Dhumarra ga’a  Kolonummaa Gaanfa Afrikaa

Tigraway sirna malbulcha Habashaa keessatt miiltoo maadhaa turan. Erga mootummaa Zagu’ee as Amaarri, guggufannaa xixiqqoof malee, olhaantummaa qabatee jiraate. Sun Kaasa Marcaa, hoggana Tigraway bara 1872 Yohannis IV mootii mootota Itiyoophiyaa jedhe of muudeen gargar cite. Mootiin Tigray kun achi gahuuf mataa Amaaraa fi kanneen biras hedduu cire. Ergasiis akka isaan mataa olqabatanii hin laalle daa’imsiisee moo’e. Mootiin Shawaa Minilik fi mootiin Gojjam Taklahayimaanot olhantummaa saa hala duree malee fudhatanii turan. Hayyama saatiin biyyoota kibba saanii jiranitt duulanii qabachuun kan eegale. Empayerri Habashaa hoobbaatii duulota sanaati.  Yohannis duula Matammaa irratt (1889) Sudanotaan qalame. Isa booda Minilik korma tokkicha mooraa Habashaa keessaa ta’ee gadi bahe Tigraway irratt haaloo bahatee sillimii jaarraa tokko fudhate keessa galche. Bara 1991 gadoo kuufatanii, koloneeffato isa dhumaa tahuun waanta ijaaruu gargaaran yeroo diigamu ragaa bahuuf deebi’an.

Minilik booda hogganummaa Amaaraan mootota afurtu aangott dhufe. Hunduu dorsisa fi shororkeessaan moo’an. Isaan keessaa waggoota shanan Xaaliyaanii dabalatee kan bara dheeraa  (1916-1974) aangoo irra ture Tafarii Mokonin. Bakka saa kan bu’ee tuuta loltuu Darg jedhamu ture. Dargin akkuma kanneen isa dura shororkeessaan moo’e. Dargaggoon Oromoo fi Habashaa adda addatt ijaaramuun fincilanii gaara seenan. Habashaa keessaa Tigrawayi Eertraan ollummaan walii tumsaa turan. Dargiin hundatt Goolii Diimaa fi meeshaa hunda mancaasaan ibida roobse. Hoggansa Amaaraan kan fincilan jaarmaa “EPRP” jedhamu jalatt hiriiranii Dargii fi Tigroota gidduutt akka lamuu ol hin kaanett rukutaman. Isaan keessaa kan lola irratt booji’aman maxxannummaan ijaaaramanii dhaaba “Sochii Demokratawaa Saba Amaaraa” ta’an. Tigrawayi isaanii fi kan isaan fakkaatan qabatanii empayera dhunfatan.

Haaloo salphina kufaatii Yohaannis duuba gahee irratt dabalamee aariin Dargii irraa Tigraway qaban injifannoo saanii duuba akka hamaatt Amaara hube. Waraana isaan waggaa dhibba ijaaran diigee facaase. Bulcha biyyaa bakka furtuu taate hundaa isaan yaase Tigraway itt galche. Mirga sabummaa sabooti qabaachuu beekeefii afaan saaniitiin akka baratanii fi hojjetan irratt waliigale. Sana gurgudoon Amaaraa ammayyuu hin fudhanne. Hawwa Amaaraa alatt Tigraway walabummaa Eertraa raggaasisan. Akka isaan hin feenett  jarmaa “Sochii Demokratawaa Saba Amaaraa” jedhaniin itt tolchan. Dudhaan, jaleen isa injifatamee sirna haaraan dhuunfatama ture, amma garuu hin taane.

