0

Sochii Oromummaa

Yaadi abbaa fi komee bubbucuun wayyooma nama tokkoo agarsiisuuf ga’oo tahuu dhiisuun ni mala. 
Mesharkaa wayyaa murna biraa irra qabachuu kee ormichati hojiin agarsiis, 
dadhabbii saa osoo hin tahin jabina kee, 
godinaa yk dhugeeffannoo saa osoo hin tahin ati hunda haammataa tahuu kee,
 gadgalummaa saa osoo hin tahin safeeffuu olhaanaa qabachuu kee, 
gosaawummaa saa osoo hin tahin sabboonummaa kee, 
gabaabaatti haammenya saa osoo hin dura tolaa kee agarsiifadhu, 
isaanis hammuma kee waan inni tahe beeku.

Akka dudhaatti ijoolleen waggaa kudha jahaa waan naannaa saanii deemu baruuf bilcina gahaa qabu jedhama. Kanaaf nammi hardha waggaa shantamaa fi ol tahe haala sochiin Oromummaa keessatt jalqabeef bilchinaa fi muxannoo gahaa qaba ture jechuu dha. Qaroon sana duras waa hubachuu ni dandahu. Sun jechuun jireenyna gadadoo haalli saa tokkoo tokkoo kan amma gadi taheef ragaa tahuuf kan lubbuun jiran jiru jechuu dha. Haala yeros Oromiyaan keessa turteef kan hardhaa walitt yoo ilaale jijjiramii guddaan jireenya fi ilaalcha malbulchaa saa irra akka gahe hundu kan hubatuu dha. Yeros ambaa duratt Oromoon afaan saaniitiin of ifsuu hin dandahan turan. Maqaa ofii hin baafaneen waamamuunis dirqiin ture. Nammi tokkoo qoroo keessa jiruun malee ani Oromoo dhaa, Oromiyaan biyya kooti jechuun hamtu duuban dhuftu qabdi turte. Waliigalatt akka ilmoo namaatti hafee akka miseensa lammii tokkootti waan gaafachuu dandahan hin qaban turan. Karaa mirgoo fi gufuulee meeqa irra qaari’anii bakka amma jiran gahan. Ammawoo haalichi maal fakaata? Gufuun dhalatan dachaasuunii dandahaniiruu? gaafii jedhu waliin haa ilaallu.

Addunyaan jijjiirama malee jiraattee hin beektu. Tokko ni kufa kaan ni kaha malee badee hin beeku. Caasaan irraa yoo wal unkuru inni jalaa haala haaraan muuxataa deeme. Mootummooti duris hardhas geegeedaramaa jiraatan. Qaroommi garuu itt bahaa, ilmoon nama dhumargaa kanaan dura gahee hin beekne gahaa itt fufe. Wanti Oromoos sanaan adda miti. Oromoon bakka kufee ol jedhee awwaara dhadhahatee sonsomuu jalqabe malee arreeda guutuun utaaluutt hin kaane. Mataa olqabachuu kanatu hamajaajii baragsaa jira. Koloneefamoota keessa bu’aa guddaa hanga yoonaa galmeefatanuu, kanneen angoo saanii riphaan waan jalqaban hamma dhumaatt dhiibuu dandahuu saani ofi hin amansiifne jiru.

