Eegafayyaa Ofii
Beekoti akka fayyaa itti eegan ni barsiisu jedhama. Kanarrati waan beektu qabdaa Abbaa Hoduu jedhe tokkoo? Hamman beeku sittin hodeessaa dhaggeeffadhu jedhe Abbaan Hoduu.
Osoo hin dhukkuffatin eegafayyaa ofii kunuunsuun keessaa fi alli ofii akka namati tolu godha. Qaammi qananii qabu ayyaamii ofiif gammachuu uuma. Nammi gammachuu qabu rakoo irra haanuuf kan ofitt hin gamadne caalaa waan itt bobba’eti milkii argata. Qulqullinnii hariiroo nama waliin qabnus ni mijjeessa. Fayyaa yoo hin qabanne nammi hamaa ofirraa faccisuu hin dandahu. Qulqullina kan hin qabne fooliin saa ofirraa nama dhiibbata. Xuriin saa offirraa nama ciigaasisa. Nammi itt hiiquu hin barbaadu. Cittoo, injiraanii fi dhibee farra qulqullina qofatu leellisaan. Dhukkubi itt deddeebi’uun dadhabaa fi of jibbaa isa godha.
Haadha Fayyee jedhamti. Dubartii balballeetii (halaqaa) beekamtuun tokkoo. Wayyaa miicamaa jaallati. Kanaaf isee xuraawaa uffatu nammi argee hin beeku. Guyyuu osoo rifeensa see dibattee hin filatin hin ooltu. Rifeensi see yeroo halle qulqulluu dha. Qeensii yoo hin qoramne baaduu booressa jetti. Kanaaf saaldatee irra hin argamu.
Nyaata duraa fi booddee, harka dhiqattee afaan lulluuqqatti. “Dhiqatanii nyaachuu garaatu jaallata; nyaatanii dhiqachuu Waaqatu jaallata” jetti. Inni jalqabaa fayyaa ofiif, inni lammataa hariiroo ambaa tuqa. Sun barsiifata seeti. Harka xuriin nama hin qabattu. Afuurrisee akka aannanii urgaawa. Akka nama tokkoo tokkoo afuura xiraa namatt hin baafattu. Ilkaan see adii haanciroo fakkaata. Yeroo hunda rigatti. Harka saamuunaan yk balota aadaa akka eebicha faan osoo hin dhiqatin nyaatatt hin buutu. Miciroon ( germ) akka xurii keessatt lalistu beekti.
Fuulli see qulqulluu dha. Yeroo hunda dhiqattee dibatti. Ijisee ciimmaa hin qabu. Harka hin dhiqaminiin itt hin buutu. Manni see guyyuu harama. Mi’i manaas akka awwaara hin kuusne ni haxaawama. Haadhi Fayyee kanaaf ganda keessatt akka fakmishoo qulqullinaati laalamti. Fayyee sees akka ofii qulqullina saa eegsiftiin. Kanaaf rifeensi irratt hin guufa’u. Qeensi irratt saaldaa hin tahu. Injiraan cittoo fi buujalee hin beeku.
Haadhi Fayyee gaaf tokkoo mana obboleessaa dhaqxe. Ijoollee saa yoo agartu ni gaddite. Furrooftuu, ciimmoftuu, cittooftuu, cinooftuu, xurooftuu qeensa saaldaa fi kabeelaa duwwaa turan. Hunda waamtee dhagna irra dhiqxe. Mataa haaddee, qeensa irra qortee qoricha cittoo dibde. Buujaleefis ogana wayii itt dibde. Amma nama fakkaataniittu lamuu akkanatt akkan isin hin agarre jette. Sayyuun see mana hin turre malee itt buuti turte.
Obboleessa waamtee, ijoolleen kun yoo dhukkuffatu hammam akka itt baaftu beektaa? Hamma yoona hammam akka cireessatt marmarte beektaa? Hin dhagaeenye nan se’in jetteen. Dhibee garri caaluu, of eeguu dhabuun namatt dhufa. Kanaaf waan gootu sittin hima. Sana osoo hin godhin deebi’ee arguu hin fedhu. Deebi’ee akkasitt yoon arge cittee taana jettee qubaa itt raaste. Du’an jettee natt hin dhaamin. Akka hin irraanfanne dambiilee buu’uuraa eegafayyaa kanatt haanan sirriitt qayyabadhu jetteen.
Hunda caalaa qulqullina ofii eeguu barsiisfata godhachuu dha. Kan qulqullina ofii eegu, cireessatt marmaaruun yeroo fi qabeenya hin qisaasu. Salphaattis hin dhukkufatu. Kanaaf dambiilee kana waliin hojiirra olchuuf maatii fi ollaan mari’adhu. Akka bakka yeroo hundaa arganitt maxxanfatan gorsi. Ayyaanni abboolii fi haadholii keenyaa jabina siif haakennu. Sana jettee, nagaa itt dhaamtee, Haadhi Fayyee gara dhuftett qajeelte. Ergasii ijoolletiin dhukkuffachuu dhagahamee hin beeku, jedhe Abbaan Hoduu.