Cuuraa Manguddootaaf

                                                   Ebla 2013

play audio

Handhurtuu nuu waama ciniinfataa jirti waa malee hinfoolattuu

Maal gadfiduuf laata toolaa hin fakkaatuu maaf ofirraa hin baaaftu

Ililil yaa abbaa Muudaa lubbuudhaan dhalatee maqaa moggafatee

“B”n itt moofofnaan ammayyaa ta’uudhaaf  “D” bakka buufate

Hammachiisaan maalii aadaa doofawwanii qeesii bira dhaqnaa

Kan gamasiin Waldee gamanaan Waltee kaasifnee feenu amba taana

Ambillee kan duri jara, orma, yaa’ii, public saffi hizib faa jechuu turtee

Amma baasa baastee biyya xobbiyaatt citizen ambooma taatee jijjiiramtee

Globalization dibbee rukutamee gurra utuu hin duuchinii

Maal hin dhageenye nu maaliso hin taane lubbuun jiraannaani

Dhagahii ADO cuuraa maanguddootaa

Garaatt hafi hin jedhu lafawoo geesseetta

Dursee sin goomadhuu hiree kee sin orguu

Kan dhalches jiraatee hobbaatii kee hin arguu

Ashamaa! lammiiwwan miltolee kaayyoo dur, naguma attam jirtuu

Karaa dhaa fi garaa dha kan nama addaan kutu jedhama durattu

Karaa isn filattan walmaraa jallisii bishaanii kan fulla’ee hin baane

Waliin tirachuufis mullata jettanii yaacii shugugguraa ta’etu arginee  

Yaadi ni dhalata dhalatee guddataa horee wal horsiisa

Hamaa taanaan hamaa tolaa taanaan tolaa biqilchee Gabbisaa

Yaadi isn dhalchitan karaarraa kan maqee karaa isa kaleessaa

Kaayyoon nun dorgomufi annisaa dhabullee takka nu rakkisaa

Yaada nagaan deemu kaayyoo Oromummaa fedhaa walabummaa

Mudaa ofii keenya irra haanuu dadhabnee maa inni hadheeffamaa  

Haaraa ijaarra jennus jalqabnee xumuruun hin beekamnu duruu

 Mamiitu qabate silaa gamnaa fi janni duubbee ofii hin gurguruu

Jarreen Qinjiti mirga abba tokkee afarsaa kan bahanii

Murnaa irraanfachiisuuf hin turree kan ifaajja’anii

“Citizen” afarsuun maal addummaan saanii jedhaa kan bahani

Afaan Amaaraatiin sanuma mitiiree isaanis yeros kan baananii

Dur yeroo ofiin yaadnnu of irratt hirkannee

Waan tolchinu hundaafi waluma abdannee

Malbulchaa fi hidhannoo ofii karoorfannee

Orma orma jechuu amma eessaa gad fidnee 

Qabsoo malbulchaafii qabsoon hidhannoo dhaa gar lame dumbulshoo

Walitt camadnee walqixxee oofudhaaf  caccabne bar tokkoo

Roorroon biyyaa hammaate nagaadhaa fi tasgabi ummata dhowwatee

Haala san jalati dhossaan handhuramee harka qabsaawati ABOn dhalate

Laf jala galfamee Icaatiin da’atee daannoo hulluqa keessaatt kurkuree guddatee

Baallammisaa geenyaan laf jalaa barraaqee daannoo saa jijjisee ifatt of mullisee

Hidhaa ganda Dargii fi Qabalee Kaazanchiis ni yaadattuu laataa hedduu rifachiisee

