Hidda Hin Citne

Baras gaammee diqqaan ture. Bodee koo qabadheen abbaa koo waliin lola dhaqe. Meeshaa guddaan nammi keenya qabate bakara, eeboo isa guddicha. Garri caalaan ulee fi dhagaa qofa harkaa qaba. Hamaan qeyeeti itt dhufe. Jarri diinaa meeshaa abida tufu gurguddaa fi didiqqaa hidhatan. Gurguddaa keenya kan jennus ijalee saanii ta’anii nutti bu’ani. Raayyaan keenya gitu dadhabe. Caalaan baqachuu irra dhumuu filate. Kan dheesses duukaa bu’anii ciran. Dhirri Sibuu daa’ima kaasee hanga jaarsaati Ajaja Goobana Daaciin lafarraa haaxawame. Abbaankoo kufnaan reeffa keessa dhokadheen yoo aduun dhiitu gara milli nageesseti kute.

Goobanni aarii irra kan ka’e fakkaataa bu’aa boojuullee ni irraanfate. Ajaji saa ilmoon dhiiraa tokkoo akka hin hafne kan jedhu ture jedhan. Deemee deemeen odaa tokkoo jala gad taa’een du’a abbaa kootii fi eegeree koo yaaduuttin ka’e.  Bakkisaa Sibu ala nati fakkaata. Akkoon koo, Odaa fi Oromoon hidda hin citne qabu jett turte. Amma sana hawwuuttin ka’e. Hiddi abbaa kootii akka cite hin badne na abdachiise.

Utuun kana yaaduu hirribi silm na godhe. Namootumaa garasiif garanaan qabee akka hoolaa funyoo mormati na kaa’un arge. Yaada geeddaratan moo na ajjeesuuf laata jedheen yaadda’e? boji’amtooti biraas turan. Hunda hudhaa murmati kaa’anii nammi tokkoo duraa harkisa. Akka gaala eegee fi morma hidhanii walduraa duuba hiriirsanii fakkaata. Karaa guddaati baasanii nu rarraasuufii laata jedheen ciicadhe. Yoon miliquu yaale hudhaan mormati najabaata. Kanaaf calliseen joga’uuti ka’e.
Duubana yoon dhagahu ajjeechaan dhaabbate akka kan humna qaban hundi boji’aman labsi bahe jedhan. Horii boojuu kan oofanii fi ba’aa kan baatan barbaadan.

Kanatin baraarame. Beelladaa fi dilbiin biyyi qabu tokkollee it hin hafne. Osoo hin turin loon boojuu kukkufuuti kaate. Dhukubi Shaggarii fidan loon qofa utuu hin tahin namas haaxawuti ka’e. Goobanni harka duwwaa Arjoti deebi’e. Anaa fi kanneen biraa golficha irra hafne akka waliti hidhamneti mi’a nu baachisanii harkisaa Shaggariin nu baasan. Waan karaa irrati nurra gahee fi muuxannoo keessa dabarre irra deebi’ee dubbachuun mataa kaasee haga qeensa qubaa miillaat na suukesa.. Kanaaf kaasuu hin fedhu. Hamma achi geenyuti qixa qixaa osuma waliti makamnu kumtama taane. Achi geenyee baati lama erga agarree booda ijoollee kudhan filanii masaraa mootiiti nu dabarsan.  Masaraa mooti yoo geenyu giiftiin hunda keessaa na filatee jarri kaan kutaa kutaati hiraman.

Yoo dhuma ilaaltu nameenyaa fi collummi kiyya kan giiftii marare nati fakkaata. Hojjaan koo waggaa koo ol nafakkeessa. Hojjetuu qeyee hundi ija nati murmurti. Giiftiin garboota kana waliin akkan si hin agarre naan jetteeti. Hiriyoota koo waliin osoon taphadhee nan filadhan ture. Giiftiin akka isee fi sirna wajjira see toluti na dhandhoonuti kaate. Hedduu nabarsiifte. Akka itt harka fuudhan, akka itt waa dhiheessan, akka yeroo hojiin hin jirre itt dhaabbatan fa’inin qarame. Leenjisa koo irrati jartiin garbitii “inkoyyee” Waakkennee jedhamtutu gargaaraan. Gooftaan yero it basha’u hin qabu. Yoo marii gurguddaaf tahe malee giiftii waliin darbani darbani qoomnii argatu. Bakka hanqatu guutuun qooda kiyya tahe. Kanaaf akkan qarqara qilee irra qaxxisu dirqisiifame naaf gala. Hamman afaan cuqqaalladhet kan irra na ha’u hin jiru.

