Gaaffi Oromoo Keessa Deebi’anii Ilaaluu

Gidiraa fi cinqii waggoota 150 keessaa waggooti shantamman darban yeroo qabsoo tokkummaa Oromoo, hunda hammataa tahe kallachummaa ABOn bobbaafamuu itt dandahame. Akeeki qabsichaa Oromiyaa kolonummaa jalaa baasanii republika demokraatoftuu ummataa gad dhaabuu dha. Nannaama sana Habashootis qabsoo Tigrawaay moo’atanii bahan angoo keessaa dhuunfachuu gaggeeffataa turan. TPLF/EPRDF Oromiyaa tokkoomte, sirna federaalaa, hojii fi barumsaaf afaan ofiitt dhimma bahuu fi Finfinnee irraa fedha Oromoo hanga sonni biraa tolfamutt eeguu waan walii galeef ABOn waliin hiriiruu dandahe. Haaloti kun kan TPLFiin fudhataman Oromoo nageessee caccabina empayerichaa oolchuf malee akka ABOn mootummaa cehumsaa keessatt haa tahu isaan achitt dorgomaa tahuuf miti. Tokko toko waligaltich akka hin waarre waan mamaniif kan harka jiru hamma dandahame xumuruuf shaffisaa turanii. Kanneen keessaa tokko imaammati barumsaa waggaa itt haanuuf hojii irra akka oolu qopheessuun dandahamee ture. Akkuma se’ame hidhatichi hin banka’ee. Qooda fudhannaa ABO fi offalcha Oromoo malee heerri haaraan ni tumame. Haa tahu malee qabattee chartara cehumsaa keessatt kahan haammatee jira. Erga qabsichi sadarkaa toko gahee sagantaa saanii yeroof gar tokkott gochuun, Oromoon diina dullacha fi cunqurfamoota olla jiran waliin bobbaa olhaantumaa seeraa, nagaa fi jijjiiramaa demokraatawaatt geessu eegalee. Sanaan empayerichi kufaatii tasaa kan silaa godinicha hubuu dandahu irraa baraarame. Amaarri, TPLF beekaa Itophiyaa facaasuuf birmadummaa ummatoota kolonii hayyame jedhee himata. Garuu aangoo fi amantee jara durii, iyyaan federeshina jigsu hin qabanii,

Oromoon federeeshina kan fudhatan gaafii saanii bu’uuraa yeroo biraaf dabarsanii yoo fedha hundaan jara kaan waliin jiraachuun dandahame yaaluu murteeffatan. Miseensonni federeeshinaa biyya ofii qabaatanii, eenyummaa fi tokkummaa ofii jabeeffatanii, finnaa ofii qabatanii, ofiin of bulchuuf qophawaanii dhihaatuti amanama. Tokko dhimma keessaa kan biraa keessa galuuf mirga hin qabu. Hariiroo, mirgii fi dirqammi wal irraa qaban heera federeeshinaa waliin wuxinanii waliin raggaasisan keessatt agarsiifama. Herri Itophiyaa ama jiru kan hundi irratt walii gale tahuu baatuyyuu nagaaf jedhamee hanga kennata itt haanuutt akka kabajamu kan wal tahetu jijjiiramicha fudhate. Oromiyaa yeroo jennu biyya Oromoo walitt ejaa, magaalota akka Finfinnee faa of keessaa qabu. Lammooti adda addaa fi kanneen koloneeffatoo durii finnoota hunda keessatt ni argamu. Magaaloti moora loltuu weerartuu waan turaniif hedduun isaan keessa jiratu. Haala moo’ichaa jijjiirame fudhatanii, seera finnoota keessatt argamanii kabajanii ummata abbaa biyyaan wal qixxummaan yoo fedhan akka nambiyyoota finnoota sanaatt jiraachuu haa tahuu dhiisanii bahuuf mirga qabu. Garuu achi jiraataa humna finnoota sanaa alaa waliin saduun hin hayyamamu. Seeraan alatt eenyuu eenyuunu buqqisuu yk buqqifamaaf tuttuquu hin dandahu. Rakkinni kanaan dhalatu kan finnichaa malee kan finnaa biraa tahuu hin dandahu. Hariiroon sirna dullacha kolonummaa Habashaa si’ana Oromoo biratt fudhatama hin qabu. Kakuu haaraan fedha hundaa irratt hundaawe tolfamuu qaba. Gaaffiin mirgaa Oromiyaa keessaa qaban kan dhihaachuu dandahu akka kakuu haaraa sanaa fi akka Labsii Mirgaa Ilmaan Namaa Bakka Halleett qofa taha.

