna nama fi durooma Oromiyaa qabaa halaga jalaa baasuu akka tahes mamii malee ifsee ture. Kan ilaalamuu qabu sagantichi maal galchee maal hambisee osoo hin tahin tuffii fi daba ormichi jalatt kufee.

Kaayyoo waloo qabatanii gad bahuun, waggaa dhibbootaa oliif afanfajjeessa ayyaamquwa kan gad qabamuu fi halagaatt hirkachuun itt fide jalaa bahuun milkii guddaa dhaa. Jireenya birdhuu jaarraa tokkoo keessaa of baasuun yaaloo hin turre. Ammayyuu gurjaan saa sabboonota hedduu irra ni calaqisaa. Karaa biraammoo sodaan koloneefataan gaafa biyyattii qabatee jalqabee qabaataa ture amma ni dhugoome. Oromoon bilisummaa Oromiyaaf yaayyoo karaa masaku fudhatee gad bahe. Lakkoofsi saanii haa xiqqatu malee murnichi dargaaggoo kutatoon kan guute ture. Goblaan magaalaa kan ijaarame barattoota waabarii olhaanaa fi kanneen universiitii akkasumas namoota magaala dammaqan tokkoo tokkoo irraa ture. Goblaan waraanaa qoteebulootaa, namoota loltuu turanii fi qaramoo hanga tokkoon ijaarame. Dhaabichi lafjalee ture.  

 Warraaqsii 1974 sirnicha kolonii keessatt jijjirama ilaalchaa uumee ture. Bulchitooti haaraan dargaggoo hawwachuuf karaa yeros jaallatamaa ture kara soshaalism filatani. Sanaaf malee akka karichi eessatt isaan geesuyyuu hin beekan turani. Booda garuu leenjisa kan badii deebi’aniin of qaruu carraa argatanii nuti komunistii dha ofiin jedhan. Sun malbulcheessitoota goblaa bitaa hanga tokkoo fi ayyaan laallatoota sochii lafjala keessaa akka ol bahan hawwachu dandahee ture. Bitaa Itiyoophiyaaf tumsuuf dargaggoof qaroon Oromoo heduutu sochii bilisummaa dhiisanii bitaa Itiyoophiyaa waliin sokkaa dhaqan.

Mirgi sabootaa hiree saanii ofiin murteeffachuu beekamuun sochii bilisummaa heddu nama irra gaafatu dhiisanii deemuuf sababa tahee ture. Dargiin dhiibbaa saaniitin waan, “sagantaa shafii warraaqsa demokraatawaa haaraa” jedhu labse. Innis ilaalcha addunyaa bitaa kan qabaniif akka dhahata waloott fudhatame. Bitaa irra goruun kan leellifameef bitaachummaa saatiif osoo hin tahin nageenyaa inni kennuuf ture. Kan gara mirgaatt hafan yartuu turan. Hunduu gara bitaatt socho’uun ilaalcha isa dhugaa hawaasa keessa ture waldhaalchiisuun afanfajjeessee ture. Akkasitt mirgaa fi bitaan moora tokkoo keessatt cuunqqeffamanii turan, moora yeros, mooraa tarkanfataa jedhamu. 
Oromoon sochii malbulchaa keessatt qooda gochee taphatan seerawaa haa tahanii seeraa aleen ijoo qabsoo Oromoo akka lamatt ilaalu turan:

  1. Gaaffiin Oromoo qabsoo demokratawaa finnaa Itiyoophiyaa keessatt tolfamuun furamuu dandaha. Kun kanneen mooraa warraaqxota soshalitiin mararfatama ture.
  2. Gaaffiin Oromoo wanjoo kolonummaa jalaa bahuuf qabsoon bilisummaa  demokratik republic Oromiyaa ofiin bultu dhaabuun yoo xumurame furmaata argata jedhu. Sun manii ABOn labsame.

Sararaa tokkoffaan Dargiin macalaqfamee kan sanatt amananis hedduun ni ajjeeffaman. Murni sararaa lammataa fudhate kanneen qabsoo hidhannoo gaggeessaa turanitt makamuuf gaaraa Oromiyaatt dheesse. Isaan keessaa fixa Dagii irra kan hafanii finqilchuu saaf gumaachaniiru. Erga Dargiin finqilaate murni Oromoo kun mornoota empayeraa biro waliin mootummaa cehumsaa dhaabuu irratt qooda fudhate ture. Gara itt cehu osoo hin filatin sararaas osoo hin geeddaratin mootummicha keessaa murna Habashaan darbame.  

