“Akka Baran utuu hin ta’in Akka Baraatt jiratu”

Empayera Itiyoophiyaatt geedarama bu’uuraa yoo hin jedhamnellee geedarammii mallattaawaan gaggeeffamaa jira. Biyyi beekamaan Wala’ittaa jedhamu waggaa dhibba dura (1894) duultuu Habashaan barbadaawee, hogganoti saanii manca’anii, ummati saanii walakkaa ol du’aa fi garboomfamuun irra gahee ture. Kan garboomfaman raayyaa biyyoota biraatt duuluu itt fufeef binoo geejjibaa fi warshaa daakuuti jijjiiramanii turani. Hedduun gabaa biyya keessaa fi alaatt gurguramuun callaatt geeddaraman. Dhalaan saanii hojii humnaa itti kennameen addatt qabaneeffata raayyaa sanaa ta’an. Akkasumas garboomfatamooti sun masaraa mootichaa garboomfataa 1886 kolonii haraa biraa Oromiyaa keessatt bu’uurfame ijaaruu irratt qooda guddaa gumaachan. Hardha ilmi saanii tokko utuu eeboo itti hin qaratin masaricha mana saa godhachuun mootii fi raayyaa saanii dhaloota ammayyaati ajajaa olhaanaa ta’uuf adeema. Akkuma akaakilee saa lafa dhoofsisan isaanis isa fulduratt lafa dha’uuf adeemu.

Dhugeeffannoon saa kan jarri “Kinishaa” yk “Tsera Mariyam” jedhani. Inni mirkaniitt waantaphee saanii tahullee seeraan “Nugusa” saanii olhanticha. Yoo inni hin malletteesine homtu hin tocho’u. Kun ayyamquwi fi hamilee oftuultuu irrati dhiibbaa hamaa akka qabu heduun nama hin dhibu. Inni ammallee meeshaa hacuuccaa saanii waan tahef cunqqurfamootaaf homaa hin basuu. Garuu injifannoo mallataawaan sanaan argame salphaa hin ta’u. Kaan harki dhokataan “Xossoo” wan keessa jiruuf eenyuu hin tochoosu jedhu. Horiin TPLF saamee tuullatee fi caasaan ittiin namoota biraa xaxee bulchuuf diriirfate harka sana dachaasuu akka hin dandeenyett amanu. “Kan deegaatt roorrise hin badhaadhu” akkuma jedhamu kan “Xossoo” hata’uu kan biraa dhibus balaan dukkanaawaa dhufe waan deebi’u hin fakkaatu. Roorrootu morma ummatootaa jala gahee jira.  

Wanti amma ta’aa jiru kan darban irra addaa. Moototi Habashaa darban Habashaa hin tahin malee sanyii saanii dhugaa kufanii ka’anii dhossu turan. Kanaaf Solomoonitti rarraasu. Eenyummaan qabee Dargii utuu hin beekamin hamattuun Dargiin “Walaamoo” jetti turte. Ergi gad bahamees bifti gurraacha ta’uu duraa taa’aa Dargii kan ilaale akka fedhett hiikkate malee, sanyiin saa utuu ifatt hin himamin raawwate. Ilma, ilma dhossaa Minilik jechuninis yaalameera. Erga hundi darbanii booda garuu Mootiin moototaas, hogganni Dargiinis Oromoo turan mitii jedhamuutt ka’e? Sun hundi empayericha bulchuutt Oromoon qooda guddaa waan qabaataa turef walabummaa gaafachuuf mirga hin qabu jechuufi. Oromoon akka saba tokkooti qoda fudhataa akka hin turreef boojuu, ashkarummaa fi moggaasaan kan itt galan abba tokkoota qofa ta’uu garaan saanii beeka.