Sunis tahee maqaa halagaan moggaase dhiisee kan saan waamamuu dirqisiisee jira. Afaan halagaa angoon fudhachiifame hafee, kan ofiin hojjechuun mirga dhalootaa tahu amansiifatee jira. Biyya saa bakka meeqatti biinxa’mee ture deebisee tokkee tokkotti caafatee jira. Sunis yaayyoo addunyaa irratt aka yayyabamu taheera. Ijoolleen afaan orma saaniitiin barachuu eegalanii jiru. Amma afaan Oromoo Oromiyaa balloo keessatt akka afaan bulcha finnaatt dhimma itt bahama. Oromiyaan alaabaa adda akka qabdu ifatti beeksisuun dandahameera. Kun hunduu wareegama jaarraa tokkoo oliin argame. Haa tahu malee ammallee alaabaan halagaa Oromiyaa irra balali’uun hin hafne. Yoo hedduutu hafa tahellee walakkaa jaarraa darbe keessa bu’aa baayyeetu galmeeffame. Kan hafan immoo dhaawataan itt deemamaama jira malee sochiin jiru takkaa hin dhaabbanne.  Suchiin bilisummaa Oromoo yeroo iyyaatiin waakkii ture eegale, innu kan finnaa koloniin dhuunfatame ture. Amma yeroo internet quunnamtii warraaqsisee, bara iyyaatii keessa jirra. Weeraraan golee hammeenya saa itt dhoffatu hin qabu. Iyyaati hin caasamne kan to’achuu dandahu hin jiru.  Sun qabsoo Oromoof anja qabeessa. Duri Oromoo wallaalumaan gara barbaadamett oofama ture. Eeggannoon socho’uun saa amma wallaalumaan osoo hin tahin akka sarettii “utuu beeknuu hubaa wajjin nyaanna” jetteeti. Oromoon amma sobaa fi gana gurguddoo koloneeffatoo waan beekuuf irbuu konkaan hin gowwoomfamu.

Rakkoon amma jiru iyyaatii dhaba osoo hin tahin kutannoo fi dudhammi abba tokkeen dhibamuu dha. Kanneen sochii kana keessatt qooda fudhachaa turan waan hanga yoonaa tolchan waliin gamaggamanii sochii itt haanuuf of qopheessuu irra, itt gala lafa kaawwatan akka adda addaatt furachuun yoo wal danqanii fi lashessan mullatu. Erga karaa fagoo kana deemanii, ilmaanni Oromoo jannooti meeqa akka lubbuu saanii dabarsan tolchani booda kaan xurree ulfoo qabsichaa jijjirru aggaman jiru. Dhiigii dabaankufootaa iyyaa jira, imimmaan kan isaan dubatti dhiisaniis gonka hin qoorre. Keessa deebituuf haa hammatu malee karaa kaayyoo tokkicha, kaayyoo bilisummaa fi ofiin bulummaa irra quba tokkoo jallachuu didaa jira. Qayyabannoo bu’uura kana keessa deebi’anii sagantaa malbulchaaf fura addaa kennuun hin jijjiruu. Dambalii bilisummaa waliin deemuu dadhabuun sochii seenaa bakka gahett dhaabuuf geengoo saa jala tuggee kaa’uu kan yaalanis jiru. Haa tahu malee tuggeen saanii jalaa mucucaatama jira.

Kan waldanqaa jiranis kan tuggee jala kaa’aa jiranis sochichichi isaanii ala guddataa akka jiru hin hubanne. Sochichii qaama sochii addunyaati walabummaa, walqixxumma fi ofiin bulummaati.  Addunyaan waan mirga ilmoo nama ilaalutt akka durii hangammeessa qara lamaa, didaa jira. Angoon mirga ilmoo nama ST erbala irra kaa’ame agarsiisa qofa osoo hin tahin hojiitti akka furamuu gaaffii hundaati. Sunimmoo ilaalcha haaraa fi caasaa haaraa “Sirna Addunyaa Haaraa” gaafataa jira. Bilisaa fi ofiin bullaa tahuun hawwa uumaa ormoota addunyaa hundaa kan eenyuu haquu hin dandeenye. Bilisaa fi ofiin bulaa tahuun qaabeenya ofii, yaada fi hariiroo ofii irratt abbaa tahuu jechuu dha. Gammachuu gula bu’uuf bilisa tahuu jechuu dha. Oromoof mirgi lammummaa hiree ofii hanga ofiin bulummaatt murteeffachuu wiirtuu gaaffii isaanii miseensummaa hawaasa ilmaan nama akka mirgaa fi waliin jiroo tokkoott ilalamuu keessatt argama.