Garagarummaan ilaalcha lamaanii maali?
Inni jalqabaa murnoota Itiyoophiyaan harka walqabatanii qabsoo gitaan Itiyoophiyaa demokratessuutt amana. Akka isaan jedhanitt qabsoon sabaa jalee qabsoo gitaati kanaaf durfannummaa hin qabu. Kanneen bilisummaa Sabaa gadjabeessan akka dhphoott haddeeffamuun hiraarfamu turani. Qabsoon gitaa hacuuccaa sabaa dabalatee dhukkuba halleef qoricha qotamuu qabu jedhu. Habashooti xiyyeeffannoo hacuuccaa sabaa isa kaasaa warraaqsichaa ture irra maqsuuf dhimma itt bahan. Gingilchama jiraachuun irra turen olhantummaan saanii akka hin tuqamne eeggannoo guddaa tolchani. Sochiin saanii goblaa mirgaa fi bitatti hiramee ture. Oromoo mooraa ofii dhiisanii bahan jara sanatu qooddate. Gobla mirgaa keessa EDU (Tokkummaa Demokratawaa Itiyoophiya) ture. Bitaan Dargii fi kan isa tumsanii fi EPRP turan. Goblaa lachanuuf akeeki burjaajii sana uumuu waliidhuun empayeritt akka jirutt tursuuf ture. Kanaan mormuun, kan diina dhugaa tahaniif sochii sabaawota turani; fudalismii fi imperiyaalism wacabbarumaaf ture.

Yeros akkuma hardha bu’urri waloo Oromiyaa fi Itiyoophiyaan qaban saboota Ganfa Afrikaa keessa thauu saaniiti. Lachanuu Afrikanoota. Kanaa malee bu’uura qabsoo saanii akka qindeeffatan isaan dandeessisu hin jiru. Oromoon dura mirga sabummaa saa mirkaneeffachuu barbaada. Sadarkaa tokkoo irratt yoo argaman malee gooftaa fi gabbaarii gidduu ilaa fi ilaameen jirachuu hin dandahu. Giti hojetee bulaa saba cuqursaa gaalcha ayyaamquwi walfakkaataa kanneen saba cunqurfamaa waliin hin qabu. Habashaan ammas anjaa argachuu barbaade. Duratt anjaa kan argate qawween ture.

Habashooti si’anaa Oromoo ofi irraa akka addaanjiroo tokkoott hin fudhatani. Akkuma abbooliin saanii bulfatanitt bulchuu barbaadu. Abboolii saaniif Oromiyaan madda ashkaroota amanamoo fi qabeenya guddaa empayerii ijaaruuf isaan gargaaran turte. Ashkarooti saanii sun haala kafanamaa iccitaawaa tahe keessatt mootota saanii qabsiisanii yk ulfaawanii tahuu dandaha. Korommiin horii ulee tokkoo qofatti hin daangahamne jiru. Kana malee Oromoon yeroo hundaa halagaa fi dhiheessaa angoo nama fi qabeenya wal irra hin citne tahee jirate. Jireenya sana, kan Oromoo Itiyoophiyaawoon akka Oromoon itt fufee jiratu barbaadan. Ofiif jireenya Goobanaa, Qusee fi Ashkaroota gurguddoo biro ilaallataa jiru, yoo ayyaan qabeessa tahanis kan Tafarii Bantee.

Itiyoophiyessitooti si’ana isaan bakka bu’anis ilaalcha walfakkaataa qabu. Qabsoo gitaa qofatu keessaa hafa. Bakka saa gaalcha Oromoo Tigree, Oromoo Amaaraa tahuun ni muldhata. Dhaadannoon Dargii “Itiyoophiyaa aayyoo keenya yk du’a” jedhus ammayyuu sammuu isaanii irratt dhiibbaa kan qabu fakkaata. Yoo mootummichi addansummaa labse, hojiirra olchee, dhiisee, dhimma hin qabani. Akka mormituu amanamtuutt galmeeffamanii Itiyoophiyaa demokrateessuu yaaluuf qophee dha. Yoo Itiyoophiyaan demokraatofte gaaffiin Oromoo achi keessaan furmaata argata jedhu. Kanaaf qabsoo sabaawaa wareegama guddaa gaafatu irra akka mormituu amanamtuu Itiyoophiyaatt qabsaawuun gaagaa yarsaa jedhu. Rakkina faara namatt hirkachuu kan qabaniif qabsoo ofiin bulumaa irra nageessoo dha. Ejjennoon saanii qabsoo ofiin bulummaa irra qoollifachuu raggaasisuuf qabattee addunyaan gegeeddaramuu kaasu.