 Tigrawayi akka warra durii seenaa hin fakkanne akka ragaatt dhahachuu hin dhaqne. Geeddarama hunda haammataa fakkaatu dhandhoonuu yaalani. Jalqaba federaala jedhani. Amma waa’ee gola keessatt walqixxummaan qooda fudhachu dubbatu. Sanaan ilma ummatoota kaabaa keessaayyuu kan Wala’ittaa tahuun saa kan beekamee kooraatt olbasani. Kennati fakkeessaas keessa jira. Kolonooti hundi kennata akeekameen keessa jiru. Golli keenya hunda haammataa dha jechuu fedhu. Ammayyuu sirnichi sirnuma koloneeffataan caasate akka hin taanett nu gowwoomsuu yaalu. Isaaniif malee kan biraaf hin hojjetu. Hedduun of jajjabeessuuf kan ol itt bahe enyummaa malee nameenyaa ofii hin qabu jechuu yaalu. Sirnichi bososee jira; Qawwisi amma tolfamaa jiru hagam lubbuu akka itt horu hin beekamu. Garuu ummatoti ifaan mirga hiree sabummaa ofii ofiin murteeffachuu nagaan beekameefii dhimma itt bahan malee kan bosose tasa yoo unkutaawe hedduu galaafata.

Wayyaaneen sochi kolonota Habashaa keessa jiru domsuuf boojuu walitt qabdee maqaa saboota addaan “Dhaaba Demokratawaa Ummataa” kan jedhaman hundaaf ijaarte hidhata walqixootaa jechuun “EPRDF’ uumte. Achi keessaa ummatooti Kaabaa, Oromoo, Amaarraa fi Tigrawayi jaarmaa tokko tokko qabu. Erbala irratt Kaabaa fi Kibbi sagalee walqixxee qabu jechuu dha. Wayyaaneen akka bulanii olhantummaa see gaffii jala hin oolchine sirnaa fi seeraan xaxxee afaan wal waldhaalchiftee gamaggamaa baate. Amma garuu akkuma tasaa sirnichuma iseen fakkeessaaf lafa keessett dhimma bahanii jarri kaan as bahaa jiru. Taahitaa dhugaa kan harkaa qabu kan diinagdee fi caasaa too’annoo dhuunfate. Sun ammaaf Wayyaanee dha. Iseen jibba ganna digdama kuufame  irraaanfachiisuuf jalaa mataa haa qabattuu, luugamichi harkaa haa bu’uu duubatt deebiteetti. Diinagdees yoo ta’e garri caaluu harka abbatokkootaa Mallas qofti beeku jira jedhama. Kan jaarmaan beekamu liqiiyyuu akka baasuu hin dandeenyetu hedama. Wan ta’aa jiru humni biraas duuba haa jiratuu hin beekamu. Kanaan qabsoon mooraa hacuuccaa keessa jiru hurrii aguggatee jira.

Empayerri qaammi saa Habashaa, lubbuun saa Habashamitii ta’ee as bahaa jira. Sirni koloneeffataa akka sanaatt muuxataa deemuu yaala. Mooraan qabsaawota bilisummaas akeeka saa bakkaan gahuuf jijjirama sanaan walgitu gochutu eegama. Sana malee koloneeffataan laafina irra gahe dhoffatee kophee jabaa fakkatu suphee irra tolfame kaawwatee baraa baratt cehuu yaalaa jira. Diinni suduudaa ummata gurguddoon sirnicha ijaran keessaa bahan utuu hin ta’in, sirnichaa. Amaara, Walaa’ittaa, Oromoo Anyuwaan mataa itt ta’us empayerri empayerumaa. Oromoon EPRDF keessa jiran sun itt hin mullatu. Ammalee falfalli Mallas irra marse gad hin dhiifne. Isuma keessaallee sagalee ummata fakkeessaaf maqaa dhahataniin gitu hin gaafanne.

Kan falli argamu yoo finnaan empayerri diigame qofa. “Sunsuma geegeeddaruun ittoo hin minyeessu” jechuun sana. Bofti yoo muuxatu gogaa moofa gatee haaraa magarfata malee bofummaa saa hin jijjiiru. Ittuu basalgaawa. Kanaaf wanti ta’uu qabu utuu inni of hin cimin ta’uu qaba. Itt utaaltee irra butachuu mannaa “lallaafina baajii nuu harca’a jettee sareen duuka yaati” jedhama. Mooraa cunqurfamaa keessas kan sanaan kolomsiifaman jiru. Gororaa duukaa yaa’uu malee lallaafina cehumsaa kana keessa uumata hiruursanii luka jalaaa butuun itt hin muldhatu. Sana warraaqaa qofatu yaada.