Filmaati amma dhufee yeros jiraatullee, amantee kaayyootu hamlee isin jabeessee

ABO saafilli baddaa gammoojiidha salphatt as hin geenye humna qindeefatee

Qabsoo gufachiistuu hunda tarkaanfatee ammas xiichaa jiraa yoom aara galfatee

Inna warraaqaani dallaa diinaa keessatt qabsoo guduunfatu kan muu ittiin jettee

Yeroon darbee heddee ragaan bade seetee seena san micciruuf huffisaan gad baate

Mee laalaa waan raajii kan addaggeen jettuu isiniin da’attee

Waggaa afurtama yoo foqoquu malee kaayyoo dhaan maal baaftee

Feedhi ummata Oromoo qooqi ittin ibsamuu “kaayyoo” kan jedhamee

Nu maal goone dhiiroo maqaa saa akka hin dhoofnewoo akeekkachifamnee

Yoo beektan natt himaa halagaa moo galtuu kan waa halleef buubuu

Fedhaa ummata Oromoo mirga walabummaa kaasaa malee jibbuu

Kana egaa jaallawwan bu’aan jijjiiramaa bu’aan mullata haaraa

Birmadummaa dhabnee wareegama baafneef galtuu nu abaaraa

Eeny soba haa buusu kan dhugaa saa beekan yoo qoollifatanii

Goota dhahatanii “Qabsoon itt fufaa!” hin jedhan taanaanii

Kaan maliif komanna kan itt cabanii wareega baasani yoo ofirraa dheessani

Mala diiggaa haara qiqindeeffatanii duubatt harkiistuu daandii mijjeessanii

Sangaan qalbii hin qabne marga arge malee qilee hin agarree inna bowwaa galee 

Hamaan duuba dhufuu isaan qofa miti seena qabsoo irratt cobuun waan hin oollee

Farroota Oromummaa himuun dhimma hin baasuu nuti hin kaafnu beeknaa

Dhibee kan nudhiifne abboolii ABO sabboonoo ganamaa maaltu tuqe jennaa

Keettolee dhaa fj galtuu dhaabicha hin jaallannee tolaa irra hin eegnu

Namaa maqaa hin dhoofnu durdurii jalqabnee waan ta’an kan beeknu

Raadi harreen oolee maal bara jedhanii yeroo mammaakanii

Afuura baafachuun yeroof anjaa qaba qaanii dandeenyaanii

Qeerransoo fi jajjabeen eenyu amananiitu fooggalaa baroodaa kan wareegamanii

Ebbisaa fi jaallan saa ximboo fi dibbeenii kan diina lolanii eny dammaqsinaanii

Seexaa yoo qabaanne hardha mitii bori nu hanqooquu maraachuu raatessuun hin hafuu

Fagoo utuu hin deemin qabsoo tokkomsinee yaada keenya addaa, boriif ol haa kee’anyuu

Maaloo firoota koo yaa jaallan koo duri jallan dargaggummaa

Yoom walitt deebinee yoomuu walbalfinee gargar faffacaanaa

Maaloo hin jedhinaa gowwaa dhaa hin arguu hin hubatuu innii

Mallattoo adda addaan ganama fi galgala yoo itt agarsiisanii

Kaayyoof gowwoomeen bu’aa cicannoo dhaa jaalewanii kennee

Isin deeffachuu dhaaf ammas nan gowwoomaa abdii hin kutannee

Jabuutitti kutuun faanni nu luqqa’ee Somaalee qar’iuuf lubbuun gaaga’amee

Kanumaaf rakkannee maatii ofii deegsinee fedhaa ofii dhiifnee abiddatt timnee

Akeeki Oromoo akeeka hunda caaluu Warraaqaatu karoorsaa

Kan of fakeessanii dhugaan looguu hin beeku qullaatt hambisaa

Akka tasaa taanee tasaan gargar baanee hedduu dararamne

Meeqan keenya duunee hamamtu irra hafne tasammoo dachaanee

Baricha Cehumsaa teenyee walii iyya’uuf haalli hin mijjoofne jedhama ta’innaa

Borcaa fi unkurammi tasgabii nu dhorke kurnaalee lamaawoo akkamitt himnaa

Eenyutu kiyyoo kaa’e eenyutu eenyyun sade wal maarachisuufi

Eenyutu haaloo baasuuf burquqee gad bahee laafina golguufii

Akka waliin jaarre waliin bu’ursine wajiniin hin diignu yoka hin kabeebfannu

Maaf bakka tokkott dhufnee gaaddisa waloott irmii jaallewanii waliin hin baafannu

