Bada Oromoo! Callistee Baddaaree?

Alii alii yoo yaadaan sammuun dhiphatu afaanni furga’a. Osoo hin beekin yaada ofii ollaatti dhageessisuutu dhufa. Yaadatu futta’e waan ta’eef maal jette yoo jedhaman “isa kam?” jechuurra darbanii waanti himan nama dhiba. Nammi keenya hedduun kan garaa saa nama itt dubbatu dhabuun ofitt hasaasaa, aliis ol kaasee gungumaa deema. Waltajjiitt dubbatee baafachuuf shimalatu duukaa jira. Lama sadiin walgahee maal goonu jechuuf ni sadde jedhama. Barreessee facaasuuf kan dubbisu “yakkaan” faaluu taha. Hundi haa hafu “baraa fi murxuxxee gugguufanii jala darbu” jennaanis murxuxxeen matas millattis ni ergamte. Falli dhibnaan aariin lafa jala lixani. Ifatt Oromoon waa’ee mirga saa dubbachuu dadhabe. Lafa jalaaa akka kormaa baroodanii, akka leencaa aadanii karaa wayitt baasu saaqatani. Amma yaaliin hamajaajii sana duuchanii duubatt isa deebisuu dha. Qabeenyi saa saamamnaan, bilisummaa saa dhabsiifnaan, mirga ilmoo nama isa haallaan, aadaa fi dudhaa saa balleessanii sanyiin isa balleessuu eegallaan dide. Ergasiis bakka bakkati gufate. Amma ol kaa’ee waliin dhiichuuf wal waamaa jirra.

Raas Tafariin ganna saddeetamaffaa saanii ulfeeffatanii osoo hin turin akka hin taanett darbani. Isaaniin dura kan sirriitt mo’ee mootii tokkicha. Isaan booda lamatu dhufe. Sanaan jireenyi Oromoon jalqabe haddhaawaa eebicha caaluu unachuu itt tahe. Gabbaariin bakka bakkaa quqquuqamuu eegale. Qabiyyee lafaa foyyessina jedhanii dhaaba itt ijaarani. Gabaan boloqqee addunyaa irratt o’eera jennaan abbaan lafaa gabbaarii yoo buqqisuu fi lafa kiraayii kennate dhaabichi homaa hin goone. Bittaa lafiaa wajjirbulchoo moootummaa fi dureeyii bubbucuun irratt wal caccabsan. Baankiin gabbaariif sherfee cabduu liqeessee hin beekne isaaniif kumoota dhangalaasee. Kan lafa akaakilee saa irra buqa’uutt ka’ee fi kan buqa’uun itt agamamaa jiru rifatee abboolii lafaa bakka bakaa ofirraa lolachuu fi ari’uutt ka’ee. Baratooti fi beekooti empayericha haala dhufaa jiru hubatan gabbaarii irra goruun sagalee ol kaasanii iyyuu eegalan.

Kaan kan iyya dabarsan empayericha oolchuu akeekkatanii yoo tahu kaan saboota cunqurfaman rakoo irra furuf ture. Tafariin sanaaf deebii kennuu hin dandeenye. Hundi utuu itt hin qophaawin mootummichi keessaan bosose jijjiguutt ka’e. Maqaa cunqurfamootaa of dura qabdee loltuun mooti finqilchitee mootii Dargii jedhamamu taate. Sirna lafti gabbaarii itt hiramus haaraa qabattee gadi baate. Sanaan warraaqsi qoteebulaa jalqabame fiixaan utuu hin bahin gufate. Rakkinni Oromoo caalaa jabaate malee hin laafne. Loltuun akka itt hojetu malee caasaa empayera hin jijjiirre. Lafti saa utuu inni bakka itt horii bobbaafatuu fi qotatu rakkataa jiruu biyyoota biraa fidanii bakka taadhii taadhii tahe haaraa fi “sigsaga” (sutaa) waan jedhaniin qubachiisuu eegalani. Sun ilmaan Oromoo caalaatti abdii kutachiise. Bilisummaan akka eegee raasuun yk kadhachuun hin dhufne mirkaneeffatani. Falli diduu qofa taanaan didanii gaaratt namm’an.

Duula kolonummaa jalqabaaf sababi hanqina waatattaa dheedhii industrii dureeyyi ture. Amma hanqina midhaanii biyya dureeyyiitu lafa qabachuf hiyyeeyyiitt duulchisutt ka’ee. ABUT keettoo jara kanaa ta’ee Oromoo lafa akaakilee saa irra buqqisaa jira. Dargiin kufee mirgi tokkoo tokkoo isinii gadhiifama jenaan qabsoon arreeffate. Hundeen jireenya saba tokkoo diinagdee saatii. Diinagdeen wayyaba Oromoo lafa irratt hundaawaa akkasumas miirii sabummaa saa. Lafti Oromoo ammallee lafa finnaatt (state) galmeeffamee jira. Kanaan qabatanii lafa isaa dureeyyii addunyaatt gurgurutt ka’ani. Oromoon ammas naannaa saa buqqa’uun dirqii itt ta’e.  Lafa abbaa ofii irratt hayyama nama biraan jiraachuun salphina tahe utuu jiru kan caaluu dhufe. Fooyya’uun haala jiruu utuu eegamu kan abdii kutachiisu as bahe jechuu dha. Hammi tokkoo kan jedhaniin fudhate mataa gadi qabatee jiraachuu haa filatu malee, hedduun aarsaa isa dhumaa baasanii bakka namaattti lakkaa’amuuf  kutataniiru. Kan hafanillee karaa ilaallataa jiru. Hamma yoonaa diddaa taheen lubbuu hedduutu wareegame, qabeenyatu manca’e. Hatahu malee qabsoon kan akeekatee bahe, kaayyoo saba saa bakkaan gahuuf alaabaa saa balaliisaa of fulduratt dhiichaa jira.

Mootummaan Dargii kufee kan Wayyaanee (ABUT) yoo ol bahuu ABOn hidhata saa tahe waliin dhaabbate ture. Dhofsisa tahe tureen dubbii darbe caamsanii jireenya haaraa eegaluuf walii galanii turan. Dhofsisichaan akuma jedhan bu’aan argame ture. Isa keessatt mirgi daa’imma Oromoo afaan seetiin barachuu beekamu; Oromiyaan ciccittee turte deebitee akka bakka tokkoti gumooftu; Afaan Oromoo afaan ifaa finnaa Oromiyaa akka tahu; mirgii hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu hanga ofiin bulutt baramuu; bulcha Oromiyaa dhaabuuf kennata bilisaa fi sirriin akka godhamu kan jedhadhamantu argama.
Karaa Oromoos hanga yeron cehumsaa dhumutt olaantummaan Adda Bilisummaa ummata Tigrayiif (ABUT) gad dhiifame. Sun waggaa tokkoof dubbii caamseera. Osoo meeshaan walitti hin bu’amin kennati (election) haa gaggeeffamu jechuun akka loltuun Oromoo mooraatt galtu godhame. Kan TPLF garuu dirree keessa burraaqa. Sana keessatt Hawaasi Addunyaa isa bakka kaa’achuuf qooda guddaa taphatee ture.

Oromoon ammas ni dagame. Isa booda mootummaan TPLF ofirra garagalee, kan irratt waliigalame fashalsiisuutt ka’e; hidhata uumame kutee gate. Ofuma saatiin heera wuxinee labse. Heericha keessatt fakkeessuuf walii galtee jedhaman haa galchu malee akka barbaadett furuu jalqabe. Golotii malbulchaa akka ijaaraman hayyamee “Mannaajoo” saa (oofsiftu saa) akka tahan yaale. Sirna golahedduu dhaabe jedhee addunyaatt lallabe. Dur ilmoo hoolaa gurguruf gabaa yoo geessan akka hin rakkifneef haadha waliin geessu turan. Haadhattiin “mannaajoo” jedhamti. Ilmoo gurgursiistee manatt dachaati. Mormitooti sun deggertoota saanii ABUTitt gad yaasanii duuba irratt ajjeesuu fi hidhuuf akka dandahu mijjeessaniif. ABUT “Mannaajoo” isaan godhate.

Dhaaboti malbulchaa sanaan haammatamuu didan seeraa alummaatu itt labsame. Nammi TPLF yk galtuu saanii waliin hin dhaabbanne hundi jara sanatt dhahamuutt ka’an, ni hidhamu, ni ajjeefamu, ni guraaramu, bitteetu bada, biyyaa alatt baqatu. Haalli amma jiru haala yeroo dargaggoon diddee fincilte caalaa hammaataa dhufe. Waliigalteen araara buusuuf jedhamanis abbootii hirreef karoora fixasanyii qabaniif anjaa kenneef male kan walitt urgeesu hin taane. Kan dhukkuffate hanga lubbuun jirutt balaan bu’u, lafti garagalu wallaanamu malee hin fayyu.

