Kumalo, Dagachisa Roorroo Mirga Ilmoo Nama

Bara 1980 ture kan sabbonoti Oromoo marfamanii qabamuun Masaraa Minilik guddichatt geeffaman. Masaraa Guddichi Galma Guddicha jilli moototaa fi muudammii fi qondaalomsi gargaraa itt tahan ture. Galmicha fuldura dhaabii konkolaataan gurguddoo ayyaanaaf dhufan dhabbatan dirree baldhaatu ture. Dhaabi konkolaataa sana jalan caasaa boolla awwaalaa fakkaatutu ture. Jilli Dargi dhaadannoo harka bitaa aboottifame darbachiisuun eegalama. Isaan keessaa tokkoo “gola keenya awwaala farra warraaqsaa irratt ijaarranna” kan jedhu. Yero Dargiin Isapakkoo ijarratu sabboonoti Oromoo suduudaan kutaa lafjalaa awwala fakkaatu sanatt geeffaman.  Kan jedhan dhugaa godhanii achi jalatt Oromoon yaa’a mankaraarsaan kan du’uutt kahan fakkaata ture. 

Oromoon dilormaa empayeritt keessaa isa wayyaba. Akka inni nagaan hin qajeelfamne mancaasuuf angoo riphaa qabu.Soshalistooti addunyaa fi kan biros hedduun, milkaawuu Dargiitiif “ishoo” jedhaanii bahan. Milkiin jedhame sun Oromoo guutummaatt too’achuun rakkina itt fidurraa hankaasuu dandahuu kan jedhu ture. Afarsitota Dargiif inni humnasaa cimfachuu kan caalu hin turre.  Kanaaf kan hundi saanii akkuma jaatamoota keessa tolchan 1984ttis yeroo nammi jeejeen akka baalaa harca’aa ture achi ilalanii bira darbuu kan filatan. Akkuma jedhamu seenaan of mara, garuu osoo Oromoon hamaa ofirraa ittisuu hin dandahin hagam of mara laata? Mootummooti darban hundu awwaala sabbonota Oromoo seexaa saanii waliin jiraatan hunda irratt waan ayyaaneffatan qabu turani. Akkuma bara mootummoota darbanii beelaa fi dhukubi dilormaa barbadeessaa jira. Oromiyaan kan yeroo baayyee beelli tuqeenii hin beekne amma kadhattuu midhaanii isee wayyaba tahaa jirti.

Osoo empayerri Itiyoophiaa jaarraa 19ffaa  keessa hin dhalatin moototi Habashaa shiftoonni jireenya nagaa Oromoo kaabaa jeequuf duula walirraa hin cinneen itt bobbahaa turan.  Meshaan obbolaa saanii Kiristaanota garba gama jiranirraa argataniin olhaantummaa argachuun duula moohuu yoo dadhaban noola hin hidhatin nagaa fixaa bahani. Lafa fi qabeenya saanii saamuu qofa osoo hin tahin amante akka geeddaratanis qaama kukkutaa fi ajjeechaan dorsisaa turani. Kanaan kumootatu barbadaawe.

Moototi Oromoo Walloo, Mastawatii fi Warqit jedhaman Tedrosiin cabsuu irratt Napiyeriin mootii naannaa sanaa kam caalaayyuu gargaaranii turan. Garuu yeroo deebi’ee galu “galata hin dhabin” jedhamee  kan meeshaa waraanaa kennaa argatee ture Yohaannis Tigrticha. Meshaa sanaa fi leejjisa nama Naapiyeeri irra argateen ture kan inni duuba orma Walloo haxawe. Dhiigi Oromoo yeroo mootota Habashaa lamaanii akka bishaan lagaa lola’uu eegale hanga amma hin dhaabbanne. Hawasoti buqqifamanii, kan garuma milli geessett baqachuun mankaraarsota saanii irra fagaachuu filatanii turan.