Ergan sana hunda baradhee booda giiftiin of biraa na dhabuu hin jaallattu turte. Utuu ijoollummaa hin fixatin nama guddaa kan taate fakkaata. Yoo namoota gurguddaa waliin hasa’an ba’i hin jedhamu. Afaan Amaaraa kanin dhagahu itt hin fakkaatu. Sana na barsiisuufis hin dhamaane. Anis waldhaalaa of fakkeesseen dhihaadhe. “inkoyyeenis” barri kan jaraati beekaa waldhaalaa fakkaadhu dhala koo jetti turte yeroo kophaa taanu. Gadaa keessati sirni guddisa ijoollee Oromoo afaan halagaa hin barsisin malee, akka addunyaa kana itt simatanit qopheessa ture. Kanaaf faarumaan waan taha ture heduun nan dhibne. Yoo nammi hin jirre giftiin akka ijoollee waliin taphanna.

Abbaan koo, Daljeessoo Leedii akkuma koo buji’amee ture. Booji’tu jalaa badee yoo dhufe waan karaati barate hunda nu barsiise. Isaan keessaa tokkoo afaan Amaaraati. Ani jedhe abbaan koo, Imbaabootin booji’ame. Sibutti guddifamne malee qomoon keenya Guduru. Achii Shaggariti na dabarsan. Karaarrati boojuu biyya Oromoo dhufaniti na makani. Hundi keenya yoo aduun dhiitu waliti hodeessuun mukuu baana. Hammi waliin jirru waggaa sadeetii hanga kudha shanii taana. Hiriyaa turre jechuu dha jedhe itt fufe.

Hiriyoota keenya kufanii fi bakka gahan kan hin beekne yaadannee imimmaan lolaafna. Haadholii keenya yoo yaadannu waliin gadoodna. Osoo diina irra hin ittisin kufuu keenyatu nu guba. Imimmaannii fi furriin osoo nuti hin yaadin gadi yaa’u. Eegduun keenya warra fi maatiin naannaa qubatte. Kanaaf afaan saanii dhaggeeffachuumaan butanne. Alii aliis kan isaan keessaa balleesse akka adabaa nu keessati ni darbatama. Sanarraas ni baranna ture. Kana akkasii yeroo baayyee afaan Oromoo waan beekuuf furaa waliin nuti hima jedhe abboon.

Gaaf tokkoo jedhe, garaa kaasaan na qabe. Kanaan dura namooti hedduun qabamanii mooraa sanaa baafamanii turan. Eessa akka geessan garuu hin barre. Amma anas fuudhanii bahan. Godoo daggala tokkoo keessati ijaarameti na galchan. Ana malee nammi biraa hin jiru. Kan kanaan dura bahan eessa gahan laata? Garaan na raafamuti ka’e. Biyya hin beekneti awwala malee hafuu kootii lata, sunuu golfaan, jedheen of gaafachuuti kahe, jedhee yoo yaadatu imimmaantu ija guuta?

Midhaanii fi bishaan qorsee wayiti ala naa kaa’anii deemu. Kunoo fuddhuu nyaadhu jedhanii akka dubartiin jaarabbii baastuu ofirra garagalanii fiigu. Akkuma ta’eti qoonqoodhaa foqoqeen fuddha ture. Sunu kan argame Oromoo qondaala hambaa tahe taasuu dha malee ajaja gooftolii miti jechuu boodan dhagahe. Qaawwaan yeroon laalu gaftokko dubartiin yeroo lafa keessee figdu argeera. Sadarkaa tokkoo yoon gahu nan laafe. Nyaata naaf darbatamte  bahee fudhachuun dadhabe. Intalli guyyaa sana midhaan fidde akkan isa kaleessaa hin fudhanne agartee. Naa gaddite fakkaata lubbuu seetti murteesitee ol seentee na ilaalte.