Baquleessaan (globalization) qabsoo sabaawa kan yeroon itt darbe taasisa jedhu. Jarri kaan qabsoon mirga ilmoo nama fi bilisummaa qaama namoomaati jedhu. Isaaniif yoo yeroon namoomatt darbun labsamu qofa innis yeroon ala taha. Isaaniif baaquleessaan tahiisa haaraa miti. Kan bara Awuropaan manyaa cehanii daldala jalqabuu kaasee jiru jedhu. Inni ammas jaraaf ballina kenna malee kanneen kaaniif rakkinna salphisa amantee jedhu hin qabani. Rakkina hin salphisu taanaan innis kan itt xiyyeeffatan taha jechuu dha. Waan itt nama jabeessan malee wan ittiin nama sodachisan tahuu hin qabu ture.

Jarri Itiyoophiyaa demokratofte keessatt deebii arganna jedhan mala haaraa kan kanaan dura yaalaman irra wayyaa tahe hin dhihessine. Murni Habashaa akka orma addaatt isaan fudhatee waliin sossona jedhen hin jiru. Kanaaf waan yaalamee kufe irra deddeebi’uun maal akka baasu nama amansiisuun rakkisaanii jira. Ejjennoon saanii dhugaa wallaaluu irra oso hin tahin sodaa ofiin ijaajjuu dandahuu irra madda. Sammuun tuffatamee, dhiitamaa, ajaja namaan bula ture, oori’ii roorrisaa bakka hin jirrett jiraachuu kan dandahu itt hin fakkaatu. Kanaaf akka irra hin faganne mala adda addaa dhawa. “Sangaan kan kolaase harka arraba” isuma jedhamu.

Demokraasii gurguddaan yoo dhumallee dantaa saba saaniif jedhanii alii al irra ilaalan, ormi tokkoo kan biraan yk abbaa hirrootaan hacuucamuu ni balaaleffatu. Dantaan saanii fi nagaan walitt hidhata qaba. Kanaaf ulfina mirga ormaa fi ulfina ilmoo namatii yoo dubbatan dhagahamu. Garuu shaakalan yeroo dantaa saba saanii jedhanii haamtuu irra ilaalantu jira. Haatahu malee yeroo seexaa fi kiisii saanitt ulfaatuu sochii bilisummaa sabaa gargaaruu irra hin deebi’ani. Kosovoon Serbia irra hardhaa fi sabooti empayera Sarbiyaan bulaa turan kaleessaa, fakkeenya saboota angoo gurguddaan deggeramanii tahanii himamuu dandahu. Monteneegro xiqishuun illee Yugoslaviyaa irra gargar bahuuf gargaarsa guddaa galmeessite. Isaanis empayerri Serbia ni awwaalame.Yeroo addunyaan orma dhiitaman, waa’ee mirga ilmoo nama irratt, deggeruuf bobbahe akka si’anaa seenaa keessa hin turre. Egaa jarri sun maal hodeessuree?

Ta’iisi addunyaa tokkoo murna sabaawoo lamaaniin akka addatt hubataman jechuu dha. Inni tokkoo tibba qabsoo bilisummaa tolaa akka tahett yoo fudhatu inni kaan qayyabannoo badaa qabaafi. Oromoof humnoota alaa keessaa rakkina inni qabu kan mararfatan osoo hin taanee kanneen hamaa saa dubbatantu caala. Koloneeffataan jara sana waliin yeroo hundaa kaasaa Oromoo moggeessuu yaala. Hariiroo godinoota gidduu jirutt tarsimoon saa wanta halle akka jirutt tursuu dha. Mooraa sabboonotaa keessaaa kan hololaa jiyaa hundaa itt afuufamuun afanffajaawanii ejjennoo saanii eegalaa jijjiirrachuu fedhan jiru. Kanaan kanneen silaa kaasaa saanii irraa hamaa ittisuu qaban maqaa tooftaan isumatt garagalaa jiru. Tooftaan gowwaa tarsiimoo diinaa fiixaan baasuun raawwachiisuu taha.  

Akkanatt, Oromoon waliin akka humna cimaa tokkoott dhaabbachuu mannaa, yeroo amma haleellaa kanneen haala jiru akka jirutt tursuu barbaadanitt of saaxilaa jira. Koloneeffataan kan galtuu ururfatu hanga dhimma baasaniifitti. Seeqa saa duuba bineensa carraa argamen mormaa kamiinuu qacamsuuf qophaawetu jira. Seeqa kana kanneen hin dammaqne kolomsiisaa kan jiru.

Oromoon seenaa keessatt koloneeffataatt kooluu galee ulfinaan raawwate hin turre. Hireen kanneen ama gooftolii saanii koloneeffatoo filatanii adda hin tahu; dhimma itt bahamee, yeroo yeroon gahu kosiitt darbamu. Muuxannoo bara cehumsaa 1992, yoo isa duraanii dhiifne illee mootummaa koloneessaan hangam amanamaa akka tahe ni agarsiisa. Tokkoo tokkoo osoo ofi hin wayyeessin harka jara akkasii keessatt deebi’anii taphachuu barbaaduu. Kan dantaa koloneeffataaf qabsoo Oromoo karaa isaa jalqabaa irra maqsuu barbaadan hedduu dha. Mootummaan abbaa hirree halagaan hafee fira ofiiyyuu hin amanu.  

