Baranas moo?

Barri tokkoo darbee kan biraan bakka yoo bu’u kan rakkate waan haaraa fidee naaf dhufinnaa jedhee abdii fi dharraan eeggata. Yoo kantarri hin jiraane sana abdachuun akkuma. Dhummi Adoolessaa bara hedduu ka’ee yeroo itt Oromoo Badiin Jilaaf godaanu tahee beekama. Hunduu murna murnatt bu’uura irratt marihatan qabu. Garuu waan adda addatt guunguman tokkomsuuf walitt fidanii Oromummaan yabboo irratt guduunfan hin tolfanne. Abba tokkeen murna kamuu keessa hin jirre fira dubbisuu, wal ilaallachuu fi waan jedhamu dhaggeeffachuu dhufanis jiru. Gaffiin barruu kanaa kan murnaan dhufan ilaala. Hunduu kan dhufe maqaa saba guddicha Oromoo jedhamu dhahateetu. Garuu waan murteeffate subbaa kee’atee ofirra garagala malee yabboo waan irra gahe itt qindeeffatu hin uummanne. Baranas moo?

Seenaa Jila kanaa keessaati qooda waaltaa taphataa kan turan ABO fi OSA dha. Malbulchaa fi quwata jechuu dha. Akka bubbulaa deemeen ABOn tokkummaa saa eegsifachuu hin dandeenye. Fofottoqa hedduu duuba dheheenya dhaaboti maqaa tokkoo himatan yabboo irratt mullataa jiru. Sanaan hin dhaabbannee osoo jaarsi Oromon kumaa fi kitlli afatee ciisuu tokkoo isa biraa gaaddisa halagaatt haddheesse. Daafeen saanii waldadicha quwannoo murna kamiifuu baabsuu hin qabnett cehe. Waldhabdee ifaatti beekametu tahe. Garuu waldichas tahee manguddoon Oromoo sana furuuf tarkaanfii quufsaa hin fudhanne. Wal ciiga’uu fi wal amantee dhabuun caalaatt itt fufaa jira. Rakkoon miseensota hangafa tahan tokkoo tokkoon kahan osoo murtii hin argatin darbuun dadhabina yeroo yeroon dubbatamaa jirutt geessee.

Ergasii walgahii tolfamu ha tahuu keessummooti afeeraman mamiin laalamutti kahani. Hunduu Oromoof maal godhan, waa’ee empire Ethiopia irratt ilaalchi saanii maali jedhe gaafata. Akka tasaa tahee jaalooti Habashaa hedduutu yabboo argachuu qofa osoo hin tahin saadamaa dhihatan jedhu. Qeeqa kana xiinxalanii dhugaan yoo keessa jirate miseensota gaaffii qabanii ifsuu mannaa callisanii daandiima jalqabame irra xuruuruutu filame. Akeeka bu’uuraatu tuqame; wallaanamu malee dhiinuun hin jiru. Waabeekoti waan hedduuf abdannu isee kana furuu dadhabuun madaallii hin taane isaanii kennisiisa. OSAn lammichaaf hedduu barbaachisaa dha. Waliin socho’uun waabekota Oromoo, yeroo, qabeenyaa fi giidoo nuu oolcha. Amma haaluma walii galaatu waan tolchan wallaalchisaa jira.

Rakkinni kan jiru sochii Oromummaa keessaa. Keessaa saaqnaan kan alaa itt duudee.

Kan murnaan akka walgahan himamuuf dhaabota malbulchaa, dhaabota noolaa, dhaabota dhugeeffanoo, dhaabota dargaggoo fi akkasumas kan bokkee millaati. Hunduu kara karaan kora saa qindeeffatee dhufa. Si’ana lakkofsi saanii heddataa dhufeera. Jila kana irratt waaltummaan ABO fi OSA olitt kaafne seenaa tahaa jira. Gara caalu kanuma turanitu babanka’an malee yoo THBO hin taane haaraan uumamaa hin jiru. Rakkinni isaan of keessaa fi walgidduu qabanis ULFO quummansaa jiira. Yeroo jalqaba caccabuun dhalate maaliif laata jedhamee kanneen maqaa Oromoon walgahaniina hin gaafatamne. Hanga irra gahuti hunduu hin yaaddofne. Jibbinus jaallannus nut qaama tokkoo, kan gar tokkoo baceesse hunda faaluun hin hafuu.

