Irreecha


Ayyaana  Irreessa Hora Arsadii

Yoo nammi biyyaa dhufuu firooti Ameerikaa jiran bakki itt geessan tokkoo “Atlantic City” magaala jedhamu. Bakka qumaara itt dhahatan. Biileen abbaan see dhufnaan achi geessite. Jaarsii manya Atlantik yoo argu ni gammadde. Jiidhaa dhihooti arge kutatee qarqara manyichaatt qajeele. Takka guungumee margicha itt darbate. Mucaan obboleessa saa kan Amerikaati guddate tokkoo yeroo inni sana godhu ni ilaala ture. Wasiila maal itt guungumtee darbattee? Maaliif sana goote jedhe?

Abbaan Biilee takka itt yaade, taphaa saa dhiisee kan gara koo mildhate waa baratinnaa laataa jedhee yaadee. Manyaan kun teessoo gosa binoo fi margoo adda addaati. Akasumas riqicha lafa gargar cite walitt fufu. Waldiyaan  adda addaa isarraan walquunnamu. Akka tolummaa saas hammaachuu ni dandaha. Danbalii fi obonboleettii hamaan irra kahe biyya balleesuu dandaha. Kanaaf Waaqi isa uume nagaa akka kennuuf, hamaan ilmoo nama balleessu gara saan akka hin dhufnen kadhe. Nageenya hanga yoonaafis Waaqaaf hooqubaa galcheen itt irreenfadhe jedhe. Kan an guungume kadhaa kana. Jiidhaan an darbadhe hirreessa jedhee waa’ee irreesaa ifsuuti kahe.

Irreechii jedhe, akka ayyaanaatt waggaa waggaan kabajama. Garuu abbaan yoomiyyuu marga kutee malkaa, hara, laga, gaara, odaa fi awwaala warra saati yoo dhufu waa darbachuun irreeffachuu dandaha. Irreessa jechuun Waaqaa kadha fi galateeffannaa jedhanii akka kennaatt jiidhaa darbaamu sana.  Waaqni akka hirree fi nagaa namaa kennu yaadachuudha. Waanti yk bakki itt irreenfatan sunis Irreessa ni jedhama. Irreenfachuu jechuun kenna jiidhaa qabatanii galata galfachuu jechuu dha. Irreessa jechuun bakka awwaalas jechuus nit taha.

Irreechi waggaa, isa hawaasi walitt yaa’ee malkaa, haroo, gaaddisa muka odaa faatti waloon irreenfatu. Achiti wal eebbisa. Waliin Waaqa galateeffata. Naanna Finfineetii ayyaanni akkasii bakki itt ulfeessamu keessaa malkaa Aqaaqii fi Hora Arsadee Bushooftuutt argamu. Horri kun haroota Bushooftuutt argaman keessaa isa guddicha. Odaa Nabee irra gara kaaba lixaa dhihooti argama. Bakki irreeecha qarqara horicha gara kaabaatt argamu. Odaa guddaan bakka sana jira. Kan inni dhaqamu tabba guddaan gadi bu’ameetu. Guyyaan irreeffataa Dilbata gubaa Habashaatti haanu, irra oola. Ayyaanni irreessaa waggaa bakka biraa guyyaa murtawe hin qabu. Tibbi saa garuu barii birraan waan wal ilaaluuf Fulbana keessa taha.

Yeroon saa dukkana gannaa kan bokkaa, lolaa hamaa, bakakkaa fi bubbee waan ijaajju hunda balleessuu jalaa bahanii ifa birraa itt argani. Asheeta midhan hedduu yeroos gahee ni tuttufatama. Mataan asheeta duraa, osoo abbaan hin nyaatin, manatti suuqamu yk bakka beekamaatt darbatamuu qaba. Kun galata Waaqaa beela fi dukkana gannaa dabarsee quufatt isaan baase yaadachuu dha. Ayyaana faranjiin “Thanks Giving” jedhuun hanga tokkoo wal fakkaata. Garuu rimsammi saa walii gargari.

Bushooftuutt gaafa Irreessa waggaa Warri Ayyaanaa (Qaalluu guddaan) hunda dura barraaqaan Hora bu’u. Hooda barbaachisu baasanii, eebbisanii qeyeetti deebi’u. Sana duuba nammi dhihoo fi fagoo yaa’ee dhufa. Jiidhaa irreenfata. Wareega kan qabus ni galcha. Kaan qalee aarsa, kaan dumbulshoo bishaanitt darbata. Dhabduun qunnii buqqistee bishaan horaa facaafachuun waaqi akka ilmoo isee kennu kadhatti. Kan wareegaan waggaa sana ilmoo argate galatini kee hin badin jettee facacaafatti. Dargaggoon weedduu adda addaa baasanii sirba Ayyaana sirbu. Guyyaa sana ragadaa fi dhiichisaa oolu. Isa booda hunduu “hoo qubaa!” jedhee mana saatt dacha’a. 

Abbayye takka Irreessa jeta takka Irreecha jetta inni sirriin kami jedhe. Lachuu sirrii dha. Tuulammi Irreecha jedha kan hafan hedduun Irreessa, hirreessas ni jedhu. Lachuu cabaqa afaan keenyati. Intalli waamnaan gurbattiin guddadhu jedhee itti tuttufee gara qumaara dhahanitt kahe. Takka miilla fuudhee garagalee gurbattii waamee, “Atis dhaqii irraanfadhu”, jedhee karaa saa qabate.
Kana caalaa kan baruu barbaadu sambata guddaa gubaa Habashaatt haanee jiru ganama halkaniin Hora Bushooftuu (Arsadee) dhaqee daawwachuu dha jedhe abbaan hodu

Email: (if you would like a response) Invalid format.

Comments:

A value is required.