Duulli Tigray jaarmaa cimaa ABUT (HWHT) jedhamuun gaggeeffamaa ture. Hogganooti saa kanneen qabsoo wareegammi guddaan itt bahe keessatt muuxannoo qaban turan. Hunda saaniirra hogganni saanii, Mallas Zeenaawwi nama abshaala, collee ayyaanlaallataa ture. ABUT humnoota Dargii boodaa hunda caalaa hidhannoo guddaa qaba ture. Seenanii ji’a tokko booda dhaabota Dargii lolaa turan, dhaabota ala turan isaaniin waldhabdee hin qabnee fi kanneen yerosuma akka ijaaraman jajjabeessan kan haammatu “Kora Nagaa fi Tasgabi” jedhamu waaman. Korichi Chartara Mootummaa Cehumsaa ijaaru tumee ka’e. Isaan dura ummatoota Habashaa hin ta’inii fi kolonoota hundaaf dhaabota boojuu irraa “Adda Warraaqaa Demokratawaa Ummatoota Itiyoophiyaa (ADWDUI)” yk “Ihadeg” jedhamu uumuun maqaa saatiin biyya bulchuu eegalan.  Booda irratt heera empaayerri ittiin bulu kan mirgoota ummatootaa fi abba tokkootaa eegsisa jedhan baasanii Mootummaan Cehumsaa raawwate.

ABUT lolee mootummaa abbaa hirree aangoo irra ari’uun dhaabota saboota gara garaa walitt qabee chartara ittiin bulan irratt walii galuun; ADWUI boojuu ummatoota garagaraa akka walqixxeett ijaaruu;  qophii fi meeshaa waraanaa kanneen biraa qaban caalu qabachuu; deggersa angota addunyaa dhihaa qabaachuu fi  dhaabota kora irratt qooda fudhataniin akka warana empayera hundaa waloott fudhatamuun, seerawummaa yeroo argamsiiseefii ture. Itt hansee akka heera baaseett goloota aangoo malbulchaa dorgommeen qabachuu danda’an hayyamee galmeesse. Isa booda sagnata kennata ummatootaa ifaa godhe. Kanaan goloti murna Habashaa aangoo irraa konkolaatee “Hidhata Tokkummaa fi Demokrasii (Qinijjit)” jaarmaa jedhamu ijaarratan.

Qinijjit kennata bara 2005 keessa seenanii sagalee guddaa argachuun Wayyaanee baragsiisan. Garuu tooftaan harkaa bushooftee lolli hanga lubbuu deggertoota saanii baasuu fi barcuma argatan dhabsiisu gahe ture. Sanaan hogganoota hunda hidhaatt naquuf Mallas sababa argate. Mala uumeen jaarsoli inni ramade gidduu seenanii akka inni barbaadutt kan itt dabame aagii tufsiifachuun hidhaa yaa’e. Ergasii murnooti Amaaraan deggeraman fagooti ittfaman.

Kennati sun utuu qajeelaan xumurame ta’e kan moo’ate angoo empaayeraa irratt seerawummaa argata ture. Dorgommeen ture koloneeffatoo fi galtuu malee ummatoota humnaan qabaman kan laalu hin turre. Kennatichi finnaa empayeraa irratt Wayyaaneen seerawummaa akka hin arganne tolche. Kanaaf roorroon ilmoo nama irra gahu wagga waggaan dabalaa kan dhufe. Kennati itt haanee ganna shan duuba dhufes sana hin jijjiire, caalaattu empayericha keessatt demookrasiin abjuu ta’ee akka hafu mirkaneesse. Sababa kanaaf Wayyaaneen jajjabeessa angoota alaatt irkachuu malee deggersa qeyee argachuu hin dandeenye.  

Mallas booddana, kan dhaaba saa caalaa, aangoo dhuunfaa saa cimfachuu irratt xiyyeeffate ture. Kanaaf jaallewwan saa gaafa xiiqii moggeessutt ka’e. Abba tokkoota dardara ta’an isa malee ABUT waliin hariiroo hin qabne ofitt naannessuu eegale. Sanaan karoora “bakka buusii” (matakaakaat plan) jedhu baase dhaaboti ADWUI jala jiranis sana akka hordofan godhe. Sun boojuu dhaabota ADWUI keessa jiran amanamummaa ABUT qaban karaarra maqsuuf gargaareen. Mallasaan ABUTn akkasitt laashessee hirree cimaan ADWUI sherersuutt ka’e. Imaammata baafateen nama Haayila Maaram Dassaaleny jedhamu Kibbaa fiddee itt haanaa saa godhe. Mallas akka tasaa du’e. Reeffisaa biyya faranjii dhufuu malee akki du’a saa, dhukkuba saa fi waldhaansa saa hin himamin hafe.  Sun warra turee fi haaraa afaan bansiise.

