Demokrasii Itiyoophiyaa fi Itgaafatama Gocha 2007 irratt qooqa yartuu

(H. R. 2003)

Nammi tokkoo waa’ee Mirga Ilmoo nama Chartara ST (UN), konvenshinootaa fi kovenantoota  irratt hundaawee dubbata yoo tahe demokraasiinis itgaafatammis Itiyoophiyaa irra eegamuu hin qabu. Mirgi fi walabummooti noolaa abba tokkee kan dhitamu abbicha qofa irratt akeekkatee osoo hin tahin saba inni keessaa bahes ni dabalata. Empayerichi sabootaa fi sabummaa hedduu kan garri caalaan saanii kolonii tahan of keessaa qaba. Habashaa biyyi haadhoon bulcha demookraatawe qabaattee hin beektu. Angoon ni boji’ama malee hin badhaasamu.Caffeen Amerika shakala hin beekamne tokkoo alaan itt fe’uu yaala. Erbaala kana keessatt barreesich yaa’a HR 2003 jala darbee, dhimma inni baasuuf kan irra ilaalee darbe hubachuu yaala. Tumichi Onkololess 2, 2007 Manaa Senatef darbe kutaa 8 qaba.  

Yaa’icha
Tumaan tokkoo dabarsuuf haa tahu ittisuuf kanneen deggeranii fi ittiin mormaniin ifaajjee guddaan tolfamuu qaba. Jalqabanii fixachiisuun jabinaa fi itt cicha gaafata. Yoo dhiibbaan alaa hin jiru jedhamellee miseensi hundi akka akeeka tokkott waliigalu gochuun giixirsaa dha. Waan HR 2003 Itiyoophiaa ilaalutt kanneen yaadanmal/theory ormi hundi mootummaa tahuuf argata jedhutt aManan, sababa kamiinu keessa seenuun hin barbaachisu jedhu. Kanneen imperial Itiyoophiyaa, kan Amaarri malbulchaa fi hawaasoman olhaantummaa itt qabataa ture, akka ujuutt ilaalanis jiru. Ityoophiyaa isaan ni jaallanna jedhanii fi deggeranis sana. Bulchi empayerii amma jiru akka deggertoota ujuu sana gad qabaa jirutt amanu.

Kanneen biro Ityoophiyaa kan beekan gara bulcha ammaa qofaani. Jarri kun qabsoo ABUT tolche kan ofiitti ilaaluu. Kaan saanii akka Mallas demokraasii hojiirra itt oolchaa jirus ni dinqisiifatu. Jarri duubaa kun dabballoota Tigreen kan salphaatt gowwomfamani. Kan amma Mana keessatt diriirfame fakkaatti isaan uummatanii ala jalaa taha. Kanneen waa dafanii hubatanis jiru. Isaaniif haxaarummaa fi hamaa bulchichaan tolfamaa jiru baruun yeroo itt hin fudhanne. Egaa tumicha dabarsuuf wayyabi miseensotaa kan ilaalcha fi muuxannoo adda addaa qaban amansiifamuu qabu turan jechuu dha.

Waa’ee dhiitama mirga nama Itiyoophiyaa keessaa jiruu irratt, ilaalcha adda addaa jiru walitt fiduuf ragaa amansiisaa dhiiheessuun barbaachisaa dha jechuu dha.   