Itophiyaan humnaan Oromiyaa irratt fe’ame. Alaabaa fi seenaan Itophiyaa darban Oromoo hin laalan. Maal goonuree kan jedhu yoo jiraate mariif dhiheessanii gar tokkott deebisuu malee, sanaaf nama abaaruu fi arrabsuuf eenyuu mirga hin qabu; addaggummaadhasii. Federeeshina haaraaf maqaa Itiyoophiyaa kennuun fedha kanneen federeeshinicha uuman irratt murtaawa malee waca dabbalee Habashaan hin tahu. Ummatooti hundi seenaa fi eenyummaa ofii qabu. Kanaaf waan seenaa halagaa, keenya jedhanii fudhataniif hin qabani. Yeroo hunda Diliin Adwaa akka fakkeenya seenaa walooti fudhatama. Dhuguma, Oromoo boojuun akka ba’a baattuuf akka loltuu, ajajaa lolaatti qooda fudhatanii jabduu agarsiisuun hin haalamu. Lolichi lola koloneeffatoo gidduutt gaggeeffame yoo tahe iyyuu, gurrachumaan Itophiyaa qaama sadaffaa biratt sana dimimmisiissee jira. Garri lamaanuu ummatoota koloneeffatan lolaaf hiriirsanii jiru. “Sirba giddii, kan mangistii” kan jedhame waan akka sanaafii. Ummatooti kibba empayera Itophiyaa erga qabamanii waggoota kudhanii ol waan hin taaneef, madaa fi mancaa ofii nafxanyooti dhaqabe irraayyuu yeros hin dandamanne. Silaa Adwaa kolonoti itt yaadachuu qaban, dhiiraa fi dubartii boojuu, ba’aa fi roorroon karaa Adwaa irratt fixee fi jannoota rasaasa garasii fi garanaan gaarren Adwa irratt hafaniifi. Hololli sobaa walitt ummatoota hin urgeessuu. Dhugaan bahee madaa garaa jiru haa fayyisnuu

Dargaggoon Oromoo 60oota keessaa hundeen Kaayyoo Oromoo “biyya takkittii, saba tokkicha, hiree tokkicha” jedhanii Republik Oromiyaa Ummataa Demokraatoftuu argamsiisuuf walii kakatanii bobahan. Dabballoota lubbuun jiran hamma of afalla’anitt irratt xiyyeeffachuu dhiifnee, qabannoo gootawwan kufaniin haa buhaarruu. Kaasoti qabsoo bilisummaa maddisiisan bifa jijjiirratanii achuma haa jiraatan malee dinni ittiin qabsaawan bakka fi akka sanatt hin jiru. Empayerri inni dhaabes gatantaraa jira. Caasaan saa jijjiiramee sabootaa fi sabaawoti federeeshinaan haalli itt of bulchan mijjaawaa jira. Amma ilaalcha addunyaa saa qofatu qilleensa keessa balal’aa jira. Dhaaboti malbulchaa Oromoos ABO tokkicha utuu hin tahin heddummatanii jiru. Ummati Oromoos isa yeroo qabsoon eegalamee utuu hin tahin dhumargaa irratt xiyyeeffatu ballifatee jira. Kanaaf haala jiru gamaaggamuu fi tooftaa fi tarsimoo ofii keessa deebi’anii ilaaluun barbaachisaa dha. Haalli malbulchaa naannaa shaffisaan jijjiiramutt kahunis kan yaadchisu.

ABOn yeroo kan qubaan lakkaawaman qofti of barumsa malbulchaa qaban ummata saa damaqsuuf murannoon qabsoott seenee. Murannoo sanatu ummaticha ofbara malbulchaa hardha qabu irraan gahe. Hardha maqaa saatiin kan tolfamu hundaaf waliigaltee saa mijuu feesisa. Barri fedhaan duulan raawwata jira. Sababa adda addaan qabsoon hidhannoo hamma eegame yoo hin baballanneyyuu bu’aa guddaatu galmaawe. ABOn lafa bilisomee hin qabaatin malee, sammuu ummata kumkumaan lakaawamanii bilisoomsuu irratt milkaawee ifaa dha. Sanaaf jaalalaa fi mararfannoo ummata Oromoo, jibbaa fi abaarsa diinaa saanii horatee jira.