 Mirgi jedhaman kun keessaayyuu mirgi diinagdee fi, jiraachuu fi firii dafaqa ofii irratt qaban haalamuutu bakka kufee isa sochoose. Geengoon altokko konkolaachutt kahe kun fedha orma dubbiin laaltuu malee angoo isaa ala taheen dhaabbachuu hin dandahu. Abbaan yoo of gate yk gadii tahuu saa fudhate malee qaammi isaa ala angoon dhunfachuunii hin dandahu. Geengichii kan silaa ni masakuun jedhaman waliin jireenya tokkoo fi adda addaa qabu.  Jeeqammi qabsaawota laamshessuyyuu kan geengichii konkolaachuu itt fufe kanaafi. Sirrini kolonummaa bososee erga burkutaawutt kahe bubbulee jira. Hanga lubbuun keessa jirutt dhidhiitachuun saa hin hafu. Hireen sirna kolonii Habashaa sirnoota empayeroota biraan dhabbataniin adda hin tahu. Jiraatoon kolonota Amerikaa miseensota hawaasa Britaniyaa turani. Garuu sun itt fufiisa empayera Britaniyaaf sababa tahuu hin dandeenye. Jiraatoon Oromiyaa ofiin bulummaa gaafachuuf kolonoota sana caalaa kaasaa  qabu. Dhiddhiitata dhumaa kana keessa akka hin hubamne silaa tokkummaa qabsaawotaatu dandamachiisuu dandaha ture.

Nammi keenya bakka bakkatt ajjeefamaa, hidhamaa biyya bahaa fi waliigalatt gaaga’amaa jiraachuun sirni kolonii deebi’ee tasgabii argachuu akka hin dandeenye agarsiisa. Kanaaf Oromiyaa gooluuf nama see fixuu itt fufe. Ammayyuu sarmisiisee garaa ciifachuu hin dandeenye. Aarii sun maddisiise caalaattuu mormii ifaa fi lafjalaa jajjabeessaa jira. Maqaa Oromoon Itophiyummaa fudhatanii kan waliin hojjechuuf kaka seenan illee murni halagaa qawwee dhuunfate amanuu hin dandeenye. Guyyuu guyyuun furgaasaa itt silliqsaama jira. Sun hunduu orma balchummaa dheebote gad qabu akka hin dandeenye gocha diinaa fashalaa jiru irra hubachuun ni dandahama. Sochii biyya akkas bubbisaa jiru kana osoo kan qabsaawota ofiin jedhan jabaatanii bifa itt tolchanii hamaa saa gabaasuun ni dandahama ture.  

Ormi keenyaa ABO gurra qeensee dhaggeeffata jira. ABOn namoota hoogganan oso hin tahin sagantaa qabatee ka’etu leelloo argamsiiseef. Itt gala inni bakkaan gahuuf kakatetu hundatt xiiqii uume. Itt galli sun itt gala kan garboomfatame hundi gahuu barbaada. Itt gala sanatt nu geessa jedheetu biyyi kan ABO eeggatu. Haa tahu malee ABOn qophaawee dhiisee sochii saanii irra hin mittiqani. Nammi sichi deebi’ee akka duritt hin gabbaru. Duri abbaa qawwee kirkirtuu arguun nama ababbarsiisa ture. Si’ana meeshaa haaraa koloneeffataan bobbaasuu dandahu hundaaf danta qabaachuu dhiiseera. Bu’aa qabsoo saa jaarraa oliin argate cimfataa haaraa galmeessuuf ittuma fufa. Koloneeffataan seeraan haa tahuu safeeffuun mirga itt Oromoo irra diriirfatee turu hin qabu. Seerawummaan himatu qawweerraa madda malee deggersa nama fi hundee seenaa irra miti. Kanaaf hireen saa akkuma koloneeffatoo addunya hundaa xaxatee dacha’uu dha. Yoom ? attamitt?  kan jedhu hunda caalaa fedha kan koloneeffamee irratt hundaawa. Jechi turaan, “fedhi jiraannaan karaan jira” jedhuu Oromoofis ni hojjetaa.