Kottaa hirmii hin nyaanu kanneen awwaltanii fi kan allaatiin nyaate faa nutt himtuu

Utuu du’aan ka’ee hin ka’uufi malee Gammachiis Gota Bobbaas Milkeessan maal jettuu

Dhaaba hunda itt dhabadan attamiin lagattuu diinattis saaxiltuu

Dhuguma keessan moo nutti qoosaa jirtu xiiqii nuun qabatu

Nu dura buutanii “Yaa bada gadhe mee si haabatu” jennaan fiignee itt dirminee

Kaan keenya caccabne kaan keenya ol dachaanus wayyabi achitt hafnee

Lafa jala deemnee qaawwaa dhaaba diina qubaa itt hin dhoofnee

Yeros kun hin turree keessawoo seenneera maa achumatt hin hafnee

Maaf Somaalee buunee hidhaan dararamne

bineensa fi dheebuuf du’aatt darbatamne

Bilisummaaf mitii? malaa fi qawwee argachuu dhaaf kaanee

Qabeenyaa, lubbuudhaa fi qaama hagam itt dhabnee

Malreedii Sadadii Sogiddee dhaaf Liigii loonee hin fossinee

Qabsoof akka tolu ramaddiin tolchine kaayyoof bu’aa hin buufnee

Mala yoom waldhaallee iyyaatiis guurranne namas ni oolfannee

Duru akka saaniti yaadna yoo jedhame maa laf jaala seennee

Emaledii seennee minister, direkter waannaa xaafii hin taanu

Sabboona utu hin taane lubbuun qoosaa miti gaagaa kan fudhannu

 Maali sun hundumtuu maaf OBDN hintaane Icaat taanee hin hafne

Sadarka itt haanutt ceene walceesifna jenneewoo kakannee

Kakannee hin hafnee nagaa dhaddhammannee kara karaa yaanee

Kaan gaarreen Oromiyya kaan kaan biyyi ollaan nu fudhadhaa jennee

Kaan ramaddiin hafnee carraa utu hin argatin Karcheellee gad buunee

Garlachuunu duunee ciccitnee cacabnee wareegammi hin hafnee

Meerre hogganooti waliin bobbaatanii dagattan moo dhiiroo maaliif callistanii

Meerre Badhoo Dachuu meerre Baaroo Tumsaa Muhee eessaan dhaqxanii

Akka guca halkanii nu dura bu’anii qabsoo finiintuu dhaaf kan nu qopheessani

Yoo isaan hin jirree ekeraa woo qabu kan araara saanii maal dhibaafattanii

Sagantaa fi heera dambiilee baafannee kaayyoof irbuu seennee dur waliin bobbaane

Kan seera cabsanii nurra achi bahanii adabi maal jennee maalfaa murteeffannee

Walakkaa jaarraatiif miira keessan amma maaf arguu dadhabne maaf irra dabarree

Yoo seerraasoo cabee yoo kaayyoos daddabee halagaan jajamee amma maal goonaree

Mee dhugaa haa baafnu nutu talisemoo kaayyoot dogoggoree kaayyoon walabummaa

Magaalaa fi baadiyyaa nammi horannee jiraa maandhee meeqaa qabna of sobuun maalumaa

Karoonni saa hamaa dhaa kutannoo dudhama annisaa fii qabeenya guguddaa gaafatuu

Kaan keenya kaan dhabnee kaan keenya dudhama, dhugaa hin dubbatanii ma biro himatuu