Minilik kan isaan dububa dhufes adda hin turre. Dilormaa Oromoo ajjeesuu fi garba gamatt garbichummaatt gurguruun walakaa isa tureett gad buuse. Bineensa akkamii tahuu saa kan agarsiisu hammeenyi inni harkaa fi harma muruun raawwate hanga yoonaa Oromoo biratt “Harka Muraa Harma Muraa” jedhamee beekama. Minilik kan itt yaadatamu biraa Oromoo du’aa fi gurgurtaa irra hafan nafxanyoota saatii lafa saanii waliin hiruun “cisanyaa”tt gad buusuu saa ture. Isa boodas Tafariin sanuma itt fufuun nama hunda ciisanyaa lafa gaddhiisee deemuu hin dandeenye qabeenya nafaxanyaa saa godhe. Ofii fi warra saatiifis lafa Oromoo gaggaarii filee “Beeta Risti” jedheen.

Labsi lafaa Dargii inni jalqabaa 1974 labsame lafti akka kan Ormaa tahe beeke. Warraaqsa ambaaf milkii guddaa ture. Duba garuu fuggifamee lafti kan finnaati jedhamee akka dubbisamu tahe. Qottooti kumootan lakkaawaman marfamanii Kaasaa isaan hin laalleef akka loltuu tahan dirqisiifaman. Akka sanatt kan sirni qabiyyee lafaa Nafxanyaa qotee bulaan injifannoo qabsoo saa bara hedduun gonfate samamuun  deebi’ee ijaarame. Qonnaan lafaa manguddoo humna hin qabnett hafuun beelli akka naannaa dorsisu tolfamee ture. Ammallee kulkulfannaan sanaa bifa addaan ni muldhata. Dargiin sirnasaa hirreen bulchaan kan mormu hunda imaammata goolii labseen callisiise. Imaammati Dargii “Qayyi Shibbir” jedhamee beekamuun galaana kanneen isa duran qaata xirribbaawee waan halle gangalchaa dhufett dhiiga caalaa itt dabale.

Oromoon baayyina saatii fi qabeenya uumaa saan kan kahe gidiraan itt baayyatama jira. Akka yeroo argatanii kan saanii wan tahe hin gaafanne yoomiyyuu naga akka argatu hin godhani. Waraanni qubattuu jalqabaa waliin erga dhufee haga amma jaarraa tokkoo oliif orma hiraarsaaf mankaraarsaama jira. Kumooti hidhaa jiru, kumootii du’aniiru, kumooti biitteen saanii bakki gahe hin baramne, akkasumas kumooti kutaa mankaraarsaa biyyattii keessaa bakka hallett argamanitt amman tana gidiraa argaa jiru.  Ekeeraa ABO barbaacha adamoo guddaan bobbahee jira. Mootummichi ABOtt qabachuuf yakka guddaa raawwataa jira. Sun Oromoo gola guddisee saanitt kanneen hin galmeeffane qababachuuf sababa tahaafii jira. Jilli kumalos yoo itt hin dhukaafne nama Oromoo ofitt hirkataa tahe qabuuf sababa taheera. Kan qabaman yoo ni guraaramu, yoo ni ajjeefamu yk ni dhabsiifamu. Mootummichi aabo kamiifuu itt gaafatama hin qabu. Manni hidhaa empayerittii keessaa kan Oromoon keessa hin jirre hin argamu jedhamee amanama.