Murni lammataa (ABO) Ityoophiyaan akka empayer taate amana. Seenaa keessatt bakki empayerri itt demookratawe hin turre. Empayeroti Awuropaa durii hundi fi  empayeroti Afrikaa kanaaf ragaa dha. Kanaaf hireen empayerii Itiyoophiyaa adda hin tahu. Yeroo eeggata malee akka empayera hundaa innis addaan faca’ee ona saa jalaan demokraasoti haaraan ni biqilu. Fakkeenyi dhihoo empayer Rusiyaati. Osoo bu’uura hin jijjiirin Bolshiivikooti jijjirama kakkabeessaa itt tolchan illee lubbuu barabaraa hin laanneef ture.

Empayerichi ango qabeessa eenyuu gadii tahu baatullee gargar babanka’e. Soviyet jedhamus, Federal Republik yk maqaan fedhe yoo kennameef murtoo seenaa jalaa dhokachuun hin dandahamu. Murna lammadaaf diinni Oromoo sirna kolonii fi kanneen isa utubani. 
Dhugaa seenaa dabalatee Habashaan qaabarreessa ofii qabu. Bulcha seeraa gonka qabatanii hin beekan. Moototii akka fedhanitt bulchu. Nagaan baallii wal harkaa fudhanii hin beekani. Humna caalaa kan qabutu mootii taha. Jaarraa kudha sagalaffaa keessa shiftaan lama Kaasaa fi Kahisay, mootii moototaa jedhanii of muudani. Minilik ilmi mootii mandaraa angoo Kahisay (Yohannis) kufnaan fudhate. Kan isa silaa dhaalu kuffisee firri fagoo Tafariin bakka bu’e. Kan humnaan haatahuu abshaalummaan angoo qabate hundi bakka dhufee hooda qaccee himatu qaba.  Ugganii of himuu dandahuu malee firummaan dhiiga hangas seerawaa hin taasisu ture.  Dargiin fakkeessaa Tafarii cabsee sobummaa saa saaxile. Ofii angoo kiyya serawumma kanan argadhe gita hojjetee bulaa iddoosuun jedhe.

Egaa seenaan saanii dhihollee, 1855 hanga amma, sirna baallii nagaan walitt dabarsuu akka hin qabne ragaa dha. Hundii humnaan waan dhufuuf isumaan of eega. Sanaaf kan demokraasii leelisuu hin dandeenyee. Demokraasiin bulcha wayyabaati. Isaan yeroo hunda akka murnaattis akka miseensota sabaattis yaroo keessa waan burqaniif angoo nagaan walitti dabarsuu muuxannoo hin qaban. Mootummaan amma jiru demokratawaa of fakkeessuu yaalee ture garuu birdhataa dha. Yoo angoo irra jiraate qofa qabeenya akka malee saammate oolfachuu dandaha. Roorroo lubbuu fi mirgoota irratt tolchaniif itt gaafatammi eegatuus ni yaadchisa. Kanaaf kennata labseen buluun sodaa guddaa itt bulcha. Hamaa kuffatiin saa fidun saba saa sodaachisuunis akka wayyabii gaaffii malee duukaa hiriiran tolchaa jira.

ABOn akkamitt manii saa gahuu barbaada?
Oromoon orma nagaa jaallatu. Hariiroo alaan haatahu  kan keessaa durfannoon saa nagaa waliin jiraachuu tahuun beekama. Hamaa ofirraa ittisuuf annisaa dhabunis hin komatamu. Galtuun Oromoo illee bakka gahanitt janna jarri qaban kan caalan tahanii muldhatu. Lolli fiinnaa empayerittiin gaggeeffaman kan jara sana of fuldura hin buufne hin turre. Oromiyaan madda galtuu qaroo wajjira Habashaa ture. Oroma saaniif garuu bu’aa fidan hin qabanii. Isaan dhiigaan Oromummaa haa qabatan malee alangaa diinni saba saanii ittiin dhaanu turani.