Bakkan  ciisus qaammi kiyyas albaatiin laaqameera. Uffata koo fuutee laga achumati dhihoo jiru dhaqxee lollaate. Fiddoo koo fannistee. Kitaa jiidhaan dhagna kiyya irra haxooftee bakka naa jijjirte. Waan iseen gootu akka abjuun arga malee of gargaaruu hin dandeenye. Kitticha dhaqxee keessa deebitee miiccitee fiddee fanniste. Baaqqee see narra buustee balbala alaan jabeesitee danqartee sokkite.

Borumtii bishan guchumaan fiddee qaama koo narraa dhiqxee. Moofaa wayii fi handaqii wayiis fiddee turtee naa afte. Nyaati hardhaa bulula ture. Kanaaf yoo nati qabdu qoonqoon naa fudhatte. Jabaadhu hin duu’in naan jettee sokkite. Waraabssi ittin urgaawe haa tahu alaa yuusa. Sodaan saa caalaa na cimse. Sagalee yeelalaan of jabeessuuf wanan geerare nati fakkaata. Intalli ergasii al sadan tokkoo deddeebitee osoo na gargartuu achumaan hafte.

Gaftokko afata see waliin isees fidanii nabirati darbatanii baqatani. Albaasaa diddigsaa qabdi. Darabee koo gargaaruttin ka’e. Wal salfachuun edaa yeroo wanti halle wal nama qixxatu? Qullaa walii gangalchinee dhiqne. Saalli keenya adda tahuun illee nuti hin dhagahamu ture.  Baaqqeesee marxifadhee wayyaasee miiccuu fi bishaan warabee dhagna irra dhiquuttin ka’e. Intalli dur qabee dhadhaa fakkaatu amma daalachooftee qola boqqolloo fakkaate.

Ijoollee waliin turre harka waliti hidhanii akka bakka hin beekamneti dabarsan iseetu nat hime. Nan maalalchiifne. Booju hedduutu badee yoo deebi’u waa’ee gabaa garbaa nuti hima ture. Gabaan Shaggariti dhihoo tokkoo Roggee jedhama jedhani. Achiti kan fagaatanii deemu dandahan filatanii daldalooti gabra gamati geessan bitatu. Kan hafan gooftolii biyya keessaatu bitata. Jarri ala deeman meeshaa alaa dhufuun geeddaramu. Kan biyya keessaa qarshii, soogidda, damma, ilka kkf bitamu. Kanaaf mootichi isaan alatt gurguraman caalaa oo’isa jedhan.

Carraan hiriyoota kooti nan maalalchiifne. Garuu garaatu na gubatee imimmaan qabachuu hin dandeenye. Boojuun silaas garba. Garbichii kan bilisumaan saa irra qucifame. Faranjooti “garbichi mi’a lubbuu qabu” jedhu. Namummaa dhabne sadarkaa mi’aati akka sabaati gadi buune. Karaa dandahan hunda caffatanii bahuu malee falli hin jiru. Lubbuun jiraannus hamma du’aa waan taheef, du’a isa dhugaa sodaachuu hin qabnu. Du’aa dhukkuffachuu irra bataluma obbaafachuu wayya. Hanga nuti akka fayyine baraniti gara keenya kan millatu hin jiratu. Kanaaf fayyinus guyyaa guyyaa gadi hin baanu. Waan halle galgala godhanna.  

Intalli yeroo fayyaa turte cuubee fi eeboon warabessa ofirraa sodachisuu dandahu hattee naa fiddee turte. Nyaati dhukkuffataaf ergamu gara caalu hambaa dhangaa kadhattuuf darbatamu.alii ali akaayii shunbura, mulluu fi maxinoo goggodduus nuu darbatu. Isaan kana subbaa wayiti guduunfine, gafa rakkoof kuufataa turre. Amma fayyaan keenya deebi’aa dhufe. Lammata gurguramuu irra yoo badnewoo jedheen intalaa mari’adhe. Iseen duruu na mamte malee garaa qabdii utaaltee nati marmaramte. Ni murteeffanne. Galgala gaafa baduuf kaanuu qalamee tokkoo ajjeeseen ture. Dhiigasee mana keenyaa kaafnee hanga lagaati gadi buufnee isee qarqara lagaati waraabessaa gatne.