Manich dhiibbaa keessaa qofatt hin dangahamu. Angoti alaa kan itt baha tumichaa duukaa bu’an jiru. Kanneen kan bulcha mirga nambiyyaa dhiituun michoomuun, maqaa biyya keenyaa balleessa jedhan akka tumichi darbu barbaadu. Kaan michuu, nama walbeekanii fi dantaa bulchichaan jala tuqaman qabu taha. Sanati dabalamanii Habashooti ala jiraatan sagalee guddaa kan murna kufe bakka bua’n jiru. Jarri kun bahanii dhaabbachuun, hiriira nagaa gochuu fi namoota miseensota Caffichaa jala buusuun hamma nuffisiisutt dhiibba guddaa tolchu turan. Kanneen biraa tajaajilli bulchichi FATf tolchu balleessaa hunda irraa dabarsu qaba jedhu. Tumaan akkasii gara malbeekiin karaa ijaaraa taheen ifajjee tolfamu balleessa jedhu. Jarri akkasii malbeekota (diplomats) kanaan dura bulchichi foyya’aa jira jedhanii sobaa bahan dabalata. Bulchi Itiyoophiyaa kallacha mormii tumichaati. Dhiibbaa dandahamu hunda iddosota irratt tolchuuf horiin gargaarsaan argame kumoota hedduun lakkaawamu qisaasamee jira.

Tumichi darbuuf qaabatticha rogaan dhiheessuunii fi hamaan FATiitt wanti mootummaan Itiyoophiyaa balleessu fiduu dandahu bu’aa fi wareega dhiibbaan alaa fidu irra ulfatee argamu qaba. Mallas akka waan michooti saa tajaajila kenne ilaalanii waan halle irra darbaniifitt fudhataa ture. Garuu iddoosoti ormaa akka ilaalchisa kun dogoggoraa tahe barsiisan. Dhitama ilmoo nama kan maqaa biyya saanii xureessuu dandahuun mormuu irratt yaada tokkoo akka qaban agarsiisan. Haa tahu malee michoomaaf jedhanii qeeqa itt hin hammeessine.

Murticha
Tumaa HR 2003 Itiyoophiyaaf jedhame Onkoloolessa 2, 2007 Manaan Senatett darbee kan laallu, wal harkisi tuqaman sun jiraachuu osoo hin dagatini. Miseensoti Kongres wayyabi tokkummaa fi gilgilummaa daangaa biyyoota michoota saanii ST (UN) keessa jiranii kan kan fudhatani. Biyyichi dabaan haa ijaaramuu bultiin saa badaa haa tahu dhimma saanii miti. Ityoophiyaan miseensa STiti. Kirstaanotaan bulfamtis. Kanaaf ilaalchi Itiyoophiyaaf qaban kan dursee uumamee. Oromiyaan Itiyoophiyaa yk Habashaa irra guddaa fi dureessa. Biyya sabhedduu fi dhugeeffannoo hedduu kan Kiristinaa fi Moslemanni tarii lakkooffaan walqixee tahani. Lachanuufu Oromummaan taasisa hundaa olitt isaan tokkomsu. Oromoon waan hunda caalaa itt roorrifamee, hunda caalaa barbadeeffamani fi mirgi saanii macalaqfame tahaniif maqaan biyya saanii tumaa mirga ilmoo nama ilaalu keessatt ni kaha jedhanii eeguun akkuma ture. 

Garuu du’i, hidhaa Qaallitti keessatt tahellee kennata 2005 waliin qabsiifameetu. Guraarsaa fi dantaa dhabuu mootummaan kan kahe Oromoo hedduun naannaama sana hidhaama sana keessatt lubbuun saanii dabarteetti. Waldaan noola empayera keessaa guddichi tokkoo Maccaa fi Tuullammi jigfamee hoogganootii fi miseensoti yerooma sana hidhamanii turani. Sunis kan tahe bulchi Oromiyaa Finfinnee Adaamaatt darbuun mormitan jedhamuuni.

Yeroma sanas baratooti Oromoo dabaan mormuun yaada ifsannaan barumsa irra ari’amuu irrayyuu hedduun hidhamanii turan.

Ajjeechaan fixakaakuu gad hin taane ammallee Oromiyaa keessatt gaggeeffamaa jira.