Haala akkasii jalatt kanneen humna qabiyyee Oromoo cabsanii of jala galchuu saaniitiif kan milikii saanii ayyaanefatan. Akkuma Dargii TPLF gola saa awwaala ijoollee Oromoo irratt jabeeffataa jira. Kannee sanaaf tumsan goobanootaa fi goobanee akkaasaa (kopi) galtuu duriiti. Waan tahuu malu madaaluuf surrii ofii hin qabni; akkasumas onnee hamaa firoota saanii irra gahaa jiru ittiin morman hin qaban. Habashooti akkuma jaarraa darbe tolchan harras Nagariita (dubbisaa) saanii s akeekkachiisaa fi nola ofirraa faccisuu hin dandeenye gad ciraa, dilgaasaa jiru. Deggertooti saanii kumalo waliin ulfeessuuf kumootaan Finfinneett guurama jiru. Karaa biraammoo Oromoon hammuma sanaa gadi hin taane kanneen waggaa kudha torban bulcha Wayyaanee hidhaa keessa jiranitt dabalamaa jiru. Daldalooti  dhaabota Wayyaanee kanneen horii alaa fudhatanii dhufu jedhan irra bu’aa argachuuf qophaawaa jiru. Sanaan waan dilormichi silaa amma dhimma itt bahuu kuufachuun. rakkinarra buusaanii jiru. Kana ilaaluun kaan qaata “kumalo allicaa” jedhanii moggaasuutt kahani. Gatiin mimixa farsullaa tokkoo Birrii kuma akka gahetu himama. 

Nammi kan waa ayyaaneffatu qaabannoo waan dansaa kan yaadatamuu qabu yoo tahe. Waggoota kumoota darban keessa addunyaa jija gurguddaa hedduu galmeesse. Guddinni teknolojii sadarkaa bara iyyaatii amma gahee jira. Dilormaa wayyaba addunyaa keessatt jijjirama ilaalchaa karaa hunda tahee jira. Itiyoophiyaa keessat waraanaa fi balleessaa malee wanti himamu hedduun hin jiru. Ilaachi addunyaa qabaniyyuu hin geeddaramne. Unkaan mootummaallee kan maqaaf kabeebsa xinnoo argate kurna yartuu dura. Keessaayyuu jaarroleen kumalo gara dhumaa  yeroo kantaraa fi quummanaa turani. Moototi saanii ilaalcha ballaa kan hin qabne meeshaa homishaa foyyessuu irra bishkileetaa ofee ishoo jedhaa kan jedhani. Hojjetee bulaan waan homishu kanneen homaa hin hojjenne dafqa namaa irra jiraatan waliin hirmachuu dirqama. Kanaaf waan haaraa uumuuf kan kolomsiisu hin jiru.

Qoteebulaan hardhallee meeshaa qonnaa osoo kumalon lakkaawamuu hin eegalin tolfamanitt dhimma baha. Tokko tokkoof sun hala addaa kan itiyoophiyaa waan iseen taate agarsiisu jedhanii mararfannoon dubbatu. Sun dhaalmaa hundi ittiin boonu qabu jedhanii nutt himuu kajeelu.
Hawaasi Oromoo, qoteebulaa kan dafqi saa gara laafina malee bolqamu. Akka dhuma irratt qarmii funaannatu illee hin dhabnett jabaatee hojjechuu qaba.

Haala kana jalatt waan jireenyaa kamiinuu, foyyeffachuu hin dandahu. Halkaniif guyyaan saa walqixxee dha. Angoon ifa kennuuf waan hin jirreef halkan keessaa yeroo gabaabdu itt yaadu illee hatachuu hin dandahu. Barraqaa hanga aduu boosoott guyyaa torbanii halle qoteebulaan oyiruu keessaa yoo qotu yk midhaan saa bineensa irra eegu argama. Waan biraaf yeroo hin qabu. Sunillee hidhaa humna qabiyyeett isa naquu dandaha. Yoo midhaan saa bade waan xaa’oo haraaxaa mootummaa irra fudhe, gibiraa fi gumaacha adda addaa seeraa alatt gaafatamu kaffaluu hin hin dandahu. Garuu akka walgahii gola guddisee mootummaa irra hin oollee egama. Sana gochuu baannaan akka deggera yk miseensa ABOtt ramamadama. Isa booda akka madaallii saa eeguu dadhabee gatantaruun fedha ofirraa hamaa ittisuu dhabu tolfama.

Bolqama gara hin qabne kana irratt Oromoon harki halagaa, amma maqaa indootii fi qubachiisa haaran lafa akaakilee saanii irra buqqisee  gidiraa argaa jiru. Kanneen haaraa qubatan laficha marmaranii baankii alaa kaa’achuu hin dandahani. Hanga fedhe haa fudhatu malee lafa saanii dhala walliin deebisanii ni argatu. Oromoo haa taatuu halagaa guyyaan lafa saamtuu ofittoon itt gaabbitu ni dhufa. Saba Oromoo kan lafa irra haquu dandahu hin jiratu.

Yeroo hundaa lafasaa waliin lafa saa irra ni jiraata. Yeroos akka gidiraan amma hin qaabatamne abdanna. Ammaaf cunqursaa akkaakuu kamiiyyuu ofirraa ittisuun itt fufaa. Murna haa tahuu abba tokkeen kam iyuu ofiin bulummaa Oromoo irratt dhoofsisuu hin dandahu. Inni mirga dhuunfaa fedha walabaa ormichaatii. Gidiraan ammaa fi ganamuun, qabsoo saa walabummaa fi ofiin bulaatt akka daran jabaatu tolcha.

Ormooti addunyaa kumalo sadafaa erga jalqabanii waggaa saddeeti tahuufi. Yeroo inni dhahatu yerooma tokkoo kan dhaloota Kiristoosii kahu. Jijii fi dadhabinni addunyaa qaata xiinxalamuun manii misoomaa hunda dhuunfatu TFn (UN) qophaawee. Yoo Oromoof bu’aa ni fida tahe kan kumalo sanaan irbuun seename Oromoof gahaa dha. Kumalon waggaa sadeet dubatt hafaan kun bu’aa malbulchaa fi diinagdee bulchootaatiif yoo hin taane orma biyyaatiif kan fidu hin qabu. Ayyaanhedduun Kopti akka mallatoo amanteett yaadachuun akka; garuu akka amma dibbifamaafii jirutt mitii.

Ayyanhedduun Itiyoophiyaa fi Gregoriyaan, lachanuu sararaa amantee addaa tokkoo, Kiristaanummaa irra jiru. Tokko tokkoon ormaa Ayyaantuu dhugeeffannoo yk amantalaa ofii saanii qabu. Yeroo amma garuu dantaa diinagdee fi daldalaaf jedhamee ayyaantuun Gregoriyaan durfannoo argatee jira.

Oromoon ogeeyyii Ayyaantuu jedhamaniin kan tolfamu akka itt yeroo dhahu kan ofii qaba ture. Innis qaamota qoolloo keessa jiran akka hurjii fi ji’aarra kahuun malee Hawaasi Oromoo amantalaa waan taheef dhugeeffannoo itt hidhate hin qabu. Dhaalmaan sun hunduu barbadeeffamee fedha saa alatt humnaan dhaabota irratt fe’aman keessaa tokkoo ayyaanhedduu Itiyoophiyaa kana ture. Kanaaf malee Oromoon lachanuun, kan Itiyoophiyaa (kan ayyaanhedduu Aleksandariyaa amma yeroo ala tahe irratt hundaawe) fi Gregoriyaaniif dirqama seenaa hin qabu; garuu qunnamtii ballaa addunyaa waliiniif jedhame anjaa kennu ilaaluun tokkoo filachuun mirga saati. Kanaaf kan Oromoon of baran amma hojii guyyuuf kan Gregoriyaanitt dhimma bahaa jiran. Oromoof ayyaanni kumalo gaggeeffamaa jiru yeroo gidiraan saa sadarkaa guddaa irra gahett. Oromoon guyyaa Ayyaantuun saanii gaafa dudhaa saaniitt jiruu kasanii, ayyaana ofii dhahatan abdiin fuldura laalaa jiru. Kanaaf dhugaa seenaa irra kahuu fi gidiraa irra gahaa jiru ilaaluun yeroo amma kumalo faayaa fi bashaan ulfeeffachuun orma Oromiyaa fi ilmoo nama kanneen TPLF jalatt gadadoo fi mankaraarfama keessa jiran salphisuu fi arbsuu yaaluu taha. 

Haala jiru jalatt ciraa hedduutu bada, heduutu hidhamaa fi mankaraarfamaa fi ajjeefamaa jira. Qeyeen Oromo dhabisii akaakuu tokkoo irra hin geenye hin jiru.  Yeroo hundaa naasuu fi gaddaa. Haala laalessaa akkasii jala osoo jiruti kan Oromoon badiisa saanii maqaa isaaniif guraarama qofa jechuu tahe, kumalee, akka ayyaaneffatan gaafataman. Baqulaa (glob) bakka hedduu irra jila kumalo Wayaaneen “Ishooyee” jedhaa kan dhichisan arguun kan hunda caalaa nama gaddisiisu. Hundu roorroo ilmoo namarra gahaa jiru fi gad qaba walabummaa mootummaan TPLFn shakalamaa jiru beeku.  Seerbeekoti akka jedhanitt yakki tolchuu qofaan osoo hin tahin beekaa irra darbuunis tolfamuu dandaha. Gaaddisi seenaa, murti gaaddisi addunyaa amma sodaan irra darbu, murteessuf walabummaa akka qabaatu beekuun dansaa.  

Gabaabaatt kumalon kun karaa kamiinuu dhimma Oromoo tahuu hin dandahu. Habashaaf dhooftu Ayyaanaa abbooliin saanii dhaalmaan dabarsaniif. Yoomallee akka dhaha addunyaa Kirstinnaa keessatt yeroon itt darbe tahuu beekan dhaalmaa waan taheef ulfinaan qabanii jiru. Akka dudhaa saaniitt ormooti ayyaana barbaadan ayyaaneffachuu dandahu. Garuu kanneen dhaalmaa saanii hin taanee fi badiisaa fi barbadaawuu qofa muuxatan itt bu’amuu hin qabani. Ayyaani kun roorroo mirga dhalootaa Oromoo irra gahuu fi dantaa sabichaa golguuf kan tolfamu tahuu hin qabu. Osoo haalli sirrii tahe hunduu irratt argamee abboolii ayyaanichaatin baga gammaddan jechuun akka ture. Kumaloon Wayyaanee toftaa malbulchaa, kan xiyyeeffannoo addunyaa roorroo ilmoo nama irratt amma tolchaa jirtu irraa maqsuuf akeekate. Bakka Ayyaanaa hunda jalatt, galma dhangaa jala, bakka fi galama walgahii jala kkf hunda jalatt ija laallibataa irra fagoo garuu miilla saanni gaditt gaga’amtooti Oromoo mankaraarfama akka jiran ciicachuu dha.

Wacabarrii kumaloo fi hololli Wayyaanee gadadoo orma cunqurfamaa irra gahu akka hubannoo addunyaaf hin dhiheessine deggertoota mirga ilmoo nama daguu hin qabu. Harka rukuttaan golee kamiiyyuu, Kumaloo Wayyaaneef tolfamu kan fudhatama qabu  yoo nagaa fi bilisummaa, Oromoo kumootaan lakkaawaman, Oromoo tahuu fi bilisummaa jaallachuu saanii qofaaf, harka Wayyaaneett gidiraa argaa jiraniif  nagaa fi birmadummaan fide qofa tahuu qaba. Yoo xinnaate, kadhattuun tokkoo yeroo jeejeen, dhukkubaa fi balaa nammi fiden dhumu, horii kana hunda akka baasu gaafatamuu qabu. Kan guraaramaa fi gidraa guddaa Oromoott fide dhuma kumaloo lammaffaati. Gadadoo fi gidiraan ni gadduuf malee hin ayyaaneffataniin. Sana tolchanii of yakkuu diduun jabinaa fi kutannoo gaafata. Kan onnee qaban haala rakkina orma saanii fi orma cunqurfamaa golguu dhufe kanaan matumaa jechuu qaata eegalani.  

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan lubbuun jiraniif; nagaa fi araarri Ayyaana abbooliif haa tahu!

Ibsaa Guutama
Fulbana  2007
Ibsaa Guutama miseensa dhaloota saganta ABO isa jalqabaa baasan keessaa tokkoo.

Email: (if you would like a response) Invalid format.

Comments:

A value is required.