Yeroo miiddhan Oromoo kahu akka waan Oromoon sabummaa saatiin sirna saanii ijaaraa bahett dhiheessuuf addagooti hidhii muxxeessan jiru. Fuudhaa eeruma, gaarayyummaa, guddifachaa fi ashkarummaan abba tokkootaa mirga Oromoon sabummaa saa irratt qabu hin geeddaru. Si’ana DNA wanti jedhan hedduu agarsiisuu dandaha. Yeroon waa’ee eenyummaaf biyya qabaachuu kahu sanas hubachuun dansaa. Qabattee jiru of fulduratt dhiisanii hoduu rakkina ammaa waliin hin deemne kaasuun burjaajii uumuu malee eenyuufu furmaata hin tahu. Akka meeshaa kaafatu kan tolche mirga haaluu akkasii fi Habashootii dudhaa qabsoo malbulchaa nagaa dhabuu dha. Oromoon hachuuccaa kolonummaa jalaa bilisa bahuuf waan dandahe hundatt dhimma bahuun mirga saa dhalootaa akka tahe ni qayyabata. Mooraa diinaatii, fuula Oromoo didhaa hin qabnee ilaalanii, tuqaa heddummeessuu kan karoorfatan jiru.

Osoo mootummaan koloneeffataa seeraan bulummaa qabaatee mirga gabbaarota saa bilisummaan yaa’uu fi lubbuu fi walabummaan saanii irra, sodachisa fi dorsifammi hin jiraatin of ifsuu dandahanii, fincilli haleellaa hin barbaachisu ture.  Waan itt amananiif akkuma saboota addunya biraa qabsaaawuu ni dandahu; fakkeenyaaf akka Kubekos Kanaadatt, Monteneegroon Yugoslaviyaatt tolchanii jechuu dha. Demokraatik tahuu fi qaroomummaa saa mirkaneessuun kan irraa eegamu mootummaa Itiyoophiyaati. Sunis gufuu takka malee, jechuun, murnooti akka dhiibbaa fi dorsisa malee sossii malbulchaa tolchuu dandahan hayyamuuni. Jaalalli ofiin bulummaa tokkumaa Britaniyaa illee gaaffii jala galchaa jira. Waggootii dhibboota duuba Skotlandii fi Wales ofinbulummaan jiraachuuf gaafataa jiru. Amma finnaan Britaniyaa amansiisuun malee humnaan walitt hambisuu hin yaalu. Habashaanis waan Britaniyaa xiqqishuu dullattii fi humna qabeettii irra barachuu qabudu jira.  

Mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu ormaa ilaalchisee waa’een offalcha ormaa (referendum) hedduutu dubbatama. Ormi hiree saa murteeffachuuf offalcha ormaa gaggeessuun barbaachisaa akka tahe kan haalu hin jiru. Garuu offalchi ormaa waan nammi qabsawuuf miti. Inni karaa boqonnaan qabsoon tokkoo itt xumuramu. Yerosis ABOn bilisummaa fi ofiin bulummaa lallabaa; nagaan dhiibbaa barbaachisus ni tolcha. Itiyoophiyaa tahanii jiraachuu kan barbaadanis gaafas yaada saanii dhiheeffachuuf mirga qabu. ABOn murtee ormaa fudhachuuf qophee tahuu saa yeroo halle mirkaneessaa ture.  Demokratawaan fedha dansa akkasii dura dhaabbatu jiraatuu hin qabu.

ABOn dhalootaan mormituu amanamtuu sirna malbulcha Itiyoophiyaa keessatt tahuu hin dandahu. Inni adda bilisummaati. Gola malbulchaa miti. Kan inni jiruf mormitoota Itiyoophiyaa waliin dorgomee empayeritt bulchuuf harka waljijjiruu miti. Akeeki saa kanneen akka saa waliin tahee empayeritt diigee isee jala ofiinjiroo of dandahan akka uumaman gochuu dha. ABOn dhaaba tokkummaa Afrikaatt amanu. Republiki Oromiyaa ofiin bultuun, yoo barbaadde finnoota empayeritt jalaa bahan haa tahu kan biro dantaa walfakkaataa qaban waliin tokkummaa sadarkaa adda addaa uummachuu ni dandeessi. Sunis gara tokkummaa Afrikaatt akka deemsisuufii. Garuu murtee amanamaa  gochuuf dura ofiin bultu tahuu qabdi.

Gaaffiin jiru ABOn mootummaa koloneeffataa jalatt qabsoo naga qabeessa tahe gaggeessuu ni dandaha kan jedhu? Eeyyee maaf dadhaba? Garu sirna gola Itiyoophiyaaf miseensa tahuu hin dandahu. Oromiyaa keessatt finnaa Itiyoophiyaaf irbuu osoo hin seenin akka dhaaba walabaatt  dorgomuu ni dandaha. Filmaata dorgomuu dhiisuus qaba garuu haala nagaan jiru jalatt orma saa ofiin bulummaaf kakaasuu ni dandaha. Fedhi Ormaa offalcha ormaa yeroo yeroon gaggeeffamuun murteeffama. Nagaan sosso’uuf seera hariiroo nambiyyoota biyya eegu jala of oolchuun, moo’ummaa Habashaan Oromiyaa irratt qabu seeressuu miti.