Bilisummaan abdachiisame bubbuluu fi ukkaamsaan itt caalaa dhufuun ummata Oromoon tokkummaaan baddaa fi gammoojii kaasee mormii guddaa gaggeesse. Sun biyya jalaa qabamee ture deebifachuuf waggoota dhibba shaniin dura kan gaggeeffateen wal gita ture. Diinni sana ammayyuu kulkulfataa jira. Sochii sanaan ADWUI keessatt jijjiirama guddaatu tahe. Jijjiramichaan OPDO (ODP)n haarome aangoo ADWUI qabate. ODP/EPRDFn amma seeraan Empyera Itophiyaaf itt gaafatamaa dha. Firaa fi diinni fagoo fi dhihoo, mootummaa cehumsaa Dr. Abiyiin hogganamu akka mootummaa Oromoott fudhatee jira. Hammam nutt hadhaawus, dhugaa kana liqimsuun akka moggeeffamne, gara diina hin dhaabbanne nu gargaaruu dandaha taha.

Si’ana, golli mohaan Federaalaa kan Oromiyaan tokko tahuun, abbaa biyyumaa Oromoo dimimmiseessuu dandaha taha. Kanaaf timijii yoo darban komachiisu buusuun rakkisaa dhaa. Dalaga fuula duraaf hangameessa kaahuun itt gaafatama ODP taha. Fakkeenyaaf, waanti akka humna ittisaa afeeruu fi “Komand Post” Oromiyaa keessa dhaabuufaa lubbuu fi nageenya Oromo hundaa waan ilaaluuf ODP alatt kan ittiin mari’atame jira laata? Humna federeeshinaa afeeruun dadhabina hariiroo mootummaa finnaa fi hawaasichaa kan dhiheessaa guddaa qabeenyaa fi humna namaa tahee agarsiisaa. Mootummaa ummataati kan ofiin jedhu weeraraa alaa fi didduu keessa akki itti ilaalu adda tahuu qaba. Akka lata koloneeffata darbeett hin ilaalmne of eeggannoo feesisa. Finnaan Oromiyaa addatt hirree mootummaa federaalaa tahee mullachuu hin qabu.

Wal amantee dhabuun dhaabota malbulchaa gidduu waan qayyabatamuu dandahu. Bultiin Oromiyaa kan saaniis tahuu saatiif hojii gahan hin hojjetamne. Kanaaf, bulchi noolaa gola alaa tahe kan dubbiin ilaaltu hundaan mari’achuun ijaaramuu qaba. Hangaa sun tahutt sammuu kanneen biraa keessatt walitt qaba Dabballee ODP qofa tahee mullata. Hidhaachuun ummata keenyaaf mirga waan taheef dhaaboti akkaataa sun itt dhugoomuu dandahu irratt marihachuu qabu. WBOn humna hidhate tokkicha Oromoon qabu ture. Amma yeroon jijjiiramee WBOn waraana murna ABO tahee jira. Sirnaa fi seeraa kabachiisuf kan galfati itti kenname Mootummaa Cehumsaa Oromo seeraan fudhatame tokotu jira. Kanaaf, dhaabi miseensa cehumsichaa tahe waraana “dhuunfaa” qabaachuu hin dandahu. Kanaaf lootoota nagaa muumichatt makamuu qabaa. Maqaa ulfinaa “WBO” waldhabdee murnoota sabicha keessaa gidduu jiruun xuraawuu irraa haa oolchinu. Yoo humnoota jijjiiramaa waliin hiriiruun badiisa jedhames haa tahu; “Badiisi biyyaa wajjinii godansa “ jedhaa miti?

Waxabajjii 22, 2019 waan rifachiisaatu tahe. Hoggana Amaaraa dhiheenya filamee fi hiroya hojii saatu qalame. Kan qale hiriyaa saanii nageenyaaf ramadame, Jeneral asamino tahuutu himame. Akki sun itt tahe qorqora jala waan jiruuf hedduu jechuun hin dandahamu, Garuu akka duuba dhagahamett maneen saa akki Finfinnee keessa itt faca’e lola ripee lolaa magaalaa kaasuuf kan murteeffate fakkaatu. Amaarri ala jiran guddaa fi xinnaan Oromoott maraataa jiru. Biyya keessaas kanneen sana qiliwwisan jiru. Jarri wacan kun Jeneral Asaaminoo kan sadoof kakasan tahuu hin hafanii. Utuu eenyu hin qoratin mormiin gad bahanii. Shaalaqaa Dawitillee finqilcha finnaa ammas dabalee kan jalaa fashalee kun hamilata saa isa dhumaa waan tahuu dandahuuf beekota Amaaraa walitt qabee Abiyyitt arraba dheeraffate. Jarri hayyoota Amaaraa jedhaman kun, iyyaatiin kanaa achi isaan addunyaa kennan akkamitt amaanama laata?