Kaayyooni akeekaa akeeka qajeeltuu walabummaa sabaa kan seera uumamaa

Yoo dabeessa hin taane yk leelloo halagaa mudaa dha jedhamee maal saatu himama

Mee kotaa deebi’a “tuf aagii” haa jennu hunda nutt himaatii walumaan haafurruu

Qabsoo keessaa goonaa akka alaat himannu inni kan hin furre homtuullee hin jiruu

Xoobiyaa nurraa usaa duuba itt deebinaa garaa tokkoon kaanee

Dura of haa taanuu kaan duuba dhoofsifna walumanuu taane

Carraa haa argatu hiree ofi murteessuu Oromoon bilisoomee 

Kan kolonome irraa tumsi kan bareeduu innaa walaboomee

Nagaa fi araara kan ofii jaallannee eeggannuu fi ofiis mararfannu

Ollaa wal amannuuf qoqqobnees waakkannees hin beeknuu

Mee hin jarjarinaa qabsoo keessaa qabnaa dheesuun homaa hin baasu

Qabsaawaan qajeeltuuf alaa mana ta’ee callisee tuffatee hin dhiisu

Dhagahaa lammii koo maaliif burjaajofnaa maaf kan kolfaa taanaa

Isa waliin dhabne walitt haa deeffannu yoosuu walumaan ulfaannaa

Kan kufe olkaafne geergoo irra urgufnee cabaasaa dhinsinee hedduu abdachiifne

Yero irra haanutt yeroo bayyaannatu keessa deebiin maali maaf mogolee buufne

Mari’annee jirraa maalumaaf walhaallaa mee wal haa gaafannu

Kan darbe amannee egeree tolfachuuf yaada haa jijjiirannu

Yaada jijjirachuu fi ganuun tokko miti walumaa gargar jirtii

Dhugaa wal amannee kan dhiita’ee haa dhowu hajennu nagaattii

Kanii nama beektu haa badduu haa dhumtu jedhu abbooliin

Sobuu barbaadanii waa keessaa buufachuuf seenaa jallisanii

Kan keessan sanaaree hin gowwoomtu malee gowwoomsuu beektuuree

Isinitt hin maqu dhugaa yoo hin taane kan ammaa yaaciidha duroo hin agarre

Lakkisaa jaallan koo walirraa hin fagaanuu walumaan bareedna

Kan nu hafte meeqaa hammamis bashaanaa malumaaf arreedna

Lakkisaa jaallankoo yoo amala tahee uka keessa suuqaa walumaan hulluuqaa

Duubbee hin balleesinaa leelloo of hin dhowwinaa maaloo adaraa waaqaa

Waaqaa lafa waamee kunoo isin magane jaallan gaafa xiiqii an isin hin sobuu

Walabummaa haamadhaa kophee isin dhungadhaa sanaaf koora hin beekuu

Kaleessa garbummaa, hardha sabboonummaa borimoo ambomummaa

Jennee ummaticha maaliif joonjessinaa isaafoo qabsoofnaa

OO firaa kottaa hin boonyaa, gad baanee gadoodnaa addaababayiitti

Kan amanan ganee gargar baahuu caalaa hin hammaattu duutii

Xoobbiyaa ta’uudhaaf kan hin murteeffannee nagaatti haa jennuu

Nuuf abboomaa malee ambomummaa jaraa agarree hin beeknu

Gabbarsiisa malee luboomsuu hin beekanii hundi haa hubatu

Yoo innuu haaraa ta’e mullata haaraa irra isaan maal buufatu

Jechuu akka hin taane fedhaa gabariitin baasa haaraa barattuu 

Isiniif kadhanna gufuunii burkutuu boollisi didibee akka isiniif ta’u

Dhaqaa amba ta’aa ambomas argadhaa nuf inni hin mijjaawuu

Nuti walabdichaa kan Walaabuu baanee addunyaa ufifnee