Midhaan fachaasuun salphaa dha. Deebisanii funaanna osoo hin jedhama tahee garuu yeroo fi humna kan hin jenne fudhata. Kanaaf kan nammi sanyii facaasu eeggannoon filee kan qopheeffatu. Akka booda hin gaabbamneef. Kaasaan facaa duraatiin gahe beekame osoo hin sirraawiin hafuun dhukkuba darbe hunda kulkulfachiisuutt kahe. Yoo dafanii dhaqaban malee ittuma fufaa jira. Angafaa fi quxusuun warra tokkoo keessaalle diigamuun kan hafu hin fakkaatu. Hedduu callisuun dhukkuba keenya osoo hin barin jirraa. Diinni Oromummaatt akka qaanofnee maqichaan wal hin geenye illee nu dhiibaa jira.  Maqaa kana dhahanne jila dhufuullee akka hin hanqanne jabaatanii carraaquun filmaata hin qabu. Ganna kana murni hunduu, yoo xinnaate rakkina Oromoo qabate akka qabxii tokkootti bu’uura saanii keessa galchuun yoo dubbatan tarkaanfii guddaa taha.

Gidduu kana nammi hedduun walgahuuf deema. Golee golee saatti hundi murtii ni dabarsa. Gara kamiinuu yaada kamiifuu haadhufu Jilli kun kan Oromooti. Waanti isa ilaalu namoota saa hunda ilaala. Hamaan namatt hulluuqu kan baran, yoo maqaa kanaa fi kaayyoo tokkoon socho’u qubaa walqabatan qofaa. Balleessan tokkoo keessaa akka hunda gaagahu agareerraa. Kanaaf maaliif hundi yk iddosoti saanii bakka tokkotti walgahanii waaqaa fi lafaan nuu araaramaa hin jedhani? Maaliif rakkina jiru ifatt baasanii waliin hin gamaaggamanii? Yoo bu’uuratt galfatan tahe yaada qaban maaf hin dhiheessan? Rakkinni keenya nu keessa jira. Eenyuunuu komachuu hin dandeenyu. Falli of qulqulleessuun dhufaa.. Waanti biraa yoo hafe rakoo jiru waliin qayyabachuu dandeenyaan waan namatti himnu ni qabaannaa.  

Eebba, araara haatahu abaarsi bakka jilaatti goonu, Oromummaa keenyaan of barree kan goone waan taheef ni dhaqqabaa. Garooti dhibaman osoo guutummaa hin faalin waldhaanamuutu irra jira. Kanaafi nambiyyaa abbaawummaan itt dhagahamu itt yaduu qabu. Kan jireenya nagaa fi walqixxummaa argamee sodaa fi doorsisa malee jirachuun dandahamu Oromiyaa bilisomte jalatti. Nammi akka namummaa saatti wal hubachuun barbaachisaa dha. Afaaniin labsuu callaa osoo hin tahin Oromummaan kan walitt nu guduunfu, kan wal nu jaallachiisu kan waliif du’uun nurra jiru tahuu yoo amannee.

Kana malee waanti waliin dubbannu yaraa dha. Waan biyya keenyaa hawwinu irratt mamii malee walii galuu qabna. Fira hafee halagaan hiree ofii ofiin murteeffachuu lammummaa nuuf hin fudhanne taanaan waan waliin dubbannu hin qabnu. Mammaqsa malee waliin sagalee tokkoon, waan barbaadnuu fi sana argachuuf dudhamaa fi kutannoo qabnu addunyaatti himuutu nurraa eegama. Sana malee waan barbaadnu akka hin beeknett fudhatamaa jirra.