Garu yeroo tumicha keessatt maqaan Ogaadeen al afur ka’uu fi duuti kennata 2003 wal qabate ijoo dubbii tumichaa tahu, gabaasii American Human Rights Watch, Amnesty International fi dhaabota mirga ilmoo nama hedduun osoo jiru maqaan Oromiyaa al tokkollee hin dhahamne. Kan kun kaheef tumicha waan addaan itt xiyyeeffate akka qabuuf sunis Oromiyaa akka hin dabalane agarsiisuuf. Oromoon waan itt hin wacneef dubbiin saa irraanfatamee laata?

Kan hunda caalaa hubaman Oromoo osoo tahanii maaliif dubbiin Habashaa caalmaa argate? Kan inni aluma tokkoon beekamutt kahe Oginni (oil) Oromiyaa keessatt hanga yoonaa hin argamne Ogaadeen keessatt argamuu dandahuu saatiif moo Ogaadeeniin rakkina Somaliyaa irra fageessuuf yaalameetu? Oromoon Hawaasa addunyaa, akka sirna FAT irra hubannoo argachuuf maal tolchuu qabu? Sun gaaffii Oromoon of gidduutt alanfachuu qabani. As irratt barreessan kun badiisa Ogaadeen irra gahaa jiru xiqqeessuuf yk dhumiisa deggertoota Qinijjit ishoo jechuuf akka hin taane baramu qaba.

Ogaadeenooti erga qabamanii jalqabee, guyyuu dhiittaa ilmoo nama hamaa fi salphisaan akka gidramaa jiran beekamaa dha. EPRDF mormitoota Habashaaf erga seenee jalqabee hileefii hin beeku. Garuu gaaffiin jiru maaliif gidiraan orma kumkuma afurtamaa olii ammayyuu akka hin jirrett ilaalama kan jedhu? Kun gaaffii deebiin saa yoo beekame taatoo hundaaf dhimma baasuu. Tumicha ilaalchisee, yoo kan irratt akeekkatame dhiibbaa itt tolfamuuf sarme, yeroo bulchi seraa diriiru Oromonis bu’aa harcaatuu keessaa argachuu abdachuu dandadha.

Tumichaaf Dantaa Oromoo
ABOn bara 1992 erga sona cehumsaa keessaa bahee ministerota dantaa alaa biyyoota Lixaa irra naannahee balbala itt rukutaa bahe. Hankaaka demokraasii fi haala hamaa olka’aa jiru ilaalchisee hunda birati iyyata galmeeffatee ture. Yeroon fala itt barbaaduun barbaacisaa tahuu amanuun, akka isaan mudaa kanaaf gamtaa hin agarsiifne gaafatee ture. Garuu isaan sana dhiisanii waliin hojjetanii naalchuuf waadaa seenan. Ammas waggaa kudha shan duubu karaa sirrii irra waan jiraniif obsaa jedhamaa jirra. Kanneen waan demokraasii fi mirga ilmoo nama ilaalu irratt, guddinni guddaan agarsiifameera jedhanii addunyaatt ugganii himuu yaalanis jiru.

Kanneeniif guddina jechuun hawaasa dimshaashatti of jala qalchuun gamtaa addunyaa luugama hin qabneef karaa haxaawuu jechuu dha.

Sunis ukkaamsaa of ifsuu fi press dabalata. Yaadi akkasii bulcha abbaa hirree afeeree, akka ormi bulchoota saa irratt too’annoo hin qabanne fi bulchootis jiraachuuf yeroo hundaa baraara angoo alaa irratt akka hirkatan tolcha. Biyya keessatt haalli badaa jira yoo jedhamu faallaa saa, akka karoorfameett waan deemeef haa tahuu, karaa alaa tolaa jira jedhama. Kanaaf malee hawaasii sabgidduu jiruu ofiitt qaana’anii, horiin, meeshaa lolaa fi gorsaa kennaniif irra kutuuf EPRDF nama meeqa fixuu qaba laata?  Dhaaboti Oromoo gowwomfamanii maqaa, walabummaa fi waan qaban hunda aarsaa baasanii kiyyoo hin bane of galchanii laasha’an jiru. Jecha Oromoo tokkoo dhahuun nigaha, “Kan sangaa koo qalatee nyatee waliin barbaadaa waanan oleef argachuu hin dandeenye.”   