Kanneen inni walitt qabe isa malee bulchuu danda’uu saanii ofitt hin amanne. Kanaaf bakka walgahan hundatt “hogganni keenya guddichi” (qiliwweeee Baha Fagoo) karoora nuu baaseen bulla jedhanii samanu. Yoo nyaatatt dhihaatan illee ekeraa saatiin nuu eebbisi jechuun kan hafu hin fakkaatu. Walgahii dhiheenya ABUT tolfate irratt angafooti dhiigaa fi dafqa saaniin olhantummaa Tigrawayi gaddhaaban imaammata bakkabuusiin gaggeeffaman. Kanaaf aangoon ABUT empaayerittii irratt dhuunfaan qabaataa ture gaaffii jala kan gale fakkaata. Sun olhaantummaa Tigraway hangam akka hubu bulee mullata.

Haa tahu malee hamma yoonaa fuulli hogganummaa badiisa gahee ilmaan Tigray turan. Sii’achi garuu akka karoora Mallasitt kanneen Tigraway hin taane of dura qabanii ofii duubatt deebi’uu kan murteeffatan fakkaata. Caasaa haraan isaan malee kan biraa gowwoomsuu hin dana’u. Hanga empayerri jirutt hariiroon Itiyoophiyaa fi kolonoota gidduu hin jijjiiramu. Mirga hiree ofii ofiin murteeffanaa sabootaa hojiirra olchuu qofatu sana jijjiira malee funaansa abbaa hirrootaa fi boojuu miti. Irra dibaan amma tolfame seerawummaa empayeraa fi haa tahu ADWUIf  hammattiima Mallas jalati kennellee hin kennu. Garuu irra dibichi ‘armaataatt’ yoo geeddarame dubbiin adda ta’uu dandeessi ta’a.

Mallasaan abbaa hirree hin nakkaramne ta’uuf karaa tottolchee ture. Barcummi inni midhaasse eenyyufuu kan ta’u hin fakkaatu. Ammaaf ADWUIn akka gannoota digdamaan duraa, miseensota ABUTii amanamoo ta’aniin kan guutame miti. Sammu garboome kan qaban yoo hin taane, shororkeessaa fi sodaa jalqabaa sana keessa kan turan garri caaluu “matakaakaatiin” irratt tolfamee jira. Kanaaf maxxannooti angoo keessatt haa ta’u qabeenya irratt ugganii qooda saanii gaafachuun kan carraa argatan fakkaata. Sana akki itti furatan naannaa malbulchaa empayerittii qofa utuu hin ta’in kan Gaanfa Afrikaas tuquu dandaha. Dhaaboti miseensa ADWUI arfan raatessaa nama yk goolaa tokkoo jalatt fedhaa saanii bilisa malee hafuu hin danda’ani. Yeroon kan isaan ajaju seexaa fi dantaa saanii qofamoo, kan dhibantaa tokkoos akka dabalatu murteefatan gahee jira. Akka ofii fedhanitt miiltoo ta’uu yk ijoollee qeyee tahanii hafuu dha.