Barri qoricha haaraa ni fida taha malee waa’ee laalaa keeti hin kaasin hin jedhu. Akka kan nu sodaachisuu yaalan sirni Addunyaa haaraan (baaquleessaan) eenyummaa keenya nuuf hin beeku taanaan homaa keenya miti jechuu dha. Kolonummaa isa jalqabaa jalaaa bahuuf qabsoott jirra. Badii irra baraarmne lalisuuf isas itt idaana malee sodaan qollifannus waan argannu hin qabnu. 

Kanaaf sabi miidhamee bilisummaa dheebote haala kam jalattuu, hanga lubbuun jirtutt dheebu ba’u malee gaaffii saa hin dhaabu. Badii irraa of oolchuuf dhiddhiittachuun ajaja uumaati. Qabsoon bilisummaa fi ofiin buluuf godhamu tarkaanfataa malee cillaanfataa miti. Addunyaanis sichi bara duula kolonummaa, kumaalee digdamaffatt deebi’aa hin jiru. Booreen bahu hafuun hardhas salphina. Alii ali want dhaaboti Oromoo godhan ofuman of balleessuu kan tattaafatan fakkaata. Ilaalchaan utuu hin tahin, ijoo lallaftuu hawaasi qabu akka gandaa, gosa, amantee tuttuquun gurmuu guddifachuu fedhu. Akeeki saanii bu’aa ofii malee ummataa yaadamee waan hin taaneef, yoo baasuu dides akka faca’ett dhiisuu giroo hin qabani. Darbanii tumsa halagaa galmeeffachuu yaalu. Isaan keessaa kaan diina jala dhaabbachuun akka hin dandahamne nama amansiisuu ifaajja’an jiru. Waa’ee fixasanyii bakka bakkatti gaggeeffamaa jiru hin kaasani.

Akka itt jirru kana mataatt qabannee hamaa ummata Oromoo irra gahaa jiruun walitt haa ilaalluu. Balaan hacucama, hidhaa, guraarama, ajjeechaa, baqaa fi biyyaa baha Oromoof muuxannoo guyyuu taha jira. Tuqaa hedduu kanaan dura kaafneerra yoo ta’es akka hin daganneef irra deddeebne yoo wal yaadachiisne nuffuu hin qabnu.