Mootummaan amma, Osaamaa bin Laden osoo as hin bahinii jalqabee, shororkaan bulchaa ture. Hanga daangaa hin cehinitt shororkeessi finnaa angota alaan ni jajama. Garuu sochiin sabbonotaa  biyya keessaa hunduu, shororkeessituutt galmeeffama. Gooltuun qeyee hanga humna biyyaa daangaa ceesisee bakka gaafatamutt hiriirsuu dandahett, fira duulichaatt fudhatamuu dandeessi.  Akkasitt shororkeessituun nagaa taatee cubbuu naannaa irra faloo yoo baatu, shororkeessamaan shororkeessituu tahae cubbama. Lubbuun tokkoo fi dantaan sadarkaa addunyaatt tuqame, kumoota bosona empayera Itiyoophiyaa keessatt badan caalaa baasa. Empayerri Itiyoophiyaa gargaarsa imperiyalistootaan bu’uurfame. Ammas aangooti addunyaa waan akka jirutt tursuun, eegduu qarqaraa kan lola shororkaa fi oginaaf  dhimma itt bahamu goona jedha kan jiran fakkaata. Erga koloniyalism shakala hamaa tahuun addunyaan labsamee walakkaa jaarraa ol tahee jira. Garuu inni kan empayera Itiyoophiyaa akka eebba dhokatee as baheett ilaalamuu hin olle. Yero hundaa kan himamu biyya ofiin bulaa dullacha tahuu malee akka biyya hanga hardhaatt kolonii qabu tokkicha tahett hin himamu.

Oromoon orma nagaa jaallatu, qabanaawaa dha, garuu jireenyaa saanii hamaa kaleessaa haalli irraanfachiisaa hin jiru. Bara duula ittisaa afoo dilormaan saanii walakkaatt gad cabee.  Yeroos gocha hamaa harka loloneefataatii muuxatee. Ajjeecha, badiisa, fafannaa, guraara, fi hidhaa yeros jalqabame ammalee biraa hin hafne. Kumkumootatu gaaboota Habashaa fi Gabra Diimaa gamaa kan Awuroopaa dabalatutt gurguraman. Yeros yartuutu argee injifataaf harka rukutee. Amma baaquleessaa iyyaatiif haa galatu gaaga’amaanis dhagahamaa jira. Sunis tahee ammallee Oromoon dilormaa wayyaba tokkichaa. Kanaaf akka cunqursoota saanii osoo hin tahin, Oromoon demookraasii leellisuu.  

Taasisi wayyabaa kun kan badhaasisan osoo hin tahin haala empayeraa kan adabsiisan keessatt ni calaqisu. Loltuu lafoo kan adda dilii isaan hin laallett du’an keessaa dilormaan Oromoo wayyabaa. Busaa, tubarklosis, AIDS fi kkf dhibee atombadii mootummaan nama lafarraa fixaa jiraniin dhumuuf wayyaba. Gibira baasuutt isa wayyabaa. Laftii fi qabeenyi saa akeeka saamichaaf irratt xiyyeeffatan keessaa wayyaba. Sunis tahee humna homishaa godinichaa keessaa guddicha. Finnaa empayeritt kan gateettiit baatanii jiran isaani.

Akka Saneetarri tokkoott, Habashaan “guddina dhiibbaa dhistuu Islaamaa godinaa keessaa quucarsuu fi hankaaksuuf dallaa ittisaa” tahu. Kan sana jechisiisuu dandahan bitamtoota Oromooti, sana dandeessisuuf Oromoon barbarian garboomee hafuu hin qabu.

