Gaaffii Seerawummaa Maqaa ABO jedhamuu

Akkuma maqaan saa agarsiisu ABOn dhaaba walabummaa Oromiyaaf qabsaawuuf bu’uurfame. Akeeki malbulcha saa mirga sabummaa ofii ofiin murteeffachuu kan hanga republic Oromiyaa ofiin bultu ijaaruutt geessu dhugomsuu dha. Amma erga uumamuun saa labsame kurnan afur ta’eera. Aarsaa guddaan ergasii jiji hin tuffatamne galmeeffamuun ifaa dha. Bu’ursitooti hedduun dhumaniiru haatahu malee yartuun mancaasa koloneeffattuu irra baraaramanis jiru. Jarri kun yoo wanti barruunqableen ifsuu hin dandeenye jiraatan waan unkafama ABO ilaalu irratt dhalawuu akka dandahan ni abdatama.

Barreeessan kun hojii guyyuu irra oldeebi’us dhimmichi kan inni dargagummaa saa itt fixate waan ta’eef callisee yeroo sochiin daba itt fakkaatu tolfamu ilaaluu hin dandeenye.  Murni sadii maqaan ABO jedhuun waamamuun rifachiisaa dha. Sadan sun deebi’anii tokkoomuuf ABO  “dhinsuu fi jabeessuu” al tokko yaalanii hin milkoofne. Yoo xiqqaate ilaalcha amma qaban walii hubatanii gargar bahuufillee fedha agarsiisaa hin jirani. Sammuun halagaa tumsuuf qophee tahe fira bira yammuu gahu locamuun irra hin turre.

Murni hunduu akka caalaa qulqulluu taheef kaayyoo ummataa garaa saatii mararfatu himata. Ragaan himata hundaa heera bu’uuraa, sagantaa malbulchaa fi barrunqabilee adda addaa keessaa ilaalamuu dandaha. Sun yaa’a seeraa ka’uuf gahaa dha. Akka dhaaba akeeki saa Oromiyaa bilisomsuu taheett murnooti kan murtii argatan ummata Oromoo qofa irra tahuu qaba. Kanaaf waldhabdeen kamuu gaaddisa halagaatt geeffamuu hin qabu. ABOn jaarmiyaa didduu empayera Itiyoophiyaa keessaa, yoo hariiroo alaaf tahe malee, waajjira halagaa kam birattuu galmeeffamuu hin qabne. Garaa fi sammuu jaalbiyyaa fi ummata Oromoo keessatt kan galmeeffame ammaaf gahaa dhaa. Mirga abbumaa qabeenya qaroomaa Oromiyaa alatt dhimma bahuu yaaluun waan sabichaaf bu’aa hin qabneef wal shororkeessaa jiraachuu taha.

Murnooti Dawud Ibsaa fi Dhugaasaa bakakkoon gaggeeffaman qabattee kana irratt qooqa wal jijjiruu eegaluu dhagahuun nama gaddisiisa. Wajjira Patentiif murna Daawudiin ABOn kan dhiheeffame akka “Dantaa Oromoo Itiyoophiyaa keessaa fi bakka biraatt dhaadhessuu fi hacuuccaa malbulchaa fi roorroo baldhaa Itiyoophiyaa keessatt mirga ilmaan nama irra gahan  mootummootii fi hawaasi sabgidduu hundii akka hubatan gochuu” tahett.  Kan galmeeffame  “Dhaadhessa, daldalaa & tajaala charchaaroo” ti. Kun murnoota hundaa nokkorroo dhuma hin qabne kan yeroo fi leeccelloo guddaa baasii seeraaf irra quncisu taha. murna sadii aqaa ABOtt dhimma bahamuun rakkina akka qabu hin haalamu. Hundu dhaaba kana ni jaallatu jennee haa fudhannu. Kanaaf akkaataa hundi dhimma itt bahan falamuu qaba. Furmaati saa yaa’a dheeraa obsa fi wal dandahuu barbaadaa. Dubbii kana yeroo akkasii ABOn fanxa keessa jiru ka’uun saa tuqama fakkaata. San taree bakkaan gahuuf itt fufuun marattummaatt lakaawamuu dandha.

ABOn dhaaba qeyeeti, mirga “patent” halagaatt dhimma walirratt bahuu yaaluun dhaabicha dhaaba Badiitt jijjiiruu taha. Kun hamajaajii keessaa fi alaa kanneen akka inni kaayyoo ijaarameef dhimma hin baafnett fudhachiisuu dhama’aa jiran gargaaruutt fudhatama. Bu’aan waatattaa sana irra argamu honga’a gahuu dandahuun wal hin gitu. Kanaaf hoogganoota murnootaatt iyyi an dabarsu waldhabdeen isaan gidduu gara caalaatt akka hin guddanne irraa akka qoollifatanii. Qabsaawoti hundii akka itt biyya keessa sosso’an ariitiin mala dhahuutu irra eegama. Sun waa’ee maqaa haa tahu qabattee hanga yoonaa dhaaba kallacha qabsoo Oromiyaa tahe kana naafessaa jiran furuu dandaha. Lolli alatt waa’ee maqaan ka’u hunda akka hoonga’oota qabsoo sabaa lagachuu saanii dhoksuuf carraaqaniitt ramachiisuu dandaha. Waan halleefu abbummaa maqaa yeroo biraaf dabarsuu dha; yeroo hundi yk tokkoon keessan Oromiyaa keessaa battala qabaattan. Ummata keenyaa fi qabsoo sabichaaf jedhaatii gaaddisa halagaatt wal hin harkisina. Beekadhaa, shakala kanaan kan moo’amaa malee kan moo’uu hin jiratu.

Injifannoo ummata Oromoof
Ibsaa Guutama
Mudde  2011

Email: (if you would like a response) Invalid format.

Comments:

A value is required.