Oromiyaan yero ammaa ibda irra jirti. suduudaa fi harka lafa jalaatiin koloneeffataan jeeqamaa jirti. Baasaan si’anaa Oromoo fi olloota saa fi Oromoo fi Oromoo walitt naquu dhaa. Oromoon uummata guddaa dha. Naannaa saatii, eenyu tuffiin itt bobbahun egeree ofii balleessuu dha. Dhaloota itt haanuuf abbaawummaa dhabuu dha. Naannaa sanaa kan tuffiin gad ilaaluu fi tuttuquu yaalu yoo jiraate hariiroo fuldura jiru irratt murteessuu gaditt hin laalamu. Itt gaafatama dhaloota egereef qaban irraanfachuu taha. Nuti hundi hawaasa dudhaa kan dhiiga qomoof nafii kennu keessaa baane. Kan isaan jajjabeessanii kakaasan kanneen naannaa sanatt barabaraan hafan miti. Kan bara baraan walitt hafan orma saanii qofa. Haatahu malee ormi of dandahe tokkoo waan godhuuf itt gaafatama akka qabu hin wallaalu. Qoodi maanguddoo Oromoo kan hin hubanne yoo jirate kana hubachiisuu dha. Bara laaffate keessa hamaa itt tolfameef gadoo bahuun uumaa ilmoo namaati.

Waanti godhamaa jiru Oromoo karaa bilisummaa fi nagaa qabate jirurraa maqsanii giphee xixinnoott akka qabamu tolchuu dha. Yeroof ni dogoggorsuun taha malee, adeemsisa kan hifannaa cunqurfamuu keessaa madde waan taheef gara itt deebi’u hin qabu. Itt galli akeekkatee kahe firomsaatt isa ture irraa caalaa dhiyoo fi karaan deemaa jirus gabaabaa dha. Akkeekatee kan ka’e fagoo dha. Kanaaf tuttuqaan giddutt itt dhufutu ni hifachiiftiin malee gala saa irra hin hankaaksitu. Naannaa saati lakkoofsaa, dandeettii, jannummaan haatahuu qabeenyaan kan isa firrisu hin jiru. Kanaaf bilisummaa hunduu argate dhabuuf dabaa yoo hin malee nammi sammuu nagaa bilisummaa haalamuu Oromiyaa hin fudhatu. Kan itt dabame qajeeltuu, kan garboome birmadummaa, kan gadde gammachuu, argachuun ajaja uumaati. Yeroof yoo danqeen malee eenyuu konkolata geengoo seenaa dhaabuu hin dandahu. 
    
Koloneeffataan qabeenyuma Oromoon daallicha sossobataa jira. Biyya isaatii beesee cabduu fidee itt hin keennu. Kanuma saa dura qabee kolomsiisaa. Hamma of baree gaabbutt daallicha yeroo itt fudhata taha. Hammasitt orma ofii irratt hamajaajii koloneeffataa caaluu tahe bobbahuu dandaha. Addunyaan kan hojjetu hundaa, bu’aa ofiiti waan hojjetuuf gara laafummaa addaa irra eeguun gowwummaa dha. Hanga bu’aan saanii hin tuqamnett abbaan fedhe ibddaan yoo wal gube akka nama hin agarree bira darbu malee oolchuuf qubaa takkallee itt hin hixatani.  Yeroo bu’aan tuqamu isa jedhuuf fakkeenyi dansi Zimbabwee dha. Faallaan saa immoo kan haalli saanii kan Zimbaabwee caalaa hammaatu Oromiyaa fi Ogaadeeniyaa dha. waa’ee Oromiyaa fi Ogaadeeniyaa gabaasi gahaan hin kennamu. Garuu kan Zimbaabwee harka sadiin olkaasuun nammuu haala dhugaa se’achuu dandaha. 
  
Kanaaf bu’aan mootota addunyaa maal akka tahe baranii akka itt simatan maluun kan eegamu ture. Garuu akka muldhatutt garri tokkoo kan homaa hin arganeef isaanitt eegee raasuu filatee. Qabsoon saanii leelloo jarreen sanaa galmeeffachuuf malee, bilisummaa orma saanii argamsiisuu irratt kan xiyyeeffate hin fakkaatu. Jarri akkasii hin hubanne malee hundi kan sodaatuu fi kabaju kan ulfina ofii kennu malee, jala kaattuu of salphistu miti.

