Faara Murnoota Malbulchaa Oromoo gidduutt Waligaltee Uumuu

Sochiin bilisummaa Oromoo akkitt gargar babanka’uutt ka’e nama sammun sirritt yaaduuf qayyabamuu hin dandahu.  Kanneen gargar bahan keessaa tarsimoo dhaaba haadhoo itt baheen adda tahe kan fudhatee as bahe hin turre. Yoo guddate tokko tokko tooftaa jedhanii kan hedduun tarsimo bu’uura tuqa jedhame yayyabataniiru. Sana bakkaan gahachuufis osuma diinni obdii saanii keessa jiruu duula holola hamaa walitt banan. Erga waanti tahuu hin malle tahee booda, hunduu badiisa irra marsaa jiru kan argan fakkaata. Ofittoommi yookan murna aantii fi dhiibbaa halagaa qoomma’uu qofti akka firrisiisuu hin dandeenye bu’aa ba’ii keessa kan baratan fakkaata. Kaasaa waloof dudhama qabaachuu, ballisani ilaaluu fi amantee jaallewwan irraa horatan qofatu ulfina halagaa fi fira biraa argamsiisuu dandaha. Sabi hundi danta ofiitii durfannoo kenna. Kan Oromiyaa kanaan addatt ilaaluun jireenyuma ummatichaallee kan mancaasuu tahuu dandaha.

Rakkinni hundi dhaaba kallachaa, ABO keessaa jalqabe. ABOn dhaaba sochii bilisummaa Oromoo jalqabaaf kaayyoo tokkoo fi alaabaa tokko jalatt gumeesse. Ofbara malbulchaa sabummaa ol kaasuu saafis jaalala galmeeffatee jira. Kaayyoo saa qayyabachuu fi sana fiixaan baasuuf waregama guddaa gumaacheef Oromoo biraa jaalalaa fi ulfina argateera. Karaa biraammoo, diina yeroo dheeraaf Oromummaan deebi’ee ka’a jedhee hin yaadin dammaqseera.  

Yaa’a keessa ABOn dhaaba irratt to’annoo fi miseensota saa biratt amanamummaa dhabaa dhufe. Malli bule “gargar baasii moo’ii” jedhamu goleelee ifatt hin beekamnee luuxee itt galuu eegale. Gargar bahii sadarkaa guddina saa hundatt biraa hafuu dide. Kan tahekun hundi, waliin dammaqee ijaajjuun akka akkaataa itt hojjetaa dhufe qoratu hin gone. Kanaaf caalaattuu loowanii galtuu fi hankaaksituuf qaqaawwaa ballise.  Wal oo’isi jaallummaa yeroo dhaabicha bu’uursan ture hiriyoota walitt dhihaatan gidduuttillee qabanaawuu eegale. Haddheessaan waanti hojjetamu keessanlaalummaa dhabuu baballataa dhufe. Kanaaf furri adda addaa dhannoonamee afaan abba tokkootaa keessa galchuun jaallota gidduu qofa osoo hin tahin sabboonota biraa gidduuttis garagarummaa caalaan akka uumamu godhame. Kettoti saa Oromoo fitteett dhiibuun, hamma qabattee duubatt hafaan gargar facaan sodachisuun gahuuf milkaawuu saaniif hamajaajiin dur qasa’uutt kahe.

Sochiin bilisummaa hamma alaa qabu of keessaas diina qaba. Keessaa, kanneen lammii saanitt amantee dhabuun diinaa kalchan, kanneen ofirraa faccisuuf annisaa hin qabne, ayyaanlaalloota jireenya keessatt akeeka hin qabne, kanneen sadarkaa dammaqinni malbulchaa saanii ol dhihoo tahe fi kanneen gumaacha sabi saanii seena addunyaaf tolche wallaaluun of tuffatantu argamu, Maqaa sana keessa wanti Oromoon du’uf hundi akka argamu waan beekaniif hundi kun ABO jibbisiisuu irratt bobbahaa bahan. Kana hubachuun fakkaata, kan sochooti sabboonotaa kanneen wal dhaban walitt fiduuf furga’aa jiran. Diinnis kana callisee hin laalle. Innis gargar bahina jiru akka caalaatt ballisaniif murnoota jaarolee ofii deggeru yaasaa jira. 

 Si’ana murnoota ABO dhiheenya gargar bahan keessas dhimmamuun ni mullata. Waamich murnootaa fi abba tokkoota dhaabarraa qollifataniif akka garagarummaa saanii lafa kaa’ani fala dhaaba dhibame kana itt dhinsan waliin barbaadan godhamaa jiru, irraa kahuuf ni gargaara. Kun kan dhugoomu yoo humni sabboonotaa wal harkisoo mornota waliin jiran keessa jiru irratt milkiin argatani. Sochiin dhaabicha dhinsuu hoogganoota bar tokko akka ujuutti ilalamanis qooda fudhachisaa jira. Murna bu’ursitootaa fi gameeyyii ofiin jechuun Washington DCti akka walgahanii turan himameera. Kun itt fufa mare Haagicha (Hooland) tahee dhiiseen saa ifaa miti.

