Tunisiyaa eessa?

Roorroon mirgaa, nambiyyaa Tuunisiyaa Bouazizi akka of gubu tolche. Abdii kutannaan badiisa nambiyyaa sanaatti geese Tunisiyootaa wayyaba keessas ture. Utuu akkuma lammii saanii sanaa of gubuu irra hin ga’in abbaa hirree Been Aliitt fincilani. biyyooti Baha Gidduu rakkina walfakkaataa qaban mirgaf wareegamuun akka jiru Tunisiyaa irra arganii sosso’uu eegalan. Gaha jechuun gaha jechuu akka tahe beksisuuf tokkummaan  mootummaa saaniiti ka’anii. Akeeka saanii fiixaan baasanis hin baasinis moo’ummaan kan ummataa malee kan abbaa qawwee akka hin taane addunyaati agarsiisaniiru. Dhimma halagaa osoo hin tahin olhaanaan fedha ummataa akka tahe muldhisan. Fincilli kun yeroof hankaaksamuu ni dandaha, qabsicha garuu hambisuun matumaa hin yaadamu.

Fincilli ummataa akka golfaa biyyaa biyyati darbaa jedhama. Qorichi saa ulfina mirga ummataa fi abba tokkee, seeraan bula fi bulcha demokratawe. Bakka sun hanqatett namooti kanneen roorisaa diduu uggan irra barnota argatu. Ammuma yk bubbulee dhibeen waliti dadarbuun hin oolu. Hammam akki danda’an adda adda hatahu malee obsi dhumuun waan hin oollee. Sochooti Addunyaa 60mootaa kan nu huubachiisanii darbani.

Si’ana gurguddoon empayera Itiyophiyaa yaadaan walfakii Mallasaa akka Alii fi hoogganoota itt fincilame biraa roorisaa ta’ett Habashaan yoom ka’u jedhanii abjootu. Kun caalaa alati qiliwissaa jira. Gurguddoon sun ofii suduudaan bakka hin gubanne jiraataa biyyaan akka Afrikaa kaabaa ka’i jedhu. Ummati saanii tarii obbolaa saanii Kaaba Afrikaa jiran irra hala hamaa keessa jiru taha. Garuu gartokkon Wayyaaneen dira’inuma seetiin of xaxxee kuftii yoo eegan gara biraan fayyisooti saanii akkuma nugusa saanii dhumaa deebi’anii nu baraaru jedhanii abdatu. .  Fakmishoon bulchoota habaqaluu kan yeroon itt darbe fakkaata. Balfii fi fincilli eegamuun, dhoowaa Tunisiyaa duras ture. Amma kan dibbee rukichiisuu fide maalii? Sanduqa irbaan ango Mallasaan dafqaa fi dhiigaan argate fudhachuu yaalanii dadhabani; ka’i ummataas yoo kan dur caalaa qophaawan tahe malee danqaraan sana gadii isa hin eegu.

Oromoon koloneeffataa irra mirga saa falmachuutt erga ka’ee tureera.  Yeroo wanti halle (haala waattahisaa fi yaattahisa) wal qixxaatu fincilli ummataa waan hin oolle; garuu osoo  haalli hin bilchaatin kan garbooman ciniinfachiisuu yaaluun  miti. Kana malee hamajaajii aangoo hin qabne aangessuu ta’a. Oromoon haala amma jiru caalaa hamaan itti hin dhufu. Araddaa akaakilee saanii irra buqqa’a jiru; guyyuu kurkurfamaa, hadhaan faalamaa, guraaramaa, dhabamaa, hidhamaa, fi ajjeefamaa jiraatu. Gaaffiin saanii mirga sabummaa ofii ofiin murteeffachuu ammallee itt ga’isamaa jira. Ammayyuu jaarmaan duubati harkifataa jiru. Haalichi yoom akka dhoowu hin beekamu. Kanaaf of danda’oo ta’anii eeggachuun dirqii dha.

ABOn adda bilisummaati. Kaayyoon saa finnaa empayeraa diigee republic Oromiyaa ijaaruu dha. Qabattee kana irratt dubbii wal jala dabarsuun dhimma nagaa fi qayabannoo dhaabota Itiyoopiyaa waliin qabaatamu hin gargaaru. Dhugaatu gargaaraa ulfinas nama kennisiisa. Akeeki mormitoota Itiyoophiyaa Mallasaa fonqolchanii akka hogganoota empayerichaatti bakka saa bu’uudha. Kanaaf akeeki saanii yoo mirga Oromoo dhihaatan beekaniif malee Kaayyoo ABO waliin faallaa dha.

Halaalaa Mallasaatt ka’aa jedhanii waamicha gochuun abbaawummaa dhabuu dha. Kan waamu itt baha ka’ichaa dhandhoonuuf qophee ta’uun nama gidduti argamee kan duubati dhuka’u yoo jiraate hirmachuun dha. Waa’ee tumsa Oromoo waliinii ilaalchisee bu’aa wayyaa kan aangoo irra jiru caalaa agarsiifnaa jennaan ABOn gurra qeensuu hin dhiisu.. Sana malee akka jaartittiin jette “Dhama raasuun maal haa baasuufii?”  

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa ta’u!

Ibsaa Guutama
Guraandhala 2011
Ibsaa Guutama miseensa dhaloota saganta ABO isa jalqabaa baasan keessaa tokkoo.

Email: (if you would like a response) Invalid format.

Comments:

A value is required.