Oromoon kan sodatamaa jiru malummaa saatii fi humna riphaa bobbaasuu dandahuuf malee dhaabota lamsha’anii jedhamee miti. Ammaaf isaan keessaa kan gamtaa ittiin diina miidhu miseefate hin jiru. ABOn haala amma itt jiruun osoo hin tahin kaayyoo qabatee kaheef dhageettii argate ture. Kaayyoon sun ammayyuu kan hedduun balleesuuf itt xiyyeeffatani. Karaa abba tokkeen fi murnoota keessaa kaka’an, funyaan saanii irra fagoo ilaaluu hin dandeenye fi karaa luuxee galtuu ABO balleessanii isa keessaan kaayyicha haquu yaalamee ture. Garuu ayyaana biyya waan taheef sana balleessuun aangoo uumamaa oli. Dhaaba maqaa sana qabu laamshessuu ni dandahu taha garuu garuu maqaan ABO jedhamu xaxaa haamtuu hundarra haanee itt fufaa.

Gabaabatt waan Oromiyaa ilaalu irratt diinni birdhuu irra jira. Bibirdhachuun diinaa cimina sochii Oromoo agarsiisa. Kan silaa dura bu’anii fixeensa buusuun irra eegamu gufataniiru. Adeemsa qabsootti roga tolchuuf isaan hamma dandahanitt sochichii bilisummaa hin dhaabbatu. Hunduu karaa adda addaa diinaaf mataa bowwuu tahuun itt fufaa. Kan du’e du’ee, kan hidhame hidhamee, kan bade badee kan hafe mirga saa irratt waan dhoofsisu hin qabu. Qaawwaa argateen fulduratt loo’uun mooraa diinaa facaasa.

Kanaaf kan nambiyyaa Oromiyaa tahe hundi orma saa irra haa tahuu halagaa irra kabaja kan argatuu yoo of kabaje qofa tahuu hubachuu qabaa. Kan isa kabachisummoo qabsoo bilisummaa qofaa. Orma addunyaa keessa tokkoo tahanii herregamuuf lafti Oromiyaa, margi saa, nammi saa kkf yoo bilisome qofa. Orma bilisa fi ofiin bulaa qofa kan nagaa fi gammachuun jiraachuu dandahu. Kanaaf qabsaawaa Oromoo kan ofiin jedhu hundi, ofiffumaa irra cehee, tokkummaan sochii biyyaatt roga gochuu kan yaaluun irra jiru. Sana malee geengoon qabsoo isaan malee hin jedhuu, konkolaachuu saa ittuma fufaa. Gala malbulchaa dhumaatt geessuuf kan irra hin darbannee. Garuu sabi tokkoo kan abdii fi ayyaana bilisummaa kan lubbuu itt godhuu sochii noolaa fi hawaasomaa qabaachuu dandaha. Hoomishummaa saa guddifata harka walqabatee dilii dhumaatiif qophaawuu dandaha. 

Yeroo qabsaawota kan jedhaman gosa, godinaa fi dhugeeffannoon wal hiranii wal gaarreffatan xiyyi diinaa sana hunda addan hin baafatu walitt akaawama jira. Waliin dhaabbatanii waliin yoo ajjeesan walii du’an waa oolfachuu ni dandahu. Kophaa dhaabbatanii osoo diina hin miidhin waliin d’uun garuu waan kolfaatii.  Kun tokkummaa Oromoo gaaffii jala oolchuu caalaa diina waloo qabaachuun saanii ni cicachiisa. Ilaalchii qabsoon saanii ofi ilaalaa tahee jira. Afaan saanii kallatt adda addaa ifsuuf cabaaluqa sadootaa malee qooqa addaa hin qabu. Mee hundu ofi haa gaafatanuu. Diinni Oromoo eenyu? Oromoon gosa dhabe, godina dhabe, dhugeeffanoo dhabe hin jiruu. Sanaan adda walbaasee takka eenyummaa saa beeksifatee hin beeku. Erga waliin akka Maccaa fi Tuulamaa fi akka ABOtt bobba’ee beekame. Kanneen amma gargar isa baasuu akka mala malbulchatt fudhatan haa tahanii kan keettoo diinaa tahan, surraa waliin bobbanee sodaatamuu sana, nu dhabsiisuuf malee itt baha biraa hin argamsiisani. Garagarummaa afarsuun harkaa diinaatti of galchuu taha. Gandummaan baraa fi qabsoo bilisummaa Ormaan waliin walitt hin galuu.