Mootummaa Itiyoophiyaa biratt kun kan yaadamu hin fakkaatu. Uumaa fi dudhaan obsaa mormituuf hin qabani. Mootummaan amma jiru dhiibbaa sabgidduutiin rimsama addansuma fudhachuuf isa jalqabaati. Hojiirra olchuun dhufnaan garuu moormituu amanamtuu hidhaatt guuree lubbuu saanii dorsisaa bahe. Wan tahe sanaan yoo walitt ilaalamu dhaaboti bilisummaa akka addatt ilaalamna jedhanii eeguun irra hin jiru. Mootummooti hundi empayeritt akka abbootii saaniirra dhaalanitt tursuu barbaaduu. Tokko tokkoon bulchoota saanii hardhatt madaqfamoo dha. Bu’aa hardha argatan olkaasuu malee jireenya nagaa dhaloota boriif dantaa hin qabani. Kanaaf olhantummaan, wiirtuu imaammata saaniiti.

Tarafbaallee irratt imaltuun fuuloo oksiijin osoo nama biraa gargaaruu hin yaalin ofitt akka diru gorfama. Sun fakkeenya gaarii tahuu qaba. Nammi tokkoo akka ofii afuura fudhachuu dandahu utuu hin mirkaneessin, isaa kaan bira gahuu dhabee gaggabuu dandaha. Jireenya lamaaniiyyuu mirkaneessuuf dura of oolchuu qaba jechuu dha. Faarri murnoota Oromoo si’ana tokkoo tokkott  irratt muldhatu garuu haala amma laaffataa jiru cimsuun gara of balleessuutt geessuu dandaha.

Murnoot Oromoo, jarri biraa jaallatanii jibbanii, Itiyoophiyaa keessatt hafuu barbaadan jiru. Akka Itiyoophiyanoti dandahaniin qofa kadhatu. Jara kana keessatt bara nugusaa fi Dargii yaadanii kan garaan saanii raafamuu faatu argama. Kanneen birammoo kan yoo motummichatt galan bu’aa akka lafaa fi muudama kennuufiif irbuun seenameefi. Kan barri qabsoo dheerachuun dhuffisiisee qeyeett deebi’uu barbaadanis jiru. Kaanimmoo kan durumaa sochicha diiguuf yaadaa bilisummaa akka yeroo dhumaaf awwalamu tolchuuf ergama walitt qabaa fudhatani. Kanneen dhumaammoo sabboonota joonjoo gaagaa shira halagaa jala of galchani jalaa dheessuu dadhabani.

Isaan ABO miti golfofa saati. Ayyaanaa fi foon Oromummaa dhabu. Kanaaf ABO bakka kamittuu iddoosuu hin dandahani. Kanneen kaayyoo waliin hafanii ammayyuu mirga seerawaa caalaa qaban jiru. Hunda caalaammoo murni amanamummaa fi akeeka hin gegeddarmne hin qabne saba saa iddoosuu hindandahu. Hanga amanamoon akkasii jiranittii fi fedhi bilisummaa sammuu murna xinnoo keessatt hafett ABOn osoo Biyyi Abbaa Ofii hin bilisomin hin soollibu. Hiree ABO kan murteessu fedha orma Oromo qofaa. Murni tokkoo kahee hawwa ormaa dhaamsuuf qabsoon kana caalaa hin barbaachisu jechuuf mirga hin qabu. Ofii kana caalaa deemuu hin dandahu kan jedhu yoo jirate maqaa fi akeeka jijjiirratee Itiophiyaayuu ni dandaha.  Maqaa saba Oromoo jala dhokachuu barbaaduun garuu gantummaa taha. Qabsaawaa kan tahe qabsoo yoo eegalu akka inni dhaawataa tahe beeka. Jireenya saa keessatt yoo fiixan bahe ni gammada. Garuu yoo dhaloota hedduu fudhata tahe sammuun saa sanaaf waan qophaaweef hin maalelfatu.

Si’ana beekaa hatahuu osoo hin beekin akeekaa sabboonotaa laashessuuf sochiin mullatan jiru. Waldooti Oromoon alaa qabu hundi jeequmsa jala seenaniiru. Sana keessaa yoo haadi baatee galtuu harkifamte beekota Oromoo biraan dhaqxi. Hedduun saanii safuu gataniiru. Akka dudhaa safuutti Oromoon tokkoo Oromoo biraa dabarsee qorqora halagaatt hin kennu. Garuu haalli nambiyyooti Oromoo doolara kuma shantamaan tokkoof saxlaman muldhatee jira. Achi irratt ABOn akka dhaaba daldalatt dhihate. Miseensotimmoo akka hameessa elmataniitt dhihatan (hirphota keenya nu jala bute jedhani). Fedhi mish fi amanamummaan wareegama jaallewwaniin uumame akka murnichi jara haddheesse uummateett dhihate. Ifaajjeen sanaaf murna sanaan tolfame garri lachuu akka horii hanga tokkoo baasan dirqisiisee jira. Horiin sun kan qabsoo Oromoof akka oolu Oromoon walitt qabe. Sun diina irratt osoo bobbaasanii hagami laaffisa ture.  Murnichaaf diinni muummichii ABO sagantoota ABO akka 1998 foyya’anitt hordofan tahuu muldhise. Kanaaf yoo demokratawu Itiyoophiya ofiin bulummaa Oromiyaa caalaa leellisan nama hin dinqu.  Kaayyoo bilisummaan akka leencaa barooduu irra akka fuliyoo ganda keessaa deebi’anii qalqala Oromoo uruu filatani.

Fakkeenyi biran wanti hamaan tokkoo bu’aa murna jedhameef waldaa waabeekoo Oromoo tokkoo irra gahee ture. Dhiddhiibbaa beekotaan yaa’ii kennataa hoogganoota walddichaa akka jirutt leelloo murna malbulchaa tokkoof butame. Kennata sana miseensoti morman deebii gahaa hin arganne. “Tahee mal taaturee?” kan jedhutu dhihatee. Akka sanatt waan ergasii Kennata sobaa Daandii Dalware jedhame beekamun murni tokkoo waldichan kute. Oromoon gaaddisa jalatt malee daandii irratt caffee tahuun takkaa gabaasamee hin beeku. Hayyooti keenya garuu sirni gadaa hojiin agarsiifame jedhanii Harka rukatani. Ishooyee jedhaa nuun jechuus kajeelaniru. Karaa irratt tahe. Kan karaa irratt silaa filamu qorqaarii (hogganaa harree) malee kan beekota hangana ulfaatanii hin turre.

Gadaan akka sana taanaan waan guddifamu hafee waan hawwamuu hin qabu ture. Sirna Gadaa, Caffoota Gaayyoo, Nabee, Bultum, Bisil kkf waan waldagii fi wal tuffiin keessa jiru sanatt akeekuun beekumsi nuti Gadaaf qabnu hagam akka tahe calaqisa. Yookaan Gadaan itt boontan kun walgahii abukaakkee karaa irratt walitt waccuti jedhanii akka nuti irraa qoollifannu barbaadametu taha. Gadaan sirnoota malbuchaa fi hawasomaa beekaman keessaa dambooba qabaachuun beekamaa dha. Waanti marihatamu hundi halle hammataa malee ofirrummaa gareen kan bokoke hin turre.

Kan hin beekneef Gadaan tasgabii qabeessa, gaaddisa jalatt jalqabamee achumatt raawwatu malee fiigaa dhimmi biyya kan irratt mari’atamu akka hin taane hubatamuu qaba.  Yoo dubbin dheerate illee “haa bultu dubbiin” jedhamee yeroo biraa itt deebi’amaa malee “dafaa ni gallaan” hin murteeffamu. Beekoti keenya dogoggora akkasii keessaa beekaa qubaa kaahuu hin qabani ture. Bara goomattuun warratt gadi buutee nu bittimsuu yaaltu saba walitti baqsanii eeguun kan baratan irra eegama. Ergama biraa yoo hin qabaanne beekaan keenya sana hin waldhaalu. Waan Oromoon irratt waliigalu malee waan irratt wal lolu keessa qubaa saa hin seensu. Silaa garri lachuu akka nagaan fixatan gargaara.

Namoota waabarii olhaanoo deeman yartuu qabna. Carraa kana kan kenneef orma saaniiti. Kanaaf hunda walqixeett ilaaluutu irra eegama. Yoo cabsaa hawaasaa tokkoo addaan baasanii deggeran akka guutuu gananitt lakaawama. Yoo dhugaatt akkuma lallaban Oromuummaatt ni amanu tahe osoo yeroon itt hin darbin dhaddhaqii Itiyoopiyummaa keessa of baasuuf deebi’anii of gamaggamuun waan yeroo kennuuf miti. Kana malee dubbiin qunxuraa ABO tokkoon qabatanii guutuu saa waan burkuteessuf malaa jiran fakkaatti. 
Qabsoon Oromoo sadarkaa kana gahuuf lubbuu fi qabeenya hamma hin qabnetu itt wareegame.  Akeeka isaan kufaniif roga dhabsiisuuf kan lubbuun jiru mirga hin qabnu. Keessaayyuu kan lubbuu keenya dheereffachuuf baqannee biyyaa bane safuu sodaachuu qabna. Harka bartuun tolfamee, mudaa dandeetiin fafii dhufu, abbaama qaanessa malee bareedina tolfamuuf ture hin hanqisu. Ekeraa jannoota keenyaatt qoosuun garuu cubbuu dha. Cubbuun garaa keenya caalaa nu hubuu dandeessi.