Wanti biyya Amaaraatt tahe jibba giti bittuu Amaaraa Oromoo fi ABOf qabdu saaxilee. Irra dibaan wal fuunee, wal irra horree jedhu haqamee dapphoon saa mullate. Ammayyuu waa’ee empayera bososee, kan jaarraa toko dura dhiigaa fi lafee Oromoo irratt ijaaramee ture yaaduu. Baras Oromoon diina saanii muummicha turanii. Hardhas haala sanatt kan deebi’aa jirru fakkaatu. Dur yoo Tigraaway kufe Amaaratu bakka buha ture. Amma dudhaan sun gargar cite, taraan lamaan wal harkaa fuudhuun ni hafe. Yoo fedha qabaatan tokkee haaraa ummachuuf walitt dhufuu dandahu. Tokkichi caasaa fi maqaa hundi irratt walii galu fudhata. Sabootii fi sabaawoti hundi demokraatummaan tokicha walqixummaan gaggeesu malee, gooftummaa fi ashkarummaan lamuu hin jiru. Abiyi “emperatura” Itophiyaa isa dhumaa taha. Kan isaan maraachaa jiru farri saanii demokraasiin koomee irra isaan ejjechuu dha. Gara isaanii wayyutt masaka jedhanii hin amananii. ODPn Oromoo dha malee maqaa EPRDFiin moohaa jiraa, Oromummaa saan miti. Oromoon empayeritt bulchuuf isaan waliin taraa hin galanii. Haala ummati murteessuun qooda fudhatu. Amma Walqaayit naannaa Habashaa eessayyuu waan hin dhaqneef isa dhiisanii Oromoo/ABO akka dhaadannoo lolaa saaniitt fudhataa jiru. Oromoo kan abaaran waan birmadoomaniifii; ABOn waan qabsoo birmadummaan gahe hogganeefii. Haddheessaan ABO irratt dhihaatan hudi soba ragaan hin qabne. Amma ABOn isaaniif “Lusiifer” hanqina saanii golee addunyaa keessaa hundaaf komatanii.

Abiyiin waan fakkeenya ofiitt jijjiiruu dadhbaniif sinsinniin saa raawwataa jira. Maqaa itt baasuutt kan kahan Abiy waan taheef utuu hin tahin, gola moohaa maqaa Oromoo qabu waan hogganuufii. Kanaaf malee Itophiyaa fi “nugusoota” saanii diina Oromoo tahan isaan caalaa farsaa jira; isees surra dur qabdutt deebisuuf kakatee jira. Garuu kan isaan isa irraa amma barbaadan akka qabeenyaa fi humna namaa Oromiyaatt saaqaa argachuu gargaaruun malee akka durii saanii farsuf miti. Kan isaan quufsu yoo ummata saa ganee mirgoota tokko tokko mulqeen qofaa. Sun of barri Oromoo sadarkaa gahe wallaaluu saanii agarsiisa. Abiy Oromoo of baran keessaa tokko. Mirga mulquun hafee innu kan aangoo irra turu hamma ummati Oromoo fedhettii. Abiyyi Oromoon tokko Itophiyaa tahuuf lammumaa biraa fudhachu akka hin qabne nama amanu. Yeroo ammaa kana, Wanaag, Onaag jedhaninii, dhiisanii kan isa caalaa Itophiyummaa himachuu dandahu isaan keessa hin jiru.