Diinni Oromoo sirna empayera isa koloneeffate. Kan heera koloneeffataaf amanamoo tahuu fi hamaa irra faccisuuf fedhaan hala obblaatti dhukaasuuf isaan dandeessisu keessa kakaan seenanis jiru. Kan sitt dhukaasuuf qophaawee hundi diina Oromooti. Sadarkaan mormituu isaan fudhatanis yoo kan angoo irra jiru danqame hawwa nurra bahuuf carraa eeggachuu saani mirkaneessa. Waldhaantoon Oromoo diina waliini. Kan lola banus kan nagaa buususf diina kanaan wali. Oromoon wan halle caalaa nagaa jaallata. Kan hamaan itt dhufes hamaa ofirraa dachaasaa akka tures seenaan ragaa dha.

Qabsoo diinarratt tolfamu kana kan waliin dhaabbachuun dandahamu yoo diinni keenya eenyu akka tahe waliigalle qofa. Kana malee kaayyoo tokkoof bobbane jechuun wal gowwoomsuu taati. Kanaaf tarkaanfii Oromoo gagar baasu irra kan of qusatan, bilisummaa fi ofiin bulummaa Oromoo irratt ejjennoo saanii ifaa kan tahe fi diina waloo irratt kan waliigalan qofatu waliin deemuu dandaha. Kan darbe darbeera qeeqi xinnoon musiyemiitt  erguunii dandeessi. Kan dhimma baasuu gara quluqulluun harka walqabatanii yeroo bade bakka buusuu dha. Hammamtu kanaaf qophii dha? Meeqatu amala maqaa xureessuu araddaa fi kutaa dhugeeffannoo irratt hundaawe ofirraa quncisuu dandahu? 

Sochiin bilisummaa Oromoo taatotaa alatt dagaagaa itt bahaa deema jira. Laaffachuu dhaabotaa dhalandhaluutti yeroo balleesuudha. Kan qabsiifamee balali’aa jirutt ibda tuqachuu bu’aa qaba.  Ijaaramuun adeemsa sochichaatt  roga tolcha malee, geengoon seenaa isa malee hin kunkolaatuu jechuu mitii. Oromoon yoomuu caalaa amma kara amansiisaa irra jira. ABOn ergamsaa saa bakkann gahuuf itt gaafatama qabaachuun hin haalamuu. Qabsaawoti ABO eegalan walii galanii qooda saanii bahachuun sochii bilisummaa fi ofiin bulumaatt roga tolchuu dandaha taha. Garuu isaanuu qaama rakkina uumamee sana waan tahaniif nammi hedduun sana akka furmaata dandamatuutti hin laalanii. Dhuguma yoo dandahanii irra darbuun hin jiraanne fi garroota keessaa tokkoo garaa ballinaan tarkaanfii isa duraa gara nagaa fi araaraatt fudhate malee waan hin yaadamne. Of boonsii gadadamuu orma ofii salphisuuf hin dhiifamne jiraachuu hin qabu. sana malee Oromiyaan gaafii jijjiiramaan dorrobdee jirti. Haalichi akka kan isee hoogganuu dandahan dhalchu mirkanii dha. 
  