  1. Bakka hedduu sababa adda addaan lafa saa irra buqqaafamee bakka itt baqatu wallaalee magaalatt galuun kadhaan of bulchuuf yaalaa jira. Kan lafa fudhatan shaffisaan bu’aa argachuuf haddhaa lafichi kanaan dura hin beekne itt naqaa jiru. Hadhichi lolaa doloolloo fi cooreett yaa’uun namootaa fi beellada dhimma itt bahan ergaraa, ajjeesaa jira. Yoo gadi dhiisanii deemanillee lafich lafummaa baha kan jedhan jiru.
  2. Kan hanga yoonaa hin buqqaane waa’ee jireenya saa ollaa fi beekaan mari’achuun, gabaa bahanii waa’ee daldalaa iyyaafachuun, daboo waammachuun, olii gadi deemuun, mirga uumaati jedhee fudhata. Garuu akka inni yaade hin taane; jireenyi saa guyyuu gutummaatt too’annoo keettoo mootummaa “garee” fi “gooxii” jedhaman jala oolee. Kanaaf bilisummaan sochii, of ifsuu, kan biraa waliin waldaa uummachuu, walgahii gochuun ummatichaaf waan yaadamu miti. Manni saa fi gandi saa mana hidhaa hin beekamne ta’e.
  3. Hidhaan karaa adda addaa isa hin hanqatu. Miseensa galtuu ABUT ta’uu diduun, namoota isa hin leellisne jedhaman waliin dubbachuun, mirga ofii gaafachuun, miseensa dhaabota Oromoo tahun ABUT biratt yakka. Kan haddheeffaman ABO jedhamanii haa tahu malee Oromummaa saaniifi. Si’ana ABO jechuun Oromo taheera. ABOn dhaaba seermaleett erga ramadamee tureera. Haatahu malee kan gooltuu jedhamee ABUTn seeri itt tumamee dhiyoo dha. Sanaan qabatanii Oromo isaan hin deggerre hunda ABO jedhani hamaa irraan gahu. Kun tooftaa fixasanyii Oromoof karoorfaman keessaa tokkoo.
  4. Oromoo tahu qofti nama hiisisa nama ficcisiisa. Waan hin beekne baasi, nama nagaa yakki jedhamee guraarama. Waan gote jedhan qofa osoo hin tahin kan yaadde himi jedhama; wowwaachisuuf mala addunyaa irra jiru hundatt dhimma bahu Yoo irraa hafeef caccabee, fafate, kolaafame baha.. Baraan nama hin tahu. Ali ali ollaa itt kakaasanii hidhachiisani itt dulchisu. Bakka bakkaa ganda guutu, haalli qabeenya ibdaan, nama fi beellada gajaraa, eeboo, xiyya, killashii fi kkf haxaawuun himameeraa.
  5. Hidhaa keessa seerri hin jiru. Yeroo fedhan baasanii yoo fedhan ajjeesanii gatu. Kan hidhamuuf carraa argatu ayyaan qabeessa. Isaan harkatt baduun ni beekama. Yeroo hedduu qabamuu dideen lafaan dhawu. Akkasumas osoo nammi hin argin bittee balleessuun jira. Hanga isaan biyyaa badanitt eessaan akka gahan hin baramu. Kanaaf firooti gaaga’amaa jiraachuu fi dhibuu saa mamaa jiratu. Osoo reeffa hin argin ni du’e jedhanii hirmii tufuun nama rakkisa. Ajjeecha nama irratt raawwatan gabaasa dhaabota mirga ilmoo nama hunda irraa hubachuun ni dandahama. Keessatu Gabaasota Oromoo Support Group ilaaluun dansa.
  6. Roorroo kana hunda jala dhaabbachuun humnaa ol yeroo ta’u nammi q’ee saa fi maatii saa dhiisee bakka milli geesseti baqata. Bakka sodaa, doorsisaa fi agabuu malee nagaan jiraatan argachuu yk du’a jedhee ka’a. Daangaa empayiricha bahanii bakka tokkoo gahuuf bosona bino farra namaan guute, samtuu, wajiija aduu fi maansaa, yandoo, bubbee lafa badaa, garba shaarkii, qurxummii nama nyaatuun guutaman keessa kutuutu jira. Daangaa halagaa irrattis eegduun saamamuu, hidhamuu, dhaanamuu fi ajjeefamuun jira. Durunfatanii itt deemuu malee dubatt deebi’anis du’aa fi guraaramatu nama simata.