Offirrummaa fi ofittummaa koloneeffatan kan kahe dhumi qabsoo Oromoo dhihoott muldhataa hin jiru. Garuu qabsichi bultiin itt bahaa dhufaa jira.. Injifannoon gaafa dhufu mirkanii fi amansiisaa taha. Yeroo murni saba tokkoo keessaa bahe olhantummaa hunda irratt qaba jedhu dorgommee walabaa fi tolaan gaggeeffamuu hin dandahu. Godinicha keessatt waldhabdee jiru furuuff ilaalchi murnoota Habashaa mirga olhantummaa hunda irratt qabnaa jijjiiramuu qaba. Hardha Tigraayoti fedha saanii wayyaba irratt fe’uuf yaalaa jiru; kaleessa jara Amaaraa turani. Hundee kamirraa yk rogaasaa kamiini, kan addunyaan Oromoo orma jara lachan irra adda tahe akka jara kana gabbaru eegu? ABOn hintahuu gabbarsuu kanaa waan taheef gaaffiin saa hundee seerawaa qaba.

Qabsaawota irra kan eegamu gaaffii deebisuuf bahan erga qulqulleeffatanii gara deebii kenuutt garagaluu dha. Hamajaajiin akka isaan walgiddutt nokkora kaasanii walitt deebi’an jajjabeessa. Sun Oromoof bu’aa hin qabu. Abbaan karaa barbaaderra haadeemu. Hunduu kan gorfamuu qabu aadaa fi seera Oromoo himannu akka hin cabsine taha. Sanaa achitt adda diinaan walitt buusu irratt abbaan argame innis diina waantaheef deebii diinaaf qophaawe kennuu qofaa.

Xumura
Eessa akka isee waraanu kan itt dhagahamu Oromiyaa qofa. Of keessaa buqqisuuf qayyabannoo malee hayyama eenyu irraayyuu gaafachuu hin qabduu. Yoo gaafadhu jedhamte mirga qabdii kenni jechuudha. Kanaaf akka bofattiin jette, “abbaatu of mara”. Faloo kan baatu of irratt hirkachuu qofaani. Kan qabsoo hidhannoott ise bobbaase, mirgi Oromoon akka ofiin jiroo tokkoott bilisummaa fi ofiin bulummaaf qabu, bulchoota see, Habashootaan haalamuu dha. Qabsoon ABOn gaggeeffamu hanga bilisummaa fi ofiin bulummaatt itt fufa. Finnaa empayeraa jalatt jijjirama demokraatawa eeguun gowwummaa yk dogoggorsuun abbalamee tahu qaba. Yaroo rifatoon angoo fedhaan gad hin dhiisani. Sirni kolonii fi kanneen isa gaggeessan diinota kaayyoo Oromooti. Kan sun hin galleef balaa kaayyichatt waamuu saati. Qabsichi yeroof dacha’uu ni dandaha. Sun gonka deebi’ee hin lola’uu jechuu miti; galanni itt haanu humna qabeessa fi kan offalcha ormaa (referendum) dirqisiisu taha. Achi irratt dhaaboti malbulchaa ilaalcha addaa qaban hundi yaada saanii dhiheeffachuu dandahu. ABO fi sochooti bilisummaa biroon gaafasis ofiin bulummaaf Oromoo dammaqsu. Offalchi ormaa karaa manii itt gahan malee manicha miti. Qabsaawaan Oromoo gaaffii deebisuuf kahe irratt xiyyeeffachuu malee qoccolloo keessaatt yero dabarsuu hin qabu. Oromoon bulcha kolonii jalaa bilisummaa fi ofiin buluummaa caalaa waan gaafatu hin qabu. Fedhi ormichaa yeroof yoo hacuucame malee xabamuu matumaa hin dandahu.  Gaaddisi halagaa ABOmmaaf ragaa nuuf hin tahu. ABOn kan dhaltee fi galmeeffame garaa fi sammuu Oromoo hundaa fi miseensota saa keessatt yoo tahu kan mallatteessanii fi caaphaan cuqqaalan kanneen wareegama dhumaa baasani. Ragaan nuti bakka halle qabannee deemnu sana.

Biyyi Ilmoo Ormaa kan kanneen bilisoomsuuf dafqa saanii itt xuruursanii fi nafii saa ulfeessaniiti. Kan mogoleen bu’uu kajeeleef jabina kadhanna.

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan lubbuun jiraniif; nagaa fi araarri Ayyaana abbooliif haa tahu!

Ibsaa Guutama
Adoolessa 2007

Ibsaa Guutama miseensa dhaloota saganta ABO isa jalqabaa baasan keessaa tokkoo.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *