Maaljechi “Walabummaa” fi “Bilisumma”  Garaagaraa?

Qooqoti lamaan “walabummaa fi bilisummaan”guutummaa biyyaa keessatt rimsama tokko ifsuuf dhimma itt bahama ture. Kan too’annoo, olhaantummaa yk dhiibbaa qaama biraa jala hin jirre akka fedha ofiitt jiraatu jechuuf tajaajilu. Gandi tokko isaan keessa tokkoti caalaa dhimma baha ta’a.  “Sillichaan qalqalloo qalqalloon silichaa” isa jedhan sana hin darbu. Oromoon Maccaa tokko yoo “walabicha Walabuu” ofiin jedhu yk qabsaawaan tokko “dirre bilisoomte” jedhu akka qooqoti kun saala fi akaakuun utuu  adda hin baasin hundaaf dhimma itt bahamu agarsiisa. Qooqoti balchummaa, birmadummaa, luba baasa, ofiin bulummaa, gaddhiisaa jedhanis kanuma ifsu. Garuu Ofiin bulummaan diddaa haala jiruf sarmu dhiisuu yoo ta’u, gadhiisaan hidhaa keessaa gad dhiifamuu agarsiisa. Akka dambooba dhabuutt kan laalan jiru. Luba bahunis koolummaa irraa walaboomu agarsiis. Qooqoti kun afaan English keessattis “independence, freedom, liberation”  jedhamani hala hundaaf maljecha walfakiif dhimma itt bahama. Fakkeenyaaf “independence of Oromiyaa, freedom of Oromiyaa, liberation of Oromiyaa” jechuun waanuma tokko. Akka biraattis yoo dhihatan, waliindeemaa saanii keessatt qayyabatamu. Kan kaaneef “walabummaa fi bilisummaaf” waan ta’eef isaan haa caqasnu.  

Kurnan lamaan darban keessa “walabummaan” biyyaa  “bilisummaan” ummataaf kan jedhu golee ta’e keessaa darbatamnaan hedduun gaaffii malee baasaa baranee (fashionable) ta’innaa jedhanii dhimma itt bahuutt ka’an. Obsaan dhaabbannee dura kan nutti dhufe qorqoruun hafee tasummaan hurrisa darbu waliin didichuun barsiifata nuu ta’ee jira. Qooqoti dhiibbaa hala hawaasa keessaa,  barreessotaa, malbulcheessota, malraagotaa kkf. dhawaatan akka danaan itt bahu fi maljecha jijjirrachuu fi haaraan umamu dandahu beekamaa dha. Beekaa gara dabarsuufis kan jijjiiran jiru. Haa ta’u malee rimsama haaraan yoo baheef fulduraaf m alee kan darbe irratt jijjiirama fiduu hin danda’ani, raga  sobaa uumuu danda’uu. Kurnan lamaan dura barruulee fi jechooti turan qooqota lamaan waljijjiiruun waanuma tokkoof dhimma itt bahama jirate. “Biyyaa fi ummataaf”  jechuun  dhiheenya tolfame.

Kan kana hubachiisuun barbaachisaa ta’e ofumaa miti. Seenaa qabsoo bilisummaa Oromiyaa furaa haaraa kanatt dhimma bahanii dabsuuf kan yaalan waan dhalataniifi. Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) maqaa sochii malbulchaa diina ofirraa faccisuuf eegalameeti. Akeeki saa Rebublika Oromiyaa bilisa ofiin bultu demokratoftuu kan ummati see walabummaa fi walqixxummaan keessa jiraatu gad dhaabuuf. Daayi qabsaawota  see bulcha halagaa jalaa baatee mootummaa ofii akka dhaabbatu gochuu dha. Sun erga ta’ee hariiroon ummatoota Afrikaa olla waliin qabaatan maal akka fakkaachuu dandahu himamee ture. Kanneen maaljecha haaratt dhimma bahuun bilisummaa malee walabummaan hin gaafatamne jechuu fedhan jiru. Sanaaf sagantaa dhaabichaa irra deebi’anii yoo ilaalan deebii ni argama.

Yooma akki qooqoti dhimma itt bahame mamsiisaa dha jedhama ta’e hardha maaltu taliilessuu dhowwa laata? Waan darbe wal haaluun yk micciiranii dhiheessuun ni danda’ama. Garuu Oromiyaan bulcha diinaa jalaa baatee mootummaa walaba akka dhaabbatu fedha sabichaa taanaan eenyuu akka hin qabsoofneef kan dhowwuu hin jiru. Seenaa qabsoo walkaa jaarraa ummatichi halagaa jalaa bahee bilisummaan jiraachuuf gaggeeffate haquun yaalamaa jira taanaan qooqotatt fura jijjiiruun utuu hin ta’in ilaalcha amma qabaniin gadi bahuu dha. Seenaa kaayyoo jaalbiyyooti itt cichaa jiran jajallisuun rakkisaa akka ta’e yaa’a qabsoo keessatt argameera.  Kan irratt xiyyeeffatame sanaan ABO diiguu taanaan eenyummaa ofii saaxilu malee milkiin hin ba’ani. Kan fedhe walabummaan biyyaaf, bilisummaa ummataaf dhimma itt bahun ni buhaarsaan taanaan  mirga saati. Kan kana keessatt anja hin agare akkuma dudhaan dhimma itt bahamaa dhufeett itt fufuun mirga abbaati. Yoomiyyuu waan barbaadnu caalaa nuu ifsuu danda’a gara jennutt dhimma baana. Kan barreessu yk dubbatu akka barbaadett yoo dhimma itt bahu kan dubbisu yk dhaggeeffatu akka waliindeemaa saatt furachuu danda’a.

Maaljechi qooqota kantaree hin hafu. Haala waliin guddataa fi badaa deemuus ni danda’a. Haala tasa as bahe tokko akka namaa golguuf qooqa jirutt yk haaraa uumanii dhimma itt bahuun waan ilmaan namaa godhaa dhufani. Jechi walabummaan biyyaaf, bilisummaan ummataaf jedhu garuu rimsama haaraa golguuf utuu hin ta’in ilaalcha malbulchaa addaa irratt hundaaweetu. Kan uumaniif yeroo sana dhimma baaseera ta’a. Bulee garuu qaxxisa maltuuf dhaabata ta’aa jira. Jechi malalalchiissaan bilisummaa fi malee walabummaaf dhaabbanne hinbeeknu jedhu sun fudhatame se’ameetu. Ittansee akkuma “ashannafa’ fi achanafan” dhaabota Habashaa lamaaf maqii ta’e wal haleelchisaa bahe kunis akka hin taane eeggachuu dha. Akka qooqotaatt dudhaan Amaarri kaabaa” achanafa, kan kibbaa ashanafaatt” dhimma bahu turani. Qabsaawota gidduutt walabummaa fi bilisummaan maqii ta’uf deemu, garuu ummataaf adda addummaa hin qaban, kan malteen feetus kanuma. Jara dhimma fi ulfina sabaa dhaabbatanin walfakaatanii itt dhihaachuufi. Akeeki keenya tokkuma jechuuf deemu.

Afaan keenya baldhaa dhaa barbaadnu caalaa ballifnee feenu maljecha qooqotaa akka amma dhihaatett dhiphisne dhimma itt bahuu ni dandeenya. Walitt dabaluu fi gargar cabsuunis qooqota haaraa uumnee ittiin caalaa of ifsuu kan nu dhowwu hin jiru. Garuu gana kaayyoo sabaa mijjeessuuf malteen tolfamu fudhatama hin qabu.“Bilisummaa fi walabummaa”abba tokkooti akka biraatt dhimma itt haabahan malee  ummati abbaa itt ta’e kan beeku haalaa fi waan tokkichaa ifsu saniiti. Ayyaana akaakileen kan dubbannu sanaani. Gabaabaatt “balchummaa, bilisummaa, birmadummaa fi walabummaa” jechuun, kan too’annoo, olhaantummaa yk dhiibbaa qaama biraa jala hin jirre akka fedha ofiitt jiraatu rimsama jedhu ifsuuf walqixxee dhimma itt bahama. Tokko tokko akka ganda gandaatt caalaa dhimma itt bahamuu danda’a. Sun wanuma tokko jechuuf malee namaa, lafaa, qoolloo qilleensaa fi binoo waan jedhu hin qabu. Qooqa kamiinuu hanga wal hubannoon jirutt, waliigalteen akka haalaatt dhimma itt bahuf mijjeessuu kan nu dhorgu hin jiru. Kan jibbamu ummata afanfajeessuuf dhimma itt bahuu dha. Barreessitoota, kiloloota, qorattoota fi walaleessitoti keenya sanaaf hedduu gumachaa jiru, egereefis abdii guddaa irraa qabna. Afaan keenya caalaatt nagaa, araaraa fi misoomaaf garaa qulqulluu fi gamnoomaan haa guddifanu.


Ulfinaa fi surraan dabaankufootaaf; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama
Gurandhala 2013
Ibsaa Guutama miseensa dhaloota saganta ABO isa jalqabaa baasan keessaa tokkoo

Email: (if you would like a response) Invalid format.

Comments:

A value is required.