Sichi amba hintaanu bilisummaaf deemnaa walumaan dhiichine

“Xobbiyaan haa dursituu” didnee fincilleetu Bakalcha labsinee

Amma mal gaabbinee yookaa mal arganne kan keessa deebinee

Kottaa ammas nuu wayyaa Oromiyaa dhaabbanna

Achirra ijaaajjinee yaadaan waldorgomnaa

Allaattiin waaqaallee muka jabaa laaltee isa irraa kan dulte isatti deebiti

Nus teessoo haaqabanuu kaan booda haa dubbannu akka allaatitti

Xobbiyaa utuu hin ta’in dura manaa haakaanu Oromiyaa haa dursinuu

Yoo nuti of dandeenye Xobiyaan haa hafuu Afrikaallee hin dhiifnuu

Hiree murteeffannee dura nama haa taanu duraa haa bilisomnu

Walaba kanta’ee fedha ofiin bobba’u homaayyuu hin sodaatuu

Eenyu faa tuffannee, eenyufaa goobannee,udaan itt dibne maalfaa waliin jennee

Kormi saree qarsatt fincaayee arraabaa akka hintaane wayya yoo itt yaadnee

Kun waan malbulchaati eegee suuqqachunis bubbuufaa oolunis jettu akka hin taanee

Nuti Oromoo dhaa aadaa boonsaa qabna Oromoon wal hin sobuu safuuf irbu seennee

Maljennu Argaawun, Muhee fi Kabbadaa, Yiggazu fi Gazaanyii

Firri waa’ee hin beeku jaalli hin awwaallanee hidhaati qalamanii

Kan naa waliin kaasee kan roorroo dhandhaman Maa’ikalaawiittii

Lakkaawamee hin dhumuu jaallan hidhati hafan Oromiyaa balloottii

Keessan nama meeqaa kumamoo, kumkum kumatama kan irraanfatanii

Gumaan utuun hinbahin warra dhiigaan nyaachuufi maa akkas shir jettanii

Madrak gammadan Haarannaa fi UDJ daboo empaayeraa

“Qunxurraa argannee! qunxuraa arganne!” jedhanii, mooraa Oromoo irra

Naagaati jallewwan utuu isn kabajnuu utuu isn jaallannu taatanii jibbituu

Yaada jijjiirrachuun mirga ilmoo nama isicha hin mulqamne malgoona lachittuu

Kan walirraa qabnu kanneen wal gaafanu bor iftaan yaadannaa

Ammaaf nagaa dhaamaa duuba nuuf haa taa’u bara walti kaafnaa

Kan waliin jalqabane karaatt hin dhaabbatu kan hafne itti fufnaa

Kan ta’u hunda taanee kaayyoo saba keenyaa fiixaan ni baafanna

Jiraannu horarratt duunummoo gabaatt gogaanii wali haagarru jette dullatiinii

Nus wal arginnaa reeffan lafa jala yooka dirree lolaa gamaaf gamanatti

Mee nutt himaa jaallan yoom guddifnee geessisuuf waan haaraa hamilannaa

Hawaasa ofii irratt akka hantuuta yaalaa yaadaanmala haaraa shaakaluuf rakkannaa   

Beekaa, Oromoof  “B” saa homtuu bakka hin bu’u “A” jedhee ittaansee “B” jedha

Yoo “B” saa hin taane amantee irra qabu Dagamas hin fedhu “B”n Bilisummaa dha

Jarri isn qabatee “gallaa agar” jedhanii himan addunyaati 

Isin, utuu hin dhofsisin eeny isin afeerraan xobiyaa tatanii

Mee waliin haa jennuu dhaadannoo durattii sagalee ol kaafnee “Diinni haa mancaatu”

Biyyi abbaa Gadaa kan bokkuu gurrattii kan gaaddisa Odaa “Oromiyaan walabi haa jiraattuu !!”

 Ibsaa Guutama

Email: (if you would like a response) Invalid format.

Comments:

A value is required.