Bu’ursitooti garri caalan tokko qofaan malee mornoota gargar bahan biro waliin hidhata qabu. “korbeettiin walbeekti” isa jedhan fakkaata. Kanaaf baabsoomiti ofiin jechuu hin dandahani. Duran dursanii hiriyoota erga wal qunnamtii dhaabanii bara hedduu tahe suduudaan waamuun yada saani akka ida’an gochuu ture malee waamicha bucuree dhumaa keessaa foo’anii gochuun irra hin turre. Mamii kuufame qulqulleessuuf kana caalaa hin beekan jedhamuun hin hamatamani.  Abbaltiin ofii misha akka tahe of amansiisuu qofti hin gahu; jara kaanis akka garaa qulqulluun itt dhihaataa jiran amansiisuu gaafata.

Waliigalatt kanneen gargar bahan walitt fiduuf yaalamuun faara tolaa dha.  Garaa qulqulluun dhihaate taanaan ifajeen dhaabicha jabeessuuf tolfamu hundi jajjabeessamuu qaba. Keessaayyuu yaaliin akkasii ABO keessaa ka’e yoo tahe fiixan bahuuf kan alaan yaalamu irra carraa qabaachuu irrayyuu qajeelaadhasi. Kulkulfannaan walmadeessa gargar bahatt geessanii akka jiraatu carraa kennuu miti. Osoo walgahii wajjiraawaan hin saganteeffamin karaa ciranii mamii jiru qulqulleessuun qooda taatotaati.  Kaasaa ulfaata akkasii tajaajiluuf kanneen of dhiheessan duubbee saanii irraa ba’aa hin barbaachifne akka fe’atanii hin dhufne mirkaneessuu dha.

Tokkummaan humnoota bilisummaa Oromiyaa waan dhaaboti fi namooti tolaa yaadan hundi hawwani. THBO kanaaf uumame. Garuu rakkinni adda addaa keessaayyuu kanneen ABO keessaa laasha’uu saaf gumaachaniiru. Kaasaa waloofi dhaabbachuuf hariiroon citan suphamuu qabu. Kanaaf ergamsi sabaawaan kamuu alaa itt fe’uu yaaluu irra jijjiiramma keessaa sissi’eesuu dandahu dha. Amanamuun alii alii waliin olmaa dheeraa fi nuffisiisaa gaafata.

 Sabboonoti hedduun  murna sana yoo kanaa waliin hidhata qabu jenneeraa. Kanaaf baabsoomiti jechuu nammuu hin dandahu. Garuu rakkina waloo furufi kan qabaniin bobba’uun dirqii dha. Murnootii fi abba tokkooti hanga saaxilamanitt akka itt of dhahaniin fudhatamuu qabu. Kun waan maman irratt qeeqa hambisa jechuu miti. Mamiin dhimma hin baafnee fi haaloon, tokkummaaf gufuu akka hin taane eeggachuu jechuu dha. Walitt dhiheenyi gara qulqullooma gaaffi jala oolchu hobbaatii dansa hin qabaatu. Qorichi kanaa keessaan laalummaa dha. waa’ee walii hunduu muuxannoo gahaa qabu. Kanaaf tokko kan biraa daguu (“shawwaduu”) yaaluun of tuffachiisuu taha.  

Murnooti hundii fi abba tokkooti ejjennoo saanii keessa debi’anii qorachuu fi sochicha deebisanii tokkoomsuu barbaadan waamicha tokkummaaf tolfamaniif golee kamiiyyuu haa dhufanii owwaachuu qabu. Walargaan maree gadjallaa kaasee gara ol haanaatt sadarkaa sadarkaan misuu qaba.  Kan duraa wakkiilota yartuu (yoo yaratan sadii) kanneen bakka, akkaataa fi sadarkaa walarga itt haanu irratt marihatan, tolus tuqaa bu’uuraa kan dhahan tahu dandahu. Sochiin walirraa jalaa guddataa deemu akkasii osoo maree bu’uuraatt hin seenin wal amantee murnootaa fi abba tokkoota gidduu uumuuf carraa kennuu dandaha. Sabboonoti hunda irraa amanamummaa qaban, carraaqa kana irratt gargaaruu fi yaa’a saaf raga akka tahan afeeramuu dandahu.
Walitt dhufeenyi murnootaa fi abba tokkootaa, hundu akka karaa kanaan dura deeman malee filmaata biraas jiru hubataniiru jedhameetu. Baayyinaan goo’anii sodachisuu fi moksaa fi dorsisaan daguu yaaluun akka hin baafnes arganiiru. Oromoon durii, “Gamna gowwoomsuun jibba barbaacha” jedha. Shaakala akkasiin sodaa caalaa, aariin baqaqi gidduu jiru ittuu ballachuu dandaha. Sun hariiroo itt haananiif barumsa tahuu qaba.  