  Amaarri bara Dargii kaasee jaarmaa sabheddu fakkeessaaf Itiyoophiyaa jedhaman isaan mataa itti ta’an afarsaa turan. Wayyaanee jalatt haalli Amaarummaan ijaaramuu dirqisiisee “Mallaa Amaaraa” kan jedhamu uummatani. Garuu ulaagaa Amaarummaa waan hanqateef odoo hin turin doome. Haa ta’u malee bulee Amaarummaan itt roorrifamuun it dhagahamaa dhufee, maqaa saaniin sabheddummaan kan ijaaraman akka irra ittisuus fedhaa saanii eegsisuus hindandeenye kan fudhatan fakkaata. Kanaaf dhaaba Amaarri qofaan dhimma saa ittiin hordofu “Moresh” (maqaa nama hamaa jala jiru ittiin waaman) jedhamu ijaarrataa jiru. Muuxannoo Tigraway jalatt argataniin rakkina ummattooti biraa abbaa hirroota halagaa jalatt qabaataa turan bulee ni qayyabatu ta’a. Rakkinni kan naannessee ilaaluuf gamnummaa fi ballinaan waa hubachuu ni gargaara. Akka ummata tokkooti mirga ofii eegsifachuuf yaalu taanaan, kan ollootaa saanis akkasumati kan ilaalan yoo ta’e qayyabannoo argachuu ni dandahu ta’a. Dhaaboti Habashaa sabhedduu jedhamanis hanga Amaarii isaan hin amannett tarsimoo hanga yoonaa abbaa hirrummaa qofaaf tolu keessa deebi’anii yaaduu haalli ni dirqisiisa ta’a.  

ABOn tokkicha. Afur shan jedhanii kan qoosuu fedhan jiru. Muki udaanii/cuqun bubbuka jedhaniif hin urgaawuu. Jarri kaan “ABO Ciqun” jedhamuu irra hin taranii. Kaayyoon ABO isa dhugaa Republika Oromiyaa dhaabee iggiti itt gochuu dha. Republiki Oromiyaan dhaabbatu biyya hundi walqixxummaa, bilisummaa, obbolummaa  fi demokratummaan keessa jiratu biyya seerri olhantummaa keessatt qabu taha. Sii achi, Oromiyaa keessatt fanfanamuu yk itt rorrifamuun sanyii, amantee, saalaa, gosa yk sabummaa irratt hundaawe hin jiratu. Sun hundi kan dhugoomuu dandahu jaarmaa cimaa fedhaa hunda dura kaayyoo buusuuni. Jaarmaa cimaan waan jedhuu fi tolchuun ummata Oromiyaa fi miseensota saaf dhuga himaa fi amanamaa kan tahu. Tibbi qabsoo tibba mootummaa miti. Walabummaa Oromiyaatt gufuu kan ta’u hundi akka diinni ilaalamutt ilaalamuun waan hin olle.

Keessi ofii qaawwaa ta’uu baannan karaa hamtuun itt seentu hin jiratu. Kanaaf kan mana ofii qulqulleessanii qaawwaa hunda duuchuun durfannoo qabatuuf. Nageenya dhaabaa eeguun waan jireenyaa fi dua’aati. Waan halleefuu shaffisummaa murtii fi dudhammi daddaaqina hin qabne miira warraaqaa tahuun beekamuu qaba.  Daagummaa, harkifatummaa fi haa bultu dubbiin addunyaa shaffisa ifa caaluun xuruuraa jiru keessatt akka bakka hin qabaanne beekuu dha. Ummati hamaa fi tolaa keessa jiru si’aawinaan hubachuu qaba. Akka ofbaree bitaa fi mirga saa dammaqee hubatu gochuun qooda warraaqaati. Ummata dammaqe qofatu mirga ofii beekee gaafachuu danda’a. Yoo danda’ame humnooti bilisummaa Oromiyaa hundi gamtaan bobba’uun kan biyyi hawwuf fedhamaadhas. Haa ta’u malee luuxxee galtuun tokko karaa itt cufe kan biraa keessaan akka hulluuqxee hin makamne hundinuu dura mana saanii qulqulleeffachuu qabu.