Haalli dhaabota malbulchaa Oromoo keessaa jiru rifachiisaa dha. Kaan keessa hooggansi tokkoome maaliif akka tolu hin beekamnetu jira. Kalcha akeeki saa maal akka tahe hin beekamnen cacabuun, giidoon laaffachuu fi murna wiirtuu fi andara gidduu timjii ifaan dhibuun, mallattoo bitaa fi mirgaa tahaa jira. Yoo rakkinni kun furamuu baatee, gaaffiin hooggansaa lammii, hanga hoogana haaraa baafachuun dandahamutt, suuqa hin beekamne keessatt hafuuf deema jira.Waan kanneen biraa ilaalutt ammalee  karaa deeman fagoo qabu. Seerawummaa gadhaabuun waan yeroo fixuu. Garagarummaa daayyaa (muldhataa) kan irra citan irra qaban agarsiisanii nama amansiifachuu barbaachisa. Yaadi abbaa fi komee bubbucuun wayyooma nama tokkoo agarsiisuuf ga’aa mit taha. Mesharkaa wayyaa murna biraa irra qabachuu kee ormichati hojiin agarsiis, dadhabbii saa osoo hin tahin jabina kee, godinaa yk dhugeeffannoo saa osoo hin tahin at hunda haammataa tahuu kee, gadgalummaa saa osoo hin tahin hamilee olhaanaa qabachuu kee, gosaawummaa saa osoo hin tahin sabboonummaa kee, gabaabaatti haammenya saa osoo hin tahin tolaa kee agarsiifadhu, isaanis hammuma kee waan inni tahe beeku. Gartokkee ofii balleessuun guutummaa ofii fafeessuu taha. Faallaa keessaa fi alaa gargar baafatan malee wanti goodhanii fi jedhan fira caalaa diina oo’isuutti nama geessuu dandaha.

Oromo struggle has come a long way; the wheel of freedom is still rolling vigorously. This wheel may be slowed but can never be turned back. Activists of the struggle lack strong unity that could harm the enemy. It will be of great service had they united for the common purpose. Their role would be to give shape to the already glowing movement. The struggle has never been as reliable as it is now. The fire must be kept on burning. The plight of our people must be clear to the world. Its consciousness to fight disease and ignorance must be accelerated. Its access to new ideas must be facilitated.

Intellectuals and the youth have a big role to play in that aspect. Every national should not be politician. It is a non-partisan service that is required at a time like this. To waste time complaining about weakness in organizations will not benefit our people that are being wiped-out. To shorten the life of an enemy that is unable to extract itself from the quagmire it put itself into and is shooting at every passing object, this is the time to come to each others alliance. Much has been done when every thing was dim more advance will be made in this light of informational revolution.

Qabsoon Oromoo karaa dheeraa dhufee jira, geengoon bilisummaas daddafiin konkolachuu hin dhabne. Geengoon kun yoo ni sutessama tahe malee dubatt deebisuun hin dandahamu. Qabsaawoti tokkumaa cimina diina midhuu dhabani. Osoo kaayyoo tokkoof tokkoman socho’u tahee maa’ii guddaa baasu turani. Qoodi saanii sochii qaata balali’uuti kahe kana roga itt gochuu ture. Qabsichii takkaa akka amma amansiisaa tahee hin beeku. Ibdisaa boba’uu akka hin dhaabne gochuu dha. hamaan nama keenya irra gahu addunyaaf taliila tahuu qaba. Of barri saa dhukkubaa fi wallaalina ofirraa ittisuuf shaffisiisamuu qaba. Karaan yada haaraa itt argachuun dandahu mijjeefamuun barbaachisaa dha. Qaroo fi dargaggoon sana keessatt qooda taphachuu dandahan guddaa qabu. Lammaawaa hundi malbulcheessaa tahuu hin qabu. Yeroo akkasii kana kan barbaachisu tajaajila gola malee dha. Namoota keenya dhumaa jiraniif waa’ee dadhabina dhaabotaa dhalandhaluun yeroo balleessuun dhimma hin baasuu. Lubbuu diina dhadhaqii keessa of galchee gara itt bahu waldhaaluun kara darbaa hundatt dhukaasaa jiru gabaabsuuf yeroon hundi itt walii birmatu amma. Yeroo wanti halle dimimmisa turellee hedduutu hojjetame; bara “warraqsa iyyaatii” kana immoo harka yeros jalaa baafatan deebisanii kennuun waan yaadamu miti. Sochiin Oromummaa jabaate itt fufaa.

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan lubbuun jiraniif; nagaa fi araarri Ayyaana abbooliif haa tahu!

Ibsaa Guutama
Adoolessa 2007
Ibsaa Guutama miseensa dhaloota saganta ABO isa jalqabaa baasan keessaa tokkoo.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *