Gara Sochii Howasomaatt
Yaada hariiroo Oromoo jabeessuuf dhihaate

Hojiin ilmoo nama malbulcha qofaan kan dangahamu osoo hin tahin kan barbaachisummaa qaban biraa hawasommii fi diinagdeenis jiru. Tokko tokkoon saanii barbaachisoo waan tahaniif tokkoo qofaa irratt gooji’uun guddina hawaasaa madaalamaatt geessuu hin dandahu. Yero nagaa angoon malbulchaa gochoota biraa too’achuu, eeguu fi miseessuuf dhimma baasa. Kanaaf malbulchi murnooti wal dorgomaan waan irratt wal dhaban tahuu dandaha. 

Sochiin malbulcha biyya of jalaa hin qabne tolcha guddinaa irra jiru; gocha hawaasaa biraa irratt too’annoo qabachuuf dura guddina kana fixachuu qaba. Oromoon akka sabaatt angoo malbulchaa erga dhabee jaarraa irra darbeera. Biyya guddaa, dilormaa fi qabeenya guddaa fi dandeetii riphaa naannaa sanaa hiriyaa hin qabne qaba. Garuu diina irraa buufatee dhimma itt bahu yk  akka inni dhimma itt hin bane gochuu hin dandeenye. Akka firaa fi lammii kufeett rakkina saa walitt obsaa hambaa samichaan of gargaaraa jirata. Yoo gamuufis angoo qabachuuf fincilaa ture. Haa fincilu malee hanga milkiin bahutt jireenyi itt fufuu qaba, nyaatee bulu, waa barachuu, fayyaa saa eeggachuu, waliin gadduu fi waliin gammaduu, aadaa saa eegee dhaloota dhufuti dabarsuun irra eegama. Sanaaf hacuuccaan malbulcha irra jiraatuyyuu hidhata hawaasomaa fi diingagdee tokkoo tokkoo qabataa ture.

Oromoon erga gargar facawee jaarraa shanaffaa seenaa jira. Isaan keessaa tokkummaa bulchaa hin qabaatin malee bakka jirutt jireenya walfakii jirate. Garri caaluu sirna Gadaatiin gaggeeffama. Kanaan aadaa, afaanii fi dudhaa saa akeeka walfakiin dhimma itt bahaa ture. Facaa irra deebi’ee wal dhunfachuuf isaa sochii eegaluu Habashaan qabamee sirna kolonii wal fakkaataa jalatt kufe. Hammasitt takkaa halagaan hin bulle, bakka turett walabummaan jiraate. Sana duuba walabummaa saa haa dhabu malee Oromummaa saa hin gatne. Garri caalaan afaanii fi qaccee aadaa saanii hanga tokkoo badii irra olfatanii jiru. Haacuccaan wiirtuu tokkoo waan itt dhufeefe jijjirammi irra gahes wal fakkaata.

Bilisummaa diinni dhabsiise deeffachuuf yero Oromoon callisee itt darbe hin turre. Garuu akka saba tokkooti kaka’ee sagantaa malbulchaa baafachuun dhaaba tokkoo jalatti hiriiruu erga eegalee reef  waggaa afurtama irra ceha. Dhaabi sunis Adda Bilisummaa Oromoon (ABO) ture. Ergasii sun murna hedduuti biinxa’ame. Garri caalaan kaayyoo bilisummaa ABOn ganama ittiin bobbahe hin jijjirre.  

Kanneen maqaa Oromoon Heera Itiyoophiyaa fudhatanii alaabaa halluu magariisa, keelloo fi diimaa jala hiriiruu filatanis jiru. Jarri sun fedha ofiin baraaraara gooftolii saanii koloneeffatoo jala of galchaniiru. Haa tahu malee akka isaan yaadan. bulchi Habashaa harka ballisee wal qixxummaan isaan yooyyefate hin turre. Isaan irra darbee kan isaan deggeranuu hamaan irra gahaa jira. Halli kun hamma hardhat biraa hin hafne. Oromoon ango Itiyoopiyaaf dorgomuuf gola mormaa ijaarratan akuma kaneen ofiin bulaaf lolatanii, kurkurfamaa, deggertooti saanii hidhamaa, guraaramaa fi ajjeefamaa jiru. Caffee keessatt sagaleen saanii ukkaamfamaa dha. akkuma akaakilee saanii garbichoota, bulchootaa surraa kennuuf malee ittiin dorgomuuf hin afeeramne.