Koloneeffatoon gufatanii bitintiraa jiruu. Akka bakkatt hin deebine gochuu dha.. Kun yeroo hundi bahee anjaa qeyee fi sabgidduun kennutt dhimma bahuu qabu. ABO karaa irra ceesisanii fulduratt deemee akka didhaa hin bahanne duula guddaatu alaa manaa marsee dibbee itt dhahaa jira. Sun ta’ees wayyabi Oromoo danqaraa hunda irra qaarsisuuf harka itt hiixataa jiru. Kan sabicha jireenya abojjootaafii jiruun gahan kanneen walabummaa saaf dhaabbatan qofa. ABOn kallacha qabsoo bilisummaa fi ofiin bulummaa saanii akka ta’e tolchanii beeku. Kanaaf waci hundi kan qilleensa waliin darbu. Sabichi qabsoon saa dhaawataa ta’uu akka danda’u beeka. Sun dhafqaa fi dhiiga ilmaan saa guddaa gaafachuu danda’a.  Hojiin hoggansaa kaayyoo fulduratt dhiibuu qofa utuu hin ta’in baasii saas yarsuu dha.  Kanaaf cabaaluqa duubatt harkiftuuf gurra qeensuutt yeroo baduu hin qabui. Isaan kan bobba’an fedhaa ofiif jedhanii mirga sabummaa Oromoo irratt dhoofsisuufi.

  Kanaaf xaxaa fedhaa ummataa irratt tolfamaa jiru hankaaksuuf sabboona hundi hiriiruu qaba. Qondaaloti ABO amma jiran ittiin maruu fi tiratuummaa qabachuu danda’u. Garuu kan dudhamaa fi garaa guutuun kaayyoo tissuutt bobba’uu saanii cicachuuf safuu gubbaa gad ilaalchisu qabu hin jiru. Ciqilaanii, gargaaraanii, gorsaanii, bor guyyaa biraati. Qabsoo bilisummaa fi guddinaatt iggiti tolchuuf bor ummatichi hogganoota jajjaboo haaraa ni baafata. Sun sana ta’ees ABOn hardha dhaabaa Oromoon qabu hunda caalaa isa jabaa dha. Qabsoo keessatt duubati deebi’uu fi fulduratt utaaluun, laafuu fi jaabaachuun waan jiru. ABOn hardha haala jabaatee fulduratt utaaluu dandeessisu keessa jira. Homtuu duubatt deebisuu hin danda’u. Injifannoon battala saa Oromiyaa keessatt deeffate yeroon gaarrenii fi sululoota Oromiyaa keessa naanna’ee dhangaa dhahu fagoo hin ta’u. 

Haalli subgidduu qabsoo bilisummaa Oromoof mijjaawaa dha. Kaayyoo duubatt deebisanii wanti dhoofsisaniif hin jiru. Anjaa jiru qayyabatanii gam gochuun qooda qabsaawota Oromooti. Hacuuccaa fi balaan Oromiyaatt bu’aa jiru waan callisanii bira taran miti. Kan seexaa qabu iyya ummata Oromoo kan bilisummaa dhowwataman, kan guyyuu beela’aa oolanii bulan, dhukkuba ilmoon nama beeku hundaan qabamanii kanneen waldhaansa hin arganne fi kan gadooda saanii addunyaan dhaggeeffachuu hanqatee fi guyyuu akka baalaa innaa darbu hundaa harca’a jiran tuffatee darbuu hin danda’u. Oromoon Oromiyaa hogganamuu qabu. Yeros qofa kan qabsoon saanii xiyyeeffannoo argatu. Yoo Waaq jedhe, boqonnaan kolonummaa cufamee Demokratik Republik Oromiyaa iftuun dhalachuuf karaa irra jirtii. Oromiyaa bilisi haa jiraattu!  

Ulfinaa fi surraan dabaankufootaaf; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama
Bitootessa 2013
Ibsaa Guutama miseensa dhaloota saganta ABO isa jalqabaa baasan keessaa tokkoo

Email: (if you would like a response) Invalid format.

Comments:

A value is required.