Giti bittuu Amaaraa takkaa aangoo nagaan wal jijjiiranii hin beekanii. Kan amma tahes nama gaddisiisa malee, malalchiisuu hin qabu. Kanneen maalifaan deeman angoo Itophiyaa karaa seerawaa deebisanii qabachuutt qaxxisaa jiru. Karisooti garuu, yaa’a seeraa hobbaatiin saa hin beekamnee eeguuf obsa hin qabanii. Godina Amaaraa qabannan akka durii olla biraatt darbuun salphaa itt fakkaate. Garu hundu akka durii, bara eeboo fi shimala qofa qabanii utuu hin tahin amma hamaa of irraa ittisuuf dandeettii qabu. Akka fedhettuu, utuu badii caalaa hin dhaqabsiisin abbaltichi hankaakee jira. Amaarri rakkina of keessaa qabaniif humna alaa komachuu barbaadu. Finqilchi finnaa akka hin jirre haalanii du’i kara lachuu shira ABOti jedhani. ABOn waan Oromoo ilaalu hundaaf qooqa maqii saaniitii. Yoo eenyummaa Oromoo ni haalu tahe gartuu federaalaa waliif tahuu hin dandahanii. Waliin jiraachuuf Amaarri hariiroo waliin qaban irraa kaha tokkoo ilaaluu eegaluu qabu. Oromoon isaan irraa sanyii adda hin qabu, innis Gurraacha Afriikaatii. Kanaaf “saranyummaan” haddheesuun dogoggoraa. Waa’ee namummaa irratt aadaa fi dudaa Oromoo beeku qabu. Oromoon saba kamiifuu “gosa” miti, saba of dandahe, gosoota gurguddoon waggoota kumoota dura kan unkafamee. Amaarri sabootaa fi sabaawota biraa waliin tokkee uumuu kan dandahu yoo mirga sabootaa hiree sabummaa ofii hanga walabummaatt ofiin murteeffachuu fudhate qofa. Ummati kamuu waan tahu fedhu ofii muteeffata malee ummatahaa tahu humni biraa murteessuufiif mirga hin qabu.

Amma kan federeeshina leellisaa jiran Oromoo fi sabootaa fi sabaawota cunqurfamoo biraa qofa; gurguddoon Amaaraa ammayyuu olhantummaa hin qabnetu itt dhagahama. Kan dura dhaabbatu hunda doorsisuu yaaluu, garuu doorsisi saanii Oromoo biratti madala hin kaasu. Kan isaan moohatu maalifaa fi jaalala qofaa. Oromoo fi olloota biraaf, si’achi callisanii bira darbuun akka isaan nagaa godinichaa booressan hayyamuu taha. Yoo kanneen kolonii turaniin walqixxummaan tokkummaa ni degeru tahe ummati Amaaraa suduudaan haa gaafatamanii. Sirni tokkee waltessaa durii qeensa saa dabalatee lamuu hin jiraattu. Haa tahu malee mootummaa Habashaa durii haaromfachuu dandahu. Walqixxummaa fi bilisummaa ummatoota kanaan dura maqaa saaniin itt roorrifamaa fi tuffatamaa bahnii fudhachuu malee arrabsoo gurguddoo saanii miti kan gaaffii jara kaaniif deebii tahu. Balaan sababa tuttuqii isaan keessan bu’u, nagaan godinichaa boora’uu akka dandahu beekamuun gaarii dha. Empayerri duufaa jiru jigee, tokkee haaraan fedha ummatootaa irratt hundaawe ijaaramuu qaba. malee, kan jigaa jiru akkamitt utubnaa miti. Dhaaltotti baraaruuf hangama itt dafqaniyyuu hireen empayera duufee jiguu qofaa. Tokkee haaraan fedha ummataa irratt hundaawe ijaaramuun feesisaa dha. Gaaffiin jiru, akkamitti, hundi akka mirgaatt kara karaa deemuu oolchinee, waliin ijaaruu dandeenya kan jedhu malee kan duufe akkamitt utubnaa miti. Fedhi ummata amma lubbuun jiru seenaa darbe caalaa nafii qaba.

Itophiyaan abba tokkoota suusii itt taate qabaaachuu danddeessi. Oromo wayyabaaf garuu miti. Kanaaf salphaatt dhiisuun ni dandahama. Seenaa abba abbaan jalummaan tolchanitti sabi Oromo waan boonuuf hin qabu. Abba abbaan, boonuun mirgaa, garuu ofiffumaa saanii qubsuuf seenaa saba Oromo roga dhabsiisuu hin qabanii.. Waan halleefuu hiree ofii irratt murteessaan ummataa. Hiree saanii akka murteeffatan ummata Oromoof dhiheessuu dha. Oromoon tokkummaan, biyya ofii, lafa ofii, bulcha ofi fi hariiroo ollota waliin qabu murteeffachuun amma. Halagaan Oromiyaa keessa jiraatan hanga nagaan seera Oromiyaa kabjanii jiraachuu fedhanitt Oromiyaan biyya saaniitii. Akka abba tokkeett haa tahu akka hawaasaatt mirgi ilmaan nama ni kabajamaafii. Garuu, Oromiyaa keessa tahaanii kan Oromiyaatt hama yaadu waliin saduun waan fudhatamu miti. Oromoon nama jaallataaf malee akka itt dhufan hundi beeku. Oromoon akka sabaatt baraaramuuf seera ofii kabachiisuun dirqii taha. Bilisummaan sochiin ummataa fi mi’aa, Oromiyaa keessatt hin danqahamu, garuu akka seerri Oromiyaa kaa’utt gaggeeffamuu qaba.