  7. Dhiheenyuma gara Afrikaa kaabaatt gidraa guddaan namoota keenya irra gahaa akka jiru kan hin caqasne yartuu dha. Sanyiin fanfanamuun kan saamaman, dhaanaman, ajjeefamamanii fi roorroo adda addaa irra gahaa jiru dhageenyeerra. Dubaroon keenya qoomni dhabanii dhiirota waliin  kutaa dhiphoo keessa yeroo dheeraaf jiraachu dirqamuun himameera. Isaan waliinis daa’immanii fi ilaansotatu argama. Sana keessa darbanii lubbuu ofii baafachuuf kanneen garba mediteraniyaan irratt agabuun dhumanii reffii saanii kan bishaanitt darbame jiraachuu kan hafan irra hoduun nu gaheera. Sana jala darbanii kan Awuropaa gahan akka achittis rakkataa jiran ni himama. Kana hundaaf bar tokkoo kan itt gaafatamu ni jiraata. Garuu isa amma gidiraa keessa jiruuf dhimma hin baasu. “Ana haa nyaatuun beela hin baasu” akkuma jedhamu, kan dandahan ammuma dhaqabuufii dha.
  8. Jaarraa darbe Yamanooti bara Oromiyaatt baqatan Oromoon akka firaatt simataniin. Wal fuudhanii essumman tahan. Bilisummaan golee Oromiyaa hunda keessa deemanii suuqii banatan. Amma sun hunduu irraanfatamee gosti tokkoo tokkoo sanyiin Oromoo ciiga’uu fi ajjeechaa irraan gahutu himama.  Utuu walirraa fuudhuu fi horuun dhimma baasa tahee kan isaan caalaa walfuunee hin jiru. Osoo dhugeeffannoon tumsa nama uuma tahee sabboonota keenya musliman tahan xiyyitii fi boombii itt hin robsan turani. Lammii saanii caalaa kan isanii birmatu akka hin jirre isaan barsiisee. Ta’iisich soddoolii tahuu fi amantee tokkoo qabaachuun, yeroo hamtuutt fedha ofii fi kan saba ofii akka nama hin caalle kan hin huubanne hunda hubachiisee. Duubbeen gadaa saa fanfanaaf bakka hin kennu; Oromoon hunda irra hangammeessa walfakkaataa eega.  
  9. Kara Somaliyaa kan baqatan illee Bosaasoott waan tahan dhageenyee. ABUT harka keessaa qabaachuun hin shakkamu. Xiyitiin akaa’amani, bombii fi ibdaan gubamani. Bu’aa qabaannaan kodeen halagaa caalchifachuu dandaha. Achiin badanii kan biyyoota Arabaatti cehuu yaalanis garba gidduutt dooniin ittiin cituu fi doonii irra darbatamuun lammii keenyaa dhagahamee kan garaan hin gubatin hin jiru.
  10. Biyya keessa hojiin waan hin jirreef loltummaaf diinaan kan madaqfaman hedduu dha. Kanaan dura lola isaan hin laallett okaa madfii tahanii kan haamaman kumoota. Hunduu silaa dargaggoo lammiif dhima baasan turan. Hardhas lola fixasanyii lammi saanitt bobbaasisuutt qooda fudhachuuf galmeefaama jiru. Kanneen kanaa olitt dhahaman hundi Oromoo silaa qotanii, horanii fi biyyaa eeganii boonsan tahu turani. Isaan dhabsiisuun biyyatt daa’imaa fi manguddoo qofa hambisuu jechuu dha. Namooti loluu, qotuu fi dhalchuu, dhaluu dandahan Oromoo qaccee dhabsiisuuf akka hin taanett qisaasamaa jiru. Yoo Oromoo hundi sochii abbaawaa fudhate malee gara badiisaatt oofamaa jirachuun saa ifaadha. Badiisi eenyummaan haqamuu dabalata.
  11. Nannaa uumaa balleesuu fi hamaa gonboobaa dhufaa jiru dursani ittisuu dhabuun amma beelladaa fi namoota isaan irratt irkatan haxaawaa jira. Baalchoti addunyaas gargaarsa guddaa it guuraa bahanuu kan aggaamameef gahe tahe fixasanyii dhoksatt karoorfameef  gumaachaa haa jiratu ni mamsiisa.  Haalli Somaalia qubqabsiisii (media) irratt o’aa jira. Deddeebise mullachuun saa garaa nama raasaa jira. Gammi Itiyoophiyaa nama kumkuma 4.5 rakkoorra jiru jedhamuyyuu xiyyeeffannoo qubqabsiisii hin arganne. Tarii gara Somaaliyaatii kan komatamu dhibuu taha? Gama Itiyoophiyaatiin balleessaan bulcha fafa michuu angoo guguddoon tolfamuuti. Oromoo hedduutu sanaan dhumaa jira. Akka Somaalia kan waacilu/wacifu dhibnaan waa’een saa laaffifame laata? Kanaafii kan ABUT qeeqa battala daraboo irra baraaramte? 