Karaa sirriin karaa seeraan bulmaataa, akka danbiilee fi qajeelfama jiraniiti hojjechuu dha. Want sabaaf gaarii dhaabotaafis ni tajajila. ABOn heeraa fi dambiilee bobbaa qaba ture. Badhaasii fi quci akka isaaniin gaggeeffamu amanama. Dambiilee fi qajeelfamoota ofii sirinyaan hordofuun yaadamalee fi hangameessa lame tahuu irra nama qabee hamaa irraa nama oolchuu dandaha. Sana cabsuun miseensa caalaa yoo hoogganootaan tahe badii fida. Kanaafi kan keessanlaalummaan gaafatamuuf. Hamma yoonaa hanqina kanaf seeraan bulmaata irra ilaaluun, tufatama, baqaqa, hoduu waldhabsiiftuu fi luuxxee galtuu hankaaksituutt geese.    

Kanneen qabsoo bilisummaa keessatt qooda fudhatan hundaaf maniin saanii bilisummaa Oromiyaati jedhamee yaadama ture. Hariiroo fi garaagarummaa hundi manii guddicha kanaa gaditti ilaalamu qabu. Garuu malbulchoo sammuu dhiphoo fi kanneen raateffamaniin kan kahe garagarummaa xixiqqoon manicha waloo dhuunfatanii jiru.  Hariiroo aantii salphaatt rifachiisanitt dhimma bahuuf tuttuqaniiru. Dhiibbaa halagaan joonjeffamuun abba tokkoota hin dammaqne dantaa ofittummaa ofiif hiriirsuun yaalameera.  Sana hunda shaakaluun sochiicha bilisummaa karaa irraa ceesisun carraaqameera. Erga badiisi kabeebsuufillee rakkisu uumamee booda nammi huubachu dandaha taha. Malbulchaa tahuun ulfina gatuu fi akeeka dhabuu miti. Sobuu fi maqa hallett firaa fi halagaa duratt daddaaquus miti. Yoo dhugummaa fi ifaa tahuun jaallewwan gidduutt shakalame malee tokkummaan dhimmaa hin yaadamu. ABOn miseensa hundaa oli. Hunduu akka seera saatt bulan malee inni akka fedha mata mataa saaniitt bulu hin eegamu. ABO tokkicha qofatu jiraachuu dandaha.

Quurrama darban, kan ammaaf dhimma hin baafne irratt yeroo hedduutu darbe. Saboonoti egeree ifaa fedhu yoo tahe hamaa kaleessaa kulkulfachuu irra, bu’aa darban irratt ijaaruu qabu. Kun of kennuu fi dhimmamuu gaafata. Kan barbaachisu hooggansa si’aawaa, tokkoomsaa, jajjabeessaa fi kakaasaa malee harkifataa, gargar baasaa fi mogolee buusa kan facaasu ofdadhabduu miti. Sabichaa jedhanii hunduu barsiifata bubbucuu jibba leellistuu gatanii, yaada tolaan wal jajjebeessanii kaasaa waloo guddichaa, kaayyoo sabaawaaf as bahuu qabu. Diinni, qaata ummaticha miseensota ABOti jechuun gara laafina malee mancaasuutt bobba’ee jira. Yoo kun seexaa tokkoo irratt ulfaachuu dandhabe homtuu itt hin ulfaatu. Kan herragamuu qabu hoogganni tokko bakka dhufe/dhuftee osoo hin tahin dhugoomaa, dudhama duubatt hin deebine sabichaaf qabaachuun kan qorame darbe tahu fi waan jedhe/jette fiixaan baasuu dandahuu dha. Qabsaawaa bilisummaa tokkoof Oromummaaf amanamuun hariiroo hundaa ol tahuufii qaba. Yoos qofa nammi tokko an qabsaawaa Oromoo hundaati ofiin jechuu kan dandahu. Yeroon kuusaa hin beekamne waan qabduuf wal irraatt abdii kutachuu miti. Bor al hunda dorrobaa dha.

ABOn tokko haa jiraatu!
Tokkummaan humnoota Oromoo haa jiraatu

Ibsaa Guutama
Amajjii 2009

Email: (if you would like a response) Invalid format.

Comments:

A value is required.