Ammaaf, sirna cehumsaa empayerri Itophiyaa ittiin gaggeeffamaa jirru deggeruun hundaa anjaa qaba. Yoo wal feene walitt hafnaa, yoo hin feene nagaan addaan deemuuf yeroo nuuf kenna. Kanatt amananiitu qabsoo bilisummaa sabootaatt kan bobbahan akka ONLF faan, qawwee irkisanii qabsoo nagaan bulcha cehumsaaf tumsuu kan eegalan. Oromoof tibbi cehumsaa kun boqotaa bututa abbaan hirree irraan gahe keessaa dandamachuu fi caalaatt of ijaaranii abjuu saanii dhugoomsuu hojjechuu dandeessisuu qaba. Tibba cehumsaa kana fiduuf kallachi Oromoo waan tahaniif, milkaawina saafis gumaachuun irraa eegama. Jijjiirama dhufe biyya keessaa fi alaa kan ija irra ija hamaa buufatan hedduu dha. Kanneen biyya keessaa mootummichi kufu malee homtuu isaan hin quufsu. Kan alaa mootummichi dandeettii nagaa buusuu yoo ciicatan qaadhimoota biraa soquu eegalu. Adeemsi bara “Hirmannaa Afrikaa” jedhame beekamu eegale kun cabuu qabaa. Sabootii fi sabaawoti akka ofii fedhanitt malee akka qaammi sadafaan jedhutt buluu hin qabani. Hanga Oromoo fi cunqurfamooti empayerittii irratt walii hin gallett humni kamu mootummicha kuffisee tasgabbiin biyyicha moo’uu hin dandahu. Yeroon yeroo cehumsaatii. Mootummichi olhaantummaan seeraa fi nagaan akka eegu waliigalamee jira. Seerri kan hundaawu heeruma amma jiru irratti,. Hanga kennataan iddoosoti ummatootaa aboo gonfatanitt hangammeessa dhahatamu waan nama dhabsiisuuf tuqamuu hin qabu.

Wayyabi ummata Oromoo, hamma ammaa mootummaa kana irraa abdii hin kutanne. Battala adda addaa lolli guddaan itt banamaa utuu jiru Oromoon ofiitt dhukaasuu hin fedhanii. Warana ummataa malee waraanni dhaaba tokkoo nagaa sabichaaf iggitii kenna jedhee amanaas hin jiru. Waraanichi, nagaan deebi’ee akka ummati fedhutt jiraachuutu filama. Oromoon dhimma biyyaaf ni mari’ata malee wal hin rukutu. Lola ijoollee bosonatt hafanii fi mootummaa gidduu jiru kana hin dhukubsinee jiraannaan Oromoo miti. Lubbuu fi qabeenya Oromoo bor dhimma baasutu manca’aa. Haaloo baraa baratt darbutu kuusamaa jira. Oromoon qabattee biyya ilaalan irratt mala haasaa durii eegalee beekamu, “Ilaa fi Ilaameett” dhimma bahuun mari’ata malee tuqaalee saa bakkaan gahuuf haleellaatt dhimma hin bahu. Qabsoon hidhannoo kan jalqabame erga karaan nagaa hundi dadhabamee ture. Amma garuu qaawwaan qabsoo nagaaf banamee jira. Yero waliigalteen sabaawaan hin jirre kanatt, hidhannoo waldhabdeen itt fufuun nama huba. Kan lolli dargaggoo bosona jiranii fi mootummaa gidduu deemaa jiruun laa;aan itt hin dhagahamne inni Orooo miti. Akkasumas kan lolichi akka ho’u itt afarsuu karisaa homishawaa hin taanee yk diina ummataati. Yabboo malbulcaa irratt Itophiyaa lama agarraa; isa dullacha imperiyaalichaa fi kan wayyaawee, ADWAUI Dr. Abiyii fi Dammaqaa Mokoniniin gaggeeffamu. Hamma inni olhantummaa seeraa fi bulcha demokraatawaa tahe fudhatett isa wayyaawe deggeranii isa imperiyaalii balleessuun sochii bilisummaa Oromoof anjaa qaba. Isa wayyaawe waliin qabsoo naga qabeessaan gara Kaayyoo ofiitt socho’uun ni dandahama. Kanaaf imperial Itophiyaa balleessuf daddaaqinni ilmaan Oromoo jiraachuu hin qabu.