Abbaan kiyya, jedhe abbayyeen, naannaan Shaggar Oromoo dhihoo qabaman waan tahaniif aadaa safuu akka hingatne natti himee ture. Bara nama ajjeesee Leeqaati gale kan gibira Minilik geessan waliin ni deddeebi’a ture. Kan safuu beeku diinati dabarsee nama hin kennu. Abdii kanaan hanga ji’i baatuti dhukkafataa fakkaannee eegne. Gaaftokko nyaata nuu darbatan nyaannee, isee olkee’ane guduunfanne yeroo aduun gad jettu qarqara lagaa qabannee qajelle. Eeboo fi gudduu koo qabadheera. Intallis ulee qabdi. Osoo ofirraa hin faccisin akka hin qabamne kakannee turre.

Warabessatu nyaate jedhu malee ni badan jedhanii hin cicatan. Yeroo aduun baatu daggala keessa riphaa hanga galaa keenya fixnuti halkan keessa deemaa fagoo geenye. Waan nyaannu argannu malee deemuu akka hin dandeenye barane. Bineensa akka hin barbaanne alaatii irra marsituun qabatee duulli nuti dhufuu dandaha jennee dhiifne. Intalli yeroo booji’amtee oofamtu  mi’aa nyaataa baatti turte. Bakka qubatanitis dubartoota sana gaggeessan irra afaan dhageesseeti. Ijoollee waan turteef salphaati butattee akkuma saanii dubbati. Kanaaf mooraa amma keessatis leelloon argatee baayyee isee qare. 

Bosona keessaa gadi baanee andaara andaara osoo deemnu ijoollee hori tisituti baane. Takka dhaabbanne nama ollaa qoranee Oromoo qofa tahuu saanii hubane. Amaarri yoo nuti dhufees afaan saa waan beeknuuf waan jennu qopheeffanneerra. Sana booda manneetiiti ol baanee nagaa gaafannee kara deemoo dhaa nu bulcha jenne. Akkuma aadaa beeknuu manni kan Waaqi seenaa nuun jedhan. Seenne buna dhugnee jaarsa abbaa manaa waliin hodeessuu jalqabne. Seenaa naannaa fi haala keessa jiran nu iyya’an.

Nutis gosa keenya itt himnee bojuu jalaa badnee akka biyya keenyati deebi’aa jiru itt himne. Lama bira bullee, nu eebbisanii galaa nuu galaasanii nu gaggeessan. Lafa bullus kan irra goruun nurra jirus nutti himanii abalutu nu erge akka jennu mallatoo nu kennan. Akkasiti darbaa dabarsaan nagaan simatamaa eebbifaa biyya keenya geenye. Intalatiinis sana duuba Haadha kee taate. Gosti see Ituu dha, lola Calanqoo booda booji’amte naan jedhe abban koo Jaldeesso. Afaan Amaara karaa irrati akka itt barateen qabatee kana hunda nati hime.

Ammas dilii naannaa keenya, Sibuu irrati bu’een Jaldeessoo Leedii meeqan see walirra buusee jannummaan kufe. An akka carraa dhumii irra hafeen boji’ame. Booji’amuun sanyii nuu tahe jechuu dha. Abbaan koo muxannoo saa irraa baratee namusaan naguddise. Haala kam jalati yoo tahe of dandahu qabda jedha ture. Kanaaf yeroo hunda qophee tahee akkan mulladhu na gorsa. Kan naa waliin oofamaa deeman keessa gurbaan warri saanii dur dur olii dhufan ture. Afaan Amaaraa dubbatu malee ittiin hin boonan. Kanaaf nama naannaan walfakkaatanii jiratu. Lola ittisaa tolfame keessattis qooda fudhatanii turan. Akkasiti kan gurbaan booji’amuu dandahe. Kan abbaa korraa baradhett dabalata isarraan afaan  baradhe. 

Gurbaan moor xinnoo tokkoo “Dirsaane Maariyaam” kan jedhan guyyuu baasee itti guunguma ture. Sana Kiristaana malee nammi keenya hin shaakalu. Eegduun sana arge tokkoo gaaftokko fuudheenii deeme ergasii as hin hindeebine. Gochi kun hamaaf haa tahuu tolaaf hin barin hafne. Awwaama waliin nagaan tahuu akkamiti danda’e jedhanii moo ilmi Kirtanaa tokkoo akkamiti “gaallaati” makama jedhanii o’aniifiti laata? 