Oromummaan tokkoo tokkoon Oromootii oli. Kan fedhaa ofittummaan masakamu eessayyuu hin gahu. Walfudhatani baduu taha. Oromummaadhaan Oromiyaa ofiin bultu gad dhaabna. Kanaaf sochii kana keessaa an maalin argadhaa dura, isee gad dhaabuuf maal barbaachisa jechuu dha. Hunduu yoos argama. Oromoo tahee tokkummaa ormichaa diiguuf ergamsa kan qabu yoo jirates jireenya saas du’a saas balleessaa akka jiru baruu qaba. Alagaatti gargalii cufadhuu firatt garagalii liqimsi jedhama. Halagaaf Oromoon lubbuu qabu hundi diina riphaa dha. Yeroof malee eenyuufuu hin hilu. Galtummaan barabaraan maqaa of xureessuu yoo hin taane eenyuufuu dhimma baasee hin beeku. Keessa deddeebi’anii ilaaluun namummaa dha. Namootuma keenya keessaa dadhabina keenya ilaalanii anjaa diinni kennu duukaa kan bu’an jiru. Kaan hamaa inni lammii saanii irratt dhaqabsiisu beeku. Kaan bu’aa argatan malee bowwaa duubaan jiru hin arganii. Kanaaf Mootummaa koloneeffataa tahee kan halagaa hunda waliin hariiroo qabaachuu malluuf hangammeessa tokkoo waliin lafa kaa’achuun akka balleessaa keenyaaf wallaalina hin dhahanne nu tolchuu dandahaa. Araddaa keenya irra fagoo muka jabaatti of sutneerra taha, garuu sun dhaloota egeree akka digaluutti ilaalamuu irra hin oolchuu. Hunda caalaa yeroo hiddi maddaa hamaa keessa jiru aaraara ayyaanawaan hin argamu.

Akka nama tokkootti kan itti kennan nyaatanii kan ergamaniif kaatanii jiraachuun nama hin dhibu. Akka miseensa lammii of dandahaa tokkooti boonanii jiraachuun garuu wareegama barbaaddi. Kan dhaamsi kun ilaalu kanneen eessati iyyuu xaliilessanii, mamii malee nuti Habashaa miti Oromoo dha nama gidduuti jechuu uggan qofaa. “Ija laafettiin obboleessaaf ulfoofti”, jedhanii. Kan akka see sochii Oromummaaf gufuu taha. Kan dhaamsi kun ergame kan maqaa Oromoon walgahan hundi Oromiyaa ofiin bultu fi bilisa kan barbaadan jedhameetu. Lammiin tokkoo hiree lammummaa saa ofiin murteeffachuun mirga ilmoo nama kan hin haalamne jedhanii amanutt fudhatameetu.

Jila baranaatti geeddarama yoo fiduu hin dandeenye isa dhufuuf mariin amma jalqabamuu dandaha. Kana malee yeroo Oromootti facaan aggaamamu callisuun Waaqa birattis dhaloota dhufu birattis nama gaafachiisa. Egaa dhimma Oromoo akkamitti akka tokkeessinu, ilaalchi Oromoo akka dhiphatu dhiibamaa jiru ofirra dabarsee ilaaluun akka ballifachuu dandahu mala dhahuun barbaachisaa dhaa. Kun kan tahu kaasaa keenyaaf dudhamaa fi kutannoo qulqulluma garaa irratt hundaawe yoo agarsiisuu dandeenye. Humnaa fi yaada keenya yoo gara manii tokkootti luucefanne yeroon nagaa fi walabummaan biyya keenya keessatt walgeenyu fagoo hin tahu. Ammaaf jila baranaa waa’ee waloo keenya irratt hubannoo wayyaa of qabchisuun xumurannan fulduraaf fixeensa buusuu taha. Kanaaf akka waan homtuu hin taanett golee goleett walgeenyee walitt guungumuu qofaan raawwachuu hin qabu.

Kanaan dura callisuun darbameera, Baranawoo? Kan Jila irratti qooda fudhatan Iyyanii iyya dabarsuu laata? Hundi harka saanii jira; fedhi jiraannaan kan isaan dhaabu hin jiru. Kan qooda hin fudhanne gurra qeensaa jiru. Tarkaanfii jalqabaa kaasaa dansa kanaaf kan fudhatan eebbifamoo dha.

Sochii Oromoo jalaa gufuu kaasuun qooda Oromoo hundaati
Oromiyaa ofiin bultu fi bilisii haa jiraattu!
Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan lubbuun jiraniif; nagaa fi araarri Ayyaana abbooliif haa tahu!

Ibsaa Guutama
Adoolessa 2008
Ibsaa Guutama miseensa dhaloota saganta ABO isa jalqabaa baasan keessaa tokkoo

Email: (if you would like a response) Invalid format.

Comments:

A value is required.