Waaqjiraa Waaq jira

Bar tokko namicha Daljeesso jedhamutu ture.  Daljeesso intala bareedduu tokkoo fuudhee ilma Waqjiraa jedhamu godhatan. Ergasii hunduu isaan, abbaa Waaqjiraa, iseen Haadha Waaqjiraa jedhu malee maqaan hin waaman. Waaqjiraa, firomsaan ijoollee naannaa irra qanansiisanii guddisu turan. Waqjiraa waggaa shan tahe akka tasaa haati duutee.

Waajjiraa fi abbaa gadda guddaa tu irra gahe. Wanti haati gootuuf akka itt hin hanqanne abbaan baayyee yaala ture. Jaldeesso suuqii meeshaa adda addaa itt gurguru qaba. Yeroo hedduu biyya fagoo deemuun gatii yartuun bitee naannaa saatti buufata. Amma Waaqjiraa dhiisee deemuu hin dandeenye. Waanti naannaa bitee gurguru qoonqoofuu isaan gahuu dide.

Erga jaartiin saa duutee waggaa lamaaf dubartii hin beeku ture. Booda garuu gursummaa Tasii jedhamtuun walbare. Ilma hiriyaa Waaqjiraa, Baraartii jedhamu tokkoo qabdi. Waajjiraa akka mucaa seett qabuu dandeessi jedhe abdate. Kanaaf irbuu seensisee fuudhe. Yoon ilma kiyyaan adda baase Waaqi Ayyaanaa abbaa kootii, Ayyaana haadhakootii naa hin kadhatamin, ilma koo irra nan bulchin jettee isa garaa ciibsuuf kakatte.

Tasiin uuman ofittoo turte. Ilma see yoo kuunistu Waaqjiraa akaayii malee buddeen daphoo illee itt hin laattu. Waajjiraan kan sirritt nyaatu yoo abbaan galgala galu qofa ture. Tasiin ilma see Baraartiif dhagna dhixi, ufata saa miicitiif. Qeensa saa qortee akka hin guufofne refeens saa jiistee haaddiif. Kan Waajjiraa gogaa haaddi, qeensa hin qortuuf. Kanaaf qeensi saa saaldaa irratt tahee jira.

Waajjiraan laga bu’ee hamma humnaatt ofii miiccata. Ali al ufata mucaa sees miicci jettee itt kenniti. Waan¬† mucaa waggaa torbaaf hojjechuu ulfaataa tahe hojjechiisti. Lagaa bishaan waraabsifti, daggalaa hurraa ibiddaaf funaanii fidi jetti. Baraartiin waliin deemuu barbaada garuu haadhi tole hin jettu. Haadhi ni hubamaa yaadda’uu malee akk inni ofi hin dandeenye gochuu see hin hubattu. Kanaaf malee Baraartiin uuman qaroodha.

Yero iseen hin jirre Baraartii fi Wajjiraan waliin ni taphattu. Yoo jiratte garuu cittoo sitt dabarfata jettee dhowwiti. Ijoollee lamaan jibba walii hin agarsiisan. Ijoollee akka Waaqjiraa haadha hin qabne ollaa jiru. Jarris Waaqjiraa waliin taphachuu ni dhufu. Taphaa saanii keessaatt, “qixxoo qixxoo” yero walakkaan jedhu walkaan “walqixxanaa” jedhanii utaalaa martii uumanii naannawu turan. Taphii tokkommoo:
Bukum bukum daljeessaa
Hati Ormaa bineensa
Maltu daakee bukeessa? Kan jedhu ture.
Hawwi saanii walqixxummaa fi quufanii buluu dha. Baraartiinis yoo carraa argatu walin weeddisaa utaala. Baraartiin haadha dhabee isaaniin walqixachuu ni barbaadaa laata?

Waan ilma saa irra gahaa ture hunda Daljeesso hin beeku. Waajjiraanis yeroo inni hin jirre akka gayyaan saa miituun itti hin himatu ture. Jireenya saa akka hin jeeqness ni sodaata. Waan dubbatu fulleett dubbachuu malee akka nama hin hamanne haadhi saa barsiisaa turte. Al tokko imaltuu daldalaaf Daljeesso jalqabaaf qara deeme.
Erga inni deemee ganda saaniitt wanti rifachiisaan dhalatee ture. Warabessi kopha deemaan foloso jedhamu ganda sanatt marmaaruutt ka’e. Waraabessi hoomaan deema malee kophaa deemutt hin beekamu. Harree ala jirtu yk raqa funaannachuu malees mana cabsee adamsuun hin beekamu. Foloso garuu kophaa adamsa. Adamoon saas mana namatt cabsuun tahe. Sagalee dhoffatee kan argate kophaa qurxumsa.

Hoduun foloso mana nama cabsee hoolaa, jabbii fi ijoollee fudhate jedhu baballataa dhufe. Hoolaa warajoo kan inni qaawwaan hidhii irra kutate ollama sana jirti. Tasiin mucaa koo fudhata jettee sodaachuutt kaate. Kanaaf akka yoo dhufe dura argatu jettee Waaqjira balbala jala bulchiti. Waajjiraan dhalootaan homaa hin sodaatu. Kanaaf waanti iseen goote isa hin dhibne. Guungummii malee fudhate.

Halkan tokkoo folosoo osoo sagaleen hin dhagahamin dhufee balbala addaan gipha’ee jigsuun seene. Balbalichi yoo irratt kufu Waajjiraan hin xiixne. Foloso balbalicha irra tarkaanfate Baraartii fudhate iyyisiisaa sokke. Yeroo sagalee dhageesu Waqjira, Waqjira jette.

Waaqjiraan deebisee “Waaqjiraa Waaq jiraa mucaa kee laalladhu” jedhe jedhama. Yoo of cinaa ilaaltu mucaan see hin jiruu. Uu’uu u’uu jedha batee figde. Ergasii ganda sanatt hin muldhanne.

Torban tokkoo booda Baraartiin osoo hin yaadamin bitintira as bahe. Baraartiin gamna. Harka saa tokkoon saaxoo arge guuree afaan folosooti cuqalee harkaa loofate. Akka harkaa bu’een muka guddaa yaabbatee baala fiixee jiru jala da’ate. Foloso hanga tokkoof kan Baraartiin afaan jiru itt fakkaatee ture. Yoo baru aariin ofirra garagalee karaa dhuferra figuuti kahe. Yero sana Tasii argachuu hin oolle jedhama. Kan arge garuu hin jiru.

Kaan kaan Tasiin qullaa buuftee Gabaa Dafinoott argamteett jedhu. Yoo akkas tahe yoona ijoolleen lafa gabaa itt marsitee duchisaa jirti taha. Lafa gabaa ijoollee guddis badii hedduutu jira. Maraatuu Kamisee jedhamtu tokkoo caalaatt mararachaa ooluun saanii ni himama, silaa maraatuun lafa gabaa hin dhibamtuu.
Kaan shiftaatu butee gara dabarse jedhu. Sunis hin dandahamu hin jedhamu. Utuu sun tahe gaaftokko ilmoo see barbaachuu ni deebiti taha. Waan naannatt tahe irrati gabasi adda addaa waan burquuf dhugaa baruun qormaata gadi fagoo fedha.

Hamaan abbaatti deebi’uu hin hafu jedhama. Maraattus, foloso nyaatus, butamtus sanatu Tasii irra gahe. Hamaan akkasii lamuu akka itt hin deebine ollaan yaa’ee qolloo fi dachee araarfachuuf dhibaafataa fi hooqubaa galchaa ture. Ijoolleen ollaawoo? Baraartiin walqixxachuu maal jedhan laata? Daljeesso deebi’ee maal jedhe laata? “Baraar jette barariin baaduu buutee” jedhama! Dhuma hoduu kanaa ammallee bira hin geenye jedhe Abbaan Hoduu.

Email: (if you would like a response) Invalid format.

Comments:

A value is required.