Dilormaan Oromoo tuta qondaalotaa keessatt isa bucuu dha. Tajaajila fayyaa argachuutt isa bucuu dhaa. Waan gumaache keessaa kan maayii baasuuf deebisee argachuuf isa bucuu dha. Daldaluutt, lafa qabaachuuttii fi tajaajila barumsaa argachuuf isa bucuu dha. Akka sabaatt of bulchuuf qooda gahaa hin qabu. Bara mootummaa cehumsaa 1991/92f malee akka orma tokkooti bulcha empayeritt keessatt qooda fudhatees fedha agarsiisees hin beeku. Bitamtooti yero hunda qaxaramanii dantaa gooftolii saanii koloneeffatoo tajaajilan jiru.

Sun Oromoo finnaa empayer Itiyoophiyaa keessatt bucuu malbulchaa keessaa tokkoo tolcha. Holola halagaa keessatt akka gosoota Habashaa keessaa tokkoott fudhatama. Dhugaan saa garuu tuuta garboome kan moototaan akka barbachisutt asii fi achi darbatamu.

Maqaa investmantiin qabiyyee abaabilee saarraa buqqifamaa jira. Oyiruun nyaataan kumoota deggera ture amma madaba daraaraa tahee jira. Oromoon kan barbaaduu nyaata kan beela’ee garaa ittiin guutu malee daraaraa sanduqa boojituu saa ittiin gabbisu hin turre.

Abbaan biyya halagaaf namoota saa alaa dhufaniif bakka gad dhiisifamaa jira. Shakalichi dharraa koloneeffataa haa baasu malee abbaa biyyaaf gadaadoo guddaa dhala jira. Tumichi waa’ee dhuunffessaa faa dubbata (kutaa 5/ c/2) garuu waa’ee buqqaa Embaasii Ameerikaa Finfinnee argamu irra maayila kudhanii ol hin taane irratt argamuu kanaa hin kaasu. Fedhi Oromoo humnaa fi qabeenya saanii irratt abbaa tahuu fi mirga hiree saanii ofiin muteeffachuu beekamuu, beekaa irra darbamaa jira. Dhuunfatis maalii? Diinagdeen gabaa Oromoo waan qabu hunda dhabeef maal baasaa? Waa’ee yaadanmalii fi akeeka diinagdee irratt dubbachuuf duran bilisummaa fi nagaan jiraachuu qaba. Dantaa Oromoo irra darbuun hunda hubuu dandaha.

Dhimmi HR 2003 akka jedhamett, “gadjabeessa nagaa fi araaraa, ulfina ilmoo nama, demokraasii, Itiyoophiyaa keessatt bilisummaa diinagde jajjabeessuu fi mijjeessu” dha. Yeroo hin yaadamnee kaasee akkataa bulchaa dhaalmaan argate geeddaruu waan gaafatuuf tumichi mootummaa amma jiru irra hedduu gaafachuu taha. Hojii gaggeessituun mootummaa FAT sirnicha caalaa qayyabata. Akka geeddaramu osoo hin gaafatin akka jirutt dhimma itt baha. Kanaaf Gochi Manicha shakala dhamasisaa taha. Badiisa ilaalaa calisanii darbuu irra seexaa saanii hanga tokkoo qulqulleeffachuu gargaareera taha. Dameelee hundi yoo dabarsanillee tumichi fedha Oromoon hiree saa ofiin murteeffachuu dhugoomsuuf hin gargaaru. Kennat karaa irra cehee 2005iin kakaafame.

Kennati sun dorgommee murnoota Habashaa gidduutt angoo qabachuuf tolfamu ture. Murnoota koloneeffatoo keessaa abbaa hirree tokko baasee kan biraa buusuuf gargaaruu dandaha ture. Waan demokraasii ilaalutt garuu karaa ganda Habashaa bahee hin beeku.

Oromoo bilisoomsuun wayyaba bilisoomsuu dha. Wayyaba walba qofa kan maadaallii bilisummaa fi demookraasii gidduu eeguu dandahu. Furmaati tokkichi waan humnooti imperiyaalisti “walharkatt qabiisa Afrikaa”n borcan taliilessuu dha. Empayerri Itiyoophiyaa diigamee kan keessatt hidhaman hundi bilisomuu qabu. Ofiin jiroo yk ofiin jiroota fedha ormaa walaba irratt hudaawe dhaabbachuu qabu.  Ayyanni Chartarri ST angoo 1.2 akeekaa hiree ofii ofiin murteeffachuu sabootaa fi nagaa bakkallee sana ture.  Sun demokraasii dhugaati. Furmaati biraa waliin dhaha fi dantaa ango qabeessoo si’anaa tajaajiluu qofa taha. Haala Itiyoophiyaa keessa jiru kan jijjiruu barbaadu dura finnaa empayera haaluu qaba. Kun tahuu baannaan yaadi kamuu akka moo’ummaa biyya tokkoo keessa galanii borcaniitt lakkaawamuu dandaha. Dogoggora sirreessuuf aaboo seera malee jaarraa tokkoo oliif qabame jijjiruun barbaachisaa dha. Motummicha akka michuutt fudhatanii hariiroo qabaniin dhaadachuun yakka inni tolche fudhachuu alatt hin laalamu. Isa caalaammoo dantaa cunqurfamoo keessa galanii borcuun Tumichi dantaa biyya moo’aa tokkoo keessa lixe jedhamuu gadi miti.

Xumura
Xumuruuf, miseensoti Kongres danqaraa meeqa irra darbanii sagalee tokkoon dhiitama mirga ilmoo nama Itiyoophiyaa keessa jiru balaaleffachuu saaniif galteeffamuu qabu. Amma dhiibba hunda caccabsanii didhaan tumicha fiixaan baasuu Senate fi Presidantii irratt hafa. Bu’aa seeran bulmaata humni FAT caalaa qayyabatu hin jiru. Waa’ee dantaa ofii hammaa baasee ilaaluu fi rakkina sadarkaa addunyaatti qunnamuun walitt yoo ilaalamu waa’een Oromoo durfannoo saa tahuu dhiisuu ni dandaha. Garuu rakkoon empayera Itiyoophiyaa yoo gaaffiin Oromoo deebii argate malee furamuu hin dandahu.

Mootummaan Itiyoophiyaas michuu nama baasuu hin tahu. Ammaaf addunyaan qabattee kana irratti kanjiruuf jedhe callisuu filatee jira. Oromoon hanga yoonaa humna riphaa qabutt dhimma hin bane. Hoogganooti tokkoo tokkoo humna saanii ol kan jala dhaabbatan fakkaata, kanaaf jalatt kufanii akeeka lafa kaawwatan gatan taha. Hanga gaaffiin Oromoo deebii asiif achi hin jenne argatutt qabsoon kumooti itt dhuman gonka hin dhaabbatu. Kaasaan qabsicha qabsiise furamu malee dantaa kamiinu godinicha keessatt nagaan gaggeesuun ni dhiba.

Oromoon hardha atoma dhabina dhaabaf haala badaa keessa jiru taha. Waan yeroon irra barbaadu yoo laalame rakkina saaniirra haanuun yeroo dheeraa irra hin fudhatu. Si’ana filmaata hedduutu jira. Waccabbarri empayeritt keessa jiru hawwaan Oromoo Habashaatt hin jijjiu. Irbuun sobaa fi kakaan, bulcha Habashaa halkan tokkott hin demokraatessu. Oromoon hanga isaan jijjiramanitt bara baraaf hin eegu. Goleett waan galfamaniif cabsatanii bahuu qabu. Yoo rakkina isaanii furuuf hin tahin illee, HR 2003 irra Oromoon bu’aa harcaatuu ni argatu taha.  

Honor and glory for the fallen heroines and heroes; liberty equality and freedom for the living and nagaa and araaraa for the Ayyaanaa of our forefathers!


Ibsaa Guutama
October 2007
Ibsaa Guutama is a member of the generation that drew the first Political program of the OLF.

Email: (if you would like a response) Invalid format.

Comments:

A value is required.