Eegaa akkasiti kanan baradhe. Beeka jedhee namati hin himne. Beekaan wallaloma filadhe. Giiftiin afaan kiyya beekti. Isaan cabaqaa naan dubbati. Guyyaa tokkoo ergamaan fiigee dhufe. Gullalleen warana Birruu mancaase. Birruunis dheessee Wacaca yaabbate jira jedhe. Goobanni hin dhageenyee jennaan, inni bobbaa biraaf Arjoo oldeebi’aa jira jedhe? Gooftaan ni aare. Akkamiti qawwee sana hunda itt kenninee kan eeboo fi dullaan lolu isa dabsate jedhe? Gooftaa kanaan dura sitti himnaan na didde. Oromoon akka itt lolu dura mari’ata. Seeraan bulaa dha. Lolaafis seera tuma. Kan seera caffeen bobba’e hamma du’ati lola malee hin dheessu. Seera kan tuman Odaa jalati. Odaan sun qooda qabaa, humna itt bobbaasii akka lamuu hin latneti balleessisi jennaan didde jette giiftiin.

Goobani silaayyuu waan Guraageef ajajameef warana saa Roggee Arjootii kaasee Shaggariti deemaa ture. Amma ajaja arreedi kotu jedhutu itt darbe. Diddaa Guraagee malee abbaan cibraa saa Birruun dabsatamuu hin dhageenye ture. Yoo gahu gooftaan nagaa dha. giiftinis jirti. Kan inni garaati yaade hin geenye. Birruu kee jarattiin mukati amantu kun ariitee Wacaca baafteen jechuu dhageesseetaa, jedhe gooftaan? Kan jara gargaaru Odaa dha jechuu qubaa qabdaa? Goobanni waan deebisu dhabee. Birruun jagna. Onnee loltuu ramaddaniif malee muki maal nama gargaara? Odaan gaaddisa qaba. Nammis horiinis aduu fi bokkaa isa jalati dheessu. Waaqas namas jalati araarfatu. Sun kan Birru haleele natti hin fakkaatu. Tooftaa, loltuu fi kutannootu wal hin madaalle taha jedhe Goobanni.

Odaa kana sodaattee natti fakkaata kan sababa baayyiftu. Amma humna itt bobbaasii akka hundee  buqqisanii guban godhi jedhee ajaje goofataan. Goobanni, kun naannaa gaaddisa dhabsiisuu taha. Cibsaa loonis dhabsiisuu taha, namoota si hin tuqinis gaddisiisuun ni mala, garuu erga ati jettee ajaji kee ni raawwata jedhe.  Badii dhufuu jiru utuu beekuu ajaja fudhate. Gooftaan saa yoo odaan waa fides innumti waan sanyii saati haa dirmu jedhee malee waranni bobba’uu dandahu biraan hedduu ture. Falfaltichi Gooban keessa deebi’ee xureesse.

Sana booda akka ajajme tolchee. Birruunis marsaa cabsee akka bahu darbee gargaare. Birruun marsaa Gullallee keessaa erga bahee waraana saa qabate Guraageeti akka darbu ajajame. Garuu akka carraa dilii Guraagee irratis hin milkoofne, ni caphe. Sana booda Goobanni dhaqee meeqa dhama’ee haaloo baheef jedhama. Garuu achii deebi’ee osoo hin turin Faalleeti galee du’e. Erga Sibuu balleesse darbee darbee akka qalbii dabarsuu isa godha jedhan odaan itt dabalamnaan birr’uu fi yaaciin biraa hafuu dide jedhu. Gooftaa sattis aaruu eegale. Kan saa achumaan raawwate. Mallattoo Sabaa fi Ilmaan Oromooti daba ooluun, salphatee du’uu saa keessaa harka qabu jedhu.