Kanneen kaayyoo tokkoo fudhanne jedhan gidduu gargarummaan sararaan saa hin beekamne ni muldhata. Hunduu dalansuu fi wal garreffachuu malee garagarummaan akeekaa himatan hundee hin qabu. Waanuma tokkoo kallattii adda addaatii, gubbee dhaa gad, jala olii fi maddii ilaalanii anatu sirriitt ilaale waliin jedhaa kan jiran fakkaata. “Badana kottaa mee bakka hundayyuu darabeen waliin ijaajjinee haa ilaaluu” jechuu hin dandeenye.  Adda fakkaachuuf komee hundee hin qabne dhiheeffatu, komee dhugaa hin taane garuu kan dhaggeeffatu bakka laafaa saa tuqee mararfannoo argamsiisaafii jira.  Qabattee ijaaramaniif dhiisanii wal busheesuu irratt xiyyeefatu.  

Biyya alaatt hamma saati ijaarsi noolaa (civic orgs) garagaraa maqaa Oromoon dhaabbataniiru. Garuu miseensoti, ergama dhaabota sanaa heeraan beekamu dhiisanii, ilaalcha murna malbulchaa mararfatanii calaqisuu yaalu. Sunimmoo nageenya dhaabota sanaa gaaga’ee badiif qophessa malee eenyuufuu anjaa addaa hin kenninu. Achittis waanuma tokkoo bakka adda addaa ijaajjanii daawwachuutu dubbii fida. Murnoota malbulchaa tokkoo tokkoo jaarmota noolaa dhuunfachuu yaalaniiru garuu yaaliin saanii akka miseensoti dhiisanii baqatan tolche.  Kanaaf waan jaarmaa ilaalu irratt akka gadabbee fi waa hin baasneett fudhachuu irra ergammi saanii beekaa waan Oromoo kan tahe diiguu dha kan fudhatan jiru.  Sababa saaniif dhaaboti hawaasomaa ofiin misuu hin dandeenye. Shanacha Jaarsummaa jedhanii ofiin kaka’anii waldhabdee mornoota ABO lama gidduu jiru araarsuuf manguddoon bobba’an shan qoftillee ergama saanii osoo hi raawwatin addaan sokkuun malalchiisa ture. Afoola Oromoo keessatt akka “riqa Arroojii” jedhan sana tahe. Oromoon diinagdee waliin sossoosuufis yaaliin tolche hangas hin muldhatu. Wal amantee fi beekumsa saatu hin gabbifamne.

Oromoon sochii bilisummaa saa erga ifaan labsatee waggaa afurtamaa ol tahaa jirra. Wareegama kana hin jedhamne itt baaseera. Dhaabi saanii yoom akka olka’u hin beekamin malee gad deebi’uutt erga kahee bubbulee jira. Maaltu akka isaanirra gahaa jiru al tokkoo dhaabbatanii wal yk  abba abbaan of gaafachuuf yeroo hin arganne. Yeroo hundaa kan ibidda itt qabsiisee ofirraa dhaamsi jedhu malee dhaamsuuf kan birmatuuf hin jiru. Kanaaf  karaa qajeelaa irra jirrachuu mirkaneeffachuuf yeroo hin arganne. Ammayyuu jarjaraa waan jiraniif yeroo itt waldhaggeeffatan hin qaban.   

 Bara 1991 carraa gabaabduu argamteen ABO Oromoon wal barsiisuun dandahamee jira. Nammi jiyaa hundaa yaa’ee “Ishooyee” dhiichise. Anis akkuma orma biraa kan naaf qabsaawu qabaa jedhee gammachuun simate. Mieensoti buttaa waraana Oromoo dhiichaa qawwee saanii ofitt jabeessanii qabuun  alaabaa saanii qabsoo ol kaasanii balalisaa yeroo dhichaa Finfinnee seenan gammachuun hunduu basha’an.  Dhaaba mirga saanii hamaa irra ittisu qabaachuutt boonan. Ergasii ormii ABO garaa saatii hin haqne. Bara sana caalaan hojjetamuu dandaha ture. Garuu diinni yeroo hin kennineef. Waggaa tokkoo akka lafa hin qabanne rarraasee dhumarratt of keessaa tufe. Mootummooti Itiyoophiyaa halagaan hafee firaayyuu angoo hiranii hin beekan.

Akkuma humnaan angoott dhufan hanga angoon buufamanitt turu. Karaa hoogganoota Oromoo sun hin wallaalamne. Garuu qophii waan hin qabneef diinni daguunii carraa argate. Kan qabanuu harkaa gate. Haalli sun akka rakkina waloott ilaalamee ABO birmachuu irra heedduun dhagaa itt darbachuutt kahan.

Erga Mootummaa Cehumsaa bahame humni biyyatti hafe kan diinaan wal gituu hin dandeenye. Luuxxee galtuun faalamee rukutame. Kan irraa hafan qawwee saanii hirkisanii qeeyett dachaa’anii ammayyuu garaan gubataa jiru. Kanneen alatt bahanii fi ala turan guyyuu wal ajeeffataa deemanii sutuma suuta osoo tokkoo tokkoon keessaa luqa’amuu dhuma irratt kan hafan bakka lamatt banka’ani. Kun haala dhaabota empayeritt keessatt of ijaaraan hundaan wal fakkaata. Harki diinaa hedduu fi dheeraa dha. Hunda unkuree tamsaasaa jira. Kanaaf hundu diina dhiisee walitti bobbahuu eegale. Isa “kan dandeessu dhaani jennaan gowwaan galee nitii yaale” jedhan sana tahe.

Akkasitt burjaajiin haawasa Oromoo ala jiru keessa seene. Akka sanatt waldhabdeen dhaabota Oromoo ala jiran keessa faca’e. Haawaasi ala jiru biyya seeraan bulu keessa waan jiraatuuf hanga seera ulfeessett waan sodaatu hin qabu. Osoo atoma qabaate saba saaf hedduu gumaachuu dandaha ture.

Qabsoon bilisummaa orma ofii, deegaa, wallaalinaa fi dhukuba keessaa baasuu dabalata. Kanaaf  hanga angoo malbulchaa of harka galfatutt alaa heduutu hojjetamuu dandaha ture. Garuu akka itt dubbii ilaallutu qisame. Hundi keenya angoo fagoo jiru qabachuu irratt ija babaasaa jira. Isumayyuu yoo waliigalteen itt deemne malee waanti hedduun akka nu jalaa baduu dandahu hin hubannu. Osoo biyya keenya hin bilisomsin walbaduun nun baasu. “Manni ofumaanuu garga bahe hin ijaajju” jedhama, yoo badii irra oollee, diina dura dhaabbachuu barbaanna tahe sana hubachuun dansaa.  

ABOn bara mootummaa cehumsaa dhaabota empayeritt kan biraa waliin qooda bulchaa fudhachuuf Shaggar bahuun saa Oromoon akka walbarsiiseen gubbaatt dhoofnee jirra. Sun dhaaba Gobalee fi Begiitt dangahamee ture biyyatt gad baase. Biyya fi dilormaa (population) haaraa itt ida’ame kana, ofitt dabbalee dirqama haaraa bahachuuf dandeettii fi jalcaasa barbaachisu hin qabu ture. Waliingahuuf osoo batattisuu cehumsa keessaa dhiibamee bahe. Kanaaf haalli booda akka tasaa itt dhufe isa bara dirree socha’niin adda tahe. Abbaawummaa  fi itt gaafatama dabalame kana golguuf yaaliin tolfame isa ture laaffisuu irratt dhiibbaa qaba kan jedhan jiru. Maaliifuu, kanneen qabsoon walbarsiifamanii, furmaata hedduu irra eeganiyyuu gahuufii osoo hin dandahin, cehumsa keessaa tufame.    

Guddinni addunyaan karaa teknoolojii walitt gunnuffachiisaanii jira. Diinni sanaan Oromoo irratt anjaa fudhataa jira. Addunyaan gunnuuffataa jirtu kun saba hedduuf bilisummaa fidde garuu Oromoon fudhachuuf qophee hin tane. Sanaaf malee kan isa dhorgachuu dandahu hin turre. Sana jechuun walumaa galatt keessaa darbatamee jechuu miti. Ammayyuu humna riphaa dorgommichatt isaa deebisuu dandahu qaba. Kanaaf ammayyuu daldala walabii akka garaa dhangalahuu akka hin dandeeny gochuu dandaha. Biyya diinaggee baaquleessaf qabachuun si’ana golgaa seeraa jala fi tohannaa halaalaan deema.

Kanaaf kan indoosu (invest) tasgabii fi seera ifaa barbaada. Fedhiisa saa kana keessa gugachuuf malaa fi gamtaan socho’uutu kanneen akkeeka walfakaataa qaban irra eegama. Oromiyaan waan hedduu indoosota harkisu qabdi. Oromoon fedha saa malee qabeenyi saa akka hin saamamne yoo dhorgachuu dadhabe jaarraa kana keessa akka sabaatt baduu dandahu saa beeka.

Egaa maal goonu? Sochiin malbulchaa dhaabota sanaaf ijaaramaniin itt fufuu qaba. Hundu gidduu saanii gargarummaan fedhe haa jiraatu qabsoo saanii tokkomsuun dirqii dha. Dhaaba Oromoo malbulchamitii gareett hin qoodamne ijaaruun yoo dandahame dhabota malbulchaa walitt fiduuf dhooftuu tahuu dandaha. Tarii waldooti hawaasaa gara kanatt ceesisuuf karaa tottolchuu dhandahu taha. Ormi malbulcha qofaan hin jiratu. Hirmaata hojii jiraachuu qabu hubatanii, qabsaawoti kan walfakkaatu walduukaa toora qabsiisuu qabu. Gochi diinagdee fi hawaasomaa kurkursa malbulchaa bartuun faalamuu hin qabu. Jaarmoti hawaasaa, dhugeeffannoo, hiriyaa, saalaa, ogeeyyii fi qaroo gocha golotaa irra walaba tahuu qabu. Murna keessa jiran osoo hin hediin Oromoo hunda tajaajiluutu irra eegama. Waldooti dhugeeffanno, ogneessotaa fi dargaggoo, murna tokkoott riqachuun kanneen akka ujuutt isaan ilaalan xiqqsuu of tuffachiisuu taha.

Sana jechuun biyyi keenya karaa barumsaa, fayyaa, hadhaadhyyuu, sportii fi aadaa gumaacha barbaaddi. Jireenya gadgaloo biyya ture jalaa bahuu saaniif namoota hunda miti kan gammadaa jiraatan. Kanneen rakkina teessoo hin fixatinii fi kanneen jireenyichumattuu hin barres jiru. Kanneen kan itt baran fakkaatan illee yaada qeyee irra walaba miti. Hunduu akka waliiti, kanaaf jajjabeesaa fi deggersi yeroo warra fi gosti hin jirre kanatt kan naannaa jiran irra ni barbaachisan. Hunduu hawaasa nagaa qabeessa kan yeroo gomman jabina kennuuf fedhu. Eenyuu biyya yaaduun kaayyoo irra cehee diinaa jilbeechuu hamma gahutt kophaatt dhiifamuu hin qabu. Kanneen ilaalcha ABO dimimmiseessan keessa tokkoo sana.  

Ayyaanoti walii fi kophaas qaban jiru. Yoo waliin ayyaaneffatan yeroof illee haa tahu, biyya ala fiduu dandahu. Beekoti keenyaa fi dargaggoon keenya yabboon walitt dhufanii umsata saanii itt shaakalan yoo qophaaweef halagaa caalaa nutt riqachuu dandahu. Bakki dubartii haala haaraa kana jalatt isa beeknu irra adda. Kanaaf dhiiroti osoo isaan walabummaa halagaa kanaan irra hin qoollifatin walqixxummaa saalaa fudhachuu saanii mirkaneesuufiin kan hardha bor jedhamu miti. Dubaroon obbolaa saanii dhiiraa waliin walqixxumaan akka biyyi saanii bala itt buhe kana jalaa itt baatu faluu qabu. Gabaabaatt sababii lammiin tokkoo tahuu fi enyummaa waloo keenyatt boonuu hojiin agarsiifamuu qaba. Yoo akka hawaasaatt waliin dhaabbanne mootummaa jala jirru irratt dhiibbaa tolchuun bu’aa lammii fi hawaasa keenyaa argamsiisuu dandeenya.

Kan beeknu keessaa tokkoo dhahuuf, waldaan hawaasa Itiyoophiyaa Washington DC miseensa saatiif waan mootummaa irra argamsiisu keessaa tokkoo waldhaansa. Sana argachuuf nammi keenya osoo hin jaallatin achitt dhaqee horii baasee galmeeffama. Jaraaf kan jalaa baqate deeffachuun injifannoo dha. Qaaniin du’a caalti kan Oromoon jedhuu sanaa. Oromoon DC jiru waldaa Hawaasaa seeraan galmeeffame qaba. Hundi achi jiratu garuu miseensa miti.

Kan miseensa tahanillee irra dheessa jiru. Sunis maaliif akka tahe waan hundi gaalchaan beeku. Kaanhomaa keessa kan hin jirre yoo tahu kaanimmoo waldoota Itiyoophiyaa irra faca’aee jira. Waldaan Oromoo waggaa dheeraaf laasha’ee jira. Sun dadhabbii Oromoo irra madda. Waan biyya ilaalu irratt waliin dhiibbaa gochuuf yaaliin tolchine hiriira hobbaatii qabachuun waaqbeekii tahe qofa. Habashaan hiriiraa fi halkan dungoo qabatee dhaabbataa buluu caalaayyuu, horii itt dhangalasee qaawwaa seera jiru hundaan dhiibbaa tolcha. Oromoon qaawwota sana of barsiisuuf illee kan aggaame hin fakkaatu.

Haala jijjiiruuf dhaabota malbulchaa keessatt namooti qooda fudhatan, yeroo dhaba hawaasomaatt dhufan, hunda toohachuuf bolola qaban of duubatt dhiisuun barbaachisaa dha. Kanneen Oromoo hundaaf dhiisamuu qabu. Oromoon garagarummaan ilaalcha qabu akka jirutt tahee nagaan waliin jiraachuuf basha’uu barachuu qaba. Kan Oromiyaa bilisaa fi ofiin bultu keessatt irra eegamus sana. Kana mirkaneessuuf dura jaarmiyaa hawaasaan eegaluu dha. Walgahiin kanneen Oromummaatt amananii waamamee, eegaleen Oromummaa, yoomuu fedha kamiifuu, jeeqamuu hin qabne maalfaa akka tahan tarreessuu qabu. 

Oromoon ala jiru nafii safuu tahan kan yoomiyyuu cabsuun hin dandahamne mee haa tarreessu. Sana cabsuun ni adabsiisa. Ilaa fi ilaameen tarree sana keessaa tokkoo tahuu qaba. Kanaaf wal dhaggeeffachuuf darabeen dubbachuun mirgas dirqamas taha. Tuqaalee malbulcheessitoota wal dhabsiisan keessa tokkoo dhiba “ilaa fi ilaamee”ti. Kanaaf waldaan hawaasomaa isa kudhaammachuu qaba. Wanti akka hamees kan jaarmota Oromoo jeeqan keessaa tokkoo. Hameen eegalee dubatt hafummaati. Waldaa tolfamu keessatt sun safuu tahuu qabaa. Komeen yoo jirate fulduratt bahee dubbatamuu malee lafa jala jette jettee diigaa facaasuun yk callisanii irra qollifachuun akka hin tahu.

Sabi hawaasa cimaa qabu miseensota saa hiriirsuun itt salphata. Waldaan hawaasaa dura amantee miseensota saa irra uummachuu qaba. Sunimmoo hojiin muldhata. Kanneen jalqaba galfati itt kennamu kan wareegama barbaachisu baasanii waldicha karaa tolaa irra buusan tahuu qabu. Sana malee calqabuma mamii kan uuman taanaan dubbiin Oromoo deebitee bisaan dhugdii.

Haawaasii kutaa hanga addunyaatt walduraa duuba ijarama. Altokko ijaaramanii walabummaan dhiifamnaan raajii hojjechuu dandahu. Marii malbulcha walaba murnoota haa tahu abba abbaa gidduutt akka tahuu gargaaruu dandahu. Waldaa diinagdee fi yaalii daldalaa kan humna lammii guddisuu dandahan jajjabeessuuf carraa qabu. Waanti gargaaruu dandahan hanga Oromoo hunda murna kam irraayyuu haa tahanii, tajaajiluuf dudhama qabaatanitt daangaa hin qabu.

Hawaasi jabaan ala jiru eenyummaa lammii eegee fi fedhin saa alatti akka leeyu guchuu dandaha. Dhaloototi alatt dhalatan akka eenyummaa saani wallaaluun warra hin komanne gargaara. Biyya hundi eenyummaa himachuu dandahu keessatt, Oromoon biyya halagaatt dhalatan akka raammoo dhoqqee sa’aa maddi saanii kan hin beekamne tahuu hin qabani. Oromoon orma Afrikaa boonaa, seenaa of dandahe qabu, aadaa, dudhaa fi seeraan bulmaata addunyaan itt boonuu dandahu akka qabu itt himamuu dha.

Barreessan kun yeroo waa’ee of ijaaruu dubbatu rakkina dhalooti Oromoo si’ana waa ijaaruutt qabu wallaalee miti. Kan hardha dhugaa tahe kaleessa dhugaa hin turre borris dhugaa tahuun saa dirqii hin tahu. Oromoon durii ijaarsa godinaa sochoose qabachuun saanii fi akka loltuu fi seera tumootaatt gita kan hin qabnee akka turan kan garba gamaa dhufanii arguuf carraa argatan malalchiifatanii turan. Kanaaf rakkinni amma mullatu kun kan haalli itt fide malee kan qaccee dhaalmaan dhufe miti jedhee fudhata. Jarma cimaa malee eessayyuu gahuu hin dandahamu. Karaa malbulchaan hagam akka gasansara taa’e Oromoon ni hubata. Dabbalooti gurguddaan dhaabaan osoo hin tahin ofiin waan halle tolchuu barbaadu. Iccitii xixinnoo kuufatan shaanxaa saanii malee kan beeku hin jiru. Isaan badnaan duukaa bade jechuu dha. Kan jaarmaa cimaa qabu garuu abba tokkeen badeef itt fufiisi hin dhibu. Abba tokkeeti qoodi jarmaa caalu itt hin kennamu; kan itt kenname qofa hojiirra oolchu. Kan hojiitti bobbahe hundi hanga qooda saa jabeessaa.

Dhaaba ijaarrachuun wiirtuu sochii Oromoo tahuu qaba. Sochichi hunda haammataa tahuun barbaachisaa dha.  Kanaaf dubartiin fi dargaggoon alatt hafuu hin qaban. Fedha murnoota saanii addaa tahaniif waldaa akka ijaarratan jajjabeeffamuu qabu. Sana gochuun dargaggoo hoogganoota borii gidduu fi walkaa dilormaa dubaroo gidduutt ofitt amanuu fi wal amanuu uumuu gargaara. Sanaan taliisummaa hanga yoonaa nu qabatee jiru irra haanna taha. Me dantaa saanii eeguu fi ofiin bulummaa lammiif hunda waliin haa dhiichan. Kana malee yoo muuxannoo qofti gad jabeeffama tahee shakala micciramaa duriitt deebi’uu dandeenya. Kanneen rimsama gurmeessa ammayaa hojiirra oolchuuf dudhaman waliin jalqaba j basalgaa nu barbaachisa. Jaarmoti Oromoo jaarmaa haawasa amma jiran kamiinuu kan dorgoman tahuu qabu. Akka Oromoo durii ijaarsa qilleensi hin galle kan sadarkaa addunyaatt dorgomuu dandahu ijaarrana jechuu dha.

Oromoon waliin eegalee Oromummaa lafa kaawwachuu dandeenyaan injifannoo isa guddaa dha. Kanneen biyya saanii jaallatan alaabaa Oromummaa garagarummaa hundaa olitt qabatanii dhufu. Kanneen kana hunda booda qeyee halagaatt hafan ofumaanuu of baasan jechuu dha. Oromummaan dhiiga qofa miti ilaalcha addunyaatisi. Ijoolleen Oromoo, afaan waldhaaluu qofan qollifatan yk ofirraa dhiibaman jiru taha. Jarri akkasii gaaga’moota kolunummaa malee balleessaa saaniitt ilaalamuu hin qabu. Qabsoon isaan warratt deebi’uuf tolchan jajjabeeffamuu fi gargaaramuu qaba. Akeeki sochi bilisummaa mirga badde duwwaa osoo hin tahin lubbuu baddes deebifachuu dha. Osoo ifaajjeen deebifachuu hin tolfamin Oromoon mooraa diinaa keessatt dhiifamu jiraachuu hin qabu. 

Yaadi kun gochi orma tokkoo malbulcha qofa miti, hawaasommii fi diinagdeenis jiru kan jedhuurraa madde. Yaadi asi irratt dhihaate Oromoo gargar faca’aa jiru sochiin hawaasomaa walitt fidinna kan jedhu. Oromoon halagaa jalatt malee Oromoo jalatt wal qixxummaa gaafataa. Hundi Oromoo Oromummaa kan qayyabatu akka sanatt. Waan isa ilaalu hundatt marii barbaada. Marii irratt ilaa fi ilaameen murtii irra gahuu jaallataa. Dur aangoon kamuu seeraan dangahamaa ture. Hundi seera sana keessatt suduudaan yk karaa iddosota saa gumaachee jira. Sanaaf seera ulfeessaa. Dhaloota ammaas sun sammuu saa keessa jira. Seeraa alatt Oromoon Oromoo irra waan itt dhufu hin fudhatu sun safuu dha.

Si’ana dubbi angoo orma tokkoo irratt kan dantaa qaban hedduu dha. Sirna wal qixxummaa gaggeessuuf dhiibbaa adda addaa jalaa dandeettii fi dammaqina ittiin bahan barbaachisa. Dhiibboti kun kaasaaa wal qayyabachuu dhabuu lammii gidduutt uuman keessaa tokkoo. Marii fi ilaa fi ilaameetu dhiibbaa kanaan mudaa godhate. Rakkina qabsoo malbulchaa keessa jiru irra haanuuf tattaafataa misa nagaa dhaabota noolaas kunuunsuu qabna. Yeroo fudhata taha garuu tolfamuu dandaha. Oromoon “sissiqaa goobana” jedha, kanaaf yaaluu eegalaa. Kan badii irra baraaramnu yoo Oromummaa jabeeffanne qofa.

Rakkinni gara malbulchaan dhufe Oromoo gargar facaasaa jira. Akkitt wal taasisuuf hanga yoonaa yaalle hin milkofne. Kanaaf waldaan malbulchamitii maqaa Oromoon jiran keessaa kan gargar baha irra oole hin jiru. Harki diinaa kan hin muldhannes baqaqa kanatt gumaacheera. Dantaan Oromoo kamuu ijaaramnaan Oromoof madda humna namaa, waatattaa fi ayyaamiin qabsoo Oromoo kan ol kaasu taha. Dhaaboti Oromoos madda kana dhuunfachuu barbaadu. Diinni waan dandeettii Oromoo ol kaasu hundaan mormaa. Waldoota dhuunfachuu dandhuu baannaan haa caccaban jechuun diinaa waliin ijaajjuu akka hin taane eeggannoo barbaachisa. Dhaaboti Oromoo dhugaan akka waldooti noolaa bu’aa Oromoo hundaaf walabummaan misan dhiisuu qabu. Maltee diinaa fi gargar baastuu keessaa irra eeguus qabu. 

Waldaaleen hawaasaa milkoofnaan rakkina cimaa fi itt haanutt cehuu dandahu. Waldaaleen kun misa kutaa biraafis dhooftuu tahuu ni dandahu. Oromoon horii fi dandeettii gurmeessaa qaban indoosaa fi gorsaaf walitt fiduun ni dandahama. Oromoo waa’ee biyya saanii irratt ilaalcha addaa qaban mari’achiisuuf waldooti akkasii anjaa qabu. Garaagaummaa keenya kan jedhan ifatt yoo baasan laallibbati yaada leellisu filachuuf carraa argata. Jarris tarii ofiffummaa malee garagarummaa akeeka akka hin qabne ni hubatu taha. Nammi jiraatee tokkummaan qabsaawu, nyaatee bulu, beekumsa argachuu, fayyaa saa eeggachuu, wal jajjabeessuu fi waliin gammaduu, aadaa saa eegee dhaloota dhufutti dabarsuutu irra jira. Karaa kun itt mirkanaawu quwatamuu qaba. Tokkummaa keenya osoo hin diigin garagarummaa keenya akka itt qabanu haa barannu. Oromoo ammayyaan dhaalaa qarooma Gadaa “ilaa fi ilaamee”uumeeti. Kanaaf wayyoomsuu malee ajjeesuu hin qabani. Gara battala waloo kan Oromummaan keessatt olhantummaa qabutt, sochi hawaasomaa, socho’uufis  isatt dhimma bahuu qabu. Sochii gara battala waloo kan Oromummaan olaanaa itt tahe uumuuf dhimma itt bahuu qabu.

Sochiin hawaasomaa ida’ata malee kan qabsoo malbulchaa lammiin wal dorgomu miti. Kanneen Oromoo walitt fiduu yaadan hundi haa eebbifamani.

Oromummaan haa lalisu!

Garaa garummaan ilaalchaa malbulchaa tokkummaa keenya bu’uuraa hin diigu!
Ibsaa Guutama
December 2007

Email: (if you would like a response) Invalid format.

Comments:

A value is required.