Asiinis achiinis yaallu karaa bahaa hin arganne; biyya ormaati raqanii hafuu mannaa raqa ofii allaattiin biyya abbaa ofii yoo nyaatte wayya kan nama jechisiisutt geessaa. Dargaggoon qabsoo erga jalqabani, hamaan manaa isaan baasee achuma jira. Caalaatuu rakoo heddutu dabalame. 

Akeeka fi tarsimoo baafatee ka’ee bakkaan gahuuf humna guutuun itt hin bobbaane. Osoo mamaa fi daddaaqina malee itt hin bobba’in, haacuucaan manaa baase utuu irra hin haanamin, akeekaa fi tarsimicha komachuun waan kolfaati. Kanaan abdii kutannoo ummaticha keessa facaasuun bakka akeekatee akka hin geenye hankaaksuutt lakaawama. “Kaayyichi kan yeroon itt darbe”, “Kaayyichi kan yeroon itt darbe”, jedhanii wal jalaaa qabuun daddhabii dhugaa golguu yaaluu dhiisanii maaf hin callisanii?

Sirni demokraasii dhaaba qabsaawotaa keessa jira jedhamu mimicciiramee yoo shakalamee beeka tahe fana saa arguun nama dhiba. Kaan guddina uumaa dhaabichaalle hubachuu dhabu. Akka yeroon dheeratun jireenya Oromoo hunda tuqe. Sun tahuyyuu kaayyoon saa kan garaa saanii waan calaqqisuuf hundu ni hammatani. Kanneen gara feenett fudhannee didichina jedhan gara fokkuu seenaa irra jiru. ABOn hiriyaa bu’uursee ala bahee kan Oromoo hundaa tahee jira. Kanaaf akkaa fi bakki itt waa’ee saa dubbatan geeddarameera. Dhaabota amma jiran haa tahanii kan sichi uumaman want hubachuu qaban jira. Of keessatt sirna demokrasii shaakalan malee qabsaawota Oromoo haala walqixxummaa fi ilaa fi ilaameen hin jirre keessatt qindeessuun akka hin dandahamnee. Qacceen demokrasii hunda keessatt hafteett. Sunis walirraa jallii fi damboobi hin jiratu jechuu miti. Gubbaa hanga godaatti seera baafatan kabajanii sosso’u jechuu dha.  

ABOn kallacha qabsoo Oromo tahu kan haalu kan seenaa hin beekne, tabu yk kan gurri hin dhageenye qofa. Jalqabaaf maqaa sabichaan ijaaramee diina duruu Oromoon yoom nutti ka’a laata jedhee ababbaraa ture baaragsiise. Amma maqaa ABOn biyya halagaa keessa shuf shuf jechuutt kan jiran hedduun goromsa madaqoo/mataqoo reef naannaa qaama godhachaa jirtu fakkaatu. Yeroof haa wawarraaqan malee duuba bakkuma bahanitt harkifatu. Dhugaan bakka isee hin irraanfatu jedhama. Hunduu bakka dhugaa mandhee saatti ni dacha’a. Kanneen ABOtt hafan isaan kaayyoo sabicha isa dhugaaf birmataaa jiranii fi kanneen ganama ka’anii itt cichaa jiran qofa ta’u. Sun osoo hin taanee ABOn yoona dhaaba mormituu Itiyoophiyaa seerawa tahee ture. Abdiin Oromoon bar tokkoo hiree sabummaa saa ofiin muteeffachu mirkaneeffata jedhus silaa dur cite.

Hamma yoonaa abdii kutannoo irraa baraaramneerraa. Diinni kara karaan nu keessaa hawwatus qabsoo bacancarsuu yoo hin taane balleessuu hin dandeenye. Murnoota halagaatt kanneen riqatan tuuta rooraatuu gabbisuu malee furga’ani dhimma baasu jedhamee hin yaadamu. Roorroon olitt dhahaman hundi ballinaan itt fufaa jiru. Furmaati ilmaan Oromoo kutattuu irra eegama. Haalli si’ana jiru kan sanyiin badan malee kan qabeenyaa fi bilisummaa itt dhaban qofa hin tahu. Waci biyya alaatt godhamu ofumaa dhama’uu dha. Sochiin bilisummaa, isa miidhama jiru, eessa akka dhukkubuun kan beeku biratt argamuutu irra jira. Nammi lammii saa keessa socho’ee sochoosuu hin dandeenye kanneen nama biyya saa balaaleffatan waliin shubbisuun dirqii itt taati. Sanaanis leellisaa halagaa malee kan lammii saa hin ta’uu.

Kan dhaaba Oromoo diiguuf akeekkatee bobbahe garuma jigett kufee hafaa malee gara lammii saatt waan ha’u hin qabu. Osoo dubbii Oromo dhaaba itt godhanii duubbee cimaa hin tolfatin halagaatt makamuun halagaa tahanii hafuu taati. Kanaan dura karaan jiru lama jenneerra; Oromiyyaa of dandeessuu fi Oromoo bilisa argamsiisuuf qabsaawuu yk Empayera Itiyoophiyaa demokratessuu fi dhama’uu dha.  Kana lamaan garas karaan hin jiru. Itiyoophiyaan utuu demokrata’uu dandeessee gammachuun kan Afrikaa hundaati. Garuu empayerri ni jiga malee hin demokrata’uu. Kanaaf kan Oromoon dura ofii falachuu kan qabu. Daljeessi qoraattiin qaama hundatt dudnaan kamiin sii baafnuu gaafatan jedhama. Iseenis “dura isa taa’aa koo” jette jedhuu. Nuti gamnoomaan daljuu hanqachuu hin qabnu. Dimookraasii baannu, dura Oromiyaaf mirkaneessuuf harka wal qabannee haa kaanu. Sanyiin keenya nu duubatti akka hafu haa tattaafannu. Rakkinni Oromiyaa fala argannaan kan Habashaa fi kan olloota saa hundi furmaata argata.