Wayyabi ijoollee bosana jirtuu biyya shee akka jaallatu mamii hin qabnu. Garuu gamnooma hoggansa isaanii, yeroo irraa maquun dandahamu fi kaayyoon saanii akka biraatt fiixaan bahuu dandahu, ummata nagaa karaa hamaa irra kaa’aniitu wal nugaafachiisaa. Jaarsoliin utuu hin nuffin qulqullummaa garaan gidduu seenanii nagaa buusuu yaaluu qabu. Badiisi, ijoolleen barumsa dhabuun, gabaan jeeqamuun, karaan cufamuu fi qajeeltuun kiyyoo seenuun, dhaqabaa jiru hundatt dhagahamuu qaba. 1970oota keessa dhaabi Habashaa tokko, tarkaanfi waliigaltee wayyabaa ummata ofii hin qabne fudhatee ture. Sanaan haala empayerittii keessa ture hammeesuun dhumiisa dargaggoo kumootaaf sababa tahe ofis burkuteessee. Waan akka sana keessa deebi’anii shaakaluun hobbaatii isa irra wayyaa hin fidu.

“Quluulluun baajii jalaan bishaan dhugdi” jedhamaa. Obsaan qaawwaa argamett dhimma bahuun collummaa dha. Dhaaboti Oromo hedduu dha jennee jira. Ilaalchi adda nama tolchan hedduun jiraachuu dandahu. Kanaaf golli heduun jiraachuun hamaa hin qabu; garuuu erga ummata tokkoof dhaabbatan tahe gadjallaa irratt waliigalan jiraachuu qaba. Akka amma agarrutt kan mirga hiree murteeffannaa Oromoo haalan hin jirani. Yoo jiraatanis maqaa Oromo qofa kan dhahatan hin tahanii. Kan irratt waltahan jabeeffatanii adda addummaa irratt waldorgomuuf wal qayyabachuu dandahu. Safuun waliin kabajan ifaa tahe, wal yaadachiisuuf yeroo yeroon yabboon irratt wal argan jiraachuu qaba. Yeroon kun yeroo “finxalessitooti” gita bittuu duri, jireenya saba Oromoo gaaffii jala galchaa jiranii. Yeroo akkasii wal buusuun bala’amaadha. Halagaan kamuu hamaa ofii caalaa hubuu dandaha. Dhaaboti Oromo, hundee waloo utuu gad hin lakkisin Itophiyaan tokkoomuu yk Oromiyaa walabumsuuf dhabbatan jirachuu dandahu. Sanneen keessaa filachuun mirga ummata Oromooti. Kanaaf mirgi bakkallee sabootaa, hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu kabajamuu irratt waliin hojjechuu qabu. Bilisummaa Oromoo argamsiisuufis hankaaksuufis Oromoo qofatu dandaha. Kanaaf natu si caalaa sabboonaa dha jechuu dhiifnee, wal dandahuu, mudaa walii afarsuu dhiisuu fi wal jajjabesuu irratt yoo xiyyeeffane fiixaan baha Kaayyoo karoorfannee shaffisiisuun ni dandahama. Sabboonaa Oromo jechuun nama Oromiyaa jaallatuu fi hamaa irraa ittisuuf wan gaafatamu hunda baasu jkan saba ofiin boonu jechuu dha. Halagaan hamaa keenya ofiitt qabee dhimma itt bahuu yoo yaalu nuti caalaa hammeessinee ofirraa fageessuun halagichaaf mijjeessinaa. Maal wayyaa? Gidiraan jiraattota Oromiyaa caalaa itt hammaataa akka hin deemne kan gaara jirus, kan haala birdhuu hin qabne keessa jiraatanis, furmaata soquu irratt abbaawummaan itt dhagahamuu qaba. Akka ijoollee koroma walitt naquuf “hirrii” jettuu sana tahuu hin qabanii. Oromoon carraa cehumsaa kana of baasuunn irra hin jiru. Boriif qophaawuu isaan gargaara. Nagaa, birmadummaa, lubbuu fi qabeenyaa hiyyeessaatu gaaga’ama irra jira.