Giiftiin Odaan baduu ilaaluuf yoo dhaqxu anis daayitii see baaddhee duukaan ture. Gufuumtillee hin hafne. Hundee buqqisaan jedhama. Amma bakka itt seeran hin qaban., Igzabeerii haa galatu jette giiftiin. Daawwii barbadaawa Odaa booda masaraati deebine. Sobdee kan itt gammade fakkeesite malee kan Odaa balleesse duubi saa akka hin tolle dabtarootillee itti himaniiru. Duris awuliyoota Walloo irraa dhageesseeti. Haalli saa rifachiisee bataskaanati deddeebi’uu baayyifee turte. Gaaftokko utuu itt yaadin “wanti odaa kun kan na rifachiisee sitt hin fakkaatuu gurbaa jette?” giifti isin muka biyya faranjiiyyuu fiddanii dhaabduu kan keessan yoo badu isn gaddisiisuu hafaan jedheen. Nammi biyya keetii “hintaha jennee harree qallee, hin tahu jennaan harree gatnee, qoricha jennaan barbaadne dhabne” jedha mitii jette? Maal goona egaa odaan harma jige tahe jette itt fuftee.

Haala dhukkuba dhirsaa see irra hedduu naate. Hin hafne gooftaa utuu hin turin dhagni saa tottoruti ka’e. Lubbuun keessaa bahuuf waggoolii fudhatte. Habashaan adurree gurrachi qaxamureetu jedha malee waa’ee Odaa kaasuu hin barbaadu. Giiftiin ulfinati hin hafne; salphatee masaraa ari’amte. Anis hamma duututi tajaajila fi ulfinan kennuuf hin hanqisne. Erga barasiitii yoo nammi bakka tokkoti gooji’ee arge Amaarri ni seertan jedhee adaba. “Seeraa” qooqa jedhu fallaa isa dhugaan afaan saati ida’ate. Oromoon odaa jalati seera mura ture.

Amma jarri Odaa jigsee mirga namaatti roorrises  kan jara duuba dhufanis hin jiran. Ana garuu raajii argi jedhee duubati na hambise. Ilmi ilma kootii bakka Odaa sanaa natti agarsiisi jedhe naa gamsiisa ture. Gaaftokko iyyaafachuun bakka saa geenye. Yoo achi geenyu naannaan saa odaa duwwaa tahe nati mullate. Bakkisaa kanuma mitii jedhee kanneen karaa nuti agarsiisan gaafannaan, akaakaan kanuma nuti hime jedhan.

Gaafas Odaan hafee gufuun saallee hin jiru ture. Amma garuu Odaa hedduutu jira. Kun eessaa bahe jedheen jara gaafadhe. Odicha hundeedhaa habuqqisan malee hida lafa keessa jiru eenyuu dandahee buqqise hin fixuu. Hidda haftetu kana hunda late jettuu ree jennaan? Jarri kukkutanii gubuun kan balleessan ha se’an malee hiddi takkitiin lattee lafa uwwisuu akka dandeessu hin barre.

Odaan abdii dha. Odaan galma, Odaan caffee dha, Odaan gaaddisa, Odaan mallatoo qajeeltuuti. Oromoof Odaan waan hedduu ture jedhan. Deebi’ee latuun saa mallatoo abdiiti. Odaa fi Oromoon tokkoo. Badee hin badu. Balleessuuf halagaan waan hin goone hin qabu. Galtuun lammii keessaa baates sababa adda addaatiin balleessuu yaaluu hin dhaabne. Mankaraarfamaa, ajjeefamaa, gurguramaa, kolonomee jirate. Attamiti sana hunda jalaa bahee sammu walabni argamee laata? Kan Odaas kan Oromoos raajii dha. Odaanis Oromoonis hiddi saanii gadi fagoo dha. Hidda hin citne qabu jedhu warri biyyaa. Ana garbummaan of na wallaachisee jira. Ammayyuu giiftii tiyyaa waggaa saddeettama dura duuteenin kakadha.  Sangaan harka isa kolaasee arraba jedhan miti? Alii ali Awwaala seettiin irreeffadha. Giiftiin kakadhus it hirreeffadhus alii ali lafumaa ka’ee dhagnatu bir bir na jedha, ofummaa kiyyan mama. Hiddatii hin citnetu na keessatti hafee laata?

Email: (if you would like a response) Invalid format.

Comments:

A value is required.