Barri itt dhalannee fi barri itt guddane akksumas barri manguddummaa keenyaa hundi adda addummaa qabu. Technolojiin, beekumsi ilmaan nama, bonqabbanni kkf suuta jijjirama fidaa deemuun saanii hin hafu. Misommi fi guddinni yeroo yeroon dhalatu jijjiirama tolaa yk badaa waliin dhufuu ni malaa. Sun hundi akka itt ilaalan irratt dhiibbaa ni qabata. Jijjiirrammi yoo harkifate warraaqsa hawwachuu danda’a.  Jijjiirama yero jedhamu haala beekamu irra hawaasa keessatt haalli adda tahe tokko yoo uumamu jechuu dha. Nammi Habashamitiin tokko eenyummaan saa utuu hin dhokfamin “Laaqiti Kirsistinnaa” irrati mataa ta’uun akka fudhatamuu sana faa jechuu dha. Akka baran jechuun as irratt empayera Habashaa qofti mataa itt ta’e jechuufii. Haalli hawaasomaa walxaxaa jijjirammi saa walirraa jala kan tahe. Itt fufee jiraachuuf mala jireenyaa dhahataa deema malee ilmoon nama, walabummaa, birmadummaa, nagaa fi qajeltuuf qabu fuulli cunqursaa jijjiirameef dharraa hin bahatu.

Gara qabsoo walabummaa fi birmadummaatt yoo dhufnu jijjiirama hawaasa keessaatt dhalachuu dandahuun addatt hin laallu. Jijjiirammi suuta haa ta’u warraaqsaan dhufu rakkina hawaasicha keessa jiru akka hin kantarre gochuufi. Sun uumaan kan dhufuu danda’u yk hooggansaan kan shaffisiisuun danda’amu. Akka baraatt bulla yoo jedhamu haalli keessa jiran akka hin kantarre jijjirama dhufeen dorgomuun jechuu dha.  Kantara keessa guddinni waan hin jirreef dhaloota haaraa dhufaa jiru bakka argachuuf hawaasi jijjiirama wal irra hin citne gaggeeffataama jiraate. Kanaaf wal jalaa siqaa jiraachuun seera uumaati. Sun hanqachuun burjaajii uuma. Burjaajiin dantaa mata nagaa qabu kamiifuu hin tolu.

Qabsoo of oolchuuf tolfamu sababi kamuu dhowwuu hin danda’u. Jireenyi jireenya dorgommeeti. Kan of qopheessetu irra haana. Barri jijjiiramaa dhufu kan darban caalaa jabina kan gaafatani. Addunyaa keessaa ummatoota hedduu fi qarooma hedduutu barbadaawuun yk kanneen angoo qabaniin liqimfamuun dhibamani. Kan hanga yoonaa badiisa irra hafan kanneen sirna cimaa qabanii fi eenyummaa saanii tursuuf kutannoon sona’anii eegani. Oromoon isaan keessaa tokko. Kufaa kufisaa, kufaa ka’aa as gahe. Kan cimina qabutu of olchuu danda’a. Qacceen sirna Gadaa utuu Oromoo keessatt hin hafne Oromummaan yoona baddeettii. Hundi isee keessaa balleessuuf xarfama.

 Addunyaa keessatt tokko isa biraa nyaatee of gabbisuuf tattaaffiin tolchu kan yeroo kamii caalaa hammaataa dhufuun waan mullatu. Callisanii ilaallaan baduun mamii hin qabu. Oromoon yoo ofirratt callise akka saba of danda’atti utuu hin ta’in yeroof akka abba tokkeen gadgaloott ni jiraata ta’a. Akka yeroon dheerataa dhufuun garuu biyya, afaan, seenaa, aadaa fi dudhaa dhahatu hin qabaatu. Sana gosoota Oromoo kaabaa tokko tokko irraa hubachuun ni danda’ama. Yoo ofirraa faccisuuf kutatan garuu itt fufanii jiraachuuf carraa baldhaatu jira. Ofirraa faccisuun, haala, amanteen haa tahu seera kamiinuu kan eebbifame. Qabsaawoti yerosii haa dulloman malee qabsoo Oromoon kurnan afur dura jalqabe ammallee saafilaa. Isaan keessaa imaltuu dheeraa kan nuffan jiraachuun waan raajii ta’uu hin qabu.  Garuu gaaffiin qabsoo furgasee deebii utuu hin argatin jaalbiyyooti qabsaawoo fi dhalooti haaraan hidhannoo hiikkane jennaan kan raajii ta’aa. Akka ummataatt lee’uun Oromoo caalaatt sanaan gaaffii jala galuu hin hafuu.

Kanneen qabsoon irratt gaggeeffama jiru ammallee dhugaa qabdu akka itt furmaata itt goonu haa mari’anu jechuu irra, tooftaa Oromiyaa irra isaan tursu karoorfataa jiru. Qabsaawota ibda bilisummaa qabsiisan keessaa garuu gaaffii kaafnee isiniif hin galle malee kan addaan nu qoodu mitii,  yoo akkasitt nu jalaaa fudhatame ta’e nuu dhiisa jechaa jiru. Yoo didan maal goona jedhanii duubbee tolfata kan jiran garuu hin fakkaatu. Kuni “Manni abbaa kee yoo saamamu keessa gugadhuu” isa jedhan moo of tuffachuu dha laata?  

Yaa’a qabsoo keessatt hankaaksitu hedduutu dhalate. Ganna dhibbaa oliif ummati Oromoo akka qubaa wal hin qabaanne godhanii jiraachisani. Oromiyaa godinaa isaaniif tolu hedduuti biinxa’ani. Dhaabaa fi dagalee Oromoo kan ta’an gosoota Oromoo godinoota kana irra firfirsani. Godinaa, gosa fi dhugeeffannoon dur jabina ilmaan ummatichaa turan, amma ijoo lallaaftuu saa ta’ani. Garaagarummaan kun jabina akka ta’e haala utuu hin qabamin keessa turranitt deebi’anii akkaataa of itti ilaalan Oromeessuu qabu. Kana malee amma daawitii halagaatiin ofis walis ilaaluutu ija isaan maraa jira.

Godinooti keessatt argaman kan halagaan itt isaan kukkute malee kan ofii tolfatan waan hin taaneef wan ittiin dhaadatanii fi itt boonan ta’uu hin qabani. Gosoti Oromoo hardhallee bu’uura tokkummaa saatii. Dhaabaa fi dagalee ummaticha jechuu dha. Sabi Oromoo caasaa ol haanaa, utubaa fi gaalee ummaticha walitt guduunfu. Gosummaan sabummaa kan jabeesu malee kan ittiin dorgomu miti. Waan dhugeeffannoo ilaalutt sirni Gadaa dursee akkaataa atommi itt argamu diriirsee jira. Oromoon dur dhugeeffanno tokko qaba ture. Yerosillee dhugeeffannoon hojii malbulchaa, malbulchi hojii dhugeeffannoo keessa hin seenu ture. Kanaaf akaakileen Oromoo amantee fi malbulcha adda addati ilaalu turani. Dhalooti ammaas sana irraa hedduu barachuu danda’aa.  

Oromoon saba tokko. Tokko ta’uun tokkummaa qabaachuu hin mirkaneessuu. Tokkummaan garaagarummaan jiraachuu beekaa utuu hin afarsin, guutuu ta’uu fi atoomaan wal ta’isa jechuu dha. Tokkummaan barbaachisu tokkummaa kaayyoo, tokkumaa hamaa biyyaa fi ummata ofiirraa itt eegan jechuu dha. Biyya ofii jaallachuun afaaniin osoo hin ta’in garaa irra ka’uu qaba. Dhanquu Oromoo keessaan ofis walis, addunyaas ilaalutt gaafa ka’an sun ta’a. Oromoon hangameessa safuu, timjii hariiroo keessaa fi alaatt hin qaxamuramne qaba ture.  Oromiyaa walaba keessatt sun seera Waaqaa fi namaatin eegama ture. Amma garuu deebisanii akka hojiirra oolu dirqisiisuuf dhiibbaa hawaasaa fi fedhaa gaafatu ta’a.