Jijjiiramooti dhufan haala sochiin bilisummaa Oromoo keessatt argaman gamaagammuu barbaachisaa jira. Erga qabsoon eegale, jijjiirammi malbulchaa, hawaasomaa fi diingadee tahan jiru. Akeeki qabsoo bilisummaa Oromoo Oromiyaa kolonummaa jalaa baasuu fi republika ummataa demokratawaa argamsiisuu ture. Yaayyoon/kartaa Oromiyaa ABOn qabsaawuufif irrbuu seene barrulee saa hunda irratt ni mullata ture. Garuu yeroo cehumsaaf yaayyoo sanaa gad xinnoo irratt wal tahamee jira. Afaan ofiin barachuu fi hojjechuun dandahamee jira. Mootummaan kolonii yeroos akka diinaatt tarreeffame hardha bakka turee fi akka turett hin jiru. Biyyi Oromoo gargar biinxame amma bakka tokkott walitt qabamee jira. Finnooti federaalaa unkeffamanii bakka mootummaa waltteffamee turee bu’anii jiru. Finnaan Oromiyaa isaan keessaa tokko. Dhaaboti malbulchaa Oromoo ABO qofa utuu hin tahin hedduutu dhalate. Ummati Oromoos tokko tahee daaya waloo uummatee jira. Akkaataa hojii ADWUI jijjiirsisuun, Oromoon achi jala turan olhantummaa jaarmaa tokko didhuu fi tarkaanfii boonsaa akka fudhatan dandeesifamee jira. Jijjiirammi mullate kun wareegama guddaan argame. Halagaan kana nuu beekuu dhiisee haasaa saa halle keessatt arrabaan nu tuttuquu fi mirga keenya gaafachuu dhiiga ijoollee keenyaan argannett qoosaa oolaa. Waan halleefuu, jijjiirammi erga qabsichaati dhufan kun hundi, haalli gamagamamee tarsimoo fi tooftaan sanaaf tahan yayyabamuu gaafata.

Oromoon gaaffi walabummaa yeroof kan tursaniif, godinichatt nagaa fi araarri akka bu’uuf carraa kennuufii. Qabsoon naga guddifatamee, gaaffiin mirga hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu akkuma heericha keessa jiruutt jabeeffame jira. Humnooti farra heerichaa tahan qooqota akka ”Zaranyaa, gosanyaa fi gooxanyan” afaan Amaaraan Oromoo himatu; jarri akkasii ofirroota yk juujuu waan hin beekne nammi biraa jedheef qiliwisanii. Oromoon saba guddaa tahuun hubatamuu qabaa. Finfinnee keessatt goolii kaasanii aangoof dhoofsisuu yaaluun sana dagachuu dha. Yaaliin akkasii Itophiyaa gadoodaniif sana argachuun hafee birmadummaa saaniiyyuu gaagahuu dandaha. Akka kolneeffataa duriitt harka saan guutummaatt Oromiyaa irraa kaasuu qabu. Oromoon Finfinnee Oromiyaa alatt ilaaluu hin dandahu. Diinni dullachii kun walii dhiisuu waan jedhamu hin qayyabatu, yoo callisan kan sodaataniin itt fakkaataa. Amma, filmaati qaban tokkee haaraa keessatt haammatamu yk dhiisanii biyya nugusaa duriitt deebi’uu dha. Federeeshina jiru kana diiganii mootummaa waltaa duriin bakka buusuuf aangoo saa yk iyyaan jigsuuf amantee warra durii hin qabanii. Burquqii fi arrabsoon Amaara Badii/diaspora daandota adda addaa magaalota garbagama jiran keessatt agarsiisan Amaara biyya jiru kan hubu malee waan dhimma baasuuf hin fakkaatu. Oromoon walabummaa, bilisummaa fi demokraasiitt amana. Garuu walqixxummaan qooda fudhannaa sabootaa fi sabaawota empayera jala turanii fi kanneen aboottee sibiilaan oofaa turanii jedhanii waan tokko toko dhiisanii. Darabeen moohamu hin hayyamnu jedhu. Kurnann sadan darban abbaan darabee waan isaan tolche ni irraanfatuu laata? Abiyi barbaadnaan kan TPLF qabu maal of harkaa dhabe? Waanti Amaara Badii keessa deemaa jiru Oromoo fi hoggansa saanii irratt waraana labsuu dha. Oromoon dandeettii fi obsaan beekamu garuu want halle daangaa qaba. Waan fiduu dandahu utuu hin hedin si rukutee, narukutiif tuttuqaa jiru. Fedhi ummataa waaraa fi maalifaan akka irra haanan haa abdannu. Oromiyaan haa jiraattu.

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Adoolessa 2019