Wanti kanaan dura nurkaa mucucaate mucucaateera. Kaleessatt deebinee hin jirannu. Kanaaf isa kaleessa badii irraan nu gahe hubannee sun akka irra hin deebi’amne ittisuu dha. Kan bade ejjennoo ofii baasanii himachuuf ugga dhabuu, sirna irratti walii galame cabsuu yk irra ilaalanii sirressa malee bira darbuu ture. Ballinas haa tahu dhiphuu ture miseensi wayyabi qubaa hin qabu. Ajaja ol hin gaafatamne fudhatee humna saa osoo hin qusatin hojiirra oolchuu yaaleera, itts wareegameera. Waan bantii walxaxaa ture inni hin barre. Osoo carraan hunda mari’achiisu jiraatee badiisi kamu yeroon sirrachuu ni dandaha ture. Hundi deggerraan dhaabichi kaayyoo ittiin ka’ellee akka hin jijjire kan dhowwu hin turre. Kaayyichi karaa biraa of jiraachisuu dandaha. Ammas waan dabee ture hundee qajeelchan malee irra gulufuun furmaata hin fidu. Sirnaa fi tartiiba cabe dhinsuu feesisa.

Kanneen warraqsa Oromoott amanan, hanga waliin deemuu dandahaniif sagantaa gadjallaa (minimum) baafachuu ni dandahu. Hanga waan waliin gochuu dandahan xumuratanitt saganticha qofaan masakamuu dha. Sana jechuun sagantaan olirraa (maximum) akka ilaalchaatt abbaan murteeffata jechuu dha. Sun qulqullummaa garaan fudhatamnaan biyya fittee irraa oolchuun ni salphata.

ABUT empayerittii bulcha kubaniyyootaa jala galchaa jira. Ajajooti saa , qabduun lafaa, hidhannoo guutuun bobba’aa jiru. Bilisummaan Oromo, qabeenyaa fi jireenyi saa hundi burjaajii gahuuf sussukuun manca’uutt ariifata jira. Namooti qaaman dhumuu qofa osoo hin tahin, aadaan badii irraa haftes kan halagaan liqifamaa jirti. “ABOn gooltuu dha. Oromoon ABUT hin deggere ABO dha”, dhaadannoo jedhuun Oromoon guyyuu goolamaa jiraata. Kan irratt aggaamama jiru qabeenya, nannaa uumaa, bilisummaa fi aadaa saatt qofa miti. Badiisi jara kanaa fi tarkaanfilen walirraa hin citne nyaaphaan fudhatamaa jiran shaakala fixasanyyii hammana hin jedhamneen xumuramuu dandaha.

Kanaan dura wallaalinaan haa tahu shira dhaabicha meeshaa dhuunfaa godhachuuf tureen guffatameera. Amma aangoo isa dhugaa Kora Sabaa waliin waamamutt kennamuun fala tokko. Innis fedha abba tokkootaan osoo hin tahin olhaantummaa seeraan yoo gaggeeffame. Namaa fi yaadi halagaa luuxee galuun bulubulamuu irraa sirna itt of qulqulleessanii fi ittisan malachuun dansa. Hogganooti hanga yoonaa kaayyoo ganamatt cichaa jiran abjuu kana dhugoomsuuf qooda guddaa qabaatu. Kun gaaffii of oolchuuti; qabsoo akaakuun adda ta’eef harka walqabatanii ka’uun ariifachiisaa dha. Kana malee qawween badii mataa Oromoott aggaamamee jira. Bada gadhe callistee baddaaree!.

Ulfinaa fi surraan dabaankufootaaf; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama
Hagayya  2011
Ibsaa Guutama miseensa dhaloota saganta ABO isa jalqabaa baasan keessaa tokkoo

Email: (if you would like a response) Invalid format.

Comments:

A value is required.