Oromoon dhaabota malbulcha hedduu qaba. Kanneen akka hin jirrett ilaaluu yk ilaalchisuu yaaluun dogoggora. Kan jiran jabeessuu baqatanii haaraa jabaa uumuun as baana jechuun waan hin fakkaanne. Sammuu fi muuxannoon kanum jara dadhaboo sana ijaaree diiguus kabus dadhabe. Jarri rakkinni adda addaa fulduratt furga’uu dadhabsiise yeroof malee fala argachuun hin oolu. “Caccabduun walitt fayyaa” akkuma jedhamu wal qabatanii yoo ka’an sana ni shaffisiisu. Kun waan fakkaatu.

Gurguddoon Habshaa empayeritti akka turtett gaggeessuu hin dandeenye.  Ammaaf ajajaa olhaanaa saanii akka ta’u enyummaa saa waliin yeroo jalqabaaf kolonoota saanii keessaa fo’ataniiruu. Kan sobaa ta’us godinichaaf ta’isa mallatawummaa qabu. Utuu caasaa fi dalaga saa hin jijjiirin empayerummaa finnaa Itiyoophiyaa dagachiisuuf kan TPLF “federal” jechuun jalqabe amma gola malbulchaatt ceha jira.  Gola keessatt murni hundi mirga walqixee waan qabuf kan hiriyaan filte saba fedhe keessaa haa ta’uu biyyattii mo’uu ni danda’a jechuun as baha jiru.  Garuu sun uumaa finnichaa jijjiiru hin danda’u. Hammana deemuun saanii rakkina godinacha irra lolal’uuf ta’u qayyabachuu saanii agarsiisa. Kan garboomfatamaniif jijjiirammi jalqabame utuu finnaan empayeraa hin cirmin akka hin dhaabbane beeku. “Akka baraatt malee akka baranitt hin bulan” jechuun, jecha beekumsa gadi fagoo qabu akaakilee Oromoo irra darbaa dhufe. Waan barri darbatu qabachuuf sona ta’anii eeguu dha. Carraan barri fidu daagummaan akka hin dabarre si’awaa ta’uun badii irra of olchuu ta’a. Dinni Oromoo tooftaa fi tarsimoo jijijjirattee yoo gadi bahu, jaarmaa walgituu fi farra tooftaa fi tarsimoo saaniin gad  itt ba’an malee gadadoo ofitt dheeressuu ta’a. Ijoo lallaaftuu se’ee dinni tuttuqu barbaadu jabina walii ta’uun dagatamuu hin qabu. Oromummaa waliin qayyabatanii rakkina isaan fuldura jiru ija tokkoon ilaaluu dandahuuf duubatt deebi’anii fala saa sirna Gadaa keessaa soquun gamnummaa dha. Oromoon tokkichaa; afaan tokkoo, seenaa dhahatu tokko, hundee aadaa fi dudhaa tokko, madda hacuuccaa tokko, ummata qabu. Kana Oromoon haalu hanga yoonaa as hin baane. Kan wal jalaa dhahame, hamaa fi tolaa, ulfinaa fi salphina waliin madaaluu dadhabuu dha. Kan tokkoof nyaaphaa kaaniif dhibantaa ta’u hin qabu. Sana waliin ilaaluu hin danda’an taanaan jarruu walii nyaapha. Sun kan ta’e maddi isaan dhahatan kan ofii osoo hin ta’in kan halagaan lafa kaa’eefi. Qarommi Oromoo kan biraa irra adda. Sanatt dhimma bahuuf hundee qarooma ofii keessa deebi’ani qorachuu dha. Qorichi mamii fi daddaaqinaa achi keessaa argama. Qabsoo keessatt kutannoo fi dudhammi filmaata milkiin baasu biraa hin qabani.   

Ulfinaa fi surraan gootota kufaniif; walabummaa, walqixxummaa fi bilisummaan kan hafaniif; nagaa fi araarri Ayyaana abboolii fi ayyoliif haa tahu!

Ibsaa Guutama

Fulbana 2012

Ibsaa Guutama miseensa dhaloota saganta ABO isa jalqabaa baasan keessaa tokkoo.

Email: (if you would like a response) Invalid format.

Comments:

A value is required.